“Abbaan Firdii Guutummaa Biyya Lafaa” Yoom Iyyuu Wanta Sirrii Raawwata
“Inni kattaa jabaa dha, wanti inni godhus mudaa hin qabu, karaan isaa hundinuus qajeelaa dha.”—KES. 32:4.
1. Abrahaam ilaalcha Yihowaan haqaaf qabu irratti amantii akka qabu kan ibse akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
“ABBAAN FIRDII guutummaa biyya lafaa, firdii taʼu in kenna mitii ree?” (Uma. 18:25) Abrahaam gaaffii kana gaafachuudhaan, Yihowaan Sodoomii fi Gomoraa ilaalchisee murtoo haqa irratti hundaaʼe akka kennu amanannaa akka qabu ibseera. Abrahaam, Yihowaan ‘nama qajeelaa isa jalʼaa wajjin ajjeesuudhaan’ haqa akka hin jalʼisne mirkanaaʼaa ture. Kun Abrahaamiif waan hin yaadamne ture. Gara waggaa 400 booda Yihowaan waaʼee ofii isaa yeroo dubbatu akkana jedheera: “Inni kattaa jabaa dha, wanti inni godhus mudaa hin qabu, karaan isaa hundinuus qajeelaa dha, inni Waaqayyo amanamaa dha, jalʼinnis isa keessa hin jiru, inni dhuga-qabeessaa fi qajeelaa dha.”—Kes. 31:19; 32:4.
2. Yihowaa bira jalʼinni hin jiru kan jennu maaliifi?
2 Abrahaam, Yihowaan yoom iyyuu murtoo haqa irratti hundaaʼe kenna jedhee dubbachuuf kan isa dandeessise maali dha? Yihowaan haqaa fi qajeelummaa raawwachuudhaan fakkeenya hunda caalu waan taʼeefi. Kanaaf, Yihowaan qajeelummaa ilaalchisee fakkeenya hunda irra caalu waan taʼeef, karaan inni itti wantoota madaalu yeroo hundumaa sirrii dha. Kana malees, Dubbiin isaa akka jedhutti, “inni qajeelummaa fi [haqa, NW] in jaallata.”—Far. 33:5.
3. Jalʼina haqaa addunyaa kana keessa jiru ilaalchisee fakkeenya kenni.
3 Namoonni garaa qajeelaa qaban, addunyaa kana keessa jalʼinni waan guuteef, Yihowaan yoom iyyuu haqa akka raawwachiisu beekuun isaanii isaan jajjabeessa. Yeroo harʼaatti, namoota tokko tokko irratti jalʼinni ni raawwatama. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko balleessaa isaanii malee itti murteeffamee mana hidhaa seenu. Tokko tokko yakka tokko iyyuu utuu hin raawwatin waggoota kudhaniin lakkaaʼaman mana hidhaa keessatti erga dabarsanii booda ragaa qorannaa DNAtiin bilisa baʼu. Haala akkasiitiin mana hidhaa seenuun kan nama gaddisiisuu fi kan nama aarsu taʼus, Kiristiyaanota irra immoo jalʼinni haqaa baayʼee ulfaataa taʼe kan biraan isaan irra gaʼuu dandaʼa.
GUMII KEESSATTI
4. Amantiin Kiristiyaana tokkoo akkamitti qoramuu dandaʼa?
4 Kiristiyaanonni namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane irraa jalʼinni haqaa akka isaan mudatu ni eegu. Haa taʼu malee, gumii Kiristiyaanaa keessatti haqni yeroo jalʼatu yoo argine ykn yoo nu irratti raawwatame amantiin keenya qoramuu dandaʼa. Gumii keessatti ykn walitti dhufeenya Kiristiyaana tokkoo wajjin qabdu irratti wanti sirrii hin taane akka si irratti raawwatame yoo sitti dhagaʼame maal goota? Haalli akkanaa akka si gufachiisu ni heyyamtaa?
