Iji Keessan Eessa Ilaalaa Jira?
“Ati bantiiwwan waaqaa keessa teessoo kee irra waan jirtuuf, iji koo ol gara kee in ilaala.”—FAR. 123:1.
1, 2. Iji keenya Yihowaa irratti akka xiyyeeffatu gochuun maal dabalata?
KAN jiraannu ‘guyyoota yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa siʼa taʼu, Yihowaan addunyaa hamaa kana balleessee nagaa dhugaan lafa irratti akka dagaagu gochuu isaa dura jireenyi caalaatti rakkisaa taʼaa deema. (2 Xim. 3:1) Kanaaf, ‘Gargaarsaa fi qajeelfama argachuuf eessa ilaalaan jira?’ jennee of gaafachuun keenya gaarii dha. Deebiin dafee nuu dhufu “Gara Yihowaa” kan jedhu taʼuu dandaʼa; kunis deebii gaarii dha.
2 Maarree gara Yihowaa ilaaluun maal dabalata? Jireenya keenya keessatti rakkoowwan wal xaxaa taʼan kan nu mudatan taʼan illee, iji keenya Yihowaa irratti xiyyeeffachuu isaa akka itti fufe mirkaneeffachuu kan dandeenyu akkamitti? Jaarraawwan hedduu dura, faarfataan tokko yeroo rakkinaatti gargaarsa argachuuf iji keenya gara Yihowaa akka ilaalu gochuun keenya barbaachisaa akka taʼe hubateera. (Faarfannaa 123:1-4 dubbisi.) Faarfatichi akkaataa nuti Yihowaa itti ilaallu, akkaataa hojjetaan tokko gooftaa isaa itti ilaaluu wajjin wal bira qabee ibseera. Akkana yommuu jedhu maal jechuu isaa ture? Hojjetaan tokko gooftaa isaa kan ilaalu, nyaataa fi eegumsa waan barbaaduuf qofa miti; wanta gooftaan isaa barbaadu hubachuu fi raawwachuuf utuu wal irraa hin kutin isa hordofuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, nutis dhuunfaatti fedhii Yihowaan nuuf qabu hubachuu fi qajeelfama sana hordofuuf guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo qoruun nu barbaachisa. Yihowaan yeroo rakkinni nu mudatutti akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu, yoo akkas goone qofa dha.—Efe. 5:17.
3. Wanti iji keenya Yihowaa irratti akka hin xiyyeeffanne nu dhowwu maal taʼuu dandaʼa?
3 Utuu wal irraa hin kutin gara Yihowaa ilaaluun barbaachisaa taʼuu isaa kan beeknu taʼus, yeroo tokko tokko yaanni keenya hihhiramuu dandaʼa. Haalli Maartaa ishii michuu Yesuus taate mudates kanuma ture. Ishiin “hojii hedduu hojjechuudhaan qabamtee yaadni ishii hihhiramee ture.” (Luq. 10:40-42) Utuma Yesuus ishii wajjin jiruu wanti akkasii dubartii amanamtuu tana erga mudatee, haalli wal fakkaatu akkasii yoo nu irra gaʼe nu dinqisiisuu hin qabu. Wanti iji keenya Yihowaa irratti akka hin xiyyeeffannee fi yaanni keenya akka hihhiramu gochuu dandaʼu maali dha? Mata duree kana keessatti, gochi warra kaanii yaada keenya hihhiruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe qorra. Yihowaa irratti xiyyeeffachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni baranna.
NAMNI AMANAMAAN TOKKO MIRGA ISAA DHABE
4. Museen mirga Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf qabu dhabuun isaa nu dinqisiisuu kan dandaʼu maaliifi?
4 Museen dhugumaan gorsaa fi qajeelfama argachuuf gara Yihowaa ni ilaala ture. Dhuguma iyyuu, ‘inni isa hin argamne Sana akka waan arguutti amantiitti cimee itti fufeera.’ (Ibroota 11:24-27 dubbisi.) Seenaan Kitaaba Qulqulluu, “Ergasii raajiin Waaqayyo fuula fuulaan beeke, kan akka Musee takkaa Israaʼel keessatti hin kaane” jedha. (Kes. 34:10) Museen Yihowaa wajjin hariiroo cimaa akkanaa kan qabu taʼu illee, mirga Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf qabu dhabeera. (Lak. 20:12) Museen akka gufatu kan godhe maali dha?
