MATA DUREE QOʼANNAA 12
Miira Warra Kaaniitiif Akka Yaaddan Argisiisaa
“Hundi keessan . . . miira walii hubadhaa.”—1 PHE. 3:8.
FAARFANNAA 90 Wal Jajjabeessaa
QABIYYEEa
1. 1 Pheexiros 3:8 wajjin haala wal simuun, namoota miiraa fi nageenya keenyaaf yaadanii wajjin taʼuu kan jaallannu maaliifi?
NAMOOTA miira keenyaa fi nageenya keenyaaf yaadanii wajjin taʼuun nu gammachiisa. Namoonni akkasii wanta nuyi yaadnuu fi wanta nutti dhagaʼamu hubachuuf ofii isaanii iddoo keenya kaaʼu. Al tokko tokko utuu nuti isaan hin gaafatin illee, wantoota nu barbaachisan dursanii yaaduudhaan nu gargaaru. Namoota ‘miira namaa hubatan’b jechuunis miira keenya akka nuuf hubatan argisiisan ni dinqisiifanna.— 1 Pheexiros 3:8 dubbisi.
2. Warra kaaniif akka yaadnu argisiisuuf carraaqqii gochuu kan qabnu maaliifi?
2 Kiristiyaanota waan taaneef, hundi keenya warra kaaniif akka yaadnu ykn miira walii akka hubannu argisiisuu barbaanna. Taʼus, kana gochuun carraaqqii akka gaafatu beekamaa dha. Maaliif? Tokkoffaa, nuti namoota cubbuu dhaalle dha. (Rom. 3:23) Kanaan kan kaʼes, waaʼee ofii keenyaa qofa yaaduu jaallanna. Kanaafuu, waaʼee warra kaanii yaaduuf carraaqqii gochuu qabna. Kana malees, nu keessaa tokko tokko akkaataa guddinaa ykn jireenya dabarsaniin kan kaʼe warra kaaniif yaaduun qabsoo isaan gaafata. Akkasumas, ilaalchi namoota naannoo keenya jiranii dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼa. Guyyoota dhumaa kana keessatti namoonni baayʼeen miira warra kaaniitiif hin yaadan. Kanaa mannaa, ‘kan of jaallatani’ dha. (2 Xim. 3:1, 2) Miira wantoota warra kaaniitiif akka hin yaadne nu godhan kana moʼuuf wanti nu gargaaru maali dha?
3. (a) Miira walii keenyaa hubachuu irratti fooyyaʼiinsa gochuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Mata duree kana keessatti maal qoranna?
3 Fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuudhaan, miira walii keenyaa akka hubannu argisiisuu irratti fooyyaʼiinsa gochuu ni dandeenya. Yihowaan Waaqa jaalalaa siʼa taʼu, warra kaaniif akka yaadu argisiisuu irratti fakkeenya hunda caalu dha. (1 Yoh. 4:8) Yesuus amala Abbaa isaa guutummaatti argisiisuudhaan fakkeenya isaa hordofeera. (Yoh. 14:9) Yeroo lafa irra turetti, namoonni gara laafina argisiisuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe argisiiseera. Mata duree kana keessatti jalqaba, Yihowaa fi Yesuus miira warra kaaniitiif akka yaadan kan argisiisan akkamitti akka taʼe qoranna. Achiis fakkeenya isaanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
WARRA KAANIIF YAADUU IRRATTI FAKKEENYA YIHOWAAN KAAʼE
4. Isaayaas 63:7-9 Yihowaan miira tajaajiltoota isaatiif akka yaadu kan argisiisu akkamitti?
4 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan miira tajaajiltoota isaatiif akka yaadu barsiisa. Fakkeenyaaf, sabni Israaʼel durii yeroo qorumsi isaan mudatetti Yihowaan maal akka itti dhagaʼame yaadi. Dubbiin Waaqayyoo, “Yeroo isaan dhiphatan hundumaatti innis in dhiphate” jedha. (Isaayaas 63:7-9 dubbisi.) Yeroo booda, karaa Zakaariyaas raajichaa, Yihowaan, yeroo sabni isaa miidhaman, akka ofii isaaf miidhametti akka ilaalu ibseera. Yihowaan tajaajiltoota isaatiin, “Namni isin tuqu agartuu ija kootii tuqa” jedheera. (Zak. 2:8) Kun fakkeenya guddaa, Yihowaan saba isaatiif akka yaadu argisiisu dha!
