BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYOOB 28-32
Iyoob Amanamummaa Eeguu Ilaalchisee Fakkeenya Taʼa
Iyoob ulaagaa Yihowaan naamusaaf baase hordofuuf kutatee ture
Ija isaa ni toʼata ture; miira jaalalaatiin kan ilaalus haadha manaa isaa qofa ture
Iyoob akkaataa namoota itti qabu irratti fakkeenya gaarii taʼa
Nama gad of qabu, haqa qabeessaa fi gara laafessa ture. Iddoon hawaasa keessatti qabanis taʼe haalli dinagdee isaanii maal iyyuu yoo taʼe namoota hundaaf kan yaadu ture
Iyoob ofittoo hin turre; kanaa mannaa arjaa ture
Namoota gargaarsi isaan barbaachisu ni gargaara ture