Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
© 2023 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
SADAASA 6-12
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 13-14
“Namni Yoo Duʼe Deebiʼee Jiraachuu Dandaʼaa?”
w99-AM 10/15 3 key. 1-3
Carraaqqii Ilmaan Namootaa Umurii Dheeraa Jiraachuuf Godhan
YAANNI kun gara waggoota 3,500 dura kan barreeffame taʼus, namoonni hedduun ibsa jireenyi gabaabaa taʼuu isaa ilaalchisee dubbatu irratti walii galu. Namoonni utuu sirriitti hin jiraatin sababii itti dulloomanii fi duʼan fudhachuun yeroo hunda baayʼee isaanitti ulfaata. Kanaafuu, seenaa ilmaan namootaa keessatti namoonni malawwan umurii dheeressuu dandaʼu jedhanii yaadan hedduu yaalaa turaniiru.
Bara Iyyoobitti warri Gibxii cidhaan bineensotaa nyaachuudhaan carraaqqiin isaan gara dargaggummaatti deebiʼuuf taasisan utuu isaaniif hin milkaaʼin hafeera. Yeroo booda namoonni tokko tokko, falfalaan dhangalaʼaa umurii dheeressuu dandaʼu hojjechuuf yaalaniiru. Namoota kana keessaa hedduun isaanii warqii nam tolchee nyaachuun bara baraaf nama jiraachisa, akkasumas saanii warqiitti nyaachuun umurii dheeressa jedhanii amanu turan. Namoonni Chaayinaa bara durii amantaa Taaʼooyizimii hordofan, malawwan akka xiinxaluu, shaakala hafuura baafachuu gochuunii fi sirna nyaataa gaarii qabaachuu jiran sirna keemikaalaa qaamaa jijjiiruu fi bara baraaf nama jiraachisuu dandaʼa jedhanii amanu turan.
Qorataan biyya Ispeen Huwaan Poonsee dee Liyoon jedhamu burqaa bishaanii dargaggummaatti nama deebisu argachuuf hawwii guddaa qabuun beekama. Doktarri jaarraa 18ffaatti jiraatan tokko kitaaba isaanii Hermippus Redivivus jedhamu irratti, tibba arfaasaatti shamarran durba taʼan kutaa xiqqoo keessa akka taaʼan gochuudhaan, hafuura isaan baafatan qaruuraatti yoo walitti qabame qoricha umurii dheeressuu dandaʼu ittiin qopheessuun akka dandaʼamu yaada kennaniiru. Kanas taʼe sana, yaaliiwwan kana keessa tokko illee buʼaa hin argamsiisne.
Mukti Murame Deebiʼee Latuu Ni Dandaʼaa?
GAATTIRAA Libaanos isa baayʼee guddaa taʼee wajjin yeroo wal bira qabamu mukti ejersaa inni ijoon itti baayʼatu qalbii namaa waan hawwatu hin fakkaatu. Haa taʼu malee, mukti ejersaa dandeettii rakkina adda addaa dandamachuu nama dinqisiisu qaba. Tokko tokko umriin isaanii waggaa 1,000 akka taʼe tilmaamama. Hiddi muka ejersaa baayʼee kan babalʼatu taʼuun isaa gufuun isaa yoo balleeffame illee deebiʼee latuuf isa dandeessisa. Hiddi isaa hamma hin gognetti, deebiʼee ni lata.
Iyoob inni abbaa amantii taʼe yoo duʼe illee deebiʼee akka jiraatu ni amana ture. (Iyo. 14:13-15) Dandeettii Waaqayyo duʼaa isa kaasuuf qabu ibsuuf mukatti fayyadameera; tarii mukti inni itti fayyadame muka ejersaa taʼuu hin oolu. Iyoob “Mukti yoo murame iyyuu deebiʼee waan latuuf . . . abdii qaba” jedheera. Ongee cimaa booda bokkaan yeroo roobu, gufuun muka ejersaa gogee ture deebiʼee lubbuu kan godhatu siʼa taʼu, hiddi isaa latee “akka biqiltuu haaraas damee in baasa.”— Iyo. 14:7-9.
“Ati Hojii Harka Keetii In Yaadda”
Jechoonni Iyoob dubbate waaʼee Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼee waan nu barsiisan qabu: Namoota akka Iyoob isatti of kennaniifi isa duratti fudhatama akka qabaatan godhee akka isaan tolchu barbaadanii wajjin walitti dhufeenya addaa qaba. (Isaayaas 64:8) Yihowaan tajaajiltootasaa warra amanamoo taʼaniif bakka guddaa kenna. Namoota amanamoo taʼanii duʼan gara jireenyaatti deebisuuf ni ‘yaada.’ Hayyuun tokko jechi afaan Ibrootaa asirratti ibsame, “jechi kun jechoota hawwii guddaa ibsuuf gargaaran keessaa isa tokko akka taʼe beekamaadha” jedhaniiru. Eeyyee, Yihowaan isaan yaadachuu qofa utuu hin taʼin, yeroo itti gara jireenyaatti isaan deebisus hawwii guddaadhaan eega.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 191
Daaraa
Kana malees, daaraan wanta wayitti hin galle ykn faayidaa hin qabne argisiisuuf itti hojjetameera; fakkeenyaaf, Abrahaam iddoo Yihowaa duratti qabu ibsuuf, “Ani biyyoo fi daaraa[dha]” jedheera. (Uma 18:27; akkasumas Isa 44:20; Iyo 30:19 ilaali.) Iyyoobimmoo wanta jajjabeessitoonni isaa sobaa dubbatan “mammaaksa daaraa” wajjin wal fakkeesseera.—Iyo 13:12.
SADAASA 13-19
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 15-17
“Yeroo Namoota Jajjabeessitan Fakkeenya Eliifaaz hin Hordofinaa”
w05-AM 9/15 26 key. 4-5
Yaada Hamaa Mormaa!
Eliifaaz wanta dubbate sadan irratti iyyuu, Waaqayyo tajaajiltoota isaa irraa waan baayʼee akka eeguu fi akka isaanitti hin gammanne dubbateera. Eliifaaz, “Kunoo, inni tajaajiltoota isaa irratti amantii hin qabu, maleekota isaa irraa illee dogoggora ni argata” jedheera. (Iyyoob 4:18) Yeroo boodammoo waaʼee Waaqayyoo, “Inni qulqulloota isaa irratti amantii hin qabu, samiin illee ija isaa duratti qulqulluu miti” jedheera. (Iyyoob 15:15) Kana malees, “Inni Hundumaa Danda’u ati qajeelaa taʼuun kee isa yaaddessaa?” jedhee gaafateera. (Iyyoob 22:3) Bildaadis, “Ija [Waaqayyoo] duratti addeessi illee hin iftu, urjiileenis qulqulluu miti” jedhee dubbachuudhaan yaada isaa irratti akka walii galu ibseera.—Iyyoob 25:5.
