FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | IYOOB
Yihowaan Dhukkuba Isaa Irraa Isa Fayyiseera
Dhuma irratti dhiironni muraasni sun ni callisan. Tarii kan hafe sagalee qilleensaa hoʼaa suuta jedhee gammoojjii Arabiyaa irraa gara isaaniitti qilleensaʼu qofa dha. Iyoobis falmii dheeraa erga godhanii booda dadhabee waan tureef wanta dubbatu hin qabu. Aariidhaan gara hiriyoota isaa sadanii jechuunis Eliifaaz, Beldaadii fi Zofaariin ilaalaa wanta dabalataa akka dubbatan gochuuf yommuu inni yaalu yaadaan ilaali. Isaan garuu yaadni isaanii, jechoonni ‘waaʼee hin baafnee’ fi dubbiin miira isaa miidhuuf dubbatan kun fudhatama dhabuu isaatti waan aaraniif isa ilaaluu illee hin barbaanne. (Iyoob 16:3) Wanti kam iyyuu yoo dhufe Iyoob isa kan duraa caalaa amanamummaa isaatiif dhaabbachuuf murteesseera.
Iyoob tarii wanti isaaf hafe amanamaa taʼee itti fufuu qofa akka taʼe itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Inni qabeenya isaa, ijoollee isaa kurnan, gargaarsaa fi kabaja michootaa fi ollaawwan isaa, dhuma irratti immoo fayyaa isaa dhabeera. Gogaan isaa dhukkubaan gurraachaʼeera, qonyonyaaʼeera, akkasumas foon isaa raammoodhaan guutameera. Hafuurri isaa illee ajaaʼeera. (Iyoob 7:5; 19:17; 30:30) Taʼus wantoonni hamoon namoonni kun sadan dubbatan Iyoobiin baayʼee aarseera. Isaan inni cubbuu akka hojjete dubbatanis, inni garuu akka hin hojjenne isaaniif mirkaneessuuf murteessee ture. Wanti Iyoob yeroo dhumaatiif dubbate hunduma isaanii cal jechisiise. Dubbii hamaa baayʼee yeroo dheeraadhaaf Iyoobitti erga dubbatanii booda, sana booda wanta hamaa isatti dubbatan hin qaban turan. Haa taʼu malee, dhukkubni karaa qaamaas taʼe karaa miiraa Iyoob irra gaʼe ammas hin dhaabbanne ture. Ammas haala dhiphisaa keessa jiruuf gargaarsi isa barbaachisa ture!
Iyoob haala rakkisaa keessa jiruuf ilaalcha sirrii kan hin qabaanne maaliif akka taʼe hubachuu dandeenya. Qajeelfamnii fi sirreeffamni isa barbaachisa ture. Inni nama dhugumaan isa jajjabeessu barbaada ture, hiriyoonni isaa sadanis isa jajjabeessuun kan isaan irra ture taʼus, utuu akkas hin godhin hafaniiru. Qajeelfamnii fi gorsi utuu siif hin kennamin yoo hafe jabaattee dhaabbachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamaa? Namoonni michoota kee akka taʼanitti yaaddu si gaddisiisanii beekuu? Yihowaan tajaajilaa isaa Iyoobiin akkamitti akka gargaaree fi Iyoob immoo akkamitti akka deebii kenne barachuun kee abdii akka qabaattuu fi gargaarsa qabatamaa akka argattu si gargaaruu dandaʼa.
Nama Ogummaa fi Gaarummaadhaan Gorse
Seenaan Iyoob itti aansuudhaan wanta dinqisiisaa hin eegamne tokko ibsa. Isaan cinaa dargaggeessa Eliihuu jedhamutu jira. Inni yeroo namoonni umuriidhaan isa caalan wal falmaa turan hundatti callisee isaan dhaggeeffachuudhaan isaan wajjin ture. Akkasumas inni wanta dhagaʼetti baayʼee aaree ture.
Eliihuun Iyoobittis baayʼee aaree ture. Iyoob dhiibbaa namoonni sadan sun isa irratti godhaniin kan kaʼe ‘Waaqayyoon qajeelaa gochuu irra ofii isaa qajeelaa of gochuun’ isaa baayʼee isa aarse. Taʼus, Eliihuun Iyoobiif baayʼee gaddeera, dhukkuba isaa, dhugaa akka qabuu fi yeroo sanatti gorsi gaariinii fi jajjabinni akka isa barbaachisu hubatee ture. Eliihuun jajjabeessitoota sobaa sanaan obsa fixachuun isaa nama hin dinqisiisu! Yommuu isaan Iyoobitti dheekkaman, akkasumas amantii isaa, kabaja fi amanamummaa isaa yommuu isaan gad qabuuf yaalan dhaggeeffachaa ture. Kana caalaa kan hammaatu immoo, soba namoonni sun Waaqayyo jalʼaa akka taʼe fakkeessuudhaan dubbatani dha. Eliihuun kana hunda erga dhagaʼee booda wanta tokko dubbachuu akka qabu itti dhagaʼameera.—Iyoob 32:2-4, 18.
Akkana jedhe: “Ani ijoollee dha, isin garuu baayʼee dulloomtaniittu; kanaafan waanan beeku isinitti mulʼisuu sodaadhee of qabe.” Haa taʼu malee, Eliihuun callisee taaʼuu hin dandeenye. Itti fufuudhaan, “Ogummaan gurguddataniif miti, wanta qajeelaa taʼe hubachuunis dulloomaniif miti.” (Iyoob 32:6, 9) Achiis, Eliihuun haasaa dheeraa kan godhe siʼa taʼu, kunis jechoonni kun dhugaa taʼuu isaa kan mirkaneessu ture. Inni haala Eliifaaz, Beldaadii fi Zofaar Iyoobitti dubbatan irraa guutummaatti adda taʼeen isatti dubbate. Eliihuun akka isa hin tuffanne ykn haalli isaa caalaatti akka hammaatu gochuuf akka hin yaalle Iyoobiif mirkaneesseera. Iyoobiin maqaa isaatiin isa waamuudhaan isa kabajeera, akkasumas namoonni sadan sun kabajaan akka isa hin qabne itti himeera.a Karaa kabaja qabuun, “Amma garuu yaa Iyoob waanan jedhu dhaga’i” jedheen.—Iyoob 33:1, 7; 34:7.
Eliihuun kallattiidhaan gorsa akkana jedhu Iyoobiif kenneera: “Ati garuu utuma ani si dhagaʼuu dubbatteetta, . . . ‘Ani xuraaʼummaa hin qabu, irra-daddarbaa hin qabu, qullaaʼaa dha, yakkis ana irra hin jiru; garuu Waaqayyo immoo karaa ittiin naan mormu in argata.’” Eliihuun akkana jedhee isa gaafachuudhaan rakkinni isaa maal akka taʼe ifa baaseera: “Inni ati, ‘Waaqayyo duratti ani qajeelaa dha’ jettu kun, dubbii dhugaa sitti fakkaataa ree?” Eliihuun Iyoob akkas jedhee yaaduu isaa akka itti fufu hin barbaanne. Namichi dargaggeessi kun, “Kunoo, kana irratti dhugaa akka ati hin qabne, sitti nan hima” jedheen. (Iyoob 33:8-12; 35:2) Eliihuun Iyoob miidhaa guddaa isa irra gaʼeen, akkasumas hiriyoonni sobaa isaa karaa sirrii hin taaneen waan isa qabaniif baayʼee aaree akka ture beekeera. Haa taʼu malee, Eliihuun akkana jedhee Iyoobiin akeekkachiise: “Garuu aariin gara hamminaatti akka si hin geessine of eeggadhu.”—Iyoob 36:18, NW.
