MAREE MACAAFA QULQULLUU IRRATTI HUNDAAʼE
Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe?—Kutaa 2
Mareen armaan gaditti dhihaate, maree Dhugaa Baatonni Yihowaa namootaa wajjin godhan fakkeenya argisiisu dha. Mee Dhugaa Baatuun Caalaa jedhamu tokko gara mana namicha Yohaannis jedhamu tokkoo deebiʼee akka dhaqe goonee haa yaadnu.
ABJUU NEBUKADNEZAAR—GABAABAATTI IRRA DEEBIʼUUF
Caalaa: Yohaannis, deebinee wal arguu keenyatti gammadeera. Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu torban torbaniin goonu na gammachiisa.a Torbeen kun akkam ture?
Yohaannis: Gaarii ture.
Caalaa: Baayʼee gaarii dha. Yeroo darbe, Dhugaa Baatonni Yihowaa Mootummaan Waaqayyoo bulchuu kan jalqabe bara 1914tti kan jedhan maaliif akka taʼe kaasnee turre.b Raajii boqonnaa 4ffaa macaafa Daaniʼel irratti ibsame tokko irraa ragaa barbaachisaa taʼe argannee turre. Yaada achi irratti ibsame ni yaadattaa?
Yohaannis: Abjuu Nebukadnezaar Mootichi waaʼee muka guddaa tokkoo abjoote dha.
Caalaa: Eeyyee, sirrii dha. Nebukadnezaar abjuudhaan muka guddaa samii bira gaʼu tokko arge. Ergamaan Waaqayyoo tokko mukichi akka muramu, gufuu fi hiddi isaa garuu lafa irratti akka hafu yeroo ajajus dhagaʼee ture. ‘Bara torba’ booda mukichi deebiʼee ni guddata.c Raajiin kun raawwii lama kan qabu maaliif akka taʼes mariʼannee turre. Raawwiin isaa inni jalqabaa maal akka taʼe ni yaadattaa?
Yohaannis: Isa Nebukadnezaar irratti raawwatame dha mitii? Waggaa torbaaf sammuun isaa tuqamee ture.
Caalaa: Sirrii dha. Nebukadnezaar yeroo murtaaʼeef sammuun isaa waan tuqameef, bulchiinsi isaa addaan citee ture. Raajiin kun raawwii isaa isa guddaa yeroo argatu garuu, bulchiinsa Waaqayyoo isa lafa irraatu bara torbaaf addaan cita. Akkuma kanaan dura ilaalle, barri torban yeroo Yerusaalem Dh.K.D. bara 607tti balleeffamtetti jalqabe. Sana booda, mootonni saba Yihowaa bulchuudhaan lafa irratti isa bakka buʼan hin turre. Dhuma bara torbaniitti garuu, Waaqayyo samii irratti Mootii haaraa saba isaa bulchu ni muuda. Kana jechuun, barri torban dhumuun isaa, Mootummaan Waaqayyoo inni samii bulchuu jalqabuu isaa argisiisa jechuu dha. Barri torban yoom akka jalqabe ilaalleerra. Kanaafuu, barri kun yeroo hammamiitiif akka ture yoo beekne, Mootummaan Waaqayyoo bulchuu kan jalqabe yoom akka taʼe beekuu ni dandeenya jechuu dha. Sii galaa jira mitii?
Yohaannis: Eeyyee, irra naa deebiʼuun kee wanta mariʼanne na yaadachiiseera.
Caalaa: Gaarii dha. Mee maree keenya itti haa fufnuutii, barri torban kun hammam akka dheeratu haa ilaallu. Qabxiiwwan ijoo taʼan yaadachuuf jecha dhimma kana ilaalchisee barreeffamoota tokko tokko dubbiseera. Yaadan argadhe sii ibsuufan yaala.
Yohaannis: Tole.
BARRI TORBA YEROO XUMURAMU BARRI DHUMAA NI JALQABA
Caalaa: Raawwii raajichaa isa jalqabaa Nebukadnezaar irratti raawwatame irratti, barri torban kallattiidhaan waggaa torba kan argisiisu ture. Raawwii raajichaa isa guddaa Mootummaa Waaqayyoo irratti raawwatamu irratti garuu, barri torban kun waggaa torba caalaa kan dheeratu taʼuu qaba.
Yohaannis: Maaliif?
Caalaa: Tokkoffaa, barri torban kun kan jalqabe yeroo Yerusaalem Dh.K.D. bara 607tti balleeffamtetti taʼuu isaa yaadadhu. Waggaa sana irraa kaasnee kallattiidhaan waggaa torba yoo lakkoofne Dh.K.D. bara 600 irra geenya. Haa taʼu malee, waggaa sanatti bulchiinsa Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen wanti adda taʼe hin raawwatamne. Kana malees, akkuma kanaan dura ilaalle, Yesus jaarraawwan hedduu booda yeroo gara lafaa dhufetti barri torban kun akka hin xumuramne wanta argisiisu dubbatee ture.
Yohaannis: Eeyyee, dhugaa dha. Nan yaadadhe.
Caalaa: Kanaafuu, barri torba kallattiidhaan waggaa torba utuu hin taʼin, yeroo kana irra dheeratu kan argisiisu taʼuu qaba.
Yohaannis: Yeroo hammam dheeratu?
Caalaa: Macaafni Mulʼataa inni macaafa Daaniʼel wajjin walitti dhufeenya qabu, yeroon kun hammam akka dheeratu beekuuf nu gargaara. Macaafni Mulʼataa, barri sadii fi walakkaan guyyaa 1,260 akka taʼe argisiisa.d Kanaaf barri torba, jechuunis bara sadii fi walakkaa baayʼisuu lama, guyyaa 2,520 taʼa jechuu dha. Na hordofaa jirta mitii?
