FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | YONAATAAN
‘Yihowaa Wanti Dhowwuu Dandaʼu hin Jiru’
Buufata waraanaa bakka gogaa fi kattaa taʼe tokko keessa jiru ija qalbii keetiin ilaali. Loltoonni Filisxeem buufata waraanaa sana keessa jiran wanta xiyyeeffannaa isaanii harkisu fagootti argan. Sulula sana gamatti namoonni Israaʼel lama dhaabbatanii jiru. Loltoonni kun namoota sana yommuu arganitti kan ajaaʼibsiifaman taʼus sodaan isaanitti hin dhagaʼamne. Filisxeemonni waggoota hedduudhaaf Israaʼeliin bulchaa turaniiru. Israaʼeloonni meeshaa qonnaaf itti fayyadaman qarsiifachuuf illee gara Filisxeemotaa dhaquu qabu turan. Kanaafuu, Israaʼeloonni meeshaa waraanaa gaarii taʼe hin qaban. Kana malees namoonni gamatti mulʼatan sun lama qofa dha. Namoonni lamaan kun meeshaa waraanaa utuu qabaatanii illee miidhaa hangamii geessisuu dandaʼu? Kanaafuu, Filisxeemonni ija tuffiitiin isaan ilaalaa, “Wanta tokko isin barsiifnaatii mee gara keenyatti ol kottaa!” jedhan.—1 Saamuʼel 13:19-23; 14:11, 12.
Dhuguma iyyuu kun carraa barumsi gaariin itti argamu dha. Haa taʼu malee, barumsa kan argatan Israaʼeloota utuu hin taʼin Filisxeemota dha. Loltoonni sun lamaan ariitiidhaan sulula sana erga qaxxaamuranii booda tabba baʼuu jalqaban. Tabbichi dhaabbataa waan taʼeef, harkaan daaʼimanii ol baʼuu qabu turan. Akkuma taʼan taʼanii tabba sana baʼuudhaan gara buufata waraanichaa gaʼan. (1 Saamuʼel 14:13) Filisxeemonni, namichi dura buʼee adeemaa jiru meeshaa akka hidhatee fi isa duuka immoo namni meeshaa waraanaa isaaf baatu akka jiru hubatan. Haa taʼu malee namichi kun, lamaan isaanii qofti humna waraanaa kana irratti miidhaa geessisuu akka dandaʼu yaadee dhufee? Namichi kun ni maraatee?
Hin maraanne; nama amantii guddaa qabu dha. Maqaan isaa Yonaataan yommuu taʼu seenaan isaa Kiristiyaanota dhugaa yeroo harʼaa jiraniif barumsa hedduu kan qabate dha. Yeroo harʼaa waraana irratti kan hin hirmaanne taanus, amaloota amantii dhugaa qabaachuuf barbaachisan, jechuunis ija jabina qabaachuu, amanamoo taʼuu fi ofittummaa irraa fagaachuu ilaalchisee Yonaataan irraa wanta hedduu baranna.—Isaayaas 2:4; Maatewos 26:51, 52.
Ilma Abbaa Isaatiif Amanamaa Taʼee fi Loltuu Goota
Yonaataan buufata waraanaa sana irratti hubaatii kan geessise maaliif akka taʼe hubachuuf, seenaa inni kanaan dura dabarse beekuu qabna. Yonaataan, ilma hangafaa Saaʼol mooticha Israaʼel isa jalqabaa ti. Saaʼol mootii taʼee yommuu muudametti, Yonaataan dargaggeessa umuriin isaa waggaa 20 ykn isaa ol taʼe dha. Yonaataan abbaa isaa wajjin baayʼee kan walitti dhihaatu fakkaata; kanaan kan kaʼes abbaan isaa yeroo baayʼee iccitii isaa itti hima ture. Yeroo sana Yonaataan abbaan isaa, nama hunduma irra caalaa dheeratu, bareedaa fi goota qofa utuu hin taʼin, nama amala barbaachisaa jechuunis nama amantii qabuu fi gad of qabu akka taʼe beeka ture. Kanaafuu, Yonaataan sababa itti Yihowaan, Saaʼol mootii akka taʼu filate hubachuu ni dandaʼa. Saamuʼel raajichi illee sabicha keessaa kan akka Saaʼol akka hin jirre dubbateera.—1 Saamuʼel 9:1, 2, 21; 10:20-24; 20:2.
