BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 52-59
‘Wanta Yaada Sitti Taʼu Yihowaatti Gatii Dhiisi’
Daawit qorumsawwan ulfaatoo taʼan hedduun isa irra gaʼanii turan. Yommuu Faarfannaa 55 barreessu wantoonni armaan gadii isa irra gaʼanii turan:
Arrabsoo
Ariʼatama
Akka Malee Of Ceephaʼuu
Rakkina Maatii
Dhukkuba
Ganamuu
Daawit rakkoowwan isaa humnaa ol yeroo fakkaatanitti illee, karaa itti isaan damdamatu argateera. Namoota akkuma isaa isaanitti dhagaʼamuuf hafuuraan geggeeffamee gorsa, ‘Wanta yaada sitti taʼu Yihowaatti gatii dhiisi’ jedhu kenneera.
Yeroo harʼaatti caqasa kana hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?
Yommuu rakkinni si mudatu, akkasumas yaaddoon ykn dhiphinni yommuu sitti dhagaʼamu garaadhaa Yihowaatti kadhannaa dhiheessi
Dubbii Yihowaa fi jaarmiyaa isaa irraa qajeelfamaa fi gargaarsa argachuuf yaali
Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin haala wal simuun, rakkina sanaaf furmaata kennuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi