MATA DUREE QOʼANNAA 24
Maqaa Kee Akkan Sodaadhuuf Nama Garaa Tokkichaa na Godhi!
“Maqaa kee safeeffachuufis [“akkan sodaadhuuf,” NW] nama garaa tokkichaa na godhi! Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha.”—FAR. 86:11, 12.
FAARFANNAA 7 Yihowaa Jabina Keenya
QABIYYEEa
1. Sodaan Waaqayyoo maali dha? Namoota Yihowaa jaallataniif barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
KIRISTIYAANONNI Waaqayyoon ni jaallatu, isa ni sodaatus. Kun namoota tokko tokkoof wanta wal faallessu isaanitti fakkaata. Taʼus, as irratti dubbachaa kan jiru waaʼee sodaa isa nama hollachiisuu miti. Kanatti aansinee waaʼee sodaa adda taʼe tokkoo mariʼanna. Namoonni sodaa akkasii qaban Waaqayyoof kabaja guddaa qabu akkasumas garaadhaa ulfina isaaf kennu. Namoonni akkasii Abbaa isaanii isa samii gaddisiisuu hin barbaadan, sababiin isaas michummaa isaa wajjin qaban miidhuu hin barbaadan.—Far. 111:10; Fak. 8:13.
2. Jechoota Daawit Faarfannaa 86:11 irratti galmeeffaman irratti hundaaʼuudhaan wantoota lama kamfaa irratti mariʼanna?
2 Faarfannaa 86:11 dubbisi. Jechoota Daawit dubbate yommuu yaaddu, Daawit Mootichi inni amanamaa taʼe, barbaachisummaa sodaa Waaqayyoo hubatee akka ture beekuu dandeessa. Mee jechoota Daawit geggeessaa hafuuraatiin dubbate akkamitti akka hojii irra oolchinu haa ilaallu. Jalqaba sababiiwwan maqaa Waaqayyootiif kabaja guddaa qabachuu itti qabnu tokko tokko qoranna. Lammaffaa, kabaja maqaa Waaqayyootiif qabnu jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti akkamitti argisiisuu akka dandeenyu ilaalla.
MAQAA YIHOWAATIIF KABAJA GUDDAA QABAACHUU KAN QABNU MAALIIFI?
3. Museen maqaa Waaqayyootiif kabaja guddaa akka qabaatu kan isa godhe muudannoo isa kam taʼuu dandaʼa?
3 Museen holqa dhagaa tokko keessa dhokatee, ulfinni Yihowaa yommuu darbu yeroo mulʼataan argetti maaltu isatti dhagaʼamee akka ture yaadi. Tarii kun muudannoo baayʼee dinqisiisaa Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura nama kan biraa kamiin iyyuu mudatee hin beekne taʼuu dandaʼa. Museen jechoota kanatti aananii jiranii fi tarii karaa maleekaa tokkoo dubbatamanii taʼuu dandaʼu dhagaʼeera: “Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe, jaalala amanamaa kumaatamatti kan argisiisu, dogoggora, balleessaa fi cubbuu kan namaaf dhiisu.” (Bau. 33:17-23; 34:5-7, NW) Tarii Museen, yommuu maqaa Yihowaatti fayyadamu muudannoon kun gara sammuu isaatti dhufee taʼuu dandaʼa. Museen yeroo booda Israaʼeloonni saba Waaqayyoo taʼan ‘maqaa Waaqayyo isa ulfina qabeessaa akka sodaatan’ akeekkachiisuun isaa kan nama dinqisiisu miti.—Kes. 28:58.
4. Amalawwan kamfaa irratti xiinxaluun keenya Yihowaadhaaf kabaja guddaa akka qabaannu nu gochuu dandaʼa?
4 Waaʼee maqaa Yihowaa yommuu yaadnu, qaama maqaa kanaan waamamu irratti xiinxaluun keenya gaarii dha. Amalawwan isaa kan akka humna isaa, ogummaa isaa, haqa isaa fi jaalala isaa yaadachuu qabna. Amalawwan kanaa fi kaan irratti xiinxaluun keenya kabaja guddaa akka isaaf qabaannu nu gochuu dandaʼa.—Far. 77:11-15.
5-6. (a) Hiikni maqaa Waaqayyoo maali dha? (b) Baʼuu 3:13, 14 fi Isaayaas 64:8 irratti akka ibsametti Yihowaan wantoonni akka taʼan kan godhu karaawwan kamiini?
