Dhiifama Gaafachuun Nagaa Uumuuf Murteessaa Dha
“DHIIFAMA gaafachuun humna guddaa qaba. Dhiifama gaafachuun wal dhabiinsa fura, qoqqoodama saboota gidduutti uumame hambisa, mootummoonni dararama lammiiwwan isaanii akka hubatan taasisa, akkasumas michoota gidduutti hariiroo gaariin akka jiraatu godha.” Kana kan barreessan Yunivarsiitii Waashingitan D.Sii. Jorjitaawunitti qorattu afaanii fi barreessituu kitaaba balʼinaan gurguramu kan taʼan Deebraa Taanani dha.
Kitaabni Qulqulluun garaadhaa dhiifama gaafachuun, yeroo baayʼee hariiroo mancaʼe iddoo isaa duriitti deebisuu irratti gaʼee guddaa akka qabu ibsa. Fakkeenyaaf, Yesuus fakkeenya ilma badee argame dubbate irratti, mucichi gara mana isaatti deebiʼee abbaa isaa garaadhaa dhiifama yommuu gaafatetti Abbaan isaa isa simachuuf fedhii guutuu qaba ture. (Luqaas 15:17-24) Eeyyee, namni tokko of tuulummaa isaa dhiisee dhiifama gaafachuu fi araara argachuuf carraaqqii gochuu irraa matumaa duubatti jechuu hin qabu. Namoonni dhugumaan gad of qaboo taʼan dhiifama gaafachuun akka isaanitti hin ulfaanne beekamaa dha.
Humna Dhiifama Gaafachuun Qabu
Abigaayil ishiin dubartii ogeettii taatee fi Israaʼel durii keessa jiraachaa turte, dhiifama kan gaafatte balleessaa abbaan manaa ishii hojjeteef taʼus, fakkeenya dhiifama gaafachuun humna akka qabu ifatti argisiisu dha. Daawit inni yeroo booda mootii Israaʼel taʼee fi namoonni isaa wajjin lafa onaa keessa jiraachaa turan hoolota Naabaal isa abbaa manaa Abigaayil taʼe eegaa turan. Taʼus, Daawitii fi namoonni isaa wajjin turan bishaaniif Daabboo akka isaaniif kennu yommuu Naabaal gaafatan arrabsee isaan ariʼe. Daawit inni baayʼee aare namoota 400 fudhatee Naabaalii fi maatii isaa irratti haleellaa banuuf kaʼe ture. Abigaayil haala isaa yommuu dhageessu Daawitii wajjin wal arguuf deemte. Yommuu isa argitus miila isaa irratti kufte. Achiis, “Yaa gooftaa koo, balleessaan isaa ana irratti haa taʼu; tajaajiltuun tee sitti haa dubbattu; atis wanta tajaajiltuun tee jettu dhagaʼi” jette. Achiis haala isaa isaaf ibsite akkasumas wanta nyaatamuu fi wanta dhugamu isaaf kennite. Yeroo kanatti Daawit, “Nagaadhaan gara mana keetti deebiʼi! Kunoo, wanta ati jette dhagaʼeera; wanta ati gaafattes siifan godha” ishiidhaan jedhe.—1 Saamuʼel 25:2-35.
Abigaayil amala gadhee abbaan manaa ishii argisiiseef gad of qabudhaan dhiifama gaafachuun ishii maatii ishii baraareera. Daawit dhiiga dhangalaasuu irraa waan isa oolchiteef ishii galateeffateera. Daawitii fi namoota isaa kan mufachiise Abigaayil taʼuu baatus, himata maatii ishii irratti dhihaate fudhachuudhaan Daawitii wajjin nagaa uumteetti.
