BOQONNAA 4
‘Yihowaan Humna Guddaa Qaba’
1, 2. Eeliyaas wantoota dinqisiisoo akkamii argeera? Taʼus, holqa Tulluu Horeeb irra jiru tokko bira yeroo turetti wantoota caalaatti nama ajaaʼibsiisan akkamii arge?
EELIYAAS kana dura wantoota ajaaʼibsiisoo argeera. Yeroo dhokatee turetti arraagessonni guyyaatti siʼa lama nyaata yommuu isaaf fidan argeera. Bara beelaa yeroo dheeraaf turetti, daakuu fi zayitii xinnoon hubboo lama keessa jiru akka hin dhumne argeera. Deebii kadhannaa isaatiif yommuu ibiddi samii irraa buʼus argeera. (1 Mootota, boqonnaa 17, 18) Taʼus, Eeliyaas wanta kana caalaa ajaaʼibsiisaa taʼe kan biraas argeera.
2 Afaan holqa Tulluu Horeeb irra jiru tokko bira yeroo turetti, wantoonni ajaaʼibsiisoon yommuu raawwataman argeera. Jalqaba bubbeen ni bubbise. Bubbichi tulloota waan tatarsaasee fi kattaawwan waan babbaqaqseef, humna guddaa kan qabuu fi sagaleen isaa gurra namaa kan duuchu akka ture hin shakkisiisu. Achiis kirkirri lafaa humna guddaa qabu ni uumame. Sana booda ibiddi ni kaʼe. Ibiddichi guutummaatti naannoo sana yommuu gubu, hoʼi cimaan Eeliyaasitti dhagaʼamee taʼuu hin oolu.—1 Mootota 19:8-12.
3. Wanti Eeliyaas arge amala Waaqayyoo isa kamiif ragaa taʼa? Nuti hoo amala isaa kana wantoota kam irraa hubachuu dandeenya?
3 Taʼeewwan Eeliyaas arge kana wanti wal fakkeessu tokko jira; hundi isaanii humna guddaa Yihowaan qabu argisiisu. Nuti garuu Waaqayyo humna akka qabu beekuuf dinqii arguun akka nu hin barbaachisne beekamaa dha. Humna isaa bakka hundatti arguu ni dandeenya. Kitaabni Qulqulluun, uumamni “humna isaa isa bara baraa fi waaqummaa isaa” akka argisiisu nutti hima. (Roomaa 1:20) Mee waaʼee balaqqeessa ija namaa jaamsuu dandaʼuu, sagalee qaqawwee, fincaaʼaa humna guddaa qabuu fi samii balʼaa urjootaan guutame yaadi! Wantoonni kun humni Waaqayyoo guddaa akka taʼe si hin hubachiisanii? Taʼus, yeroo harʼaa humna Waaqayyoo kan hubatan namoota muraasa qofa dha. Humna isaatiif ilaalcha sirrii kan qaban immoo baayʼee xinnoo dha. Haa taʼu malee, amala Waaqayyoo kana hubachuun keenya, sababa caalaatti isatti dhihaannu hedduu argachuuf nu gargaara. Kutaa kana keessatti, waaʼee humna Yihowaa isa daangaa hin qabnee balʼinaan qoʼanna.
“Yihowaan achiin darbaa ture”
Amala Yihowaa Isa Barbaachisaa Taʼe
4, 5. (a) Kitaabni Qulqulluun waaʼee maqaa Yihowaa maal jedha? (b) Yihowaan humna isaa ibsuuf qotiyyootti fayyadamuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?
4 Yihowaan humna adda taʼe qaba. Ermiyaas 10:6, “Yaa Yihowaa, kan akka keetii hin jiru. Ati guddaa dha, maqaan kees guddaa fi jabaa dha” jedha. As irratti maqaan Yihowaa guddinaa fi jabina ykn humnaa wajjin wal qabsiifamee akka ibsame qalbeeffadhu. Ragaan jiru akka argisiisutti hiikni maqaa kanaa, “Akka Taʼu Godha” jechuu akka taʼes yaadadhu. Yihowaan wanta uumuu barbaadu kam iyyuu akka uumuu fi wanta taʼuu barbaadu hunda akka taʼu kan isa dandeessisu maali dha? Inni tokko humna isaa ti. Eeyyee, dandeettiin Yihowaan tarkaanfii fudhachuu fi fedha isaa raawwachuuf qabu daangaa hin qabu. Humni isaa kun, amalawwan isaa warra dinqisiisoo taʼan keessaa tokko dha.