Ilaalchi akkasii dhiibbaa akka nurratti hin goone of eeggachuu qabna. Akkasitti yaaduun keenya Waaqayyo wanta humna keenyaa ol taʼe akka nurraa eegu akka nutti dhagaʼamu godha. Kunimmoo hariiroo cimaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa mancaasa. Kana malees, ilaalcha akkasiitiin yoo moʼamne yommuu adabni nu barbaachisu nuuf kennamu deebii akkamii kennina? Gad of qabuudhaan sirreeffama nuu kenname fudhachuu mannaa, garaan keenya ‘Yihowaatti dheekkamuu’ fi isatti mufachuu dandaʼa taʼa. (Fakkeenya 19:3) Kunimmoo karaa hafuuraa balaa cimaa nurraan geessisa!
Amala Gad Of Deebisuu fi Gara Laafinaa Argisiisuudhaan Yesusiin Fakkaadhaa
16 Dubbii keenya. Amalli gara laafinaa warra dhiphatanitti ‘karaa nama jajjabeessuun dubbachuuf’ nu kakaasa. (1 Tas. 5:14, NW) Namoota akkasii jajjabeessuuf maal jechuu dandeenya? Garaadhaa akka isaaniif yaadnu itti himuudhaan akkas gochuu ni dandeenya. Amala gaarii fi dandeettii qaban hubachuu akka dandaʼan isaan gargaaruuf, garaadhaa isaan galateeffachuu ni dandeenya. Yihowaan gara Ilma isaatti akka isaan harkisee fi kun immoo isa duratti iddoo guddaa akka qaban kan argisiisu akka taʼe isaan yaadachiisuu qabna. (Yoh. 6:44) Yihowaan tajaajiltoota isaa warra ‘garaan isaanii caccabee fi yaadni isaanii caccabee bullaaʼeef’ garaadhaa akka yaadu isaaniif mirkaneessuu dandeenya. (Far. 34:18) Dubbiin nuti gara laafinaan kakaanee dubbannu, warra jajjabinni isaan barbaachisu jajjabeessuu dandaʼa.—Fak. 16:24.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w06-AM 3/15 14 key. 10
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Iyyoob
7:9, 10; 10:21; 16:22—Caqasoonni kun Iyyoob abdii duʼaa kaʼutti akka hin amanne argisiisuu? Caqasawwan kana irratti Iyyoob wantoota dhiheenyatti isa mudatan dubbachaa jira. Maarree maal jechuu isaa ture? Akkas kan jedhe, yoo duʼe namoonni bara isaatti jiraatan tokkollee akka isa hin argine dubbachuuf taʼuu dandaʼa. Akka ilaalcha isaanitti, inni matumaa gara mana isaatti hin deebiʼu ykn hamma yeroon Waaqayyo murteesse gaʼutti namni isa beeku tokkollee hin jiru. Yookiin Iyyoob yaada kana yommuu dubbatu namni carraaqqii isaatiin Siiʼol keessaa baʼuu dandaʼu hin jiru jechuu isaa taʼuu dandaʼa. Iyyoob abdii duʼaa kaʼuutti akka amanu, Iyyoob 14:13-15 irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.
SADAASA 20-26
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 18-19
“Namoota Hidhata Amantii Keessan Taʼan Matumaa hin Gatinaa”
Yesuus Imimmaan Isaa Dhangalaasuu Isaa Irraa Maal Baranna?
9 Namoota gaddan jajjabeessuu dandeessa. Yesuus Maartaa fi Maariyaamii wajjin booʼuu qofa utuu hin taʼin, isaan dhaggeeffateera, akkasumas isaan jajjabeesseera. Nutis warra gaddaniif akkasuma gochuu dandeenya. Jaarsi gumii Daan jedhamuu fi Awustiraaliyaa keessa jiraatu akkana jedheera: “Haadha manaa koo ergan duʼaan dhabee booda gargaarsi warra kaanii na barbaachisee ture. Hiriyoonni gaaʼelaa hedduun yeroo hundumaa na dhaggeeffachuuf qophaaʼoo turan. Gadda koo akkan ibsu naaf heyyamu, yeroon booʼus natti hin qaanaʼan. Yeroon hin dandeenyetti konkolaataa koo naaf dhiqu, wantoota nyaata qopheessuuf barbaachisan naaf bitu, akkasumas nyaata naaf qopheessu. Yeroo baayʼees naa wajjin kadhatu. Michoota dhugaa fi ‘obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate’ taʼuu isaanii argisiisaniiru.”—Fak. 17:17.
Yeroo Namni Jaallannu Yihowaa Dhiisu Haala Isaa Dandamachuu
16 Miseensota maatii nama gumiidhaa baafame qaban deggeruu keessan itti fufaa. Yeroo kam iyyuu caalaa jaalallii fi jajjabinni keessan kan isaan barbaachisu amma. (Ibr. 10:24, 25) Yeroo tokko tokko miseensonni maatii nama gumiidhaa baafame qaban, obboloonni gumii keessa jiran isaan irraas akka fagaatan isaanitti dhagaʼama. Miirri akkasii akka isaanitti dhagaʼamu hin godhinaa! Keessumaa dargaggoota warri isaanii dhugaa dhiisan galateeffachuu fi jajjabeessuu qabna. Maariyaan ishiin abbaan manaa ishii gumiidhaa baafamee fi maaticha dhiisee deeme akkana jetteetti: “Michoonni koo tokko tokko mana koo dhufanii nyaata hojjetu, akkasumas nuu wajjin qoʼatu. Miira koo waan naaf hubataniif naa wajjin booʼu. Namoonni waaʼee koo wanta sirrii hin taane yeroo dubbatan naaf falmu. Baayʼee na jajjabeessaniiru!”—Rom. 12:13, 15.
w90-E 9/1 22 key. 20
Ulaagaalee Isaa Guutuuf Carraaqaa Jirtaa?
