LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
  • Harʼa

Jimaata, Caamsaa 1

Waaqayyo bira looguun hin jiru.—Rom. 2:11.

Yihowaan sabasaa garbummaa Gibxii jalaa erga baasee booda luboota godoo qulqulluu keessatti tajaajilan muude. Hojiiwwan dunkaana qulqulluu sana keessatti hojjetaman kan biroo akka hojjetaniifimmoo Leewwonni ramadamanii turan. Namoonni godoo qulqulluu keessatti tajaajilan ykn naannoo sana jiraatan Yihowaa biraa kunuunsa adda taʼe ni argatu turanii? Lakki! Yihowaan hin loogu. Namni Israaʼel kamiyyuu Yihowaa wajjin michummaa qabaachuu ni dandaʼa ture. Fakkeenyaaf, Yihowaan utubaa duumessaa fi utubaa ibiddaa dinqiidhaan godoo qulqulluurra buufatu guutummaan sabichaa arguu akka dandaʼu godhee ture. (Bau. 40:38) Duumessi sun gara kallattii haaraatti yeroo sochoʼuu jalqabu namoonni godoo qulqulluu sanarraa fagaatanii jiranillee arguu ni dandaʼu turan; achiis qabeenyasaanii walitti qabachuu, dunkaanasaanii buqqisuu fi uummaticha wajjin deemuu dandaʼu. (Lak. 9:15-23) Haaluma walfakkaatuun, nutis bakki jiraannu eessayyuu yoo taʼe jaalala, kunuunsaa fi eegumsa Yihowaa argachuu ni dandeenya. w24.06 4 key. 10-12

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026

Sanbadduraa, Caamsaa 2

Tokkoon keenya illee Abishaalom jalaa miliquu waan hin dandeenyeef, kaʼaa, haa baqannu.—2 Sam. 15:14.

Daawit lubbuunsaa balaadhaaf saaxilamee ture. Ilmisaa Abishaalom mootummaasaa isa harkaa fudhachuuf kutatee ture. (2 Sam. 15:12, 13) Kanaafuu, Daawit dafee Yerusaalem keessaa baʼuu qaba ture! Daawit tajaajiltoonnisaa utuma deemaa jiranii namni achitti hafee waaʼee karoora Abishaalom odeeffannoo isaaf kennu akka barbaachisu hubate. Kanaafuu, Saadoqii fi luboonni kan biroon basaastota akka taʼaniif magaalattiitti akka deebiʼan isaan erge. (2 Sam. 15:27-29) Namoonni kun baayʼee of eeggachuu qabu turan. Daawit, Saadoqii fi michuusaa amanamaa kan taʼe Hushaay karoora tokko qopheessan. (2 Sam. 15:32-37) Hushaay Abishaalomiin waan deeggaru fakkaatee akkamitti Daawit irratti haleellaa akka banu gorsa isaaf kenne; kunis Daawit haleellaadhaaf qophaaʼuuf yeroo akka argatu godheera. Achiis Hushaay waaʼee karoora kanaa Saadoqii fi Abiyaataaritti hime. (2 Sam. 17:8-16) Isaanis ergaa gara Daawititti erguudhaan Daawitiin eeguurratti gumaacha guddaa godhaniiru.—2 Sam. 17:21, 22. w24.07 4-5 key. 9-10

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026

Dilbata, Caamsaa 3

Yihowaan akkana jedha: “Kottaa, rakkina nu gidduutti uumameef furmaata haa kenninu.”—Isa. 1:18.

Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko wanta cuuphamuusaanii duras taʼe erga cuuphamanii booda raawwataniin kan kaʼe miira gaabbii cimaa taʼe wajjin walʼaansoo godhu. Taʼus, Yihowaan baayʼee waan nu jaallatuuf furicha akka nuuf qopheesse yaadachuu qabna. Kennaasaa kana akka fudhannu akka barbaadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan ‘rakkina nuu fi isa gidduutti uumameef furmaata erga kenninee’ booda cubbuu raawwanneef akka nu hin gaafanne nuuf mirkaneesseera. Yihowaan cubbuu kanaan dura raawwanne kan hin yaadanne taʼuunsaa baayʼee akka nu jaallatu argisiisa! Wanta gaarii kanaan dura hojjennemmoo matumaa hin irraanfatu. (Far. 103:9, 12; Ibr. 6:10) Wanta kanaan dura raawwatteen kan kaʼe baayʼee gaabbaa jirta taanaan, wanta darberratti utuu hin taʼin yeroo ammaa fi yeroo gara fuulduraarratti xiyyeeffachuuf carraaqqii godhi. Wanta darbe jijjiiruu hin dandeessu. Taʼus, haala amma irra jirtu keessatti Yihowaadhaaf ulfina kennuu fi addunyaa haaraa inni fiduuf waadaa galerratti xiyyeeffachuu dandeessa. w24.10 8 key. 8-9

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2026 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi