-
Dammaqinaafi Obsaan EegeeraFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
17, 18. (a) Eliyaas karaa gara Yizreʼelitti geessurratti maaltu isa mudate? (b) Eliyaas Qarmelosii hanga Yizreʼelitti fiiguunsaa kan nama dinqisiisu maaliifi? (Miiljalees ilaali.)
17 Raajiin Yihowaa karaa Ahaab deemerra isa duukaa buʼuu jalqabe. Dukkana keessa karaa dheeraafi nama mucucaachisurra deemuu qaba ture. Haataʼu malee ittaansuudhaan wanti haaraa taʼe tokko ni raawwatame.
18 “Waaqayyo humna isaa Eliyaasiif in kenne; Eliyaas immoo wayyaa isaa sassaabbatee mudhiitti suuqqatee, Ahaab dura buʼee hamma Yizreʼelitti in fiige.” (1 Mot. 18:46) ‘Humni Waaqayyoo,’ Eliyaas wanta humna namaatii ol taʼe akka raawwatu isa gargaaraa akka ture beekamaadha. Yizreʼel gara kiilomeetira 30 kan fagaattu siʼa taʼu, Eliyaasis yeroo kanatti maanguddoo ture.a Raajichi akka gaariitti fiiguuf jecha wayyaasaa mudhiitti suuqqatee, daandii bokkaan dhoqqeesserra fiigee konkolaataa fardaa mootichaa bira yommuu darbu sitti haa mulʼatu!
19. (a) Eliyaas Waaqayyo biraa humnaafi jabina argachuunsaa raajiiwwan warra kam nu yaadachiisa? (b) Eliyaas karaa gara Yizreʼelitti geessurra yommuu fiigu maal hubatee taʼuu dandaʼa?
19 Kun Eliyaasiif eebba guddaa mitii? Jabinaafi tarii humna dargaggummaasaattillee hin qabne akkasii argachuunsaa baayʼee isa gammachiisee akka ture beekamaadha. Seenaan kun raajii namoonni amanamoo taʼan lafa Jannata taatu keessatti fayyaa guutuufi jabina qaamaa akka argatan dubbatu nu yaadachiisa. (Isaayaas 35:6 dubbisi; Luq. 23:43) Eliyaas karaa dhoqqee sanarra fiiguu dandaʼuunsaa, Yihowaa Abbaasaa isa Waaqa dhugaa taʼe biratti fudhatama argachuusaa akka isaaf mirkaneesse hin shakkisiisu!
-
-
Waaqnisaa Isa JajjabeesseeraFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
1, 2. Guyyaa jireenya Eliyaas keessatti iddoo guddaa qabutti maaltu raawwatame?
ELIYAAS bokkaa keessa fiigaa kan jiru siʼa taʼu, samiin duumessaan gurraachaʼeera. Yizreʼel gaʼuuf karaa dheeraan kan isa eeggatu siʼa taʼu, innis yeroo kanatti dargaggeessa hin turre. Taʼus ‘Waaqayyo humnasaa waan isaa kenneef’ fiiguusaa itti fufeera. Jabinni keessasaatti isatti dhagaʼamu isa kanaan dura qaburraa adda akka ture beekamaadha. Eliyaas humna Yihowaa waan argateef, konkolaataa Ahaab Mootichaa fardeeniin harkifamullee dursuu dandaʼeera.—1 Mootota 18:46 dubbisi.
-