Yihowaatti Kooluu Galtaniittuu?
“Waaqayyo lubbuu hojjetoota isaa in fura, warra isatti kooluu galan keessaas tokkotti illee yakki hin muramu.”—FAR. 34:22.
1. Cubbuu dhaalaniin kan kaʼe tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo hedduutti maaltu dhagaʼama?
“ANI nama gadadamaa dha!” (Rom. 7:24) Tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun wanti Phaawulos ergamaatti dhagaʼamee ture isaanittis ni dhagaʼama. Hundi keenya cubbuu dhaalleen kan kaʼe ni dhiphanna, akkasumas gochi keenya fedhii guddaa Yihowaa gammachiisuuf qabnuu wajjin utuu wal hin simin yommuu hafutti gatii akka hin qabne nutti dhagaʼama. Kiristiyaanonni cubbuu cimaa hojjetan tokko tokko, Waaqayyo dhiifama akka isaaniif hin goone isaanitti dhagaʼameera.
2. (a) Faarfannaan 34:22 tajaajiltoonni Waaqayyoo miira balleessaa akka raawwatan isaanitti dhagaʼamuun moʼamuu akka hin qabne kan argisiisu akkamitti? (b) Mata dureen kun waaʼee maalii ibsa? (Saanduqa “Barumsa Moo Gaaddidduu Dha?” jedhu ilaali.)
2 Taʼus, Kitaabni Qulqulluun namoonni Yihowaatti kooluu galan miira balleessaa akka raawwatan isaanitti dhagaʼamuuf moʼamuu akka hin qabne nuuf mirkaneessa. (Faarfannaa 34:22 dubbisi.) Yihowaatti kooluu galuun maalfaa dabalata? Araaraa fi dhiifama Yihowaa argachuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu qabna? Deebii gaaffiiwwan kanaa qophii Israaʼel durii keessatti magaalota kooluu itti galan ilaalchisee godhame qoruudhaan argachuu dandeenya. Qophiin kakuu Seerichaa keessatti itti hojjetamaa ture kun, Dh.K.B. bara 33, guyyaa Phenxeqosteetti akka bakka buufame beekamaa dha. Taʼus, Seerichi Yihowaa biraa akka dhufe yaadadhaa. Kanaaf, qophii magaalota kooluu itti galan ilaalchisee godhame irraa, ilaalcha Yihowaan cubbuuf, cubbamootaa fi yaada geddarachuudhaaf qabu barachuu dandeenya. Mee jalqaba, kaayyoo magaalonni kun itti adda baafamanii fi wantoota achi keessatti raawwataman haa ilaallu.
“MANDAROOTA NAMNI KOOLUU ITTI GALU . . . QOPHEEFFADHAA!”
3. Israaʼeloonni nama taʼe jedhee nama ajjeese maal godhu turan?
3 Yihowaan Israaʼel durii keessatti dhiiga dhangalaasuu kam iyyuu akka laayyootti hin ilaalu ture. Namoonni taʼe jedhanii nama ajjeesan, nama ajjeefame sanaaf dhiira fira dhihoo taʼee fi ‘gumaa baasaa’ jedhamuun ajjeefamu turan. (Lak. 35:19) Karaa kanaan, namni lubbuu ajjeese sun nama qulqulluu ajjeese sanaaf lubbuu isaa kaffala. Yihowaan, “Dhiigni [dhiiga namaa dhangalaasuun] biyya waan xureessuuf, biyya keessa teessan dhiigaan hin xureessinaa!” jedhee waan ajajeef, namni nama ajjeese sun atattamaan ajjeefamuun isaa Biyyattiin Abdachiifamte akka hin xuroofne eega.—Lak. 35:33, 34.
4. Israaʼeloonni nama utuu hin beekin dhiiga dhangalaase maal godhu turan?
4 Haa taʼu malee, Israaʼeloonni nama utuu hin beekin dhiiga dhangalaase maal godhu turan? Gochi isaa dogoggoraan kan raawwatame taʼu iyyuu, namni utuu hin beekin nama ajjeese dhiiga qulqulluu waan dhangalaaseef itti gaafatama. (Uma. 9:5) Taʼus, nama gumaa baasu jalaa ooluuf magaalota kooluu itti galan jaʼaan keessaa isa tokkotti baqachuun isaaf heyyamama ture. Bakka kanatti eegumsa argachuu dandaʼa. Namni utuu hin beekin nama ajjeese hamma lubni ol aanaan duʼutti magaalaa kooluu itti galan sana keessa jiraachuu qaba.—Lak. 35:15, 28.
