FAKKEENYA AMANTIISAANII HORDOFAA
Nohi ‘Namoota Kan Biraa Torbaa Wajjin Ooleera’
BOKKAAN yandoon yommuu roobu Nohiifi maatiinsaa walitti siqanii taa’aniiru. Mee sitti haa mul’atu, ifa kurraazii cil cil jedhu keessaa fuullisaanii ni mul’ata. Yommuu bokkaan yandoon sun bantii, bitaafi mirga markabichaa rukutu naasuudhaan ija babaasaa jiru. Sagaleen dhaga’amu baay’ee kan nama naasisu akka ta’e hin shakkisiisu.
Nohi, haadha manaasaa, ijoolleesaa sadan warra amanamummaadhaan isa cinaa dhaabatanii hojjechaa turaniifi haadhotii manaasaanii ennaa ilaalu Waaqayyoon akka galateeffatu ifadha. Namoonni inni baay’ee jaallatu kun, yeroo rakkisaa ta’e kanatti isa cinaa ta’uunsaanii baay’ee isa jajjabeesseera. Hubaatiin tokkollee isaanirra hin geenye. Nohi maatiinsaa akka dhaga’utti sagaleesaa ol kaasee kadhannaa galataa dhiheessaa akka ture hin shakkisiisu.
Nohi nama amantii cimaa qabu ture. Yihowaan, Nohiifi maatiisaa lubbuudhaan eeguuf kan isa kakaase Nohi amantii akkasii qabaachuusaati. (Ibroota 11:7) Ta’us amantii argisiisuu kan qaban hanga bokkichi roobuu jalqabu qofattidhaa? Matumaa! Kanaa mannaa rakkina gara fuulduraatti isaanirra ga’uuf amalli kun baay’ee kan isaan barbaachisu ture. Haaluma wal fakkaatuun, nutis yeroo rakkisaa ta’e keessa waan jiraannuuf amantii qabaachuun keenya barbaachisaadha. Kanaafuu, mee amantii Nohi argisiiserraa barumsa argachuu dandeenyu haa qorru.
“GUYYAA AFURTAMAA FI HALKAN AFURTAMA”
Bokkaan yandoon sun “guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama[af]” roobe. (Uumama 7:4, 11, 12) Bishaanichi ol ka’uusaa ittuma fufe. Yeroo kanatti Nohi, Yihowaan qajeelota akka eegeefi jal’oota akka balleesse argeera.
Bishaan Badiisaa, wanti ergamoonni fincila kaasuudhaan raawwatan xumura akka argatu godheera. Ergamoonni hedduun dhiibbaa Seexanni ofittummaadhaan isaanirraan ga’een mo’amuudhaan, samii isa “lafa taa’umsa isaanii” ta’e dhiisanii durboota fuudhuudhaan lafarra jiraachuu jalqaban. Kanaan kan ka’es, ijoollee Neefliim jedhaman godhatan. (Yihudaa 6; Uumama 6:4) Jal’inni akkasii babal’achuunsaa, ilmaan namootaa uumama Yihowaa lafarra jiran hunda caalan, amallisaanii akka manca’u waan godheef Seexanni akka gammade hin shakkisiisu.
Haata’u malee, bishaanichi yommuu ol ka’aa deemu ergamoonni hamoon sun qaama foonii dhiisanii qaama hafuuraa uffachuudhaan baqachuuf kan dirqaman ennaa ta’u, sana booda qaama foonii uffachuu hin dandeenye. Haadhotiin manaasaaniifi ijoolleensaanii garuu hawaasichaa wajjin bishaaniin fudhatamanii badaniiru.
Yihowaan, bara Henokitti jechuunis, gara jaarraa torbaa dura, namoota Waaqayyoon hin sodaanne akka balleessu akeekkachiiseera. (Uumama 5:24; Yihudaa 14, 15) Yeroo sanaa kaasee, namoonni lafti hamminaafi gooliidhaan akka guutamtu, akkasumas akka mancaatu godhaniiru. Amma garuu dhaga’uu waan didaniif badiisni isaanirra ga’aa jira. Haata’u malee, Nohiifi maatiinsaa badiisa namoota sanarra ga’etti gammadaniiruu laata?
