FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | MIIRYAAM
“Waaqayyoon Faarfadhaa!”
Intalli iddoo namni tokko iyyuu ishii arguu hin dandeenye dhokattee jirti, ijji ishii garuu bakka caffee tokkotti xiyyeeffatee jira. Lagni Abbayyaa suuta jedhee yeroo yaaʼutti, ishiin garuu iddoo ishiitii odoo hin sochoʼin, qophaaʼina guddaa fi of eeggannoo cimaadhaan ilaalti. Haala kanaan yeroo dheeraan darbus, ilbiisonni xiixuudhaan asiif achi kan balaliʼan taʼu iyyuu, eeguu fi ilaaluu ishii itti fuftee jirti. Iddoo ishiin xiyyeeffannaadhaan ilaalaa jirtu sanatti, guuboon bishaan hin galchine tokko dhokfamee jira; guuboo sana keessa immoo obboleessa ishii isa daaʼimatu jira. Obboleessi ishii gargaarsa tokko malee, kophaa isaa guuboo sana keessa taʼuun isaa baayʼee ishii gaddisiiseera. Haa taʼuu malee, warri ishii obboleessa ishii haala kanaan dhoksuuf murteessuun isaanii sirrii akka taʼe beekti. Yeroo baayʼee rakkisaa taʼe sana keessatti, obboleessi ishii lubbuudhaan akka jiraatu gochuuf filannoon qaban kana qofa ture.
Intalli xinnoon sun ija jabina guddaa akka qabdu argisiisaa turte; yeroo muraasa booda immoo ija jabina kana irra caalu argisiisuuf jetti. Garaa ishii keessatti amalli gaarii taʼe tokko, jechuunis amantiin guddachuu jalqabeera. Amantiin ishii kun yeroowwan itti aananitti ifatti kan mulʼatu yoo taʼu, akkaataa jireenyaa kanaan booda hordoftu hunda irrattis jijjiirama guddaa fida. Waggoota hedduu booda, yeroo dulluma ishiitti, amantiin ishiin qabdu seenaa saba ishii keessatti yeroo baayʼee dinqisiisaa taʼetti ishii gargaara. Amalli kun yeroo dogoggora cimaa tokko hojjettuttis ishii gargaara. Eenyu dha ishiin? Amantii ishii irraa hoo maal barachuu dandeenya?
Miiryaam Intala Yeroo Garbummaa
Seenaan Kitaaba Qulqulluu maqaa intala tanaa kan hin dubbanne taʼus, eenyummaan ishii garuu beekamaa dha. Ishiin Miiryaam, intala hangafaa Amraamii fi Yokebeed, Ibroota Gibxii keessatti garboota taʼanii ti. (Lakkoobsa 26:59) Obboleessi ishii quxusuun yeroo booda Musee jedhamee maqaa moggaafame. Aaron, obboleessi hangafaa daaʼima kanaa yeroo kanatti umriin isaa waggaa sadii taʼa. Umriin Miiryaam hangam akka taʼe garuu mirkanaaʼoo taʼuun hin dandaʼamu; haa taʼu malee, umriin ishii waggaa kudhanii gadi jedhanii yaaduun sirrii fakkaata.
Miiryaam yeroo baayʼee rakkisaa taʼe keessa jiraatte. Namoonnii Gibxii, Ibroota lammii ishii taʼan akka balaa guddaatti ilaalu turan. Kanaafuu, garbummaa jala galchuudhaan isaan cunqursu turan. Garboonni kun firii godhachaa fi lakkoofsaan baayʼachaa yeroo dhufan, Gibxoonni waan isaan sodaataniif caalaatti hamoo taʼan. Faraʼoon ijoolleen dhiiraa Ibroota irraa dhalatan hundi akkuma dhalataniin akka ajjeefaman labsii baasee ture. Miiryaam amantii deessiftoonni lamaan Siifraa fi Phuwaa jedhaman argisiisanii fi dhoksaadhaan ijoollee dhalatan ajjeesuu diduu isaanii akka beektu homaa hin shakkisiisu.—Baʼuu 1:8-22.
