AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Uumamni Jaalala Yihowaa kan Mulʼisu Akkamitti?
Jireenya keenya keessatti hojiin waan nutti baayʼatuuf, takka dhaabbannee uumamawwan Yihowaa naannoo keenyatti argaman jaalalaa fi gaarummaa isaa akkamitti akka argisiisan irratti hin yaannu taʼa. Haa taʼu malee, Yesuus uumamawwan naannoo keenya jiran xiyyeeffannaadhaan akka ilaalluu fi Yihowaa ilaalchisee wanta nu barsiisan irratti akka xiinxallu nu jajjabeesseera.—Mat 6:25, 26.
VIIDIYOO UUMAMNI JAALALA YIHOWAA MULʼISA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Jaalala Yihowaan nuuf qabu ilaalchisee wantoota armaan gadii irraa maal baratte?
Elemantoota lafaa
Atmoosfarii lafaa
Biqiltoota
Akkaataa bineeldonni itti uumaman
Qaamolee miiraa keenya
Sammuu keenya