‘Seera Gaarummaatiinʼ Geggeeffami
LIISAAN,a “Wanti hundumaa caalaa dhiibbaa narratti godhe gaarummaa obboloonnii fi obboleettonni natti argisiisanidha” jetteetti. Liisaan wanta jalqaba gara dhugaatti ishii harkise dubbachaa jirti. Haaluma wal fakkaatuun, Aanis, “Wanti jalqaba gara dhugaatti na harkise barumsa isaanii utuu hin taʼin, gaarummaa isaaniiti” jetteetti. Obboleettonni kun lamaanuu yeroo ammaatti Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluun kan isaan gammachiisu taʼus, dhiibbaa guddaa kan isaanirratti godhe gaarummaadha.
Gaarummaa argisiisuudhaan namoota naannoo keenya jiran jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti? Mee karaa lamaan, jechuunis dubbii fi gocha keenyaan akkamitti gaarummaa argisiisuu akka dandeenyu haa ilaallu. Achiis gaarummaa argisiisuu kan qabnu eenyufaʼitti akka taʼe ilaalla.
“SEERRI GAARUMMAA” ARRABA KEERRA JIRA
Dubartii kaamettiin Fakkeenya boqonnaa 31 irratti caqasamte “seerri gaarummaa arraba ishii irra” akka jiru ibsameera. (Fak. 31:26) Dubartiin tun “seerri” kun wanta dubbattus taʼe akkaataa itti dubbattu akka toʼatu heyyamteetti. Abbootiinis “seerri” kun arraba isaaniirra akka jiraatu gochuun isaanii barbaachisaadha. Warri hedduun dheekkamanii dubbachuun ijoollee isaaniirratti dhiibbaa gadhee geessisuu akka dandaʼu akka gaariitti beeku. Warri karaa kanaan kan dubbatan yoo taʼe yeroo baayʼee ijoolleen isaanii isaan hin dhagaʼan. Warri karaa gaarummaa qabuun kan dubbatan yoo taʼe garuu, ijoolleen isaanii wanta isaan jedhan dhagaʼuu fi isaaniif ajajamuun isaanitti hin ulfaatu.
Ijoollee qabaattus qabaachuu baattus karaa gaarummaa argisiisuun dubbachuu barachuu kan dandeessu akkamitti? Yaada jalqabaa Fakkeenya 31:26 isa, “Afaan ishii ogummaadhaan banatti” jedhurraa yaada gaarii arganna. Kunis wanta dubbannuu fi akkaataa itti dubbannu ogummaadhaan filachuu dabalata. Yeroo baayʼee, ‘Wantin dubbadhu aarii kan kakaasudha moo aarii kan qabbaneessudha?ʼ jennee of gaafachuun keenya gaariidha. (Fak. 15:1) Eeyyee, dubbachuu keenya dura irratti yaaduun keenya ogummaadha.
Fakkeenyi kan biraanimmoo, “Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana” jedha. (Fak. 12:18) Wanti dubbannuu fi akkaataan itti dubbannu warra kaanirratti dhiibbaa akkamii akka godhu yaaduun keenya arraba keenya toʼachuuf nu kakaasa. Eeyyee, ‘seera gaarummaaʼ hojiirra oolchuun keenya wanta dubbannuunis taʼe akkaataa itti dubbannuun warra kaan akka hin miine nu gargaara. (Efe. 4:31, 32) Yaadaa fi dubbii gaarii hin taanerraa fagaachuudhaan wanta dubbannuunis taʼe akkaataa itti dubbannuun gaarummaa argisiisuu ni dandeenya. Akkaataan Yihowaan tajaajilaa isaa kan taʼe Eeliyaas yeroo sodaatee turetti itti isa tasgabbeesse fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Maleekaan Yihowaa bakka buʼe “[sagalee] tasgabbii qabuu fi laafaa” taʼeen isa haasofsiise. (1 Mot. 19:12) Haa taʼu malee, gaarii taʼuun dubbii gaarii dubbachuurra wanta caalu gochuu gaafata. Gocha gaarummaa argisiisus raawwachuu qabna. Akkamitti?
GOCHI GAARUMMAA WARRA KAAN KAKAASA
Dubbii gaarii dubbachuudhaan qofa utuu hin taʼin, gocha gaarummaa argisiisu raawwachuudhaanis fakkeenya Yihowaa ni hordofna. (Efe. 4:32; 5:1, 2) Liisaan ishiin olitti caqasamte gaarummaa Dhugaa Baatonni Yihowaa ishiitti argisiisan ilaalchisee yeroo dubbattu akkana jetteetti: “Yommuu maatiin keenya akkuma tasaa bakka biraa deemuun isa barbaachisetti hiriyoonni gaaʼelaa gumichaa lama miʼa keenya walitti qabuurratti nu gargaaruuf jecha hojii isaaniirraa boqonnaa fudhatan. Yeroo sanatti ani Kitaaba Qulqulluu qoʼachaallee hin turre.” Gochi gaarummaa Dhugaa Baatonni kun raawwatan Liisaan dhugaa qoruuf akka kakaatu godheera.
Aan ishiin olitti caqasamtes gaarummaa Dhugaa Baatonni Yihowaa ishiitti argisiisan baayʼee dinqisiifatteetti. “Haala addunyaa keessa jiraannuun kan kaʼe namoota baayʼee shakkuun jalqabe. Nama amanuun baayʼee natti ulfaata ture” jetteetti. Itti fufuudhaanis akkana jetteetti: “Yeroon Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal argettis kakaʼumsa isaanii shakkeen ture. ‘Gaarummaa kan natti argisiisan maaliifi?ʼ jedhee yaadeen ture. Obboleettiin Kitaaba Qulqulluu na qoʼachiistu gaarummaa garaadhaa madde natti argisiisuun ishii garuu akkan ishii amanu na godhe.” Kun buʼaa akkamii argamsiise? “Yeroo booda, wantan baradhurratti xiyyeeffachuun jalqabe” jetteetti.
Liisaa fi Aan gaarummaa obboloonni gumii keessa jiran isaanitti argisiisan garaa isaanii akka tuqee fi waaʼee dhugaa barachuuf akka isaan kakaase hubadhu. Gaarummaan gumichi isaanitti argisiise garaa isaanii akka banan isaan gargaareera.
FAKKEENYA WAAQAYYOO HORDOFUUDHAAN WARRA KAANITTI GAARUMMAA ARGISIISI
Namoonni tokko tokko wanta gaarii kan dubbatanii fi fuula gaarii kan namatti argisiisan aadaa keessatti guddataniin kan kaʼe taʼuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko aadaa isaaniitiin ykn uumama isaaniitiin kan kaʼe naamusa gaarii akkasii kan argisiisan taʼuunsaa nama gammachiisa. Gaarummaa argisiisuuf kan nu kakaasu kana qofa yoo taʼe garuu, gama kanaan fakkeenya Waaqayyoo hordofaa jirra jechuu hin dandeenyu.—Hojii Ergamootaa 28:2 wajjin wal bira qabii ilaali.
Gaarummaa dhugaan kutaa firii hafuura qulqulluuti. (Gal. 5:22, 23) Kanaafuu, gaarummaa dhugaa horachuuf hafuurri Waaqayyoo yaadaa fi gocha keenyarratti dhiibbaa akka godhu heyyamuu qabna. Akkas kan goonu yoo taʼe fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuu ni dandeenya. Kiristiyaanota waan taaneef warra kaaniif garaadhaa yaanna. Kana gochuuf kan nu kakaasu Yihowaa fi namootaaf jaalala qabaachuu keenyadha. Kun immoo gaarummaan argisiisnu garaadhaa kan madde akka taʼu godha, akkasumas Waaqayyoon ni gammachiisa.
