Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
Waan Garaashee Keessa Jiru Kadhannaadhaan Waaqayyootti Himatteetti
HAANNAAN karaa adeemuuf qophaaʼuudhaan rakkoosheerratti akka hin xiyyeeffanneef yaalii gochaa jirti. Yeroon kun gammachiisaa taʼuu qaba ture; abbaan manaashee Elqaanaan waggaa waggaadhaan waaqeffannaadhaaf gara godoo qulqullaaʼaa Shiiloo jirutti guutummaa maatiisaa fuudhee adeema ture. Yihowaan yeroowwan akkasii kan nama gammachiisan akka taʼan barbaada. (Keessa Deebii 16:15) Haannaan ijoollummaasheetii jalqabee ayyaanawwan akkasiirratti argamuun kan ishee gammachiisu akka ture homaa hin shakkisiisu. Waggoota dhihoodhaa asitti garuu haalawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
Abbaa manaa ishee jaallatu argachuudhaan eebbifamtee turte. Elqaanaan garuu haadha manaa kan biraa qaba ture. Maqaanshee Phiniinaa kan jedhamu siʼa taʼu, jiruukoo jettee Haannaatti jireenya hadheessuu kan barbaaddu fakkaata. Phiniinaan yeroon ayyaana waggaadhaaf itti adeeman Haannaa guggubuuf yeroo gaarii akka taʼe hubattee turte. Akkamitti? Keessumaammoo, Haannaan haala rakkisaa fakkaatu kana moʼuuf amantiin Yihowaarratti qabdu kan ishee gargaare akkamitti? Rakkoowwan jireenyakee keessatti gammachuu si dhabsiisan yoo si mudatan, seenaan Haannaa si jajjabeessuu dandaʼa.
“Maaliif Garaan Kee Akkana Gadda?”
Macaafni Qulqulluun rakkoowwan gurguddaa Haannaa mudatanii turan lama ibsa. Isa jalqabaarratti hamma tokko jijjiirama gochuu kan dandeessu yommuu taʼu, inni lammataa garuu humnasheetii ol ture. Inni jalqabaa, abbaan manaashee haadha manaa gara biraa kan qabu siʼa taʼu, masaanuunshee sunis ishee jibbiti turte. Inni lammaffaanimmoo, dhala kan hin qabne taʼuushee ture. Dhala dhabuun haadha manaa ijoollee godhachuu barbaaddu kamiifiyyuu baayʼee ulfaataadha; bara Haannaafi aadaasheetti immoo gadda guddaa kan geessisu ture. Maatiin hundumtuu dhala godhatuun maqaa maatiisaa waamsisa. Kanaaf dhala dhabuun akka arrabsoofi qaanii guddaatti ilaalama ture.
Haannaan utuu Phiniinaan isheetti hammaachuu baattee, haala ishee mudate kana moʼuu dandeessi taʼa. Haadha manaa tokkoo ol fuudhuun matumaa gaarii hin turre. Kun taʼuunsaa hinaaffaa, lolaafi gadda akka geessisu beekamaadha. Gochi kun qajeelfama Waaqayyo dhaaba Eeden keessatti haadha manaa tokko qofa fuudhuu ilaalchisee kennee wajjin kan walfaallessu ture.a (Uumama 2:24) Kanaaf, Macaafni Qulqulluun haadha manaa tokkoo ol fuudhuun rakkina guddaa akka qabu kan ibsu siʼa taʼu, haalli gaddisiisaan mana Elqaanaa keessatti raawwatameefi godaannisa hin fayyine dhiisee darbe kanaaf fakkeenya taʼa.
Elqaanaan Haannaa caalchisee akka jaallatu hubachuu dandeessa. Akka aadaan Yihudootaa ibsutti, jalqaba kan fuudhe Haannaa siʼa taʼu, waggoota muraasa boodammoo Phiniinaa fuudhe. Kun dhuga taʼus taʼuu baatus, Phiniinaan isheen masaanuu Haannaa turte, karaa itti ishee qoccoltu akka argatte ifadha. Karaan Phiniinaan Haannaarra itti wayyitu inni guddaan, ijoollee godhachuu dandaʼuushee ture. Phiniinaan walirratti ijoollee godhachuu kan dandeesse siʼa taʼu, yeroo mucaa tokko dabalattu hundatti caalaatti of jajji turte. Haannaadhaaf gadduufi abdii waan kutatteef ishee jajjabeessuu mannaa, carraa kanatti fayyadamtee wanta aariishee itti caalchisu gooti. Macaafni Qulqulluun Phiniinaan Haannaa aarsuuf “tuttuqxee in duchiifte” jedha. (1 Saamuʼel 1:6) Phiniinaan kana kan gootu taʼe jetteeti. Haannaa miidhuu kan barbaaddu siʼa taʼu, kunis isheedhaaf milkaaʼeera.