Fakkeenyi kan biraan yoom dhiifama gaafatamuu akka qabu beeku immoo Phaawulos ergama dha. Yeroo tokko mana murtii Yihudootaa Saanhedriin jedhamu duratti dhihaatee, himata isa irratti dhihaateef deebii kennuu qaba ture. Anaaniyaas lubni ol aanaan jechoota Phaawulos amanamummaadhaan dubbateen waan aareef namoonni Phaawulos bira dhaabbatan afaan isaa akka rukutan ajaje. Yeroo kanatti Phaawulos, “Girgiddaa nooraa dibame nana, Waaqayyo si rukuta. Ati akka Seerichaatti natti murteessuuf teessee utuu jirtuu, akkan rukutamu ajajuudhaan Seericha cabsitaa?” jedhe. Namoonni haala isaa ilaalaa turan luba ol aanaa akka arrabse yommuu isa himatan yeruma sana balleessaa isa amanuudhaan, “Yaa obbolootaa, luba ol aanaa taʼuu isaa ani hin beekne. Sababiin isaas, ‘Bulchaa saba keetti wanta hamaa hin dubbatin’ jedhamee barreeffameera” jedhe.—Hojii Ergamootaa 23:1-5.
Phaawulos namni murtii akka kennu muudame gocha seeraan ala taʼe raawwachuu akka hin qabne dubbachuun isaa sirrii dha. Taʼus, utuu hin beekin karaa luba ol aanaatiif ulfina akka hin qabne argisiisuun isatti dubbachuu isaatiin dhiifama gaafateera.a Phaawulos dhiifama gaafachuun isaa yaaʼiin Saanhedriin yaada isaa akka dhaggeeffatu karaa baneera. Wanta miseensonni yaaʼii kun irratti walii hin galle waan beekuuf, mana murtiitti kan dhihaate abdii duʼaa kaʼuutti amanuu isaatiin akka taʼe dubbate. Kanaan kan kaʼes, Fariisonni Phaawulosiin kan deggeran yommuu taʼu wal dhabiinsi ni uumame.—Hojii Ergamootaa 23:6-10.
Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu kana lamaan irraa maal baranna? Seenaawwan lamaan irratti iyyuu garaadhaa dhiifama gaafachuun maree akka godhaniif karaa baneera. Kanaafuu, dhiifama gaafachuun nagaa uumuuf nu gargaara. Eeyyee, balleessaa keenya amannee fudhachuunii fi miidhaa gaʼeef dhiifama gaafachuun maree gaarii gochuuf karaa nuuf bana.
‘Garuu Ani Balleessaa Tokko Iyyuu hin Raawwanne’
Wanta dubbanneen ykn gooneen namni mufate akka jiru yoo hubanne namni sun sababa qabeessa akka takka hin taane ykn nama dafee mufate akka taʼe goonee yaanna taʼa. Haa taʼu malee, Yesuus Kiristoos akkana jedhee barattoota isaa gorseera: “Kanaafuu, kennaa kee gara iddoo aarsaatti fiddee, utuma achi jirtuu obboleessi kee sitti gadduu isaa yoo yaadatte, kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii deemi. Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.”—Maatewos 5:23, 24.
Fakkeenyaaf, obboleessi tokko akka isa mufachiiste isatti dhagaʼameera taʼa. Haalli akkasii yommuu si mudatu, akka isa mufachiiste sitti dhagaʼaames sitti dhagaʼamuu baates, Yesuus dhaqxee ‘obboleessa kee wajjin araaramuu’ akka qabdu dubbateera. Akka caqasa Afaan Giriikiitti jechi Yesuus as irratti itti fayyadame, ‘namoonni lama yeroo wal lolanitti dhiifama waliif godhanii nagaa uumuu akka qaban argisiisa.’ (Vineʼs Expository Dictionary of Old and New Testament Words) Mudaa waan qabnuu fi waan dogoggorruuf namoota lama gidduutti walitti buʼiinsi yommuu uumamu, lamaan isaanii biratti balleessaan argamuun isaa hin oolu. Kanaaf lamaan isaanii iyyuu nagaa uumuuf carraaquu qabu.