20 Qaamni jaarsolii namni ilaaltuu ol aanaa ture ykn tajaajilaa gumii ture tokko, mirga qabu fedhii isaatiin kan dhiise taʼullee, mirga tajaajilaa dhabuun dhiphina geessisuu akka dandaʼu hubachuu qaba. Gumiidhaa hin baafamne taanaan, jaarsoliin obboleessi sun dhiphachaa akka jiru yoo hubatan karaa hafuuraa jaalalaan gargaarsa isaaf gochuu qabu. (1 Tasalonqee 5:14) Gumicha keessatti akka barbaadamu akka hubatu isa gargaaruu qabu. Gorsa isaaf kennuun barbaachisaa taʼullee, namni gad of qabuu fi galateeffatu tokko gumii keessatti mirgoota tajaajilaa dabalataa deebisee argachuuf yeroo dheeraa isatti fudhachuu dhiisuu dandaʼa.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w94-AM 10/1 32
Humna Dubbii Gaariin Qabu
Haa taʼu malee, yeroo Iyyoobiin jajjabinni barbaachisee turetti, Eliifaazii fi michoonni isaa dubbii gaarii dubbachuudhaan isa hin jajjabeessine. Iyyoob dhoksaadhaan balleessaa raawwatee taʼuu dandaʼa jechuudhaan rakkina isa irra gaʼeef kan itti gaafatamu isuma akka taʼe dubbataniiru. (Iyyoob 4:8) Kitaabni The Interpreter’s Bible jedhamu akkana jedheera: “Iyyoob nama garaadhaa gara laafina isatti argisiisu barbaada ture. Wanti inni namoota kaan irraa argate garuu, yaadawwan amantaa fi naamusaa nama nuffisiisanii fi guutummaatti dhugaa fakkaatanii dhihaatan ture.” Iyyoob wanta Eliifaazii fi michoonni isaa dubbatanitti baayʼee waan aareef, “Isin dubbiidhaan na caccabsitanii, hamma yoomiitti lubbuu koo aarsitu” jechuuf dirqameera.—Iyyoob 19:2.
Nama nuu wajjin Waaqayyoon tajaajilu tokkotti dantaa dhabummaadhaan dubbii gaarummaa hin qabne isatti dubbachuudhaan matumaa isa gaddisiisuu hin qabnu. (Keessa Deebii 24:15 wajjin wal bira qabii ilaali.) Fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu tokko, “Duutii fi jireenyi humna arrabaa keessa jiru; namoonni itti fayyadamuu jaallatanis firii isaa ni nyaatu” jechuudhaan nu akeekkachiisa.—Fakkeenya 18:21.
SADAASA 27–MUDDEE 3
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 20-21
“Qajeelummaan Qabeenya Irratti kan Hundaaʼe Miti”
‘Waaqayyo Biratti Badhaadhotadhaa?’
12 Dubbii Yesus keessatti Waaqayyo biratti badhaadhaa taʼuufi ofiif qabeenya kuufachuun ykn qabeenyaan sooromuun garaagarummaa guddaa akka qaban ibsameera. Kanaafuu, Yesus xiyyeeffannaan keenya inni guddaan qabeenya kuufachuudhaan badhaadhuurratti ykn gammachuu qabeenya akkasiirraa argannurratti taʼuu akka hin qabne dubbachuusaa ture. Kanaa mannaa qabeenya keenya walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu fooyyessuuf ykn cimsuuf itti fayyadamuu qabna. Kana gochuun keenya Waaqayyo biratti badhaadhota nu godha. Maaliif? Isa biraa eebba baayʼee waan nuuf argamsiisuufidha. Macaafni Qulqulluun, “Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu” jechuudhaan nutti hima.—Fakkeenya 10:22.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w95-AM 1/1 9 key. 19
Seexanaa fi Hojiiwwan Isaa Injifachuu
19 Iyyoob inni tajaajilaa Waaqayyoo ture, ‘yaada nama dhiphisuu’ fi Seexanni Eliifaazii fi Zoofaaritti fayyadamee dubbate dandamachuun isa barbaachisee akka ture beekuun xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. (Iyyoob 4:13-18; 20:2, 3) Iyyoob waaʼee wanta isa ‘naasisee’ ‘utuu itti hin yaadin dubbachuunsaa’ isa ‘dhiphiseera.’ (Iyyoob 6:2-4; 30:15, 16) Eliihuun callisee Iyyoobiin dhaggeeffateera, akkasumas Yihowaan dhimmoota garagaraatiif ilaalcha akkamii akka qabu akka hubatu garaadhaa isa gargaareera. Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis, jaarsoliin rakkina namootaa hubatan dhiibbaa dabalataa isaan irratti gochuu dhiisuudhaan, namoota yaadaan dhiphataniif akka yaadan argisiisu. Akkuma Eliihuu, obsaan isaan dhaggeeffatu, achiis zayitii boqonnaa argamsiisu, jechuunis Dubbii Waaqayyootti fayyadamanii isaan tasgabbeessu. (Iyyoob 33:1-3, 7; Yaaqoob 5:13-15) Kanaaf, namni miirri isaa wanta isa irra gaʼeenis taʼe abjuudhaan dhiphate ykn akkuma Iyyoob ‘abjuu fi mulʼataan naʼe’ gumii keessatti Dubbii Waaqayyoo irraa jajjabina isa tasgabbeessu argachuu dandaʼa.—Iyyoob 7:14; Yaaqoob 4:7.
Tajaajilaaf Of Qopheessi
g-AM 5/09 12-13
Waaqayyo Sooressa Akka Taatu Barbaadaa?
“Waaqayyo naa dabarseera! Baayʼee sooressa taʼuufan jedha!”
“Kan samii irra jiraatan hundi sooressa akkan taʼu waan barbaaddaniif sooressa taʼuuf karoorfadheera.”
“Waaqayyo sooressa akka taanuuf humna nuuf kenna.”
“Kitaabni Qulqulluun sooressa na godheera.”
Jechoonni kun yaadawwan amantaawwan hedduu qabeenyi eebba Waaqayyo akka taʼe yaadanii kan calaqqisiisanidha. Akka dhaabbileen amantaa kun barsiisanitti yoo taʼe wanta Waaqayyo barbaadu yoo goote yeroo ammatti sooressa si godha, gara fuulduraattis si eebbisa. Barumsi amantaa akkasii namoota hedduu biratti kan jaallatamu yommuu taʼu, kitaabonni waaʼee kanaa ibsanis baayʼee barbaadamu. Haa taʼu malee, barumsi amantaa sooreyyii taʼuu jajjabeessu kun barumsa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simaa?
Uumaan keenya inni Kitaabni Qulqulluun “Waaqa gammadaa” jedhe waamu, jireenya gammachiisaa akka jiraannuu fi akka milkoofnu akka barbaadu hin shakkisiisu. (1 Ximotewos 1:11; Faarfannaa 1:1-3) Kana malees, Waaqayyo namoota wanta isa gammachiisu raawwatan ni eebbisa. (Fakkeenya 10:22) Haa taʼu malee, yeroo harʼaatti kan nu eebbisu qabeenya akka argannu gochuudhaanii? Amma kaayyoo Waaqayyo keessatti yeroo isa kam irra akka jirru hubachuun keenya deebii kanaa beekuuf nu gargaara.
Yeroon Kun Yerootti Sooromnudhaa?