Matumaa! Waaqnisaanii inni araara qabeessa ta’es badiisasaaniitti hin gammanne. (Hisqi’el 33:11) Yihowaan namoonni hedduun akka oolaniif wanta gochuu qabu hunda godheera. Henok ergaa akeekkachiisaa akka himu, Nohimmoo markaba akka hojjetu itti gaafatamummaan isaanii kennamee ture. Nohiifi maatiinsaa waggoota hedduudhaaf markaba ijaaraa kan turan si’a ta’u, yeroo kanatti namoonni hundi ni argu turan. Hunda caalaammoo Yihowaan, ‘qajeelina akka lallabu’ Nohiin ajajeera. (2 Phexros 2:5) Akkuma Henok, Nohis firdiin biyya lafaarratti akka dhufu akeekkachiiseera. Namoonni garuu deebii akkamii kennan? Yesus inni wanta yeroo sana ta’e samiirraa ilaalaa ture yeroo booda namoonni bara Nohi turan, “hamma gaafa bishaan badiisaa dhufee hunduma isaanii haree sokketti, utuu hin beekin akka turan” dubbateera.—Maatewos 24:39.
Yihowaan balbala markabichaa erga cufee booda bokkaan guyyoota 40f roobe yeroo jalqabetti haalli Nohiifi kan maatiisaa maal akka fakkaatu mee yaadi! Bokkaan yandoon markabicharratti roobuusaa kan itti fufe si’a ta’u, namoonni saddeettan sun hojii garaagaraa, jechuunis wal kunuunsuu, manasaanii sisirreessuufi wantoota bineeldota markabicha keessa jiraniif barbaachisan dhiheessuutiin qabamanii akka turan hin shakkisiisu. Haata’u malee, gaaf tokko markabni sun akka tasaa raafamuu waan jalqabeef miinisaanii socho’uu jalqabe. Bishaanichi ol dabalaa waan deemeef, markabichi “lafa gararraa hamma oolutti ol ka’e.” (Uumama 7:17) Gochi kun Yihowaan inni Waaqa Hundumaa Danda’u humna guddaa akka qabu kan argisiisudha.
Nohi maatiisaa wajjin badiisarraa ooluusaatiif qofa utuu hin ta’in, Yihowaan namoota badan sana akeekkachiisuuf waan isaanitti fayyadameef galateeffatee ta’uu qaba. Waggoonni hojii ulfaataa ta’e itti hojjechaa turan sun yeroo sanaaf wanta gatii hin qabne fakkaachuu danda’u. Namoonni yeroo sanaa mata jabeeyyii turan. Bishaan Badiisaa yeroo dhufetti, Nohi obbolaa dhiiraafi durbaa, akkasumas ijoollee obbolaa qabaachuu hin oolu; ta’us miseensota maatiisaarraa kan hafe firootasaa keessaa kan isa dhaga’e tokkollee hin turre. (Uumama 5:30) Namoonni saddeettan markabicha keessa seenuudhaan oolan kun, namoonni badan sun badiisarraa oluu akka danda’aniif akeekkachiisaa akka turan ennaa yaadan, gammachuun akka isaanitti dhaga’amu hin shakkisiisu.
Har’as taanaan Yihowaan hin jijjiiramne. (Miilkiyaas 3:6) Yesus Kiristos yeroo keenya “bara Nohitti” fakkeesseera. (Maatewos 24:37) Sirni kun rakkinaan kan guutame waan ta’eef dhiheenyatti baduuf jira. Har’as haaluma wal fakkaatuun, sabni Waaqayyoo ergaa akeekkachiisaa namoota hundatti himaa jiru. Maarree ergaa kana ni fudhattaa? Ergaa kana fudhatteetta taanaanimmoo, warra kaaniin ga’uurratti hirmaachaa jirtaa? Gama kanaan, Nohiifi maatiinsaa fakkeenya gaarii nuuf ta’u.