Eliihuun Waaʼee Gaarummaa Yihowaa Cimsee Dubbateera
Hunda caalaa immoo, Eliihuun wanti Yihowaan godhu yoom iyyuu sirrii akka taʼe dubbachaa ture. Jechoota salphaa, garuu immoo ergaa cimaa qabaniin dhugaa barbaachisaa taʼe tokko ibse: “Jal’inni Waaqayyo irraa, dabaa hojjechuunis isa hundumaa danda’u irraa haa fagaatu! . . . inni hundumaa danda’u dhugaa hin jalʼisu.” (Iyoob 34:10, 12) Eliihuun Yihowaan hammam gara laafessaa fi haqa qabeessa akka taʼe akka hubatu Iyoobiin gargaareera. Iyoob waaʼee ofii isaa qofa waan yaaduuf, Waaqayyoon ilaalchisee wanta sirrii hin taane muraasa dubbatee ture. Yihowaan wantoota inni jedhe kanaaf isa adabuu dandaʼa ture, taʼus akkas hin goone. (Iyoob 35:13-15) Eliihuun Waaqayyoon ilaalchisee wanta hunda akka hubate hin fakkeessine. Kanaa mannaa gad of qabuudhaan, “Waaqayyo guddaa dha, garuu nuyi guddina isaa hin hubannu” jechuudhaan dubbateera.—Iyoob 36:26.
Eliihuun kallattiidhaan gorsa kan kenneef taʼus, amma iyyuu gaarummaa qaba. Achiis Yihowaan gaaf tokko Iyoobiin deebisee fayya qabeessa gochuu akka dandaʼu dubbachuudhaan, waaʼee abdii dinqisiisaa tokkoo itti hime. Waaqayyo tajaajilaa isaa amanamaa ilaalchisee akkana jedha: “Dhagni isaa kan saafelaa caalaatti haa haaraʼu! Akka bara dargaggummaa isaattis haa deebiʼu.” Karaan Eliihuun gaarummaa itti argisiise inni kan biraan immoo ofii isaatii Iyoobitti dubbachuu mannaa, gaarummaadhaan innis akka dubbatuu fi isaaf deebisu affeereera. Akkana jedheen: “Ani dhugaa siif galchuu nan barbaada, dubbadhu!” (Iyoob 33:25, 32) Haa taʼu malee, Iyoob hin deebisneef. Tarii gorsi gaarummaa irratti hundaaʼee fi nama jajjabeessu akkasii sirrii akka hin taanetti dubbachuun akka isa hin barbaachisne waan itti dhagaʼameef taʼuu dandaʼa. Tarii, Iyoob Eliihuun garaadhaa akka isaaf yaadu yommuu hubatutti booʼee taʼuu dandaʼa.
Namoota amanamoo taʼan kanneen lamaan irraa barumsa baayʼee barbaachisaa taʼe arganna. Eliihuu irraa namoota isaan barbaachisuuf gorsaa fi jajjabina akkamitti akka kenninu baranna. Michuun dhugaan yommuu dogoggora cimaa raawwattu ykn wanta balaa irra si buusuu dandaʼu tokko yommuu gootu sitti himuu irraa duubatti hin jedhu. (Fakkeenya 27:6) Yommuu michoonni keenya miiraan kakaʼanii ykn utuu itti hin yaadin wanta dogoggoraa dubbatanitti illee michoota amanamoo isaaniif taʼuu barbaanna. Akkasumas yommuu ofii keenyaa gorsi nu barbaachisutti, fakkeenyi Iyoob nuuf kaaʼe gorsa sana diduu mannaa gad of qabuudhaan dhaggeeffachuu akka qabnu nu yaadachiisa. Hunda keenya gorsii fi sirreeffamni nu barbaachisa. Gorsaa fi sirreeffama nuu kennamu fudhachuun keenya immoo jireenya keenya nuuf oolchuu dandaʼa.—Fakkeenya 4:13.
“Bubbee Keessaa”
Eliihuun yommuu dubbachaa turetti, qilleensa, duumessa, kakawwee fi bakakkaa yeroo baayʼee caqaseera. Inni, “Sagalee isaa isa qaqawweessaʼu yaadaan qabaa” jechuudhaan waaʼee Yihowaa dubbateera. Yeroo gabaabaa booda Eliihuun waaʼee “bubbee” dubbate. (Iyoob 37:2, 9) Eliihuun Iyoob wajjin dubbachaa utuma jiruu, bubbeen dhufee caalaatti cimaa yommuu deemu arganii taʼuu dandaʼa. Dhuma irrattis bubbeen sun garmalee cimaa dhufe. Sana booda, wanti caalaatti dinqisiisaa taʼe ni raawwatame. Yihowaan ni dubbate!—Iyoob 38:1.
Uumaan uumama cufaa waaʼee hojiiwwan uumamaa yommuu barsiisu dhaggeeffachuun mirga guddaa akkamii akka taʼe yaadi!
Kitaaba Iyoob yommuu dubbistu kutaan kun haasaa Yihowaan Iyoob wajjin godhe waan qabuuf boqonnaa baayʼee nama dinqisiisu dha. Kunis akkuma waan bubbeen dhugaa dhufee jechoota sobaa Eliifaaz, Beldaadii fi Zofaar dubbatan hunda fuudhee sokkee ti. Yihowaan yeroo muraasaaf namoota kanatti hin dubbanne. Xiyyeeffannaan isaa Iyoob qofa irratti ture; inni akkuma abbaan tokko mucaa isaa sirreessu tajaajilaa isaa isa jaalatamaa taʼe kana kallattiidhaan, garuu immoo karaa gaarummaa qabuun sirreesseera.
Yihowaan dhukkubbii Iyoobitti dhagaʼame isaaf hubateera. Inni akkuma yeroo hunda yommuu ijoolleen isaa jaalatamoo taʼan dhukkubsatanitti godhu, Iyoobittis gara laafina argisiiseera. (Isaayaas 63:9; Zakaariyaas 2:8) Haa taʼu malee, Iyoob ‘beekumsa malee dubbachuudhaan’ rakkinni isa mudate caalaatti akka hammaatu gochuu isaas beeka. Kanaaf, Yihowaan gaaffiiwwan balʼisee akka yaadu isa taasisan hedduu isa gaafachuudhaan Iyoobiin sirreesseera. Yihowaan akkana jechuudhaan jalqabe: “Yommuu ani hundee lafaa kaa’e, ati eessa turte? Hubannaa isaa yoo qabaatte anatti himi!” Jalqaba uumamaa irratti, “urjoonni gara barii” jechuunis maleekonni maatii Waaqayyoo taʼan guddisanii sagalee gammachuu dhageessisanii turan. (Iyoob 38:2, 4, 7) Dhugaa dha, Iyoob kana ilaalchisee wanti inni beeku waan hin jirreef deebii tokko illee hin kennine.
