MATA DUREE QOʼANNAA 45
Jaalala Amanamaa Walitti Argisiisuu Keessan Itti Fufaa
“Jaalala amanamaa fi gara laafina walitti argisiisaa.”—ZAK. 7:9.
FAARFANNAA 107 Fakkeenya Jaalalaa
QABIYYEEa
1-2. Jaalala amanamaa walitti argisiisuuf sababiiwwan gaʼaa akkamii qabna?
JAALALA AMANAMAA walitti argisiisuudhaaf sababiiwwan gaʼaa qabna. Sababiiwwan kana keessaa tokko tokko maal faʼi? Kitaabni Fakkeenyaa gaaffii kanaaf deebii akkana jedhu kenna: “Jaalalli amanamaanii fi amanamummaan akka si dhiisan hin godhin. . . . Sana booda Waaqayyoo fi nama duratti fudhatama ni argatta, hubannaa gaarii akka qabdus ni argisiista.” “Namni jaalala amanamaa argisiisu ofii isaa ni fayyada.” “Namni qajeelummaa fi jaalala amanamaa duukaa buʼu kam iyyuu jireenya . . . argata.”—Fak. 3:3, 4; 11:17, milj.; 21:21.
2 Yaadawwan kitaaba Fakkeenyaa irratti argaman kun sababiiwwan jaalala amanamaa argisiisuu itti qabnu sadii ibsu. Tokkoffaa, jaalala amanamaa yommuu argisiisnu Waaqayyo duratti iddoo guddaa qabaanna. Lammaffaa, jaalala amanamaa argisiisuu keenyaan of fayyadna. Fakkeenyaaf, warra kaanii wajjin michummaa cimaa uumna. Sadaffaa, jaalala amanamaa duukaa buʼuun keenya jireenya bara baraa dabalatee eebbawwan hedduu nuuf argamsiisa. Dhuguma iyyuu, ajaja Yihowaan, “Jaalala amanamaa fi gara laafina walitti argisiisaa” jechuudhaan kenneef ajajamuuf sababiiwwan gaʼaa qabna.—Zak. 7:9.
3. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kam faʼiif deebii arganna?
3 Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan afuriif deebii arganna. Jaalala amanamaa argisiisuu kan qabnu eenyu faʼitti? Jaalala amanamaa argisiisuu ilaalchisee kitaaba Ruut irraa maal baranna? Yeroo harʼatti jaalala amanamaa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Namoonni jaalala amanamaa argisiisan faayidaa akkamii argatu?
JAALALA AMANAMAA ARGISIISUU KAN QABNU EENYU FAʼITTI?
4. Jaalala amanamaa argisiisuu irratti Yihowaa fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti? (Maarqos 10:29, 30)
4 Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle, Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiisu namoota isa jaallatanii fi isa tajaajilanitti qofa dha. (Dan. 9:4) ‘Ijoollee jaallatamoo waan taaneef, Waaqayyoon kan fakkaannu’ taʼuu barbaanna. (Efe. 5:1) Kanaafuu, obbolootaa fi obboleettota keenyaaf jaalala amanamaa qabaachuu barbaanna.—Maarqos 10:29, 30 dubbisi.
5-6. Jecha “amanamummaa” jedhuuf hiikni baramaa taʼe maali dha?
5 Hiika jaalalli amanamaan qabu caalaatti hubachuun keenya, obbolootaa fi obboleettota keenyatti caalaatti jaalala amanamaa argisiisuuf akka nu kakaasu beekamaa dha. Jaalala amanamaa jechuun maal jechuu akka taʼe caalaatti beekuuf, hiika baramaa amanamummaan qabuu wajjin wal bira qabnee haa ilaallu. Mee fakkeenya tokko haa ilaalu.
