Amala Of Toʼachuu Horadhaa
“Firiin hafuuraa . . . of toʼachuu dha.”—GAL. 5:22, 23.
1, 2. (a) Of toʼachuu dadhabuun miidhaa akkamii geessisuu dandaʼa? (b) Yeroo ammaatti waaʼee of toʼachuu mariʼachuun kan barbaachise maaliifi?
OF TOʼACHUUN amala Yihowaan jaallatu dha. (Gal. 5:22, 23) Yihowaa qofatu guutummaatti of toʼachuu dandaʼa. Namoonni garuu cubbuu kan dhaalan waan taʼaniif, of toʼachuuf qabsoo gochuu qabu. Rakkoowwan yeroo ammaatti namoota mudatan hedduun of toʼachuu dadhabuu irraa kan maddani dha. Kun immoo mana barumsaatti ykn bakka hojiitti hojii duubatti harkisuu fi hamma eegamu hojjechuu dadhabuu geessisuu dandaʼa. Akkasumas arrabsoo, machii, lola, gaaʼela diiguu, liqii hin barbaachisne keessa galuu, araadaan qabamuu, hidhamuu, jeequmsa miiraa, dhukkuba saalqunnamtiidhaan daddarbuun qabamuu fi utuu hin barbaadin ulfaaʼuu geessisuu dandaʼa.—Far. 34:11-14.
2 Namoonni of toʼachuu hin dandeenye of irrattis taʼe namoota kaan irratti rakkina akka uuman beekamaa dha. Rakkinni of toʼachuu dadhabuu ittuma caalaa deemaa jira. Baroota 1940mmaniitti of toʼachuu irratti qorannoon godhamee kan ture siʼa taʼu, qorannaan dhiheenyatti godhame immoo namoonni caalaatti of toʼachuu dadhabaa akka dhufan argisiisa. Kun garuu barattoota Dubbii Waaqayyoo kan dinqisiisu miti; sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun ragaawwan “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirruu argisiisan keessaa tokko namoonni “kan of hin toʼanne” akka taʼan raajii dubbachuu isaa ti.—2 Xim. 3:1-3.
3. Kiristiyaanonni amala of toʼachuu horachuu kan qaban maaliifi?
3 Amala of toʼachuu horachuudhaaf xiyyeeffannaa kennuu kan qabdu maaliifi? Sababiiwwan barbaachisoo lama ilaali. Tokkoffaa, namoonni miira isaanii toʼachuu dandaʼan walumaa galatti warra kaan caalaa rakkinni guddaan isaan mudatu muraasa dha. Warra kaan caalaa miirri isaanii tasgabbaaʼaa dha, walitti dhufeenya gaarii uumuu dandaʼu, akkasumas namoota miiraan gaggeeffaman irraa haala adda taʼeen dafanii kan hin aaree fi kan hin dhiphannee dha. Lammaffaa, qorumsa dandamachuu fi miira ofii toʼachuun Waaqayyoo biratti fudhatama argachuuf murteessaa dha. Addaamii fi Hewwaan kana utuu hin godhin hafuun isaanii kun dhugaa taʼuu isaa argisiisa. (Uma. 3:6) Akkasumas amala barbaachisaa taʼe kana horachuu dhiisuu isaaniitiin kan kaʼe, wanta gaddisiisaa sanyiiwwan isaanii tokko tokko irra gaʼe yaadi.
4. Nama of toʼachuun baayʼee isa rakkisu tokko maaltu jajjabeessuu dandaʼa?
4 Namni cubbuu dhaale kam iyyuu guutummaatti of toʼachuu hin dandaʼu. Yihowaan walʼaansoo tajaajiltoonni isaa gama kanaan godhan ni hubata; amala cubbuu akka hojjetan dhiibbaa isaan irratti godhu kana akka toʼatan isaan gargaarus ni barbaada. (1 Mot. 8:46-50) Michuu jaalala qabu waan taʼeef, namoota qajeeloo isa tajaajiluu barbaadan, garuu immoo kallattii jireenya isaanii tokko tokko keessatti of toʼachuu irratti rakkina guddaa qaban ni jajjabeessa. Mee gama kanaan Yihowaan akkamitti fakkeenya gaarii akka nuuf taʼu haa ilaallu. Achiis fakkeenyota gaarii fi gadhee Kitaaba Qulqulluu keessa jiran irraa barumsa argannu qorra. Akkasumas yaadawwan gaggaarii amala of toʼachuu cimsachuuf nu gargaaran tokko tokko ilaalla.
