Yehuun Waaqeffannaa Dhugaa Hinaaffaadhaan Deggereera
YEHUUN nama waaqeffannaa dhugaa hinaaffaadhaan deggeru ture. Itti gaafatamummaasaa, cimina, siʼaayina, hinaaffaafi ija jabinaan raawwateera. Yehuun amalawwan hundi keenya hordofuu qabnu argisiiseera.
Yehuun itti gaafatamummaan kan isaaf kenname ennaa sabni Israaʼel haala gadhee keessa turettidha. Yeroo kanatti biyyattiin dhiibbaa Iizaabel ishee hamtuu abbaan manaashee Ahaab irraa duʼeefi haadha Yoraam isa yommus mootii taʼee bulchaa ture jala turte. Iizaabel namoonni Yihowaa akka waaqeffatan gochuu mannaa, waaqeffannaan Baʼaal akka babalʼatu gooteetti; raajota Waaqayyoo ajjeesisteetti; akkasumas ‘ejjaafi qoricha namatti gochuu’ babalʼisuudhaan biyyattii mancaasteetti. (2 Mot. 9:22; 1 Mot. 18:4, 13) Yihowaan, Yoraamiifi Iizaabeliin dabalatee guutummaan mana Ahaab akka balleeffamu ajajee ture. Tarkaanfii kanas adda durummaadhaan kan fudhatu Yehuu ture.
Yehuun Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti siʼa jalqabaatiif kan caqasame yeroo Israaʼeloonni Raamoot-Giilʼaaditti warra Sooriyaa wajjin lolarra turanitti angafa loltootaa wajjin yommuu taaʼaa turettidha. Inni nama aangoo guddaa qabu, tariimmoo ajajjuu humna waraanaa Israaʼel taʼuu hin oolu. Elsaaʼi raajichi ijoollee raajotaa keessaa tokko waamee, dhaqee Yehuu dibee mootii akka godhuufi dhiirota mana Ahaab isa gantuu ture keessa jiran hunda akka balleessu akka itti himu erge.—2 Mot. 8:28; 9:1-10.
Namoota Yehuu wajjin turan keessaa tokko sababa itti raajichi kun achi dhufe ennaa isa gaafatu, Yehuun dubbachuu mamee ture. Haataʼu malee, ennaa cimsee isa gaafatetti dhugaasaa kan itti hime siʼa taʼu, Yehuufi warri isaa wajjin turan Yoraamirratti korachuu jalqaban. (2 Mot. 9:11-14) Namoonni baayʼeen bulchiinsa yeroo sana tureefi dhiibbaa Iizaabel geessistu mormaa kan turan taʼuu hin oolu. Sanas taʼe kana, Yehuun karaa itti hojii isaaf kenname akka gaariitti raawwaturratti yaaduu jalqabeera.
Yoraam Mootichi dirree waraanaarratti waan madaaʼeef hamma fayyutti gara magaalaa Yizreʼel dhaqee ture. Karoorrisaa akka milkaaʼuuf, waan inni karoorse ilaalchisee oduun tokkollee Yizreʼelitti dhagaʼamuu akka hin qabne beekee ture. Yehuun, “Namni tokko illee mandara kana keessaa baʼee, Yizreʼel keessatti dubbicha akka himu hin godhinaa!” jedhe. (2 Mot. 9:14, 15) Kana kan godhe, waraana loltoonni Yoraamiif amanamoo taʼan isarratti kaasuu dandaʼan hambisuu waan barbaadeef taʼuu dandaʼa.
AKKA MARAATUUTTI OOFUU!
Yehuun utuu isaan hin beekin achi gaʼuuf, karaa kiilomeetira 72 Raamoot-Giilʼaadiifi Yizreʼel gidduu jiru konkolaataasaa oofe. Yehuun bakka yaade sana gaʼuuf saffisaan yommuu oofu, eegduun riqaarra dhaabatee ture “Yehuunii fi loltoonni isaa” utuu dhufanii arge. (2 Mot. 9:17) Inni kaayyoosaa galmaan gaʼuuf loltoota hedduu fudhatee deemuu hin oolu.