Yihowaan waaʼee uumama harka isaa dubbachuu isaa ittuma fufe. Kanaafuu, Yihowaan waaʼee wantoota muraasa nuti yeroo harʼaa saayinsii uumamaa jennee waamnuu Iyoobiif ibsaa ture. Kunis barnoota akka astiroonomii, baayooloojii, jiʼoolojii fi fiiziksii kan of keessatti qabate dha. Keessumaa immoo waaʼee bineensota naannoo Iyoob jiraatutti argamanii kanneen akka leencaa, harraagessaa, kuruphee, harree diidaa, gafarsaa, guchii, fardaa, coroffee, joobiraa, roobii fi dhuma irratti immoo waaʼee Lewaataan (naacha taʼuu hin oolu) isaaf ibseera. Uumaan uumama cufaa waaʼee hojiiwwan uumamaa yommuu barsiisu dhaggeeffachuun mirga guddaa akkamii akka taʼe yaadi!b
Waaʼee Gad of Qabuu fi Jaalalaa Barsiisuu
Yaadni kun hundi ergaan isaa maali dha? Iyoob caalaatti kan gad of qabu taʼuun isa barbaachisa ture. Iyoob Yihowaan karaa sirrii hin taaneen akka isa qabe dubbachuudhaan, dhukkubbii isaa ofitti cimsaa, akkasumas Abbaa isaa isa jaalala qabeessa taʼe irraa of fageessaa ture. Kanaafuu Yihowaan uumamawwan dinqisiisoo taʼan kana yommuu uumetti Iyoob eessa akka turee fi wantoota inni uume kana nyaachisuu, toʼachuu fi madaqsuu ni dandaʼa yoo taʼe irra deddeebiʼee isa gaafate. Iyoob wantoota Yihowaan uume illee toʼachuu erga hin dandeenyee, wanta Uumaan gochuu qabu itti himuuf mirga akka qabu akkamitti yaaduu dandaʼa? Karaa fi yaadni Yihowaa ilaalcha Iyoob isa daangeffamaa taʼe irra baayʼee hin caaluu?
Iyoob hin falmine ykn sababa hin dhiheessine
Wanti Yihowaan dubbate hundi jaalala guddaa inni Iyoobiif qabu kan argisiisu dha. Yihowaan akka waan akkana jechuudhaan Iyoobitti dubbatee ti: ‘Yaa ilma koo, ani wantoota kana hunda uumee kunuunsuu ergan dandaʼee si kunuunsuu waanan hin dandeenye sitti fakkaataa? Ani dhuguma sin dhiisaa? Ijoollee kee, nageenyaa fi fayyaa kee si jalaa nan fudhadhaa? Wanta dhabde hunda sii deebisuu fi dhukkuba kee irraa si fayyisuu kan dandaʼu ana qofa mitii?’
Iyoob gaaffiiwwan Yihowaan isa gaafateef deebii kan kenne siʼa lama qofa ture. Iyoob hin falmine ykn sababa hin dhiheessine. Wanti inni beeku hammam xinnoo akka taʼe amanee fudhachuu isaa irra iyyuu ariitiidhaan waan dubbateef yaada geeddarateera. (Iyoob 40:4, 5; 42:1-6) As irratti Iyoob amantii cimaa qabaachuu irratti fakkeenya gaarii taʼuu isaa hubanna. Wanta isa irra gaʼe hunda erga dandamatee booda, nama amantii guddaa qabu taʼee itti fufeera. Sirreeffama Yihowaan isaaf kenne fudhateera, akkasumas garaatti qabateera. Nutis akkana jennee of gaafachuuf kakaʼuu dandeenya: ‘Sirreeffamaa fi gorsa naaf kennamu gad of qabuudhaan nan fudhadhaa?’ Hunda keenya gargaarsi akkasii nu barbaachisa. Gargaarsa nuuf kennamu yommuu fudhannu fakkeenya amantii Iyoob hordofaa jirra jechuu dha.
