MATA DUREE QOʼANNAA 21
Yihowaan Kadhannaa Keenyaaf Deebii kan Kennu Akkamitti?
“Wanta sana waan isa kadhanneef, wanta kadhanne akka argannu beekna.”—1 YOH. 5:15.
FAARFANNAA 41 Maaloo Kadhannaa Koo Naa Dhagaʼi
QABIYYEEa
1-2. Kadhannaa ilaalchisee maaltu nutti dhagaʼamuu dandaʼa?
‘YIHOWAAN kadhannaa kootiif deebii ni kennaa laata?’ jettee yaaddee beektaa? Taanaan, akkas kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun keessumaa yeroo haalli rakkisaan isaan mudatutti akkas isaanitti dhagaʼama. Rakkinni nurra gaʼaa jira yoo taʼe Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu akkamitti akka taʼe hubachuun nutti ulfaachuu dandaʼa.
2 Yihowaan kadhannaa tajaajiltoota isaatiif deebii akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe mee haa ilaallu. (1 Yoh. 5:15) Gaaffilee armaan gadiitiifis deebii ni arganna: Yeroo tokko tokko Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii akka hin kennine kan nutti dhagaʼamu maaliif taʼuu dandaʼa? Yeroo harʼaatti Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu karaawwan kamiini?
YIHOWAAN KADHANNAA KEENYAAF KARAA NUTI EEGNEEN DEEBII KENNUU DHIISUU DANDAʼA
3. Yihowaan kadhannaa akka isatti dhiheessinu kan barbaadu maaliifi?
3 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi isa duratti gatii guddaa akka qabnu nuuf mirkaneessa. (Hag. 2:7; 1 Yoh. 4:10) Kadhannaadhaan gargaarsa akka isa gaafannu kan nu affeere kanaafi. (1 Phe. 5:6, 7) Akka isatti dhihaannuu fi haala rakkisaa nu mudatu milkaaʼinaan akka dandamannu nu gargaaruu barbaada.
4. Yihowaan kadhannaa tajaajiltoota isaatiif deebii akka kennu akkamitti beekna? (Fakkichas ilaali.)
4 Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo baayʼee Yihowaan kadhannaa tajaajiltoota isaatiif deebii akka kenne ibsameera. Fakkeenya tokko caqasuu dandeessaa? Isaan keessaa tokko Daawit Mooticha. Jireenya isaa keessatti diinonni ciccimoon hedduun waan isa mudataniif yeroo baayʼee Yihowaa kadhannaadhaan gargaarsa gaafateera. Yeroo tokko akkana jechuudhaan Yihowaatti wawwaannaa dhiheessee ture: “Yaa Yihowaa, kadhannaa koo dhagaʼi; kadhatan gargaarsa argachuuf dhiheessu dhaggeeffadhu. Amanamummaa kee fi qajeelummaa keetiin deebii naaf kenni.” (Far. 143:1) Yihowaan kadhannaa Daawit rakkinarraa akka isa oolchuuf dhiheesseef deebii kenneera. (1 Sam. 19:10, 18-20; 2 Sam. 5:17-25) Daawit amanannaadhaan, “Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti . . . dhihoo dha” jechuu dandaʼeera. Nutis amanannaa akkasii qabaachuu ni dandeenya.—Far. 145:18.
5. Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii turan kadhannaan isaanii karaa eeganiin deebii kan argatu yeroo hunda turee? Fakkeenya kenni. (Fakkichas ilaali.)
5 Yihowaan kadhannaa keenyaaf karaa nuti eegneen deebii kennuu dhiisuu dandaʼa. Mee haala Phaawulos ergamaa mudate akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Phaawulos, ‘qoree foon isaa waraanu’ akka isaaf balleessu Yihowaa kadhatee ture. Haala rakkisaa isa mudate kana adda baasee caqasuudhaan siʼa sadii kadhateera. Maarree, Yihowaan kadhannaa isaatiif deebii kenneeraa? Eeyyee, garuu karaa inni eegeen miti. Yihowaan rakkina sana balleessuu mannaa, humna amanamummaadhaan isa tajaajiluu isaa itti fufuuf isa dandeessisu isaaf kenneera.—2 Qor. 12:7-10.