5. Qophiin magaalota kooluu itti galan ilaalchisee godhame, ilaalcha Yihowaa caalaatti hubachuuf kan nu gargaara akkamitti?
5 Magaalota kana, magaalota kooluu itti galan akka taʼan murteessuun yaada namoota irraa madde hin turre. Kanaa mannaa, “Ati Israaʼelootaan, ‘Mandaroota namni kooluu itti galu . . . qopheeffadhaa!’ [jedhiin]” jedhee Iyaasuu kan ajaje Yihowaa ture. Magaalonni kun ‘dhimma kanaaf addaan kan baafaman’ turan. (Iya. 20:1, 2, 7, 8) Magaalota kana tajaajila addaatiif filachuu irratti Yihowaan kallattiidhaan hirmaatee waan tureef, akkana jennee gaafachuu dandeenya: Qophiin kun waaʼee araara Yihowaa hubanna sirrii qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti? Yeroo harʼaatti hoo akkamitti isaatti kooluu galuu akka dandeenyu ilaalchisee maal nu barsiisa?
“DHIMMA ISAA JAARSOLII MANDARA SANAATTI HAA HIMATU!”
6, 7. (a) Gaʼee jaarsoliin nama utuu hin beekin nama ajjeese irratti murteessuuf qaban ibsi. (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Namni baqatu tokko gara jaarsolii dhaquun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?
6 Namni tokko utuu hin beekin erga nama ajjeese booda, jalqaba karra magaalaa kooluu itti galuuf itti baqate sana biratti ‘dhimma isaa jaarsolii mandara sanaatti himachuu’ qaba. Jaarsoliin sunis isa simachuu qabu. (Iya. 20:4) Isaaniis yeroo muraasa booda gara jaarsolii magaalaa inni ajjeechaa raawwate sana keessa jiraniitti deebisanii kan isa ergan siʼa taʼu, jaarsoliin sunis dhimmicha irratti murtii kennu. (Lakkoobsa 35:24, 25 dubbisi.) Namni kun gara magaalaa kooluu itti galan sanatti deebiʼuu kan dandaʼu, jaarsoliin sun ajjeechaa sana kan raawwate utuu hin beekin taʼuu isaa yoo mirkaneessan qofa dha.
7 Jaarsoliin kun dhimma kana ilaalu irratti kan hirmaatan maaliifi? Gumiin Israaʼel qulqulluu taʼee akka itti fufu eeguu fi namni utuu hin beekin nama ajjeese sun araara Yihowaa irraa faayidaa akka argatuuf ture. Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko namni baqachaa jiru tokko yoo jaarsolii sana bira dhaquu dhiise “balaadhaaf of saaxila” jedhanii barreessaniiru. Itti dabaluudhaanis, “Namni kun qophii Waaqayyoo eegumsa akka argatu isaaf qopheessetti waan hin fayyadamneef, yoo ajjeefame kan itti gaafatamuu hin jiru” jedhaniiru. Nama utuu hin beekin nama ajjeeseef gargaarsi kan godhamu taʼus, namni kun gargaarsa sana gaafachuu fi fudhachuu qaba ture. Magaalota Yihowaan adda baase keessaa isa tokkotti yoo kooluu galuu baate, namni isa ajjeefame sanaaf fira dhihoo taʼe isa ajjeesuuf mirga qaba.
8, 9. Kiristiyaanni cubbuu cimaa hojjete tokko gargaarsa jaarsolii gaafachuu kan qabu maaliifi?