Miiryaam amantii warri ishii argisiisanis ilaalteetti. Erga mucaa sadaffaan bareedaa taʼe kun dhalatee booda, Amraamii fi Yokebeed jiʼa jalqabaa sadaniif isa dhoksaniiru. Sodaan guddaan ajaja mootichaatiif qaban ilmi isaanii akka ajjeefamu akka heyyaman isaan hin goone. (Ibroota 11:23) Haa taʼu malee, daaʼima dhoksuun ulfaataa dha. Kanaafuu, yeroo gabaabaa booda filannoo baayʼee nama dhiphisu tokko gochuu qabu. Yokebeed mucicha dhoksitee bakka namni duʼa irraa isa oolchuu fi isa guddisuu dandaʼu isa argachuu dandaʼutti isa dhiiste. Haati mucichaa dhallaadduu irraa bidiruu xinnoo hojjechaa kadhannaa cimaa yeroo dhiheessitu yaadi. Bidiruu sana akka bishaan hin galchine reenjii fi hapheedhaan erga maragdee booda, mucaa ishii jaallatamaa taʼe sana isa keessa ciibsitee qarqara laga Abbayyaa jajjaba (shomboqqoo) keessatti isa dhiistee deemte! Sanaan booda, Miiryaam achuma turtee wanta mucichi taʼu akka ilaaltu akka itti himte hin shakkisiisu.—Baʼuu 2:1-4.
Miiryaam Isa Oolchite
Kanaafuu, Miiryaam eeguu jalqabde. Yeroo booda, namoonni wayii yeroo dhufan argite. Gareen shamarranii tokko gara sanatti dhihaachaa jira. Isaan kun Gibxoota adda taʼani dha. Intala Faraʼoonii fi shamarran tajaajiltoota ishii taʼani dha. Laga Abbayyaatti dhaqna dhiqachuuf dhufaa jiru. Yeroo kanatti Miiryaam naasuudhaan hollachuu hin ooltu. Miiryaam, intalumti Faraʼoon ajaja mootichaa cabsitee mucaa Ibrootaa kana gargaaruu barbaaddi taʼa jettee abdii godhachuu dandeessii? Miiryaam yeroo kanattii cimsitee Yihowaa akka kadhatte hin shakkisiisu.
Guuboo shambaqqoo gidduu jiru sana jalqaba kan argite intala Faraʼoon turte. Tajaajiltuun ishii guuboo sana akka fiddu ni ergite. Intala mootichaa ilaalchisee seenichi: “Wanta fichisiifte sana yommuu bante mucicha argite; mucichi in booʼa [ture]” jedha. Wanti raawwatame maal akka taʼe hubachuuf yeroo itti hin fudhanne: Haadha warra Ibrootaa keessaa taate tokkotu lubbuu mucaa ishii oolchuuf yaalaa jira. Haa taʼu malee, garaa laafinni intalli Faraʼoon qabdu daaʼima bareedaa kanaaf akka gadditu ishii godhe. (Baʼuu 2:5, 6) Miiryaam dammaqinaan hordofaa waan turteef, fuula intala Faraʼoon ilaaluudhaan kana hubattee taʼuu qaba. Intalli kun amantii Yihowaa irratti qabdu hojiidhaan argisiisuuf yeroon akka gaʼe hubatteetti. Ija jabina qabdu hunda walitti qabachuudhaan, gara intala Faraʼoonii fi tajaajiltoota ishii deemte.
Intalli garbittiin Ibroota keessaa tokko taate kun ija jabinaan gara maatii mootichaatti dhihaattee yoo waan tokko dubbattu maal na gochuu dandaʼu jettee akka eegdu beeku hin dandeenyuu. Taʼus, Miiryaam intala mootichaa gaaffii akkana jedhu kallattiidhaan gaafatte: “Hoosiftee akka siif guddiftuuf dhaqee dubartoota Ibrootaa keessaa tokko siif waamuu?” Kun gaaffii ogummaa ture. Intalli Faraʼoon, intalattiin mucaa kana hoosiftee guddisuu akka hin dandeenye beekti. Tarii mucaan kun saba isaatiin kunuunfamee guddachuun isaa gaarii akka taʼu yaaddee taʼuu dandaʼa; yeroo booda ilma guddifachaa godhattee gara mana ishiititti fiduudhaan isa guddisuu fi isa barsiisuu dandeessi. Intallii mootichaa jechuma tokkoon, “Dhaqi!” yeroo jettuun Miiryaam gammachuudhaan burraaqaa deemtee taʼuu qaba.—Baʼuu 2:7, 8.