5-7. Israaʼeloonni Gibxii baʼanii utuma baayʼee hin turin rakkoo akkamiitu uumame? Museen hoo haala sanaaf furmaata kan kenne akkamitti?
5 Israaʼeloonni Gibxii keessaa baʼanii jiʼa lama utuu hin guutin, jechuunis Tulluu Siinaa bira illee utuu hin gaʼin, rakkinni cimaan tokko uumamee ture. Sabichi bishaan waan dhabaniif gungumuu jalqaban. Achiis Musee irratti gungumuu eegalan; haalli isaa waan itti cimeef Museen, “Jarri kun, dhagaadhaan na rukutuudhaaf xinnoo isheetu isaan hafe, maal godhu?” jedhee gara Yihowaatti iyye. (Bau. 17:4) Yihowaanis, Museedhaaf qajeelfama ifa taʼe kennuudhaan isaaf deebiseera. Ulee isaa fudhatee kattaa Siinaa irra jiru tokko ni rukuta, achiis bishaan ni burqa. Kitaabni Qulqulluun, “Museenis ija maanguddoota Israaʼel duratti akkasuma in godhe” jedha. Achiis Israaʼeloonni hamma dheebuu baʼanitti dhugan, rakkinni isaaniis ni furame.—Bau. 17:5, 6.
6 Seenaan geggeessaa hafuuraatiin barreeffame, Museen “Namoonni Israaʼel waan morkataniif gooftichaan immoo, ‘Waaqayyo nu gidduu jira moo hin jiru?’ jedhanii waan qoraniif, maqaan iddoo sanaa ‘Maasaa fi Mariibaatti’ [moggaase]” jedha. (Bau. 17:7) Hiikni maqaawwan kanaa “Qorumsaa” fi “Lola” jechuu waan taʼeef, moggaafamni kun kan isaaniif malu ture.
7 Wanta Mariibaatti raawwatame ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼame? Gocha Israaʼelootaa kana fincila Musee irratti kaʼe utuu hin taʼin, fincila Waaqummaa isaa irratti kaʼe akka taʼetti ilaaleera. (Faarfannaa 95:8, 9 dubbisi.) Israaʼeloonni dogoggoranii turan. Yeroo sanatti Museen gara Yihowaa ilaaluu fi qajeelfama isaa of eeggannoodhaan hordofuudhaan karaa sirrii taʼeen tarkaanfii fudhateera.
8. Israaʼeloonni gara waggaa 40 booda yeroo adeemsa lafa onaa keessatti godhan xumuruu jala gaʼanitti rakkina akkamiitu uumame?
8 Haa taʼu malee, haalli wal fakkaataan gara waggaa 40 booda yommuu uumametti, jechuunis yeroo adeemsa lafa onaa xumuruu jala gaʼanitti hoo maaltu taʼe? Israaʼeloonni ammas bakka Mariibaa jedhame gaʼan. Mariibaan kun garuu naannoo kan biraa Qaadeshitti dhihoo jiruu fi daangaa Biyyatti Abdachiifamtetti dhihaatee jiru dha.a Israaʼeloonni ammas bishaan waan dhabaniif ni gunguman. (Lak. 20:1-5) Yeroo kanatti garuu, Museen dogoggora guddaa raawwate.
9. Museedhaaf qajeelfama akkamiitu kennamee ture? Inni garuu maal godhe? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
9 Museen fincila kanaaf deebii kan kenne akkamitti? Ammas qajeelfama isaa argachuuf gara Yihowaa ilaaleera. Yeroo kanatti garuu, Yihowaan uleedhaan kattaa sana akka rukutu isatti hin himne. Museen ulee isaa fudhatee kattaa sana duratti namoota akka walitti qabuu fi kattaa sanatti akka dubbatu isatti himamee ture. (Lak. 20:6-8) Haa taʼu malee, Museen kattaa sanatti hin dubbanne. Kanaa mannaa, namoota walitti qabamanitti akkana jedhee isaanitti iyyuudhaan aarii isaa isaanitti baʼe: “Isin warra didduu nana mee dhagaʼaa! Amma egaa nuyi kattaa kana keessaa bishaan isiniif baafnaa ree?” Achis siʼa tokko qofa utuu hin taʼin, siʼa lama katticha rukute.—Lak. 20:10, 11.