“BISHAAN KEESSAA OOLAN”
Markabichi garba bal’aa sanarra yommuu bololi’u namoonni achi keessa jiran sagalee mukkeen walitti bu’uudhaan dhageessisan dhaga’uu hin oolan. Nohi waa’een dha’aa bishaanii cimaa ykn waa’een cimina markabichaa isa yaaddessee turee laata? Matumaa! Yaanni akkasii ceephaatota yeroo har’aa jiranitti kan dhaga’amu ta’us, Nohitti garuu hin dhaga’amne. Macaafni Qulqulluun, “Nohi amantiidhaan . . . bidiruu tolfate” jedha. (Ibroota 11:7) Maalitti amanamee ture? Yihowaan Nohiifi maatiisaa Bishaan Badiisaarraa akka oolchu waadaa galeefii ture. (Uumama 6:18, 19) Uumaan uumama cufaa, lafaafi wantoota lubbu qabeeyyii achirra jiran hunda uume, hubaatiin tokkoyyuu markabicharra akka hin geenye eeguu hin danda’uu? Kun matumaa hin shakkisiisu! Nohi Yihowaan wanta dubbate akka raawwatu amanamuunsaa sirrii ture. Dhugumayyuu, inniifi maatiinsaa ‘bishaan keessaa oolaniiru.’—1 Phexros 3:20.
Bokkichi guyyaa 40fi halkan 40f erga roobee booda ni dhaabate. Bokkichi kan dhaabate akka lakkoofsa bara keenyaatti Dh.K.D. ji’a Muddee keessa bara 2370ttidha. Haata’u malee, yeroon maatichi markabicha keessaa itti ba’u hin geenye. Markabni lubbu qabeeyyii hunda qabate kun, bishaan gaarreen hundi hanga hin mul’annetti lafa fudhateen asiif achi oofamuusaa itti fufe. (Uumama 7:19, 20) Nohi ijoolleesaa, jechuunis Seem, Kaamiifi Yaafetii wajjin ta’uudhaan bineeldota markabicha keessa jiraniif nyaata dhiheessuu, qulqullinaafi fayyaasaanii eeguudhaan hojii ulfaataa yommuu raawwatan ija qalbiitiin ilaaluu dandeenya. Waaqayyo inni bineeldonni sun hundi ajajamuudhaan salphaadhumatti markabatti akka galan godhe, hanga Bishaan Badiisaa dhaabatutti achuma keessa akka turan akka godhe hin shakkisiisu.a
Nohi wantoota raawwatamaa turan of eeggannoodhaan akka barreesse haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Macaafni Qulqulluun guyyaa bokkichi itti roobuu jalqabeefi itti dhaabate nutti hima. Kana malees lafti guyyoota 150f bishaaniin akka uwwifamte ibsa. Dhumarrattis bishaanichi hir’achuu jalqabe. Gaaf tokko garuu, markabichi “tulluu Araaraat” isa yeroo har’aa biyya Turki keessatti argamu gubbaa buufate. Kun kan ta’e Dh.K.D. ji’a Eblaa bara 2369 keessa ta’uu hin oolu. Tulluuwwan ykn gaarreen mul’achuu kan jalqaban guyyaa 73 booda ji’a Waxabajjiitti ture. Ji’a sadii booda, jechuunis ji’a Fulbaanaatti Nohi bantii markabichaa hamma tokko diiguuf murteesse. Bantii markabichaatiin ifniifi qilleensi waan seeneef, carraaqqiin isaan godhan akka isaan kiise hin shakkisiisu. Nohi naannoon sun jireenyaaf amansiisaa ta’uuf dhiisuusaa mirkaneessuuf yaalii tokko tokko gochuu jalqabe. Jalqabarratti qurruu tokko erge. Qurruun kun deddeebi’ee gara markabichaa dhaqa ture; yeroo kanatti al tokko tokko markabicharra ni qubata ta’a. Achiis gugee kan erge yommuu ta’u, gugettiin bakka qubattu hamma argattutti gara Nohitti ni deddeebiti turte.—Uumama 7:24–8:13.
