Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Muddee 2019
MUDDEE 2-8
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MULʼATA 7-9
“Yihowaan Tuuta Uummataa Guddaa Eenyu Illee Lakkaaʼuu hin Dandeenye ni Eebbisa”
(Mulʼata 7:9 dubbisi.)
it-1-E 997 key. 1
Tuuta Uummataa Guddaa
Kun gaaffii tokko kaasa: ‘Tuutni uummataa guddaa’ namoota fayyina argatanii lafa irra jiraatan erga taʼanii, ‘teessoo Waaqayyoo fi Hoolicha dura dhaabataniiru’ jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? (Mul 7:9) Jechi ‘dhaabachuu’ jedhamee ibsame yeroo tokko tokko Kitaaba Qulqulluu keessatti nama ykn garee tokko duratti surraa ykn fudhatama argachuu argisiisuuf itti hojjetameera. (Far 1:5; 5:5; Fak 22:29; Luq 1:19) Kitaaba Mulʼataa boqonnaa kana dura ture irratti, “mootonni lafaa, abbootiin taayitaa aangoo guddaa qaban, ajajjoonni waraanaa, sooreyyiin, warri jaboon, garboonni hundii fi namoonni bilisa taʼan hundi,” iddoo itti baqatan barbaaduudhaan “fuula isa teessoo irra taaʼe Sanaa fi dheekkamsa Hoolichaa jalaa nu dhoksaa; sababiin isaas, guyyaan dheekkamsa isaanii inni guddaan dhufeera, eenyutu dhaabachuu dandaʼa ree?” akka jedhanitti ibsameera. (Mul 6:15-17; Luq 21:36 wajjin wal bira qabii ilaali.) Kanaaf ‘tuutni uummataa guddaa’ namoota dheekkamsa jalaa oolanii fi Waaqayyoo fi Hoolicha duratti fudhatama argatanii dhaabachuu dandaʼan kan argisiisu taʼuu hin oolu.
(Mulʼata 7:14 dubbisi.)
it-2-E 1127 key. 4
Rakkina
Yerusaalem erga balleeffamtee waggoota soddoma booda tuuta uummataa guddaa saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa dhufan ilaalchisee Yohaannis ergamaatti yaanni akkana jedhu himamee ture: “Warri kun warra rakkina guddaa keessaa dhufani dha.” (Mul 7:13, 14) Tuutni uummataa guddaa ‘rakkina guddaa keessaa dhufuun’ isaanii rakkina sana irraa akka oolan argisiisa. Yaanni wal fakkaataan Hojii Ergamootaa 7:9, 10 irratti ‘Waaqayyo Yoseefii wajjin waan tureef, rakkina isaa hundumaa irraa isa oolche’ jechuudhaan ibsame yaanni kun dhugaa taʼuu isaa nuuf mirkaneessa. Yoseef rakkina isaa hundumaa irraa oole jedhamuun isaa rakkina isaa akka dandamatu taasifame jechuu qofa utuu hin taʼin, dhiphina isa irra gaʼe hunda irraa ooleera jechuu dha.
(Mulʼata 7:15-17 dubbisi.)
it-1-E 996-997
Tuuta Uummataa Guddaa
Wanta Ittiin Beekaman. Wanti miseensonni “tuuta uummataa guddaa” taʼan ittiin beekaman inni guddaan ibsa yaada wal fakkaataa Mulʼata boqonnaa 7 irratti kenname irraa beekuun ni dandaʼama. Mulʼanni 7:15-17 Waaqayyoo ‘dunkaana isaa isaan irra akka diriirsu’ “gara burqaa bishaan jireenyaatti” akka geeffamanii fi Waaqayyoo ‘imimmaan hundumaa ija isaanii irraa akka haqu’ dubbata. Mulʼata 21:2-4 irrattis yaada wal fakkaatu arganna: “Dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira”; “imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa”; “duutis kana booda hin jiru.” Mulʼanni as irratti ibsame waaʼee namoota samii irra jiranii, jechuunis iddoo ‘Yerusaalem Haaraan irraa gad buutu’ jiranii utuu hin taʼin, waaʼee ilmaan namootaa lafa irra jiranii kan ibsu dha.
Dubbii Waaqayyoo gad Fageenyaan Qoruu
(Mulʼata 7:1 dubbisi.)
re-AM 115 key. 4
Mallatteeffamuu Israaʼel Waaqayyoo
4 Maleekonni kun garee maleekotaa afur, warra hamma yeroo Yihowaan murteesse gaʼuutti firdiin badiisaa kun akka hin raawwatamne jabeessanii qaban kan argisiisan akka taʼan hin shakkisiisu. Maleekonni kun golee qilleensotaa dheekkamsa Waaqayyoo qabanii turan al takkaatti kaabaa, kibbaa, bahaa fi dhihaa yommuu gadhiisan badiisa guddaatu taʼa. Haalli kun wanta Yihowaan golee qilleensa arfanitti fayyadamuudhaan sabni Elaam bittinnaaʼanii akka badan godhee wajjin kan wal fakkaatu taʼus, firdiin ammaa kun kan yeroo sanaa irraa baayʼee kan caalu dha. (Ermiyaas 49:36-38) ‘Bubbee cimaa’ Yihowaan saba Amooniin itti balleesse caalaa badii guddaa kan geessisu taʼa. (Amos 1:13-15, NW) Guyyaa Yihowaan ol aantummaa isaa bara baraaf itti mirkaneessutti, kutaan jaarmiyaa Seexanaa dheekkamsa Yihowaa dura jabaatee dhaabachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiraatu.—Faarfannaa 83:15, 18, NW; Isaayaas 29:5, 6.
(Mulʼata 9:11 dubbisi.)
it-1-E 12
Abaadoon
Abaadoon inni maleekaa qilee jedhame eenyu dha?