YIHOWAAN FAKKEENYA TAʼEERA
5, 6. Of toʼachuu wajjin haala wal qabateen Yihowaan fakkeenya akkamii kaaʼeera?
5 Yihowaan guutummaatti of toʼachuu dandaʼa; wanti inni hojjetu hundis mudaa hin qabu. (Kes. 32:4) Nuti garuu mudaa qabna. Kanaafuu, amalli of toʼachuu maal akka taʼe hubachuu fi caalaatti isa fakkaachuuf, fakkeenya Yihowaan nuuf kaaʼe qoruun nu barbaachisa. Fakkeenyonni Yihowaan akka of toʼatu argisiisan tokko tokko kamfaʼi?
6 Mee Yihowaan yommuu Seexanni fincila kaasetti akka of toʼatu kan argisiise akkamitti akka taʼe yaadaa. Rakkinni kun furmaata argachuu qaba ture. Mormiin Seexanni kaase uumamawwan samii Waaqayyoof amanamoo taʼan gidduutti aarii guddaanii fi tuffiin akka uumamuu godhee akka ture hin shakkisiisu. Tarii atis dhiphina Seexanni uumee hunda yeroo yaadu akkuma isaanii sitti dhagaʼama taʼa. Taʼus, Yihowaan ariitiidhaan tarkaanfii hin fudhanne. Murtoon inni godhe sirrii ture. Yihowaan fincila Seexanni kaaseef furmaata kennuu irratti aariitti suuta jedhaa fi haqa qabeessa akka taʼe argisiiseera. (Bau. 34:6; Iyo. 2:2-6) Maaliif? Yihowaan namoonni “hundumtuu yaada akka geddaratan malee,” namni tokko illee akka badu waan hin barbaanneef yeroon akka darbu heyyameera.—2 Phe. 3:9.
7. Fakkeenya Yihowaa irraa maal baranna?
7 Amalli of toʼachuu Yihowaan argisiise, nutis dubbii fi tarkaanfii keenya qoruu akka qabnu nu barsiisa; ariifannee wanta tokko gochuu hin qabnu. Dhimmi guddaan tokko yeroo si mudatu, ogummaadhaan tarkaanfii fudhachuuf yeroo fudhate irratti yaadu qabda. Ogummaa wanta sirrii taʼe dubbachuu ykn raawwachuuf si gargaaruu argachuuf kadhadhu. (Far. 141:3) Yeroo aarru salphaadhumatti miiraan kakaanee tarkaanfii fudhachuu dandeenya. Baayʼeen keenya wanta ariitiidhaan dubbannee ykn raawwanneen kan kaʼe yeroo baayʼee ni gaabbina!—Fak. 14:29; 15:28; 19:2.
NAMOOTA FAKKEENYA GAARII TAʼANII FI NAMOOTA FAKKEENYA GADHEE TAʼAN
8. (a) Namoota amalawwan Waaqayyoon gammachiisan qabaachuudhaan fakkeenya taʼan eessaa arganna? (b) Yoseef yeroo haati manaa Phoxiifaar ishii wajjin akka ejju gochuuf yaaltetti tarkaanfii sirrii fudhachuuf maaltu isa gargaare? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
8 Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu of toʼachuun faayidaa akka qabu ibsan kamfaʼi? Namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi yeroo qorumsi isaan irra gaʼetti of toʼatan hedduu akka yaadattan hin shakkisiisu. Isaan keessaa tokko Yoseef isa ilma Yaaqoob taʼe dha. Yoseef, yeroo mana Phoxiifaar isa ajajuu eegdota Faraʼoon ture keessa tajaajilaa turetti akka of toʼatu argisiiseera. Haati manaa Phoxiifaar, Yoseef isa ‘dhaabbii toluu fi ija namaatti miidhagu’ irra ija ishii buusuudhaan, ishii wajjin akka ejju isa sossobuuf yaaltee turte. Yoseef dhibbaa ishiin irra deddeebitee isa irratti gooteef akka hin moʼamne wanti isa gargaare maali dha? Ejjennoo isaa yoo laaffise miidhaan akkamii isa irra gaʼuu akka dandaʼu yeroo fudhatee akka irratti yaade beekamaa dha. Haalli isaa sadarkaa sodaachisaa irra yommuu gaʼu garuu ishii dhiisee baqate. Yoseef, “Ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” jedhee ture.—Uma. 39:6, 9; Fakkeenya 1:10 dubbisi.