Dhimmi isaa balleessaan isaa kan eenyuu ti isa jedhu utuu hin taʼin, nagaa uumuuf tarkaanfii isa jalqabaa kan fudhatu eenyu dha isa jedhu dha. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni Qorontos tokko tokko dhimmoota akka maallaqaa irratti walii galuu waan dadhabaniif namoota hidhata amantii isaanii taʼan mana murtiitti akka geessan yommuu hubate, “Isinumti utuu miidhamtanii hin wayyuu? Isinumti utuu gowwoomfamtanii hin wayyuu?” isaaniin jedhee ture. (1 Qorontos 6:7) Phaawulos yaada kana kan dubbate Kiristiyaanota hidhata amantaa isaa taʼan wal dhabiinsa gidduu isaaniitti uumame mana murtiitti geessuu irraa akka of qusatan gorsuuf taʼus, wanti dubbachuu barbaade ifa dha: Wanti caalaatti barbaachisaa taʼe balleessaan isaa kan eenyuu akka taʼe mirkaneessuu utuu hin taʼin Kiristiyaanota gidduutti nagaa uumuu dha. Qajeelfama kana yaadatti qabachuun keenya, nama akka isa mufachiisne isatti dhagaʼamu dhiifama gaafachuuf haala isaa nuuf salphisa.
Garaadhaa kan Madde Taʼuu Qaba
Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko jecha dhiifama jedhu garmalee itti fayyadamu. Fakkeenyaaf, Jaappaan keessatti jecha suumiimaasan jedhamuu fi dhiifama gaafachuuf hojii irra oolu irra deddeebiʼanii itti fayyadamu. Jechi kun galateeffannaa ibsuufis faayidaa irra ni oolu; namni jecha kanatti fayyadamu miira wanta isaaf godhameef dugda deebisuu dadhabuu isaatiin isatti dhagaʼamu argisiisa. Jechi kun irra deddeebiʼamee faayidaa irra ooluu isaatiin kan kaʼe, namoonni tokko tokko ‘Dhiifama kan gaafatan dhugumaan garaa isaanii irraa tii?’ jedhanii yaadu. Aadaawwan kaan keessattis jechoonni dhiifama gaafachuuf tajaajilan garmalee faayidaa irra waan oolan fakkaatu.
Qooqa kamiin iyyuu yoo taʼe dhiifama gaafachuun miira garaadhaa maddeen taʼuu qaba. Dubbiin keenyaa fi sagaleen keenya kan gaddinee fi kan gaabbine garaa keenya irraa taʼuu isaa argisiisuu qaba. Yesuus lallaba isaa isa gaara irra irratti barattoota isaa, “Dubbiin keessan ‘Eeyyee’ yoo taʼe eeyyee, ‘Lakki’ yoo taʼe lakki haa taʼu; kanaan ala kan taʼe kan isa hamaa sanaa ti” jechuudhaan barsiiseera. (Maatewos 5:37) Dhiifama yoo gaafatte garaadhaa haa taʼu! Kana fakkeenyaan ibsuuf: Namoonni buufata xiyyaaraa keessa jiran miʼi isaanii akka sakattaʼamuuf hiriira galanii dabaree isaanii eeggachaa utuu jiranii namichi tokko shaanxaan isaa dubartii isatti aansitee jirtu waan xuqef dhiifama gaafate. Daqiiqaawwan muraasa booda hiriirri isaanii gara fuulduraatti yommuu siqu ammas shaanxaan isaa ishiitti buʼe; ammas namichi kun dhiifama gaafate. Siʼa sadaffaa yeroo itti buʼu namni dubartittii wajjin ture kan biraan dhiifamni isaa garaadhaa utuu taʼee shaanxaan sun akka ishiitti hin buune of eeggachuu akka qabu isatti hime. Eeyyee, garaadhaa dhiifama gaafachuun, balleessaa sana akka irra hin deebineef murtoo cimaa gochuu kan dabalatu taʼuu qaba.
Dhiifama kan gaafanne garaa keenya irraa yoo taʼe balleessaa hojjenne amannee fudhachuu, dhiifama gaafachuu fi miidhaa uumame hambisuuf wanta nuuf dandaʼame gochuu dabalata. Namni balleessaan isa irratti raawwatames nama qalbii isaa geddarate sanaaf dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu qaba. (Maatewos 18:21, 22; Maarqos 11:25; Efesoon 4:32; Qolosaayis 3:13) Lamaanuu mudaa kan qaban waan taʼaniif, carraaqqiin nagaa uumuuf godhan yeroo hunda salphaa taʼu dhiisuu dandaʼa. Taʼus dhiifama gaafachuun hariiroo mancaʼee ture haaressuu irratti gaʼee guddaa qaba.