Bara duriitti Yihowaan tajaajiltoota isaa tokko tokkoof qabeenya kennuudhaan isaan eebbiseera, kanaaf fakkeenyi gaariin Iyyoobii fi Solomoon Mootichadha. (1 Mootota 10:23; Iyyoob 42:12) Taʼus, Yohaannis Cuuphaa fi Yesuus Kiristoos dabalatee namoonni Waaqayyoof bulan hedduun sooreyyii hin turre. (Maarqos 1:6; Luqaas 9:58) Kana irraa maal hubanna? Kitaabni Qulqulluun akka argisiisutti, Yihowaan tajaajiltoota isaatiif wanta tokko kan raawwatu kaayyoo yeroo sanatti isaaniif qabuu wajjin haala wal simuunidha. (Lallaba 3:1) Maarree dhugaan buʼuuraa kun kan nu ilaallatu akkamitti?
Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu akka argisiisanitti, “dhuma sirna kanaa” ykn “guyyoota dhumaa” addunyaa amma jiru kanaa keessa jiraachaa jirra. Yeroon keessa jiraannu yeroo waraanni, dhukkubni, beelli, kirkirri lafaa fi hawaasni walii galuu dadhabuun itti babalʼatu akka taʼe dursee dubbatameera. Rakkinoonni kun bara 1914 kaasee addunyaa irratti daraan babalʼataniiru. (Maatewos 24:3; 2 Ximotewos 3:1-5; Luqaas 21:10, 11; Mulʼata 6:3-8) Addunyaan keenya akkuma doonii dhidhimaa jirtuudha! Kana irraa kaʼuudhaan, Waaqayyo tokkoon tokkoon tajaajiltoota isaatiif qabeenya kennuudhaan isaan ni eebbisa jedhanii yaaduun sirriidhaa? Moo wantoota Waaqayyo dursa akka kenninuuf barbaadu kan biroon jiru?
Yesuus Kiristoos bara keenya bara Nohii wajjin wal fakkeesseera. Yesuus akkas jedheera: “Bara Bishaan Badiisaa dura ture sanatti hanga guyyaa Noh doonichatti galetti, akkuma namoonni nyaachaa, dhugaa, dhiironni fuudhaa, dubartoonnis heerumaa turan, akkasumas hanga Bishaan Badiisaa sun dhufee hunduma isaanii haree sokketti akkuma hin hubanne, argamni Ilma namaas akkanuma ni taʼa.” (Maatewos 24:37-39) Yesuus yeroo keessa jiraannu bara Looxii wajjinis wal fakkeesseera. Ollaawwan Loox warri Sodoomii fi Gomoraa keessa jiraachaa turan “nyaachaa, dhugaa, bitaa, gurguraa, dhaabaa fi ijaaraa turan.” Itti fufuudhaan Yesuus, “Guyyaa Loox Sodoomii baʼetti garuu, ibiddii fi dinyiin samii irraa roobee hunda isaanii balleesse. Guyyaa Ilmi namaa mulʼatu sanattis akkasuma ni taʼa” jedheera.—Luqaas 17:28-30.
Nyaachuun, dhuguun, fuudhuunii fi heerumuun, bituunii fi gurguruun dogoggora hin qabu. Taʼus hamma yeroon isaa hammam ariifachiisaa akka taʼe dagannutti wantoota kanaan qabamuun balaa qaba. Kanaafuu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Waaqayyo wantoota xiyyeeffannaa keenya hihiran nuuf kennuudhaan nu eebbisa yoo taʼe, wanta nu fayyadu nuuf godheera jechuun ni dandaʼamaa?’ Matumaa, akkas yoo godhe wanta baayʼee nu miidhu gochuu isaati. Waaqni jaalala immoo matumaa akkas hin godhu!—1 Ximotewos 6:17; 1 Yohaannis 4:8.
MUDDEE 4-10
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 22-24
“Namni Waaqa Fayyaduu Dandaʼaa?”
w05-AM 9/15 27 key. 1-3
Yaada Hamaa Mormaa!
Ilaalchi, ‘Waaqayyoo uumamawwan isaa irraa wanta baayʼee eega’ jedhu ilaalcha ‘Namoonni Waaqayyo duratti gatii hin qaban’ jedhuu wajjin wal qabata. Eliifaaz haasaa isaa isa sadaffaa irratti, “Namni Waaqa fayyaduu dandaʼaa? Namni hubannaa qabu isaaf buʼaa buusuu dandaʼaa?” jedhee gaafateera. (Iyyoob 22:2) Eliifaaz namni Waaqayyoon hin fayyadu jechuu isaa ture. Haaluma wal fakkaatuun, Bildaadis, “Namni duʼu akkamitti Waaqayyo duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa? Yookiin namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?” jedhee falmeera. (Iyyoob 25:4) Akka yaada kanaatti, Iyyoob inni nama duʼu taʼe ‘Ani Waaqayyo duratti nama qajeelaadha’ jedhee akkamitti yaaduu dandaʼa?
Yeroo harʼaatti namoonni hedduun ofiif ilaalcha gaarii waan hin qabneef baayʼee dhiphatu. Akkaataa guddinaatiin, buʼaa baʼii jireenyaatiin ykn jibba sababa sanyii ykn gosaatiin nama irra gaʼu kanaaf gumaacha gochuu dandaʼa. Karaa biraatiinimmoo Seexannii fi jinniiwwan isaa namni tokko abdii akka kutate arguun isaanii isaan gammachiisa. Namni tokko maaliyyuu yoo raawwate Waaqayyoon gammachiisu akka hin dandeenye akka isatti dhagaʼamu gochuu yoo dandaʼan, carraa namni sun miira gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamuuf saaxilamuuf qabu guddaa taʼa. Oolee bulee, namni akkasii Waaqa isa jiraataa irraa fagaachuu, darbees isa irraa garagaluu dandaʼa.—Ibroota 2:1; 3:12.
Dullumnii fi dhibeen fayyaa wanta gochuu dandeenyu nu jalaa daangessuu dandaʼu. Wanti nuti amma Mootummichaaf jennee raawwannu isa yeroo dargaggoota, fayya buleeyyii fi cimoo turretti raawwachaa turree wajjin yommuu wal bira qabnu homaattiyyuu akka hin lakkaaʼamne nutti dhagaʼama taʼa. Seexannii fi jinniiwwan isaa tajaajilli Waaqayyoof dhiheessinu gaʼaa akka hin taane goonee akka yaannu akka barbaadan yaaduun keenya baayʼee nu fayyada! Yaada akkasii mormuu qabna.