5. Fakkeenya Yihowaan tajaajiltoota isaa warra rakkatan gargaaruuf akkamitti tarkaanfii akka fudhate argisiisu dubbadhu.
5 Yihowaan tajaajiltoota isaa rakkina keessa jiraniif garaa laafuu caalaa wanta raawwatu qaba. Isaan gargaaruuf tarkaanfii ni fudhata. Fakkeenyaaf, yeroo Israaʼeloonni garboota taʼanii Gibxii keessatti rakkachaa turan, dhiphina isaanii hubachuudhaan boqonnaa isaaniif argamsiisuuf kakaʼeera. Yihowaan Museedhaan akkas jedheera: ‘Gad qabamuu saba koo . . .argeera. Iyyata isaaniis dhagaʼeera. dhiphina isaaniis ani beeka; ani harka warra Gibxii keessaa isaan baasuudhaaf gad bu’eera.’ (Bau. 3:7, 8) Yihowaan saba isaatiif waan garaa laafeef, garbummaa jalaa bilisa isaan baaseera. Jaarraa hedduu booda, Biyyattii Abdachiifamte keessatti, Israaʼeloonni diinota isaanii irraa haleellaan isaan irra gaʼeera. Yihowaan maal godhe ree? ‘Namoonni waan isaan rakkisanii cunqursaniif yeroo isaan aadanitti Waaqayyo isaaniif ooʼeera.’ Ammas gara laafinni Yihowaan saba isaa akka gargaaru isa kakaaseera. Israaʼeloota diinota isaanii irra akka oolchaniif abbootii murtii ergeera.—Abo. 2:16, 18.
6. Yihowaan miira nama yaada dogoggoraa qabu tokkootiif akka yaadu kan argisiise akkamitti akka taʼe fakkeenya argisiisu tokko dubbadhu.
6 Yihowaan yeroo sabni isaa dogoggora raawwatanii turanitti illee, miira isaaniitiif akka yaadu argisiiseera. Mee fakkeenya Yoonaas yaadaa. Waaqayyo raajiin kun, saba Nanawwee irratti ergaa murtii akka labsu isa ergee ture. Yeroo isaan yaada isaanii geddaratan garuu Waaqayyo isaan oolchuuf filate. Haa taʼu malee, Yoonaas murtoo kanatti hin gammadne ture. Yoonaas raajiin inni dubbate waan hin raawwatamiiniif, “aaree in boba’e.” Taʼus, Yihowaan Yoonaasitti obsa argisiisuudhaan, akka inni yaada isaa sirreessu isa gargaareera. (Yon. 3:10–4:11) Yeroo booda, Yoonaas wanta Yihowaan isa barsiise kan hubate siʼa taʼu, seenaa kana faayidaa keenyaaf akka barreessu Yihowaan isatti fayyadameera.—Rom. 15:4.c
7. Akkaataan Yihowaan saba isaa itti qabe maal nuuf mirkaneessa?
7 Akkaataan Yihowaan saba isaa itti qabe, inni tajaajiltoota isaatiif akka yaadu nuuf mirkaneessa. Inni dhiphinaa fi rakkina tokkoon tokkoon keenya irra gaʼu ni beeka. Yihowaan dhugumaan, “garaa namaa beeka.” (2 Sen. 6:30) Inni yaada keenya, miira keessa keenya jiruu fi humni keenya daangaa qabaachuu isaa ni hubata. Kana malees, “hamma baachuu [dandeenyu] caalaa akka [qoramnu] hin heyyamu.” (1 Qor. 10:13) Abdiin kun baayʼee kan nama jajjabeessu dha!
WARRA KAANIIF YAADUU IRRATTI FAKKEENYA YESUUS KAAʼE
8-10. Yesuus warra kaaniif akka yaadu wantoonni kam gumaacha godhanii taʼuu qaba?