Yeroo Dhiifama Gaafachuun Sirrii Itti hin Taane
Gadduu fi gaabbuu keenya ibsuun nama isa kaan kan jajjabeessuu, akkasumas hariiroo mancaʼe deebisee haaressuuf gaʼee guddaa kan qabu taʼus, namni ogeessi yeroo dhiifama gaafachuun sirrii itti hin taane akka jirus ni hubata. Fakkeenyaaf, wanti uumame Waaqayyoof amanamoo taʼuu wajjin kan wal qabatuu dha haa jennu. Yesuus Kiristoos yeroo lafa irra turetti, “gad of qabuudhaan hamma duʼutti, jechuunis hamma muka dhiphinaa irratti fannifamee duʼutti ajajamaa taʼe.” (Filiphisiyus 2:8) Haa taʼu malee, rakkina isa irra gaʼe irraa baqachuuf jedhee amantii isaatiif dhiifama hin gaafanne. Kana malees, lubni ol aanaan, “Ati Kiristoos Ilma Waaqayyoo taʼuu fi dhiisuu kee akka nutti himtu, Waaqayyo isa jiraataadhaan sin kakachiisa!” jedhee yommuu isa gaafatu, sodaadhaan romʼee dhiifama gaafachuu mannaa ija jabinaan akkana jedhee deebise: “Atumti iyyuu jette kaa. Ani garuu isinitti nan hima, ammaa jalqabee Ilmi namaa mirga isa humna qabeessa sanaa taaʼee, duumessa samiitiin yommuu dhufu ni argitu.” (Maatewos 26:63, 64) Luba ol aanaa sanaa wajjin nagaa uumuuf jedhee amanamummaa Abbaa isaa Yihowaaf qabu hirʼisuun matumaa gara sammuu isaatti hin dhufne.
Kiristiyaanonni abbootii taayitaa ni kabaju. Haa taʼu malee, Waaqayyoon waan ajajamaniif ykn obboloota isaanii waan jaallataniif dhiifama gaafachuun isaan hin barbaachisu.—Maatewos 28:19, 20; Roomaa 13:5-7.
Wanti Nagaa Booressu hin Jiraatu
Yeroo harʼaatti, mudaa fi cubbuu abbaa keenya Addaam irraa dhaalleen kan kaʼe dogoggora ni raawwanna. (Roomaa 5:12; 1 Yohaannis 1:10) Addaam cubbamaa kan taʼe Uumaa isaa irratti waan fincileef ture. Haa taʼu malee, Addaamii fi Hewaan jalqaba yeroo uumamanitti mudaa fi cubbuu hin qaban turan; Waaqayyo ilmaan namootaa haala jalqaba isaan keessa turan kanatti deebisuuf waadaa galeera. Wantoota cubbuu fi sababii cubbuutiin dhufan hunda ni dhabamsiisa.—1 Qorontos 15:56, 57.
Kana jechuun maal jechuu akka taʼe mee yaadi! Yaaqoob inni obboleessa Yesuus ture, “Namni dubbiidhaan hin gufanne yoo jiraate garuu, inni nama mudaa hin qabnee fi guutummaa qaama isaa toʼachuu dandaʼu dha” jedheera. (Yaaqoob 3:2) Namni mudaa hin qabne arraba isaa toʼachuu waan dandaʼuuf, wanta sirrii hin taanee dubbateef dhiifama gaafachuun isa hin barbaachisu. “Inni nama . . . guutummaa qaama isaa toʼachuu dandaʼu dha.” Yeroon itti namoota mudaa hin qabne taanu baayʼee kan nama gammachiisu taʼa! Yeroo sanatti wantoonni nagaa namoota giddu jiru booressan hin jiraatan. Hamma yeroo sanaatti garuu, balleessaa raawwatameef garaadhaa, garuu immoo dhiifama sirrii taʼe gaafachuun nagaa uumuuf gumaacha guddaa godha.
[Miiljalee]
a Tarii Phaawulos luba ol aanaa sana hubachuu kan hin dandeenye rakkina sirriitti arguu waan qabuuf taʼuu dandaʼa.
[Fakkii]
Fakkeenya Phaawulos irraa maal baranna?
[Fakkii]
Namni hundi mudaa kan hin qabne yommuu taʼu, wanti nagaa booressu tokko illee hin jiraatu