Yonaataan ajaja abbaa isaa jala taʼuudhaan diinota saba Yihowaa waraanuu akka ulfinaatti ilaalee taʼuu qaba. Waraanni yeroo sanatti geggeeffamaa ture akka yeroo harʼaa miirri sabboonummaa kan itti mulʼatu hin turre. Yihowaan yeroo sanatti akka isa bakka buʼuuf saba Israaʼeliin filatee ture. Saboonni ollaa isaanii waaqolii sobaa waaqeffatan yeroo hunda waraana isaan irratti banu turan. Filisxeemonni warri waaqolii sobaa kan akka Daagon jedhamu waaqeffatan saba Yihowaan filate hacuucuuf, kana irra iyyuu darbee balleessuuf yeroo hedduu carraaqqii godhu.
Kanaafuu, namoonni akka Yonaataan bara sanatti jiraatan, waraanni isaan diinotaa wajjin godhan karaa itti amanamummaa isaanii Yihowaadhaaf argisiisan ture. Yihowaanis carraaqqii Yonaataan godheef isa eebbiseera. Saaʼol mootii taʼee baayʼee utuu hin turin, Yonaataan loltoota 1,000 irratti ajajaa waraanaa akka taʼu muude. Yonaataanis loltoota kanaa wajjin humna waraanaa Filisxeemotaa mandara Gebaa keessa buufatee jiru rukute. Namoonni isaa wajjin turan kun meeshaa waraanaa gaʼaa taʼe qabaachuu baatanis gargaarsa Yihowaatiin waraanicha moʼuu dandaʼaniiru. Filisxeemonni yommuu kana arganitti humna waraanaa hedduu sassaaban. Yeroo kanatti loltoonni Saaʼol hedduun isaanii ni sodaatan. Tokko tokko baqatanii dhokatan; muraasni immoo Filisxeemota duukaa goran! Yonaataan garuu ija jabinni inni qabu hin laafne.—1 Saamuʼel 13:2-7; 14:21.
Mee seenaa jalqaba mata duree kana jalatti caqasne haa ilaallu. Guyyaa sana, Yonaataan namoonni kaan utuu isa hin argin innii fi namichi meeshaa waraanaa isaaf baate qofti adeemuuf murteesse. Buufata waraanaa Miikmaash jirutti yommuu dhihaatan Yonaataan yaada isaa namicha meeshaa waraanaa isaaf baatee jirutti hime. Yonaataan namicha kanaa wajjin iddoo loltoota Filisxeem gama jiranitti akka gaariitti mulʼatu irra dhaabbachuuf yaadee taʼuu dandaʼa. Filisxeemonni namoonni kun lamaan dhaqanii waraana akka isaanii wajjin godhan yoo waaman kun tarii Yihowaan tajaajiltoota isaa akka gargaaru mallattoo taʼuu dandaʼa. Namichi meeshaa waraanaa baatee jiru sunis yaada kana ni fudhate. Kanas kan godhe yaadni Yonaataan, ‘Yihowaan namoota hedduutti yookiin namoota muraasatti fayyadamee oolchuu irraa wanti isa dhowwuu dandaʼu hin jiru’ jechuudhaan dubbate waan isa jajjabeesseef taʼuu dandaʼa. (1 Saamuʼel 14:6-10, NW) Akkana yommuu jedhu maal jechuu isaa ti?
Yonaataan Waaqa isaa akka gaariitti akka beeku kana irraa hubachuun ni dandaʼama. Yonaataan sanaan dura Israaʼeloonni diinota lakkoofsaan isaan irra baayʼatan akka moʼan Yihowaan akka isaan gargaare beeka ture. Kana malees Yihowaan yeroo tokko tokko nama tokko qofatti fayyadamee sabni isaa injifannoo akka argatan godheera. (Abboota Firdii 3:31; 4:1-23; 16:23-30) Kanaafuu, Yonaataan tajaajiltoonni Waaqayyoo waraana irratti moʼuuf kan isaan gargaaru baayʼina loltootaa ykn jabina ykn meeshaa waraanaa utuu hin taʼin amantii isaanii akka taʼe hubatee ture. Kanaafuu, Yonaataanii fi namichi meeshaa waraanaa isaaf baate, buufata waraanaa Filisxeemotaa rukutuu akka qaban murteessuuf mallattoo isaan dandeessisu akka isatti argisiisuuf amantiidhaan Yihowaa gaafate. Yonaataan, Yihowaan akka isa gargaaru erga mirkaneeffatee booda sodaa tokko malee adeemuu isaa itti fufe.