6 Namni dhaabbata tokko keessatti waggoota hedduudhaaf hojjete, hojjetaa amanamaa akka taʼetti ilaalama. Haa taʼu malee, waggoottan kana keessatti abbaa qabeenyichaa wajjin wal argee hin beeku taʼa. Yeroo tokko tokko immoo qajeelfamni dhaabbatichi kennu isa hin amansiisu taʼa. Dhaabbaticha kan hin jaallanne taʼus, hojii qarshii isaaf argamsiisu qabaachuu isaatti ni gammada. Iddoo biraatii hojii kana irra wayyu hamma hin argannettii fi hanga sooroma baʼutti dhaabbata sana keessatti hojjechuu isaa itti fufa.
7-8. (a) Namni tokko jaalala amanamaa akka argisiisu wanti isa kakaasu maali dha? (b) Yaadawwan kitaaba Ruut keessa jiran muraasa kan qorru maaliifi?
7 Wanti amanamummaa isa keeyyata 6 irratti ibsamee fi jaalala amanamaa gargar godhu kakaʼumsa nama sanaa ti. Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara duriitti turan jaalala amanamaa argisiisuuf maaltu isaan kakaase? Namoonni jaalala amanamaa argisiisan, amala kana kan argisiisan waan isaan irraa eegamuuf utuu hin taʼin, argisiisuu waan barbaadaniifi. Mee seenaa Daawit haa ilaallu. Abbaan Yonaataan Daawitiin ajjeesuu kan barbaadu taʼus, Daawit michuu isaa Yonaataanitti jaalala amanamaa argisiisuuf kakaʼeera. Yonaataan erga duʼee waggoota hedduu booda illee Daawit ilma isaa Mefibosheetitti jaalala amanamaa argisiisuudhaan Yonaataanitti jaalala amanamaa argisiisuu isaa itti fufeera.—1 Sam. 20:9, 14, 15; 2 Sam. 4:4; 8:15; 9:1, 6, 7.
8 Yaadawwan kitaaba Ruut keessa jiran muraasa qoruudhaan jaalala amanamaa ilaalchisee wanta hedduu barachuu dandeenya. Namoota kitaabicha keessatti ibsaman irraa jaalala amanamaa ilaalchisee maal baranna? Barumsa argannu gumii keenya keessatti hojii irra oolchuu kan dandeenyu hoo akkamitti?b
JAALALA AMANAMAA ARGISIISUU ILAALCHISEE KITAABA RUUT IRRAA MAAL BARANNA?
9. Naaʼomiin Yihowaan akka ishii mormaa jirutti kan yaadde maaliifi?
9 Kitaaba Ruut keessatti seenaa Naaʼomii, haadha manaa ilma ishii kan taate Ruut, akkasumas Boʼaz isa nama Waaqayyoon sodaatuu fi fira abbaa manaa Naaʼomii taʼee ilaalla. Beela Israaʼel keessatti buʼeen kan kaʼe Naaʼomiin, abbaan manaa ishii fi ilmaan ishii lamaan Moʼaabitti godaananii turan. Utuma achi jiranii, abbaan manaa Naaʼomii ni duʼe. Boodas ilmaan ishii lamaan gaaʼela godhatan; kan nama gaddisiisu garuu isaanis ni duʼan. (Rut. 1:3-5; 2:1) Haalli kunis Naaʼomiin gadda guddaadhaan akka liqimfamtu godheera. Yihowaan akka ishii mormaa jirutti waan yaaddeef caalaatti abdii kutatte. Waaqayyoon ilaalchisee wanta ishiitti dhagaʼamu, “Harki Yihowaa na adabuuf [anatti garagaleera].” “Inni Hundumaa Dandaʼu jireenya koo baayʼee [natti hadheesseera]” jechuudhaan dubbatteetti. Akkasumas, “Yihowaan na morme . . . , Inni Hundumaa Dandaʼu rakkina natti fide” jetteetti.—Rut. 1:13, 20, 21.
