Kitaabni Qulqulluun Hanqina Nyaataa Yeroo Ammaa Jiru Ilaalchisee Maal Jedha?
“Namni beelaʼu tokkollee hin jiraatu.” Kun galma bulchitoonni addunyaa rakkoowwan guguddaa ilmaan namootaa keessaa tokko kan taʼe, jechuunis namni lafa irra jiraatu hundi nyaata akka argatu gochuuf akka baafatan dubbatan ture.a Haa taʼu malee, yeroo addunyaan beela irraa bilisa taʼuu itti dandaʼu ni dhufaa? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?
Kitaabni Qulqulluu hanqinni nyaataa bara keenyatti akka taʼu dursee dubbateera
Kitaabni Qulqulluun hanqina nyaataa bara keenyatti taʼu dursee kan dubbate yommuu taʼu, bara keenya “guyyoota dhumaa” jedhee waama. (2 Ximotewos 3:1) Hanqina nyaataa kana kan fide Waaqayyo miti; taʼus kun akka taʼu akeekkachiisa nuuf kenneera. (Yaaqoob 1:13) Mee raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu irratti ibsaman lama hubadhaa.
“Hanqinni nyaataa . . . bakka garaa garaatti ni taʼa.” (Maatewos 24:7) Raajiin Kitaaba Qulqulluu kun bakka adda addaatti beelli akka jiraatu dursee dubbateera. Kan nama ajaaʼibu, gabaasni namoonni dhiheessii fi tamsaʼina nyaataa irratti qorannoo geggeessan dhiheenya kana baasan akkana jedha: “Beelaa wajjin wal qabatee haalli addunyaan irra jiruu fi nyaata madaalamaa ykn gaʼaa dhabuun ittuma caalaa deemaa jira.”b Namoonni miliyoona dhibbaan lakkaaʼamanii fi biyyoota hedduu keessa jiran nyaata isaan barbaachisu hin argatan. Kan nama gaddisiisu immoo, kanaan kan kaʼe namoonni hedduun dhumaniiru.
“Kunoo, fardi gurraachi tokko jira ture; inni isa irra taaʼe harka isaatti madaallii qabatee ture.” (Mulʼata 6:5) Raajii kana irratti, fardi fakkeenyaan ibsamee fi inni isa irra taaʼee gulufu beela bara keenyatti taʼaa jiru argisiisa.c Madaalliin harka isa abbaa fardaa sana irratti argamu namni hundi nyaata xixinnoo akka argatuuf nyaata miijanaa jira. Abbaan fardaa sun utuma gulufaa jiruu sagalee gatiin nyaataa baayʼee akka ol kaʼee fi namoonni nyaatawwan buʼuuraa akka qusatan akeekkachiisu ni dhagaʼame. (Mulʼata 6:6) Kun hanqina nyaataa namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maraatti argaman nyaata madaalamaa argachuun ykn bitachuun akka isaanitti ulfaatu sirriitti kan argisiisudha.
Hanqinni nyaataa kan dhabamsiifamu akkamitti?
Hayyoonni akka jedhanitti lafti nyaata nama lafa irra jiru hundaaf barbaachisaa taʼee ol kenniti. Maarree wanti hanqinni nyaataa akka jiraatu godhe maalidha? Kitaabni Qulqulluunoo Yihowaad inni Uumaa keenya taʼe rakkoowwan kana furuuf maal akka godhu dubbata?
Rakkoo: Bulchitoonni hiyyummaa fi wal caalmaa dinagdee namoonni akka beelaʼan godhu dhabamsiisuu hin dandaʼan.
Furmaata: Bulchitoonni ilmaan namootaa mudaa qaban, bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo isa mudaa hin qabneen bakka buufamu. (Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:10) Yeroo harʼaatti, namoonni hiyyeessota taʼan hedduun nyaata argachuuf qabsoo guddaa godhu; bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti garuu kun ni jijjiirama. Kitaabni Qulqulluun, Yesuus Kiristoos isa Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe ilaalchisee akkana jedha: “Inni hiyyeessa gargaarsa argachuuf iyyatu, akkasumas isa rakkataa taʼee fi isa gargaaraa hin qabne kam iyyuu ni oolcha. . . . Midhaan hedduun lafa irra ni jiraata; fiixee gaarotaa irrattis irraa hafaa ni taʼa.”—Faarfannaa 72:12, 16.