Carraan inni guddaan Phiniinaan ishee aarsuuf itti fayyadamtu, yeroo waggaa waggaatti waaqeffannaadhaaf gara Shiiloo itti deeman sana taʼuu hin oolu. Elqaanaan yeroo Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessu ijoollee Phiniinaa hundumaaf, jechuunis “ilmaan isheetiif, intaloota isheetiifis” qooda isaanii isaaniif in kenna ture. Haannaan isheen ijoollee hin qabne garuu, qoodashee qofa argatti turte. Yeroo kanatti Phiniinaan isheerratti giiftii of gochuunshee, Haannaan dhala kan hin qabne taʼuushee yaadachuudhaan imimmaanshee akka dhangalaastuufi midhaan akka lagattu ishee godheera. Elqaanaan, haadha manaasaa jaallatamtuu kan taate Haannaan akka gadditeefi midhaan akka lagatte waan hubateef ishee jajjabeessuuf yaalii godheera. Kanaaf akkas jedhee ishee gaafate: “Yaa Haannaa! Maaliif boossa? Maaliif garaan kee akkana gadda? Maaliifis midhaan hin nyaattu? Dhugumaan ani ilmaan kudhan irra siif hin wayyuu ree?”—1 Saamuʼel 1:4-8.
Elqaanaan, Haannaan kan gadditu dhala kan hin qabne taʼuusheetiin akka taʼe hubachuunsaa akka dinqisiifamu kan isa godhudha. Haannaanis akka ishee jaallatu isheef mirkaneessuusaatiif bakka guddaa akka kennitu beekamaadha.b Haataʼu malee, Elqaanaan hammina Phiniinaan isheerratti raawwattu hin caqasne; Haannaan kana akka isatti himtes wanti ibsu hin jiru. Tarii wanta Phiniinaan gootu saaxiluun haalashee ittuma caalchisuu akka taʼe itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Elqaanaan haala kana jijjiiruu ni dandaʼa turee? Dubbachuunshee, tuffiin Phiniinaan Haannaadhaaf qabdu akka itti caaluu, akkasumas ijoolleeniifi hojjettoonnishee caalaatti akka ishee jibban gochuu hin dandaʼuu? Haannaan manumashee keessa utuu jirtuu, akka gatamtetti akka isheetti dhagaʼamu gochuu dandaʼa.
Elqaanaan hammina Phiniinaan raawwattu guutummaatti beekus beekuu baatus, Yihowaan waan hundumaa ilaalaa ture. Dubbiinsaa wanta duuba hamminaatiin jiru ifa kan godhu siʼa taʼu, nama hinaaffaa xinnoodha jedhamu qabuufi jibbaan kakaʼee waan tokko raawwatu kamiifiyyuu akeekkachiisa cimaa kenna. Karaa biraammoo, namoonni akka Haannaa gaariifi naga qabeeyyii taʼan, Yihowaan Waaqa firdii qajeelaa wanta hundumaa yeroosaafi karaa barbaadeen sirreessu taʼuusaa beekuudhaan jajjabina argachuu dandaʼu. (Keessa Deebii 32:4) Tarii Haannaan gargaarsaaf Yihowaa kan kadhatte kana waan beektuuf taʼuu dandaʼa.