5 Nuti humni isaa hammam akka taʼe guutummaatti hubachuu waan hin dandeenyeef, Yihowaan nu gargaaruuf fakkeenya adda addaatti fayyadama. Akkuma kanaan dura ilaalle, humna isaa nuu ibsuuf qotiyyoo akka fakkeenyaatti fayyadameera. (Hisqiʼel 1:4-10) Qotiyyoon baayʼee guddaa fi humna qabeessa waan taʼeef, humni Yihowaa qotiyyootti fakkeeffamuun isaa sirrii dha. Bara duriitti namoonni naannoo Paalastiinaa, yeroo baayʼee uumama kan biraa kanaan wal gitu hin argan. Haa taʼu malee, qotiyyoo sodaachisaa, jechuunis gafarsa ykn gosa gafarsaa sanyiin isaa yeroo ammatti bade beeku turan. (Iyyoob 39:9-12) Bulchaan Roomaa Juuliyes Qeesaar, gosti gafarsaa kun hammuma arbaa akka gaʼu dubbateera. Akkasumas, “Ciminni isaas taʼe saffisni isaa guddaa dha” jedhee barreesseera. Uumama kana bira utuu dhaabattee, baayʼee xinnoo fi dadhabaa akka taate sitti dhagaʼamuun isaa hin oolu.
6. Yihowaa qofti, ‘Hundumaa kan Dandaʼu’ kan jedhame maaliifi?
6 Namnis Yihowaa isa Waaqa humna qabeessa taʼee wajjin yommuu walbira qabamu xinnoo fi dadhabaa dha. Saboonni humna guddaa qaban illee, Yihowaa biratti akka awwaara madaallii irra jiruutti ilaalamu. (Isaayyaas 40:15) Uumamawwan kaan irraa haala adda taʼeen, humni Yihowaa daangaa hin qabu; kanaaf, ‘Hundumaa Dandaʼa’ jedhamuu kan dandaʼu isa qofa dha.a (Mulʼata 15:3) Yihowaan ‘jabina guddaa fi humna sodaachisaa’ qaba. (Isaayyaas 40:26) Humni isa keessaa maddu dhuma hin qabu. ‘Jabinni kan Waaqayyoo waan taʼeef,’ inni eenyu irraa iyyuu humna argachuun isa hin barbaachisu. (Faarfannaa 62:11) Haa taʼu malee Yihowaan humna isaa kan mulʼisu karaa kamiini?
Yihowaan Humna Isaa Kan Mulʼisu Akkamitti?
7. Hafuurri Yihowaa maali dha? Jechi afaan Ibrootaa fi afaan Giriikii hafuura jedhu hiika akkamii qaba?
7 Yihowaan hafuura qulqulluu hangana hin jedhamne maddisiisa. Hafuurri kun humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru dha. Kitaabni Qulqulluun Uumama 1:2 irratti, hafuura qulqulluu ‘humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru’ jedhee waama. Jechi afaan Ibrootaa fi afaan Giriikii “hafuura” jedhamu, akka galumsa isaatti “qilleensaa” fi “bubbee” jedhamee hiikamuu dandaʼa. Hayyoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko akka jedhanitti, jechi afaan Ibrootaa fi afaan Giriikii kun humna hojii irra jiruu fi ijaan hin argamne argisiisa. Hafuurri Waaqayyoo akkuma qilleensaa ijaan kan hin argamne taʼus, hojiin isaa ni mulʼata, hubatamuus ni dandaʼa.
8. Kitaaba Qulqulluu keessatti hafuurri Waaqayyoo maaliitti fakkeeffameera? Kunoo sirrii kan taʼe maaliifi?
8 Hafuurri Waaqayyoo wantoota hundumaa raawwachuu dandaʼa. Yihowaan wanta kaayyeffate kam iyyuu raawwachuuf itti fayyadamuu dandaʼa. Kitaaba Qulqulluu keessatti hafuurri Waaqayyoo, “quba,” “harka jabaa” ykn “irree diriirfame” akka taʼetti kan ibsame kanaafi. (Luqaas 11:20; Keessa Deebii 5:15; Faarfannaa 8:3) Akkuma namni tokko hojii humna ykn cimina gaafatu hedduu hojjechuuf harka isaatti fayyadamu, Waaqayyos kaayyoo isaa kam iyyuu raawwachuuf hafuura isaatti fayyadama; fakkeenyaaf, atoomii ishii xiqqoo taatee uumuuf, Galaana Diimaa gargar hiruuf ykn Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa afaan sana dura hin beekneen akka dubbatan gochuuf hafuura isaatti fayyadameera.
