-
Kiristos Mootichaaf Ulfina Kennaa!Masaraa Eegumsaa—2014 | Guraandhala 15
-
-
MOOTICHI ‘DHUGAADHAAF JEDHEE’ LOLA
11. Yesus ‘dhugaadhaaf jedhee’ kan lolu akkamitti?
11 Faarfannaa 45:4 dubbisi.b Mootichi kan lolu lafa qabachuufi namoota toʼannaasaa jala galfachuuf miti. Waraannisaa waraana qajeelinaa siʼa taʼu, loluudhaafis sababii gaʼaa qaba. Mootichi kan lolu “dhugaa, gad of deebisuufi qajeelinaaf” jedheeti. Dhugaa inni mirkaneessu keessaa inni guddaan, olaantummaa Yihowaan uumama cufarratti qabudha. Seexanni yeroo Yihowaa mormetti mirga inni bulchuuf qaburratti gaaffii kaasee ture. Yeroo sanaa kaasee, dhugaan kun hafuurota hamoofi namoota duratti gaaffii keessa seeneera. Kanaaf, Mootiin Yihowaan muude kun, yeroo dhumaatiif olaantummaa Yihowaa mirkaneessuuf ni lola.
12. Mootichi ‘gad of deebisuudhaaf jedhee’ kan lolu karaa kamiini?
12 Mootichi ‘gad of deebisuudhaaf jedhees’ ni lola. Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi, gad of deebisuufi olaantummaa Abbaasaatiif amanamummaadhaan buluurratti fakkeenya guddaa taʼeera. (Isa. 50:4, 5; Yoh. 5:19) Namoonni amanamoon bulchiinsa Mootichaa jala jiran hundis, fakkeenyasaa hordofuudhaan gama hundaanuu gad of deebisanii olaantummaa Yihowaatiif buluu qabu. Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraachuu kan dandaʼan namoota akkasii qofadha.—Zak. 14:16, 17.
13. Kiristos ‘qajeelinaaf jedhee’ kan lolu akkamitti?
13 Kiristos ‘qajeelinaaf jedhees’ ni lola. Qajeelinni Mootichi loluuf, ‘qajeelina Waaqayyoo,’ jechuunis seera buʼuuraa Yihowaan wanta sirriifi dogoggora taʼeef baasedha. (Rom. 3:21; Kes. 32:4) Isaayaas, Yesus Kiristos Mooticha ilaalchisee, ‘Mootiin qajeelummaadhaan moʼu in dhufa’ jechuudhaan raajii dubbateera. (Isa. 32:1) Bulchiinsi Yesus, “bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu” fida. (2 Phe. 3:13) Namni addunyaa haaraa sana keessa jiraatu hundi seera buʼuuraa Yihowaan baasee wajjin wal simee jiraachuu qaba.—Isa. 11:1-5.
MOOTICHI “GOCHA SODAACHISAA” RAAWWATA
14. Harki Yesus inni mirgaa “gocha sodaachisaa” kan raawwatu akkamitti? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)
14 Mootiin gulufaa baʼe sun, mudhiisaarratti billaa hidhateera. (Far. 45:3) Haataʼu malee, yeroon itti billaasaa kana luqqifatee harkasaa mirgaatti qabatu ni dhufa. Faarfatichi, “Harkikee inni mirgaas gocha sodaachisaa in raawwata” jechuudhaan raajii dubbateera. (Far. 45:4) Yesus Kiristos waraana Armaagedoonitti firdii Yihowaa raawwachuuf yommuu gulufaa baʼu, diinotasaarratti “gocha sodaachisaa” taʼe raawwata. Sirna Seexanaa balleessuuf meeshaa akkamiitti akka fayyadamu hin beeknu. Haataʼu malee, tarkaanfiin inni fudhatu namoota akeekkachiisa Waaqayyo Mootummaasaatiif akka bulan kenne fudhachuu didan baayʼee kan sodaachisu taʼa. (Faarfannaa 2:11, 12 dubbisi.) Yesus yeroo gara dhumaa ilaalchisee raajii dubbaterratti akkas jedheera: “Namoonni naasuudhaaf isa biyya lafaatti dhufu sodaatanii eeggachuu irraa kan kaʼe in laafu, humnoonni bantii waaqaa keessaa in raafamu. Yommus ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa keessa utuu dhufuu in argu.”—Luq. 21:26, 27.