“Deebitees Nyaara Hin Guurre”
Maatichi karaa deemuuf ganamaan kaʼee qoqophaaʼaa jira. Ijoollee dabaltee, hundumtuu karaa deemuuf qophaaʼaa jiru. Maatii balʼaan biyya Efreem ishee tabbarraa keessa jiraatu kun, gara Shiiloo dhaquuf irraan olee gara kiilomeetira 30 deemuu qaba ture.c Miilaan adeemsa guyyaa tokko ykn guyyaa lamaati. Haannaan masaanuunshee ishee aarsuuf maal akka gootu beekti turte. Taʼus, manatti hafuu hin barbaanne. Kanaaf, Haannaan namoota yeroo harʼaatti Yihowaa waaqeffataniif fakkeenya guddaa taati. Amalli gadheen warri kaan argisiisan, waaqeffannaa Waaqayyoof dhiheessinu akka nu jalaa gufachiisu heyyamuun matumaa sirrii miti. Akkas kan goonu taanaan, eebba jabaannee dhaabachuuf nu gargaaru dhabuu dandeenya.
Maatii balʼaan kun, tabbarra karaa dheeraa jajalʼaa taʼerra guyyaa guutuu erga deemaa oolee booda Shiilootti dhihaate. Achiis tabba tabbawwan gurguddaadhaan marfame tokkorra taaʼe. Yeroo achi gaʼuuf jedhan, Haannaan kadhannaa Yihowaadhaaf dhiheessiturratti maalfaa akka jettu baayʼee yaaddee taʼuu qaba. Erga achi gaʼanii booda, guutummaan maatichaa nyaata waliin nyaachuuf sassaabame. Yeroo kanatti Haannaan hamma dandeesse daftee maaticharraa addaan baatee, karaa gara godoo qulqullaaʼaa Yihowaa geessurra buute. Eliin inni Angafa Lubootaa taʼe achi kan jiru siʼa taʼu, balbala mana qulqullummaa fuuldura taaʼeera. Haannaan garuu kadhannaa Waaqasheetti dhiheessiturratti xiyyeeffattee turte. Godoo qulqullaaʼaa kanatti kadhannaanshee akka dhagaʼamu amanannaa qabdi turte. Haala gaddisiisaa isheen keessa jirtu namni tokkoyyuu guutummaatti hubachuu kan hin dandeenye taʼus, Abbaanshee inni samii garuu hubachuu dandaʼa. Gaddi keessasheetti itti dhagaʼamu waan itti caaleef, booʼuu jalqabde.
Hirqinfattee yommuu boossu qaamnishee kan sosochoʼu siʼa taʼu, sagaleeshee utuu hin dhageessisin Yihowaatti dubbatti turte. Gaddashee yeroo ibsitu hidhiinshee ni sosochoʼa ture. Kadhannaa dheeraa dhiheessuudhaan waan garaashee keessa jiru hundumaa Abbaasheetiif dhangalaaste. Haataʼu malee, mucaa akka godhattu Waaqayyoon gaafachuu caalaa waan goote qabdi. Haannaan Waaqayyorraa eebba argachuu qofaaf utuu hin taʼin, waan dandeessu isaaf kennuufis hawwii guddaa qabdi turte. Kanaafuu, yoo ilma godhatte mucicha umriisaa guutuu Yihowaa akka tajaajiluuf akka kennitu wareegde.—1 Saamuʼel 1:9-11.
Kanaaf, gama kadhannaatiin Haannaan tajaajiltoota Yihowaa hundumaaf fakkeenya taati. Yihowaan, akkuma mucaan warrasaatti amanamuufi warrisaa isa jaallatan tokko godhu, sabnisaa ifatti, daangaa tokko malee akka isatti dubbataniifi wanta isaan yaaddessu akka isa gaafatan gaarummaadhaan afeera. (Faarfannaa 62:8; 1 Tasaloniiqee 5:17) Phexros ergamaan, kadhannaa Yihowaatti dhiheessinu ilaalchisee geggeessaa hafuura qulqulluutiin, “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!” jechuudhaan yaada nama jajjabeessu barreesseera.—1 Phexros 5:7.
Haataʼu malee, ilmaan namootaa hamma Yihowaa kan nama hubataniifi namaa gaddan miti. Haannaan booʼaafi kadhachaa utuu jirtuu, sagaleen tokko ishee naasise. Elii isa angafa lubootaa ishee ilaalaa turetu dubbate. “Ati hamma yoomiitti machoofta? Daadhii waynii kana dhaqii of keessaa baasi!” jedheen. Eliin hidhiin Haannaa sosochoʼuusaa, hirqinfattee booʼuusheefi haala miirashee argee ture. Maal akka taate ishee gaafachuu mannaa, dafee machoofteetti jedhee murteesse.—1 Saamuʼel 1:12-14.