‘Waa’ee Koo Wanta Qajeelaa hin Dubbanne’
Amma Yihowaan Iyoobiin dhiphina isaa irraa isa jajjabeessuuf tarkaanfii fudhate. Eliifaaz jajjabeessitoota sobaa sadan sana keessaa isa hangafaa waan taʼeef taʼuu dandaʼaa, Yihowaan akkana jedheen: “Akka garbicha koo Iyoob waa’ee koo qajeela waan hin dubbatiniif, dheekkamsi koo si irratti firoota kee lamaan irrattis in boba’a.” (Iyoob 42:7) Mee waaʼee jechoota kanaa yaadi. Yihowaan wanti namoonni sadan kun dubbatan hundi soba akka taʼe ykn wanti Iyoob dubbate hundi sirrii akka taʼe dubbachaa jiraa? Lakki.c Haa taʼu malee, Iyoobii fi namoota sobaan isa himatan gidduu garaa garummaa guddaa tokkotu jira. Iyoob baayʼee gaddeera, gadda isa irra gaʼeen kan kaʼes baayʼee cinqameera, akkasumas namoota sobaan isa himatan sanaan kan kaʼe abdii kutateera. Kanaafuu, yeroo tokko tokko ariitiidhaan dubbachuun isaa nama hin dinqisiisu. Eliifaazii fi michoota isaa lamaan garuu haalli rakkisaan akkasii isaan hin mudanne. Amantiin isaanii laafaa waan taʼeef, of tuulummaadhaan taʼe jedhanii dubbii gara jabinaa Iyoobitti dubbataniiru. Nama balleessaa hin qabne kana miidhaniiru, kana irra kan hammaatu immoo Yihowaan Waaqa gara jabeessaa fi hamaa akka taʼetti dubbachuu isaanii ti.
Yihowaan namoonni kun aarsaa gatii guddaa qabu akka dhiheessan isaan gaafachuun isaa nama hin dinqisiisu. Qotiyyoo torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba aarsaa godhanii dhiheessuu qabu turan, qotiyyoon aarsaa yeroo booda Seera Musee keessatti lubni ol aanaan tokko cubbuu hojjechuudhaan guutummaa sabichaa irratti yakka yommuu fidu dhiheessuu qabu waan taʼeef kun salphaa miti. (Lewwoota 4:3) Kunis Seericha jalatti beeyiladoota aarsaadhaaf dhihaatan keessaa isa gatii guddaa qabu dha. Kana malees, Yihowaan aarsaa namoonni Iyoobiin himatan kun dhiheessan kan fudhatu Iyoob jalqaba yoo isaaniif kadhate qofa akka taʼe dubbateera.d (Iyoob 42:8) Iyoob Waaqa isaatiin himata irraa bilisa taʼuun isaa fi haqni Yihowaa injifachuu isaa yommuu argu garaan isaa hammam akka tasgabbaaʼe tilmaamuu dandeenya!
“Garbichi koo Iyoob isiniif haa kadhatu!”—Iyoob 42:8
Yihowaan Iyoob wanta ajajame akka raawwatu mirkanaaʼaa ture, kunis Iyoob namoota baayʼee isa miidhan kanaaf dhiifama gochuu isaa argisiisa. Iyoobis Abbaa isaa hin qaanessine. (Iyoob 42:9) Wanti Iyoob raawwate wanta dubbate caalaa Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu isaa kan mirkaneessu dha. Kunis jireenya isaa keessatti eebbawwan guguddaa akka argatu karaa baneera.
“Jaalala Guddaa kan Qabuu fi Gara Laafessa”
Yihowaan Iyoobitti ‘jaalala guddaa fi gara laafina’ argisiiseera. (Yaaqoob 5:11) Akkamitti? Yihowaan Iyoobiif fayyummaa isaa isaaf deebiseera. Iyoob akkuma Eliifaaz dursee dubbate qaamni isaa “kan saafelaa” ykn kan dargaggummaa caalaa yommuu “haaraʼu” maaltu itti dhagaʼamee akka ture tilmaami! Dhuma irratti maatii fi michoonni isaa deeggarsa isa barbaachisu kan isaaf godhan siʼa taʼu, jajjabinaa fi kennaas isaaf kennaniiru. Yihowaan isa kanaan dura qabu caalaa dachaa godhee isaaf kennuudhaan badhaadhina isaa isaaf deebiseera. Gadda cimaa ijoollee isaa duʼaan dhabuu isaatiin isa irra gaʼe ilaalchisee hoo Yihowaan maal godhe? Iyoobii fi haati manaa isaa ijoollee kudhan godhachuun isaanii hamma tokko isaan jajjabeesseera! Akkasumas Yihowaan dinqiidhaan umurii Iyoob dheeresseera. Iyoob waggoota dabalataa 140f kan jiraate yommuu taʼu, sanyii isaa hamma dhaloota afuriitti arguu dandaʼeera. Seenaan isaa akkana jedha: “Iyoob akkasitti dulloomee bara quufee in duʼe.” (Iyoob 42:10-17) Jannata keessatti Iyoobii fi haati manaa isaa ijoollee isaanii kurnan Seexanni jalaa ajjeese dabalatee maatii isaanii wajjin wal argu.—Yohaannis 5:28, 29.