Haa taʼu malee, Mulʼata 9:11 irratti jechi “Abaadoon” jedhamu maqaa “maleekaa qilee” akka taʼe ibsameera. Maqaan Giriikii isa bakka buʼuu fi Apholiyon jedhamu hiikni isaa “Kan Balleessu” jechuu dha. Jaarraa 19ffaatti caqasni kun akka raajiitti namoota akka Mootii Mootota Roomaa Vaspeezyiiyaan, Muhaammadii fi Naapooliyoon jiran kan argisiisu akka taʼe ibsuuf yaaliin godhamaa tureera; maleekaan kun walumaa galatti kan ‘seexanaa’ akka taʼes ibsameera. Haa taʼu malee, Mulʼata 20:1-3 irratti maleekaan “furtuu qilee” qabate kun bakka buʼaa Waaqayyoo samii irraa dhufe kan argisiisu akka taʼe ibsameera; akkasumas maleekaa kun kan ‘Seexanaa’ taʼuu mannaa maleekaa, Seexana hidhee qilee keessatti isa darbatu akka taʼe hubatamuu qaba. Kitaabni The Interpreter’s Bible jedhamu Mulʼata 9:11 irratti yommuu yaada kennu akkana jedheera: “Haa taʼu malee, Abaadoon maleekaa Seexanaa utuu hin taʼin, maleekaa Waaqayyoo hojii balleessuu Waaqni ajaje raawwachiisu dha.”
Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti ʼavad·dohnʹ (avadoon) Siʼoolii fi duʼaa wajjin akka wal fakkeeffame haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Mulʼata 1:18 irratti Kiristoos Yesuus, “baraa hamma bara baraatti nan jiraadha, ani furtuuwwan duʼaa fi Awwaalaa qaba” jedheera. Aangoo inni qilee irratti qabu Luqaas 8:31 irratti ibsameera. Achi irratti humni inni balleessuuf qabu ibsameera; kunis akkuma Ibroota 2:14 irratti ibsametti Seexana balleessuuf humna inni qabu kan dabalatu dha; caqasichi Yesuus ‘duʼa isaatiin Diyaabilos isa duʼa fiduuf humna qabu sana balleessuuf’ foonii fi dhiiga akka taʼe dubbata. Mulʼata 19:11-16 irratti Waaqayyoon bakka buʼuudhaan Kan Balleessuu fi Murtii Duʼaa Kan Dabarsu taʼee akka muudame ifatti ibsameera.—APHOLIYON (APOLLYON) isa jedhu ilaali.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Mulʼata 7:1-12 dubbisi.)
MUDDEE 9-15
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MULʼATA 10-12
“‘Dhugaa Baatonni Ajjeefamanii’ Turan ‘Lamaan’ Gara Jireenyaatti Deebiʼan”
(Mulʼata 11:3 dubbisi.)
Gaaffii Dubbistootaa
Dhuga-baatonni Mulʼata boqonnaa 11rratti caqasaman lamaan eenyufaʼi?
Mulʼanni 11:3 waaʼee dhuga-baatota guyyaa 1,260f raajii dubbatanii ibsa. Seenaan kun itti fufuudhaan, bineensichi “isaan moʼuuf, isaan ajjeesuufis” akka jiru dubbata. Haataʼu malee, “guyyaa sadii fi walakkaa” booda deebiʼanii kan jiraachifaman siʼa taʼu, kunis namoota isaan argan hunda dinqisiiseera.—Mul. 11:7, 11.
Dhuga-baatonni kun lamaan eenyufaʼi? Yaadni dabalataa seenaa kana keessa jiru akka isaan beeknu nu gargaara. Tokkoffaa, ‘muka ejersaa lamaanii fi baattuu ibsaa lamaanitti’ akka fakkeeffaman ibsameera. (Mul. 11:4) Kun, baattuu ibsaafi muka ejersaa lamaan raajii Zakaariyaas keessatti ibsaman nu yaadachiisa. Mukni ejersaa lamaan, “warra Waaqayyo gooftaa biyya lafaatiif hojjechuudhaaf dibaman,” jechuunis Zarubaabel isa Bulchaa tureefi Iyaasuu isa Angafa Lubootaa ture akka argisiisu ibsameera. (Zak. 4:1-3, 14) Lammaffaa, dhuga-baatonni kun lamaan dinqiiwwan Museefi Eliyaas raawwatanii wajjin wal fakkaatan akka raawwatan ibsameera.—Mulʼata 11:5, 6, Lakkoobsa 16:1-7, 28-35 fi 1 Mootota 17:1; 18:41-45 wajjin wal bira qabii ilaali.
Yaadawwan olitti ibsaman kana lamaan maaltu wal fakkeessa? Yaadawwan lamaanirrattiyyuu seenichi kan dubbatu, waaʼee dibamtoota yeroo rakkisaa taʼetti saba Yihowaa geggeessaa turaniiti. Kanaafuu, yeroo Mootummaan Waaqayyoo bara 1914tti hundeeffametti obboloonni dibamoon dursa fudhatanii geggeessaa turan, “uffata gaddaa uffatanii” waggaa sadii fi walakkaaf yeroo lallabanitti Mulʼanni boqonnaan 11 raawwiisaa argateera.
Uffata gaddaa uffatanii erga lallabanii booda, yeroo gabaabaadhaaf, fakkeenyaan guyyaa sadii fi walakkaadhaaf yeroo hidhamanitti dibamtoonni kun ajjeefamaniiru jechuun ni dandaʼama. Diinota saba Waaqayyoo biratti yeroo ilaalamu, hojiinsaanii waan ajjeefame fakkaata ture; kunimmoo diinota kana baayʼee gammachiiseera.—Mul. 11:8-10.
Haataʼu malee, akkuma raajicharratti dubbatame guyyaa sadiifi walakkaa booda dhuga-baatonni lamaan deebiʼanii jiraachifamaniiru. Dibamtoonni kun mana hidhaatii kan gadhiifaman siʼa taʼu, warri hamma dhumaatti amanamoo taʼanimmoo karaa Gooftaasaanii Yesus Kiristos, itti gaafatamummaa adda taʼe Waaqayyo biraa fudhataniiru. Warra bara dhumaa kanatti wanta karaa hafuuraa saba Waaqayyoo barbaachisu akka dhiheessaniif bara 1919tti ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ taʼanii muudaman keessaa tokko taʼaniiru.—Mat. 24:45-47; Mul. 11:11, 12.
