MATA DUREE QOʼANNAA 45
FAARFANNAA 138 Bareedina Harrii
Dubbii Namoonni Amanamoon Dhumarratti Dubbatanirraa Maal Baranna?
“Ogummaan warra dullooman gidduutti hin argamuu? Hubannaanis umurii dheeraadhaan hin argamuu?”—IYO. 12:12.
YAADA IJOO
Yihowaadhaaf ajajamuun yeroo ammaatti eebba, gara fuulduraattimmoo jireenya bara baraa argamsiisa.
1. Maanguddootarraa barumsa ni arganna kan jennu maaliifi?
HUNDI keenyayyuu jireenya keenya keessatti murtoowwan guguddaa gochuuf qajeelfamni nu barbaachisa. Yeroo baayʼee qajeelfama akkasii jaarsolii fi Kiristiyaanota bilchaatoo kan biroorraa argachuu dandeenya. Umuriidhaan baayʼee kan nu caalan yoo taʼe gorsisaanii yeroon kan itti darbe akka taʼetti yaaduudhaan fudhachuu dhiisuu hin qabnu. Yihowaan maanguddootarraa akka barannu barbaada. Umurii dheeraa waan jiraataniif, nu caalaa muuxannoo, hubannaa fi ogummaa horataniiru.—Iyo. 12:12.
2. Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?
2 Bara duriitti, Yihowaan sabasaa jajjabeessuu fi qajeelchuuf maanguddoota amanamoo taʼanitti fayyadameera. Mee Musee, Daawitii fi Yohaannis ergamaa akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Namoonni kun kan jiraatan bara garaagaraa fi haala baayʼee garaagara taʼe keessadha. Dhuma jireenyasaaniirratti namoota umuriidhaan isaanii gadi taʼaniif gorsa ogummaarratti hundaaʼe kennaniiru. Sadansaaniiyyuu Waaqayyoof ajajamuun faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru. Yihowaan wanti isaan dubbatan akka nuuf barreeffamu godheera. Dargaggootas taane maanguddoota gorsasaaniirraa faayidaa guddaa arganna. (Rom. 15:4; 2 Xim. 3:16) Mata duree kana keessatti, dubbii maanguddoonni sadan kun dhumarratti dubbatan qoruudhaan barumsa argannurratti mariʼanna.
“BARA DHEERAA KAN SI JIRAACHISU ISA DHA”
3. Museen Yihowaa fi sabasaa tajaajilaa kan turee karaawwan kamiini?
3 Museen guutummaatti Yihowaadhaaf kan bule ture. Raajii, abbaa murtii, ajajaa fi barreessaa seenaa taʼee tajaajileera. Museen jireenyasaa keessatti muuxannoo hedduu horateera. Saba Israaʼel garbummaa Gibxii jalaa baaseera, dinqiiwwan Yihowaan raawwate hedduus ijasaatiin argeera. Yihowaan kitaabota Kitaaba Qulqulluu jalqabaa shanan, Faarfannaa 90 fi tariimmoo Faarfannaa 91 barreessisuuf isatti fayyadameera. Kitaaba Iyyoobis kan barreesse isa taʼuu hin oolu.
4. Museen eenyuufaa jajjabeesse? Maaliif?
4 Museen duʼuusaa yeroo muraasa dura, umuriisaa waggaa 120tti, wantoota arganii fi Yihowaan isaaniif godhe isaan yaadachiisuuf Israaʼelota hunda walitti qabee ture. Namoota isa dhaggeeffachaa turan sana keessaa tokko tokko dargaggummaasaaniitti mallattoowwanii fi dinqiiwwan Yihowaan raawwates taʼe murtii inni Gibxiirratti dabarse arganiiru. (Bau. 7: 3, 4) Galaanni Diimaa bakka lamatti hiramee keessa darbaniiru, raayyaan Faraʼoon yeroo balleeffamus arganiiru. (Bau. 14:29-31) Lafa onaa keessatti eegumsaa fi kunuunsa Yihowaa argataniiru. (Kes. 8:3, 4) Yeroo sabichi Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf qophaaʼee turetti Museen carraa dhumaa kanatti fayyadamee sabicha jajjabeesseera.a