6. Yeroo tokko tokko Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan hin kennine nutti fakkaachuu kan dandaʼu maaliifi?
6 Nutis yeroo tokko tokko kadhannaa keenyaaf deebii kan argannu karaa nuti hin eegneen taʼuu dandaʼa. Yihowaan karaa gaarii itti nu gargaaru akka beeku mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Inni “wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu hundumaa irra hedduu caalchisee gochuu” dandaʼa. (Efe. 3:20) Kanaafuu, kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu yeroo nuti hin eegnetti ykn karaa nuti hin eegneen taʼuu dandaʼa.
7. Kadhannaa keenya jijjiiruun nu barbaachisuu kan dandaʼu maaliifi? Fakkeenya kenni.
7 Fedhii Yihowaa caalaatti yeroo hubannu kadhannaa keenyarratti jijjiirama gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Mee fakkeenya Maartiin Pooyitsiingar haa ilaallu. Obboleessi keenya Pooyitsiingar gaaʼela dhaabbatee utuma baayʼee hin turin kaampii Naazii hojiin humnaa itti hojjetamutti hidhame. Jalqabarratti, haadha manaa isaa kunuunsuu fi hojii lallabaarratti hirmaachuu isaa itti fufuu akka dandaʼuuf kaampii sanaa akka isa baasu Yihowaa kadhatee ture. Haa taʼu malee, torbee lama boodallee mallattoo Yihowaan kaampii sana keessaa akka isa baasu argisiisu hin arganne. Kanaafuu, “Yihowaa, maaloo wanta akkan godhu barbaaddu natti mulʼisi” jedhee kadhachuu jalqabe. Achiis rakkina obboloonni kaampii sana keessa jiran kan biroon dandamachaa jiran yaaduu jalqabe. Baayʼeen isaanii waaʼee haadhotii manaa isaanii fi ijoollee isaanii yaaddaʼu turan. Sana booda obboleessi keenya Pooyitsiingar, “Yihowaa, ramaddii haaraa naaf kenniteef galatoomi. Obboloota koo cimsuu fi jajjabeessuu akkan dandaʼu na gargaari” jedhee kadhate. Obboleessi keenya waggoota saglan kaampii sana keessatti dabarsetti kana gochuu isaa itti fufeera.
8. Yeroo kadhannaa dhiheessinu dhugaa barbaachisaa isa kam sammuutti qabachuu qabna?
8 Yihowaan kaayyoo akka qabuu fi kaayyoo isaa kanas yeroo murteessetti akka raawwatu yaadachuu qabna. Kaayyoon kunis rakkoowwan yeroo ammaatti miidhaa guddaa geessisaa jiran kanneen akka balaa uumamaa, dhukkubaa fi duʼaa jiran guutummaatti balleessuu dabalata. Yihowaan Mootummaa isaatti fayyadamee kaayyoo isaa ni raawwata. (Dan. 2:44; Mul. 21:3, 4) Haa taʼu malee, hamma yeroo sanaatti Seexanni addunyaa akka bulchu heyyameera.b (Yoh. 12:31; Mul. 12:9) Yihowaan yeroo ammaatti rakkina ilmaan namootaatiif furmaata yoo kenne bulchiinsi Seexanaa hamma tokko milkaaʼina kan argate fakkaachuu dandaʼa. Kanaafuu, Yihowaan waadaawwan gale tokko tokko hamma raawwatutti eeguun nu barbaachisa; kana jechuun garuu nu hin gargaaru jechuu miti. Mee karaawwan Yihowaan itti nu gargaaru tokko tokko haa ilaallu.
