Maqaa Yesuusiin Kadhachuu kan Qabnu Maaliifi?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Waaqayyo karaa Yesuus qofa gara isaatti akka dhihaannu waan barbaaduuf, maqaa Yesuusiin gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessuu qabna. Yesuus akkana jedheera: “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu.” (Yohaannis 14:6) Kana malees Yesuus ergamoota isaa amanamoo taʼaniin akkana jedheera: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin wanta akkamii iyyuu Abbaa yoo kadhattan, inni maqaa kootiin isiniif ni kenna.”—Yohaannis 16:23.
Sababiiwwan maqaa Yesuusiin kadhachuun barbaachisaa itti taʼe dabalataa
Yesuusii fi Yihowaa isa Abbaa isaa taʼeef ulfina kennuuf.—Filiphisiyus 2:9-11.
Qophii Waaqayyo nu fayyisuuf jecha, Yesuus akka duʼu gochuudhaan nuuf qopheesse akka dinqisiifannu argisiisuuf.—Maatewos 20:28; Hojii Ergamootaa 4:12.
Gahee addaa Yesuus Waaqayyoo fi namoota gidduutti araarsaa taʼee tajaajiluuf qabu akka fudhanne argisiisuuf.—Ibroota 7:25.
Yesuus Waaqayyoo duratti ejjennoo fudhatama qabu akka argannu gochuuf, gahee Luba Ol Aanaa taʼuudhaan raawwatu akka kabajnu argisiisuuf.—Ibroota 4:14-16.