Haannaan utuu gaddarra jirtuu, namni iddoo guddaa akkasii qabu sababii malee ishee ceephaʼuunsaa baayʼee kan ishee miidhu ture! Taʼus, gama amantiitiin fakkeenya guddaa taati. Dogoggorri namni cubbuu dhaale tokko raawwate waaqeffannaa Yihowaarraa duubatti akka ishee deebisu hin heyyamne. Eliidhaaf karaa ulfina qabuun kan deebisteef siʼa taʼu, haalashees ibsiteettiif. Innis dogoggoree akka ture hubachuudhaan tariimmoo sagalee laafaadhaan, “Nagaadhaan dhaqi! Waaqayyo inni kan Israaʼel waan ati isa kadhatte siif haa kennu!” jedheen.—1 Saamuʼel 1:15-17.
Haannaan wanta garaashee keessa jiru kadhannaadhaan Yihowaadhaaf dhangalaasuufi godoo qulqullaaʼaa keessatti isa waaqeffachuunshee, jijjiirama akkamii isheerratti fide? Seenaansaa, “Karaa ishee irra in buute; nyaatas in nyaattee, deebitees nyaara hin guurre” jedha. (1 Saamuʼel 1:18) Haannaan boqonnaa akka argatte isheetti dhagaʼameera. Baʼaa miirashee baachuun itti ulfaate, Abbaashee isa samii ishee caalaa humna guddaa qabutti akka kennattetti kan ilaalamu ture. (Faarfannaa 55:22) Baʼaan inni baachuu hin dandeenye jiraa? Matumaa. Yeroo sanatti, ammas taʼe barabaraaf baʼaan isatti ulfaatu hin jiraatu!
Baʼaan yoo nutti ulfaateefi humna keenyaa ol akka taʼe yoo nutti dhagaʼame ykn gaddaan yoo liqimsamne, fakkeenya Haannaa hordofuufi Yihowaa isa Macaafni Qulqulluun “Isa kadhata namaa dhageessu” jedhee waamutti waan garaa keenya keessa jiru dhangalaasuu qabna. (Faarfannaa 65:2) Kana amantiidhaan yoo goone, nuyis gaddi keenya ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa namaa hundumaarra caalutti’ jijjiiramuu dandaʼa.—Filiphisiiyus 4:6, 7.
“Akka Waaqayyo Keenyaas Kattaa Kan Namaaf Taʼu Hin Jiru”
Borumtaasaa ganama Haannaan Elqaanaa wajjin gara godoo qulqullaaʼaatti deebite. Seerri Musee abbaan manaa wanta haati manaasaa utuu isatti hin himin wareegde hambisuu akka dandaʼu waan dubbatuuf, wanta kadhatteefi wareegde utuu isatti hin himin hin ooltu. (Lakkoobsa 30:10-15) Namni amanamaan sun garuu wareegashee hin hambisne. Kanaa mannaa, inniifi Haannaan gara manasaaniitti deebiʼuusaanii dura godoo qulqullaaʼaatti waliin Yihowaa waaqeffataniiru.
Phiniinaan Haannaa aarsuun humnasheetii ol akka taʼe kan hubatte yoom ture? Kana ilaalchisee wanti Macaafni Qulqulluun ibsu jiraachuu baatus, yaanni “deebitees nyaara hin guurre” jedhu, Haannaan yeroo sanaa kaasee gammachuu akka qabduufi akka hin dhiphanne argisiisa. Kanas taʼe sana, utuu baayʼee hin turin Phiniinaan yaaliin isheen Haannaa aarsuuf gootu akka hin milkoofne hubatteetti. Macaafni Qulqulluun sanaan booda maqaashee hin caqasu.