KARAAWWAN YIHOWAAN YEROO HARʼAATTI KADHANNAA KEENYAAF DEEBII ITTI KENNU
9. Murtoo gochuun yeroo nu barbaachisutti Yihowaan kan nu gargaaru akkamitti? Fakkeenya kenni.
9 Ogummaa nuuf kenna. Yihowaan ogummaa murtoo gaarii gochuuf nu dandeessisu akka nuuf kennu waadaa galeera. Keessumaa murtoo guutummaa jireenya keenyaa tuqu yeroo goonutti, fakkeenyaaf qeenxee taanee jiraachuu ykn gaaʼela dhaabbachuuf yeroo murteessinutti ogummaan Waaqayyoo nu barbaachisa. (Yaq. 1:5) Mee muuxannoo obboleettii qeenxee Maariyaa jedhamtuu haa ilaallu.c Maariyaan utuma gammachuudhaan qajeelchituu taatee tajaajilaa jirtuu obboleessa tokko wajjin wal barte. Akkana jetteetti: “Caalaatti walitti dhihaachaa yommuu deemnu miira addaa waliif qabaachuu eegalle. Murtoo gochuun akka na barbaachisu beekeen ture. Waaʼee dhimmichaa irra deddeebiʼee cimsee kadhadheera. Qajeelfamni Yihowaa na barbaachisa; taʼus, Yihowaan murtoo kana akka naaf hin goone beeka.” Achiis Maariyaan Yihowaan kadhannaa ogummaa argachuuf dhiheessite akka ishiidhaaf deebise hubatte. Akkamitti? Barreeffamoota keenyarratti qorannaa yeroo gootu, mata dureewwan gaaffilee ishiitiif deebii kennan argachuu dandeesseetti. Gorsa gaarii haati ishii ishiin amanamtuun ishiidhaaf kennites fudhatteetti. Gorsi kunis Maariyaan miira ishii akka gamaaggamtu ishii gargaareera. Dhumarrattis murtoo ogummaarratti hundaaʼe gochuu dandeesseetti.
10. Filiphisiyus 4:13 irratti akka ibsametti Yihowaan tajaajiltoota isaa gargaaruuf maal godha? Fakkeenya kenni. (Fakkichas ilaali.)
10 Humna jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu nuuf kenna. Yihowaan akkuma Phaawulos ergamaadhaaf godhe humna yeroo qorumsaatti jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu nuuf kenna. (Filiphisiyus 4:13 dubbisi.) Yihowaan obboleessa Beenjaamin jedhamu haala rakkisaa keessatti jabaatee akka dhaabbatu kan gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Beenjaamin ijoollummaa isaatti baayʼinaan kan jiraate maatii isaa wajjin kaampii baqattootaa Afrikaatti argamu tokko keessadha. Beenjaamin akkana jedheera: “Humna wanta isa gammachiisu gochuuf na gargaaru akka naaf kennu yeroo hundan Yihowaa kadhadha ture. Innis nagaa sammuu, ija jabina lallabuu koo itti fufuuf na gargaaru, akkasumas barreeffamoota karaa hafuuraa cimee itti fufuuf na barbaachisan naaf kennuudhaan kadhannaa kootiif deebii kenneera.” Itti fufuudhaanis, “Muuxannoo obbolootaa dubbisuun koo fi Yihowaan jabaatanii akka dhaabbatan kan isaan gargaare akkamitti akka taʼe beekuun koo kutannoon amanamummaa koo eeguuf godhe naaf cimseera” jedheera.
11-12. Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuuf obboloota keenyatti kan fayyadamu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
11 Obboloota keenyatti ni fayyadama. Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti cimsee Yihowaa kadhateera. Yesuus maqaa Waaqayyoo arrabseera jedhamee waan himatameef himata kanarraa akka isa oolchu Yihowaatti wawwaannaa dhiheessee ture. Yihowaan garuu wanta inni gaafate gochuu mannaa, akka isa jajjabeessuuf maleekota obboloota isaa taʼan keessaa tokko ergeera. (Luq. 22:42, 43) Yihowaan obboleessi ykn obboleettiin tokko nuuf bilbiluudhaan ykn dhufanii nu gaafachuudhaan akka nu jajjabeessan gochuudhaanis nu gargaaruu dandaʼa. Hundi keenyayyuu obboloota keenyatti “dubbii gaarii” dubbachuuf carraa barbaaddachuu ni dandeenya.—Fak. 12:25.
