Amantiin Haati Hiyyeessaa Mandara Saraaphtaa Argisiiste Ishee Kiiseera
HAATI HIYYEESSAA harka qalleettii taate, ilmashee isa tokkicha hammattee jirti. Wanta taʼe amanuun isheetti ulfaateera. Yeroo muraasa dura, mucaashee isa jalaa duʼe hammattee mararamtee booʼaa turte. Amma garuu mucaashee isa duʼaa kaafame gammachuudhaan ilaalaa jirti. Namichi manashee buufatee jiru, “Kunoo, ilmi kee fayyeera” isheedhaan jedhe.
Seenaan duʼaa kaʼuu dinqisiisaa taʼe kun kan raawwatame waggaa 3,000 duradha. Waaʼee seenaa kanaa 1 Mootota boqonnaa 17rraa dubbisuu dandeessa. Namichi manashee buufatee ture, Eliyaas isa raajii Waaqayyoo turedha. Haati mucichaahoo? Isheenimmoo haadha hiyyeessaa maqaanshee hin caqasamneefi mandara Saraaphtaa keessa jiraachaa turtedha. Mucaanshee duʼaa kaʼuunsaa wantoota jireenyashee keessatti ishee mudataniifi amantiishee cimsan keessaa isa tokkodha. Waaʼeeshee qoruudhaan, barumsa guddaa irraa arganna.
ELIYAAS GARA HAADHA HIYYEESSAA AMANTII QABDU TOKKOO DHAQE
Bara bulchiinsa Ahaab mootii Israaʼel isa hamaatti, Yihowaan ongee yeroo dheeraadhaaf turu fiduuf murteessee ture. Waaqayyo, Eliyaas waaʼee ongee sanaa erga dubbatee booda, Ahaab jalaa akka dhokatu gochuudhaan haala dinqii taʼeen qurruutti fayyadamee buddeenaafi foon isaa dhiheessaa ture. Achiis, guyyaa tokko Yihowaan Eliyaasiin, “Kaʼii, gara mandara Saraaphtaa isa kutaa biyya Sidoon keessaa dhaqii, achi taaʼi! Haati hiyyeessaa achi jiraattu tokko nyaata akka siif laattuuf ani siif abboomeera” jedhe.—1 Mot. 17:1-9.
Eliyaas mandara Saraaphtaa akkuma gaʼeen, haadha hiyyeessaa harka qalleettii qoraan funaanaa jirtu tokko arge. Haati hiyyeessaa kun dubartii Eliyaasiif nyaata qopheessitudhaa laata? Haati hiyyeessaa harka qalleettii taate kun nyaata isaaf qopheessuu kan dandeessu akkamitti? Eliyaas shakkiin akkasii itti dhagaʼamuu dandaʼus, dubartittii wajjin haasaʼuu jalqabe. Dubartittiidhaan, “Hadaraa bishaan dhugaatii willeetti anaaf fidi!” jedhe. Utuu isheen bishaan isaaf fiduu dhaqaa jirtuu, “Hadaraa! Buddeena cabduu tokkos immoo harkatti qabadhuu kottu!” jedheen. (1 Mot. 17:10, 11) Bishaan isaaf kennuun isheetti hin ulfaanne; haataʼu malee buddeena isaaf kennuun rakkina itti taʼee ture.
Sana booda dubartittiin akkas jetteen: “Dhugaa Waaqayyo gooftaa kee isa jiraataa ti, ani daakuu konyee tokkittii huuroo keessa jirtuu fi dhadhaa ejersaa muraasa cuggee keessa jirtu malee, buddeena tokko illee hin qabu; kunoo, ani gara manaatti galee ishee qodaa keessa jirtu kana tolchee anii fi mucaan koo akka nyaannuuf qoraan buʼachaan jira; isa booddee garuu duʼuma duwwaatu nu eeggata.” (1 Mot. 17:12) Mee mareensaanii kun ergaa akkamii akka dabarsu haa ilaallu.