Mulʼanni 11:1, 2 wantoota raawwataman kana yeroo manni qulqullummaan hafuuraa itti safarame ykn madaalamee wajjin wal qabsiisa. Miilkiyaas boqonnaa 3rrattis manni qulqullummaan hafuuraa erga sakattaʼamee booda akka qulqulleeffamu ibsameera. (Mal. 3:1-4) Hojiin sakattaʼuufi qulqulleessuu kun yeroo hammamii fudhate? Bara 1914 kaasee hanga gara jalqaba bara 1919tti tureera. Yeroon kun, guyyaa 1,260 (jiʼa 42) fi guyyaa sadiifi walakkaa isa Mulʼata boqonnaa 11rratti fakkeenyaan caqasame kan dabalatudha.
Yihowaan saba foʼamaa hojii gaariitiif qulleessuudhaaf, karaa hafuuraa hojiin qulqulleessuu kun akka raawwatamuuf haala mijeessuunsaa kan nama gammachiisudha. (Tit. 2:14) Kana malees, dibamtoonni amanamoon yeroo rakkisaa taʼe sanatti saba Yihowaa geggeessuudhaan akka dhuga-baatota fakkeenyaan ibsaman lamaaniitti tajaajilan fakkeenya gaarii nuu taʼu.
(Mulʼata 11:7 dubbisi.)
(Mulʼata 11:11 dubbisi.)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Mulʼata 10:9, 10 dubbisi.)
it-2-E 880-881
Kitaaba Maramaa, Maramaa
Akka fakkeenyaatti yommuu itti hojjetamu. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi ‘kitaaba maramaa” jedhu bakka hedduutti fakkeenyaan itti hojjetameera. Hisqiʼelii fi Zakaariyaas kitaaba maramaa fuulduraanis taʼe duubaan irratti barreeffame arganii turan. Yeroo baayʼee kitaaba maramaa irratti kan barreeffamu karaa tokkoon qofa waan taʼeef, karaa lamaaniin irratti barreeffamuun isaa murtoon kitaabota maramaa sana irra jiru hammam ulfaataa fi cimaa akka taʼe kan argisiisu taʼuu dandaʼa. (His 2:9–3:3; Zak 5:1-4) Mulʼata kitaaba Mulʼataa irratti ibsame kana irratti, inni teessoo irra taʼee jiru harka mirgaa isaatiin maraa kitaabaa chaappaawwan torbaan akka gaariitti cufame akka qabatee fi hamma Hoolichi Waaqayyoo dhufee banutti wanta barreeffame warri kaan akka hin beekne dhowwaa akka ture ibsameera. (Mul 5:1, 12; 6:1, 12-14) Boodas akkuma mulʼaticha keessatti ibsametti Yohaannis kitaabni maramaa sun akka isatti kennamee fi akka nyaatu ajajame. Afaan isaatti kan miʼaawe taʼus, garaa isaatti hadhaaʼee ture. Kitaabni maramaa sun banaa fi kan chaappaadhaan hin cufamne waan taʼeef, ergaa kitaaba maramaa sana keessa jiru hubachuun salphaa ture. Ergaa achi keessa jiru hubachuun Yohaannisiif “miʼaawaa” kan ture taʼus, akkuma isatti himametti waaʼee wantoota sanaa raajii dubbachuun hadhaaʼaa akka isatti taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. (Mul 10:1-11) Hisqiʼelis haaluma wal fakkaatuun kitaabni maramaa waaʼee ‘boo’ichaa, gaddaa, wawwaannaa’ irratti barreeffame isaaf kennamee ture.—His 2:10.
(Mulʼata 12:1-5 dubbisi.)
it-2-E 187 key. 7-9
Ciniinsuu
Yohaannis ergamaan mulʼata arge irratti dubartiin samii irra turte takka “daʼuuf jecha ciniinsuudhaan qabamtee” yommuu iyyitu argee ture. Ishiinis “mucaa dhiiraa, . . . ilma saboota hunda ulee sibiilaatiin tiksuuf jedhu tokko deesse.” Jawwichi isa liqimsuuf yaalii godhus, “mucaan ishiis gara Waaqayyoo fi gara teessoo isaatti ol butame.” (Mul 12:1, 2, 4-6) Akkuma bara duriitti mucaa reefuu dhalate tokko fudhatama akka argatuuf abbaa isaa duratti dhiheessan, mucichi gara Waaqayyootti ol fudhatamuun isaa, Waaqayyo mucicha ilma isaa godhatee fudhachuu isaa kan argisiisu dha. (DHALA GODHACHUU (BIRTH) isa jedhu ilaali.) “Dubartiin” sun “haadha manaa” Waaqayyoo, jechuunis ‘Yerusaalem ishii olii’ “haadha” Kiristoosii fi obboloota isaa hafuuraa kan argisiistu dha.—Gal 4:26; Ibr 2:11, 12, 17.
“Dubartiin” Waaqayyoo ishiin samii irra jirtu, mudaa kan hin qabne waan taateef kan deessu dhugumaan utuu hin ciniinsifatini dha. Kanaaf “dubartiin” daʼuuf jettu kun akka ciniinsifattu kan ibsame dhiheenyatti akka deessu fakkeenyaan ibsuufi; yeroo muraasa booda ilma ishii daʼuuf jetti jechuu dha.—Mul 12:2.
“Mucaa dhiiraa” ykn “ilma” kan jedhame kun eenyu dha? Isa, “saboota hunda ulee sibiilaatiin tiksuuf jedhu” dha. Kun raajii Faarfannaa 2:6-9 irratti waaʼee Masihiichaa isa Mootii Mootummaa Waaqayyoo akka taʼu dubbatamee dha. Haa taʼu malee, Yohaannis mulʼata kana kan arge erga Kiristoos lafa irratti dhalatee, duʼee fi duʼaa kaʼee yeroo dheeraa booda dha. Kanaafuu mulʼanni kun harka Yesuus Kiristoos isa Ilma Waaqayyoo taʼee, isa duʼaa kaafamee fi isa ‘mirga Waaqayyoo taaʼe yeroo sanaa jalqabee, hanga diinonni isaa ejjeta miilla isaa godhamanitti eeggachaa ture’ keessatti Mootummaan Masihiichaa dhalachuu isaa kan argisiisu taʼuu akka dandaʼu haala isaa irra hubachuun ni dandaʼama.—Ibr 10:12, 13; Far 110:1; Mul 12:10.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Mulʼata 10:1-11 dubbisi.)
MUDDEE 16-22
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MULʼATA 13-16
“Bineensota Nama Sodaachisan hin Sodaatinaa”
(Mulʼata 13:1, 2 dubbisi.)
Yihowaan ‘Wanta Dhokataa In Mulʼisa’
6 Yesus inni duʼaa kaafame, Dh.K.B. dhuma jaarraa tokkoffaatti mulʼata ajaaʼibsiisaa taʼe, walitti aansuudhaan Yohannis ergamaatti argisiisee ture. (Mul. 1:1) Yohannis mulʼata kana keessaa isa tokkorratti, Seexanni jawweetti fakkeeffamee qarqara galaana guddaa tokkoo utuu dhaabatuu argeera. (Mulʼata 13:1, 2 dubbisi.) Yohannis bineensi adda taʼe tokko galaana keessaa baʼee Seexanarraa aboo guddaa utuu fudhatuus argeera. Booda ergamaan tokko, mataawwan torban bineensa diimaa sanarra jiraniifi bineensa Mulʼata 13:1rratti caqasameef fakkeenya taʼan, “mootota torba” ykn mootummoota akka bakka buʼan ibseera. (Mul. 13:14, 15; 17:3, 9, 10) Yeroo Yohannis mulʼata kana barreessetti, mootummoonni shan kufaniiru, inni tokko bulchaa jira, inni kaanimmoo “hin kaane” ture. Mallattoon mootummoota ykn humnoota addunyaa sanaa maalidha? Mee mataawwan bineensa Macaafa Mulʼataarratti ibsame kanaa tokko tokkoon haa qorru. Akkasumas raajiin Daaniʼel mootummoonni kun kaʼuusaanii jaarraa hedduu dura, baayʼeesaanii ilaalchisee ibsa balʼaa akkamii akka kennu ilaalla.
(Mulʼata 13:11 dubbisi.)
(Mulʼata 13:15 dubbisi.)
re-AM 194 key. 26
Bineensota Sodaachisoo Lamaa Wajjin Walʼaansoo Gochuu
26 Maarree mootummaa addunyaa isa kam kan argisiisu taʼuu dandaʼa? Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa argisiisa; karaa biraatiin mataa torbaffaa bineensa isa jalqabaa siʼa taʼu, as irratti shoora addaa qabaata. Mulʼaticha keessatti bineensichi adda baafamee mulʼachuun isaa waltajjii addunyaa irratti qofaa isaa wantoota raawwatu ifatti akka arginu nu taasisa. Bineensi gaanfa lama qabu kun, mootummoota yeroo walfakkaata taʼe tokkootti mulʼatanii fi bilisummaa ofiisaanii qaban, garuu immoo humna siyaasaa irraatti walii galteedhaan hojjetan lama fakkeenyaan kan ibsu dha. Gaanfa “akka hoolaa” lama kan qabu taʼuun isaa mirga namootaa kan hin dhiibnee fi garraamii, mootummaa ammayyaaʼaa addunyaan hundi akka fakkeenyaatti isa ilaalu godhee of dhiheessuu isaa argisiisa. Haa taʼu malee, bakkawwan sirni bulchiinsi isaa fudhatama hin argannetti humnaan, dorsisaa fi dhiibbaawwan gara garaatiin waan fayyadamuuf “akka jawweetti” dubbata. Namoonni hundi Mootummaa Waaqayyoo isa Hoolicha Waaqayyootiin geggeeffamuuf akka bitaman hin jajjabeessu; kanaa mannaa kaayyoo fi fedhii Seexanaa isa jawwee guddicha taʼe raawwachiisa. Jibbaa fi wal qoqqoodinsa hawaasummaa babalʼisa; gochi kun hundi waaqeffannaa bineensa isa jalqabaa kan babalʼisu dha.
re-AM 195 key. 30-31
Bineensota Sodaachisoo Lamaa Wajjin Walʼaansoo Gochuu
30 Akkuma seenaa irraa hubannutti bifni fakkeenyaa kun Biritaaniyaa fi Yuunaayitid Isteetis warra Dhaabbanni Waldaa Mootummoota Addunyaa jedhamee waamamaa ture akka hundeeffamu yaada dhiheessan, deggeranii fi eeganiin hundeeffame dha. Bifni fakkeenyaa kun Mulʼata boqonnaa 17 irratti immoo bineensa diimaa dhiiga fakkaatu bilisummaa mataa isaa qabu, jiraataa fi hafuura baafatu kan biraa taʼee mulʼata. Qaamni addunyaa maraa kun ilmaan namootaatiif nagaa fi tasgabbii fiduu kan dandaʼu ana qofa dha jedhee of tuulummaadhaan waan dubbatuuf garmalee ‘dudubata.’ Dhugaa isaa dubbachuuf garuu dhaabbanni kun kan saboonni irratti wal mormanii fi irratti wal arrabsan taʼeera. Saba ykn hawaasa aangoo isaatiif hin bitamne kam iyyuu ni qooda ykn hojiidhaa ala isaan godha. Waldaan Mootummoota Addunyaa biyyoota sirna siyaasaa isaa hin fudhatin hafan miseensummaa isaanii haqeera. Rakkinni guddaan yommuu jalqabutti immoo “gaanfonni” bifa fakkeenyaa bineensa kanaa, hojii balleessuu isaaniif kenname raawwatu.—Mulʼata 7:14; 17:8, 16.