15, 16. “Loltoonni” Yesusii wajjin waraanatti baʼan eenyufaʼi?
15 Macaafni Mulʼataa, Mooticha isa “humnaa fi ulfina guddaadhaan” firdii raawwachiisuuf dhufu ilaalchisee akkas jedha: “Kana booddee ilaalee, bantiin waaqaa banamee, farda adii tokkos nan arge. Inni fardicha irra taaʼes maqaan isaa, ‘Amanamaa, dhugaas’ in jedhama; firdiitti, lolattis qajeelummaadhaan in hojjeta. Loltoonni waaqa keessaa immoo uffata quncee talbaa adii fi qullaaʼaa uffatanii, fardeen adaadii irra taaʼanii, isa duukaa in buʼan. Afaan isaa keessaa billaa qaramaa, isa inni ittiin saba Waaqayyoo warra hin taʼin rukututu baʼe. Inni ofii isaatii saba sana siiqqee sibiilaatiin in tiksa; inni ofii isaatii iddoo cuunfaa waynii dheekkamsa sodaachisaa, isa kan Waaqayyo hundumaa dandaʼuu dhidhiituuf jira.”—Mul. 19:11, 14, 15.
16 “Loltoonni” waaqa keessaa Yesusii wajjin taʼuudhaan waraanatti baʼan eenyufaʼi? Yesus, Seexanaafi ergamootasaa samiirraa gad darbachuuf billaasaatti yommuu fayyadametti, ‘ergamoonnisaa’ isaa wajjin turan. (Mul. 12:7-9) Kanaaf, ergamoonni Waaqayyoo loltoota waraana Armaagedoonitti isa faana taʼan keessaa tokkodha jechuu ni dandeenya. Kutaa loltoota kanaa kan taʼan kan biraanis jiruu? Yesus obbolootasaa warra dibamtoota taʼaniif abdii akkas jedhu kennee ture: “Nama moʼuuf, isa hojii koo hamma dhumaatti eeggatee hojjetuufis, saba hin amanne baayʼee irratti aboo nan kennaaf. Inni siiqqee sibiilaatiin saba sana in tiksa, akka qodaa suphees isaan in hurreessa.” (Mul. 2:26, 27) Kanaaf, loltoonni Kiristos obbolootasaa warra dibamtoota taʼaniifi samiirratti badhaasasaanii argatan kan dabalatudha. Kiristiyaanonni dibamoon isaa wajjin bulchan kun, yeroo Yesus “gocha sodaachisaa” raawwatuufi siiqqee sibiilaatiin saboota tiksutti, isaa wajjin taʼu.
-
-
Kiristos Mootichaaf Ulfina Kennaa!Masaraa Eegumsaa—2014 | Guraandhala 15
-
-
19. Kiristos ‘injifannoodhaan kan baʼuufi’ moʼichasaa kan xumuru akkamitti?
19 Kiristos sirna Seexanaa kana erga balleessee booda, ‘guddinasaatiin injifannoodhaaf baʼa.’ (Far. 45:4) Achiis, Seexanniifi ergamoonnisaa hanga xumura Bulchiinsa Waggaa Kuma Tokkootti iddoo isa lafa jalaa keessa akka turan gochuudhaan moʼichasaa xumura. (Mul. 20:2, 3) Diiyaabilosiifi ergamoonnisaa haala duʼaa wajjin wal fakkaatu keessa waan taʼaniif sochii gochuu hin dandaʼan; kanaaf namoonni lafarraa dhiibbaa Seexanaarraa bilisa taʼanii Mootiisaanii isa ulfina qabeessaafi injifataa taʼeef guutummaatti buluu dandaʼu. Namoonni kun lafti guutummaatti jannata taʼuushee duras, Mootiisaaniifi namoota isa faana bulchanii wajjin wanta itti gammadan qabu. Wanti isaan itti gammadan kun mataduree ittaanurratti ibsama.
-