12 Mee muuxannoo obboleettii Miiriyaam jedhamtuu haa ilaallu. Miiriyaam abbaan manaa ishii duʼee torbee muraasa booda kophaa ishii waan turteef baayʼee gadditee fi dhiphattee turte. Baayʼee booʼaa waan turteef nama ishii haasofsiisu barbaaddee turte. Akkana jetteetti: “Eenyuttiyyuu bilbiluuf humna waanan dhabeef Yihowaattin kadhannaa dhiheesse. Utuman booʼaa fi kadhachaa jiruu bilbilli koo iyyuu jalqabe. Kan bilbile jaarsa gumii tokko ture; inni michuu gaariidha.” Miiriyaam jaarsa gumii sanaa fi haadha manaa isaarraa jajjabina argatteetti. Obboleessi kun akka bilbilu kan isa kakaase Yihowaa akka taʼe amanti.
13. Fakkeenya Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuuf namoota isa hin waaqeffannetti akka fayyadamu argisiisu tokko dubbadhu.
13 Namoota isa hin waaqeffannetti fayyadamuu dandaʼa. (Fak. 21:1) Yeroo tokko tokko Yihowaan namoota isa hin waaqeffannetti fayyadamee kadhannaa tajaajiltoota isaatiif deebii kenna. Fakkeenyaaf, Arxeksis Mootichi gaaffii Nahimiyaa fudhachuudhaan gara Yerusaalemitti deebiʼee magaalattii ijaaruurratti gargaarsa akka godhu akka isaaf heyyamu isa kakaaseera. (Nah. 2:3-6) Yihowaan yeroo harʼaattis yeroo nu barbaachisutti nu gargaaruuf namoota isa hin waaqeffannetti ni fayyadama.
14. Muuxannoon Suu Hiing kan si jajjabeesse akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
14 Obboleettiin Suu Hiing jedhamtu Yihowaan doktara ishiitti fayyadamee akka ishii gargaare ishiitti dhagaʼameera. Mucaan ishii dhibee sammuu garaa garaatiin dararamaa tureera. Yeroo balaa cimaan isarra gaʼetti ishiinii fi abbaan manaa ishii hojii isaanii dhiisanii isa kunuunsuurratti xiyyeeffatan. Kanaan kan kaʼes, rakkinni maallaqaa isaan mudate. Suu Hiing sana booda haala isaa dandamachuu akka hin dandeenye ishiitti dhagaʼamee ture. Wanta ishiitti dhagaʼamu hundumaa Yihowaatti himuudhaan akka isaan gargaaru isa kadhatte. Achiis doktarichi karaa taʼe tokkoon isaan gargaaruuf murteesse. Kanaan kan kaʼes, gargaarsa mootummaa fi iddoo jireenyaa mijataa argachuu dandaʼaniiru. Sana booda Suu Hiing akkana jetteetti: “Yihowaan akkamitti akka nu gargaare argineerra. Inni dhugumaan ‘isa kadhannaa namaa dhagaʼudha.’”—Far. 65:2.
DEEBII YIHOWAAN KENNU HUBACHUUNII FI FUDHACHUUN AMANTII GAAFATA
15. Obboleettiin takka kadhannaan ishii deebii akka argate hubachuuf maaltu ishii gargaare?
15 Kadhannaan keenya karaa dinqisiisaa taʼeen deebii kan argatu yeroo baayʼee miti. Taʼus, deebiin argannu wantuma Abbaa keenya isa samiitiif amanamoo taʼuuf nu barbaachisudha. Kanaafuu, Yihowaan kadhannaa keetiif deebii kan kennu akkamitti akka taʼe hubachuuf dammaqaa taʼi. Obboleettiin Yookoo jedhamtu Yihowaan kadhannaa ishiitiif deebii akka hin kennine ishiitti dhagaʼamee ture; sana booda garuu wanta kadhattu barreeffachuu jalqabde. Yeroo muraasa booda yaadannoo ishii deebitee yeroo ilaaltu Yihowaan wantoota ishiin irraanfatte dabalatee kadhannaa ishii hedduudhaaf deebii akka kenne hubatte. Darbee darbee yeroo fudhannee Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kenne akkamitti akka taʼe xiinxaluun keenya barbaachisaadha.—Far. 66:19, 20.