9. Qorumsa moʼuuf of qopheessuu kan dandeessu akkamitti?
9 Fakkeenyi Yoseef maal nu barsiisa? Seera Waaqayyoo akka cabsinu qorumsi yommuu nu irraa gaʼu baqachuu akka qabnu baranna. Namoonni yeroo ammaatti Dhugaa Baatota taʼan kanaan dura, gar malee kan nyaatan, gar malee kan dhugan, tamboo kan xuuxan, qoricha sammuu namaa hadoochu kan fudhatan, halalummaa fi wantoota kana fakkaatan kan raawwatan turan. Erga cuuphamanii booda illee, yeroo tokko tokko gocha isaanii isa duriitti deebiʼuuf qoramu taʼa. Seerawwan Yihowaa keessaa tokko cabsuuf qoramtee beekta yoo taʼe, miira cubbuu akka raawwattu si kakaasu yoo toʼachuu dhiiste miidhaa cimaa karaa hafuuraa si irra gaʼu irratti yeroo fudhadhuu yaadiitii of jabeessi. Haalawwan qorumsa sitti fiduu dandaʼan dursitee yaaduu fi akkamitti qorumsa sana irraa fagaachuu akka dandeessu murteessuu dandeessa. (Far. 26:4, 5; Fak. 22:3) Qorumsi akkasii yoo si mudate, Yihowaan ogummaa fi amala of toʼachuu qorumsicha moʼuuf si gargaaru akka siif kennu gaafachuu qabda.
10, 11. (a) Dargaggoonni hedduun mana barumsaatti dhiibbaa akkamiitu isaan irra gaʼa? (b) Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan dhiibbaa gocha gadhee akka raawwatan isaan irra gaʼu moʼuuf maaltu isaan gargaara?
10 Dargaggoonni Kiristiyaana taʼan hedduun qorumsi akka Yoseef isaan mudata. Fakkeenya Kiimberlii haa ilaallu. Ijoolleen kutaa ishii baratan saalqunnamtii dhuma torbanitti raawwatan dubbachuudhaan of jaju turan. Kiimberliin garuu muuxannoo akkasii hin qabdu turte. Warra kaan irraa adda taʼuun ishii yeroo tokko tokko, “akka hin barbaadamnee fi kophaa akka taate” akka ishiitti dhagaʼamu gochuu isaa ifatti dubbatteetti; jaalallee waa hin qabneef hiriyoonni ishii gowwaa akka taatetti ishii ilaalu turan. Taʼus, Kiimberliin yeroo dargaggummaatti saalqunnamtii raawwachuun qorumsa guddaa taʼuu akka dandaʼu hubattee turte. (2 Xim. 2:22) Ijoolleen ishii wajjin baratan yeroo baayʼee amma iyyuu durba taʼuuf dhiisuu ishii ishii gaafatu turan. Kunis sababii saalqunnamtii itti raawwanne ibsuuf carraa ishiidhaaf baneera. Dargaggoota Kiristiyaanaa dhiibbaa ejja akka raawwatan isaan irra gaʼu moʼuuf kutatanitti ni boonna, Yihowaanis isaanitti ni boona!
11 Kitaabni Qulqulluun namoota saalqunnamtii wajjin haala wal qabateen of toʼachuu dadhabuudhaan akeekkachiisa taʼan ni ibsa. Kana malees, miidhaa gaddisiisaa amalli toʼannaadhaa ala taʼe kun geessise ni dubbata. Namni haalli Kiimberlii wajjin wal fakkaatu irra gaʼaa jiru kam iyyuu, haala dargaggeessa gowwaa Fakkeenya boqonnaa 7 irratti ibsame irratti xiinxaluun isaa gaarii dha. Akkasumas, wanta Amnoon raawwatee fi miidhaa guddaa gochi isaa kun geessise yaadaa. (2 Sam. 13:1, 2, 10-15, 28-32) Warri waaqeffannaa maatii isaanii irratti seenaawwan Kitaaba Qulqulluu olitti caqasamanitti fayyadamanii, ijoolleen isaanii saala faallaatti michoomuu ilaalchisee of toʼachuu fi ogummaa akka qabaatan isaan gargaaruu dandaʼu.
12. (a) Yoseef obboloota isaa wajjin haala wal qabateen miira isaa kan toʼate akkamitti? (b) Haalawwan akkamii keessatti miira keenya toʼachuu qabna?