GAARUMMAA ARGISIISUU KAN QABNU EENYUFAʼITTI?
Namoota nuttis taʼe namoota beeknutti gaarummaa argisiisanitti gaarummaa argisiisuun salphaa taʼuu dandaʼa. (2 Sam. 2:6) Karaan kana itti goonu tokko isaan galateeffachuudha. (Qol. 3:15) Haa taʼu malee, namni tokko gaarummaan kan isaaf hin malle akka taʼe yoo nutti dhagaʼame hoo?
Mee yaadi, Yihowaan gaarummaa guddaa argisiisuudhaan fakkeenya hundarra caalu nuuf taʼa; Dubbiin isaas amala kana argisiisuu ilaalchisee barumsa baayʼee barbaachisaa taʼe nuuf kenna. Yaanni “gaarummaa guddaa” jedhu Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti siʼa hedduu ibsameera. Maarree, Waaqayyo gaarummaa kan nutti argisiise akkamitti?
Yihowaan namoota hanga ammaatti lafarra jiraataniif wanta jireenyaaf isaan barbaachisu isaaniif kennuudhaan gaarummaa isaanitti argisiiseera. (Mat. 5:45) Yihowaan isa beekuu keenya durayyuu gaarummaa nutti argisiiseera. (Efe. 2:4, 5, 8) Fakkeenyaaf, ilmaan namootaa hundumaatiif wanta qabu keessaa isa hundarra caalu, jechuunis Ilma isaa isa tokkicha kenneera. Phaawulos ergamaan Yihowaan “akka baayʼina gaarummaa isaa isa guddaatti” furicha akka nuuf qopheesse barreesseera. (Efe. 1:7) Kana malees, cubbuu kan raawwannuu fi kan isa gaddisiisnu yoo taʼellee qajeelfama nuuf kennuu fi nu barsiisuu isaa itti fufeera. Barumsii fi dubbiin isaa akkuma “rooba . . . tiifuu” ti. (Kes. 32:2) Nuti gaarummaa inni nutti argisiisaa jiru hundumaaf gatii kaffaluu akka hin dandeenye beekamaadha. Jireenyi keenya inni gara fuulduraas kan hundaaʼe gaarummaa Yihowaarratti akka taʼe beekna.—1 Pheexiros 1:13 wajjin wal bira qabii ilaali.
Gaarummaan Yihowaa kan nama gammachiisuu fi garaa namaa kan tuqu akka taʼe hin shakkisiisu. Kanaafuu, namoota filanne muraasatti qofa gaarummaa argisiisuu mannaa, fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan guyyaa guyyaadhaan gaarummaa argisiisuuf carraaqqii haa goonu. (1 Tas. 5:15) Yeroo hunda gaarummaa kan argisiisnu yoo taʼe akkuma ibidda hoʼaa guyyaa qorrutti argamee taana. Miseensonni maatii keenyaa, obboloonni keenya, namoonni nu wajjin hojjetan, ijoolleen nu wajjin baratan, akkasumas olloonni keenya nu wajjin taʼuun isaan gammachiisa.
Dubbii fi gocha keetiin gaarummaa argisiisuu keetiin kan kaʼe miseensonni maatii keetii fi obboloonni gumii keetii hammam akka fayyadaman yaadi. Tarii gumii keessan keessa namni mana isaa ykn iddoo biqiltuu isaa kunuunsuurratti gargaarsi isa barbaachisu ykn nama gabaa isaaf dhaqu barbaadu jiraachuu dandaʼa. Kana malees, tajaajilarratti namni gargaarsi isa barbaachisu yeroo si qunnamu karaa taʼe tokkoon gargaarsa qabatamaa isaaf gochuu ni dandeessaa?
Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan yeroo hundumaa dubbii keenyaanis taʼe gocha keenyaan ‘seera gaarummaaʼ haa hordofnu.
a Maqaawwan jijjiiramaniiru.