Rakkoo: Waraanni badii guddaa geessisa, dinagdees ni mancaasa; kun immoo namoonni nyaata isaan barbaachisu argachuun akka isaanitti ulfaatu godha.
Furmaata: “[Yihowaan] guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa. Iddaa ni cabsa, eeboos ni hurreessa; gaariiwwan fardaa waraanaas ibiddaan ni guba.” (Faarfannaa 46:9) Waaqayyo meeshaalee waraanaa fi namoota waraana kakaasan ni dhabamsiisa. Kun immoo, namooni karaa nagaa qabuu fi salphaa taʼeen nyaata akka argatan taasisa. Kitaabni Qulqulluun abdii, “Namni qajeelaan ni lalisa, hamma addeessi dhabamtuttis nagaan ni baayʼata” jedhu kenna.—Faarfannaa 72:7.
Rakkoo: Haalli qilleensaa hamaa taʼee fi balaawwan uumamaa midhaan ni mancaasu, akkasumas horii ni fixu.
Furmaata: Waaqayyo humnoota uumamaa lafa irra jiran toʼachuudhaan haalawwan oomisha nyaataatiif gaarii taʼan uuma. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “[Yihowaan] bubbee sana cal jechisiisa;Dambaliiwwan galaanichaas ni callisu. . . . Gammoojjii gara kuufamawwan bishaanii biqiltuudhaan guutamaniitti, lafa gogaas gara burqaawwan bishaaniitti jijjiira. . . . Warri beelaʼan achi akka jiraatan ni godha. Maasii irratti sanyii ni facaasu, muka wayiniis ni dhaabu, isaanis oomisha gaarii ni kennu.”—Faarfannaa 107:29, 35-37.
Rakkoo: Namoonni sassatoo fi jalʼoota taʼan nyaata gaarii hin taane oomishu ykn nyaanni namoota isaan barbaachisu bira akka hin geenye ittisu.
Furmaata: Mootummaan Waaqayyoo namoota amanamoo hin taanee fi jalʼoota taʼan hunda ni dhabamsiisa. (Faarfannaa 37:10, 11; Isaayyaas 61:8) Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yihowaa isa Waaqa keenya taʼee yommuu ibsu, “Warra gowwoomfamaniif haqa kan argamsiisu,warra beelaʼaniifis nyaata kan kennu isa dha” jedha.—Faarfannaa 146:7.
Rakkoo: Waggaa waggaadhaan dhiheessii nyaata addunyaa harka sadii keessaa harki tokko lafatti bada ykn ni dhangalaafama.
Furmaata: Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti, nyaanni sirriitti hojii irra oola. Yesuus yeroo lafa irra turetti, nyaanni lafatti akka hin badneef of eeggannoo guddaa godheera. Fakkeenyaaf, yeroo tokko namoota 5,000 ol taʼan dinqiidhaan nyaachisee ture. Achiis, barattoota isaa, “Wanti tokko illee akka lafatti hin badneef, hambaa irraa hafe hunda walitti qabaa” jedhee isaan ajaje.—Yohaannis 6:5-13.
Mootummaan Waaqayyoo wantoota beelaaf sababa taʼan waan dhabamsiisuuf, ilmaan namootaa hundi nyaata gaarii fi madaalamaa taʼe hedduu argatu. (Isaayyaas 25:6) Waaqayyo kana kan raawwatu yoom akka taʼe beekuuf, mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Lafa kan Bulchu Yoomi?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.
a Maree Miseensonni Bulchiinsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hundi bara 2015tti waaʼee bara 2030tti Misooma Itti Fufiinsa Qabu fiduuf godhame.
b Gabaasa Jaarmiyaa Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Maallaqa Guddina Qonnaa Biyyoolessaaf, Jaarmiyaa Gargaarsa Ijoollee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Sagantaa Nyaataa Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin taʼuudhaan baasan.
c Abbootii fardeenii arfan Kitaaba Mulʼataa irratti ibsaman ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Abbootiin Fardeenii Arfan Eenyufaʼi?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.
d Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyoo ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.