w95-AM 2/15 27 key. 6
Barumsa Rakkina Akkamitti Dandamachuu Akka Dandeenyu Ibsu
Kana malees, michoonni Iyyoob sadan wanta ogummaa Waaqayyoo irratti hundaaʼe dubbachuu mannaa, ilaalcha mataa isaanii dubbachuudhaan abdii isa kutachiisaniiru. Eliifaaz keessa baʼuudhaan, “[Waaqayyo] tajaajiltoota isaa irratti amantii hin qabu” jedheera; kanaaf Iyyoob qajeelaa taʼuun isaa ykn taʼuu dhiisuun isaa Yihowaa hin yaaddessu jedhee dubbateera. (Iyyoob 4:18; 22:2, 3) Wanti kana caalaa abdii nama kutachiisuu fi dhugaa irraa fagaate jiraa? Yihowaan dhuma irratti Eliifaazii fi michoota isaa arrabsoo isaanii kanaaf isaan ifachuun isaa nama hin dinqisiisu. “Waaʼee koo dhugaa . . . hin dubbanne” isaaniin jedheera. (Iyyoob 42:7) Haa taʼu malee, wanti caalaatti nama miidhu wanta isaan sana booda dubbatanidha.
w03-AM 4/15 14-15 key. 10-12
Dargaggoota Garaa Yihowaa Gammachiisan
10 Akkuma Seenaan Kitaaba Qulqulluu argisiisutti, Seexanni gaaffii kan kaase amanamummaa Iyyoob irratti qofa utuu hin taʼin, siinis dabalatee amanamummaa tajaajiltoota Waaqayyoo hunda irrattidha. Seexanni ilmaan namootaa hundumaa ilaalchisee Yihowaadhaan, “Namni [Iyyoob qofa utuu hin taʼin namni hundi] lubbuu isaatiif jedhee wanta qabu hundumaa ni kenna” jedheera. (Iyyoob 2:4) Dhimmi cimaan kun siinis akka ilaallatu hubattee? Akkuma Fakkeenya 27:11 irratti ibsame, Yihowaan Seexana isa isa arrabsuuf deebii kennuu akka dandaʼuuf wanti isaaf gochuu dandeessu akka jiru dubbateera. Mee yaadi—Waaqni Inni Hundumaa Dandaʼu dhimma dhimmoota hanga harʼaatti kaʼan hunda irra caalu irratti deebii akka kennitu si affeereera. Itti gaafatamummaa fi mirga guddaa argatteetta! Maarree wanta Yihowaan si irraa eegu kana raawwachuu dandeessaa? Iyyoob gaaffii isa irratti kaʼeef deebii kenneera. (Iyyoob 2:9, 10) Yesuusis taʼe dargaggoota dabalatee tajaajiltoonni Waaqayyoo hangana hin jedhamnee fi seenaa ilmaan namootaa keessatti jiraatan deebii kennaniiru. (Filiphisiyus 2:8; Mulʼata 6:9) Atis deebii kennuu ni dandeessa. Dhimma kana irratti filannoo lamaanii ala taʼuu nan dandaʼa jettee hin yaadin. Akkaataa jireenyaa keetiin, arrabsoo Seexanaatiif ykn deebii Yihowaan kennuuf deggersa akka kennitu argisiista. Maarree isa kamiin filatta?
Yihowaan Siif Yaada!
11 Filannoon gootu Yihowaadhaaf jijjiirama ni fidaa? Yihowaan Seexanaaf deebii quubsaa kennuu akka dandaʼuuf namoonni hanga ammaatti amanamoo taʼan hin gaʼanii? Himanni Seexanni namni jaalalaan kakaʼee Yihowaa tajaajilu hin argamu jechuudhaan kaase soba taʼuun isaa akka mirkanaaʼe beekamaadha. Taʼus, Yihowaan dhuunfaatti waan siif yaaduuf gaaffii olaantummaa isaa irratti kaʼe irratti akka isa cinaa dhaabbattu barbaada. Yesuus, “Abbaan koo inni samii warra xixinnoo kana keessaa tokko illee akka badu hin barbaadu” jedheera.—Maatewos 18:14.
12 Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, akkaataan jireenyaa filattu Yihowaa ni yaaddessa. Kana malees, filannoon kee kallattiidhaan isa ilaallata. Kitaabni Qulqulluun gocha gaariis taʼe gadhee namoonni raawwataniin miira Yihowaatti dhagaʼamu ni ibsa. Fakkeenyaaf, yeroo Israaʼelonni irra deddeebiʼanii fincilanitti, gochi isaanii Yihowaa ‘dhukkubseera.’ (Faarfannaa 78:40, 41, miiljalee) Bishaan Badiisaa bara Nohitti gaʼe dura, yeroo “hamminni namaa lafa irratti . . . baayʼate” “garaan [Yihowaa] ni gadde.” (Uumama 6:5, 6) Mee kun maal jechuu akka taʼe yaadi. Akkaataan jireenyaa kee gadhee yoo taʼe Uumaa kee gaddisiista. Kana jechuun garuu Waaqayyo dadhabaadha ykn miiraan oofama jechuu miti. Kanaa mannaa, si jaallata, akkasumas nageenyi kee isa yaaddessa jechuudha. Gama biraatiinimmoo, wanta gaarii yeroo gootu garaa Yihowaa gammachiista. Kan gammadu Seexanaaf deebii kennuuf sababii dabalataa argachuu isaatiin qofa utuu hin taʼin, sababii itti si badhaasus argachuu isaatiini. Akkas gochuun isa gammachiisa. (Ibroota 11:6) Waaqni keenya Yihowaan Abbaa jaalala qabeessadha!
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Uumaa Kee Jajachuuf Galmawwan Hafuuraa Baafadhu
Mee akkaataa Yihowaan hawaa itti uume haa ilaallu. Yihowaan yeroo uumamaa walitti aananii jiran ilaalchisee, “Ni dhihe, ni bariʼes” jechuudhaan yeroowwan sun jalqabaa fi xumura akka qabaatan godheera. (Uumama 1:5, 8, 13, 19, 23, 31) Jalqaba tokkoon tokkoon yeroo uumamaatti galma ykn kaayyoo guyyaa sanaaf qabu sirriitti adda baaseera. Akkasumas Waaqayyo kaayyoo Wantoota uumuuf qabu raawwateera. (Mulʼata 4:11) Iyyoob inni abbaa amantii taʼe, “[Yihowaan] wanta gochuu barbaadu ni raawwata” jedheera. (Iyyoob 23:13) Yihowaan “wanta tolche hundumaa” ilaalee, “baayʼee gaarii” akka taʼe yommuu dubbatu baayʼee gammadee taʼuu qaba.—Uumama 1:31.
Nutis karoorri keenya akka galma gaʼuuf, karooricha raawwachuuf fedhii cimaa qabaachuu qabna. Fedhii cimaa akkasii horachuuf maaltu nu gargaara? Yihowaan yeroo lafti duwwaa turtetti illee, lafti yeroo booda hawaa keessatti iddoo bareedduu ulfinaa fi kabaja isaaf fiddu akka taatu ilaalee ture. Haaluma kana fakkaatuun nutis, buʼaa fi faayidaa galma keenya raawwachuun qabu irratti xiinxaluudhaan, karoora keenya galmaan gaʼuuf fedhii cimaa horachuu dandeenya. Toonii inni umuriin isaa waggaa 19 taʼe akkas godheera. Tooniin waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Lixa Awurooppaa jiru yeroo daawwatetti wanta isa mudate matumaa hin irraanfatu. Yeroo sanaa eegalee, ‘Iddoo akkasii jiraachuu fi achitti tajaajiluun maal fakkaata?’ gaaffiin jedhu sammuu isaa keessa jira ture. Waaʼee iddoo kanatti tajaajiluu yaaduu fi galma kana irra gaʼuuf carraaquu isaa matumaa hin dhaabne. Waggoota hedduu booda iyyannoon inni waajjira damee kanatti tajaajiluuf dhiheesse yommuu fudhatama argatu baayʼee gammadeera.