10. Yihowaan jechoota Naaʼomiin dhiphina guddaadhaan dubbatte ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼame?
10 Yihowaan jechoota Naaʼomiin dhiphina guddaadhaan dubbatte ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼame? Inni tajaajiltuu isaa abdii kutatte kana gargaaruu hin dhiisne. Kanaa mannaa, garaa ishiif laafeera. Yihowaan, “hacuuccaan nama ogeessa maraachuu [akka dandaʼu]” beeka. (Lal. 7:7) Naaʼomiin Yihowaan akka ishii wajjin jiru beekuuf gargaarsi ishii barbaachisa ture. Maarree, Waaqayyo kan ishii gargaare akkamitti? (1 Sam. 2:8) Ruut Naaʼomitti jaalala amanamaa akka argisiistu ishii kakaaseera. Ruut amaatiin ishii karaa miiraa fi karaa hafuuraa madaallii ishii akka eeggattu gargaaruuf fedhii qabdi turte. Fakkeenya Ruut irraa maal baranna?
11. Obboloonni keenya garraamii taʼan warra dhiphatan jajjabeessuuf carraaqqii kan godhan maaliifi?
11 Jaalalli amanamaan namoota dhiphatan gargaaruuf nu kakaasa. Akkuma Ruut Naaʼomitti maxxante, obboloonni keenya garraamii taʼanii fi yeroo harʼaatti argamanis obboloota keenya gaddanii fi abdii kutatanitti maxxanuuf fedhii qabu. Obbolootaa fi obboleettota isaanii waan jaallataniif, wanta dandaʼan hundumaan isaan gargaaruuf hawwii guddaa qabu. (Fak. 12:25, milj.; 24:10) Phaawulos ergamaanis kanuma akka goonu nu jajjabeesse; “Warra dhiphatan akka jajjabeessitan, warra dadhaban akka deggertan, hundumaattis obsa akka argisiistan isin gorsina” jedheera.—1 Tas. 5:14.
12. Obbolootaa fi obboleettota abdii kutatan jajjabeessuuf wanti yeroo baayʼee buʼa qabeessa taʼe maali dha?
12 Obbolootaa fi obboleettota abdii kutatan jajjabeessuuf isaan dhaggeeffachuu fi akka isaan jaallannu akka beekan gochuun keenya yeroo baayʼee buʼaa guddaa argamsiisa. Yihowaan wanta ati tajaajilaa isaa isa jaallatamaa gargaaruuf gooteef iddoo guddaa kenna. (Far. 41:1) Fakkeenyi 19:17, “Namni rakkataatti gaarummaa argisiisu Yihowaadhaaf liqeessa, innis wanta inni godheef gatii isaa isaaf ni deebisa” jedha.
13. Ruut Oorfaa irraa adda kan taate akkamitti? Murtoon goote jaalala amanamaa akka qabdu argisiisa kan jennu maaliifi? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)
13 Abbaan manaa ishii fi ilmaan ishii lamaan erga duʼanii booda wanta Naaʼomii irra gaʼe irratti xiinxaluudhaan, jaalala amanamaa jechuun maal jechuu akka taʼe caalaatti hubachuu dandeenya. Naaʼomiin “Yihowaan midhaan isaaniif kennuudhaan saba isaa akka eebbise waan dhageesseef,” gara biyya ishiitti deebiʼuuf murteessite. (Rut. 1:6) Haadhotiin manaa ilmaan ishiis ishii wajjin deebiʼuuf karaa jalqaban. Haa taʼu malee, utuma deemaa jiranii Naaʼomiin dubartoonni sun gara Moʼaabitti akka deebiʼan siʼa sadii isaanitti himte. Achii hoo maaltu taʼe? Gabaasni isaa, “Oorfaan amaatii ishii dhungattee ishii irraa addaan baate. Ruut garuu ishii irraa addaan baʼuu diddee itti maxxante” jedha. (Rut. 1:7-14) Oorfaan wanta Naaʼomiin itti himte dhagaʼuudhaan gara Moʼaabitti deebite; kun wanta ishii irraa eegamu akka raawwatte argisiisa. Ruut garuu wanta ishii irraa eegamu caalaa raawwatte. Ishiinis deebiʼuu ni dandeessi turte; taʼus, amaatii ishiitiif jaalala amanamaa waan qabduuf, ishii gargaaruuf jecha ishii wajjin taʼuuf murteessite. (Rut. 1:16, 17) Ruut Naaʼomitti maxxanuu kan filatte, waan ishii irraa eegamuuf utuu hin taʼin, gochuu waan barbaaddeef ture. Murtoon Ruut goote jaalala amanamaa akka qabdu kan argisiisu dha. Maarree, wanta Ruut goote irraa maal baranna?