10. Yihowaan gocha Museetti kan aare maaliifi?
10 Yihowaanis Museetti waan aareef gar malee isatti dheekkame. (Kes. 1:37; 3:26) Yihowaan akkas kan dheekkame maaliifi? Wantoonni kanaaf sababa taʼan hedduun jiraachuu dandaʼu. Akkuma olitti ibsame, Yihowaan Museetti kan aare qajeelfama haaraa isaaf kenname utuu hin hordofin waan hafeef taʼuu dandaʼa.
11. Museen katticha rukutuun isaa dinqii Yihowaan raawwate gatii kan dhabsiise akkamitti taʼuu dandaʼa?
11 Sababiin biraanis jiraachuu dandaʼa. Uumamni kattaa naannoo Mariibaa inni jalqabaa dhagaa gurraacha ture. Namni tokko dhagaa gurraacha kana hammam iyyuu yoo rukute, bishaan achi keessaa yaaʼa jedhee eegu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, uumamni dhagaa naannoo Mariibaa isa lammaffaa jiru baayʼee adda siʼa taʼu, yeroo baayʼee dhagaa boorallee laafaa taʼe kan qabu dha. Dhagaan boorallee uumamaan keessi isaa banaa waan taʼeef, naannoon akkasii yeroo baayʼee lafa jalaa bishaan kuufamaa qabaata. Kanaaf, namoonni dhagaa kana uruudhaan bishaan baasuu dandaʼu. Museen dhagaa bishaan of keessa dabarsu kana siʼa lama yommuu rukutu, bishaan kun akka yaaʼu kan godhe Yihowaa utuu hin taʼin uumama dhagichaa ti himata jedhu kaasuu dandaʼaa laata? Museen kattaa sanatti dubbachuu mannaa rukutuun isaa, Israaʼeloonni bishaanichi kan yaaʼe dinqii Yihowaan raawwateen utuu hin taʼin uumamaan akka taʼe godhanii akka yaadan godheeraa laata?b Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu hin dandeenyu.
MUSEEN AJAJAMUU KAN DIDE AKKAMITTI?
12. Sababii Yihowaan Musee fi Aaronitti aare kan biraan maal taʼuu dandaʼa?
12 Sababii gara biraan Yihowaan Musee fi Aaronitti aares jira. Museen namoota sanaan, “Nuyi kattaa kana keessaa bishaan isiniif baafnaa ree?” jechuu isaa qalbeeffadhaa. Museen “nuyi” yommuu jedhu, isaa fi Aaron argisiisuuf taʼuu dandaʼa. Wanti Museen dubbate kun Yihowaa isa Madda dinqii dhugaa taʼeef kabaja akka hin kennine argisiisa. Yaanni Faarfannaa 106:32, 33 irratti akkana jechuudhaan ibsame kana kan mirkaneessu fakkaata: “Isaan bishaan Mariibaa biratti goofticha in aarsan; sababii isaaniitiifis dubbiin gadheen Musee irratti in dhufe. Isaan akka inni keessa baʼee isatti hadhaa’u waan godhaniif, innis dubbii hin alalfatamin [“utuu itti hin yaadin,” NW] dubbate.”c (Lak. 27:14) Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe, Museen ulfina Yihowaadhaaf malu utuu hin kennin hafeera. Yihowaan, Musee fi Aaroniin, ‘Isin abboommii koo irratti kaataniittu’ jedhee dubbateera. (Lak. 20:24) Dhuguma iyyuu kun cubbuu cimaa dha!
13. Murtoo Yihowaan Musee ilaalchisee murteesse, sirrii fi amansiisaa dha kan jennu maaliifi?
13 Musee fi Aaron saba Yihowaa kan geggeessan waan turaniif, itti gaafatamummaa guddaa qabu turan. (Luq. 12:48) Kanaan dura, Yihowaan Israaʼeloonni isaaf ajajamuu waan didaniif guutummaan dhaloota tokkoo gara biyya Kanaʼaanitti akka hin galle murteessee ture. (Lak. 14:26-30, 34) Kanaaf, Yihowaan Museen gocha sirrii hin taane waan raawwateef, murtoo walfakkaataa taʼe murteessuun isaa wanta sirrii taʼee fi amansiisaa taʼe dha. Akkuma finciltoota kaanii, innis Biyyattii Abdachiifamtetti akka galu isaaf hin heyyamamne.