MUDDEE 11-17
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 25-27
“Amanamaa Taʼuun Nama Mudaa hin Qabne Taʼuu hin Gaafatu”
it-1-E 1210 key. 4
Amanamummaa
Iyyoob. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Iyyoob kan jiraate erga Yoseef duʼee boodaa fi Museen raajii Yihowaa taʼee kaʼuu isaa dura ture; inni “nama qajeelaa [Ibr., tam] fi amanamaa ture; akkasumas nama Waaqa sodaatuu fi wanta hamaa taʼe irraa fagaatu ture.” (Iyo 1:1; mata duree JOB jedhu ilaali.) Amanamummaa Iyyoob irratti Yihowaa fi Seexana isa Diina isaa taʼe gidduutti falmiin kan kaʼe, yeroo Yihowaan walgaʼii maleekotaa samii irratti geggeeffamaa ture irratti waaʼee Iyyoob Seexana gaafatettidha. Seexanni kakaʼumsa Iyyoob Waaqayyoon itti waaqeffatu ilaalchisee sobaan yommuu isa himatu, Iyyoob Waaqayyoon kan tajaajilu garaa qulqulluudhaan utuu hin taʼin fedhii ofittummaadhaan akka taʼe dubbateera. Kanaan kan kaʼes, Iyyoob Waaqayyoof amanamaa taʼuu isaa irratti gaaffii kaaseera. Seexanni qabeenya hedduu Iyyoob qabu akka balleessuu fi ijoollee isaa akka ajjeesu isaaf heyyamamus, amanamummaa Iyyoob garuu balleessuu hin dandeenye. (Iyo 1:6–2:3) Achiis Iyyoob qabeenya isaa fi ijoollee isaa dhabus ofittummaadhaan jabaatee kan dhaabbate gogaa isaatti waan hin buʼamneef akka taʼe dubbate. (Iyo 2:4, 5) Sana booda dhullaa nama dhukkubsuu fi qaama isaa fixuun isa rukute; akkasumas haati manaa isaa amanamummaa isaa akka dhiisu isa gorsite; ceephoonii fi salphinni michoonni isaa warri qajeelfamaa fi kaayyoo Waaqayyoo jalʼisanii dubbatan dhiibbaa isa irraan geessiseera (Iyo 2:6-13; 22:1, 5-11), taʼus Iyyoob amanamummaa isaa akka hin dhiisne dubbateera. “Hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu! Qajeelummaa koo nan eeggadha, matumaas hin gadhiisu; hamman lubbuudhaan jirutti garaan koo na hin ceephaʼu.” (Iyo 27:5, 6) Amanamummaa isaa eeggatee jiraachuun isaa Diinni Waaqayyoo sun sobduu taʼuu isaa mirkaneesseera.
Amanamummaa Keessan Eeggadhaa!
3 Amanamummaan nuyi tajaajiltoota Waaqayyootiif yeroo itti hojjetamu, akka qaama tokkootti Yihowaa garaa guutuudhaan jaallachuu fi guutummaatti isaaf kan bulle taʼuudhaan murtoo keenya hundumaa irratti fedhii isaa dursuu jechuu dha. Amanamummaan Kitaaba Qulqulluu keessatti akkamitti akka itti hojjetame ilaalchisee ragaawwan tokko tokko haa ilaallu. Hiikni jecha Kitaaba Qulqulluu “amanamummaa” jedhu inni buʼuuraa, mudaa kan hin qabne, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne jechuu dha. Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni Yihowaadhaaf horii aarsaa godhanii kan kennan siʼa taʼu, Seerichi horiin sun fayyaa taʼuu akka qabu dubbata. (Lew. 22:21, 22) Sabni Waaqayyoo horii naafa, gurri irraa cite ykn iji jaames taʼe, dhukkubsataa taʼe aarsaadhaaf akka dhiheessan isaaniif hin heyyamamu ture. Horiin sun guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne taʼuun isaa Yihowaadhaaf iddoo guddaa qaba ture. (Mil. 1:6-9) Yihowaan fayyaa ykn guutuu taʼuudhaaf xiyyeeffannaa kan kennu maaliif akka taʼe hubachuu ni dandeenya. Kuduraa, kitaaba ykn meeshaa tokko yommuu binnu, uraa ykn caba kan qabu akka taʼu hin barbaannu. Isa guutuu, fayyaa ykn hirʼina hin qabne bitachuu barbaanna. Yihowaanis jaalalaa fi amanamummaa isaaf qabnu ilaalchisee akkasuma itti dhagaʼama. Guutuu ykn hirʼina kan hin qabne taʼuu qaba.
4 Amanamummaa qabaachuuf mudaa kan hin qabne taʼuu qabna jennee yaaduu qabnaa? Kana malees, dogoggora hedduu akka hojjennu nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Amanamummaa qabaachuuf mudaa kan hin qabne taʼuun kan nu hin barbaachisne maaliif akka taʼe sababii lama haa ilaallu. Tokkoffaa, Yihowaan dogoggora keenya irratti hin xiyyeeffatu. Dubbiin Isaa, “Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa?” jedha. (Far. 130:3) Inni cubbuu dhaaluu keenyaan kan kaʼe namoota mudaa qabnu akka taane waan beekuuf dhiifama nuuf godha. (Far. 86:5) Lammaffaa, Yihowaan humni keenya daangeffamaa akka taʼe waan beekuuf, wanta gochuu dandeenyu caalaa nu irraa hin eegu. (Faarfannaa 103:12-14 dubbisi.) Kanaafuu, akka ilaalcha isaatti guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne taʼuu kan dandeenyu akkamitti?
5 Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼuuf jaalala qabaachuun isaanii murteessaa dha. Jaalalli Waaqayyoof qabnuu fi Abbaa keenya isa samiitiif amanamummaadhaan kan bulle taʼuun keenya yeroo hundumaa guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne taʼuu qaba. Yeroo qorumsi nu irra gaʼutti illee jaalalli keenya akka kana yoo taʼe amanamummaa qabna jechuu dha. (1 Sen. 28:9; Mat. 22:37) Mee ammas Dhugaa Baatota sadan jalqaba irratti ibsaman haa ilaallu. Akka sana kan godhan maaliifi? Shamarreen sun mana barumsaatti bashannanuu hin jaallattuu? Yookiin dargaggeessi sun balbala namaa irratti qaanaʼuu ni barbaadaa? Yookiin obboleessi maatii qabu sun hojii isaa dhabuu ni barbaadaa? Akka hin barbaanne beekamaa dha. Kanaa mannaa, Yihowaan ulaagaawwan qajeeloo taʼan akka qabu waan hubatanii fi sammuun isaanii Abbaa isaanii isa samii gammachiisuu irratti waan xiyyeeffateefi dha. Jaalalli isaaf qaban murtoo godhan irratti isaaf dursa akka kennan isaan kakaaseera. Akkas gochuudhaan amanamummaa isaanii hojiidhaan argisiisaniiru.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Dubbii Waaqayyoo Wajjin Haala Wal Simuun Gurmaaʼuu
3 Gurmeessuu irratti qaamni Waaqayyoon qixxaatu akka hin jirre uumamni ni mirkaneessa. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa jabeessee uume, hubannaadhaanis bantiiwwan waaqaa jabeessee in dhaabe” jedha. (Fak. 3:19) “Fiixee hojii [Waaqayyoo]” qofa, akkasumas ‘waaʼee isaa hasaasa xinnoo dhageenyu duwwaa’ beekna. (Iyo. 26:14) Taʼus, beekumsi xinnoon waaʼee pilaaneetotaa, urjiilee fi gaalaaksiiwwanii qabnu illee, uumamni cufti akka gaariitti kan gurmaaʼe taʼuu isaa hubachuuf nu gargaara. (Far. 8:3, 4) Gaalaaksiiwwan, urjiilee miliyoonaan lakkaaʼaman kan qabatan siʼa taʼan, hundumtuu hawaa keessatti karaa gurmaaʼina qabuun sochoʼu. Pilaaneetonni sirna aduu keessa jiran akkuma waan gad of qabuudhaan seera tiraafiikiitiif ajajamanii oorbiitii isaanii irraa utuu hin jalʼatin aduutti naannaʼu! Dhuguma iyyuu, gurmaaʼinni hubannaa keenyaa ol taʼee fi hawaa keessa jiru kun, Yihowaa isa “hubannaadhaan bantiiwwan waaqaa” fi lafa uumeef, galanni, amanamummaa fi waaqeffannaan keenya kan isaaf malu taʼuu isaa argisiisa.—Far. 136:1, 5-9.
MUDDEE 18-24
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 28-29
“Akka Iyyoob Maqaa Gaarii Qabdaa?”
w02-AM 5/15 22 key. 19
Namoota Gargaarsi Isaan Barbaachisu Hundatti Jaalala Amanamaa Argisiisaa
19 Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼanne, namoota ofuma isaaniitiin wanta isaan barbaachisu guuttachuu hin dandeenyetti jaalala amanamaa argisiisuun barbaachisaa taʼuu isaa ibsu. Abrahaam hidda dhalootaa maatii isaa itti fufsiisuuf gargaarsi Beetuʼel isa barbaachiseera. Yaaqoob reeffi isaa gara Kanaʼaanitti akka geeffamuuf gargaarsi Yooseef isa barbaachisee ture. Naaʼomiin dhaaltuu argachuuf gargaarsi Ruut ishii barbaachisee ture. Abrahaam, Yaaqoobii fi Naaʼomiin wanta isaan barbaachisu guuttachuuf dirqama gargaarsi isaan barbaachisee ture. Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis, keessumaa namoota gargaarsi isaan barbaachisutti jaalala amanamaa argisiisuu qabna. (Fakkeenya 19:17) Fakkeenya Iyyoob isa abbaa amantii taʼee fi ‘hiyyeessa gargaarsaaf iyyu, mucaa abbaa hin qabne, nama gargaaraa hin qabnee fi namni duʼuu jala gaʼeef’ xiyyeeffannaa kennee hordofuu qabna. Kana malees Iyyoob, ‘dubartii abbaan manaa irraa duʼe garaa ishii ni gammachiisa ture; qaroo dhabeessaaf ija, nama naafa taʼeefis miila taʼee ture.’—Iyyoob 29:12-15.
it-1-E 655 key. 10
Uffata
Uffanni wantoota garaagaraa hedduu argisiisuufis faayidaa irra ooleera. Yuunifoormiin ykn uffanni addaa tokko namni tokko miseensa jaarmiyaa tokkoo ykn sochii tokko kan deggeru taʼuu isaa argisiisa; haaluma walfakkaatuun, Kitaaba Qulqulluu keessattis nama ejjennoo tokko qabuu fi wanta ejjennoo isaa sanaa wajjin wal simu raawwatu tokko adda baasee beeksisuuf faayidaa irra ooleera; fakkeenyaaf, Yesuus fakkeenya dubbate irratti uffata cidhaa caqaseera. (Mat 22:11, 12; mata dureewwan HEADDRESS; SANDAL jedhan ilaali.) Mulʼata 16:14, 15 irratti, Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos karaa hafuuraa rafuu fi eenyummaa namni tokko dhugaa baatuu amanamaa Waaqa dhugaa taʼuu isaa mulʼisu akka isa irraa hin baafamne akeekkachiiseera. Kun keessumaa yeroo ‘waraanni guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuu’ dhihaachaa jirutti balaa guddaadhaaf nama saaxila.
w09-AM 2/1 15 key. 3-4
Hiika Maqaawwan Qaban
Maqaa yeroo dhalannutti nuuf moggaafamu filachuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, maqaan yeroo booda namoota biratti qabaannu guutummaa guutuutti nu irratti kan hundaaʼedha. (Fakkeenya 20:11) Maaliif akkana jettee of hin gaafattu: ‘Yesuus ykn ergamoonni isaa carraa isaa utuu argatanii maqaa akkamii naaf moggaasu turan? Maqaan amala ykn eenyummaa koo akka gaariitti ibsu maqaa isa kam taʼa ture?’
Gaaffiiwwan kana irratti akka gaariitti yaaduu qabna. Maaliif? Solomoon Mootichi inni ogeessa taʼe, “Qabeenya guddaa mannaa maqaa gaariin filatamaa dha” jedhee barreesseera. (Fakkeenya 22:1) Haawaasa keessa jiraannu gidduutti maqaa gaarii yoo qabaanne dhugumaan qabeenya guddaa horanneerra jechuudha. Hunda caalaa immoo, Waaqayyo duratti maqaa gaarii qabaachuun keenya qabeenya bara baraa nuuf argamsiisa. Akkamitti? Waaqayyo maqaa namoota isa sodaatanii ‘kitaaba yaadannoo’ keessatti akka barreessuu fi abdii jireenya bara baraa akka isaaniif kennuu waadaa galeera.—Miilkiyaas 3:16; Mulʼata 3:5; 20:12-15.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
g00-AM 7/8 11 key. 3
Seequu—Faayidaa Hedduu Siif Argamsiisa!