9. Karaan Yihowaan humna isaa itti argisiisu kan biraan maali dha?
9 Yihowaan aangoo Bulchaa Ol Aanaa taʼuu isaatiin qabutti fayyadamees humna isaa ni argisiisa. Tajaajiltoota miliyoona hedduutti lakkaaʼamanii fi ajaja kee kam iyyuu raawwachuuf dandeettii fi fedhii qaban ajajuuf dandeettii utuu qabaattee maaltu sitti dhagaʼama? Yihowaan dandeettii akkasii qaba. Namoota tajaajiltoota isaa taʼanii fi yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu keessatti raayyaatti fakkeeffaman qaba. (Faarfannaa 68:11; 110:3) Haa taʼu malee namni maleekaa tokkoo wajjin yeroo wal bira qabamu dadhabaa dha. Fakkeenyaaf, loltoonni Asoor yeroo Saba Waaqayyoo weeraranitti, maleekaan tokko halkan tokkotti loltoota Asoor 185,000 ajjeeseera! (2 Mootota 19:35) Maleekonni Waaqayyoo “humna guddaa” qabu.—Faarfannaa 103:19, 20.
10. (a) Yihowaan gooftaa raayyaa kan jedhame maaliifi? (b) Uumamawwan Yihowaa hunda caalaa humna guddaa kan qabu eenyu?
10 Lakkoofsi maleekotaa meeqa dha? Daaniʼel raajichi, mulʼata waaʼee samii arge irratti uumamawwan hafuuraa miliyoona 100 ol taʼan teessoo Yihowaa duratti argeera; taʼus ragaan maleekota hunda arguu isaa ibsu hin jiru. (Daaniʼel 7:10) Kanaaf, tarii maleekonni miliyoona dhibba hedduudhaan lakkaaʼaman jiraachuu dandaʼu. Yihowaan gooftaa raayyaa jedhamee kan waamames kanaafi. Maqaan ulfinaa kun, Yihowaan maleekota hedduu akka gaariitti gurmaaʼanii fi humna guddaa qaban ajajuuf aangoo akka qabu argisiisa. Maleekota kana hunda irratti Ilma isaa isa jaallatamaa “angafa uumama hundumaa” taʼeef aangoo guddaa kenneera. (Qolosaayis 1:15) Yesuus hogganaa maleekotaa jechuunis, ajajaa suraafelotaa fi ajajaa kiruubelotaa waan taʼeef, uumamawwan Yihowaa hunda caalaa humna guddaa qaba.
11, 12. (a) Humni dubbiin Waaqayyoo qabu karaawwan kamiin mulʼata? (b) Yesuus waaʼee humna Yihowaa maal jedheera?
11 Yihowaan karaa itti humna isaa argisiisu kan biraas qaba. Ibroonni 4:12, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha” jedha. Dubbiin Waaqayyoo ykn ergaan geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu humna guddaa akkamii akka qabu hubatteettaa? Humni isaa kun nu jajjabeessuu, amantii keenya cimsuu fi jijjiirama guddaa gochuuf nu gargaara. Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanonni hidhata isaa taʼan namoota jireenya addaggummaa jiraatan irraa akka of eegan akeekkachiiseera. Achiis akkas jedheera: “Isin keessaa tokko tokko namoota akkasii turtan.” (1 Qorontos 6:9-11) Eeyyee, humni “Dubbiin Waaqayyoo” qabu isaan irratti hojjechuudhaan jijjiirama akka godhan isaan gargaareera.
12 Humni Yihowaa baayʼee guddaa fi karaan inni humna kanatti fayyadamus buʼa qabeessa waan taʼeef, wanti humna kana ittisuu dandaʼu hin jiru. Yesuus, “Waaqayyoof garuu wanti hundi ni dandaʼama” jedheera. (Maatewos 19:26) Maarree, Yihowaan humna isaa kana kaayyoo akkamiitiif itti fayyadama?