Mee karaa amantiin Yonaataan itti mulʼate lama haa ilaallu. Tokkoffaa, Yonaataan Yihowaa Waaqa isaatiif kabajaa fi sodaa guddaa qaba ture. Waaqayyo Inni Hundumaa Dandaʼu kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf ilmaan namootaa irraa gargaarsa kan hin barbaanne taʼus, namoota amanamoo isa tajaajilan eebbisuun akka isa gammachiisu Yonaataan beeka ture. (2 Seenaa 16:9) Lammaffaa, Yonaataan tarkaanfii fudhachuu isaa dura kaayyoon isaa Yihowaa duratti fudhatama qabaachuu isaa mirkaneeffachuuf carraaqeera. Yeroo harʼaatti, wanti raawwannu Waaqayyo duratti fudhatama qabaachuu isaa mirkaneeffachuuf akka inni mallattoo nutti argisiisu hin eegnu. Dubbiin Waaqayyoo geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame waan jiruuf, fedha Waaqayyoo beekuuf wanta nu barbaachisu hunda qabna. (2 Ximotewos 3:16, 17) Maarree murtoo barbaachisaa taʼe tokko gochuu keenya dura Kitaaba Qulqulluu of eeggannoodhaan ni qorraa? Akkana kan goonu taanaan, akkuma Yonaataan fedhii keenya caalaa fedhiin Yihowaa akka nu yaaddessu argisiifna.
Akkuma olitti ilaalle Yonaataanii fi namichi meeshaa waraanaa isaaf baate tabba gara buufata waraanaa diinaatti isaan geessu saffisaan baʼan. Yeroo kanatti Filisxeemonni rukutamaa akka jiran waan hubataniif, namoota sana lamaan akka lolan humna ittisaa ergan. Filisxeemonni lakkoofsaan Israaʼeloota baayʼee kan caalan taʼuu isaa irra iyyuu haala teessuma lafaatiin namoota sana lamaan gararraa waan jiraniif salphaatti isaan ajjeesuu dandaʼu turan. Haa taʼu malee, Yonaataan loltoota sana tokko tokkoon ajjeese. Namichi meeshaa waraanaa isaaf baatus isa duuka deemee isaan ajjeese. Namoonni lamaan kun yeroo gabaabaa keessatti loltoota diinaa 20 ajjeesan. Yihowaanis isaan gargaaruuf wanta kan biraa godhe. Caqasichi akkana jedha: “Yommus iddoo buufataatti, bakkeettis naasuutu ture; kutanni loltoota iddoo qabatanii turanii fi saamtonni in romʼan, laftis in tochoʼe; romʼuun kun immoo Waaqayyo biraa isaanitti in dhufe.”—1 Saamuʼel 14:15.
Saaʼolii fi namoonni isaa wajjin jiran fagoo taaʼanii buufata Filisxeemotatti jeequmsi akka jiru argan. Kana iyyuu malee wal ajjeesuu jalqabanii turan. (1 Saamuʼel 14:16, 20) Yeroo kanatti Israaʼeloonni diinota isaanii ajjeesuuf jabina argatan; tarii kana kan godhan meeshaa Filisxeemota ajjeefaman irraa fudhataniin taʼuu dandaʼa. Guyyaa sana Yihowaan sabni isaa injifannoo guddaa akka argatan godhe. Yihowaan harʼas hin jijjiiramne. Akkuma Yonaataanii fi namichi meeshaa isaa baatuu fi maqaan isaa hin caqasamne godhan, nutis yeroo harʼaa Yihowaa irratti amantii yoo qabaanne filannoo goonetti matumaa hin gaabbinu.—Miilkiyaas 3:6; Roomaa 10:11.
‘Gargaarsa Waaqayyootiin Oolchaa Kana Hojjete’
Injifannoon kun Saaʼoliif hamma Yonaataan buʼaa hin argamsiisne. Saaʼol dogoggora guddaa raawwateera. Saaʼol aarsaa Saamuʼel inni raajii fi Leewwii taʼe dhiheessuu qabu dhiheessuudhaan raajii Yihowaan muudeef utuu hin ajajamin hafe. Saamuʼel yommuu dhufu, Saaʼol ajajamuu diduu isaatiin kan kaʼe mootummaan isaa akka itti hin fufne itti hime. Achii booda immoo Saaʼol loltoota isaa gara waraanaatti yommuu ergu, “Hamma galgalaatti, hamma ani diina koo ijaa baafadhutti, namni waa nyaate abaaramaa haa taʼu!” jechuudhaan kakuu ogummaa hin qabne akka galan godhe.—1 Saamuʼel 13:10-14; 14:24.