Dhuguma seequun hamma kana jijjiirama fidaa? Yeroo seeqni nama tokkoo gammachuun akka sitti dhagaʼamu ykn akka sitti tolu godhe ni yaadattaa? Yookiin immoo namoonni seequu dhiisuun isaanii akka dhiphattu ykn isaan biratti fudhatama akka dhabde akka sitti dhagaʼamu godhee beekaa? Eeyyee, seequun ykn seequu dhiisuun jijjiirama ni fida. Nama seequ irrattis taʼe nama isa kaan irratti dhiibbaa geessisa. Iyyoob inni Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasame diinota isaa ilaalchisee, “Isaan yommuun isaaniif seequ amanuu hin dandeenye; ifni fuula kootii isaan jajjabeessa ture” jedheera. (Iyyoob 29:24) “Ifni fuula” Iyyoob gammadaa taʼuu isaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
MUDDEE 25-31
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 30-31
“Iyyoob Karaa Naamusaa Qulqulluu Taʼee kan Jiraate Akkamitti?”
Wantoota Waaʼee Hin Baasnerraa Ija Keessan Deebisaa!
8 Hawwiin ijaafi fedhiin foonii, Kiristiyaanota dhugaarrattis dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Kanaaf, Dubbiin Waaqayyoo waan ilaalluufi hawwinuu wajjin haala wal qabateen akka of qabnu nu jajjabeessa. (1 Qor. 9: 25, 27; 1 Yohannis 2:15-17 dubbisi.) Nama qajeelaa kan ture Iyoob, ilaaluufi hawwuun walitti dhufeenya cimaa akka qabu hubatee ture. Akkas jedhe: “Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree?” (Iyo. 31:1) Iyoob, dubartii tokko miira addaggummaatiin harkaan tuquu yaa hafuutii, sammuunsaa yaada akkasii akka keessumsiisu hin heyyamne. Yesus, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jechuudhaan, sammuun nama tokkoo yaada gadheerraa walaba taʼuu akka qabu ibseera.”—Mat. 5:28.
w08-AM 9/1 11 key. 4
‘Wanta Dhuma Irratti Si Irra Gaʼu Yaadi’
Daandii akkasii irra deemuu jalqabuu kee dura, ‘Daandiin kun garamitti na geessa?’ jedhii of gaafadhu. Takka dhaabbattee wanta “dhuma irratti” si irra gaʼu yaaduun kee qofti, wanta yeroo booda miidhaa cimaa sirraan geessisuu dandaʼu irraa of eeguuf si gargaara. Namoonni akeekkachiisa Waaqayyoo fudhachuu didan, Eedsii fi dhukkuboota saalqunnamtiidhaan daddarban kan birootiif, utuu hin barbaadin ulfaaʼuuf, ulfa baasuuf, diigamuu maatiitiif, ceephoo sammuu fi rakkoowwan kkf saaxilamu. Phaawulos ergamaan namoonni halalummaa raawwatan dhumni isaanii maal akka taʼe ifatti yommuu dubbatu, “Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan” jedheera.—1 Qorontos 6:9, 10.
Dargaggootaa——Dubbii Waaqayyootiin Geggeeffamaa
15 Amanamummaan Waaqayyoof qabdan caalaatti kan qoramu, yommuu kophaa taatanimoo yommuu namootaa wajjin taatan isinitti fakkaata? Yommuu mana barumsaa ykn bakka hojii jirtan, karaa hafuuraa of eeggannoo guddaa akka gootan beekamaadha. Balaa hafuuraa gaʼuu dandaʼu dammaqinaan eeggattu. Ejjennoon keessan caalaatti balaadhaaf kan saaxilamu, yommuu of eeggannoo keessan laaffistanittidha.
16 Yommuu kophaa taatanittillee Yihowaadhaaf abboomamuu barbaaduu kan qabdan maaliifi? Yihowaa gaddisiisuu ykn gammachiisu akka dandeessan yaadadhaa. (Uma. 6:5, 6; Fak. 27:11) Yihowaan, “isiniif waan yaaduuf” gocha keessanitti gammaduu ykn gadduu dandaʼa. (1 Phe. 5:7) Isa dhaggeeffachuudhaan faayidaa akka argattan barbaada. (Isa. 48:17, 18) Israaʼeloonni tajaajiltoota Yihowaa turan tokko tokko gorsasaa tuffachuunsaanii isa aarsee ture. (Far. 78:40, 41) Karaa garabiraammoo, Yihowaan Daaniʼel Raajicha baayʼee waan jaallateef, ergamaan tokko “Nama guddaa jaallatamaa” jedhee isa waameera. (Dan. 10:11) Maaliif? Daaniʼel namoota duratti qofa utuu hin taʼin, yommuu kophaasaa taʼuttis amanamaa waan tureefidha.—Daaniʼel 6:10 dubbisi.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 11/15 11 key. 2
Karaa Jaalala Akka Qabnu Argisiisuun Dhaggeeffachuu
Michoonni Iyyoob yoo xinnaate haasaawwan isaa gara kudhanii taʼan dhagaʼaniiru. Taʼus, Iyyoob “Maal taʼa namni tokko utuu na dhagaʼee!” jedhee ture. (Iyyoob 31:35) Maaliif? Akkaataan isaan itti isa dhaggeeffatan waan isa hin jajjabeessineefi. Iyyoobiif hin yaanne, miira isaas isaaf hin hubanne. Michoonni isaa kun akka namoota garaadhaa nama dhaggeeffatanii rakkina isaa isaaf hin hubanne. Haa taʼu malee Pheexiros ergamaan gorsa, “Hundi keessan yaadaan tokkummaa qabaadhaa, miira walii hubadhaa, jaalala obbolummaa qabaadhaa, gara laafina qabaadhaa, akkasumas kan gad of qabdan taʼaa” jedhu kenneera. (1 Pheexiros 3:8) Maarree miira namootaa akka hubannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko, miirri isaaniitti dhagaʼamu akka nu yaaddessuu fi miira isaanii akka hubanne argisiisuudhaani. Miira isaanii akka hubanne argisiisuuf akkana jechuu dandeenya: “Baayʼee nama gaddisiisa” ykn “Namoonni karaa dogoggoraatiin akka si hubatan sitti dhagaʼamee taʼuu qaba.” Karaan inni biraammoo, wanta namni sun nutti hime jecha mataa keenyaan irra deebinee dubbachuudhaan miira isaa akka hubanne argisiisuu dandeenya. Karaa jaalala akka qabnu argisiisuun dhaggeeffachuu jechuun, jechoota qofa dhaggeeffachuu utuu hin taʼin, miira nama sanaas hubachuu jechuudha.