Haati hiyyeessaa sun, Eliyaas nama Israaʼel Waaqayyoon sodaatu taʼuusaa hubattee turte. Kanas yaada isheen, “Dhugaa Waaqayyo gooftaa kee isa jiraataa” jechuudhaan dubbatterraa hubachuun ni dandaʼama. Waaʼee Waaqa Israaʼelootaa hamma tokko kan beektu taʼus, waaʼeesaa yommuu dubbattu, “Waaqakoo” hin jenne. Haati hiyyeessaa kun, mandara Saraaphtaa keessa jiraachaa turte. Saraaphtaan, mandara Sidoon keessaa tokko turte ykn bulchiinsa Sidoon ishee magaalaa warra Finiiqee taatee jala kan turte taʼuu hin oolu. Namoonni mandara Saraaphtaa waaqeffattoota Baʼaal taʼuu hin oolan. Haataʼu malee, Yihowaan garaa haadha hiyyeessaa kanaa keessatti wanta gaarii argee ture.
Haati hiyyeessaa mandara Saraaphtaa sun, namoota waaqayyolii tolfamoo waaqeffatan gidduu kan jiraattu taʼus, amantii akka qabdu argisiisteetti. Kanaaf, Yihowaan isheefi raajichaaf jedhee Eliyaasiin garasheetti erge. Seenaa kanarraa barumsa guddaa argachuu dandeenya.
Amala mancaʼe kan qaban, namoota mandara Saraaphtaa Baʼaaliin waaqeffatan hunda hin turre. Yihowaan Eliyaasiin gara haadha hiyyeessaa sanaatti erguudhaan, isa tajaajiluu baatanis namoota ilaalcha gaarii qaban akka hin daganne argisiiseera. Dhugumayyuu, “saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni [Waaqayyoon] sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaa dha.”—HoE. 10:35.
Namoonni akka haadha hiyyeessaa mandara Saraaphtaa keessa turtee taʼan naannookee jiruu? Namoonni kun, namoota amantii sobaa hordofan gidduu kan jiraatan taʼanis, wanta gaarii taʼe argachuuf ni hawwu taʼa. Waaʼee Yihowaa beekumsa muraasa kan qaban ykn sirumaa kan hin qabne waan taʼaniif, amantii dhugaa fudhachuu akka dandaʼaniif gargaarsi isaan barbaachisa. Namoota akkasii argachuuf, akkasumas gargaaruuf carraaqqii gochaa jirtaa?
“DURA BIXXILLEE XINNOO ISHEE TOLCHII ANAAF FIDI”
Eliyaas haadha hiyyeessaa sana maal akka gaafate qalbeeffadhu. Wanta qodaa keessa jirtu ofiisheefi mucaasheetiif tolchitee erga nyaatanii booda, duuti akka isaan eeggatu itti himtee turte. Haataʼu malee Eliyaas maal jedheen? Akkas isheedhaan jedhe: “Hin sodaatin, dhaqiitii akkuma jette godhi! Garuu wanta qabdu irraa dura bixxillee xinnoo ishee tolchii anaaf fidi! Kana booddees ofii keetiif, ilma keetiifis immoo waa tolchi! Waaqayyo gooftichi Israaʼel, ‘Hamma guyyaa ani Waaqayyo lafa irratti bokkaa roobsutti, daakichi huuroo keessaa hin dhumu, dhadhaan ejersaas cuggee keessaa hin dhabamu’ jedha.”—1 Mot. 17:11-14.
Namni gaaffiin akkasii dhihaateef tokko, ‘Bixxillee mana keessatti hafte ofii dhiisaatii naa kennaa jechaa jirtaayi? Waan baacaa jirtu natti fakkaata’ jechuu dandaʼa. Haati hiyyeessaa sun garuu akkas hin jenne. Waaʼee Yihowaa wanti isheen beektu muraasa taʼus, Eliyaasiin amanuudhaan wanta inni ishee gaafate gooteetti. Wanti isheen gaafatamte amantiishee kan qoru taʼus, murtoo ogummaarratti hundaaʼe gooteetti.