5. Kiristiyaanni tokko gumii keessatti jalʼinni haqaa yommuu raawwatamu yoo arge ykn yoo isa irra gaʼe nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?
5 Hundi keenya iyyuu, hirʼina waan qabnuuf jalʼinni haqaa nu irratti raawwatamuu, akkasumas nama gumii keessa jiru kan biraa irratti haqa jalʼisuun keenya hin oolu. (1 Yoh. 1:8) Haalli akkanaa yeroo baayʼee kan hin uumamne taʼus, yeroo haqni jalʼatu Kiristiyaanni tokko gufachuun isaa nu hin dinqisiisu. Yihowaan namoonni hidhata amantii keenyaa taʼan wanta sirrii hin taane yoo nu irratti raawwatan, amanamummaa keenya akka eeggannu nu gargaaruuf Dubbii isaa keessatti gorsa hojii irra ooluu dandaʼu kan nuuf kenne kanaafi.—Far. 55:12-14.
6, 7. Gumii keessatti obboleessa tokko irratti jalʼina haqaa akkamiitu raawwatame? Amalawwan kamfaatu isa gargaare?
6 Muuxannoo Wiilii Deel haa ilaallu. Obboleessi keenya Deel bara 1931 irraa eegalee Betʼel isa Bern, Siwiizarlaanditti argamutti amanamummaadhaan tajaajileera. Bara 1946tti, Niiwu Yoorki, Yunaayitid Isteetisitti Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa saddeettaffaa irratti hirmaateera. Erga eebbifamee booda Siwiizarlaandi keessatti hojii daawwannaa akka hojjetu ramadame. Obboleessi keenya Deel seenaa jireenyaa isaa irratti, “Caamsaa 1949tti, gaaʼela godhachuuf karoora akkan qabun waajjira muummee Bernitti argamuttin beeksise” jedheera. Waajjira kana irraa deebii akkamiitu isaaf dhufa laata? “Kana booda qajeelchaa yeroo hundaa akkan taʼuu fi mirgi kan biraan akka naaf hin kennamne natti himame” jedheera. Obboleessi keenya Deel itti fufuudhaan akkana jedhe: “Haasaa dhiheessuun naaf hin heyyamamu ture . . . Obboloonni hedduunis akkuma nuti gumiidhaa baafamnetti nu ilaaluudhaan nagaa nu hin gaafatan turan.”
7 Obboleessi keenya Deel yeroo kanatti maal godhe? Akkana jedheera: “Haa taʼu malee, gaaʼela godhachuun dogoggora akka hin taane beekna ture; kanaaf kadhannaa irratti kan xiyyeeffanne siʼa taʼu, Yihowaatti amanamneerra.” Yeroo booda, ilaalchi dogoggoraa gaaʼela ilaalchisee turee fi haqni akka jalʼatu godhe sun kan jijjiirame siʼa taʼu, obboleessi keenya Deel mirga tajaajilaa isaa deebisee argateera. Yihowaadhaaf amanamaa taʼuun isaa isa kiiseera.a Nutis akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha; ‘Jalʼinni haqaa akkanaa utuu na mudatee ilaalcha hafuuraa akkasii akkan qabu nan argisiisaa? Obsaanan Yihowaa eeggadha moo karaa mataa koo furmaata itti kennuufan yaala?’—Fak. 11:2; Miikiyaas 7:7 dubbisi.
8. Si irrattis taʼe nama kan biraa irratti jalʼinni haqaa akka raawwatame dogoggoraan yaaduu kan dandeessu maaliif taʼuu dandaʼa?
8 Gama biraatiin immoo yeroo tokko tokko jalʼinni haqaa si irratti ykn nama gumii keessa jiru tokko irratti akka raawwatame dogoggoraan yaadda taʼa. Kun kan taʼu, ilaalcha keenya isa mudaa qabuun ykn dhimma sana ilaalchisee odeeffannoo guutuu waan hin qabneef taʼuu dandaʼa. Dhimmicha ilaalchisee hubannaan nuti qabnu sirriis taʼe dogoggora, Yihowaatti amanamuudhaan isa kadhachuunii fi amanamoo taʼuun keenya, ‘Waaqayyoon komachuu’ irraa nu eega.—Fakkeenya 19:3 dubbisi.
