BARUMSA 26
Hammeenyii fi Rakkinni kan Jiraate Maaliifi?
Haalli gaddisiisaan tokko yommuu uumamutti namni tokko “Maaliifi?” jedhee gaafachuun isaa kanuma jiru dha. Kitaabni Qulqulluun gaaffii kanaaf deebii ifa taʼe kennuun isaa baayʼee nama gammachiisa!
1. Seexanni addunyaa irratti hammeenyi akka jalqabu kan godhe akkamitti?
Seexanni inni Diyaabilos jedhamu Waaqayyo irratti fincila kaase. Warra kaan bulchuu waan barbaadeef namoota jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaanis Waaqayyo irratti akka fincilan godhe. Kanas kan godhe wanta soba taʼe Hewaanitti himuudhaani. (Uumama 3:1-5) Yihowaan wanta gaarii taʼe tokko akka ishii dhowwate gootee akka yaaddu ishii taasise. Kana jechuun ilmaan namootaa yoo Waaqayyoof ajajamuu dhiisan caalaatti gammadoo taʼu jechuu dha. Seexanni Hewaan akka hin duune ishiitti himuudhaan soba jalqabaa dubbate. Kitaabni Qulqulluun, Seexana “sobduu fi abbaa sobaa” jedhee kan waamu kanaafi.—Yohaannis 8:44.
2. Addaamii fi Hewaan maal gochuu filatan?
Yihowaan Addaamii fi Hewaanitti arjummaa guddaa argisiisee ture. Isa tokko irraa kan hafe, muka iddoo biqiltuu Eedan keessa jiru hundumaa irraa akka nyaatan isaaniif heyyamee ture. (Uumama 2:15-17) Haa taʼu malee, Addaamii fi Hewaan muka dhowwame sana irraa nyaachuuf murteessan. Hewaan “firii isaa fudhattee ni nyaatte.” Boodas, Addaam “ni nyaate.” (Uumama 3:6) Kanaafuu, lamaanuu Waaqayyoof utuu hin ajajamin hafan. Addaamii fi Hewaan namoota mudaa hin qabne waan turaniif, wanta sirrii raawwatu jedhanii eeguun waanuma jiru dha. Haa taʼu malee, taʼe jedhanii Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan cubbuu hojjetan, akkasumas bulchiinsa isaa tuffatan. Murtoon isaanii kunis rakkina guddaa isaanitti fideera.—Uumama 3:16-19.
3. Murtoon Addaamii fi Hewaan godhan dhiibbaa akkamii nu irraan geessisaa jira?
Addaamii fi Hewaan cubbuu hojjechuudhaan mudaa kan qaban taʼan, kanas sanyii isaanii hundatti dabarsan. Kitaabni Qulqulluun Addaamiin ilaalchisee, “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu . . . duuti namoota hundumaa waliin gaʼe” jedha.—Roomaa 5:12.
Maarree rakkinni kan nu irra gaʼu maaliifi? Sababii adda addaatiin kan kaʼe rakkinni nu irra gaʼa. Yeroo tokko tokko murtoo dogoggoraa waan gooneef rakkinni nu irra gaʼa. Yeroo tokko tokko immoo kan rakkannu murtoo warri kaan godhaniin kan kaʼe dha. Kana malees, wantoota akka tasaa uumamaniin rakkinni nu irra gaʼuu dandaʼa.—Lallaba 9:11 dubbisi.
CAALAATTI BARADHU
Hammeenyaa fi rakkina yeroo ammaatti addunyaa irra gaʼaa jiruuf Waaqayyo kan itti hin gaafatamne maaliif akka taʼee fi yeroo rakkannutti maaltu akka isatti dhagaʼamu baradhu.
4. Rakkina nu irra gaʼuuf kan itti gaafatamu eenyu?
Namoonni hedduun guutummaa addunyaa kan toʼatu Waaqayyo akka taʼe amanu. Garuu kun dhugaa dhaa? VIIDIYICHA taphachiisaa.
Yaaqoob 1:13 fi 1 Yohaannis 5:19 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Hammeenyaa fi rakkina gaʼaa jiruuf kan itti gaafatamu Waaqayyo dhaa?