12 Yeroo kan biraattis, Yoseef of toʼachuu irratti fakkeenya gaarii nuuf taʼeera. Yoseef yommuu obboloonni isaa midhaan bituu gara Gibxii isa bira dhaqanitti wanta garaa isaanii keessa jiru beekuuf eenyummaa isaa dhoksee ture. Miira isaa toʼachuu yommuu dadhabetti garuu, imimmaan isaa dhoksuuf gara kutaa mana isaatti ol gale. (Uma. 43:30, 31; 45:1) Kiristiyaanni isin faana waaqeffatu ykn namni isin jaallattan wanta sirrii hin taane yoo godhe, akkuma Yoseef gochuun keessan miiraan kakaatanii tarkaanfii fudhachuu irraa isin eega. (Fak. 16:32; 17:27) Firoota gumiidhaa baafaman yoo qabaattan, utuu hin barbaachisin isaanii wajjin wal arguu irraa of qusachuuf miira keessan toʼachuun isin barbaachisa. Haala akkasii keessatti of toʼachuun ulfaataa taʼus, gochi keenya fakkeenya Waaqayyoo fi gorsa isaa wajjin kan wal simu taʼuu isaa yoo hubanne of toʼachuun salphaa nuuf taʼa.
13. Seenaa waaʼee Daawit Mootichaa dubbatu irraa maal baranna?
13 Kitaabni Qulqulluun fakkeenya gaarii Daawit Mootichaas qabateera. Daawit aangoo guddaa kan qabu taʼus, yeroo Saaʼolii fi Shimeʼiin isa aarsuuf yaalanitti miiraan kakaʼee tarkaanfii fudhachuu irraa of qusateera. (1 Sam. 26:9-11; 2 Sam. 16:5-10) Kana jechuun Daawit yeroo hunda of toʼata ture jechuu miti; kanas cubbuu inni Baat-Sheebaa wajjin raawwatee fi tarkaanfii inni jalqaba irratti Naabaal isa ofittoo taʼe irratti fudhachuuf ture irraa hubachuu dandeenya. (1 Sam. 25:10-13; 2 Sam. 11:2-4) Haa taʼu malee, Daawit irraa barumsa hedduu baranna. Tokkoffaa, keessumaa ilaaltonni ol aanaa saba Waaqayyoo gidduu jiran aangoo isaanii karaa dogoggoraatiin akka itti hin fayyadamneef of toʼachuu qabu. Lammaffaa, namni kam iyyuu qorumsi akka isa irra hin geenye yaaduudhaan callisee taaʼuu hin qabu.—1 Qor. 10:12.
WANTA GOCHUU DANDEENYU
14. Haalli obboleessa tokko mudatee ture maali dha? Nuti hoo yommuu haalli akkasii nu mudatu deebiin kenninu murteessaa kan taʼe maaliifi?
14 Of toʼachuu irratti fooyyaʼiinsa gochuuf maal gochuu dandeessa? Mee wanta raawwatame kana ilaalaa. Konkolaataan tokko konkolaataa Luuʼeejee karaa duubaa rukute. Konkolaachisaan sun balleessaan isaa kan isaa taʼus, Luuʼeejee arrabsuudhaan isa loluuf yaalii godhe. Luuʼeejeen Yihowaan akka isa tasgabbeessu kadhateera; akkasumas yaaliin isaa buʼaa buusuu baatus konkolaachisaa sana tasgabbeessuuf yaalii godheera. Luuʼeejeen utuma namichi sun itti iyyuu lakkoofsa gabatee konkolaataa sanaa inshuuraansiitiif barbaachisu barreessuudhaan achii deeme. Torban tokko booda, Luuʼeejeen dubartii tokkoof deddeebii gaaffii yommuu godhu, abbaan manaa dubartii sanaa konkolaachisaa sana taʼuu isaa hubate! Yeroo kanatti namichi kan qaanaʼe taʼuu isaa irra iyyuu, waan isatti iyyeef dhiifama isa gaafate. Achiis kaampaanii inshuraansii Luuʼeejee dhaqee dhimma isaa dafee isaaf raawwachiisuuf isa gaafate. Namichi sun maree isaanii irratti kan hirmaate siʼa taʼu, wanta dubbatanis akka dinqisiifatu ibse. Yeroo duuba deebiʼee ilaalu, Luuʼeejeen balaa gaʼe sana booda tasgabbaaʼuun isaa hangam barbaachisaa akka turee fi utuu of hin toʼanne taʼee miidhaan akkamii gaʼuu akka dandaʼu hubateera.—2 Qorontos 6:3, 4 dubbisi.