Jiʼoonni darbaa ennaa adeeman, nagaan sammuu Haannaan argatte guddatee gammachuu guddaatti jijjiirame. Ni ulfoofte! Gammachuun Haannaan argatte, eebbi kun eessaa akka dhufe hamma liphsuu ijaatiifillee akka dagattu ishee hin goone. Mucichi yeroo dhalatu, maqaansaa Saamuʼel jedhamee akka moggaafamu kan filatte siʼa taʼu, hiikni maqaasaas “Maqaa Waaqayyoo” jechuudha. Kunis, akkuma Haannaan goote maqaa Waaqayyoo waamuu kan argisiisu taʼuu hin oolu. Waggaa sana, Haannaan Elqaanaafi maatichaa wajjin gara Shiiloo hin dhaqne. Hamma mucichi waggaa sadii taʼee harma guʼutti manuma turteetti. Sana booda, akkuma taʼetti of jajjabeessitee guyyaa ilmashee isa jaallatturraa itti addaan baatuuf of qopheessite.
Mucaasheerraa adda baʼuun baayʼee akka isheetti ulfaatu beekamaadha. Dhugaadha, Haannaan, Saamuʼel Shiilootti tarii dubartoonni godoo qulqullaaʼaa keessa tajaajilan tokko tokko akka gaariitti akka isa kunuunsan beekti turte. Taʼus, Saamuʼel mucaa xinnoo ture; utuma taʼeeyyuu haati mucaashee wajjin taʼuu hin barbaanne eessa jirti? Haataʼu malee, Haannaafi Elqaanaan gaabbiidhaan utuu hin taʼin, galateeffannaadhaan mucicha geessan. Aarsaa kan dhiheessan siʼa taʼu, wareega Haannaan waggoota dura achitti wareegdee turte Elii yaadachiisuudhaan Saamuʼeliin isatti kennan.
Sana booda, Haannaan kadhannaa Waaqayyo Dubbiisaa isa geggeessaa hafuurasaatiin barreeffame keessatti akka galmeeffamu godhe dhiheessiteetti. Yaada 1 Saamuʼel 2:1-10rra jiru yeroo dubbistu, tokkoon tokkoon toorasaa amantii isheen qabdu kan ibsu akka taʼe hubatta. Akkaataa humnasaa isa guddaatti itti fayyadameef, jechuunis dandeettii guddaa warra of jajan gad deebisuuf, warra cunqurfaman eebbisuuf, akkasumas ajjeesuuf ykn jiraachisuuf qabuuf Yihowaa galateeffatteetti. Abbaanshee inni samii qulqulluu, firdii qajeelaa kan kennuufi amanamaa waan taʼeef isa faarsiteetti. Haannaan, “Akka Waaqayyo keenyaas kattaa kan namaaf taʼu hin jiru” jechuuf sababii gaʼaa qabdi turte. Yihowaan guutummaatti amanamaa, kan hin jijjiiramne, akkasumas warra cunqurfamaniifi abdii kutatanii gargaarsaaf isatti garagalan hundaaf kattaadha.
Saamuʼel inni xinnoo ture, haadha Yihowaarratti amantii qabdu akkasii qabaachuunsaa mirga guddaadha. Yeroo guddachaa adeemu haadhasaa yaaduunsaa kan hin oolle taʼuyyuu, matumaa akka dagatame isatti dhagaʼamee hin beeku. Waggaa waggaadhaan Haannaan gara Shiiloo yeroo dhaqxu, uffata baʼeessa irra keessatti uffatan xinnaa, godoo qulqullaaʼaa keessatti uffatee tajaajilu tokko qopheessitee geessitiif turte. Uffanni isheen harkasheetiin hodhituuf hundi, akka isa jaallattuufi akka isaaf yaaddu kan argisiisu ture. (1 Saamuʼel 2:19) Uffata haaraa sana gadi isatti uffistee ennaa isaaf sirreessituufi jaalalaan garasaa ilaalaa, jechoota gaarii nama jajjabeessaniin mucaasheetti yeroo dubbattu nutti mulʼachuu dandaʼa. Saamuʼel haadha akkasii qabaachuusaatiin eebbifameera; innis yeroo guddatu warrasaatiifis taʼe saba Israaʼel hundaaf eebba taʼeera.
Haannaanis hin irraanfatamne. Yihowaan akka dhala godhattu waan ishee eebbiseef, Elqaanaadhaaf ijoollee kan biraa shan godhatteetti. (1 Saamuʼel 2:21) Wanti Haannaan akka eebba guddaatti ilaaltu garuu, hariiroo isheen Yihowaa Abbaashee isa samii wajjin qabdu isa yeroodhaa gara yerootti caalaatti jabaate taʼuu qaba. Isinis fakkeenya amantii Haannaa yeroo hordoftanitti, hariiroon Yihowaa wajjin qabdan akka isiniif cimu hawwii keenya.