5 Hiika maqaan Waaqayyoo qabu ilaalchisee maal beekna? Hayyoonni hedduun maqaan Yihowaa hiika, “Akka Taʼu Godha” jedhu qabaachuu akka dandaʼu irratti walii galu. Hiikni kun Yihowaan wanta gochuu barbaadu akka hin goone wanti isa dhowwuu dandaʼu akka hin jirree fi wantoonni akka taʼan gochuu akka dandaʼu nu yaadachiisa. Akkamitti?
6 Yihowaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf wanta barbaachisu kam iyyuu taʼuudhaan, wantoonni akka taʼan godha. (Baʼuu 3:13, 14 dubbisi.)b Waaqayyoof kabaja guddaa akka qabaannu amala nu taasisu kana irratti akka xiinxallu yeroo baayʼee ni jajjabeeffamna. Yihowaan tajaajiltoonni isaa mudaa qabanis isa tajaajiluu fi kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf wanta barbaachisu akka taʼan isaan gochuu ni dandaʼa. (Isaayaas 64:8 dubbisi.) Yihowaan karaa kanaan fedhiin isaa akka raawwatamu godha. Kaayyoon isaa akka hin raawwatamne wanti isa dhowwuu dandaʼu tokko illee hin jiru.—Isa. 46:10, 11.
7. Dinqisiifannaa Abbaa keenya isa samiitiif qabnu akkamitti guddifachuu dandeenya?
7 Wanta inni raawwatee fi wanta inni akka raawwannu nu taasise irratti xiinxaluudhaan dinqisiifannaa Abbaa keenya isa samiitiif qabnu guddifachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, uumama ajaaʼibsiisaa taʼe irratti yommuu xiinxallu, wanta Yihowaan raawwateef, jechuunis wanta inni gara jireenyatti akka dhufu godheef dinqisiifannaa guddaa qabaanna. (Far. 8:3, 4) Akkasumas fedhii isaa raawwachuu akka dandeenyuuf jecha wanta Yihowaan akka taanu nu taasise irratti yommuu xiinxallu, kabaja isaaf qabnu guddifanna. Dhuguma iyyuu maqaan Yihowaa jedhu baayʼee dinqisiisaa dha! Maqaan kun waaʼee Abbaa keenya wanta hundumaa, wanta inni raawwate hundumaa fi wanta inni gara fuulduraatti raawwatu hundumaa of keessatti qabata.—Far. 89:7, 8.
‘ANI MAQAA [YIHOWAA] NAN LABSA’
8. Keessa Deebiin 32:2, 3 Yihowaan maqaa isaatiif ilaalcha akkamii akka qabu kan ibsu akkamitti?
8 Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuu isaanii yeroo muraasa dura Yihowaan jechoota faarfannaa tokkoo Musee barsiise. (Kes. 31:19) Museenis gama isaatiin faarfannaa kana sabicha barsiisuun isa irra jira ture. (Keessa Deebii 32:2, 3 dubbisi.) Lakkoofsa 2 fi 3 irratti yommuu xiinxallu, Yihowaan maqaan isaa baayʼee qulqulluu taʼuu isaatiin kan kaʼe akka waan waamamuu hin qabneetti akka dhokfamu kan hin barbaanne taʼuun isaa ifa nuuf taʼa. Inni uumamawwan isaa yaaduu dandaʼan hundi maqaa isaa akka beekan barbaada. Israaʼeloonni Museen waaʼee Yihowaa fi waaʼee maqaa isaa isa ulfina qabeessa taʼee yommuu isaan barsiisu dhagaʼuun isaanii mirga guddaa ture! Wanti Museen isaan barsiise akka bokkaa suuta jedhee biqiltuu irratti tiifuutti isaan sooree fi isaan haaromsee ture. Barumsi keenya akkas akka taʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti?
9. Maqaa Yihowaa qulqulleessuu irratti gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Lallaba manaa gara manaa irratti ykn lallaba addabaabayii irratti yommuu hirmaannu, maqaa dhuunfaa Yihowaa namootatti argisiisuuf Kitaaba Qulqulluu keenyatti fayyadamuu dandeenya. Barreeffamoota babbareedoo, viidiyoowwan gaggaarii fi wantoota weebsaayitii keenya irratti baʼan kanneen Yihowaadhaaf ulfina fidan isaan afeeruu dandeenya. Bakka hojiitti, mana barumsaatti ykn yeroo imallutti, waaʼee Waaqa keenya isa jaalala qabeessaa fi wanta inni jaallatuu dubbachuuf carraa barbaaduu ni dandeenya. Kaayyoo Yihowaan ilmaan namootaa fi lafaaf qabu namoota argannutti yommuu himnu, Yihowaadhaaf ilaalcha kanaan dura qaban irraa guutummaatti adda taʼe akka qabaatan isaan taasisuu dandeenya. Waaʼee Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee dhugaa isaa warra kaanitti yommuu himnu, nutis maqaa isaa qulqulleessuu irratti gumaacha goona. Akkasumas sobawwanii fi maqaa balleessuu warri kaan waaʼee Yihowaa baratan tokko tokko saaxilla. Kana malees, barumsa hunda caalaa nama sooruu fi nama haaromsu isaaniif kennina.—Isa. 65:13, 14.
10. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yommuu geggeessinu wanta Waaqayyo isaan irraa barbaaduu fi ulaagaa isaa barsiisuun keenya qofti gaʼaa kan hin taane maaliifi?
10 Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yommuu geggeessinu, barattoonni keenya maqaa Yihowaa akka beekanii fi akka itti fayyadaman isaan gargaaruu barbaanna. Kana malees, wanta maqaan isaa bakka buʼu akka hubatan isaan gargaaruu barbaanna. Taʼus odeeffannoo isaaniif kennuu, ulaagaa Waaqayyoo beeksisuu fi seerawwan amalaa barsiisuu qofaan kana galmaan gaʼuu ni dandeenyaa? Barataa gaariin tokko waaʼee seerawwan Waaqayyoo barachuu fi dinqisiifachuu illee ni dandaʼa. Taʼus baratichi jaalala isaaf qabuun kakaʼee Yihowaa akka qaama tokkootti ilaalee isaaf ajajamuu ni dandaʼaa? Hewaanis taʼe Addaam seera Waaqayyoo kan beekan taʼus, qaama Seericha kenne dhugumaan utuu hin jaallatin akka hafan yaadadhaa. (Uma. 3:1-6) Kanaafuu, wanta Waaqayyo isaan irraa barbaaduu fi ulaagaawwan isaa warra qajeeloo barsiisuu caalaa wanti gochuu qabnu jira.
11. Waaʼee seerawwan Waaqayyoo fi ulaagaawwan isaa yommuu barsiisnu, barattoonni keenya qaama seericha kenne akka jaallatan akkamitti gargaaruu dandeenya?
11 Wanti Yihowaan nu irraa barbaaduu fi ulaagaawwan isaa kan nama hawwatanii fi yeroo hundaa gaarii kan taʼani dha. (Far. 119:97, 111, 112) Taʼus, barattoonni keenya Yihowaan seerawwan kana kan nuuf kenne jaalalaan kakaʼee taʼuu isaa yoo hubachuu baatan, akkasitti yaaduu dhiisuu dandaʼu. Kanaafuu barattoota keenya akkas jennee gaafachuu dandeenya: “Waaqayyoo tajaajiltoonni isaa kana akka godhan ykn akka hin goone kan isaan ajaje maaliif sitti fakkaata? Kun waaʼee isaa maal nutti hima?” Barattoonni keenya waaʼee Yihowaa akka yaadanii fi maqaa isaa isa ulfina qabeessaa taʼeef jaalala dhugaa akka qabaatan yoo gargaarre, garaa isaanii tuquun keenya hin oolu. Barattoonni keenya seerawwan sana qofa utuu hin taʼin, qaama seericha kennes ni jaallatu. (Far. 119:68) Amantiidhaan ni guddatu akkasumas qorumsa akka ibiddaa isaanitti dhufu dandamachuu dandaʼu.—1 Qor. 3:12-15.
‘NUTI MAQAA WAAQAYYOTIIN DEDDEEBINA’
12. Daawit yeroo tokkotti garaa tokkicha utuu hin qabaatin kan hafe akkamitti ture? Kunoo maal geessise?
12 Yaada barbaachisaa Faarfannaa 86:11 irratti argamu keessaa tokko “nama garaa tokkichaa na godhi!” jedha. Daawit Mootichi jechoota kana geggeessaa hafuuraatiin barreesseera. Bara jireenyaa isaatti garaan ofii akka hihhiramu heyyamuun hangam salphaa akka taʼe argeera. Yeroo tokko bantii mana isaa irra utuu jiruu haati manaa nama kan biraa utuu dhagna dhiqattuu arge. Yeroo kanatti, garaan Daawit tokkicha moo hihhiramee ture? Daawit seera Yihowaa isa, ‘Haadha manaa namaa hin hawwin’ jedhu beeka ture. (Bau. 20:17) Taʼus, ilaaluu isaa akka itti fufe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Garaan isaa fedhii dubartii Baat Sheebaa jedhamtuuf qabuu fi fedhii Yihowaa gammachiisuuf qabu gidduutti hihhiramee ture. Daawit yeroo dheeraadhaaf Yihowaa jaallachaa fi isa sodaachaa kan ture taʼus, fedhii ofittummaatiif moʼameera. Yeroo sanatti Daawit daandii dogoggoraa hordofeera. Maqaa Yihowaa irratti arrabsoo fideera. Kana malees, maatii ofii isaa dabalatee, namoota qulqulluu taʼan kaan irratti miidhaa cimaa fideera.—2 Sam. 11:1-5, 14-17; 12:7-12.