9. Mata duree kanaa fi isa itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?
9 Mee jalʼina haqaa bara duriitti saba Yihowaa gidduutti raawwatamee ture ilaalchisee fakkeenya sadii haa ilaallu. Mata duree kana keessatti akaakilii Abrahaam kan taʼe Yoseefii fi wanta obboloota isaa wajjin haala wal qabateen isa mudatee ture ilaalla. Mata duree itti aanu irratti immoo wanta Yihowaan Mootii Israaʼel kan ture Ahaabii wajjin haala wal qabateen raawwatee fi wanta Sooriyaa ishii Anxokiyaatti Pheexiros ergamaa mudate ilaalla. Fakkeenyota kana yeroo ilaallutti, barumsawwan keessumaa yeroo jalʼinni haqaa waan isin irratti raawwatame isinitti fakkaatutti, wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuu fi hariiroo Yihowaa wajjin qabdan cimsachuuf isin gargaaran argachuuf yaalaa.
YOSEEF IRRATTI JALʼINNI HAQAA RAAWWATAMEERA
10, 11. (a) Jalʼina haqaa akkamiitu Yoseef irra gaʼe? (b) Yoseef mana hidhaa keessa yeroo turetti carraa akkamiitu uumame?
10 Yoseef isa tajaajilaa Yihowaa amanamaa ture irra jalʼinni haqaa gaʼee ture; kan nama gaddisiisu jalʼinni kun namoota alaa irraa qofa utuu hin taʼin, obboloota isaa irraas isa irra gaʼeera. Yeroo Yoseef umurii waggoota kurnanii xumuruuf jedhutti obboloonni isaa isa qabanii garbummaatti isa gurguran. Achiis dirqamaan gara Gibxiitti geeffame. (Uma. 37:23-28; 42:21) Biyya ormaa keessatti yeroo muraasa erga dabarsee booda dubartii tokko akka gudeede himatamee balleessaa isaa malee mana hidhaa seene. (Uma. 39:17-20) Yoseef garbummaadhaan, akkasumas mana hidhaatti gara waggaa 13 dabarseera. Nama hidhata amantii keenya taʼe irraa jalʼinni haqaa yoo nu mudate muuxannoo Yoseef irraa barumsa akkamii arganna?
11 Yoseef wanta isa mudate nama isaa wajjin hidhamee ture tokkotti himuuf carraa argateera. Namni isaa wajjin hidhame kun eegduu warra dhugaatii mootichaa dhiheessanii ture. Yoseefii fi eegduun kun mana hidhaa keessa utuu waliin jiranii dhugaatii dhiheessituun sun abjuu tokko kan abjoote yeroo taʼu, Yoseef immoo isaaf hiike. Yoseef dhugaatii dhiheesiituun kun mana hidhaatii baʼuudhaan mana mootummaa Faraʼoon keessatti aangoo duraan qabutti akka deebiʼu itti hime. Yoseef abjuu kana gargaarsa Waaqayyootiin erga hiikeefii booda, carraa kanatti fayyadamee haala isa mudate dubbate. Wanta Yoseef dubbate irraa qofa utuu hin taʼin wanta inni hin dubbanne irraas barumsa gaarii arganna.—Uma. 40:5-13.
12, 13. (a) Wanti Yoseef dhugaatii dhiheessituu sanatti hime wanta isa irra gaʼe callisee akka hin ilaalle kan argisiisu akkamitti? (b) Yoseef wanta isa mudate yeroo dhugaatii dhiheessituu sanatti himetti waaʼee maalii hin dubbanne?