5. Bulchiinsi Seexanaa miidhaa akkamii geessise?
Uumama 3:1-6 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Seexanni soba akkamii dubbate?—Lakkoofsa 4 fi 5 ilaali.
Seexanni Yihowaan wanta gaarii ilmaan namootaa akka dhowwate kan fakkeesse akkamitti?
Seexanni ilmaan namootaa gammadoo taʼuuf Yihowaan bulchaa isaanii taʼuun akka isa hin barbaachisne kan ibse akkamitti?
Lallaba 8:9 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Yihowaan Bulchaa addunyaa kanaa taʼuu dhiisuu isaatiin kan kaʼe maaltu raawwatame?
Addaamii fi Hewaan namoota mudaa hin qabnee fi Jannata keessa jiraatan turan. Haa taʼu malee, Seexana dhagaʼuudhaan Yihowaa irratti fincilan
Fincila sana booda addunyaan kun cubbuu, rakkinaa fi duʼaan guutame
Yihowaan cubbuu, rakkinaa fi duʼa ni balleessa. Ilmaan namootaas mudaa kan hin qabne taʼuudhaan deebiʼanii Jannata keessa jiraatu
6. Rakkinni nu irra gaʼu Yihowaa ni gaddisiisa
Waaqayyo yommuu rakkannu ni gaddaa? Mee wanta Daawit Mootichii fi Pheexiros ergamaan barreessan haa ilaallu. Faarfannaa 31:7 fi 1 Pheexiros 5:7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Yihowaan rakkina nu irra gaʼaa jiru kan beekuu fi rakkinni nu irra gaʼu kan isa gaddisiisu taʼuu isaa beekuu keetiin maaltu sitti dhagaʼama?
7. Waaqayyo rakkina ilmaan namootaa irra gaʼaa jiru hunda ni balleessa
Isaayyaas 65:17 fi Mulʼata 21:3, 4 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
• Yihowaan miidhaa wantoonni hamoon ilmaan namootaa irra geessisan hundumaa balleessuuf waadaa galeera. Abdiin kun kan si jajjabeessu maaliifi?
Kana beektaa?
Seexanni soba isa jalqabaa yeroo dubbatetti maqaa Yihowaa balleesseera. Karaa biraatiin, Yihowaan Bulchaa haqa qabeessa hin taanee fi jaalala hin qabne akka taʼe dubbachuudhaan maqaa isaa balleesseera. Yihowaan dhiheenyatti rakkoowwan ilmaan namootaa irra gaʼan balleessuudhaan maqaa isaa ni qulqulleessa. Karaa biraatiin, bulchiinsi isaa hunda irra kan caalu taʼuu isaa mirkaneessa. Uumama cufa keessatti wanti baayʼee barbaachisaa taʼe qulqulleeffamuu maqaa Yihowaa ti.—Maatewos 6:9, 10.
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Waaqayyo qorumsaaf nu uume.”
Atoo maal jetta?
MAAL BARATTE?
Hammeenya addunyaa irra gaʼaa jiruuf adda durummaadhaan kan itti gaafatamu Seexanaa fi namoota jalqabaa lamaani dha. Yihowaan rakkina nu irra gaʼaa jiruun baayʼee ni gadda, dhiheenyattis rakkina kana guutummaatti ni balleessa.
Irra Deebii
Seexanni Hewaanitti soba akkamii dubbate?
Addaamii fi Hewaan finciluun isaanii hunda keenya irratti miidhaa akkamii geessiseera?
Rakkinni nu irra gaʼu Yihowaa akka gaddisiisu akkamitti beekna?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Hiika Kitaabni Qulqulluun cubbuudhaaf kennu baradhu.
Waaʼee gaaffii Seexanni iddoo biqiltuu Eedan keessatti kaasee dubbisi.
“Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi?” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)
Gaaffii ulfaataan kun deebii nama jajjabeessu akkamii akka qabu qori.
Namni tokko rakkina ilmaan namootaa irra gaʼaa jiru ilaalchisee maal akka barate ilaali.