Eegduun sun, Yehuun inni ija jabeessi konkolaattota keessaa isa tokkorra akka jiru yaaduudhaan, “Akka nama maraatuutti oofa”! jedhee iyye. (2 Mot. 9:20) Yehuun yeroo kaanis ariitiidhaan oofuunsaa baramaa yoo taʼe, yeroo tarkaanfii addaa fudhachuuf jedhu kanatti ariitii guddaadhaan oofee taʼuu qaba.
Yehuun namoota lamaan isatti ergamaniif deebii tokkollee utuu hin kennin, Yoraam Mootichaafi Ahaaziyaa mootiin Yihudaa inni isa deggeru konkolaataasaaniirra taaʼanii isaanitti dhufe. Yoraam, “‘Yehuu! Yaada nagaatiif dhufte moo?’ jedhee isa in gaafate; Yehuunis deebisee, ‘Ejjuunii fi qoricha namatti gochuun inni haati kee Iizaabel, jalqabde baayʼachaa utuu jiruu nagaa maaliitu jira?ʼ” jedhe. Yoraam deebii kanatti waan naʼeef, ofirra garagalee baqate. Yehuun garuu isa caalaa saffisa waan qabuuf, hiddaasaa harkisee xiyya onnee Yoraam keessa kan baase yommuu taʼu, mootichis konkolaataasaa keessatti kufee duʼe. Ahaaziyaan yeroodhaaf miliquu dandaʼus, Yehuun isa duukaa buʼee dhaqqabee isa ajjeeseera.—2 Mot. 9:22-24, 27.
Miseensa mana Ahaab keessaa ittaansee ajjeefamuu kan qabu Iizaabel Mootittii hamtuudha. Yehuun “abaaramtuun kun” isheedhaan jechuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Yehuun konkolaataa oofaa Yizreʼel akkuma gaʼeen, Iizaabel mana mootummaa keessa teessee karaa foddaa ennaa gad ilaaltu arge. Innis yerosuma warri mana mootummaa keessaa hojjetan Iizaabeliin karaa foddaa akka gad ishee darbatan ajaje. Achiis Yehuun dubartii guutummaa Israaʼel mancaaste kana fardasaatiin lafatti irra ejjete. Sana booda, Yehuun namoota miseensa mana Ahaab isa hamoota taʼan hedduu balleessuusaa ittuma fufe.—2 Mot. 9:30-34; 10:1-14.
Waaʼee hammeenyaa yaaduun kan nama hin gammachiisne taʼus, Yihowaan yeroo sanatti murtoowwansaa raawwachuuf tajaajiltootasaatti fayyadamaa akka ture beekuu qabna. Caaffanni Qulqullaaʼoon, “[Ahaaziyaan] Yoraamin dubbisuu waan dhaqeef, Waaqayyo kufaatii isatti in fide; inni achi yommuu gaʼe immoo Yoraamii wajjin Yehuu ilma Niimshii isa Waaqayyo akka inni qeʼee Ahaab balleessuuf dibe bira in dhaqe” jedha. (2 Sen. 22:7) Yehuun akkuma reeffa Yoraam konkolaataasaarraa gad darbateen, Ahaab Naabotiin waan ajjeesiseef wanti Yihowaan akka isa adabu dubbate raawwatamuusaa yaadate. Kana malees, Yehuun “dhiiga garboota [Waaqayyoo]” isa Iizaabel dhangalaafte akka ‘ijaa baasu’ ajajameera.—2 Mot. 9:7, 25, 26; 1 Mot. 21:17-19.