[Miiljaleewwan]
a Sababii Waaqayyo haadha manaa tokkoo ol fuudhuu yeroo muraasaaf itti heyyame ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, mataduree “Waaqayyo Niitii Tokkoo Ol Fuudhuu Ni Deggeraa?” jedhuufi Masaraa Eegumsaa Onkoloolessaa-Muddee 2009, fuula 23rra jiru ilaali.
b Seenaan kun, Yihowaan “akka Haannaan dhala hin godhanne waan godheef” kan jedhu taʼus, Waaqayyo dubartii gad of deebistuufi amanamtuu taate kanatti gadduusaa ragaan argisiisu hin jiru. (1 Saamuʼel 1:5) Al tokko tokko Macaafni Qulqulluun Waaqayyo haalasaa waan heyyameef qofa akka waan inni godheetti ibsa.
c Fageenyisaa, magaalaa dhalootaa Elqaanaa kan taate Raamaan, ishee bara Yesusitti Armaatiyaa jedhamtee wajjin tokko taʼuufi dhiisuusheerratti kan hundaaʼedha.
[Saanduqa fuula 13rra jiru]
Kadhannaawwan Nama Dinqisiisan Lama
Kadhannaawwan Haannaan dhiheessite lamaan 1 Saamuʼel 1:11fi 2:1-10rra jiran, yaadawwan gurguddaa hedduu qabataniiru. Muraasasaanii haa ilaallu:
◼ Haannaan kadhannaawwan lamaan keessaa isa jalqabaa, “Waaqayyo gooftaa maccaa” kan taʼe Yihowaadhaaf dhiheessite. Namoota maqaa ulfinaa kanatti fayyadamuudhaan Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman keessaa ishee jalqabaati. Maqaan ulfinaa kun Macaafa Qulqulluu keessatti walumatti qabaatti al 245 ol kan argamu siʼa taʼu, Waaqayyo ergamootasaa hedduurratti aangoo akka qabu kan argisiisudha.
◼ Haannaan kadhannaashee isa lammaffaa kan dhiheessite yeroo ilma godhattutti utuu hin taʼin, yeroo isheefi Elqaanaan mucicha Shiilootti Waaqayyoon akka tajaajilu isa kennanitti taʼuusaa hubadhu. Kanaaf Haannaan gammachuu guddaa kan argatte, Phiniinaa ishee masaanuushee taate afaan qabachiisuusheetiin utuu hin taʼin Yihowaan ishee eebbisuusaatiin ture.
◼ Haannaan, ‘Gaanfi koos Waaqayyoo kootti ol ol jedha’ yeroo jettu, qotiyyoo humna cimaa qabu, baʼaa guddaa feʼuuf itti gargaaramaniifi gaanfasaatti humnaan fayyadamu yaadatti qabattee taʼuu dandaʼa. Haannaan yeroo akkas jettu, ‘Yaa Yihowaa, ati humna na kennite’ jechuushee ture.—1 Saamuʼel 2:1.
◼ Wanti Haannaan “Masiihii” Waaqayyoo ilaalchisee dubbatte raajii akka taʼetti ilaalama. Haannaan, namoota jecha “Masiihii” jedhu mootii dibamaa isa gara fuulduraa argisiisuuf itti fayyadamuudhaan Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman keessaa ishee jalqabaati.—1 Saamuʼel 2:10.
◼ Maariyaam haati Yesus waggaa gara 1,000 taʼu booda, yeroo Yihowaa jajattu jechoota wanta Haannaan dubbatte keessatti argaman fayyadamteetti.—Luqaas 1:46-55.
[Fakkii fuula 12rra jiru]
Haannaan dhala dhabuusheetiin baayʼee kan gaddite siʼa taʼu, Phiniinaanimmoo gaddashee itti caalchisuuf waan dandeessu hundumaa gooti turte
[Fakkii fuula 13rra jiru]
Eliin dogoggoraan kan ishee hubate taʼus, Haannaan hin mufanne
[Fakkii fuula 13rra jiru]
Garaadhaa kadhachuudhaan fakkeenya Haannaa hordofuu ni dandeessuu?