BOQONNAA KUDHAN
Miseensi Maatii Yeroo Dhukkubsatu
1, 2. Seexanni amanamummaa Iyoob laaffisuuf balaafi dhukkubatti kan fayyadame akkamitti?
IYOOB warra maatii gammachiisaa qaban keessaa tokko akka ta’e beekamaadha. Macaafni Qulqulluun, “Namoota gara ba’a-biiftuu jiraatan hundumaa keessaa inni nama guddaa ture” jechuudhaan waa’eesaa ibsa. Dhiira torbaafi durba sadii, walumatti ijoollee kudhan qaba ture. Qabeenya wanta maatiisaatiif barbaachisu akka gaariitti dhiheessuuf isa gargaarus qaba ture. Hunda caalaammoo, sochiiwwan hafuuraarratti dursa kan fudhatuufi ejjennoon ijoolleensaa Yihowaa duratti qaban kan isa yaaddessu ture. Kana gochuunsaa maatii walitti siquufi gammachuu qabu isaaf argamsiiseera.—Iyoob 1:1-5.
2 Haalli Iyoob, xiyyeeffannaa Seexanaa, diina Yihowaa isa guddaa harkisee ture. Seexanni inni tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo akka hin taane gochuuf yeroo hunda karaa barbaadu, maatii Iyoob isa gammachuu qabu balleessuudhaan miidhaa isarraan ga’e. Achiis, “faana miilla isaatii hamma gubbee mataa isaatiitti iita madaa’uun in rukute.” Karaa kanaan, Seexanni Iyoob amanamaa akka hin taane gochuuf balaafi dhukkubatti fayyadamuuf yaaleera.—Iyoob 2:6, 7.
3. Dhukkubni Iyoob akkam isa godha ture?
3 Macaafni Qulqulluun dhukkubni Iyoob maqaansaa maal akka ta’e hin dubbatu. Ta’uyyuu dhukkubichi akkam isa gochaa akka ture ni dubbata. Qaamnisaa raammoodhaan uwwifamee ture; gogaansaa qonyanyaa godhatee tortoree ture. Hafuurriifi qaamnisaa foolii gadhee godhatee ture. Dhukkubichi baay’ee isa dhiphisa ture. (Iyoob 7:5; 19:17; 30:17, 30) Iyoob rakkinarraa kan ka’e, daaraarra taa’ee qaamasaa qiraaciidhaan hooqa ture. (Iyoob 2:8) Baay’ee nama gaddisiisa ture!
4. Maatiiwwan hundi darbee darbee maaltu isaan mudata?
4 Dhukkubni cimaan akkasii utuu isin qabee maal gootu turtan? Seexanni akka Iyoobiin godhe yeroo har’aa tajaajiltoota Waaqayyoo dhukkubaan hin rukutu. Ta’uyyuu, cubbamoo waan taaneef, jireenya nama dhiphisu waan jiraannuuf, akkasumas biyya lafaa gadi adeemu keessa waan jiraannuuf, yeroo tokko tokko miseensonni maatii dhukkubsachuunsaanii nama hin ajaa’ibsiisu. Dhukkuba ofirraa ittisuuf yaalluyyuu, rakkinni hanga Iyoob kan ga’u muraasa keenyarra ta’us hundi keenya ni dhukkubsanna. Yeroo dhukkubni maatii keenya hubu haallisaa rakkisaa nutti ta’uu danda’a. Mee, Macaafni Qulqulluun diina yeroo kamittiyyuu ilmaan namootaa miidhuu danda’u kana mo’uuf akkamitti akka nu gargaaru haa’ilaallu.—Lallaba 9:11; 2 Ximotewos 3:16.
MAALTU ISINITTI DHAGA’AMA?