Waaqayyo haadha hiyyeessaa harka qalleettii taate sana hin irraanfanne. Akkuma Eliyaas abdii isheedhaaf kennee turetti, Yihowaan nyaata xinnoo isheen qabdu waan isheedhaaf eebbiseef hanga ongeen darbutti, Eliyaasiin, ofiisheefi mucaashee sooruu dandeesseetti. Dhugumayyuu, “Waaqayyo karaa Eliyaas raajichaa akkuma dubbate, daakichi huuroo keessaa hin dhumne, dhadhaan ejersaas cuggee keessaa hin dhabamne.” (1 Mot. 17:16; 18:1) Dubartiin sun tarkaanfii kanarraa adda taʼe fudhatteetti utuu taʼee, bixxileen isheen daakuufi dhadhaan ejersaa xinnoo sanarraa bixxiltu nyaata isheen yeroo dhumaatiif nyaattu taʼa ture. Haataʼu malee dubartittiin, amantii akka qabdu argisiisteetti, Yihowaatti amanamteetti, akkasumas duraan dursitee Eliyaasiin soorteetti.
Seenaan kun Waaqayyo namoota isarratti amantii qaban akka eebbisu nu barsiisa. Qorumsi amantii yommuu si mudatu Yihowaatti yoo amanamte, inni si gargaara. Qorumsa si mudatu dandeessee akka jiraattuuf, wanta si barbaachisu siif guuta, si eega, akkasumas Michuu gaarii siif taʼa.—Bau. 3:13-15.
Bara 1898tti, barruun Zaayansi Waach Taawor, barumsa seenaa haadha hiyyeessaa kanaarratti hundaaʼeefi akkas jedhu baasee ture: “Dubartittiin amantii abboomamuudhaaf ishee gargaaru yoo qabaatte, Gooftaan karaa Raajichaa ishee gargaaruu dandaʼa; hin qabdu yoo taʼemmoo, haati hiyyeessaa amantii qabdu kan biraan argamuu dandeessi. Nuu wajjin haala wal qabateenis Gooftaan, jireenya keenya keessatti wanti amantii keenya qoru garaagaraa akka nu mudatu heyyamuu dandaʼa. Amantii akka qabnu yoo argisiisne eebba arganna; hin argisiisnu taanaanimmoo, eebba hin argannu.”
Qorumsi taʼe tokko yommuu nu mudatu, gargaarsa Waaqayyoo argachuuf Caaffata Qulqullaaʼoofi barreeffamoota keenya Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanitti fayyadamuun keenya barbaachisaadha. Yeroo qajeelfama Yihowaan nuuf kennu fudhachuun nutti ulfaatuttillee, akka qajeelfama sanaatti deddeebiʼuu qabna. Gorsa macaafa Fakkeenyaarra jiru kana hojiirra yoo oolchine eebba arganna: “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.”—Fak. 3:5, 6.
‘ILMAKOO AJJEESUUDHAAF NA BIRA DHUFTEE?’
Amantiin haadha hiyyeessaa kanaa ammas qoramuuf jedha. Macaafni Qulqulluun, “Guyyaa muraasa booddee ilmi dubartii haadha mana sanaa in dhukkubsate; dhukkubni isaa ittuma jabaatee hafuura baafachuu hamma isa dadhabsiisutti in gaʼe” jedha. Haati hiyyeessaa kun sababii gaddi kun isheerra itti gaʼe baruu waan barbaaddeef Eliyaasiin, “Ati yaa nama Waaqayyo, maal na irraa qabda? Ati yakka koo yaadachiisuudhaaf, ilma koos ajjeesuudhaaf na bira dhuftee?” jette. (1 Mot. 17:17, 18) Jechi isheen mararamtee dubbatte kun hiika akkamii qaba?