8 Yeroo harʼaatti Kiristiyaanni cubbuu cimaa raawwate tokko bayyaannachuuf gargaarsa jaarsolii gumii gaafachuun isa barbaachisa. Akkas gochuun isaa barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Tokkoffaa, akkuma Dubbii isaa keessatti barreeffame jaarsoliin cubbuu cimaa akka ilaalan qophii kan godhe Yihowaa dha. (Yaq. 5:14-16) Lammaffaa, qophiin kun cubbamoonni yaada geddaratan eegumsa Waaqayyo keessa akka jiraatanii fi cubbuu hojjechuu akka hin amaleeffanne isaan gargaara. (Gal. 6:1; Ibr. 12:11) Sadaffaa, jaarsoliin cubbamoota yaada geddaratan jajjabeessuu fi miira balleessaa akka raawwatan isaanitti dhagaʼamu salphisuuf akka isaan gargaaran muudamaniiru, akkasumas leenjifamaniiru. Yihowaan, jaarsoliin kun “daʼoo bubbee jalaa itti baqatan” akka taʼan dubbateera. (Isa. 32:1, 2) Qophiin kun araara Waaqayyoo kan argisiisu mitii?
9 Tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun, gargaarsa jaarsolii gaafachuu fi argachuun boqonnaa guddaa akka argamsiisu hubataniiru. Fakkeenyaaf, obboleessi Daaniʼel jedhamu tokko cubbuu cimaa kan hojjete taʼus, jiʼoota hedduudhaaf gargaarsa jaarsolii gaafachuu irraa duubatti jedhee ture. Akkana jedheera: “Yeroon hammanaa erga darbee booda, jaarsoliin kana booda homaa naaf gochuu hin dandaʼan jedheen yaade. Taʼus, ana irratti beekama jedheen wanta gochi koo natti fidu arguuf yeroo hundumaa of duuban ilaala ture. Yihowaatti yommuun kadhannaa dhiheessu hundattis, jalqaba wantan raawwadheef dhiifama gaafachuu akkan qabu natti dhagaʼama ture.” Dhuma irrattis, Daaniʼel gargaarsa jaarsolii gaafateera. Yeroo dabarse yaaduudhaan akkana jedheera: “Dhugaa isaa dubbachuuf, isaan haasofsiisuun baayʼee na sodaachisee ture. Sana booda garuu, akkuma namni tokko baʼaa guddaa tokko gatiittii koo irraa fuudhetti natti dhagaʼame. Amma, rakkina tokko malee gara Yihowaatti dhihaachuu akkan dandaʼu natti dhagaʼama.” Yeroo ammaatti, Daaniʼel qalbii qulqulluu kan qabu taʼuu isaa irra iyyuu, dhiheenya kana tajaajilaa gumii taʼee muudameera.
‘MANDAROOTA SANA KEESSAA GARA ISA TOKKOTTI HAA BAQATU’
10. Namni utuu hin beekin nama ajjeese araara argachuuf tarkaanfii murteessaa akkamii fudhachuu qaba ture?
10 Namni utuu hin beekin nama ajjeese araara argachuuf tarkaanfii fudhachuu qaba ture. Magaalaa kooluu itti galan keessaa isa isatti dhihaatutti baqachuu qaba ture. (Iyaasuu 20:4 dubbisi.) Namni baqatu sun suuta jedhee deema jennee yaaduu hin dandeenyu; jireenyi isaa saffisaan gara magaalaa sana dhaquu fi achuma jiraachuu isaa irratti kan hundaaʼe dha! Kana gochuun aarsaa kaffaluu isa gaafata. Hamma lubni ol aanaan sun duʼutti hojii isaa isa duraanii, mijuu mana isaa keessatti qabuu fi bilisummaa asiif achi deemuuf qabu dhiisuu qaba.a (Lak. 35:25) Taʼus aarsaa kana kaffaluun isaa isa hin gaabbisiisu. Magaalaa sana keessaa yoo baʼe garuu, dhiiga dhangalaaseef dantaa akka hin qabne kan argisiisu taʼuu isaa irra iyyuu, lubbuu isaa balaadhaaf saaxila.
11. Kiristiyaanni yaada geddarate tokko araara Waaqayyoo akka laayyootti akka hin ilaalle kan argisiisu maal gochuu isaa ti?
11 Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis, cubbamaan yaada geddarate araara Waaqayyoo argachuuf tarkaanfii fudhachuu qaba. Cubbuu cimaa raawwachuu irraa fagaachuu qofa utuu hin taʼin, cubbuuwwan xixinnoo yeroo baayʼee gara cubbuu guddaatti geessan irraa fagaachuudhaan guutummaatti cubbuu raawwachuu dhiisuu qaba. Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuuraatiin wanta Kiristiyaanonni yaada geddaratanii fi Qorontos keessa turan raawwatan barreesseera. Akkana jedheera: “Karaa Waaqayyoon gammachiisuun gadduun keessan, jabaatanii hojjechuu attamii, himata irraa walaba of gochuu attamii, aarii attamii, sodaa attamii, hawwii guddaa attamii, hinaaffaa attamii, dogoggora sirreessuu attamii akka isin keessatti uume ni argitu!” (2 Qor. 7:10, 11) Cubbuu raawwachuu dhiisuuf carraaqqii cimaa gochuun keenya, gocha keenya salphisne akka hin ilaallee fi araara Waaqayyoo karaa sirrii hin taaneen akka itti hin fayyadamne argisiisa.