13. Garaan Daawit deebiʼee tokko akka taʼe akkamitti beekna?
13 Yihowaan Daawitiin kan adabe taʼus, booda hariiroo Yihowaan wajjin qabu haaromseera. (2 Sam. 12:13; Far. 51:2-4, 17) Daawit dhiphinaa fi rakkina yeroo garaan isaa akka hihhiramu heyyametti isa irra gaʼe yaadatee ture. Jechoonni isaa warri Faarfannaa 86:11 irra jiran, “Garaa hin hihhiramne naaf kenni” jedhamanii hiikamuus ni dandaʼu. Yihowaan Daawit garaan isaa guutuu ykn kan hin hihhiramne akka godhu isa gargaareeraa? Eeyyee, sababiin isaas, Yihowaan yeroo booda waaʼee Daawit yommuu dubbatu, nama ‘garaa isaa guutummaatti Waaqayyoof kenne’ akka taʼe ibseera.—1 Mot. 11:4; 15:3.
14. Maal jennee of gaafachuu qabna? Maaliifi?
14 Fakkeenyi Daawit jajjabinas taʼe akeekkachiisa qabateera. Cubbuu cimaatti kufuun isaa tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo harʼaa jiraniif akeekkachiisa taʼa. Yihowaa tajaajiluu kan jalqabne dhiheenyas taʼe, waggoota hedduudhaaf tajaajilaa kan turre, akkas jennee of gaafachuu qabna: “Yaalii Seexanni garaa koo hihhiruuf godhu mormaan jiraa?”
15. Fakkiin fedhii saalqunnamtii kakaasu yommuu nu mudatu sodaan Waaqayyoo kan nu eegu akkamitti?
15 Fakkeenyaaf, Televijinii ykn Intarneetii irratti fakkii fedhii saalqunnamtii kakaasuu dandaʼu tokko yoo argite maal goota? Fakkichi ykn fiilmichi kallattiidhaan Pornoogiraafii miti jedhanii sababii dhiheessuun salphaa taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wanta Seexanni garaa kee hihhiruuf itti fayyadamu taʼuu dandaʼaa laata? (2 Qor. 2:11) Fakkichi sibiila xinnoo namni tokko muka guddaa baqaqsuuf itti fayyadamuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Jalqaba qara sibiilichaa isa haphii mukichatti galcha. Achiis sibiilicha irra deddeebiʼee yommuu itti rukutu, mukichi gargar baqaqa. Fakkiin fedhii saalqunnamtii kakaasu tokko kutaa sibiilichaa isa haphii wajjin wal fakkaachuu dandaʼaa? Wanti xinnoon miidhaa kan hin qabne fakkaatuun jalqabame, namni tokko hatattamaan cubbuu cimaa garaa isaa hihhiruu fi amanamummaa isaa cabsu raawwachuutti geessuu dandaʼa. Kanaafuu, wanti sirrii hin taane akkamii iyyuu garaa keetti akka seenu hin heyyamin. Maqaa Yihowaa akka sodaattuuf garaan kee akka hin hihhiramne eeguu kee itti fufi!
16. Yommuu qorumsi nu mudatu gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?
16 Seexanni dogoggora akka raawwannu nu gochuuf, fakkii fedhii saalqunnamtii kakaasu malees, wantoota nu qoran kan biroo hedduu nuuf dhiheessa. Yeroo kanatti maal goona? Wantoonni kun baayʼee gadhee miti jedhanii yaaduun salphaa dha. Fakkeenyaaf, akkas jennee sababii dhiheessuu dandeenya taʼa: ‘Kana gochuu kootti gumiidha hin baafamu, kanaafuu, kun dhimma cimaa miti.’ Sababiin akkasii baayʼee dogoggora dha. Gaaffiiwwan akka armaan gadii of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Seexanni wanta kanatti fayyadamee garaa koo hihhiruuf yaalaa jiraa? Fedhii dogoggoraatiif yoon moʼame maqaa Yihowaa irratti arrabsoo nan fidaa? Gochi kun gara Waaqa kootti na dhiheessa moo isa irraa na fageessa?’ Gaaffiiwwan akkasii irratti xiinxali. Utuu of hin gowwoomsin, ogummaa gaaffiiwwan kanaaf haqaan deebii kennuuf si gargaaru argachuuf kadhadhu. (Yaq. 1:5) Kana gochuun eegumsa dhugaa argamsiisa. Akkuma Yesuus Yommuu “Seexana nana na duraa deemi!” jedhetti godhe, kana gochuun kee ciminaan qorumsa mormuuf si gargaaruu dandaʼa.—Mat. 4:10.