5. Dhukkuba yeroo muraasaaf turu ilaalchisee yeroo baay’ee miseensonni maatii maal godhu?
5 Wanti akkamiiyyuu, keessumaammoo dhukkubni yeroo dheeraadhaaf turu yommuu maatii keenya mudatu jireenyi rakkisaa nutti ta’a. Dhukkubni yeroo gabaabaayyuu, sirreeffama gochuufi aarsaa kaffaluu gaafata. Miseensonni maatii fayyaa qaban, inni dhukkubsate boqonnaa akka argatuuf cal jechuu isaan barbaachisuu danda’a. Sochiiwwan tokko tokko dhiisuunis isaan barbaachisa ta’a. Maatiiwwan hedduu keessatti ijoollee xixinnoon yeroo tokko tokko warra kaaniif akka yaadan yaadachiisni kan isaan barbaachisu ta’uyyuu, yeroo baay’ee garuu obboloonnisaaniis ta’e warrisaanii yommuu dhukkubsatan garaa laafu. (Qolosaayis 3:12, 1899) Dhukkuba yeroo xinnoodhaaf turuu wajjin haala wal qabateen, maatiin wanta barbaachisaa ta’e gochuuf qophaa’aadha. Isaanis yeroo dhukkubsatan miseensonni maatii kaan haaluma wal fakkaatuun akka isaaniif yaadan barbaadu.—Maatewos 7:12.
6. Miseensi maatii tokko dhukkuba cimaafi yeroo dheeraa turuun yoo qabame, al tokko tokko miseensota maatii kaanitti maaltu dhaga’ama?
6 Haata’u malee, dhukkubichi cimaa yoo ta’eefi rakkina guddaa kan geessisu akkasumas yeroo dheeraadhaaf kan turu yoo ta’ehoo? Fakkeenyaaf miseensi maatii tokko akka tasaa yoo naafate, dhukkuba sammuu Aalzaayimars jedhamuun yoo dhibame ykn dhukkuba kan biraatiin dandeettiisaa yoo dhabe yookiinimmoo dhukkuba sammuu akka sikiitisafirniyaa jiruun yoo qabame maal gootu? Yeroo baay’ee miseensonni maatii namni jaallatan dhukkubaan rakkatu jalqabarratti baay’ee gaddu. Gaddatti aansee garuu wanti godhan ni jiraata. Namni tokko dhukkubsachuusaatiin kan ka’e miseensonni maatii baay’ee kan rakkataniifi dhukkubasaatiin kan ka’e mirgisaanii kan daangeffamu yoo ta’e, nama dhukkubsate sanatti aaruu danda’u. “Kun kan narra ga’e maaliifi?” jedhanii yaaduu danda’u.
7. Iyoob dhukkubsachuusaatti haadha manaasaatti maaltu dhaga’ame? Kunoo maal ishee dagachiise?
7 Haadha manaa Iyoobitti wanti akkasii isheetti dhaga’amee kan ture fakkaata. Ijoolleeshee akka dhabde yaadadhaa. Haalawwan nama gaddisiisan ittuma dabalaa yeroo adeemanitti baay’ee dhiphachaa akka deemtu homaa hin shakkisiisu. Dhumarrattis, abbaan manaashee inni fayyaa qabuufi cimaa ture dhukkuba rakkisaafi jibbisiisaadhaan qabamuusaa arguunshee, wanta hunda caalaa barbaachisaa ta’e, jechuunis walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban akka dagattu godheera. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Haati manaa isaa immoo, ‘Ati amma iyyuu qajeelummaa keetti qabamtee jirtaa? Waaqayyoon arrabsii du’i!’” jetteen.—Iyoob 2:9.
8. Yeroo miseensi maatii tokko baay’ee dhukkubsatu, miseensonni maatii kaan ilaalcha sirrii akka qabaatan kan gargaaru caqasa isa kamidha?
8 Namoonni baay’een warri kaan dhukkubsachuusaaniitiin jireenyisaanii yoo jeeqame abdii kan kutatan ta’uusaaniirrayyuu aaruu danda’u. Haata’u malee, Kiristiyaanni haalasaarratti yaadu tokko dhumarratti haalli kun jaalala dhugaa qabaachuusaa argisiisuuf carraa akka isaaf banu hubachuu qaba. Jaalalli dhugaa “danda’aa dha, gaarummaas in argisiisa; waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, . . . karaa tokko illee nama hin lafafu [hundumaa danda’a, 1899], hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa.” (1 Qorontos 13:4-7) Yaanni dogoggoraa akka nu to’atu heyyamuu mannaa nuyi isa to’achuuf waan dandeenye hunda gochuun keenya barbaachisaadha.—Fakkeenya 3:21.