Yohaannis: Eeyyee, si hordofaan jira. Garuu, kun Mootummaan Waaqayyoo bara 1914tti bulchuu jalqabuu isaa kan argisiisu akkamitti akka taʼe naa hin galle.
Caalaa: Tole, mee akkamitti akka wal qabatu haa ilaallu. Yeroo tokko tokko raajii Macaafa Qulqulluu keessatti, guyyaan tokko waggaa tokko argisiisa.e Raajii kana keessattis guyyaan tokko waggaa tokko argisiisa jennee utuu yaadnee, barri torba waggaa 2,520 taʼa jechuu dha. Dh.K.D. bara 607 irraa kaanee waggaa 2,520 yoo lakkoofne, bara 1914 irra geenya.f Barri 1914 yeroo barri torban sun itti xumuramee fi yeroo Yesus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchuu itti jalqabe taʼuu isaa kan hubanne karaa kanaani. Bara 1914 jalqabee, raajiiwwan gurguddaan bara dhumaa ilaalchisee Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman raawwatamuun isaanii immoo yaada kana nuu cimsa.
Yohaannis: Raajii akkamiitu raawwatame?
Caalaa: Wanta Yesus dubbate Maatewos 24:7 irraa haa ilaallu. Yeroo samii irratti bulchuu itti jalqabu ilaalchisee, “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in kaʼa; beelli, sochoʼi lafaas iddoo adda addaatti in taʼa” jedheera. Yesus yeroo sanatti hanqinni nyaataa fi sochoʼi lafaa akka jiraatu raajii dubbatee akka ture hubadhu. Jaarraa darbe kana keessatti addunyaa kana irra rakkinni akkasii hedduun gaʼeera mitii ree?
Yohaannis: Dhugaa dha.
Caalaa: Caqasa kana irratti Yesus, yeroo Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee argamutti waraannis akka jiraatu dubbateera. Kana malees, macaafni Mulʼataa bara dhumaatti waraanni iddoo tokkotti qofa utuu hin taʼin, addunyaa maratti akka raawwatamu dubbateera.g Waraanni addunyaa tokkoffaan yoom akka jalqabe ni yaadattaa?
Yohaannis: Bara 1914tti dha; bara ati Yesus bulchuu jalqabeera jettetti jechuu dha! Kanaan dura akkasiitti wal qabsiisee hin beeku.
Caalaa: Raajii bara torba ilaalchisee dubbatamee fi raajiiwwan Macaafa Qulqulluu waaʼee bara dhumaa dubbataman ilaaluun keenya, haala isaa caalaatti ifa nuu godha. Dhugaa Baatonni Yihowaa, Yesus bara 1914tti Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchuu akka jalqabee fi guyyoonni dhumaa baruma sanatti akka jalqaban ragaa amansiisu argataniiru.h
Yohaannis: Yaada kana amma iyyuu guutummaatti hubachuun na rakkiseera.
Caalaa: Naa gala. Akkuman kanaan dura sitti hime, anis guutummaatti hubachuuf yeroo natti fudhateera. Garuu mareen hanga ammaatti goone yoo xinnaate barri 1914 Macaafa Qulqulluu keessatti caqasamuu baatus, amantiin Dhugaa Baatonni Yihowaa bara kana ilaalchisee qaban Macaafa Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa akka si hubachiise nan abdadha.
Yohaannis: Kun dhugaa dha; wanta dubbattan hundumaaf deggersa Macaafa Qulqulluu kan dhiheessitan taʼuun keessan yeroo hunda na ajaaʼiba. Yaada mataa keessanii hin dubbattan. Garuu, yaadni kun hamma kana ulfaataa kan taʼe maaliif akka taʼe naaf hin galle. Waaqayyo, Yesus samii irratti bulchuu kan jalqabu bara 1914tti taʼuu isaa kallattiidhaan Macaafa Qulqulluu irratti maaliif hin ibsine?
Caalaa: Kun gaaffii gaarii dha. Dhugaa dubbachuuf, Macaafa Qulqulluu keessa wantoonni kallattiidhaan hin ibsamne hedduun jiru. Waaqayyo Macaafa Qulqulluu karaa hubachuuf carraaqqii gaafatuun kan barreessise maaliif akka taʼe yeroo kan biraa mariʼachuu dandeenya.
Yohaannis: Natti tola.
Yaadni Macaafa Qulqulluu gaaffii sitti uume jiraa? Wantoota Dhugaa Baatonni Yihowaa itti amanan ykn amantii isaanii wajjin haala wal qabateen wantoota isaan raawwatan beekuu barbaaddaa? Taanaan, Dhugaa Baatuu Yihowaa tokko gaafachuu irraa duubatti hin jedhin. Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimma akkasii irratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.
a Dhugaa Baatonni Yihowaa kaffaltii malee namoota Macaafa Qulqulluu ni barsiisu.
b Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee 2014 irraa mata duree, “Maree Macaafa Qulqulluurratti Hundaaʼe—Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe?—Kutaa 1” jedhu ilaali.
c Daaniʼel 4:23-25 ilaali.
d Mulʼata 12:6, 14 ilaali.
e Lakkoobsa 14:34; Hisqiʼel 4:6 ilaali.
f Chaartii “Abjuu Nebukadnezaar Waaʼee Mukaa Arge” jedhu ilaali.
g Mulʼata 6:4 ilaali.
h Kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 9 ilaali. Kitaabni kun Weeb saayitii www.jw.org/om jedhamu irrattis ni argama.