14. (a) Obboloonnii fi obboleettonni hedduun fakkeenya Ruut hordofaa kan jiran akkamitti? (b) Akka Ibroonni 13:16 jedhutti, aarsaa akkamiitu Waaqayyoon gammachiisa?
14 Jaalalli amanamaan wanta nu irraa eegamuu ol akka goonu nu kakaasa. Akkuma tajaajiltoota Yihowaa bara durii, obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun warra hin beekne dabalatee obboloota isaanitti jaalala amanamaa argisiisuuf filataniiru. Fakkeenyaaf, yeroo balaan uumamaa akka gaʼe dhagaʼanitti akkamitti gargaarsa gochuu akka dandaʼan dafanii beekuu barbaadu. Namni gumii keessa jiru tokko rakkinni maallaqaa yeroo isa mudatu, obboloonni gumii keessa jiran dafanii wanta isa barbaachisu adda baafachuudhaan isa gargaaruuf carraaqqii godhu. Akkuma obboloota Maqedooniyaa jaarraa tokkoffaatti turanii wanta isaan irraa eegamu caalaa godhu. Obboloota isaanii harka qalleeyyii taʼan gargaaruuf “humna isaaniitii olitti illee” kennuudhaan aarsaa kaffalu. (2 Qor. 8:3) Yihowaan jaalala amanamaa akkasiitti akka gammadu beekamaa dha!—Ibroota 13:16 dubbisi.
YEROO HARʼAATTI JAALALA AMANAMAA ARGISIISUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
15-16. Ruut abdii akka hin kutanne kan argisiiste akkamitti?
15 Akkaataa Ruut Naaʼomii itti gargaarte qoruudhaan barumsawwan gaggaarii hedduu arganna. Mee muraasa isaanii haa ilaallu.
16 Abdii hin kutatinaa. Ruut amaatii ishii wajjin gara Yihudaa dhaquuf yommuu yaaddetti, Naaʼomiin jalqaba irratti ishii diddee turte. Ruut garuu abdii hin kutanne. Akkas gochuu ishiitiin buʼaa akkamii argatte ree? “Naaʼomiin Ruut ishii wajjin deemuuf akka kutatte yommuu argitu ishii amansiisuuf yaalii gochuu ni dhiiste.”—Rut. 1:15-18.
17. Dafnee abdii akka hin kutanne wanti nu gargaaru maali dha?
17 Barumsa argannu: Warra dhiphatan gargaaruun obsa gaafata; taʼus, abdii isaanitti kutachuu hin qabnu. Obboleettiin gargaarsi ishii barbaachisu takka jalqaba irratti gargaarsa keenya fudhachuu diddi taʼa.c Taʼus, jaalalli amanamaan ishiitti maxxanuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuuf nu kakaasa. (Gal. 6:2) Yeroo booda akka ishii gargaarruu fi akka ishii jajjabeessinu akka nuuf heyyamtu ni abdanna.