9. Miseensi maatii tokko yeroo dhukkubsatu, maatiin karaa hafuuraas ta’e miiraa gargaarsa akka argatu kan argisiisu maalidha?
9 Miseensota maatii keessaa tokko yeroo dhukkubsatu, karaa hafuuraas ta’e miiraan maatiidhaaf eegumsa gochuuf maal gochuutu danda’ama? Dhukkubni hundumtuu mataa mataasaatti yaalii godhamuuf akka qabu beekamaadha; ta’uyyuu, mala yaalii kan biraas ta’e mana keessatti kennamu kamiyyuu ilaalchisee kitaaba kanarratti yaada kennuun sirrii hin ta’u. Haata’u malee, Yihowaan karaa hafuuraa “warra gad deebi’an hundumaas ol in kaasa.” (Faarfannaa 145:14) Daawit Mootichi akkas jedhee barreesseera: “Namni isa dadhabaadhaaf yaadu haa gammadu! Waaqayyo guyyaa hamaatti isa in oolcha; Waaqayyo isa in eega, jireenyas in kennaaf; . . . Waaqayyo siree dhukkubaa irratti ol isa in qaba.” (Faarfannaa 41:1-3) Yihowaan sabnisaa miirasaaniitiin wanti humnaa ol ta’e yommuu isaan mudatuttillee karaa hafuuraa lubbuudhaan ni jiraachisa. (2 Qorontos 4:7) Miseensonni maatii namni jalaa dhukkubsate baay’een akkuma faarfatichaa, “Ani baay’ee dhiphadheera, yaa Waaqayyo, akka dubbii keetti lubbuu anatti deebisi!” jedhaniiru.—Faarfannaa 119:107.
ILAALCHA GAARII QABAACHUU
10, 11. (a) Maatiin tokko rakkina dhukkubni geessisu akka mo’uuf maaltu isa barbaachisa? (b) Dubartiin tokko rakkina dhukkuba abbaa manaasheetiin ishee mudate kan moote akkamitti?
10 Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu tokko, “Yaadni namaa yeroo dhukkubaatti nama in hirkisa, yaadni yoo cabe garuu, eenyutu isa fayyisuu danda’a ree?” jedha. (Fakkeenya 18:14) Miiraan miidhamuun yaada maatiis ta’e ‘yaada nama tokkoo’ ni dhiphisa. Haata’u malee, “yaadni nagaa qabu namummaa namaatiif jireenya in kenna.” (Fakkeenya 14:30) Maatiin tokko dhukkuba cimaa danda’ee jiraachuufi jiraachuu dhiisuunsaa, gara caalaatti kan hundaa’u ilaalcha ykn haala miseensota maatiirratti.—Fakkeenya 17:22 waliin ilaali.
11 Obboleettiin tokko heerumtee waggaa ja’affaasheetti, abbaan manaashee sammuusaa keessatti dhiigni dhangala’uusaatiin kan ka’e miidhaa guddaan waan irra ga’eef gaddi guddaan ishee mudatee ture. Akkas jechuudhaan ibsiti: “Dandeettiin dubbachuu abbaa manaa kootii baay’ee waan miidhameef, isaa wajjin haasa’uun hin danda’amu ture. Akkuma ta’etti waan tokko dubbachuuf yeroo carraaqu isaaf hubachuuf yaalii gochuun baay’ee nama dhiphisa ture.” Abbaan manaashees hammam akka dhiphatuufi abdii akka kutatu tilmaamuun ni danda’ama. Abbaan manaafi haati manaa kun maal godhanree? Kan jiraatan gumii Kiristiyaanaarraa fagaatanii ta’uyyuu, obboleettiin kun barumsa jaarmiyaan Yihowaa baasu, akkasumas nyaata hafuuraa walitti aanee barruu Masaraa Eegumsaafi Dammaqaarratti! ba’u yeroo yeroosaatti argachuudhaan karaa hafuuraa dammaqxee jiraachuuf waan dandeesse hunda gooteetti. Akkas gochuunshee, hanga waggaa afur booda abbaan manaashee du’etti akka gaariitti isa dhukkubsachiisuuf jabina hafuuraa kenneeraaf.