Miiryaam gara warra ishii dhiphachaa turaniitti fiigichaan deebite. Gammachuudhaan hafuurri ishii ciccitaa waan ishii qunname haadha ishiititti yeroo himtu yaadaan ilaali. Yokebeed, Miiryaam waliin gara intala Faraʼoon yeroo deemtu kana kan godhaa jiru Yihowaa akka taʼe mirkanooftee taʼuu qaba. Intalli Mootichaa, “Mucaa kana fuudhii hoosisii anaaf guddisi! Ani immoo gatii dadhabbii kee siifan baasa!” jettee yeroo ishii ajajju, Yokebeed gammachuu fi boqonnaa guddaan argatte akka irratti hin beekamne dhoksuuf yaaluu hin ooltu.—Baʼuu 2:9.
Miiryaam guyyaa sana waaʼee Waaqaa Ishii Yihowaa, waan hedduu baratteetti. Inni waaʼee saba isaa akka yaaduu fi kadhannaa isaanii akka dhagaʼu baratteetti. Ija jabinaa fi amantii kan argisiisuu dandaʼu namoota guguddaa ykn dhiirota qofa akka hin taanes baratteetti. Yihowaan kadhannaa tajaajiltoota isaa amanamoo hundaa ni dhagaʼa. (Faarfannaa 65:2) Dargaggootas taane maanguddoonni, dhiiras taane durbi, hundi keenya iyyuu yeroo rakkisaa kanatti kana yaadachuutu nurra jira.
Miiryaam Obboleettii Obsituu
Yokebeed mucicha ni hoosifte, akkasumas ni kunuunsite. Miiryaam obboleessa ishii isa quxisuu duʼa jalaa oolchite kanaaf jaalalli qabdu hammam guddachaa akka dhufe tilmaamuu dandeenya. Tarii maqaa Waaqa isaa Yihowaa waamuu akka baratu isa gargaartee, akkasumas yeroo jalqabaatiif maqaa kana yeroo waamu baayʼee gammaddee taʼuu dandaʼa. Mucichis erga guddatee booda yeroon gara intala Faraʼoonitti itti geeffamu in gaʼe. (Baʼuu 2:10) Gargar baʼuun miseensota maatichaa hundatti ulfaatee akka turee fi akka isaan gaddisiise beekamaa dha. Mucaan intalli Faraʼoon Musee jettee moggaafte kun, yeroo guddatu nama akkamii akka taʼuu ilaaluuf Miiryaam baayʼee hawwitee akka turte beekamaa dha! Mana Mootii warra Gibxii keessatti yeroo guddatu Yihowaa jaallachuu isaa itti fufaa laata?
Yeroo booda, deebiin gaaffii kanaa ifa taʼee jira. Miiryaam quxisuun ishii erga guddatee booda carraawwan mana mootummaa Faraʼoon mootichaa keessatti isaaf banaman dhiisuudhaan, nama Waaqa isaa tajaajiluu filate taʼuu isaa yeroo beektu, boonuun ishii homaa hin shakkisiisu. Museen umriin isaa waggaa 40 yeroo taʼu, nama saba isaatiif dhaabbatu taʼe. Namni Gibxii tokko garbicha Ibroota keessaa tokko taʼe tokko yeroo miidhu argee namicha Gibxii sana ajjeese. Gochi isaa kun akka isa ajjeesisu waan beekuuf, Gibxii dhiisee baqate.—Baʼuu 2:11-15; Hojii Ergamootaa 7:23-29; Ibroota 11:24-26.
Waggoota afurtamman itti aananiif obboleessi ishii biyya Miidiyaanotaa isa fagoo keessa tiksee hoolotaa taʼee waan jiraatuuf, Miiryaam kana booda waaʼee obboleessa ishii kan dhageessu hin fakkaatu. (Baʼuu 3:1; Hojii Ergamootaa 7:29, 30) Yeroo dheeraan darbee Miiryaam ni dulloomte; miidhaan saba ishii irra gaʼus caalaatti cimaa yeroo deemu ni argite.
Miiryaam Raajittii
Yeroo Waaqayyo Museen deebiʼee saba isaa akka baasu isa ergetti, Miiryaamii umriin ishii waggoota 80n keessa taʼuu hin oolu. Aaron bakka buʼaa Musee taʼee dubbachuu kan eegale yoo taʼu, obboloonni Miiryaam lamaan, waliin taʼanii Faraʼoon bira deemanii saba Waaqayyo akka gadhiisu isa gaafatan. Faraʼoon isaan dhagaʼuu waan diddeef deddeebiʼuudhaan dhaʼichawwan kurnan Yihowaan namoota Gibxii akeekkachiisuuf fidu yeroo dubbatan, hanga humni ishii dandaʼee hundaan isaan jajjabeessaa fi gargaara kan turte taʼuunsaa homaa hin shakkisiisu. Dhumarrattis, dhaʼicha isa dhumaa—ajjeechaa ilmaan hangafa warra Gibxii— booda yeroon Baʼuu guddaa saba Israaʼelootaa gaʼee! Geggeessaa Museetiin sabni ishii yeroo Gibxii baʼutti, Miiryaam dadhabbii tokko malee yeroo isaan gargaartu mee yaadan ilaali.—Baʼuu 4:14-16, 27-31; 7:1–12:51.