17. Garaan hihhirame gaarii kan hin taane maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
17 Garaan keenya hihhirameera yoo taʼe gaarii miti. Garee Ispoortii miseensonni isaanii walii hin galle tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Tokko tokko ofiif qofa ulfina argachuu barbaadu, muraasni isaanii seera eeganii hin taphatan, warri kaan immoo leenjisaa isaanii ni tuffatu. Gareen akkasii taphicha ni moʼatu jedhanii yaaduun waan hin fakkaanne dha. Faallaa kanaatiin gareen tokkummaa qabu carraan milkaaʼina argachuuf qabu balʼaa dha. Yaadni kee, fedhiin kee fi miirri kee Yihowaa tajaajiluu irratti yoo tokko taʼe, garaan kee garee milkaaʼina qabu sanaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Seexanni garaa kee hihhiruu akka jaallatu yaadadhu. Inni yaadni kee, fedhiin kee fi miirri kee akka hihhiramuu fi ulaagaa Yihowaa wajjin akka wal faallessu barbaada. Haa taʼu malee, Yihowaa tajaajiluuf garaa guutuu qabaachuun kee barbaachisaa dha. (Mat. 22:36-38) Seexanni garaa kee akka hihhiru matumaa hin heyyamin!
18. Jechoota Miikiyaas 4:5 irra jiranii wajjin haala wal simuun maal gochuuf murteessiteetta?
18 Akkuma Daawiti, “Maqaa kee safeeffachuufis nama garaa tokkichaa na godhi!” jedhii kadhadhu. Kadhannaa kee wajjin wal simtee jiraachuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Isa xinnaadhaa kaasee hanga isa guddaatti murtoon guyyaa guyyaadhaan gootu maqaa Yihowaa isa qulqulluudhaaf dinqisiifannaa akka qabdu kan argisiisu akka taʼu murteessi. Kana gochuudhaan akka Dhugaa Baatuu Yihowaa tokkootti maqaan Yihowaa ulfina akka argatu goota. (Fak. 27:11) Akkasumas hundi keenya akkuma Miikiyaas raajichaa, “Bara baraan maqaa Waaqayyo keenya gooftichaatiin in deddeebina” jechuu dandeenya.—Mik. 4:5.
FAARFANNAA 41 Maaloo Kadhannaa Koo Naa Dhagaʼi
a Mata duree kana keessatti kadhannaa Daawit Mootichaa Faarfannaa 86:11, 12 irra jiru keessaa muraasa isaa irratti xiyyeeffanna. Maqaa Yihowaa sodaachuu jechuun maal jechuu dha? Maqaa guddaa kanaaf kabaja guddaa qabaachuuf sababii akkamii qabna? Sodaan Waaqayyoo qorumsaaf moʼamuu irraa nu eeguu kan dandaʼu akkamitti?
b Baʼuu 3:13, 14, (NW): “Museen garuu Waaqa dhugaatiin akkana jedhe: “Ani gara Israaʼelotaa dhaqee, ‘Waaqni abbootii keessanii gara keessanitti na ergeera’ yommuun isaaniin jedhu, isaan immoo, ‘Maqaan isaa eenyu?’ yoo naan jedhan maal jedhee isaaniif deebisu?” Kanaafuu, Waaqayyo Museedhaan, “Wantan Taʼuu Filadhu Nan Taʼa” jedhe. Itti dabaluudhaanis, “Israaʼelootaan, ‘Nan Taʼaatu gara keessanitti na erge’ jetta” isaan jedhe.”
c IBSA FAKKII: Museen faarfannaa Yihowaadhaaf ulfina fidu saba Waaqayyoo barsiiseera.
d IBSA FAKKII: Hewaan fedhii dogoggoraa hin mormine. Faallaa kanaatiin nuti fakkiiwwan ykn ergaawwan fedhii dogoggoraa jajjabeessanii fi maqaa Waaqayyoo irratti arrabsoo fidan irraa ni fagaanna.