15, 16. Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu atis taate maatiin kee amala of toʼachuu akka horattan kan isin gargaaru akkamitti?
15 Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan yeroo hunda qoʼachuun, Kiristiyaanni tokko amala of toʼachuu akka guddifatu isa gargaaruu dandaʼa. Waaqayyo Iyaasuudhaan akkana jechuu isaa yaadadhu: “Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin! Halkanii fi guyyaas waaʼee isaa yaadi! Karaan kee akka siif qajeelutti, wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi!” (Iya. 1:8) Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun amala of toʼachuu guddifachuuf kan si gargaaru akkamitti?
16 Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu olitti ilaalle irraa, of toʼachuun faayidaa maalii akka qabu, of toʼachuu dhiisuun immoo miidhaa akkamii akka gessisu hubanneerraa. Yihowaan sababii seenaawwan kun akka galmeeffaman itti godhe qaba. (Rom. 15:4) Seenaawwan kana dubbisuun, irratti xiinxaluu fi qoʼachuun keenya baayʼee gaarii dha! Atis taate maatiin kee hojii irra oolchuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe hubachuuf yaali. Yihowaan Dubbii isaa hojii irra oolchuuf akka si gargaaru isa kadhadhu. Amala of toʼachuu argisiisuu irratti gama tokko tokkoon hirʼina akka qabdu yoo hubatte, dadhabbii kee kana amanii fudhadhu. Achiis waaʼee isaa kadhannaa dhiheessuudhaan, akkamitti fooyyessuu akka dandeessu hubachuuf yaali. (Yaq. 1:5) Barreeffamoota keenya irratti qorannaa yoo goote, barreeffamoota gama kanaan gargaarsa dabalataa siif godhan akka argattu beekamaa dha.
17. Warri ijoolleen isaanii amala of toʼachuu akka horatan isaan gargaaruu kan dandaʼan karaawwan kamiini?
17 Warra kan taatan, ijoolleen keessan amala of toʼachuu akka horatan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Warri, ijoolleen uumamumaan amala kana akka hin arganne beekuu qabu. Kanaaf, warri ijoolleen isaanii amala gaarii kana akka horatan fakkeenya isaaniitiin isaan barsiisuu qabu. (Efe. 6:4) Ijoolleen keessan miira isaanii toʼachuun akka isaan rakkisu yoo hubattan, ‘Fakkeenya gaarii isaaniif taʼaan jiraa?’ jedhaa of gaafadhaa. Faayidaa guddaa yeroo hunda tajaajila baʼuun, walgaʼiiwwan irratti argamuu fi waaqeffannaa maatii geggeessuun keessan qabu hin dagatinaa. Yeroo barbaachisaa taʼutti wanta ijoolleen keessan gaafatan ‘lakki’ jechuu hin sodaatinaa! Yihowaan, Addaamii fi Hewwaaniif daangaa aangoo isaatiif ilaalcha sirrii akka qabaatan isaan taasisu kaaʼee ture. Haaluma walfakkaatuun, sababii warri ijoollee isaanii itti adabanii fi fakkeenya itti taʼan ijoolleen amala of toʼachuu akka qabaatan gargaaruu dha. Ijoolleen keessan aangoo Waaqayyo qabu akka jaallatanii fi ulaagaa qajeelinaa inni baase akka kabajan gochuun, amalawwan baayʼee barbaachisoo ijoolleen keessan akka qabaatan barbaaddan keessaa muraasa isaanii ti.—Fakkeenya 1:5, 7, 8 dubbisi.
18. Michoota gaarii qabaachuun eebba akka argamsiisu amanannaa akka qabaattu kan si taasisu maali dha?
18 Dhugaa dha, warra taatanis taʼuu baattanis, barbaachisummaa namoota michoota godhattan ogummaadhaan filachuun qabu dagachuu hin qabdan. Michoota galmawwan gaarii taʼan akka baafattuu fi rakkina keessa akka hin galle si jajjabeessan filadhu. (Fak. 13:20) Michoonni ilaalcha hafuuraa qaban dhiibbaa gaarii si irratti geessisuudhaan, akkaataa jireenyaa isaanii isa amala of toʼachuudhaan beekamu akka hordoftu si kakaasu. Amalli gaariin ati qabdu michoota kees akka jajjabeessu hin shakkisiisu. Amala of toʼachuu qabaachuun, jireenya Waaqayyo duratti fudhatama qabu jiraachuu fi michoota kee wajjin yeroo gaarii dabarsuuf baayʼee barbaachisaa dha.