Humna Kaayyoodhaan Hojii Irra Oolu
13, 14. (a) Yihowaan madda humnaa qaama hin qabnee miti kan jennu maaliifi? (b) Yihowaan humna isaatti kan fayyadamu kaayyoo maaliitiif?
13 Hafuurri Yihowaa humna uumamaa kam irra iyyuu ni caala; Yihowaan humna qaama hin qabne ykn kan akkasumaan humna maddisiisu miti. Inni Waaqa qaama qabuu fi humna isaa kana guutummaatti toʼachuu dandaʼu dha. Haa taʼu malee, humna isaa kanatti akka fayyadamu kan isa kakaasu maali dha?
14 Akkuma fuulduraatti ilaallu, Waaqayyo uumuuf, balleessuuf, eeguu fi haaressuuf, jechuunis wanta kaayyoo isaa isa mudaa hin qabnee wajjin walsimu hunda raawwachuuf humna isaatti fayyadama. (Isaayyaas 46:10) Yeroo tokko tokko Yihowaan waaʼee amalawwanii fi ulaagaawwan isaa wantoota barbaachisoo taʼan ibsuuf humna isaatti fayyadama. Hunda caalaa garuu fedha isaa raawwachuuf, jechuunis Mootummaa Masiihichaatti fayyadamee maqaa isaa qulqulleessuu fi bulchiinsi isaa hunda irra kan caalu taʼuu isaa argisiisuuf humna isaatti fayyadama. Wanti tokko iyyuu kaayyoo isaa kana fashaleessuu hin dandaʼu.
15. Yihowaan tajaajiltoota isaa wajjin haala wal qabateen, kaayyoo akkamiitiif humna isaatti fayyadama? Kun seenaa Eeliyaas irratti kan mulʼate akkamitti?
15 Yihowaan dhuunfaatti nu gargaaruufis humna isaatti ni fayyadama. Seenaa Baraa Lammaffaa 16:9, “Warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef jabina isaa argisiisuuf, ijji Yihowaa xiyyeeffannaadhaan guutummaa lafaa ni ilaala” akka jedhu qalbeeffadhu. Muuxannoon Eeliyaas jalqaba irratti eerame kanaaf ragaa taʼa. Yihowaan humna isaa isa nama ajaaʼibsiisu Eeliyaasitti kan argisiise maaliifi? Mootuu hamtuu kan taate Iizaabel Eeliyaasiin ajjeesisuuf kakattee turte. Raajiin kun lubbuu isaatiif sodaatee baqatee ture. Hojiin isaa hundi gatii akka dhabe waan yaadeef, kophummaan itti dhagaʼamee, sodaatee fi abdii kutatee ture. Yihowaan raajii dhiphate kana jajjabeessuuf humna akkamii akka qabu itti argisiiseera. Bubbichi, kirkirri lafaa fi ibiddichi qaamni uumama cufa keessatti humna guddaa qabu Eeliyaasii wajjin akka jiru argisiisa. Maarree, Waaqni hundumaa dandaʼu waan isaa wajjin jiruuf sababii itti Iizaabeliin sodaatu qabaa?—1 Mootota 19:1-12.b
16. Humna Yihowaa isa guddaa irratti xiinxaluun keenya kan nu jajjabeessu maaliifi?
16 Yihowaan yeroo ammaatti dinqii kan hin raawwanne taʼus, harʼas hin jijjiiramne; inni waaquma bara Eeliyaas ture sana dha. (1 Qorontos 13:8) Akkuma bara durii yeroo harʼaattis humna isaatti fayyadamee namoota isa jaallatan gargaaruuf hawwii guddaa qaba. Inni addunyaa hafuuraa keessa kan jiraatu taʼus nu irraa fagoo miti. Humni isaa daangaa kan hin qabne waan taʼeef, fageenyi isa dhowwuu hin dandaʼu. Kanaa mannaa, “Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti . . . dhihoo dha.” (Faarfannaa 145:18) Daaniʼel raajichi Yihowaan akka isa gargaaru yeroo kadhachaa turetti, utuu inni kadhannaa isaa illee hin xumurin maleekaan tokko isatti mulʼateera. (Daaniʼel 9:20-23) Yihowaan namoota jaallatu akka hin gargaarree fi akka hin jajjabeessine wanti isa dhowwuu dandaʼu hin jiru.—Faarfannaa 118:6.
Humni Waaqayyoo Akka Isatti Hin Dhihaanne Nu Godhaa?
17. Humni Yihowaa akka isa sodaannu nu godha kan jennu maaliifi? Haa taʼu malee, kun sodaa akkamii nu keessatti uumuu hin qabu?
17 Humni Waaqayyoo akka isa sodaannu nu gochuu qabaa? Deebiin isaa eeyyees lakkiis kan jedhu dha. Eeyyee kan jennu, akkuma boqonnaa darbe irratti ilaalle amalli isaa kun ajaaʼibsiifannaa fi ulfina guddaa isaaf qabaachuudhaan akka isa sodaannu waan nu godhuufi. Kitaabni Qulqulluun, sodaan akkasii “jalqaba ogummaa” akka taʼe dubbata. (Faarfannaa 111:10) Lakki kan jennu immoo, humni Waaqayyoo sodaadhaan akka romʼinu ykn akka isa irraa fagaannu kan nu godhu waan hin taaneefi.
18. (a) Namoonni hedduun warra aangoo qaban kan hin amanne maaliifi? (b) Yihowaan karaa sirrii hin taaneen humna isaatti akka hin fayyadamne akkamitti beekna?
18 Seenaan akka mirkaneessetti, namoonni cubbamoota taʼan yeroo baayʼee aangoo isaanii karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamu. Aangoon, namoonni hammina akka raawwatan gochuu dandaʼa; bulchitoonni tokko tokko yeroo aangoo dabalataa argachaa deeman caalaatti hammaatu. (Lallaba 4:1; 8:9) Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun warra aangoo qaban hin amanan, akkasumas isaan irraa ni fagaatu. Yihowaan humna hangana hin jedhamne qaba. Taʼus, humna isaa karaa dogoggoraatiin itti fayyadamaa laata? Matumaa akkas hin godhu! Akkuma kanaan dura ilaalle, inni qulqulluu kan taʼee fi naamusa gaarii hin taane kan hin qabne dha. Yihowaan namoota cubbamoo addunyaa mancaʼaa kana keessatti aangoo qaban irraa adda dha. Humna isaatti fayyadamee nama miidhee hin beeku, gara fuulduraattis hin miidhu.
19, 20. (a) Yihowaan yeroo hunda humna isaatti kan fayyadamu amalawwan isaa warra kamii wajjin haala walsimuuni? Kunoo kan nama jajjabeessu maaliifi? (b) Yihowaan kan of toʼatu taʼuu isaa fakkeenyaan ibsi. Amalli isaa kun kan si hawwatu maaliifi?
19 Amalli Yihowaa humna qofa akka hin taane yaadadhu. Fuulduraatti waaʼee haqa isaa, waaʼee ogummaa isaa fi waaʼee jaalala isaa ni baranna. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo tokkotti amala tokko qofa akka argisiisu goonee hubachuudhaan, amalawwan isaa akkuma barsiifataatti argisiisa jennee karaa dogoggora taʼeen yaaduu hin qabnu. Kanaa mannaa akkuma boqonnaawwan itti aanan irratti ilaallu, Yihowaan yeroo hunda humna isaa karaa haqa, ogummaa fi jaalala isaa wajjin walsimuun itti fayyadama. Mee amala Yihowaan qabuu fi yeroo baayʼee bulchitoonni addunyaa hin qabne tokkoo, jechuunis waaʼee of toʼachuu isaa yaadi.
20 Fakkeenyaaf, nama qaamaa fi humna guddaa qabu tokko argitee sodaatte haa jennu. Yeroo isa baraa deemtu garuu namni kun garraamii akka taʼe hubatte. Namni kun humna isaatti fayyadamee namoota, keessumaa warra humna hin qabnee fi rakkina irra jiran gargaaruuf, akkasumas eeguuf yeroo hunda qophaaʼaa fi fedhii kan qabu dha. Matumaa karaa sirrii hin taaneen humna isaatti hin fayyadamu. Namni kun sababii malee yeroo maqaan isaa balleeffamu dhageesse; inni garuu aaruu mannaa tasgabbaaʼeera, gaarummaas argisiiseera. Utuu ana taʼee, akka nama kanaa utuun humna qabuu amala akkasii nan argisiisan turee? jettee yaaduun kee hin oolu. Nama kana yeroo beektu caalaatti isatti hin dhihaattuu? Yihowaa isa hundumaa dandaʼutti dhihaachuufis sababii hedduu qabna. Mee caqasa mata dureen boqonnaa kanaa irratti hundaaʼee fi “Yihowaan aariidhaaf suuta kan jedhuu fi humna guddaa kan qabu dha” jedhu irratti yaadi. (Naahom 1:3) Yihowaan humna isaatti fayyadamee namoota hamoo taʼan illee balleessuuf hin ariifatu. Inni garraamii fi gaarummaa kan qabu dha. Yeroo wanti isa dheekkamsiisu hedduun uumametti illee, “aariidhaaf suuta kan jedhu” taʼuu isaa argisiiseera.—Faarfannaa 78:37-41.
