Akkamitti Kadhachuu Qabna?—Kadhannaan Gooftaa Hunda Irra kan Caalu Dhaa?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Kadhannaan Gooftaa akkamitti kadhachuu akka qabnuu fi waaʼee maalii kadhachuu akka qabnu qajeelfama nuuf kenna. Yesuus barattoonni isaa “Yaa Gooftaa, . . . akkamitti akka kadhannu nu barsiisi” jedhanii yeroo isa gaafatanitti qajeelfama kana kennee ture. (Luqaas 11:1) Haa taʼu malee, kadhannaan Waaqayyo duratti fudhatama qabu Kadhannaa Gooftaa ykn Kadhannaa Yaa Abbaa Keenyaa jedhu qofa miti.a Kanaa mannaa, Yesuus kana kan dubbate kadhannaan Waaqayyo duratti fudhatama argatu kan akkamii akka taʼe ibsuuf ture.
Mata duree kana keessatti
Kadhannaan Gooftaa maal jedha?
Kadhannaan Gooftaa Maatewos 6:9-13 irra kan jiru yeroo taʼu hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun karaa gara garaatiin kaaʼaniiru. Mee fakkeenya lama haa ilaallu.
Hiika Addunyaa Haaraa: “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu. Nyaata harʼaaf nu barbaachisu harʼa nuuf kenni; akkuma nuti warra balleessaa nu irratti raawwataniif dhiisne, balleessaa keenya nuu dhiisi. Isa hamaa sana irraa nu oolchi malee, qorumsatti nu hin galchin.”
Hiika Bara 1997: “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu; mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu! Soora harʼaa bor nu barbaachisu harʼa nuuf kenni! Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi! Qoramattis nu hin galchin, hamaa nu oolchi malee; [mootummaan, humni, ulfinnis baruma baraan kan kee ti.”b
Hiikni Kadhannaa Gooftaa Maali dha?
Wanti Yesuus barsiise kutaa Kitaabota Qulqulluu kaanii wajjin kan walsimu waan taʼeef, kutaawwan Kitaaba Qulqulluu kaan hiika Kadhannaan Gooftaa qabu hubachuuf akka nu gargaaran eegna.
“Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu”
Waaqayyo waan nu uumeef, akkasumas jireenya waan nuu kenneef “Abbaa keenya” jennee isa waamuun keenya sirrii dha.—Isaayyaas 64:8.
“Maqaan kee haa qulqullaaʼu”
Maqaan Waaqayyoo inni Yihowaa jedhamu kabajamuu fi akka qulqulluutti ilaalamuu qaba. Ilmaan namootaa amalawwan gaarii Waaqayyo qabuu fi kaayyoo isaa warra kaanitti himuudhaan maqaa Waaqayyoo qulqulleessuu irratti hirmaachuu dandaʼu.—Faarfannaa 83:18; Isaayyaas 6:3.
“Mootummaan kee haa dhufu”
Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii Yesuus Mootii isaa taʼe dha. Yesuus Mootummaan kun guutummaa lafaa irratti akka bulchuuf akka kadhannu nu barsiiseera.—Daaniʼel 2:44; Mulʼata 11:15.
“Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu”
Akkuma samii irra hamminni fi duuni hin jirre, fedhiin Waaqayyo lafaaf qabu ilmaan namootaa nagaa fi tasgabbiidhaan bara baraaf akka irra jiraatani dha.—Faarfannaa 37:11, 29.
“Nyaata harʼaaf nu barbaachisu harʼa nuuf kenni”
Yeroo Yesuus lafa irra turetti daabboon nyaata guyyaa guyyaatti nyaatamu ture. Wantoota jireenyaaf nu barbaachisan kan nuuf kennu Uumaa keenya akka taʼe yaadachuu qabna.—Hojii Ergamootaa 17:24, 25.
“Akkuma nuti warra balleessaa nu irratti raawwataniif dhiisne, balleessaa keenya nuu dhiisi”
Yaada naannoo caqasa kanaa irratti, jechi “idaa” jedhu yeroo cubbuu ibsuuf hojii irra oolu jira. (Luqaas 11:4, miiljalee) Hundi keenya cubbuu raawwanna, kanaafuu dhiifama argachuun nu barbaachisa. Haa taʼu malee, dhiifama Waaqayyo argachuu yoo barbaanne, cubbu warri kaan nu irratti raawwataniif dhiifama isaanii gochuuf fedhii qabaachuu qabna.—Maatewos 6:14, 15.
“Isa hamaa sana irraa nu oolchi malee, qorumsatti nu hin galchin”
Yihowaan matumaa dogoggora akka raawwannu gochuudhaan nu hin qoru. (Yaaqoob 1:13) Haa taʼu malee, qorumsi Diyaabilos “isa hamaa” jedhamee fi nama ‘qoruunʼ nutti dhufuu dandaʼa. (1 Yohaannis 5:19; Maatewos 4:1-4) Dogoggora akka raawwannu yeroo qoramnutti isaaf akka ajajamnu akka nu gargaaruuf Yihowaa kadhanna.