Nohi hojii hundumaa caalaa wantoota hafuuraatiif dursa kennaa akka ture hin shakkisiisu. Maatichi yeroo hunda waliin ta’anii yommuu kadhataniifi waa’ee Yihowaa isa isaan eegaa jiruu yommuu waliin haasa’an ija qalbiitiin ilaaluu dandeenya. Nohi murtoo kan godhu qajeelfama Yihowaan isaaf kennurratti hundaa’eeti. Markabicha keessa waggaa tokkoo ol erga turee booda, ‘bishaan lafarraa akka goge’ argus, cufaa markabichaa banee ba’uuf hin yaalle. (Uumama 8:14) Kanaa mannaa, hanga Yihowaan qajeelfama isaaf kennutti eegeera.
Yeroo har’aa, mataa maatii kan ta’an nama amanamaa ta’e kanarraa barumsa guddaa argachuu danda’u. Nohi nama seera qabeessa, jabaatee hojjetu, obsa qabeessaafi warra gargaarsasaa barbaadan hundaaf kunuunsa godhu ture. Hunda caalaammoo fedhii Yihowaatiif dursa kenneera. Fakkeenya Nohi kan hordofnu taanaan namoota jaallannu hundaaf eebba argamsiisna.
“AMMA MARKABICHA KEESSAA BA’I”
Dhumarratti Yihowaan, “Amma markabicha keessaa ba’i, haati manaa kee, ilmaan kee, dubartoonni ilmaan keetiis sii wajjin haa ba’an!” jedhee Nohiin ajaje. Maatichis ajajamuudhaan dursanii, ittaanseemmoo bineeldonni hundi ni ba’an. Markabicha keessaa kan ba’an akkamitti? Karaa seera hin qabneen wal keessa makamaniitii? Gonkumaa! Macaafni Qulqulluun, “Akka qomoo qomoo isaaniitti markabicha keessaa in ba’an” jechuudhaan dubbata. (Uumama 8:15-19) Nohiifi maatiinsaa markabicha keessaa erga ba’anii booda, qilleensa gaarii fudhachaa tulluu Araaraatirra dhaabatanii lafa ishee qulqulleeffamte ilaalan. Neefliimonni, hammeenyi, ergamoonni hamooniifi hawaasni manca’aa ta’e sun lafarra hin jiran.b Yeroo kanatti, ilmaan namootaa carraa jireenya haaraa jalqabuuf isaan dandeessisu argatan.
Nohi ittaansuudhaan wanta gochuu qabu beeka. Jireenya haaraa kan eegale aarsaa dhiheessuudhaan ture. Iddoo aarsaa erga hojjetee booda bineeldota qulqulluu ta’aniifi “torba torba” godhee gara markabichaatti galche keessaa filachuudhaan Yihowaadhaaf aarsaa dhiheesse. (Uumama 7:2; 8:20) Yihowaan aarsaa kanatti gammadeeraa laata?
Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyos foolii isa garaa ciibsu sana urgeeffate” jechuudhaan deebii kenna. Yeroo ilmaan namootaa lafti kun hammeenyaan akka guutamtu godhanitti gaddi isatti dhaga’amee ture, gammachuu maatii amanamummaadhaan fedhasaa raawwachuuf of murteesse arguudhaan argamuun bakka bu’e. Yihowaan namoonni kun mudaa malee akka ta’an isaanirraa hin eegne. Caqasichi itti fufuudhaan, “Wanti namni mucummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hamaa” akka ta’e dubbata. (Uumama 8:21) Mee Yihowaan karaa kana caaluun obsa jaalalarratti hundaa’e akkamitti ilmaan namootaatti akka argisiise ilaali.