16. Kadhannaa wajjin haala walqabateen amantii akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Ibroota 11:6)
16 Yihowaarratti amantii akka qabnu kan argisiisnu kadhannaa isatti dhiheessuudhaan qofa miti; deebii inni kadhannaa keenyaaf kennu kamiyyuu fudhachuudhaanis isarratti amantii akka qabnu argisiisuu dandeenya. (Ibroota 11:6 dubbisi.) Mee muuxannoo Maayikii fi haadha manaa isaa haa ilaallu. Lamaan isaaniiyyuu Beetel keessa tajaajiluuf galma baafatanii turan. Maayik akkana jedheera: “Yeroo baayʼee foormii guunneerra, waaʼee galma kanaas irra deddeebinee Yihowaatti kadhannaa dhiheessineerra; garuu hamma yoonaatti Beetel akka gallu affeeramnee hin beeknu.” Maayikii fi Kiriis yeroo hundumaa Yihowaan tajaajila isaa keessatti karaa gaarii taʼeen akkamitti akka isaanitti fayyadamu akka beeku ni amanu turan. Qajeelchitoota taʼanii bakka gargaarsi caalaatti barbaachisutti tajaajiluudhaan, akkasumas hojii ijaarsaarratti gargaarsa gochuudhaan wanta dandaʼan hunda gochuu isaaniis itti fufaniiru. Maayikii fi haati manaa isaa yeroo ammaatti hojii daawwannaa hojjechaa jiru. Maayik akkana jedheera: “Yihowaan kadhannaa keenyaaf karaa nuti yaanneen deebii kan kennu yeroo hunda miti. Taʼus karaa nuti eegnerra wayyuun kadhannaa keenyaaf deebii kenneera.”
17-18. Faarfannaa 86:6, 7 irratti akka ibsametti waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?
17 Faarfannaa 86:6, 7 dubbisi. Daawit Mootichi Yihowaan kadhannaa isaa akka dhagaʼee fi deebii akka isaaf kenne mirkanaaʼaa ture. Atis amantii akkasii qabaachuu dandeessa. Fakkeenyonni mata duree kana keessatti ilaalle Yihowaan ogummaa fi humna jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu akka nuu kennu nuuf mirkaneessaniiru. Obboloota keenyatti ykn namoota isa hin waaqeffannettillee fayyadamee nu gargaaruu dandaʼa.
18 Yihowaan yeroo hunda karaa nuti eegneen kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu taʼuu baatus deebii akka nuuf kennu garuu beekna. Wanta nu barbaachisu yeroo sirrii taʼetti akka nuuf kennu beekna. Kanaafuu, amantiidhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu kee itti fufi; inni yeroo ammaatti akka siif yaaduu fi addunyaa haaraa keessatti ‘fedhii uumamawwan jiraatoo hundumaa akka quubsu’ mirkanaaʼaa taʼi.—Far. 145:16.
FAARFANNAA 46 Yihowaa Si Galateeffanna
a Yihowaan fedhii isaa wajjin kan walsimu hamma taʼetti kadhannaa keenyaaf deebii akka kennu nuuf mirkaneesseera. Yeroo qorumsi nurra gaʼu gargaarsa amanamoo taʼuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu isatti amanamuu dandeenya. Mee Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
b Yihowaan Seexanni addunyaa akka bulchu kan heyyame maaliif akka taʼe ilaalchisee ibsa balʼaa argachuuf mata duree, “Iji Keessan Dhimma Isa Guddaa Irratti Akka Xiyyeeffatu Godhaa” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 2017 irratti baʼe ilaali.
c Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
d IBSA FAKKII: Haati takkaa fi intalli ishii biyya haaraatti baqattoota taʼanii yeroo galanitti obboloonni isaanii miira hoʼaadhaan isaan simachaa fi isaan gargaaraa jiru.