31 Waraana Addunyaa Isa Lammaffaatii kaasee bifni fakkeenyaa bineensichaa inni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taʼee dhufe kallattiidhaan namoota ajjeeseera. Fakkeenyaaf, humni waraanaa Dhaabbata Mootummaa Gamtoomanii, waraana bara 1950tti Kooriyaa Kaabaa fi Kooriyaa Kibbaa gidduutti geggeeffame irratti hirmaatee ture. Humni waraanaa Dhaabbata Mootummaa Gamtoomanii Kooriyaa Kibbaa wajjin taʼuudhaan, namoota Kooriyaa Kaabaa fi Chaayinaa tilmaamaan 1,420,000 taʼan ajjeeseera. Haaluma wal fakkaatuun, waggoota bara 1960 hanga 1964 jiran gidduutti humni waraanaa Dhaabbata Mootummaa Gamtoomanii, Koongoo (Kinshaasaa) keessatti duula geggeessee ture. Kana malees, phaaphaasonni kanneen akka Pool Jaʼaffaa fi Joon Pool Lammaffaa jiran dabalatee, geggeessitoonni addunyaa bifni fakkeenyaa bineensa kanaa, abdii nagaa ilmaan namootaa hunda irra caaluu fi isa dhumaa akka taʼe jabeessanii dubbachuu isaanii itti fufaniiru. Namoonni dhaabbata kana tajaajiluu isaanii yoo dhiisan ofuma isaaniitiin akka of balleessan dubbatu. Kana jechuu isaaniitiinis namoota akka fakkeenyaatti bifa fakkeenyaa sana deggeruu fi isa waaqeffachuu didan hunda ajjeesaniiru.—Keessa Deebii 5:8, 9.
(Mulʼata 13:16, 17 dubbisi.)
Dubbiin Yihowaa Jiraataadha Yaadawwan Ijoo Macaafa Mul’ataa—Kutaa Lammaffaa
13:16, 17. Jireenya guyyaa guyyaa kan akka ‘bituufi gurguruurratti’ rakkoon nu mudachuu dandaʼuyyuu, bulchiinsi bineensichaa jireenya keenyarratti dhiibbaa akka geessisu heyyamuu hin qabnu. ‘Gubaa bineensichaa harka ykn adda keenyarratti’ qabaachuu jechuun, bineensichi gocha ykn yaada keenya akka toʼatu heyyamuu jechuudha.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Mulʼata 16:13, 14 dubbisi.)
Dubbiin Yihowaa Jiraataadha Yaadawwan Ijoo Macaafa Mul’ataa—Kutaa Lammaffaa
16:13-16. ‘Jechoonni xuraa’oon hafuuraan dubbataman,’ [NW] olola Seexanaa kan argisiisan yommuu taʼu, Mootummoonni biyya lafaa, waciitiiwwan dheekkamsa Waaqayyoo torban gad naqamuunsaanii dhiibbaa utuu isaanirra hin geessisiin, Yihowaa mormuusaanii akka itti fufan gochuuf kan qophaaʼanidha.—Mat. 24:42, 44.
(Mulʼata 16:21 dubbisi.)
“Furamuun Keessan Dhihaateera”!
9 Yeroon sun yeroo “wangeelli mootummaa kun” itti lallabamu miti. Yeroon itti lallabamu kan darbe taʼa. Sana booda “dhumni in dhufa!” (Mat. 24:14) Sabni Waaqayyoo yeroo sanatti ergaa firdii cimaa taʼe akka lallaban hin shakkisiisu. Tarii kun addunyaan Seexanaa hamaa taʼe guutummaatti baduuf akka jedhu labsuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun ergaa kana cabbii dhagaa wajjin wal fakkeessa; akkana jedha: “Cabbiin dhagaa gurguddaa, tokkon tokkon isaa akka kiiloo giraamii jaatamaa ulfaatu waaqa keessaa namoota irra in bubbuʼe; dhaʼichi cabbii sunis baayʼee guddaa sodaachisaa waan taʼeef, isa irraa kan kaʼe namoonni Waaqayyoon maqaa in balleessan.”—Mul. 16:21.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Mulʼata 16:1-16 dubbisi.)
MUDDEE 23-29
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MULʼATA 17-19
“Waraana Waaqayyoo Isa Waraanota Hunda Balleessu”
(Mulʼata 19:11 dubbisi.)
(Mulʼata 19:14-16 dubbisi.)
w08-AM 4/1 8 key. 3-4
Armaagedoon—Waraana Waaqayyoo Isa Waraanota Hunda Balleessu
Namoonni hamoon aangoo irra hamma jiranitti qajeelonni nagaa fi tasgabbii argachuu hin dandaʼan. (Fakkeenya 29:2; Lallaba 8:9) Dhugaa isaa dubbachuuf, amaloota mancaʼoo taʼanii fi hammina namoota gocha kana raawwatan irraa adda baasnee ilaaluu hin dandeenyu. Kanaaf, nagaanii fi haqni argamuu kan dandaʼu hamoonni yoo balleeffaman qofa dha. Solomoon, “namni jalʼaan wanta hamaa nama qajeelaadhaaf qopheessetti in darba” jedhee barreesseera.—Fakkeenya 21:18.
Abbaan murtii Waaqayyo waan taʼeef tarkaanfiin inni namoota hamoota taʼan irratti fudhatu hundi qajeelummaa irratti kan hundaaʼe akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Abrahaam, “Abbaan firdii guutummaa biyya lafaa, firdii ta’u in kenna mitii ree?” jedhee gaafatee ture. Deebiin Abrahaam gaaffii kanaaf argate Yihowaan yoom iyyuu wanta sirrii ni raawwata kan jedhu dha. (Uumama 18:25) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan hamoota balleessuun akka isa hin gammachiisnee fi tarkaanfii kana akka filannoo dhumaatti akka itti fayyadamu ibsa.—Hisqiʼel 18:32; 2 Pheexiros 3:9.
it-1-E 1146 key. 1
Farda
Yohaannis ergamaan, Yesuus Kiristoos inni ulfina gonfate farda adii irra taaʼee gulufaa akka jiruu fi raayyaanis isaa wajjin akka jiru, raayyaan sun hundis fardeen aʼaadii irra akka taaʼan mulʼataan argeera. Mulʼanni kun waraana Kiristoos isa qajeelinaa fi haqa irratti hundaaʼee fi Yihowaa isa Waaqaa fi Abbaa isaa taʼe bakka buʼuudhaan diinota hundumaa irratti banu kan argisiisu akka taʼe Yohaannisitti himameera. (Mul 19:11, 14) Sana dura garuu Kiristoos erga mootii taʼee booda tarkaanfii fudhata, miidhaan itti aansuudhaan dhufu immoo abbootii fardeenii garaa garaa fi warra isaan gulufsiisaniin fakkeeffameera.—Mul 6:2-8.