12. Haala Iyoobirraa hubachuun akka danda’amutti, miseensi maatii dhukkubsate tokko gahee akkamii raawwachuu danda’a?
12 Haala Iyoob yoo ilaalle, isuma rakkinni irra ga’etu cimaa ta’ee itti fufe. “Wanta gaarii’o Waaqayyo harkaa in fudhanna, wanta hamaas immoo hin fudhannuu ree?” jechuudhaan haadha manaasaa gaafatee ture. (Iyoob 2:10) Yaaqoob yeroo booda obsaafi of qabuudhaan Iyoob fakkeenya guddaa akka ta’e caqasuunsaa nama hin dinqisiisu! Yaaqoob 5:11rratti yaada akkas jedhu dubbisna: “Iyoob attam akka obse dhageessaniittu; wanta gooftaan ittiin raawwates argitaniittu. Kunis gooftichi gara-laafessa, oo’a-qabeessas ta’uu isaa in argisiisa.” Haaluma wal fakkaatuun yeroo har’aas, ija jabinni miseensonni maatii dhukkubsatan hedduun argisiisan, miseensonni maatii kaan abdii gaarii akka qabaatan gargaareera.
13. Maatiin nama dhukkuba cimaadhaan qabame qabu haala akkamii wal bira qabuu keessa galuu hin qabu?
13 Namoonni miseensi maatiisaanii dhukkubsatee ture baay’een, jalqabarratti haallisaa rakkisaa akka ta’e irratti walii galu. Ilaalchi namni tokko haala uumame sanaaf qabus baay’ee barbaachisaa akka ta’e ni dubbatu. Hojii mana keessatti raawwatamurratti jijjiiramaafi sirreeffama gochuun jalqabarratti ni ulfaata. Haata’u malee namni tokko carraaqqii yoo godhe, wanta haaraa uumame kanaa wajjin haalasaa wal simsiisuu ni danda’a. Yeroo kun ta’utti, maatiiwwan namni jalaa hin dhukkubsannee wajjin haala keenya wal bira qabnee ilaaluudhaan, akkasumas isaan jireenya rakkina hin qabne akka jiraatan yaaduudhaan, ‘kun nurra ga’uunsaa sirrii akka hin taane’ nutti dhaga’amuu hin qabu. Warra kaanirra rakkinni akkamii akka jiru namni sirriitti beeku hin jiru. Kiristiyaanonni hundi dubbii Yesus isa, “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna” jechuudhaan dubbateen jajjabina argatu.—Maatewos 11:28.
WANTA DURSI KENNAMUUFII QABU DURSUU
14. Wanta dursi kennamuufii qabu dursuun kan danda’amu akkamitti?
14 Yeroo miseensi maatii tokko dhukkuba cimaadhaan qabamutti maatiin gorsa Caaffata Qulqulluu, “Warri gorsa kennan yoo baay’atan garuu, fiixaan in ba’a” jedhu hojiirra yoo oolche faayidaa ni argata. (Fakkeenya 15:22) Miseensonni maatii walitti qabamanii haala sababii dhukkubichaatiin uumamerratti mari’achuu danda’uu laata? Kadhannaadhaan, akkasumas qajeelfama Dubbii Waaqayyoorraa argamurratti hundaa’uudhaan akkas gochuun barbaachisaadha. (Faarfannaa 25:4) Maalfaarratti mari’achuutu isin barbaachisa? Yaalii godhamu, waa’ee qarshii akkasumas maaticha ilaalchisee murtoo gochuuf mari’achuun barbaachisaadha. Dursa fudhatee nama dhukkubsate sana kan wal’aanu eenyu? Wal’aansa kana gochuudhaan maatiin wal gargaaruu kan danda’u akkamitti? Qindoominni godhamu tokkoon tokkoon miseensa maatiirratti dhiibbaa akkamii geessisa? Nama dursa fudhatee ta’ee dhukkubsaticha wal’aanuuf karaa hafuuraas ta’e karaa biraa wanta isa barbaachisu guutuuf maaltu godhama?