Karaan Kadhannaa Gooftaa itti dhiheessinu kadhannicha irra deddeebinee dubbachuudhaan qofa dhaa?
Yesuus Kadhannaa Gooftaa akka fakkeenyaatti dhiheesse. Kadhannaa kana akkuma jirutti irra deddeebinee dubbachuu hin qabnu. Yesuus Kadhannaa Gooftaa dhiheessuu isaa dura akkana jedhee akeekkachiiseera: “Yommuu kadhattan akka saboota kaanii waanuma wal fakkaatu irra deddeebitanii hin dubbatinaa.” (Maatewos 6:7) Kadhannaa fakkeenyaa yeroo gara biraatti dhiheesse irratti immoo haala addaatiin kadhateera.—Luqaas 11:2-4.
kadhanaan hunda irra caaluu yaadaa fi miira keenya garaadhaa ibsinee kadhachuudha.—Faarfannaa 62:8.
Kadhannaa dhiheessuu kan qabnu akkamitti?
Kadhannaan Gooftaa, Waaqayyo akka nu dhagaʼuuf akkamitti kadhachuu akka qabnu fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Kun caqasoota Kitaaba Qulqulluu kadhannaa Yesuus dhiheessee wajjin akkamitti akka walsimu hubadhu.
Kadhannaa dhiheessuu kan qabnu gara Waaqayyotti qofa dha
Caqasa: “Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa.”—Filiphisiyus 4:6.
Hiika: Kadhannaan keenya Yesuusitti, Maariyaamitti ykn qulqullootatti utuu hin taʼin Waaqayyotti dhihaachuu qaba. Kadhannaan Gooftaa, “Yaa Abbaa keenyaa” jechuudhaan jalqabu, kadhannaa dhiheessuu kan qabnu Yihowaatti qofa akka taʼe nu barsiisa.
Fedhii Waaqayyoo wajjin haala walsimuun kadhachuu qabna
Caqasa: “Wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.”—1 Yohaannis 5:14.
Hiika: Wanta fedhii Waaqayyoo wajjin walsimu kam iyyuu kadhachuu ni dandeenya. Yesuus, Kadhannaa Gooftaa keessatti fedhiin Waaqayyoo “lafa irrattis haa taʼu” jedhu daballee dhiheessuun barbaachisaa akka taʼe barsiiseera. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan fedhii Waaqayyo lafaa fi ilmaan namootaatiif qabu barachuu dandeenya.
Dhimmawwan nu yaaddessan ilaalchisee kadhachuu dandeenya
Caqasa: “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, innis si deggera.”—Faarfannaa 55:22.
Hiika: Waaqayyo wantoota nu yaaddeessaniif xiyyeeffannaa kenna. Akkuma Yesuus Kadhannaa Gooftaa keessatti wanta dhuunfaa hedduu gaafatee ture, nutis wantoota guyyaa guyyaan nu barbaachisan akka nuuf kennu, murtoowwan barbaachisaa taʼan yeroo goonutti qajeelfama akka nuuf kennu, yeroo rakkinni nu mudatutti akka nu gargaaruu fi cubbuu keenyaaf dhiifama akka nuuf godhu kadhachuu dandeenya.c
a Fakkeenyaaf, Yesuusii fi barattoonni isaa jechoota kadhannaa fakkeenyaa irratti dhihaatan jechaa jechatti irra deebiʼuudhaan qofa utuu hin taʼin kadhannaa gara garaa dhiheessaniiru.—Luqaas 23:34; Filiphisiyus 1:9.
b Kitaabni Qulqulluu Afaan Oromoo bara 1997 Kadhannaa Gooftaa jecha kanaan xumura: “Mootummaan, humni, ulfinnis baruma baraan kan kee ti. Ameen!” Ibsi galata Waaqayyoof dhihaate kun, Kitaabota Qulqulluu kaan irrattis kan argamu yeroo taʼu jajannaa Waaqayyoo jedhamee waamama. Haa taʼu malee, kitaabni The Jerome Biblicaljedhamu, “Jajannaan Waaqayyoo kun. . . [Barreeffamoota durii harkaan barreeffaman] amanamoo taʼan irratti hin argamu” jedheera.
c Namoonni cubbuu isaaniitiif Waaqayyo biraa dhiifama argachuuf kadhachuun akka ulfaatu isaanitti dhagaʼama. Yihowaan garuu namoota akkasiitiif waamicha, “Kottaa, rakkina nu gidduutti uumameef furmaata haa kenninu” jedhu dhiheesseera. (Isaayyaas 1:18) Waaqayyo warra garaadhaa dhiifama isaa gaafatan hin gatu.