5. Dubbiin Keessa Deebii 30:19, 20 irratti argamuu fi Museen dhumarratti dubbate Israaʼelotaaf maal mirkaneesseera?
5 Museen maal jedhe? (Keessa Deebii 30:19, 20 dubbisi.) Sabni Israaʼel yeroo dinqisiisaa taʼetu isaan eeggata ture. Israaʼelonni eebba Yihowaatiin biyya waadaa isaaniif galame keessa umurii dheeraa jiraachuu ni dandaʼu. Biyyattiinimmoo miidhagduu fi biyya oomisha gaarii kennitudha! Museen biyyattiin ‘magaalota guguddoo fi gaggaarii isaan hin ijaarre, manneen wantoota gaggaarii akaakuu hundumaa isaan itti hin dadhabneen guutaman, boollawwan bishaanii isaan hin qonne, akkasumas maasiiwwan wayinii fi mukeetii ejersaa isaan hin dhaabne’ akka qabdu ibseera.—Kes. 6:10, 11.
6. Yihowaan saboonni kaan Israaʼelota akka injifatan kan heyyame maaliifi?
6 Museen Israaʼelotaaf akeekkachiisa tokkos kenneera. Biyya oomisha gaarii kennitu sana keessa jiraachuusaanii itti fufuuf ajajawwan Yihowaa eeguu qabu. Museen Yihowaa dhaggeeffachuu fi “isatti maxxanuudhaan” ‘jireenya akka filatan’ isaan jajjabeesseera. Israaʼelonni garuu Yihowaa dhagaʼuu didan. Kanaafuu, Waaqayyo yeroo booda warri Asoorii fi warri Baabilon akka isaan injifatanii fi boojuudhaan akka isaan fudhatan heyyame.—2 Mot. 17:6-8, 13, 14; 2 Sen. 36:15-17, 20.
7. Wanta Museen dubbaterraa maal baranna? (Fakkichas ilaali.)
7 Maal baranna? Ajajamuun jireenya argamsiisa. Akkuma Israaʼelota Biyyattii Abdachiifamtetti galuu jala gaʼanii turan sanaa, nutis addunyaa haaraa Waaqayyo waadaa galetti seenuu jala geenyeerra; yeroo sanatti lafti gara jannataatti jijjiiramti. (Isa. 35:1; Luq. 23:43) Diyaabilosii fi jinniiwwansaa hin jiraatan. (Mul. 20:2, 3) Amantaan sobaa namoota Yihowaarraa fageessus hin jiraatu. (Mul. 17:16) Mootummoonni ilmaan namootaa warra isaan jala jiran cunqursan hin jiraatan. (Mul. 19:19, 20) Namoonni jeequmsa uuman Jannata keessatti iddoo hin qaban. (Far. 37:10, 11) Namoonni iddoo kamiyyuu jiran seerota qajeelinaa Yihowaan baasee fi tokkummaa fi nagaa argamsiisaniif ni ajajamu. Hundisaaniiyyuu wal jaalatu, akkasumas wal amanu. (Isa. 11:9) Yeroo kana hawwii guddaadhaan eegganna! Yihowaadhaaf yoo ajajamne lafa jannata taaterra waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniif qofa utuu hin taʼin barabaraaf jiraanna.—Far. 37:29; Yoh. 3:16.
8. Abdiin jireenya barabaraa misiyoonii yeroo dheeraadhaaf tajaajile tokko kan fayyade akkamitti? (Yihudaa 20, 21)
8 Waadaa Waaqayyo jireenya barabaraa fiduuf galerratti yoo xiyyeeffanne, rakkina akkamiiyyuu keessatti isatti maxxanna. (Yihudaa 20, 21 dubbisi.) Abdiin kun dadhabina keenya moʼuufis humna nuuf kenna. Obboleessi yeroo dheeraadhaaf Afrikaa keessatti misiyoonii taʼee tajaajile tokko dadhabina foonii wajjin itti fufiinsaan walʼaansoo gochuun isa barbaachiseera; akkana jedheera: “Abdiin jireenya barabaraa ani qabu balaadhaaf akka saaxilame hubachuun koo, dadhabina koo wajjin qabsaaʼuu fi yeroo hunda Yihowaatti wawwaannaa dhiheessuuf wantan dandaʼu hunda gochuuf akkan kutadhu na kakaaseera. Gargaarsasaatiin, dadhabina koo sana injifachuu dandaʼeera.”