Yeroo Addaamiifi Hewwaan isarratti ka’anii turan, Waaqayyo lafa abaaruudhaan hojiin qonnaa dadhabbii kan qabu akka ta’u godheera. Abbaa Nohi kan ta’e Laamek ilmasaa ‘Nohi’ jedhee kan moggaase si’a ta’u, hiiknisaas “Boqonnaa” ykn “Jajjabina” jechuu ta’uu danda’a. Mucaansaa kun ilmaan namootaa abaarsa isaanirra ga’erraa boqonnaa akka argatan kan godhu ta’uunsaas dursee dubbatameera. Nohi waa’eesaa wanti dubbatame ennaa raawwatamuufi qotanii salphaadhumatti oomisha argachuun akka danda’amu yommuu argu gammaduu hin oolu. Kanaaf Nohi hojii qonnaa jalqabuunsaa kan nama dinqisiisu miti!—Uumama 3:17, 18; 5:28, 29; 9:20.
Yihowaan yeruma sanatti Nohiifi ijoolleesaatiif, nama ajjeesuufi karaa hin taaneen dhiigatti fayyadamuu ilaalchisee seera salphaa jireenyasaanii keessatti hojiirra oolchuu danda’an kenneera. Waaqayyo lubbu qabeeyyii hunda Bishaan Badiisaatiin lammata akka hin balleessine dubbachuudhaan ilmaan namootaatiif kakateera. Yihowaan mallattoo uumamaa, jechuunis sabbata Waaqayyoo akka yaadannootti isaaniif kennuudhaan dubbiinsaa amanamaa ta’uusaa isaaniif mirkaneesseera. Kanaaf, yeroo sanaa kaasee sabbata Waaqayyoo yommuu arginu abdii Yihowaan jaalalaan kaka’ee nuu kenne yaadanna.—Uumama 9:1-17.
Seenaan waa’ee Nohi dubbatu wanta yaadaan uumame yoo ta’e, sabbanni Waaqayyoo kun wanta hiika hin qabne ta’a. Haata’u malee, Nohi nama dhugumaan jiraachaa turedha. Yeroo umriin namootaa dheeraa ture sanatti namni amanamaa ta’e kun dabalataan waggaa 350 kan jiraate si’a ta’u, jaarraawwan kanatti rakkina hedduu argeera. Yeroo tokko dhugaatii dhugee machaa’uudhaan cubbuu cimaa kan raawwate si’a ta’u, ilma ilmasaa kan ta’e Kana’aan itti dabaluudhaan cubbuu maatiisaarratti miidhaa guddaa geessise raawwateera. Nohi umrii dheeraa waan jiraateef, bara Naamruditti sanyiinsaa waaqayyolii tolfamoo si’a waaqessaniifi hammina ennaa raawwatan argeera. Karaa garabiraammoo, ilmisaa Seem amantii guddaa qabaachuudhaan maatiisaatiif fakkeenya cimaa ennaa ta’u argeera.—Uumama 9:21-28; 10:8-11; 11:1-11.
Akkuma Nohi nutis amantiitti jabaachuu qabna. Namoonni kaan Waaqa dhugaa yommuu morman ykn isa tajaajiluu yommuu dhiisan, fakkeenya Nohi hordofuudhaan Yihowaa waaqeffachuu keenya itti fufuu qabna. Waaqayyo amanamummaa akkasiitiif bakka guddaa kenna. Akkuma Yesus Kiristos jedhe, “Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu . . . in fayya.”—Maatewos 24:13.
a Namoonni tokko tokko Waaqayyo fedhii nyaataa bineeldonni sun qaban hir’isuudhaan, haala hadooduu wajjin wal fakkaatuun akkasaan fajajan akka godhe dubbatu. Waaqayyo tooftaa akkasiitti fayyadamus fayyadamuu baatus, uumama markabicha keessa jiran hunda eeguufi oolchuuf abdii kenne akka eege hin shakkisiisu.
b Wantoota Bishaan Badiisaatiin lafarraa balleeffaman keessaa iddoon Dhaabni Eeden itti argamu isa tokkodha. Akkas taanan kiruubelonni waggaa 1600f balbala bakka Jannataatti geessu eegaa turan, hojiisaanii xumuranii gara samiitti deebi’aniiru jechuudha.—Uumama 3:22-24.