15. Maatii dhukkubni cimaan isaan mudateef Yihowaan gargaarsa akkamii godha?
15 Qajeelfama Yihowaa argachuuf garaadhaa kadhannaa dhiheessuun, Dubbiisaarratti xiinxaluun, akkasumas daandii Macaafni Qulqulluun nutti argisiisu ija jabinaan hordofuun, hamma nuyi eegnu caalaa eebba guddaa nuu argamsiisa. Miseensi maatii dhukkubsate dhukkubnisaa itti wayyaa’uu dhiisuu danda’a ta’a. Haata’u malee, yoomiyyuu taanaan Yihowaatti amanamuun bu’aa gaarii argamsiisa. (Faarfannaa 55:22) Faarfatichi akkas jechuudhaan barreesseera: “Gaarummaan kee qabee na oolche, yaa Waaqayyo! Yeroo yaaddoon garaa kootti baay’atu, ati na jajjabeessitee lubbuu koo gammachiifta.”—Faarfannaa 94:18, 19; akkasumas Faarfannaa 63:6-8 waliin ilaali.
IJOOLLEE GARGAARUU
16, 17. Warri, ijoollee xixinnoo wajjin waa’ee dhukkuba obboleessa ykn obboleettiisaanii yommuu mari’atan maal ibsuufii danda’u?
16 Maatii keessatti namni tokko baay’ee dhukkubsachuunsaa ijoolleen akka rakkatan gochuu danda’a. Warri, ijoolleensaanii rakkina uumame akka hubataniifi isaanis gargaarsa gochuu akka danda’an itti himuunsaanii barbaachisaadha. Kan dhukkubsate mucaa xinnoo yoo ta’emmoo, mucaa sanaaf xiyyeeffannaa kennuufi kunuunsa gochuun ijoollee kaaniif jaalala xinnoo qabaachuu keessan kan argisiisu akka hin taane isaan hubachiisuun barbaachisaadha. Warri, ijoolleen kaan mucaa dhukkubsatetti akka mufatan ykn akka isaan morkatan gochuu mannaa, akka jaalala waliif qabaataniifi rakkoo dhukkubichaan uumame mo’uudhaan gahee mataasaanii akka raawwatan isaan gargaaruu qabu.
17 Warri ijoollee kaaniif waa’ee dhukkubichaa ibsa dheeraafi ifa hin taane kennuu mannaa, dhibee mucaa dhukkubsatee akka hubatan yoo godhan, yeroo baay’ee ijoolleen gara laafina ni argisiisu. Kanaafuu, miseensi maatii dhukkubsate haala akkamii keessa akka jiru ibsi gabaabaan kennamuufii danda’a. Ijoolleen fayyaa ta’an, inni dhukkubsate wanta isaaniif baay’ee salphaa ta’e tokko gochuuf hammam akka rakkatu arguunsaanii ‘obboleessa ykn obboleettiisaanii akka jaallatan’ akkasumas “gara-laafina” akka qabaatan isaan godha.—1 Phexros 3:8.
18. Ijoollee gurguddoon rakkina namni tokko dhukkubsachuusaatiin uumame akka hubatan gargaaruun kan danda’amu akkamitti? Kunoo karaa kamiin isaan fayyaduu danda’a?