(Mulʼata 19:19, 20 dubbisi.)
re-AM 286 key. 24
Mootiin Lolu Waraana Armaagedoonitti Injifannoo Gonfata
24 Bineensi mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu inni galaana keessaa baʼe jaarmiyaa siyaasaa isa Seexanaan geggeeffamu argisiisu ni dhabamsiifama; isaa wajjinis raajiin sobduun, jechuunis mootummaan addunyaa inni torbaffaan ni balleeffama. (Mulʼata 13:1, 11-13; 16:13) Utuma ‘lubbuudhaan jiranii’ ykn tokko taʼanii saba Waaqayyoo mormuudhaan utuma sochoʼaa jiranii gara ‘haroo ibiddaatti’ darbatamu. Haroon ibiddaa kun dhugama haroo ibiddaatii? Lakki, bineensichis taʼe raajiin sobduu kun kallattiidhaan kan fudhataman akkuma hin taane haroon ibiddaa sunis kallattiidhaan kan fudhatamu miti. Kanaa mannaa, guutummaatti balleeffamuu, badiisa dhumaa fi iddootti deebiʼuu dhiisuu kan argisiisu dha. Bakki kun bakka yeroo booda duutii fi awwaalli (Haadis), akkasumas Diyaabilos itti darbatamani dha. (Mulʼata 20:10, 14) Bakki akkasii jiraachuun isaa illee Yihowaa baayʼee waan jibisiisuuf, bakki kun bakka hamoonni bara baraaf itti gubatan akka hin taane beekamaa dha.—Ermiyaas 19:5; 32:35; 1 Yohaannis 4:8, 16.
(Mulʼata 19:21 dubbisi.)
re-AM 286 key. 25
Mootiin Lolu Waraana Armaagedoonitti Injifannoo Gonfata
25 Namoonni kutaa mootummaa taʼuu baatanis addunyaa mancaʼaa ilmaan namootaatti cichanii jiran hundi, “goraadee dheeraa afaan isa farda irra taaʼe sana keessaa baʼuun ajjeefaman.” Yesuus duuti akka isaaniif malu godhee isaanitti murteessa. Namoonni kun gara haroo ibiddaatti akka darbataman kan hin dubbatamne taʼuun isaa abdii duʼaa kaʼuu qabu jennee yaaduuf sababii taʼaa? Yeroo sanatti warri Abbaa Murtii Yihowaan muudeen ajjeefaman abdii duʼaa kaʼuu akka qaban bakki itti ibsame tokko illee hin jiru. Akkuma Yesuus dubbate warri “hoolota” hin taane hundi “gara ibidda bara baraa isa Diyaabilosii fi maleekota isaatiif qophaaʼetti,” jechuunis, “gara badiisa bara baraatti . . . deemu.” (Maatewos 25:33, 41, 46) Tarkaanfiin kun gara xumura ‘guyyaa murtii yeroo namoonni Waaqayyoon hin sodaanne itti balleeffamanitti’ geessa.—2 Pheexiros 3:7; Naahom 1:2, 7-9; Miilkiyaas 4:1.
Dubbii Waaqayyoo gad Fageenyaan Qoruu
(Mulʼata 17:8 dubbisi.)
re-AM 247-248 key. 5-6
Iccitiin Ajaaʼibsiisaan Tokko ni Hiikame
5 “Bineensi ati argite sun jira ture.” Eeyyee, bineensi kun Amajjii 10, 1920 eegalee, biyyoota 63 sassaabee maqaa Waldaa Mootummoota Addunyaa jedhuun sochoʼaa tureera. Haa taʼu malee, Jaappaan, Jarmanii fi Xaaliyaaniin dhaabbaticha gadhiisanii baʼan; Tokkummaan Sooviyeet duraaniis dhaabbaticha keessaa akka baatu godhame. Fulbaana 1939tti mootummaan abbaa irree Naazii Jarman Waraanni Addunyaa Inni Lammaffaan akka kaʼu godhe. Waldaan Mootummoota Addunyaa nagaa addunyaa eegsisuu waan hin dandeenyeef qilee sochii tokko illee itti gochuu hin dandeenye keessa buʼee ture. Bara 1942 dhaabbata ‘jira ture’ jedhamu qofa taʼe. Yihowaan hiika raajiin kun qabu sabootaaf kan ibse yeroo murteessaa kanatti ture malee kana dura ykn sana booda hin turre! Obboleessi keenya Naataan Noor Walgaʼii Tiʼookraasii Addunyaa Haaraa jedhamu irratti akka raajii kanaatti bineensichi “amma hin jiru” jedhee dubbachuu dandaʼee ture. Sana booda “Waldaan kun boolluma sana keessa akkuma buʼetti hafaa?” jedhee gaafate. Mulʼata 17:8 caqasuudhaan, “Waldaan hawaasa addunyaa deebiʼee ni kaʼa” jedhee deebise. Akkuma inni jedhettis waan raawwatameef raajiin Yihowaa dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffameera!
Qilee Keessaa Baʼuu
6 Bineensi diimaan dhiiga fakkaatu qilee sana keessaa ni baʼe. Waxabajjii 26, 1945tti Saan Firaansiiskoo Ameerikaatti, biyyoonni 50 wacaa fi gammachuu guddaadhaan waliigaltee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ni fudhatan. Dhaabbanni kun kan hundeeffame “nagaa fi tasgabbii addunyaa akka eegsisuuf” ture. Wanti Waldaa Mootummoota Addunyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii wal fakkeessu hedduun jira. Kitaabni The World Book Encyclopedia akkana jedheera: “Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii karaawwan Waldaa Mootummoota Addunyaa isa Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti hundeeffame itti fakkaatu jira. . . Biyyoonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hundeessan hedduun biyyoota Waldaa Mootummoota Addunyaa hundeessan turan. Akkuma Waldaa Mootummoota Addunyaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanis nagaa biyyoottan gidduu jiru eegsisuuf hundeeffame. Caasaawwan ykn ijaarsawwan gurguddoon Dhaabbata Mootummoota Addunyaa caasaawwan ykn ijaarsawwan Waldaa Mootummoota Addunyaa wajjin walfakkaata.” Kanaaf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii hundeeffamuun isaa bineensi diimaan dhiiga fakkaatu sun deebiʼee kaʼuu isaa kan argisiisu dha. Lakkoofsi biyyoota miseensota taʼanii kan Waldaa Mootummoota Addunyaa isa 63 ture irra dabaluudhaan 190 gahee ture; akkasumas waldaa duraan ture caalaa hojiin guddaa taʼe isaaf kennameera.