Booda immoo, Israaʼeloonni Galaana Diimaa fi loltoota Faraʼoon gidduu galanii yeroo rakkatanitti, Museen galaanicha fuuldura dhaabbachuudhaan ulee isaa yeroo ol kaasu Miiryaam ilaalaa turte. Galaanichi lamatti hirame! Israaʼeloonni lafa gogaarra yeroo darban, amantiin Miiryaam Yihowaa irratti qabdu, caalaatti kan guddatee taʼuun isaa homaa hin shakkisiisu. Ishiin Waaqa abdii kenne kam iyyuu raawwachuu dandaʼu tajaajilaa turte!—Baʼuu 14:1-31.
Sana booda, Israaʼeloonni nagaadhaan erga ceʼanii booda, galaanichi Faraʼoonii fi loltoota isaa irratti deebiʼuudhaan yeroo isaan balleessu, Miiryaam Yihowaan loltoota addunyaa irratti argaman kam iyyuu kan caalu taʼuu isaa argiteetti. Namoonnis Yihowaa faarfachuuf kaʼan. Miiryaamis dubartoota dura buʼuudhaan akkana jettee faarfatte: “Waaqayyoon faarfadha! Inni dhugumaan mo’eera; inni farda, abbaa fardaas galaana keessa buuseera.”—Baʼuu 15:20, 21; Faarfannaa 136:15.
Yeroon kun jireenyaa Miiryaam keessatti yeroo kamiyyuu caalaa baayʼee gammachiisaa ture, yeroo gonkumaa hin irraanfatamne ture. Seenaan Kitaaba Qulqulluu yeroo kanatti, Miiryaam raajiitti jedhee ishii waama. Kitaaba Qulqulluu keessatti dubartiin yeroo jalqabaatiif raajittii jedhamte Miiryaam dha. Miiryaam dubartoota muraasaa karaa adda taʼee kanaan Yihowaa tajaajiluudhaaf filataman keessa ishii tokko dha.—Abboota Firdii 4:4; 2 Mootota 22:14; Isaayaas 8:3; Luqaas 2:36.
Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan nu ilaalaa akka jiruu fi carraaqqii obsaa fi fedhii isa jajachuudhaaf qabnuuf bakka guddaa akka kennu nu yaadachiisa. Dargaggoonnis taane maanguddoonni, dhiiras taanee durba, hundi keenyaa Yihowaa irratti amantii qabaachuu ni dandeenya. Amantiin akkana isa gammachiisa; inni gonkumaa amantii keenya hin irraanfatu, akkasumas gammachuudhaan eebbisa. (Ibroota 6:10; 11:6) Kun sababii gaarii fakkeenya amantii Miiryaam hordofuudhaaf nu kakaasudha!
Miiryaam Koortuu Taate
Mirgawwan adda taʼan qabaachuuniifi beekamtii argachuun eebba kan argamsiisan yoo taʼee iyyu balaa qabaachuus in dandaʼu. Yeroo Israaʼeloonni garbummaa jalaa bilisa baʼaa turanitti Miiryaam sabicha keessatti dubartii hundaa caala beekamtuu taate taʼuu hin ooltu. Kuni koortuu fi kan beekamummaa argachuuf hawwii cimaa qabdu ishii godhaa laata? (Fakkeenya 16:18) Kan nama gaddisiisu, yeroo muraasaaf akkana taatee turte.