18 Ijoolleen gurguddoon, haalli rakkisaan maatii keessatti akka uumameefi kanaan kan ka’e miseensi maatii hundumtuu aarsaa kaffaluun akka isarra jiru akka hubatan gochuun barbaachisaadha. Ogeessa fayyaatiifi yaaliidhaaf baasii ba’uun kan ka’e, warri ijoollee kaaniif waan barbaadan hunda gochuu hin danda’an ta’a. Yeroo kanatti ijoolleen muufachuufi wanta tokko akka dhowwaman isaanitti dhaga’amaa? Moo haala jiru hubatanii aarsaa barbaachisu kaffaluuf fedhii qabaatu? Kun garri caalaansaa haala dhimmasaarratti itti mari’atanirrattiifi ilaalcha maatiin sun qaburratti kan hundaa’edha. Maatiiwwan baay’ee keessatti, miseensi maatii tokko dhukkubsachuunsaa ijoolleen gorsa Phaawulos isa akkas jedhu akka hordofan leenjisuuf gargaareera: “Gad of deebisuudhaan warra kaan of irra caalchisaa lakkaa’aa malee, yaada ofittummaatiin yookiis of dhiibuudhaan waan tokko illee hin hojjetinaa! Isin keessaa adduma addaan waan warra kaanitti tolus immoo haa ilaalu malee, waan isatti tolu duwwaa hin ilaalin!”—Filiphisiiyus 2:3, 4.
ILAALCHA YAALII FAYYAATIIF QABAACHUU QABNU
19, 20. (a) Miseensi maatii tokko ennaa dhukkubsatu, mataawwan maatii itti gaafatamummaa akkamiitu isaanirra bu’a? (b) Macaafni Qulqulluun kitaaba yaalii fayyaa ta’uu baatuyyuu, dhukkuba ilaalchisee qajeelfama akkamii kenna?
19 Kiristiyaanonni ilaalcha sirrii qaban, yaaliin tokko seera Waaqayyoo hamma hin cabsinetti yaalii sana hin morman. Miseensi maatiisaanii ennaa dhukkubsatu, dhibeesaa sanarraa furmaata akka argatu gargaaruuf hawwu. Ta’uyyuu yaadawwan yaalii wal faallessanirratti xiinxaluun barbaachisaadha. Kana maleesimmoo, waggoota dhihoodhaa as dhukkuboonni haaraan akka tasaatti uumamaa kan jiran ta’uusaarrayyuu, kanneen keessaa baay’eesaaniitiif yaaliin guutummaatti fudhatama argate hin jiru. Yeroo tokko tokko dhukkuboota kana sirriitti qoranii addaan baasuuniyyuu rakkisaa ta’a. Kiristiyaanni tokko maal gochuu qabaree?
20 Barreessaan Macaafa Qulqulluu tokko ogeessa fayyaa kan tureefi Phaawulos ergamaanis michuusaa Ximotewosiif fayyaa ilaalchisee gorsa tokko tokko kan kenne ta’uyyuu, Macaafni Qulqulluun qajeelfama amalaafi hafuuraa kan kennu malee kitaaba yaalii fayyaa miti. (Qolosaayis 4:14; 1 Ximotewos 5:23) Kanaafuu, dhimma yaalii fayyaa wajjin wal qabaterratti mataawwan maatii ofiisaaniitiif murtoo sirrii ta’e gochuu qabu. Tarii, yaalii ilaalchisee yaada addaddaa argachuu barbaadu ta’a. (Fakkeenya 18:17 waliin ilaali.) Miseensa maatiisaanii isa dhukkubsateef ogeessota fayyaa beekamanirraa yaalii fayyaa hundarra gaarii ta’e argachuu barbaadu. Tokko tokkommoo, filannoowwan yaalii fayyaa kan biraa ilaaluu barbaadu. Kanarrattis murtoo mataasaanii gochuu danda’u. Ta’uyyuu, Kiristiyaanonni dhibee fayyaa ilaalchisee murtoo yommuu godhan, ‘dubbiin Waaqayyoo miilasaaniitiif ibsaa akka ta’u, daandiisaaniirrattis akka ifu’ gochuu dagachuu hin qaban. (Faarfannaa 119:105) Qajeelfama Macaafa Qulqulluu hordofuusaanii itti fufu. (Isaayaas 55:8, 9) Kanaafuu, malawwan qorannoo hafuurota xuraa’oo wajjin wal qabateefi yaalii seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessurraa ni fagaatu.—Faarfannaa 36:9; Hojii Ergamootaa 15:28, 29; Mul’ata 21:8.