(Mulʼata 17:16, 17 dubbisi.)
Yihowaan Wanta “Dafee Taʼuun Irra Jiru” Mulʼiseera
17 Taʼus, amantiin sobaa ammayyuu hin badne. Ejjituun kun hamma Waaqayyo garaa mootota ishee balleessanii keessa yaada tokko kaaʼutti, mootummoonni fedhiishee akka raawwatan dhiibbaa guddaa isaanirratti gochuushee itti fufti. (Mulʼata 17:16, 17 dubbisi.) Yihowaan yeroo dhihoo keessatti, humnoonni siyaasaa sirna Seexanaa Dhaabbata Mootummoota Waltaʼaniin bakka buufaman amantii sobaa akka balleessan kakaasa. Dhiibbaa isheen geessistu ni hambisu, qabeenyashees ni balleessu. Waggoota kudhaniin lakkaʼaman dura haalli akkasii waan hin geenye fakkaachuu dandaʼa ture. Yeroo harʼaa haalli ejjituun kun bineensa bifa bildiimaa qabu kanarra itti teessee jirtu jijjiiramaa kan jiru taʼus, dugda bineensa kanaarraa salphaadhumatti hin kuftu. Kufaatiinshee saffisaan yommuu taʼu miidhaa cimaa geessisuudhaan raawwatama.—Mul. 18:7, 8, 15-19.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Mulʼata 17:1-11 dubbisi.)
MUDDEE 30–AMAJJII 5
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MULʼATA 20-22
“Kunoo, Ani Wantoota Hundumaa Haaraa Nan Godha”
(Mulʼata 21:1 dubbisi.)
re-AM 301 key. 2
Samii Haaraa fi Lafa Haaraa
2 Yohaannis dhalachuu isaa jaarraawwan hedduu dura Yihowaan Isaayaasiin akkana jedhee ture: “Kunoo, ani bantiiwwan waaqaa haaraa fi lafa haaraa nan uuma; wanti dur ta’e hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu.” (Isaayaas 65:17; 66:22) Raajiin kun raawwii isaa jalqabaa kan argate, Yihudoonni amanamoon waggaa 70f boojuu Baabilon jala erga turanii booda Dh.K.D. bara 537tti yommuu gara Yerusaalemitti deebiʼanitti ture. Iddootti yommuu deebiʼan, ‘lafa haaraa,’ jechuunis hawaasa qulqulluu taʼee fi “bantiiwwan waaqaa haaraa,” jechuunis bulchiinsa haaraa hundeessanii turan. Haa taʼu malee, Pheexiros ergamaan raajiin kun raawwii kan biraas akka qabu caqaseera; akkana jedheera: “Haa taʼu malee akkuma inni abdii kennetti, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa warra qajeelummaan keessa jiraatu ni eegganna.” (2 Pheexiros 3:13) Yohaannis waadaan kun guyyaa Gooftaatti akka raawwatamu dubbateera. “Samiin inni duraa fi lafti inni duraa,” jechuunis sirni Seexanaa fi mootummoonni Seexanaa fi jinniiwwan isaatiin geggeeffaman ni darbu. “Galaanni” namoota hamoo fi dhaabbataa hin taanes ni balleeffama. Bakka isaa immoo “samii haaraa fi lafa haaraa,” jechuunis hawaasa haaraa lafa irra jiraatuu fi mootummaa haaraa, jechuunis Mootummaa Waaqayyootu bakka buʼa.—Mulʼata 20:11 wajjin wal bira qabii ilaali.
(Mulʼata 21:3, 4 dubbisi.)
w13-AM 12/1 11 key. 2-4
“Kunoo, Ani Wantoota Hundumaa Haaraa Nan Godha”
“[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa.” (Mulʼata 21:4) Kan ija isaanii irraa haqu imimmaan akkamii ti? Imimmaan yeroo gammachuutti maddu ykn imimmaan ijji keenya of eggachuuf maddisiisu akka hin taane beekamaa dha. Waaqayyoo waadaa kan gale imimmaan sababa rakkinaa fi gaddaatiin uumamu balleessufi. Waaqayyo imimmaan sababa kanaan dhufan akkasumaan gogsa jechuu utuu hin taʼin, wantoota rakkinaa fi gaddaaf sababa taʼanii fi utuu hin barbaadin akka imimmaan dhangalasnu godhan hundumaa guutummaatti balleessa jechuu dha.
“Duutis kana booda hin jiru.” (Mulʼata 21:4) Duʼa isa diina keenya taʼe caalaa utuu hin barbaadin wanti imimmaan akka dhangalaasnu godhu jiraa? Yihowaan ilmaan namoota ajajamoo taʼan hidhaa duʼaa jalaa bilisa isaan baasa. Akkamitti? Wanta duʼaaf sababa guddaa taʼe, jechuunis cubbuu Addaam irraa dhaalle guutummaatti balleessuudhaani. (Roomaa 5:12) Yihowaan aarsaa furii ilma isaatti fayyadamee namoonni ajajamoo taʼan mudaa kan hin qabne akka taʼan godha. Achiis diinni inni dhumaa, jechuunis duuti “ni balleeffama.” (1 Qorontos 15:26) Ilmaan namootaa amanamoo taʼan kaayyoo Waaqayyoo isaaniif qabu wajjin haala wal simuun fayyaa guutuu qabaatanii bara baraaf jiraatu.