Baʼuun erga raawwatamee jiʼoota muraasa boodaa, Museen garee namootaa fagoodhaa dhufan simate—soddaa isaa Yetroon, haadha manaa Musee Siiforaa fi ijoollee isaanii lamaan fidee dhufee jira. Museen waggaa 40f Miidiyaan keessa yeroo taʼaa turetti ishii fuudhee ture. Kanaan dura Siiforaan isaan gaafachuuf taʼuu hin oolu gara warra ishii Miidiyaanitti argamanitti deebitee turte; amma abbaan ishii gara buufata Israaʼelootatti ishii fidee dhufaa jira. (Baʼuu 18:1-5) Dhufaatiin isaanii xiyyeeffannaa namoota Musee hammam harkisee taʼuu akka dandaʼu yaadaan ilaali! Baayʼeen isaanii haadha manaa namicha Waaqayyo saba isaa Gibxiidhaa akka baasu filate kanaa ilaaluuf hawwanii akka turan hin shakkisiisu.
Miiryaam hoo Siiforaan dhufuu ishiitti gammaddee turtee? Yeroo jalqabaa gammaddee taʼuu dandaʼa. Yeroo booda garuu kooraan kan mooʼamte fakkaata. Sabicha keessatti dubartii hunda caalaa beekamtuu taʼuun koo Siiforaadhaan ana jalaa fudhatama jettee sodaachuu hin ooltu. Sanas taʼe kana, Miiryaamii fi Aaron oduu gadhee odeessuu jalqaban. Oduun akkasii sun, akkuma yeroo baayʼee taʼu, hadhaaʼaa taʼaa deeme. Yeroo jalqabaa, haasaan isaanii Siiforaa irratti kan xiyyeeffate ture; ishiin nama Israaʼel oddoo hin taʼin nama Kuusha taʼuu ishiitiin gunguman. Haa taʼu malee, utuu baayʼee hin turin Musee irratti gungumuu jalqaban. Miiryaamii fi Aaron, “Waaqayyo Museedhuma duwwaatti dubbatee? Nuttis immoo dubbateera mitii?” jechuudhaan gunguman—Lakkoobsa 12:1, 2.
Miiryaam Dhukkuba Nadaayiitiin Qabamte
Wanta dubbatan irraa akka ilaallutti, Miiryaamii fi Aaron, ilaalcha hamaa fi sodaachisaa taʼe horachaa dhufaniiru. Haalli Yihowaan Museetti itti fayyadamaa jiru waan isaan hin gammachiisneef, aangoo dabalataa argachuu fi dhiibaa guddaa kan geessisan taʼuu barbaadaniiru. Kun kan taʼe, Museen aangoo isaatti karaa sirrii hin taaneen kan fayyadamuu fi aangoo dabalataa argachuuf kan yaalu taʼeetii? Miti! Dadhabina kan qabu taʼus, beekamummaa argachuuf yaaluu fi kooruun amala isaa hin turre. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Museen garuu namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa [“garraamii,” NW] ture.” Kanas taʼee sana, Miiryaamii fi Aaron waaʼee Musee akkas jedhanii dubbachuu isaaniitiin balleessaa hojjetaniiru; balaan irra of buusaniiru. Seenaan isaa akka jedhutti, “Waaqayyo yommus kana in dhaga’e.”—Lakkoobsa 12:2, 3.
Sana booda akkuma tasaa Yihowaan obboloota sadan gara dunkaana itti walgaʼanitti isaan waame. Achitti utubaan duumessaa dinqisiisaan, Yihowaan jiraachuu isaa argisiisu gadii buʼee balbala dunkaanichaa dura dhaabbate. Achiis Yihowaan ni dubbate. Miiryaamii fi Aaronitti dheekkamuudhaan, walitti dhufeenya addaa inni Musee wajjin qabu, akkasumas adaraa gudddaa isa filachuudhaan isaaf kenne isaan yaadachiise. Yihowaan, “Isin garbicha koo Musee irratti dubbachuu maaliif sodaachuu dhiiftan ree?” jedhee isaan gaafate. Miiryaamii fi Aaron garmalee sodaatanii taʼuu qaba. Yihowaan Museedhaaf ulfina kennuu diduu isaanii, akka ofii isaatiif ulfina kennuu didanitti ilaale.—Lakkoobsa 12:4-8.
Miiryaam, obboleessi ishii quxusuun ishii wajjin haadha manaa obboleessa isaanii irratti akka kaʼu gochuudhaan dhimma kana irratti dursa akka fudhatte homaa hin shakkisiisu. Yeroo sanatti Miiryaam qofti kan adabamte maaliif akka taʼe kana irraa hubachuun ni dandaʼama. Yihowaan dhukkuba nadaayiitiin ishii rukute. Dhibee sodaachisaa kanaan bifni gogaa ishii “akka booralee” taʼe. Aaron yeruma sana Musee duratti gadi of qabuudhaan, ‘cubbuu kana gowwummaadhaan akka hojjetan’ amanee, Museen Yihowaan dhiifama akka isaaniif godhu akka kadhatuuf gaafate. Museen, nama garraamii waan tureef gara Yihowaa iyyuudhaan, “Yaa Waaqayyo! Maaloo ishee fayyisi!” jedhee kadhate. (Lakkoobsa 12:9-13) Dhiphinni obboloota ishii lamaanitti dhagaʼame kun, obboleettiin hangafa isaanii taate tun dogoggora kan hojjetu yoo taaʼee iyyuu, baayʼee akka ishii jaallatan argisiisa.
Miiryaam ni Fayyite
Yihowaan ooʼa argisiise. Miiryaam qalbii waan jijjiirratteef ishii fayyise. Haa taʼu malee, guyyaa torbaaf buufata Israaʼelootaa irraa fagaattee akka teessu ishii irraa barbaada ture. Miiryaam salphinaan buufaticha keessaa baatee deemuuf tole jechuun ishii salphinni guddaan akka ishiitti dhagaʼamu godhee taʼuu qaba. Taʼus, amantiin qabdu ishii oolcheera. Abbaan ishii Yihowaan qajeelaa akka taʼee fi ishii adabaa kan jiru waan ishii jaallatuuf akka taʼe garaa ishiitti akka yaaddu homaa hin shakkisiisu. Kanaafuu akkuma ajajamte goote. Guyyoottan torban sana kophaa ishii kan dabarsite yoo taʼu, buufatichis iddoo isaatii odoo hin sochoʼin achuma ture. Sana booda Miiryaam ‘iddoo buufataa sanatti deebitee galuudhaan’ amantii qabdu yeroo dabalataatiif argisiiste.—Lakkoobsa 12:14, 15.
Yihowaan warra jaallatu ni adaba. (Ibroota 12:5, 6) Miiryaam waan jaallatuuf koorri ishii oddoo hin sirreeffamin akka hafu hin barbaanne. Adabamuun ishii kan ishii miidhe taʼus, ishii oolcheera. Adabbii kennameef amantii gaariidhaan waan fudhatteef, Waaqayyo deebiʼee ishiitti gammadeera. Israaʼeloonni adeemsa lafa onaa keessatti godhan xumuruu jala hanga gaʼanitti lubbuudhaan jiraatteetti. Qaadesh isa lafa onaa Siin keessatti argamutti yeroo duutetti, umriin ishii waggaa 130tti dhihaachuu hin oolu.b (Lakkoobsa 20:1) Yihowaan jaarraawwan booda jaalalaan kakaʼee, tajaajila Miiryaam amanamummaadhaan raawwatteef ulfina ishiidhaaf kenneera. Karaa raajii isaa Miikiyaas akkana jechuudhaan saba isaa yaadachiiseera: “Garbummaa jalaas sin fure; Museen, Aaronii fi Miiryaam akka si geggeessaniif isaan ergeera.”—Miikiyaas 6:4.
Jireenya Miiryaam irraa waan baayʼee barachuu dandeenya. Akkuma ishiin yeroo ijoollummaa ishiitti goote, namoota nama isaan gargaaru hin qabne eeguu fi ija jabinaan wanta dhugaa taʼe cinaa dhaabbachuu qabna. (Yaaqoob 1:27) Akkuma ishiin goote, ergaa Waaqayyoo gammachuudhaan namoota kaan barsiisuu qabna. (Roomaa 10:15) Akkuma ishii, hinaaffaa fi garmalee aaruu amala sodaachisaa taʼan irraa of qusachuu qabna. (Fakkeenya 14:30) Akkasumas, akkuma ishii, sirreeffama Yihowaan nuuf kennu gad of qabuudhaan fudhachuu qabna. (Ibroota 12:5) Wantoota kana yeroo goonu, fakkeenya amantii Miiryaam dhuguma hordofna.
a Siiforaadhaan haala wal qabateen, gaaleen “intala warra Kuush” jedhu, akkuma namoota Miidiyaan kan biraa Arabiyaadhaa kan dhufte jechuufi malee, Itoophiyaadhaa kan dhufte jechuuf akka hin taane beekamaa dha.
b Obboloonni sadan tartiiba dhaloota isaaniitiin duʼan; dura Miiryaam, itti aansuudhaan Aaron, achii Musee; haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti waggaa tokko keessatti duʼan.