18. Wanti Ruutiin gaddisiisee taʼuu dandaʼu maali dha?
18 Daftanii hin mufatinaa. Yommuu Naaʼomii fi Ruut Beetel gaʼanitti Naaʼomiin olloota ishii durii wajjin wal argite. Achiis, “Yommuun asii baʼetti guutuun ture; Yihowaan garuu harka duwwaa akkan deebiʼu na godhe” isaaniin jette. (Rut. 1:21) Naaʼomiin jechoota kana yeroo dubbattu Ruutitti wanta dhagaʼamee taʼuu dandaʼu mee yaadaa! Ruut Naaʼomii gargaaruuf wanta ishiif dandaʼame hundumaa gooteetti. Ishii wajjin boosseetti, ishii jajjabeessiteetti, guyyoota hedduudhaafis ishii wajjin imalteetti. Kana hunda gootus, Naaʼomiin garuu, “Yihowaan harka duwwaa akkan deebiʼu na godhe” jetteetti. Wanti Naaʼomiin utuma Ruut ishii dhageessuu dubbatte carraaqqii ishiin ishii gargaaruuf gochaa turteef iddoo akka hin kennine kan argisiisu fakkaata. Kun Ruutiin gaddisiisee taʼuu hin oolu. Taʼus, Naaʼomiitti maxxanuu ishii itti fufteetti.
19. Nama dhiphate tokkotti maxxanuuf maaltu nu gargaara?
19 Barumsa argannu: Yeroo harʼaatti, obboleettiin dhiphatte takka ishii gargaaruuf wanta dandeenye hunda kan goone taʼus, jalqaba irratti wanta nu miidhu dubbachuu dandeessi. Taʼus, hin mufannu. Obboleettii keenya gargaarsi ishii barbaachisutti ni maxxanna, ishii jajjabeessuuf akka nu gargaaruufis Yihowaa ni kadhanna.—Fak. 17:17.
20. Ruut abdii akka hin kutanne wanti ishii gargaare maali dha?
20 Yeroo namni tokko jajjabinni isa barbaachisutti isa jajjabeessaa. Ruut Naaʼomiitti jaalala amanamaa argisiisaa turte; taʼus, amma jajjabinni ishii barbaachisa. Kanaafuu, Yihowaan ishii jajjabeessuuf Boʼaazitti fayyadameera. Boʼaaz Ruutiin akkana jedhe: “Wanta ati gooteef Yihowaan si haa kiisu; Yihowaan Waaqni Israaʼel inni ati qoochoo isaa jalatti dahoo argachuuf gara isaa dhufte gatii kee guutummaatti siif haa kennu.” Jechoonni gaggaariin kun Ruutiin jajjabeessaniiru. Ruutis Boʼaaziin, ‘Na jajjabeessiteetta, karaa nama jajjabeessuunis ana tajaajiltuu teetti dubbatteetta’ jette. (Rut. 2:12, 13) Boʼaaz yeroo jajjabinni ishii barbaachisutti Ruutiin jajjabeessuun isaa abdii akka hin kutanne ishii gargaareera.
21. Akka Isaayyaas 32:1, 2 irratti ibsametti, jaarsoliin garraamiin gargaarsa akkamii kennu?
21 Barumsa argannu: Namoonni warra kaanitti jaalala amanamaa argisiisan yeroo tokko tokko isaanumaan iyyuu jajjabinni ni barbaachisa. Akkuma Boʼaaz wanti ishiin goote utuu hin hubatamiin akka hin hafne ishiidhaaf mirkaneesse, jaarsoliin yeroo harʼaatti argamanis carraaqqii obboloonnii fi obboleettonni warra kaan gargaaruuf godhaniif isaan ni galateeffatu. Galateeffannaan yeroo isaan barbaachisutti isaaniif kennine kun, jabina abdii akka hin kutanne isaan gargaaru isaaniif kenna.—Isaayyaas 32:1, 2 dubbisi.
NAMOONNI JAALALA AMANAMAA ARGISIISAN FAAYIDAA AKKAMII ARGATU?