Wanti Saaʼol dubbate amalli isaa mancaʼaa akka adeeme kan argisiisu dha. Namni gad of qabuu fi ilaalcha hafuuraa qabu ture kun fedhiin ofittummaa isa keessatti guddachaa jiraa? Yihowaan loltoota goototaa fi jabaatanii hojjetan kana irratti ajajni akkanaa akka darbu matumaa hin ajajne. Saaʼol, “Hamma ani diina koo ijaa baafadhutti” jedhee dubbachuun isaa maal argisiisa? Waraanni kun ulfina isaaf kennuuf kan godhamu akka taʼetti yaadeeraa laata? Wanti guddaan waraana kanaa wajjin wal qabate qajeelinni Yihowaa raawwatamuu isaa ti malee, Saaʼol ijaa baʼuu, ulfina ykn injifannoo argachuu isaa akka hin taane ni dagatee laata?
Yonaataan kakuu ogummaa hin qabne abbaan isaa sabichatti hime hin dhageenye. Waraana cimaa irra tureen kan kaʼe waan dadhabeef fiixee ulee qabatee tureen nadhii dammaatti cuuphee dammicha dhandhame; humnas ni argate. Achiis namni tokko abbaan isaa namni tokko illee nyaata akka hin nyaanne dhoowwuu isaa itti hime. Yonaataan akkana jedhe: “Yoos abbaan koo saba kana rakkiseera; ani illee ergan damma kana irraa xinnoo ishee afaaniin qabee iji koo akka ife ilaalaa! Jarri kun harʼa wanta diinota isaanii irraa boojiʼan keessaa kan argatan baʼeessa godhanii nyaataniiru utuu taʼee, kana irra in wayya hin turree ree? Filisxeemota keessaas caalaa in fixu hin turree ree?” (1 Saamuʼel 14:25-30) Wanti Yonaataan dubbate sirrii dha. Yonaataan ilma abbaa isaatiif ajajamu taʼus, duuchaadhumatti kan ajajamu hin turre. Wanta abbaa isaa godhu ykn dubbatu hunda utuu hin xiinxalin kan fudhatu hin turre; ilaalcha madaalamaa akkanaa qabaachuun isaa namoota kaan biratti kabaja akka argatu isa godheera.
Saaʼol, Yonaataan kakuu sana akka cabse bare, yeroo kanattis taanaan ajajni inni kenne dogoggora taʼuu isaa amanee hin fudhanne. Siruma iyyuu ilmi isaa akka ajjeefamu barbaade. Yonaataan abbaa isaa hin falmine ykn dhiifamni akka isaaf godhamu hin kadhanne. Deebii inni kenne kan nama ajaaʼibsiisu dha. Lubbuu isaatiif illee utuu hin sodaatin, “Kunoo amma ani duʼuuf qophaaʼaa dha!” (NW) jedhe. Haa taʼu malee, Israaʼeloonni akkana jechuudhaan dubbatan: “Yonaataan isa oolchaa guddaa akkasii Israaʼel keessatti hojjetetu ajjeefamaa? Wanti akkasii kun hin taʼu; harʼa inni gargaarsa Waaqayyootiin oolchaa kana waan hojjeteef, dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti! Rifeensi mataa isaatii tokko illee duraa lafa hin buʼu!” Maarree maaltu taʼe? Saaʼol yaada amansiisaa namoonni kun dubbataniin ni moʼame. Caqasichi, “Jarri akkasitti Yonaataan akka hin ajjeefamne in godhan” jedha.—1 Saamuʼel 14:43-45.
Yonaataan ija jabeessa, jabaatee kan hojjetuu fi ofittummaa irraa kan fagaate waan tureef namoota kaan biratti maqaa gaarii qabaachuu dandaʼeera. Maqaa gaarii qabaachuun isaa balaadhaaf saaxilamee yommuu turetti isa fayyadeera. Nutis guyyaa guyyaatti maqaa akkamii horachaa akka adeemnu irratti yaaduun keenya gaarii dha. Kitaabni Qulqulluun maqaa gaarii qabaachuun bakka guddaa akka qabu dubbata. (Lallaba 7:1) Nutis akkuma Yonaataan Yihowaa biratti maqaa gaarii qabaachuuf carraaqqii kan goonu yoo taʼe, maqaan keenya qabeenya gatii guddaa qabu nuuf taʼa.
Rakkinichi Itti Caalaa Adeeme
Saaʼol dogoggora raawwatus Yonaataan amanamaa taʼee abbaa isaa cinaa dhaabbachuudhaan waggoota hedduudhaaf waraana irratti hirmaateera. Abbaan isaa ajajamuu yommuu diduu fi koorri yommuu isa keessatti guddachaa adeemu yeroo argutti hammam gadduu akka dandaʼu tilmaamuu dandeenya. Rakkinni abbaa isaa itti caalaa kan adeeme taʼus, Yonaataan gocha kana dhaabsisuu hin dandaʼu.