Waaqayyo, “Ijaa baasuun kan koo ti” waan jedheef, tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa, namoota waaqeffannaa dhugaa morman hin lolan. (Ibr. 10:30) Haataʼu malee, wantoota gumii mancaasuu dandaʼanirraa gumii eeguuf, jaarsoliin akkuma Yehuu ija jabina qabaachuun isaanirraa eegama. (1 Qor. 5:9-13) Akkasumas miseensonni gumii hundi namoota gumiidhaa baafamanii wajjin walitti dhufeenya uumuurraa fagaachuuf ejjennoo cimaa qabaachuunsaanii barbaachisaadha.—2 Yoh. 9-11.
YEHUUN NAMOOTA YIHOWAA MORMANITTI OBSA HIN ARGISIISNE
Yehuun itti gaafatamummaa isaaf kenname raawwachuuf kakaʼumsa akka qabu yaada inni Yonaadaab isa amanamaa taʼeen, “Ana duukaa kottuutii hinaaffaa ani Waaqayyoof qabu ilaali!” jedherraa hubachuun ni dandaʼama. Yonaadaab afeerrii kana fudhachuudhaan konkolaataa Yehuu yaabbatee isa duuka Samaariyaa dhaqe. Yehuun iddoo kanatti ‘warra Baʼaaliif hojjetan balleessuuf isaan’ gowwoomse. —2 Mot. 10:15-17, 19.
Yehuun, Baʼaaliif “aarsaa guddaa” dhiheessuu akka yaade beeksise. (2 Mot. 10:18, 19) Hayyuun tokko, “Asirratti Yehuun haxxummaadhaan dubbii dachaatti fayyadamuusaa ture” jedhaniiru. Jechi asirratti gale “dimshaashumatti ‘aarsaa’ jedhamus, gantoota ‘ajjeesuufis’ itti hojjetameera.” Yehuun waaqeffattoota Baʼaal keessaa tokkollee qophii kanarraa akka hin hafne waan barbaadeef, hundasaanii galma Baʼaalitti walitti isaan qabe; akkasumas uffata addaa akka uffatan godhe. “Qalma gubamu dhiʼeessee yeroo raawwatetti” namoonnisaa meeshaa lolaa hidhatan 80ni waaqeffattoota Baʼaal hunda akka fixan godhe. Achiis galma Baʼaal diigee balleessee lafa itti kosii gatan gochuudhaan waaqeffannaaf akka hin oolle godheera.—2 Mot. 10:20-27.
Yehuun dhiiga baayʼee akka dhangalaase beekamaadha. Haataʼu malee, Caaffanni Qulqullaaʼoon Yehuun nama ija jabeessa hacuuccaa Iizaabeliifi maatiishee jalaa Israaʼeliin bilisa baase akka ture ibsa. Namni Israaʼeliin geggeessuufi akkas gochuudhaan milkaaʼina argachuu barbaadu kamiyyuu ija jabeessa, gara kuteessaafi hinaaffaa kan qabu taʼuu qaba ture. Galmeen jechootaa Macaafa tokko akkas jedheera: “Kun hojii ulfaataa utuu gargar hin kutin guutummaatti raawwatamudha. Tarkaanfii cimaan utuu hin fudhatamne taʼee, waaqeffannaan Baʼaal Israaʼel keessaa hin badu ture.”
Haalawwan Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiran mudatanis, amalawwan Yehuun argisiise akka horatan kan isaan gaafatu taʼuusaa hubachuunkee hin oolu. Fakkeenyaaf, sochii Yihowaa duratti fudhatama hin qabne tokkorratti hirmaachuuf yoo qoramne tarkaanfii akkamii fudhachuu qabna? Battalumaan, ija jabinaafi hinaaffaa akka qabnu argisiisuudhaan wanta sanarraa fagaachuu qabna. Namoota Waaqayyoof bulle waan taaneef, wanta Yihowaan jibbu callisnee ilaaluun nurra hin jiru.