12 Uumama 40:14, 15 dubbisi. Yoseef ‘hatameen dhufe’ jechuu isaa hubadhaa. Jalʼinni haqaa isa irratti raawwatamee akka ture beekamaa dha. Kana malees, Yoseef yakka itti himatamee mana hidhaa itti gale akka hin raawwanne ifatti dubbateera. Kana irraa kaʼuudhaan, eegduun warra dhugaatii dhiheessanii sun waaʼee isaa mootichatti akka dubbatu isatti hime. Maaliif? ‘Mana hidhaa sana keessaa akka isaa baasisuuf’ ture.
13 Yoseef homaa gochuu akka hin dandeenye yaaduudhaan, harka maratee taaʼeeraa? Lakki. Yeroo garaa garaatti jalʼinni haqaa akka isa irratti raawwatame akka gaariitti beeka ture. Wanta isa mudate dhugaatii dhiheessituu isa tarii isa gargaaruu dandaʼutti himeera. Haa taʼu malee, Yoseef kan isa gurgure obboloota isaa taʼuu isaanii Faraʼooniin illee dabalatee nama tokkotti iyyuu akka hime Kitaabni Qulqulluun akka hin dubbanne hubadhaa. Obboloonni Yoseef isaa wajjin erga araaramanii booda, Faraʼoon isaan simachuudhaan ‘guutummaa biyyattii keessaa isa caalu’ akka filatan godhee Gibxii keessa akka jiraatan isaan afeeree ture.—Uma. 45:16-20.
14. Gumii keessatti jalʼinni haqaa yoo nu mudate wanta sirrii hin taane dubbachuu irraa kan nu eegu maali dha?
14 Kiristiyaanni tokko jalʼinni haqaa akka isa irratti raawwatame yoo isatti dhagaʼame, hamii irraa of qusachuu qaba. Dhugaa dha, miseensi gumii tokko dogoggora cimaa yoo raawwate jaarsolii irraa gargaarsa gaafachuu fi isaan beeksisuun isaa sirrii dha. (Lew. 5:1) Haa taʼu malee, dogoggorri cimaan hin raawwatamne taanaan, jaarsolii illee dabalatee nama tokkotti iyyuu utuu hin himin dhimmichaaf furmaata kennuun ni dandaʼama. (Maatewos 5:23, 24; 18:15 dubbisi.) Wantoonni akkanaa yeroo uumaman dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundoofnee furmaata itti kennuu qabna. Tarii yeroo tokko tokko jalʼinni haqaa akka nu irratti hin raawwatamne nutti dhagaʼama taʼa. Maqaa obboloota keenyaa balleessuu dhiisuudhaan rakkinnichi caalaatti dabalaa akka deemu gochuu dhiisuun keenya baayʼee nama gammachiisa! Sirriis taane dogoggora, dubbii nama miidhu dubbachuun haalichaaf furmaata akka hin kennine yaadadhaa. Yihowaadhaafis taʼe obboloota keenyaaf amanamoo taʼuun keenya dogoggora akkanaa irraa nu eega. Faarfatichi waaʼee nama ‘balleessaa malee jiraatuu’ yeroo dubbatu, nama “arraba qaratee asii fi achi hin labne, nama nama irratti hamaa hin hojjenne, nama ollaa isaa hin ceephaane” akka taʼe ibseera.—Far. 15:2, 3; Yaq. 3:5.
HARIIROO KEESSAN ISA HUNDA CAALU YAADADHAA
15. Hariiroon Yoseef Yihowaa wajjin qabu eebba kan isaaf argamsiise akkamitti?
15 Hariiroo Yoseef Yihowaa wajjin qabu irraa barumsa guddaa argachuu dandeenya. Gara waggaa 13f rakkina keessa yeroo turetti illee, ilaalcha Yihowaan wantootaaf qabu akka qabu argisiiseera. (Uma. 45:5-8) Rakkina isa irra gaʼeef matumaa Yihowaa hin komanne. Miidhaa isa irra gaʼe kan hin daganne taʼus, rakkinichi jireenya isaa akka hadheessu hin heyyamne. Hunda caalaa immoo, hirʼinni ykn gochi dogoggoraa namoota kaanii Yihowaa irraa akka adda isa baasu hin heyyamne. Yoseef amanamaa taʼuun isaa Yihowaan jalʼina isa irratti raawwatame yeroo sirreessuu fi isas taʼe maatii isaa yeroo eebbisu arguuf isa dandeessiseera.