22-23. Ilaalchi Naaʼomii kan jijjiirame akkamitti? Wanti ilaalcha ishii jijjiire maali dha? (Faarfannaa 136:23, 26)
22 Yeroo muraasa booda, Boʼaaz Ruutii fi Naaʼomiif arjummaadhaan nyaata kenneera. (Rut. 2:14-18) Naaʼomiin arjummaa Boʼaaz isaanitti argisiisetti maaltu ishiitti dhagaʼame? “Yihowaan inni jaalala isaa isa amanamaa warra jiranittis taʼe warra duʼanitti argisiisuu hin dhiisne isa haa eebbisu” jetteetti. (Rut. 2:20a) Ilaalchi Naaʼomii guutummaatti jijjiirameera! Jalqaba irratti imimmaan ishii dhangalaasaa, “Yihowaan na morme” jettee kan turte taʼus, amma garuu gammachuudhaan, “Yihowaan . . . jaalala isaa isa amanamaa . . . argisiisuu hin dhiisne” jetteetti. Ilaalchi Naaʼomii kan jijjiirame maaliif taʼuu dandaʼa?
23 Naaʼomiin Yihowaan akka ishii hin dhiisne hubachuu jalqabde. Yeroo gara Yihudaatti deebiʼaa turanitti, Yihowaan gargaarsa ishii barbaachisu ishiidhaaf gochuuf Ruutitti fayyadameera. (Rut. 1:16) Naaʼomiin Boʼaaz ‘inni isaan furuuf mirga qabu’ arjummaadhaan wanta lamaan isaaniitiif iyyuu barbaachisu yommuu isaaniif kennettis harka Yihowaa argiteetti.d (Rut. 2:19, 20b) ‘Amma Yihowaan akka na hin dhiisne hubadheera. Inni yeroo hundumaa naa wajjin ture’ jettee taʼuu qaba! (Faarfannaa 136:23, 26 dubbisi.) Naaʼomiin Ruutii fi Boʼaaz abdii ishiitti kutachuu dhiisuu isaaniitti baayʼee akka gammadde hin shakkisiisu! Hundi isaanii iyyuu Naaʼomiin deebitee gammachuu argachuudhaan Yihowaa tajaajiluu ishiitti baayʼee akka gammadan beekamaa dha.
24. Jaalala amanamaa obbolootatti argisiisuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?
24 Jaalala amanamaa ilaalchisee Kitaaba Ruut irraa maal baranne? Jaalalli amanamaan obbolootaa fi obboleettota dhiphatanitti dafnee abdii akka hin kutanne nu kakaasa. Isaan gargaaruuf jecha aarsaa kaffaluuf illee nu kakaasa. Jaarsoliin namoota jaalala amanamaa warra kaanitti argisiisan yeroo jajjabinni isaan barbaachisutti isaan jajjabeessuun isaanii baayʼee barbaachisaa dha. Namoonni gargaarsi isaan barbaachisu karaa hafuuraa yommuu deebiʼanii cimanitti baayʼee gammanna. (HoE. 20:35) Sababiin jaalala amanamaa argisiisuu keenya itti fufuu qabnu inni guddaan maali dha? Yihowaa isa “jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee taʼe” fakkaachuu fi gammachiisuu waan barbaannuufi.—Bau. 34:6; Far. 33:22.
FAARFANNAA 130 Dhiifama Godhaa
a Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyatti jaalala amanamaa akka argisiisnu barbaada. Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara durii turan tokko tokko amala kana kan argisiisan akkamitti akka taʼe qoruudhaan jaalala amanamaa jechuun maal jechuu akka taʼe gadi fageenyaan hubachuu ni dandeenya. Mata duree kana keessatti fakkeenya Ruut, Naaʼomii fi Boʼaaz irraa maal akka barannu ilaalla.
b Mata duree kana irraa guutummaatti fayyadamuuf kitaaba Ruut boqonnaa 1 fi 2 dhuunfaatti akka dubbistan isin jajjabeessina.
c Fakkeenya Naaʼomii qoraa waan jirruuf obboleettota gargaarsi isaan barbaachisu akka fakkeenyaatti fudhanne malee, barumsi mata duree kana keessa jiru obbolootaafis ni hojjeta.
d Gaʼee Boʼaaz furuuf qabu ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, mata duree, “Dubartii Baʼeettii” jedhuu fi boqonnaa 5ffaa kitaaba Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa jedhamu irra jiru ilaali.