21. Yihowaan namoonni akka isa tajaajilan kan hin dirqisiisne maaliifi? Kunoo waaʼee isaa maal nu barsiisa?
21 Karaawwan Yihowaan akka of toʼatu itti argisiise kan biraas haa ilaallu. Humna daangaa hin qabne utuu qabaattee, yeroo tokko tokko namoonni wanta tokko karaa ati barbaadduun akka raawwatan dirqisiisuuf hin qoramtuu? Yihowaan humna akkasii kan qabu taʼus, namoonni akka isa tajaajilan hin dirqisiisu. Jireenya bara baraa kan argannu Yihowaa tajaajiluudhaan qofa taʼus, inni garuu akka isa tajaajillu nu hin dirqisiisu. Kanaa mannaa, namoota hundaaf gaarummaadhaan bilisummaa filannaa kenneera. Filannaa gadhee gochuun balaa akkamii akka qabu nu akeekkachiisa; filannaa gaarii gochuun immoo faayidaa akkamii akka qabu nutti hima. Kan filatu garuu numa dha. (Keessa Deebii 30:19, 20) Yihowaan, namoota dirqamanii ykn humna isaa isa guddaa sodaatanii isa tajaajilanitti hin gammadu. Kanaa mannaa, namoonni fedhii fi jaalalaan kakaʼanii akka isa tajaajilan barbaada.—2 Qorontos 9:7.
22, 23. (a) Yihowaan warra kaaniif aangoo fi jabina kennuun akka isa gammachiisu kan argisiisu maali dha? (b) Boqonnaa itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?
22 Mee sababii isa dhumaa Waaqa Hundumaa Dandaʼu sodaannee romʼuu kan hin qabne maaliif akka taʼe ibsu haa ilaallu. Namoonni aangoo qaban aangoo isaanii warra kaaniif hiruu ni sodaatu. Yihowaan garuu aangoo isaa tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif hiruun isa gammachiisa. Ilma isaa dabalatee warra kaaniif aangoo guddaa kenneera. (Maatewos 28:18) Yihowaan karaa kan biraatiinis tajaajiltoota isaatiif jabina ni kenna. Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Wanti samii keessas taʼe lafa irra jiru hundi kan kee waan taʼeef, yaa Yihowaa, guddinni, jabinni, miidhaginni, simboonii fi ulfinni kan kee ti. . . . Aangoonii fi guddinni harka kee irra jira; harki kee guddaa gochuu fi hundumaatiif jabina kennuu ni dandaʼa.”—1 Seenaa Baraa 29:11, 12.
23 Eeyyee, Yihowaan jabina nuu kennuun isa gammachiisa. Namoota isa tajaajiluu barbaadaniif ‘humna humna caalu’ illee ni kenna. (2 Qorontos 4:7) Waaqa humna guddaa qabuu fi humna isaa kana gaarummaa fi jaalalaan itti fayyadamu kanatti dhihaachuu hin barbaadduu? Boqonnaa itti aanu irratti, Yihowaan uumuuf akkamitti humna isaatti akka fayyadame ilaalla.
a Jechi afaan Giriikii ‘Hundumaa kan Dandaʼu’ jedhu, kallattiidhaan yeroo hiikamu, “Hundumaa Kan Bulchu; Aangoo Hundumaa Kan Qabu” jechuu dha.
b Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan garuu bubbee sana keessa hin turre, . . kirkira lafaa sana keessa hin turre, . . ibidda sana keessa hin turre” jedha. Namoota humnoota uumamaa waaqeffatan irraa haala adda taʼeen, tajaajiltoonni Yihowaa, Waaqayyo humnoota uumamaa keessa akka jiru godhanii hin yaadan. Inni baayʼee guddaa waan taʼeef, wanti inni uume kam iyyuu isa baachuu hin dandaʼu.—1 Mootota 8:27.