“MILKAAʼINA NI ARGATTA”
9. Daawit jireenyasaa keessatti rakkoowwan akkamii isa mudataniiru?
9 Daawit mootii gaarii ture. Nama dandeettii muuziqaa qabu, akkasumas barreessaa walaloo, gootaa fi raajii ture. Daawit qorumsi hedduun isa mudateera. Waggoota muraasaaf Saaʼol Mooticha isa hinaaftuu taʼe jalaa baqachaa jiraateera. Mootii erga taʼee boodas, yeroo ilmisaa Abishaalom teessoosaa isa jalaa fudhachuuf yaaletti lubbuusaa oolfachuuf baqachuun isa barbaachiseera. Daawit rakkoowwan akkasii fi dadhabina mataasaa wajjin walʼaansoo gochaa kan ture taʼus hamma dhuma jireenyasaatti Waaqayyoof ajajameera. Yihowaanis, “Nama akka garaa koo taʼe” isaan jedheera. Dhugumayyuu, gorsa Daawit dhagaʼuu qabna!—HoE. 13:22; 1 Mot. 15:5.
10. Daawit ilmasaa Solomoon isa bakkasaa buʼee mootii taʼuuf gorsa kan kenne maaliifi?
10 Mee gorsa Daawit ilmasaa Solomoon isa bakkasaa buʼee mootii taʼuuf kenne akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Waaqeffannaa qulqulluu akka babalʼisuu fi mana qulqullummaa ulfina isaaf fidu akka ijaaru dargaggeessa kana kan filate Yihowaadha. (1 Sen. 22:5) Solomoon haalawwan rakkisoon garaagaraa isa mudatu. Maarree, Daawit gorsa akkamii isaaf kenna laata? Mee haa ilaallu.
11. Akka 1 Mootota 2:2, 3 irratti galmeeffametti, Daawit Solomooniif maal mirkaneesse? Wanti inni dubbate kan raawwatamehoo akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
11 Daawit maal jedhe? (1 Mootota 2:2, 3 dubbisi.) Daawit Yihowaadhaaf yoo ajajame jireenyasaa keessatti milkaaʼina akka argatu ilmasaatti himeera. Solomoonis waggoota hedduudhaaf karaa hedduudhaan milkaaʼina argateera. (1 Sen. 29:23-25) Mana qulqullummaa guddaa taʼe ijaareera, kitaabota Kitaaba Qulqulluu muraasa barreesseera, akkasumas yaanni inni dubbate tokko tokko Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasameera. Ogummaa fi badhaadhinasaatiin beekamee ture. (1 Mot. 4:34) Haa taʼu malee, Solomoon milkaaʼuu kan dandaʼu akkuma Daawit isa gorsetti Yihowaadhaaf yoo ajajame qofadha. Kan nama gaddisiisu, jireenyasaa gara boodaarratti waaqolii kan biroo waaqeffachuu jalqabe. Sana booda Solomoon fudhatama Yihowaa duratti qabu waan dhabeef, ogummaa qajeelummaa fi haqaan bulchuuf isa dandeessisu dhabeera.—1 Mot. 11:9, 10; 12:4.
12. Wanta Daawit dubbaterraa maal baranna?
12 Maal baranna? Ajajamuun milkaaʼina argamsiisa. (Far. 1:1-3) Dhugaadha, Yihowaan akka Solomooniif kennetti badhaadhinaa fi ulfina nuuf kennuuf waadaa hin galle. Taʼus, Waaqni keenya yoo isaaf ajajamne ogummaa murtoo gaarii gochuuf nu dandeessisu nuuf kenna. (Fak. 2:6, 7; Yaq. 1:5) Dhugaawwan buʼuuraasaa hojii, barumsa, bashannanaa fi maallaqa wajjin haala wal qabateen murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru. Ogummaa Waaqayyoo hojiirra oolchuun miidhaa dhaabbataa taʼerraa nu oolcha. (Fak. 2:10, 11) Warra kaan wajjin hariiroo cimaa uumuuf nu gargaara. Qajeelfama jireenya maatii gammachiisaa taʼe qabaachuuf nu gargaarus qabna.
13. Kaarman jireenya ishii keessatti milkaaʼina argachuu kan dandeesse akkamitti?
13 Kaarman ishiin Moozaambiik keessa jiraattu milkaaʼina argachuuf barumsi sadarkaa olaanaa murteessaa akka taʼe ishiitti dhagaʼama ture. Kanaafuu, yunivarsiitii galtee barumsa diizaayinii gamoo baratte. Akkana jetteetti: “Wantan baradhe jaalladheera. Garuu yeroo fi humna koo hedduu na jalaa fudhatee ture. Ganama saʼaatii 1:30dhaa hamma galgala saʼaatii 12:00tti mana barumsaattin dabarsa ture. Walgaʼiirratti argamuun waan natti ulfaatuuf karaa hafuuraa miidhameen ture. Achiis gooftolii lama tajaajiluuf yaalaa akkan jiru natti dhagaʼame.” (Mat. 6:24) Kaarman dhimmicha ilaalchisee Yihowaatti kadhannaa dhiheessite, akkasumas barreeffamoota keenyarratti qorannaa goote. Itti dabaluudhaan akkana jetteetti: “Gorsa gaarii obboloonni bilchina qabanii fi haati koo naaf kennan ergan dhagaʼee booda yunivarsiitii dhiisee yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluufan murteesse. Jireenya koo keessatti filannaa hundarra wayyu akkan godhe natti dhagaʼama; wantan itti gaabbu hin qabu.”
14. Ergaan Musee fi Daawit dabarsuu barbaadan maal ture?
14 Musee fi Daawit Yihowaa waan jaallataniif isaaf ajajamuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe beeku. Dubbii dhumarratti dubbatanirratti, fakkeenyasaanii hordofuudhaan Waaqasaanii Yihowaatti akka maxxanan dhaggeeffattootasaanii jajjabeessaniiru. Lamaansaaniiyyuu namoonni Yihowaa dhiisan, fudhatama isa biratti qaban akka dhabanii fi eebba inni waadaa isaaniif gale akka hin arganne isaan akeekkachiisaniiru. Gorsi isaan kennan yeroo harʼaattis ni hojjeta. Jaarraawwan hedduu booda tajaajilaan Yihowaa kan biraanis Waaqayyoof amanamoo taʼuun hammam barbaachisaa akka taʼe ibseera.
“[KANA] CAALAA WANTI GAMMACHUU GUDDAA NAAF ARGAMSIISU HIN JIRU”
15. Yohaannis ergamaan jireenyasaa keessatti maalfaa argeera?
15 Yohaannis, ergamaa Yesuus Kiristoos jaallatamaa taʼe ture. (Mat. 10:2; Yoh. 19:26) Yeroo Yesuus lafarratti tajaajilaa ture hundatti isaa wajjin taʼuudhaan dinqiiwwan inni raawwate argeera, yeroo rakkisaa taʼettis isarraa adda hin baane. Yeroo Yesuus mukarratti fannifamu ilaalaa ture, erga inni duʼaa kaʼee boodas isa argeera. Kana malees, gumiin Kiristiyaanaa yeroo guddatuu fi misiraachichi “uumama samiidhaa gad jiru hundatti” yeroo lallabamu argeera.—Qol. 1:23.
16. Xalayaawwan Yohaannisirraa kan fayyadaman eenyufaʼi?
16 Yohaannis gara dhuma jireenyasaatti hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee kutaa Dubbii Waaqayyoo barreessuuf mirga argateera. Mulʼata ajaaʼibsiisaa Waaqayyo karaa Yesuus Kiristoos mulʼise galmeesseera. (Mul. 1:1) Wangeela maqaasaatiin waamamu barreesseera. Xalayaawwan sadiis barreesseera. Yohaannis xalayaa sadaffaa kan barreesse Kiristiyaana amanamaa Gaayos jedhamuu fi akka ilmasaatti ilaaluuf akka taʼe ibseera. (3 Yoh. 1) Yohaannis yeroo sanatti namoota akka ijoolleesaatti ilaalu hedduu akka qabu hin shakkisiisu. Wanti maanguddoon amanamaan kun barreesse duuka buutota Yesuus yeroo harʼaa jiran hundas kan jajjabeessudha.
17. Akka 3 Yohaannis 4 irratti ibsametti wanti gammachuu guddaa argamsiisu maalidha?
17 Yohaannis maal barreesse? (3 Yohaannis 4 dubbisi.) Yohaannis Waaqayyoof ajajamuun gammachuu akka argamsiisu barreesseera. Yeroo xalayaasaa isa sadaffaa barreessetti namoonni tokko tokko gumii keessatti barumsa sobaa babalʼisuudhaan wal qoqqoodinsa uumanii turan. Warri kaan garuu “dhugaa keessa [deddeebiʼuu]” isaanii itti fufaniiru. Yihowaa dhagaʼuudhaan ‘akka ajajawwan isaatti jiraataniiru.’ (2 Yoh. 4, 6) Kiristiyaanonni amanamoon kun Yohaannisiin qofa utuu hin taʼin Yihowaas gammachiisaniiru.—Fak. 27:11.