SEERA YIHOWAA ITTI YAADAA EEGAA
Seenaan Yehuu dhumarratti ilaallu akeekkachiisa qaba. Yehuun ‘jabboota warqee warra Betʼeliifi Daan keessa jiraniif sagaduu irraa hin deebine.’ (2 Mot. 10:29) Namni waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa kan qabu fakkaatu tokko, waaqeffannaa sobaa hordofuu kan dandaʼu akkamitti?
Yehuun, mootummaan Israaʼeliifi Yihudaa warri gargar baʼan amantiidhaanis gargar taʼuu akka qaban itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Kanaaf, akkuma mootota Israaʼel isa dura turanii, waaqeffannaan dibichaa akka itti fufu gochuudhaan warra kaanirraa adda isaan baasuuf yaaleera. Akkas gochuunsaa garuu Yihowaa isa mootii godhee isa muuderratti amantii akka hin qabne argisiisa.
Yihowaan, Yehuun ‘isa duratti wanta qajeelaa taʼe hojjechuusaa’ dubbatee ture. Haataʼu malee Yehuun, “garaa isaa guutuudhaan seera Waaqayyo goofticha Israaʼel itti yaadee hin eegne.” (2 Mot. 10:30, 31) Wanta Yehuun sanaan dura raawwate hunda yeroo hubattu gaaffii sitti kaasuufi gaddi sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus kanarraa wanta barannu qabna. Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu matumaa akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu, xiinxaluufi Abbaa keenya isa samiitti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan amanamummaa Waaqayyoof qabnu guddifachuu qabna. Kanaaf, garaa keenya guutuudhaan seera Yihowaa itti yaannee eeguuf of eeggannoo haa goonu.—1 Qor. 10:12.
[Saanduqa fuula 4rra jiru]
Seenaan Waaʼee Yehuu Ni Dubbataa?
Ceephaatonni Macaafa Qulqulluu, yeroo baayʼee namoonni Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti caqasaman namoota dhugumaan turan taʼuusaanii ni shakku. Kanaaf Yehuu ilaalchisee Macaafa Qulqulluutiin ala ragaa dhiheessuun ni dandaʼamaa?
Yoo xinnaate barreeffamoonni Asorota durii sadii mootii Israaʼel kana maqaasaa caqasaniiru. Kanneen keessaa tokko Yehuu ykn ergamoonnisaa Mooticha Asor Shalmaaneser 3ffaatiif sagaduudhaan gabbara ennaa kennaniif kan argisiisu akka taʼe yaadama. Barreeffamni gubbee fakkichaarra jiru akkas jedha: “Gabbara Yehuu (Ia-ú-a), ilmi Omrii (Hu-um-ri); meetii, warqee, waciitii-saplu warqeerraa tolfame tokko, harkee abaaboo baatu warqeerraa tolfame jallisaa qalʼoo taʼe tokko, qodaa golboo dhugaatii itti dhugan warqeerraa tolfame, baaldii warqeerraa tolfame, qorqorroo, ulee mootii tokkoo (fi) puruhtu mukarraa tolfame [hiikni jecha kanaa hin beekamu] naaf kenne fudhadheera.” Yehuun kallattiidhaan “ilma Omrii” miti; maqaan kun mootota Israaʼel walitti aansuudhaan bulchaa turan kan argisiisu yommuu taʼu, maqaa kanaan kan waamame Omriin nama beekamaa Samaariyaa ishee magaalaa guddittii Israaʼel turte waan hundeesseef taʼuu dandaʼa.
Mootiin Asor Yehuurraa gabbara akka fudhate dubbatus, ragaa kana mirkaneessu argachuun hin dandaʼamne. Taʼuyyuu, mootichi siidaa isa bifa fakkii Shalmaaneseriifi seenaa mootota Asor ibsurratti Yehuu al sadii caqaseera. Ragaawwan kun Yehuun nama dhugumaan tureefi Macaafa Qulqulluu keessatti caqasame taʼuusaa mirkaneessu.