Dubbiin Waaqayyoo Jireenya Keessan Jijjiiraa Jiraa?
Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuun ‘hundee gad fageeffachuu fi amantiitti dhaabamuuf nu gargaara.’ (Qol. 2:6, 7) Haa taʼu malee, Dubbiin Yihowaa jireenya keenya akka jijjiiruuf, seerawwan buʼuuraa isaa irratti xiinxaluu fi hojii irra oolchuu qabna. (Ibr. 4:12; Yaq. 1:22-25) Iyaasuun 1:8 duraa duuba dubbisaa buʼa qabeessa taʼe sadii ibsa: (1) Dubbii Waaqayyoo “halkanii fi guyyaa” dubbisi. (2) “Sagalee kee gad qabii” [NW] dubbisi; jechuunis karaa yommessaa fi haala isaa irratti xiinxaluu fi ija qalbii keetiin ilaaluuf si dandeessisuun dubbisi. (3) “Wanta isa keessatti caafame hundumaa” garaa guutuudhaan hojii irra oolchi. Yaadawwan kana hojii irra oolchuun keenya jireenya keenya keessatti, ‘karaan keenya akka nuuf qajeelu, wanti goonus akka wal nuuf qixxaatu’ godha.