-
Saaraa Ishii Haadha Moototaa TaateMasaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 5
-
-
Abrahaam maatii isaa isa balʼaa fudhatee Laga Efraaxiisiin ceʼuudhaan biyya Kanaʼaan erga gaʼee waggaan kudhan darbeera. Saaraan kaayyoo Yihowaan sanyii fi saba bakki guddaan kennamuuf argamsiisuuf qabu keessatti gaʼee guddaa abbaan manaa ishii qabu waan beektuuf, imala dheeraa biyya hin beeknetti godhan kana irratti fedhiidhaan isa deggerteetti. Haa taʼu malee, Saaraan gaʼee akkamii qabdi? Dhala kan hin godhanne taʼuu ishii irra iyyuu, amma umuriin ishii waggaa 75 taʼeera. Kanaaf, ‘Ani haadha manaa Abrahaam taʼee ilma hin godhanneef erga taʼee, abdiin Yihowaan kenne akkamitti raawwatamuu dandaʼa?’ jettee yaaddee taʼuu dandaʼa. Saaraan waaʼeen kanaa yoo ishii yaaddesse, darbees yoo obsa ishii dhabsiise dhugaa qabdi.
-
-
Saaraa Ishii Haadha Moototaa TaateMasaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 5
-
-
Saaraan wanta booda ishii jiru utuu hin taʼin wanta fuuldura ishii ilaalti turte. Kanaaf imala abbaan manaa ishii biyyicha keessatti godhu deggeruu ishii itti fufteetti; dunkaana buqqisuudhaan, horii oofanii yommuu deemanii fi dunkaana isaanii deebisanii dhaaban isa gargaarteetti. Saaraan rakkoowwanii fi jijjiiramawwan kaanis dandamatteetti. Yihowaan waadaa Abrahaamiif gale kan haaresse taʼus, waaʼee Saaraa garuu amma iyyuu hin dubbanne!—Uumama 13:14-17; 15:5-7.
Dhuma irratti, Saaraan yeroo wanta sammuu ishii keessa jiru tokko Abrahaamitti himuuf murteessite ni gaʼe. Miira wal makaa keessa ishii jiruu wajjin qabsaaʼaa, “Waaqayyo dhala godhachuu akka na dhowwe in argita” yommuu jettu fuula ishii irraa maaltu akka mulʼatu yaadi. Achiis abbaan manaa ishii hojjettuu ishii Aggaar irraa ijoollee akka godhatu isa gaafatte. Saaraan wanta kana yommuu abbaa manaa ishii gaafattu hangam dhiphattee akka turte tilmaamuu dandeessaa? Yeroo ammaatti gaaffii akkasii gaafachuun kan hin baramne taʼus, bara sanatti garuu namni tokko ilma isa dhaalu argachuuf haadha manaa lammaffaa fuudhuu ykn saajjatoo qabaachuu ni dandaʼa ture.b Saaraan kaayyoon Waaqayyo karaa sanyii Abrahaam saba akka hundeessu dubbate karaa kanaan akka raawwatamu yaaddee taʼuu dandaʼaa laata? Kanas taʼe sana, aarsaa rakkisaa taʼe illee kaffaluuf fedhii qabdi turte. Abrahaam hoo maal godhe? Kitaabni Qulqulluun, “Dubbii [Saaraa] in dhaga’e” jedha.—Uumama 16:1-3.
Seenaan kun Saaraan gaaffii akkasii akka dhiheessitu kan ishii kakaase Yihowaa akka taʼe ibsaa? Lakki. Kanaa mannaa, gaaffiin ishiin dhiheessite ilaalcha namaa akka qabdu kan mulʼisu dha. Rakkina ishiitiif kan itti gaafatamu Waaqayyo akka taʼe waan yaaddeef, Waaqayyo furmaata kan biraa ni kenna jettee yaaduu hin dandeenye. Furmaanni Saaraan ofuma ishiitii fidde, rakkinaa fi gadda ishiitti fideera. Taʼus gaaffiin ishiin dhiheessite, akka ishiin ofittoo hin taane ragaa guddaa taʼa. Saaraan addunyaa namoota yeroo baayʼee wanta kam iyyuu caalaa fedhii isaaniitiif dursa kennan keessatti, fedhii ofittummaa irraa walaba taʼe akkasii argisiisuun ishii kan nama dinqisiisu mitii? Nutis fedhii keenya caalaa kaayyoo Waaqayyootiif dursa kennuuf fedhii yoo qabaanne fakkeenya amantii Saaraa hordofaa jirra jechuu dha.
-