Yihowaan Iyoobiin baayʼisee kan eebbise maaliifi? Kitaabni Qulqulluun, “Iyyoob jabaatee akka dhaabate dhageessaniittu” jechuudhaan deebii isaa nuuf kenna. (Yaaqoob 5:11) Iyoob rakkoowwan baayʼeen keenya tilmaamuu dandeenyu irra caalu dandamateera. Jechi ‘jabaatanii dhaabbachuu’ jedhu Iyoob rakkoowwan sana keessa darbuu caalaa wanta dabalataa akka godhe nu hubachiisa. Inni jabaatee kan dhaabbate taʼuu isaa irra iyyuu amantiin inni Yihowaa irratti qabuu fi jaalalli inni isaaf qabu cimaa taʼee itti fufeera. Aaruu fi haaloo qabachuu mannaa namoota taʼe jedhanii isa miidhaniif illee fedhiidhaan dhiifama godheera. Iyoob abdii isaa isa gatii guddaa qabu hin daganne, akkasumas yeroo hunda amanamummaa isaa isa iddoo guddaa kennuuf ni eeggata ture.—Iyoob 27:5.
Tokkoon tokkoon keenya jabaannee dhaabbachuun nu barbaachisa. Seexanni akkuma Iyoobiin abdii kutachiisuuf yaale, nus abdii akka kutannu gochuuf akka yaalu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Taʼus, amantiidhaan jabaannee kan dhaabbannu, kan gad of qabnu, warra kaaniif dhiifama gochuuf fedhii kan qabaannuu fi amanamummaa keenya eeggachuuf kan murteessinu yoo taʼe, nutis abdii keenya isa gatii guddaa qabu cimsinee qabachuu dandeenya. (Ibroota 10:36) Fakkeenya amantii Iyoob hordofuu caalaa wanti Seexana aarsu ykn garaa Yihowaa gammachiisu hin jiru!
a Eliifaaz, Beldaadii fi Zofaar jechoota baayʼee Iyoobitti kan dubbatan siʼa taʼu, wanti isaan dubbatan Kitaaba Qulqulluu keessatti hamma boqonnaa sagalii taʼa. Haa taʼu malee, Iyoobiin maqaadhaan akka waaman wanti argisiisu tokko illee hin jiru.
b Iddoo tokko tokkotti Yihowaan wantoota muraasa kallattiidhaan ibseera, wantoota kan biroo immoo jechamatti fayyadamee karaa nama hawwatuun ibsaafii ture. (Fakkeenyaaf, Iyoob 41:1, 7, 8, 19-21 ilaali.) Gama lamaaniinuu kaayyoon Waaqayyoo tokkuma, jechuunis Iyoob Uumaa isaa ilaalchisee beekumsa qabu akka guddifatu gargaaruu dha.
c Phaawulos ergamaan yeroo booda wanta Eliifaaz dubbate keessaa tokko dhugaa akka taʼetti caqaseera. (Iyoob 5:13; 1 Qorontos 3:19) Wanti Eliifaaz dubbate dhugaa dha, taʼus karaa dogoggoraatiin Iyoobitti dubbateera.
d Iyoob haadha manaa isaatiif aarsaa akkasii akka dhiheessu gaafatamuu isaa wanti argisiisu hin jiru.