Rakkinni kun sadarkaa guddaa irra kan gaʼe Saaʼol Amaaleqoota akka loluuf Yihowaan yommuu isa ajajetti dha. Hammeenyi namoonni Amaaleq raawwatan gar malee waan baayʼateef Yihowaan guutummaan sabichaa akka balleeffamu bara Museetti raajii dubbatee ture. (Baʼuu 17:14) Saaʼol beeyiladoota hunda akka balleessuu fi Agaag mootii isaanii akka ajjeesu itti himamee ture. Saaʼol waraanicha ni injifate; akkuma beekamu Yonaataan yeroo kanattis abbaa isaa bira goree gootummaadhaan akka lole hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, taʼe jedhee ajaja Yihowaa cabsuudhaan Agaagiin ajjeesuu mannaa ni boojiʼe; beeyiladootas hin ajjeesne. Kanaafuu Saamuʼel raajichi, “Sababii ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef, innis akka ati mootii hin taaneef si tuffateera” jechuudhaan murtii xumuraa Yihowaan Saaʼol irratti dabarse itti hime.—1 Saamuʼel 15:2, 3, 9, 10, 23.
Achiis baayʼee utuu hin turin Yihowaan hafuura qulqulluu isaa Saaʼol irraa ni fudhate. Saaʼol eegumsi Yihowaa isa abbaa jaalala qabeessa taʼee waan isa irraa fagaateef amalli isaa baayʼee kan jijijjiiramuu fi kan aaru taʼe. Kana malees sodaa guddaatu itti dhagaʼame. Hafuura gaarii kanaan dura qabuu mannaa hafuurri hamaan Waaqayyo biraa akka waan itti dhufee taʼe. (1 Saamuʼel 16:14; 18:10-12) Yonaataan abbaan isaa kanaan dura nama kabajamaa ture hangana jijjiiramee nama gadhee taʼee yommuu argutti baayʼee gaddee taʼuu dandaʼa. Sanas taʼe kana Yonaataan amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaa hin dhiisne. Yonaataan hanga isaaf dandaʼametti abbaa isaa deggeruuf carraaqqii kan godhe yommuu taʼu, kana irra iyyuu darbee abbaan isaa akka dogoggore isatti himeera. Haa taʼu malee caalaatti Yihowaa Abbaa isaa isa Samii isa hin jijijjiiramne irratti xiyyeeffachuu isaa itti fufe.—1 Saamuʼel 19:4, 5.
Ati hoo namni ati jaallattu tarii miseensa maatii kee keessaa karaa dogoggoraa irra adeemuu yommuu filatu argitee beektaa? Haalli akkasii gadda guddaa geessisa. Fakkeenyi Yonaataan yaada faarfatichi yeroo booda, “Abbaan koo fi haati koo yommuu na dhiisan, Waaqayyo immoo simee ana in fudhata ” jechuudhaan barreesse nu yaadachiisa. (Faarfannaa 27:10) Yihowaan amanamaa dha. Namoonni mudaa qaban wanta si gaddisiisu ykn si dallansiisu kam iyyuu yoo si irratti raawwatan, Yihowaan si simata; Abbaa hunda irra caalus siif taʼa.
Yihowaan mootummaa isaa Saaʼol irraa fuudhuu akka barbaade Yonaataan beekuu hin oolu. Yonaataanitti maaltu dhagaʼame? Yonaataan mootii utuu taʼee bulchaa akkamii taʼuu akka dandaʼu yaadeeraa laata? Abbaa isaa bakka buʼee utuu bulchee dogoggora inni raawwate tokko tokko akka sirreessu, akkasumas mootii amanamaa fi ajajamu taʼuudhaan fakkeenya gaarii akka taʼu abdatee turee laata? Wanta Yonaataan yaadaa ture hin beeknu; wanti beeknu yoo jiraate abdiin akkasii yoo jiraates tokko illee utuu hin raawwatamin hafuu isaa ti. Kun taʼuun isaa Yihowaan nama amanamaa kana akka dhiise kan argisiisu dhaa? Matumaa! Yihowaan, Yonaataan michuu amanamaa taʼuusaatiin fakkeenyota guguddaa Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffaman keessaa tokko taʼee akka galmeeffamu godheera! Mata dureen gara fuulduraatti baʼu waaʼee michummaa Yonaataan ibsa.