8 Yesuus nama taʼee yeroo lafa irra turetti, warra kaaniif gad fageenyaan ni yaada ture. Yesuus warra kaaniif akka yaadu yoo xinnaate wantoonni sadii gumaacha godhanii taʼuu qaba. Tokkoffaa, akkuma olitti ibsame, Yesuus amala Abbaa isaa isa samii guutummaatti calaqqisiiseera. Inni akkuma Abbaa isaa namoota ni jaallata. Yesuus wantoota hundumaa uumuu irratti kan hirmaate taʼus, keessumaa ‘nama hundumaatti ni gammada ture.’ (Fak. 8:31) Jaalalli Yesuus miira warra kaaniitiif akka yaadu isa kakaaseera.
9 Lammaffaa, akkuma Yihowaa, Yesuusis yaada garaa namaa keessa jiru beekuu dandaʼa ture. Kakaʼumsaa fi miira namootaas beekuu ni dandaʼa ture. (Mat. 9:4; Yoh. 13:10, 11) Kanaafuu, Yesuus namoonni akka gaddan yommuu argu, isaaniif yaaduudhaan isaan jajjabeesseera.—Isa. 61:1, 2; Luq. 4:17-21.
10 Sadaffaa, rakkoowwan namoota irra gaʼan tokko tokko Yesuus irras gaʼaniiru. Fakkeenyaaf, inni maatii hiyyeeyyii taʼan keessatti kan guddate taʼuu hin oolu. Abbaa buddeenaa isaa Yoseef wajjin yommuu hojjetu, Yesuus hojii ulfaataa akkamitti akka hojjetu barateera. (Mat. 13:55; Mar. 6:3) Yoseef kan duʼe, Yesuus tajaajila isaa jalqabuu isa yeroo muraasa dura taʼuu hin oolu. Kanaafuu, Yesuus nama jaallatan duʼaan dhabuun hammam akka nama gaddisiisu hubatee taʼuu hin oolu. Kana malees, Yesuus maatii amantiidhaan tokko hin taane keessa jiraachuun maal akka fakkaatu beeka ture. (Yoh. 7:5) Haalawwan kunii fi kan biroon Yesuus rakkinaa fi miira namootaa akka hubatu isa gargaaraniiru.
11. Yesuus akka namootaaf yaadu keessumaa ifa kan taʼe yoom ture? Ibsi. (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)
11 Yesuus warra kaaniif akka yaadu keessumaa yeroo dinqii raawwatutti mulʼateera. Yesuus dinqii kan raawwate kana gochuu waan qabuuf qofa hin turre. Inni kana kan godhe warra rakkachaa jiraniif “gaddee” waan tureefi. (Mat. 20:29-34; Mar.1:40-42) Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo namicha tokko tuuta namootaa keessaa baasee gurra isaa isaaf banetti ykn ilma tokkicha dubartii abbaan mana irraa duʼe sanaa duʼaa kaasetti maaltu akka isatti dhagaʼame yaadi. (Mar. 7:32-35; Luq. 7:12-15) Yesuus namoota sanaaf waan gaddeef, isaan gargaaruu barbaadeera.
12. Yohaannis 11:32-35 irratti Yesuus Maartaa fi Maariyaamiif akka yaadu kan ibsame akkamitti?
12 Yesuus Maartaa fi Maariyaamiif akka yaadu argisiiseera. Duʼa obboleessa isaanii Alaazaaritti gadduu isaanii yommuu argu, “Yesus imimmaan isaa dhangalaase.” (Yohaannis 11:32-35 dubbisi.) Yesuus kan booʼe michuu isaa waan dhabeef qofa hin turre. Kana malees, Alaazaariin duʼaa akka kaasu beeka ture. Yesuus kan booʼe, gadda michoota isaa jaallatamoo kana irra gaʼe waan hubatee fi kunis garaa isaa waan tuqeef ture.
13. Yesuus akka namaaf yaadu beekuun keenya kan nu jajjabeessu akkamitti?
13 Yesuus akka namaaf yaadu beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa. Dhugaa dha, nuti akka isaa mudaa kan hin qabne miti. Taʼus, akkaataa inni namoota kaan itti qabe waan beeknuuf isa ni jaallanna. (1 Phe. 1:8) Yesuus yeroo ammaa Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchaa akka jiru beekuun keenya nu jajjabeessa. Yeroo muraasa booda rakkina hunda ni balleessa. Yesuusis yeroo tokkotti nama waan tureef, namoonni madaa bulchiinsi Seexanaa isaan irraan gaʼe irraa akka fayyan gargaaruuf hunda caalaa haala mijataa qaba. Dhuguma iyyuu, Bulchaa “dadhabina keenyatti nuuf gadduu” qabaachuu keenyatti eebbifamneerra.—Ibr. 2:17, 18; 4:15, 16.
FAKKEENYA YIHOWAA FI YESUUS KAAʼAN HORDOFAA
14. Yaada Efesoon 5:1, 2 irratti ibsamee wajjin haala wal simuun maal gochuuf kakaana?
14 Fakkeenya Yihowaa fi Yesuus kaaʼan yommuu qorannu, nutis caalaatti akka waliif yaadnu argisiisuuf kakaana. (Efesoon 5:1, 2 dubbisi.) Nuti yaadaa fi miira namoota keessa jiru ilaaluu hin dandeenyu. Taʼus, miira isaanii fi wanta warra kaaniif barbaachisu hubachuuf yaaluu ni dandeenya. (2 Qor. 11:29) Addunyaa ofittoo naannoo keenya jiru irraa haala adda taʼeen, nuti, ‘faayidaa warra kaaniis malee, faayidaa ofii keenyaa qofa hin yaadnu.’—Filp. 2:4.
15. Keessumaa miira warra kaanii hubachuun kan isaan barbaachisu eenyufaʼi?
15 Keessumaa jaarsoliin gumii akka namootaaf yaadan argisiisuun isaan barbaachisa. Hoolota akka eegan adaraadhaan isaanitti kennamaniif itti gaafatamummaan akka isaan irra jiru beeku. (Ibr. 13:17) Jaarsoliin namoota hidhata amantii isaanii taʼan gargaaruuf, isaan hubachuun isaanii barbaachisaa dha. Jaarsoliin warra kaaniif akka yaadan akkamitti argisiisuu dandaʼu?
16. Jaarsi namaaf yaadu tokko maal godha? Kuni hoo barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
16 Jaarsi namaaf yaadu tokko Kiristiyaanota obbolootaa fi obboleettota isaa taʼanii wajjin yeroo dabarsa. Gaaffii isaan gaafata, achiis xiyyeeffannaa fi obsaan isaan dhaggeeffata. Kun keessumaa yeroo hoolota jaallatamoo kana keessaa tokko wanta garaa isaa dubbachuu barbaaduu fi yaada isaa ibsuu dadhabutti baayʼee barbaachisaa dha. (Fak. 20:5) Jaarsi tokko fedhiidhaan yeroo isaa yommuu kennu, obboloonni isaa amanannaa isa irratti qabaatu, akkasumas isaanii wajjin michummaa fi jaalala guddaa uumuu dandaʼa.—HoE. 20:37.
17. Obboloonnii fi obboleettonni hedduun amala jaarsolii keessaa iddoo guddaa kan kennaniif isa kam akka taʼe dubbataniiru? Fakkeenya tokko kenni.
17 Obboloonnii fi obboleettonni hedduun amala jaarsa gumii tokkoo keessaa kan isaan iddoo guddaa kennaniif miira warra kaaniitiif yaaduu akka taʼe dubbataniiru. Maaliif? Adileeyidi akkas jetteetti: “Isaan akka si hubatan beekuun kee, isaanitti dubbachuun akka sitti salphatu godha.” Itti dabaltees, “Yeroo ati itti dubbatu akkaataa isaan deebii itti siif kennan hubachuudhaan warra kaaniif akka yaadan beekuu dandeessa” jetteetti. Obboleessi tokko dinqisiifannaadhaan wanta yaadatu akkas jedhee ibseera: “Jaarsi tokko haala ani keessa jiru irratti erga xiinxalee booda imimmaan akka ija isaa guute argeen ture. Wanti ani arge kun yeroo hundumaa sammuu koo keessaa hin badu.”—Rom. 12:15.
18. Amala warra kaaniif yaaduu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Dhugaa dha, warra kaaniif akka yaadan argisiisuu kan qaban jaarsolii qofa miti. Hundi keenya amala kana horachuu ni dandeenya. Akkamitti? Miseensonni maatii fi hidhattoonni amantii keessanii haala akkamii keessa akka jiran hubachuuf yaalaa. Dargaggoota umurii kurnanii keessa jiraniif, warra dhukkubsataniif, maanguddootaa fi warra nama jaallatan duʼaan dhabaniif xiyyeeffannaa kennaa. Haala akkamii keessa akka jiran isaan gaafadhaa. Yeroo isaan yaada isaanii ibsan garaadhaa dhaggeeffadhaa. Haala isaan keessa jiran hubachuu keessan akka isaanitti dhagaʼamu gargaaraa. Karaa dandeessan hundaan gargaarsa gochuu akka barbaaddan ibsaa. Yommuu kana gootan, jaalala dhugaa hojiidhaan argisiisaa jirtu jechuu dha.—1 Yoh. 3:18.
19. Warra kaan gargaaruuf yommuu yaallu akka haala isaatti yaada keenya jijjiiruun kan nu barbaachisu maaliifi?
19 Warra kaan gargaaruuf yommuu yaallutti, akka haala isaatti yaada keenya jijjiiruu nu barbaachisa. Maaliif? Sababiin isaas namoonni yeroo rakkinni isaan irra gaʼu wanti isaan godhan garaa gara waan taʼeefi dha. Tokko tokko dubbachuuf fedhii kan qaban siʼa taʼu, warri kaan garuu dubbachuu irraa of qusatu. Kanaafuu, isaan gargaaruu akka barbaannu ibsuu kan qabnu taʼus, dhimmoota dhuunfaa taʼan gaafachuu hin qabnu. (1 Tas. 4:11) Haa taʼu malee, yeroo warri kaan yaada isaanii ifatti dubbatanitti illee, yaada isaanii irratti kan walii gallu yeroo hundaa miti. Taʼus, kun miira isaanitti dhagaʼamu akka taʼe amannee fudhachuu nu barbaachisa. Dhaggeeffachuutti kan ariifannuu fi dubbachuutti kan suuta jennu taʼuu barbaanna.—Mat. 7:1; Yaq. 1:19.
20. Mata duree itti aanu irratti maal qoranna?
20 Gumii keessatti miira walii akka hubannu argisiisuu malees, amala gaarii kana tajaajila keenya irratti argisiisuu barbaanna. Barattoota yommuu goonu miira warra kaanii akka hubannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mata duree itti aanu irratti waaʼee kanaa qoranna.
FAARFANNAA 130 Dhiifama Godhaa
a Yihowaa fi Yesuus miira warra kaaniitiif ni yaadu. Mata dureen kun fakkeenya isaanii irraa maal barachuu akka dandeenyu ibsa. Akkasumas miira walii akka hubannuu fi kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ni ilaalla.
b IBSA JECHAA: ‘Miira walii hubachuu’ jechuun wanta warra kaanitti dhagaʼamu hubachuu fi nuttis akka dhagaʼamu gochuu jechuu dha. (Rom. 12:15) Mata duree kana keessatti ‘miira walii hubachuu’ jechuu fi ‘warra kaaniif yaaduu’ jechuun hiikni isaanii tokko dha.
c Yihowaan namoota amanamoo abdii kutatanii turan kan biraatiifis akka yaadu argisiiseera. Seenaa waaʼee Haannaa (1 Sam. 1:10-20), Eliyaas (1 Mot. 19:1-18), fi Ebeed-Melek ibsu ilaalaa (Er. 38:7-13; 39:15-18).
d IBSA FAKKII: Walgaʼiin Galma Walgaʼiitti godhamu michummaa gaarii uumuuf carraa hedduu bana. (1) jaarsi tokko babalʼisaa tokkoo fi haadha isaa gaarummaadhaan haasofsiisaa jira, (2) abbaan tokkoo fi intalli isaa obboleettii maanguddoo tokko konkolaataa irra baasaa jiru, akkasumas (3) jaarsoliin lama obboleettii qajeelfama barbaaddu tokko xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffataa jiru.