18. Wanta Yohaannis dubbaterraa maal baranna?
18 Maal baranna? Amanamummaan gammachuu argamsiisa. (1 Yoh. 5:3) Fakkeenyaaf, Yihowaa akka gammachiisne beekuun keenya gammachuu nuuf argamsiisa. Qorumsa addunyaa yeroo moonuu fi yeroo isaaf ajajamnu baayʼee gammada. (Fak. 23:15) Warri samii keessa jiran kaanis ni gammadu. (Luq. 15:10) Nutis obboloonni keenya, keessumaa rakkinaa fi qorumsa keessatti amanamoo taʼanii yeroo itti fufan ni gammanna. (2 Tas. 1:4) Yeroo sirni kun balleeffamu addunyaa toʼannaa Seexanaa jala jiru keessattillee Yihowaadhaaf amanamoo akka taane beekuu keenyatti baayʼee gammanna.
19. Obboleettiin Reechal jedhamtu warra kaan dhugaa barsiisuu ilaalchisee maal jette? (Fakkichas ilaali.)
19 Keessumaa yeroo dhugaa warra kaanitti himnu baayʼee gammanna. Reechal ishiin Doominikaan Riippabliikii keessa jiraattu waaʼee Waaqa nuti tajaajilluu namoota barsiisuun mirga addaa akka taʼe ishiitti dhagaʼama. Namoota dhugaa akka baratan gargaarte ilaalchisee akkana jetteetti: “Namootan Yihowaa akka jaallatan, akka isatti amanamanii fi isa gammachiisuuf jireenyasaaniirratti sirreeffama akka godhan gargaare yeroon ilaalu gammachuu natti dhagaʼamu ibsuun na rakkisa. Gammachuun kun carraaqqiin isaan barsiisuuf godhee fi aarsaan kaffale kamirrayyuu kan caaludha.”
DUBBII NAMOONNI AMANAMOON DHUMARRATTI DUBBATANIRRAA FAYYADAMI
20. Musee, Daawitii fi Yohaannis wajjin kan wal fakkaannu karaawwan kamiini?
20 Musee, Daawitii fi Yohaannis kan jiraatan baraa fi haala isa kan keenyarraa adda taʼe keessadha. Taʼus, wanta wal nu fakkeessu hedduu qabna. Nutis akkuma isaanii Waaqa dhugaa tajaajilla. Akkumasaanii Yihowaatti kadhannaa dhiheessina, isatti amanamna, akkasumas qajeelfamasaa barbaanna. Akkuma namoota bara duriitti jiraatan sanaa nutis Yihowaan namoota isaaf ajajaman akka eebbisu ni amanna.
21. Namoonni gorsa namoonni amanamoon kanneen akka Musee, Daawitii fi Yohaannis jiran kennan dhagaʼan eebba akkamii argatu?
21 Kanaafuu, wanta maanguddoonni kun jedhan dhagaʼuudhaan Yihowaadhaaf haa ajajamnu. Taanaan, wanta goonu hundarratti milkaaʼina ni arganna. Jireenyaa fi “bara dheeraa,” eeyyee, jireenya barabaraa ni arganna! (Kes. 30:20) Gammachuu Abbaa keenya isa samii isa jaalala qabeessa taʼe gammachiisuudhaan argamus ni arganna; inni waadaa gale hunda isa nuti tilmaamuu dandeenyu caalaa karaa adda taʼeen ni raawwata.—Efe. 3:20.
FAARFANNAA 129 Jabaannee Dhaabbachuu Keenya Itti Fufna
a Israaʼelonni dinqiiwwan Yihowaan Galaana Diimaa biratti raawwate ilaalanii turan hedduun Biyyattii Abdachiifamtetti hin galle. (Lak. 14:22, 23) Yihowaan namoonni umuriinsaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼee galmaaʼan hundi lafa onaa keessatti akka duʼan dubbatee ture. (Lak. 14:29) Haa taʼu malee, Iyyaasuunii fi Kaaleb, akkasumas dargaggoonnii fi Leewwonni hedduun lubbuudhaan oolanii Laga Yordaanos ceʼuudhaan biyya Kanaʼaanitti galuu fi yeroo Yihowaan waadaa gale raawwatu arguu dandaʼaniiru.—Kes. 1:24-40.
b IBSA FAKKII: Bitaa: Daawit ilmasaa Solomooniif yeroo dhumaatiif gorsa tokko tokko kennaa jira. Mirga: Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaarratti barattoonni barumsa tiʼookraasiirraa fayyadamaa jiru.