WANTA RAKKINICHAAF SABABII TAʼE
14, 15. Museen akka hin ajajamne kan godhe maal ture?
14 Wanti Museen Yihowaadhaaf akka hin ajajamne godhe maali dha? Ammas Faarfannaa 106:32, 33 irra deebine haa ilaallu: “Isaan bishaan Mariibaa biratti goofticha in aarsan; sababii isaaniitiifis dubbiin gadheen Musee irratti in dhufe. Isaan akka inni keessa baʼee isatti hadhaa’u waan godhaniif, innis dubbii hin alalfatamin [“utuu itti hin yaadin,” NW] dubbate.” Israaʼelonni kan aarsan Yihowaa taʼee utuu jiruu, kan keessa baʼee isatti hadhaaʼe garuu Musee ture. Of toʼachuu dhiisuun isaa, miidhaa geessisu utuu tilmaama keessa hin galchin akka dubbatu godheera.
15 Museen gochi namoota kaanii, iji isaa Yihowaa irratti xiyyeeffachuu isaa akka itti hin fufne akka godhu heyyameera. Israaʼeloonni jalqaba irratti waaʼee bishaanii yommuu gungumanitti, Museen wanta sirrii taʼe raawwateera. (Bau. 7:6) Israaʼeloota hin ajajamnee wajjin waggoota kudhaniin lakkaaʼaman erga dabarsee booda garuu, dadhabee fi abdii kutate taʼuu dandaʼa. Museen karaa Yihowaadhaaf ulfina itti kennuu dandaʼu irratti yaaduu mannaa, adda durummaadhaan miira isaa irratti xiyyeeffatee turee laata?
16. Wanta Museen raawwate irratti yaaduu kan qabnu maaliifi?
16 Raajiin amanamaa akka Musee jiru xiyyeeffannaan isa erga hihhiramee fi erga gufatee, nuunis haalli wal fakkaataan akkasii salphaatti nu mudachuu dandaʼa. Akkuma Musee, nutis biyya akka fakkeenyaatti ibsame, jechuunis addunyaa haaraa Yihowaan nu galchuuf abdachiisetti galuuf jenna. (2 Phe. 3:13) Eenyuun keenya iyyuu mirga addaa kana dhabuu hin barbaannu. Mirga kana argachuuf garuu, fedha Yihowaa raawwachuuf carraaqqii gochuudhaan, yeroo hunda iji keenya isa irratti akka xiyyeeffatu gochuun nu barbaachisa. (1 Yoh. 2:17) Dogoggora Museen raawwate irraa maal barachuu qabna?
GOCHI NAMOOTA KAANII XIYYEEFFANNAA KEESSAN AKKA HIHHIRU HIN HEYYAMINAA
17. Aariidhaaf akka harka hin kennine maaltu nu gargaara?
17 Aariidhaaf harka hin kenninaa. Irra deddeebinee rakkinuma tokkoo wajjin walʼaansoo gochaa jirra yoo taʼe, “yoo abdii kutachuu baanne yommuu yeroon isaa gaʼu waan haammannuuf, wanta gaarii hojjechuuf abdii hin kutannu.” (Gal. 6:9; 2 Tas. 3:13) Haalawwan baayʼee nu aarsan yommuu nu mudatan ykn yommuu walitti buʼiinsi uumamutti, arraba keenyaa fi aarii keenya ni toʼannaa? (Fak. 10:19; 17:27; Mat. 5:22) Yommuu namoonni kaan nu aarsanitti, dheekkamsa Yihowaadhaaf dhiisuu barachuun nu barbaachisa. (Roomaa 12:17-21 dubbisi.) Gara Yihowaa ilaaluu keenya kan itti fufnu yoo taʼe, yeroo ofii isaatii barbaachisaa akka taʼe yaadutti tarkaanfii akka fudhatuuf dheekkamsa isaaf dhiisuudhaan ulfina isaaf malu akka kenninu argisiisna. Wanta kana irraa faallaa taʼe gochuunii fi karaa taʼe tokkoon ofii keenyaa ijaa baʼuuf yaaluun, Yihowaadhaaf akka ulfina hin kenninetti ilaalama.
18. Qajeelfama hordofuu wajjin haala wal qabateen maal yaadachuun nu barbaachisa?
18 Qajeelfamawwan haaraa kennaman of eeggannoodhaan hordofaa. Qajeelfamawwan haaraa Yihowaan nuuf kennu amanamummaadhaan ni hordofnaa? Taanaan, yeroo hunda wantoota kan raawwannu karaa kanaan dura barreen qofa hin taʼu. Kanaa mannaa, qajeelfama haaraa Yihowaan karaa jaarmiyaa isaatiin nuuf kennu kam iyyuu dafnee hordofna. (Ibr. 13:17) Haa taʼu malee, ‘wantoota barreeffaman irra akka hin darbine’ of eeggachuu qabna. (1 Qor. 4:6) Akkas kan goonu yoo taʼe, iji keenya Yihowaa irratti akka xiyyeeffatu gochaa jirra.
19. Dogoggora namoota kaanii wajjin walʼaansoo gochaa kan jirru yoo taʼe illee, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu akka hin mancaasne gochuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Dogoggorri namoota kaanii, hariiroo Yihowaa wajjin qabdan akka isin jalaa mancaasu hin heyyaminaa. Iji keenya gara Yihowaa ilaaluu isaa kan itti fufu yoo taʼe, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu hin mancaasnu ykn wanta namoonni kaan godhaniin kan kaʼe hin aarru. Kun keessumaa akka Musee jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti itti gaafatamummaa guddaa kan qabnu yoo taʼe baayʼee barbaachisaa dha. Hundi keenya ‘sodaa fi romʼaan fayyina keenya mirkaneessuuf carraaqqii cimaa gochuu keenya itti fufuu’ kan nu barbaachisu taʼus, Yihowaan qajeelfama gogaa bilisummaa dhabsiisuun akka nutti hin murteessine yaadachuu qabna. (Filp. 2:12) Haa taʼu malee, itti gaafatamummaa dabalataa argachaa yommuu deemnu, wanti nu irraa eegamus dabalaa deema. (Luq. 12:48) Dhugumaan Yihowaa kan jaallannu yoo taʼe garuu, wanti kam iyyuu nu hin gufachiisu ykn jaalala isaa irraa gargar nu baasu hin dandaʼu.—Far. 119:165; Rom. 8:37-39.
20. Murtoon keenya maal taʼuu qaba?
20 Yeroo rakkisaa taʼe kanatti, fedha isaa hubachuu akka dandeenyuuf, iji keenya gara Waaqa isa ‘bantiiwwan waaqaa keessa teessoo irra jiruu’ ilaaluu isaa itti haa fufu. Gochi namoota kaanii, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu akka nu jalaa mancaasu matumaa heyyamuu hin qabnu. Wanta Musee irra gaʼe irraa barumsa guddaa arganna. Dogoggora warri kaan raawwataniin gar malee aaruu mannaa, ‘hamma Waaqayyo gooftaan keenya araara nutti argisiisutti, iji keenya gara isaa akka ilaalu’ gochuuf haa murteessinu.—Far. 123:1, 2.
a Bakki kun naannoo Mariibaa isa Refiidiimitti dhihoo jiru irraa adda dha. Naannoo isa jalqabaa irraa haala adda taʼeen, naannoon inni lammaffaa kun Maasaa utuu hin taʼin Qaadeshii wajjin kan wal qabatu dha. Haa taʼu malee, bakkawwan lamaanuutti lolli kaʼee waan tureef Mariibaa jedhamanii moggaafamaniiru.—Buukleetii Barreeffama Dubbii Waaqayyoo Qayyabachuuf Gargaaru jedhamu irraa kaartaa kutaa 7ffaa irra jiru ilaali.
b Piroofeesarri Joon Beek seenaa kana ilaalchisee akkana jedhaniiru: “Akka afoolli Yihudootaa tokko jedhutti, finciltoonni sun akkana jedhanii Musee himatanii turan: ‘Museen amala kattaa sanaa beeka! Humna dinqii hojjechuuf qabu argisiisuu yoo barbaade, maaliif kattaa isa kan biraa keessaa bishaan hin baasu?’” Kun garuu wanta duudhaan Yihudootaa qofti dubbatu dha.
c Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 15, 1987 (Ingiliffa) irraa mata duree “Gaaffii Dubbistootaa” jedhu ilaali.