“Cinqiin kana booda hin jiru.” (Mulʼata 21:4) Cinqii ykn dhiphina akkamiitu balleeffama? Cinqii karaa sammuu, miiraa fi qaamaa cubbuu kan dhaalan taʼuu isaaniitiin dhufuu fi jireenyi namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii hadhaaʼaa akka isaaniitti taʼu godhe hundi ni balleeffama.
(Mulʼata 21:5 dubbisi.)
w03-AM 8/1 12 key. 14
Yihowaan Waaqa Dhugaa Ti
14 Wanta Yihowaan karaa Dubbii isaatiin nutti himuuf xiyyeeffannaa guddaa kennuu qabna. Wanta inni waaʼee ofii isaa nutti hime hundi dhugaa dha; akkasumas wanta akka raawwatu dubbate hunda ni raawwata. Waaqayyootti amanamuuf sababiiwwan hedduu qabna. Yihowaan, ‘warra Waaqayyoon hin beeknee fi misiraachoo waaʼee Gooftaa keenya Yesuus ibsuuf hin ajajamne irratti haaloo nan baʼa’ yommuu jedhu isa amanuu qabna. (2 Tasalonqee 1:8) Kana malees, Yihowaan namoota qajeelummaa hordofan akka jaalatu, namoota amantii isaanii argisiisaniif jireenya bara baraa akka kennuu fi dhiphina, booʼichaa fi duʼa illee akka balleessu yommuu nutti himu dubbii isaa fudhachuu qabna. Yihowaan wanta dhuma irratti waadaa gale dhugaa akka taʼe mirkaneessuuf Yohaannis ergamaadhaan, “Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa waan taʼaniif barreessi” jedhee isa ajajeera.—Mulʼata 21:4, 5; Fakkeenya 15:9; Yohaannis 3:36.
Dubbii Waaqayyoo gad Fageenyaan Qoruu
(Mulʼata 20:5 dubbisi.)
it-2-E 249 key. 2
Jireenya
Waaqayyo ajaja Addaamiif kenne irratti Addaam yoo ajajame akka hin duune isatti himee ture. (Uma 2:17) Kanaafuu yommuu duuti inni diina ilmaan namootaa taʼe badutti namoonni ajajamoo taʼan cubbuu duʼaa isaanitti fidu hin qabaatan jechuu dha. Kanaaf sana booda utuu hin duʼin bara baraaf jiraatu. (1Qor 15:26) Duuti kan balleeffamu dhuma bulchiinsa Kiristoositti yeroo taʼu, bulchiinsi kunis waggaa 1,000f akka turu kitaabni Mulʼataa ni dubbata. Kitaabni kun namoonni Kiristoos wajjin moototaa fi luboota taʼan ‘jireenya argatanii mootota taʼuudhaan Kiristoosii wajjin waggaa 1,000f akka bulchan’ ni dubbata. Namoonni ‘warra duʼan kaan’ jedhamanii fi “hanga waggaan 1,000 sun xumuramutti” jireenya hin arganne jedhaman, namoota dhuma waggaa kumaa sanatti jireenya argatan taʼuu qabu; haa taʼu malee kun kan taʼu Seexanni qilee keessaa gadhiifamee namoota qoruu isaa dura dha. Yommuu waggaan kumni sun xumuramutti, namoonni lafa irra jiraatan akkuma Addaamii fi Hewaan cubbuu raawwachuu isaanii dura turanitti mudaa kan hin qabne taʼu. Achiis cubbuu irraa walaba taʼuudhaan jireenya gammachiisaa jiraatu. Namoonni qorumsa Seexanni erga qilee keessaa gadhiifamee yeroo muraasaaf namoota qoru darban hundi bara baraaf jireenya akkasii jiraatu.—Mul 20:4-10.
(Mulʼata 20:14, 15 dubbisi.)
it-2-E 189-190
Haroo Ibiddaa
Jechi kun kitaaba Mulʼataa keessatti qofa kan argamu yeroo taʼu, akka fakkeenyaatti kan ibsame dha. Kitaabni Qulqulluun ibsaa fi hiikkaa jecha kanaa yommuu nutti himu akkana jedha: “Haroon ibiddaa kun duʼa isa lammaffaa argisiisa.”—Mul 20:14; 21:8.
Jechi haroo ibiddaa jedhu fakkeenyaan kan ibsame taʼuu isaa wanti caalaatti nuuf mirkaneessu immoo wantoota yaada naannoo kitaaba Mulʼataa keessatti caqasamani dha. Duuti, haroo ibiddaa kana keessatti akka darbatame caqasameera. (Mul 19:20; 20:14) Kana jechuun duuti kallattiidhumaan ni gubata jechuu akka hin taane ifa dha. Kana malees, Diyaabiloos inni qaama hafuuraa taʼe haroo kana keessatti darbatameera. Qaama hafuuraa waan qabuuf ibidda ijaan argamuun akka hin gubanne beekamaa dha.—Mul 20:10; Bau 3:2 fi Abo 13:20 wajjin wal bira qabii ilaali.
Haroon ibiddaa “duʼa isa lammaffaa” waan argisiisuu fi Mulʼanni 20:14 “Duutii fi Awwaalli” isa keessatti darbatamu waan jedhuuf, haroon kun duʼa sababa cubbuu Addaam irraa dhaalleen (Rom 5:12) dhufus taʼe, Haadis (Siiʼol) kan argisiisu akka hin taane ifa dha. Kanaaf, ‘haroon’ kun bifa duʼaa kan biraa, jechuunis kan deebiʼanii jiraachuun itti hin dandaʼamne fakkeenyaan kan argisiisu taʼuu qaba; Kitaabni Qulqulluun haroon kun akka Haadis (Siiʼol) warra duʼanii isa keessa jiran akka kenne wanti dubbatu tokko illee hin jiru. (Mul 20:13) Kanaafuu, namoonni “kitaaba jireenyaa” irratti hin galmeeffamnee fi warri oolaantummaa Waaqayyoo mormanii fi yaada garaa hin geddaranne haroo ibiddaa kanatti darbatamu, jechuunis bara baraaf balleeffamu ykn duʼa isa lammaffaa duʼu.—Mul 20:15.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Mulʼata 20:1-15 dubbisi.)