12. Kiristiyaanni tokko araara Waaqayyoo argachuu isaa itti fufuuf maal gochuu dhiisuu qaba?
12 Kiristiyaanni tokko araara Waaqayyoo argachuu isaa itti fufuuf maal gochuu dhiisuu qaba? Wanti inni jaallatu tokko cubbuu raawwachuuf kan isa saaxilu yoo taʼe, wanta sana dhiisuuf murteessuu qaba. (Mat. 18:8, 9) Michoonni kee tokko tokko wanta Yihowaa gaddisiisu akka raawwattu dhiibbaa kan sirraan geessisan yoo taʼe, walitti dhufeenya isaanii wajjin qabdu ni dhaabdaa? Dhugaatii alkoolii irratti madaallii kee eeguun kan si rakkisu yoo taʼe, haalawwan garmalee dhuguuf akka qoramtu si taasisan irraa fagaachuuf fedhii qabdaa? Hawwii saalqunnamtii sirrii hin taanee wajjin qabsoo gochaa jirta yoo taʼe immoo, fiilmii, weeb saayitii ykn sochiiwwan yaanni xuraaʼaan kun akka si keessatti uumamu godhan kam irraa iyyuu ni fagaattaa? Amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu eegnee jiraachuuf aarsaan kaffallu kam iyyuu kan gaabbisiisu akka hin taane yaadadhaa. Yihowaan akka nu dhiise nutti dhagaʼamuu caalaa wanti ulfaatu hin jiru. Karaa biraatiin immoo, akka inni “jaalala bara baraa” nuuf qabu beekuu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru.—Isa. 54:7, 8.
‘ACHITTI KOOLUU GALAA’
13. Namni baqataa taʼe magaalaa kooluu itti gale keessatti nagaa, tasgabbii fi gammachuu argachuu kan dandaʼu maaliif akka taʼe ibsi.
13 Namni baqatu takkaa magaalaa kooluu itti galan tokko keessa erga seene booda miidhaan isa irra hin gaʼu. Magaalota sana ilaalchisee Yihowaan, ‘achitti kooluu galaa’ jedheera. (Iya. 20:2, 3) Yihowaan namni nama ajjeese sun ammas dhimmuma sanaaf lammata akka itti murteeffamu ykn namni gumaa baasu magaalattii seenee nama baqate sana akka ajjeesu akka isaaf heyyamamu hin ajajne. Kanaaf, namni baqate sun na ajjeesu jedhee matumaa sodaachuu hin qabu. Hamma magaalaa sana keessa jirutti, eegumsa Yihowaa jala waan jiruuf miidhaan isa irra hin gaʼu. Iddoon kooluu itti galan kun mana hidhaa miti. Magaalattii keessatti hojii hojjechuu, warra kaan gargaaruu fi nagaadhaan Yihowaa tajaajiluu ni dandaʼa. Eeyyee, jireenya gammachuu fi milkaaʼina qabu jiraachuu dandaʼa!