16. Gumii keessatti jalʼinni haqaa yoo nu mudate caalaatti Yihowaatti dhihaachuu kan qabnu maaliifi?
16 Haaluma wal fakkaatuun, nutis hariiroo Yihowaa wajjin qabnuuf iddoo guddaa kennuu fi eegumsa gochuu qabna. Hirʼinni obboloota keenyaa, Waaqa keenya isa jaallannuu fi waaqeffannu irraa akka adda nu baasu heyyamuu hin qabnu. (Rom. 8:38, 39) Kanaa mannaa, namoota hidhata amantii keenyaa taʼan irraa jalʼinni haqaa yoo nu mudate, ilaalcha Yihowaan wantootaaf qabu qabaachuuf carraaquudhaan akkuma Yoseef caalaatti isatti haa dhihaannu. Haalichaaf furmaata kennuuf karaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼeen hamma dandeenyu carraaqqii erga goonee booda, Yihowaan yeroo isaatti karaa mataa isaatiin akka sirreessu amanuudhaan harka Yihowaatti dabarsinee kennuu qabna.
‘ABBAA FIRDII GUUTUMMAA BIYYA LAFAATTI’ AMANAMAA
17. ‘Abbaa firdii guutummaa biyya lafaa’ irratti amanannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
17 Hamma sirna kana keessa jirrutti jalʼinni haqaa nu irratti raawwatamuun isaa hin oolu. Darbee darbee, atis taate namni ati beektu tokko gumii keessatti jalʼinni haqaa isin irratti raawwatamee ykn nama biraa irratti utuu raawwatamuu argitanii taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti akka hin gufanne of eeggadhu. (Far. 119:165) Kanaa mannaa, tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo waan taaneef, Yihowaadhaaf amanamoo haa taanu; kadhannaadhaan gargaarsa isaa gaafachuudhaanis isatti haa amanamnu. Odeeffannoo guutuu akka hin qabnes gad of deebisuudhaan amannee fudhachuu qabna. Tarii dogoggorri kun kan uumame wanta nuti dhimmichaaf ilaalcha dogoggoraa qabaanneef taʼuu dandaʼa. Fakkeenya Yoseef irraa akka barannutti immoo, rakkinichi caalaatti akka babalʼatu waan godhuuf dubbii nama miidhu dubbachuu irraa of qusachuu qabna. Dhuma irrattis, dhimmichaaf karaa mataa keenyaa furmaata kennuuf yaaluu mannaa, amanamoo taʼuu fi Yihowaan hamma dhimmichaaf furmaata kennutti obsaan eeguuf haa murteessinu. Kana kan goonu yoo taʼe, muuxannoo Yoseef irraa akkuma hubannetti, Yihowaa duratti fudhatama nuuf argamsiisa, akkasumas eebba isaa nuuf argamsiisa. Eeyyee, Yihowaan inni ‘abbaa firdii guutummaa biyya lafaa’ taʼe, ‘karaan isaa hundinuu qajeelaa’ waan taʼeef yoom iyyuu wanta sirrii taʼe raawwata.—Uma. 18:25; Kes. 32:4.
18. Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?
18 Mata duree itti aanu irratti, jalʼina haqaa bara duriitti saba Yihowaa gidduutti raawwatamee ture lama ilaalla. Seenaawwan kana ilaaluun keenya gad of qabuu fi dhiifama gochuuf fedhii qabaachuun, ilaalcha Yihowaan haqaaf qabuu wajjin kan wal qabate akka taʼe hubachuuf nu gargaara.
a Seenaa jireenyaa Wiilii Deel isa, “Yihowaan Waaqa Koo Isan Itti Amanamu dha” jedhu Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 1991 (Amaariffa) irraa dubbisi.