21, 22. Dubartiin biyya Eeshiyaa tokko seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti yaaddee murtoo kan goote akkamitti? Haala akkasii keessatti murtoonshee sirrii kan ture akkamitti?
21 Haala dubartii biyya Eeshiyaa tokkoo ilaalaa. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu erga jalqabdee baay’ee utuu hin turin, yeroon da’umsaashee utuu hin ga’in dura intala giraamii 1,470 qofa ulfaattu deesse. Ogeessi fayyaa, sammuun daa’imattii boodatti hafaa akka ta’uufi miilaan deemuu akka hin dandeenye yommuu isheetti himu dubartiin kun baay’ee gaddite. Achiis daa’imashee dhaabbata ijoollee guddisu tokkotti akka kennitu ishee gorse. Abbaan manaashee maal gochuu akka qabu hin beeku ture. Eenyuun mari’achuu qabdiree?
22 Akkas jetti: “‘Ijoolleen kennaa Waaqayyoo akka ta’an, dhala godhachuunis bu’aa inni namaaf kennu akka ta’e’ Macaafa Qulqulluurraa barachuukoo nan yaadadhe.” (Faarfannaa 127:3) Kanaaf, “kennaa” kana gara manasheetti fudhattee kunuunsuuf murteessite. Jalqabarratti haallisaa ulfaataa ture; ta’uyyuu, gargaarsa Kiristiyaanota gumii Dhugaa Baatota Yihowaa keessa jiraniitiin rakkina sana danda’uufi intalasheetiif gargaarsa addaa barbaachisaa ta’e gochuu dandeesseetti. Waggoota kudha lama booda, intalattiin walga’iiwwan Galma Mootummaatti geggeeffamanirratti argamuufi ijoollee achitti argamanii wajjin hiriyummaa uumuu dandeesseetti. Haatishee akkas jetti: “Seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wanta sirrii ta’e gochuuf waan na kakaaseef baay’een galateeffadha. Macaafni Qulqulluun, Yihowaa biratti yaada garaa qulqulluu akkan qabaadhuufi wanta umriikoo hundumaatti na gaabbisiisu akkan hin goone na gargaareera.”
23. Macaafni Qulqulluun nama dhukkubsates ta’e warra isa kunuunsan kan jajjabeessu akkamitti?
23 Dhukkubni bara baraaf nu wajjin hin jiraatu. Isaayaas raajichi, “Namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru” jechuudhaan wanta gara fuulduraatti ta’u ibseera. (Isaayaas 33:24) Abdiin kun addunyaa haaraa saffisaan dhihaachaa jiru keessatti ni raawwatama. Hammasitti garuu dhukkubaafi du’aa wajjin qabsaa’aa jiraachuu qabna. Dubbii Waaqayyoorraa qajeelfamaafi gargaarsa kan argannu ta’uun keenya nama gammachiisa. Seerri amalaa Macaafa Qulqulluurratti argamu, bu’uura ta’e kan itti fufuufi yaada ilmaan namootaa gonkummaa hin qabne kennan, isa yeroo hundumaa jijjiiramurra baay’ee kan caaludha. Kanaaf, namni ogeessa ta’e faarfaticha akkas jechuudhaan barreessee wajjin walii gala: “Seerri Waaqayyoo guutuu dha, lubbuu namatti in deebisa; wanti seerri Waaqayyoo dhugaa ba’u amanamaa dha, inni wallaalota iyyuu beektota in godha. . . . Akka namni ittiin geggeeffamuuf wanti Waaqayyo kennu dhugaa dha, guutummaan isaas qajeelaa dha. . . . Namni isa eegus bu’aa guddaa qaba.”—Faarfannaa 19:7, 9, 11.