14. Kiristiyaanni yaada geddarate amanannaa akkamii qabaachuu dandaʼa?
14 Saba Waaqayyoo keessaa tokko tokko cubbuu cimaa raawwatanii erga yaada geddaratan booda illee balleessaan isaanitti dhagaʼama. Tokko tokkos Yihowaan cubbuu isaanii matumaa akka hin irraanfanne isaanitti dhagaʼama. Akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, Yihowaan yommuu dhiifama siif godhu araara isaa keessatti eegumsa argachuu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼi! Daaniʼel inni olitti caqasame, kun dhugaa taʼuu isaa argeera. Jaarsoliin sirreeffama akka godhuu fi qalbii qulqulluu deebisee akka argatu erga isa gargaaranii booda akkana jedheera: “Boqonnaa akkan argadhe natti dhagaʼame. Dhimmi isaa karaa sirrii taʼeen furmaata erga argatee booda balleessaan natti hin dhagaʼamne. Cubbuu sanaaf takkaa dhiifamni yoo godhame cubbuun sun hin jiraatu. Yihowaan akkuma dubbate, baʼaa keessan isin irraa fuudhee fageessee gata. Matumaa deebitanii cubbuuwwan sana hin argitan.” Namni baqatu sun takkaa magaalaa kooluu itti galan erga seenee booda, of duuba garagalee nama gumaa baasu sana ilaallachuun isa hin barbaachisu. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan cubbuu keenya takkaa erga nuuf dhiisee booda, sababii barbaadee cubbuu sana ammas nu irratti lakkaaʼa ykn nutti murteessa jennee sodaachuu hin qabnu.—Faarfannaa 103:8-12 dubbisi.
15, 16. Gaʼeen Yesuus Furee fi Luba Ol Aanaa keenya taʼuudhaan qabu, amanannaa araara Waaqayyoo irratti qabdu kan siif cimse akkamitti?
15 Dhugaa dubbachuuf, sababiin nuti araara Yihowaatti amanamuuf qabnu isa Israaʼeloonni qaban ni caala. Phaawulos guutummaatti Yihowaadhaaf ajajamuu dadhabuu isaa erga ibsee booda, “Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoof galanni haa gaʼu!” jedheera. (Rom. 7:25) Eeyyee, Phaawulos cubbuu fi dogoggora kanaan dura raawwatee yaada geddaratee wajjin qabsoo kan godhu taʼus, Waaqayyo karaa Yesuus dhiifama akka isaaf godhu amanannaa qaba ture. Yesuus Furee keenya waan taʼeef, qalbii keenya qulqulleessee nagaa keessaa nuuf kenna. (Ibr. 9:13, 14) Inni Luba Ol Aanaa keenya waan taʼeefis, “yeroo hundumaa jiraatee waan isaaniif kadhatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhihaatan guutummaatti oolchuu ni dandaʼa.” (Ibr. 7:24, 25) Gaʼeen lubni ol aanaan qabu cubbuun Israaʼelootaa akka isaaniif dhiifame kan isaaniif mirkaneessu erga taʼee, Yesuus inni Luba Ol Aanaa keenya taʼee tajaajilu immoo, “yeroo gargaarsi nu barbaachisutti gara laafinaa fi gaarummaa guddaa akka argannu” akka godhu caalaatti nuuf hin mirkaneessuu?—Ibr. 4:15, 16.
16 Kanaaf, Yihowaatti kooluu galuuf aarsaa Yesuusitti amani. Gatiin furiin Yesuus qabu akkasumaan namoota hedduu ni gargaara jettee hin fudhatin. Kanaa mannaa, furiin dhuunfaatti siif faayidaa akka argamsiisu amani. (Gal. 2:20, 21) Cubbuu keetiif dhiifama argachuuf furichi buʼuura akka taʼe amani. Furiin abdii jireenya bara baraa akka siif argamsiisu amani. Aarsaan Yesuus kaffale kennaa Yihowaan siif kenne dha.
17. Yihowaatti kooluu galuu kan barbaaddu maaliifi?
17 Magaalonni kooluu itti galan araara Yihowaa calaqqisiisu. Waaqayyo karaa qophii kanaatiin, jireenyi qulqulluu taʼuu isaa qofa utuu hin taʼin, jaarsoliin akkamitti akka nu gargaaran, dhugumaan yaada geddarachuun maal akka dabalatuu fi Yihowaan dhiifama akka godhu guutummaatti amanamuu akka dandeenyu ibseera. Maarree ati Yihowaatti kooluu galaa jirtaa? Iddoon kana caalaa nageenya argamsiisu kan biraan hin jiru! (Far. 91:1, 2) Mata duree itti aanu irratti, magaalonni kooluu itti galan kun, haqaa fi araara argisiisuu irratti fakkeenya guddaa Yihowaan nuuf taʼe hordofuuf akkamitti akka nu gargaaran ilaalla.
a Akka kitaabni Yihudootaa tokko ibsetti, maatiin nama utuu hin beekin nama ajjeese sanaa magaalaa kooluu itti galan dhaqanii isaa wajjin jiraatu.