Dubartiin sun cubbuu kanaan dura raawwatteefi ittiin of ceephaʼaa turte yaadattee laata? Mucaanshee duʼuunsaa, Waaqayyo cubbuu isheen raawwatteef akka ishee adabaa jiruufi Eliyaasimmoo ergamaa kana raawwachiisuuf dhufe akka taʼe gootee yaaddee turtee laataa? Macaafni Qulqulluun waaʼee kanaa nutti himuu baatus, haati hiyyeessaa sun, wanta isheerra gaʼe sanaaf Waaqayyoon hin komanne.
Eliyaas, mucaan haadha hiyyeessaa sun duʼuusaatti, akkasumas gaddi guddaan kun isheerra kan gaʼe, sababa inni ishee bira dhaqeef akka taʼe yommuu dubbattu baayʼee naʼee taʼuu qaba. Eliyaas kutaa bantii manaarra jirutti reeffa mucichaa geessuudhaan sireesaarra erga ciibsee booda, “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, haadha hiyyeessaa ishee ani bira taaʼu kana ilmi ishee akka duʼu gochuu keetiin wanta hamaa akkasii kana ishee irrattis immoo in fiddee ree?” jedhee Waaqayyotti booʼe. Eliyaas, Waaqayyo rakkinni akkasii akka isheerra gaʼu heyyamuudhaan dubartii amala keessummaa simachuu qabdu kanarra qorumsi dabalataa akka gaʼu yoo godhe maqaa Waaqayyoorratti arrabsoo akka fidu yaaduu hin oolu. Kanaaf Eliyaas, “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, hadaraa lubbuun mucaa kanaa akka itti deebiʼu godhi!” jedhee kadhate.—1 Mot. 17:20, 21.
“KUNOO, ILMI KEE FAYYEERA”
Yihowaan kadhata Eliyaas dhagaʼeera. Haati hiyyeessaa sun wanta raajii Waaqayyoo kanaaf barbaachisu isaaf dhiheessiteetti, amantii akka qabdus argisiisteetti. Waaqayyo dhukkubni mucichaa akka itti hammaatu kan heyyame, duʼaa kaʼuun jalqabaa Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffameefi dhaloonni gara fuulduraa abdii akka qabaatan godhu akka raawwatamu waan barbaadeef taʼuu hin oolu. Eliyaas yommuu isa kadhatu, Yihowaan mucaan sun deebiʼee akka jiraatu godheera. Yeroo Eliyaas haadha hiyyeessaa sanaan, “Kunoo, ilmi kee fayyeera” jedhu hammam akkasheen gammadde yaadi! Sana booda haati hiyyeessaa sun Eliyaasiin, “Ati nama Waaqayyoo akka taate, wanti Waaqayyo karaa kee dubbatus dhugaa akka taʼe ani amma hubadheera” jette.—1 Mot. 17:22-24.
Seenaan 1 Mootota boqonnaa 17rratti galmeeffamee jiru, waaʼee haadha hiyyeessaa kanaa kana caalaa wanta dubbatu hin qabu. Haataʼu malee, wanta gaarii Yesus waaʼeeshee dubbaterraa, jireenyashee isa hafe keessatti tajaajiltuu Yihowaa amanamtuu taatee akka turte hubachuu ni dandeenya. (Luq. 4:25, 26) Seenaanshee kun, Waaqayyo namoota tajaajiltootasaatti gaarummaa argisiisan akka eebbisu nu barsiisa. (Mat. 25:34-40) Akkasumas, Waaqayyo namoota isaaf amanamoo taʼaniif haala rakkisaa taʼe keessattillee wanta isaan barbaachisu akka guutu nuuf mirkaneessa. (Mat. 6:25-34) Dabalataanis, seenaan kun Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuuf fedhiis taʼe dandeettii akka qabu ibsa. (HoE. 24:15) Sababiiwwan gaariin haadha hiyyeessaa mandara Saraaphtaa itti yaadannu kanadha.