Deebii Yihowaan Namoota Garaadhaa Isa Kadhataniif Kennu
“Maqaan kee ‘Isa Jiraataa’ [“Yihowaa,” NW] akka ta’e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru ta’uu kees haa beekan!”—FAR. 83:18.
1, 2. Namoonni hedduun maqaa Yihowaa yeroo beekan maaltu isaanitti dhaga’ama? Gaaffiiwwan akkamii ka’uu danda’u?
WAGGOOTA muraasa dura, dubartiin tokko balaa naannoosheetti ga’een kan ka’e baay’ee dhiphattee turte. Maatii amantii Kaatolikii hordofu keessatti waan dhalatteef, gargaarsa argachuuf gara qeesii naannoosheetti argamu tokkoo kan dhaqxe yoo ta’eyyuu, inni garuu ishee wajjinillee dubbachuu hin barbaanne. Kanaan kan ka’es Waaqayyoon, “Eenyummaakee hin beeku . . . , akka jirtu garuu beeka. Maaloo akkan si beeku na gargaari!” jettee kadhatte. Yeroo muraasa booda, Dhugaa Baatonni Yihowaa ishee bira dhaqanii, jajjabinaafi beekumsa argachuu barbaaddu sana kennaniif. Waaqayyo maqaa Yihowaa jedhamu akka qabuufi wantoota hedduu ishee barsiisan. Dubartiin kun, kana beekuunshee gammachuu guddaa waan isheedhaaf argamsiiseef, “Waaqni kun, Waaqan ani ijoollummaadhaa kaasee beekuu barbaadaa turedha!” jette.
2 Namoonni hedduunis yommuu maqaa Waaqayyoo beekan akkasuma itti dhaga’ameera. Si’a baay’ee, yeroo jalqabaatiif maqaa Yihowaa kan argan yommuu Faarfannaa 83:18 dubbisanidha. Caqasni kun akka Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraatti, “Namoonni maqaan kee Yihowaa akka ta’e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru ta’uu kees haa beekan!” jedha. Haata’u malee, Faarfannaa 83ffaan maaliif akka barreeffame yaaddee beektaa? Namni hundi Waaqni dhugaa inni tokkichi Yihowaa qofa ta’uusaa amanee akka fudhatu wanti isa dirqisiisu maalidha? Yeroo ammaatti faarfannaan kun ergaa akkamii nuu dabarsa? Deebii gaaffiiwwan kanaa mataduree kana keessatti ilaalla.a
Daba Saba Yihowaarratti Akeekame
3, 4. Faarfannaa 83 kan qindeesse eenyu? Innoo sabni Israa’el haala sodaachisaa akkamii keessa akka ture ibse?
3 Ibsi Faarfannaa 83rratti argamu, faarfannaan kun “faarfannaa Asaaf” ta’uusaa dubbata. Faarfannaa kana kan qindeesse sanyii Asaaf isa gosa Lewwii ta’eefi yommuu Daawit Mootii turetti faarfataa beekamaa ture fakkaata. Faarfatichi, faarfannaa kana keessatti Yihowaan olaantummaasaa akka mirkaneessuufi maqaasaa akka beeksisu kadhateera. Faarfannaan kun kan qindeeffame, erga Solomoon du’ee yeroo muraasa booda ta’uu hin oolu. Kan akkas jennu maaliifi? Bara bulchiinsa Daawitiifi Solomoonitti, mootiin biyya Xiiroos biyya Israa’eliif michuu ture. Yommuu Faarfannaa 83ffaan qindeeffamu garuu, namoonni biyya Xiiroos, diinota Israa’el wajjin ta’uudhaan isheerratti ka’anii turan.
4 Faarfatichi, saboota diinaa saba Waaqayyoo balleessuuf irratti koratan kudhan caqasa. Diinonni kun naannoo Israa’elitti kan argaman yommuu ta’u, isaanis akka armaan gadiitti ibsamaniiru: “Godoowwan Edoom, warri Ishmaa’el, warri Mo’aabii fi Aggaar, warri Gebaalii fi Amoon, Amaaleqis, biyyi Filiisxiyaa, warra mandara Xiiroosii wajjin ka’an. Warri Asoris immoo . . . isaan sanatti dabalaman.” (Far. 83:6-8) Faarfatichi waa’ee seenaa isa kamii dubbachuusaa ture? Namoonni tokko tokko faarfatichi, Amoon, Mo’aabiifi jiraattonni Tulluu Se’iir wal ta’anii bara Yoshaafaaxitti namoota biyya Israa’el waraanuusaanii dubbata jedhu. (2 Sen. 20:1-26) Warri kaanimmoo, walumaa galatti seenaan kun saboonni naannoosheetti argaman Israa’elitti diina ta’uusaanii dubbata jedhu.
5. Kiristiyaanonni yeroo ammaatti argaman Faarfannaa 83rraa faayidaa akkamii argatu?
5 Haallisaa maaliyyuu yoo ta’e, Yihowaan yommuu sabasaarra balaan ga’uuf jedhutti, faarfannaan bifa kadhannaatiin qophaa’e kun akka barreeffamu gochuusaa hubachuu dandeenya. Faarfannaan kun, tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo ammaatti argamaniifi diinonnisaanii miidhaa isaanirraan geessisuudhaan isaan balleessuuf murteessanis kan jajjabeessudha. Kana malees, yeroo dhihootti Goog inni biyya Maagoog, namoota hafuuraafi dhugaadhaan Waaqayyoon waaqeffatan balleessuuf yommuu lola isa dhumaa kaasutti akka nu jajjabeessu beekamaadha.—Hisqi’el 38:2, 8, 9, 16 dubbisi.
Wanta Caalaatti Faarfaticha Yaaddesse
6, 7. (a) Faarfatichi, jalqaba Faarfannaa 83rratti waa’ee maalii kadhate? (b) Wanti hunda caalaa faarfaticha yaaddesse maal ture?
6 Yaada faarfatichi kadhannaadhaan ibse kana dhaggeeffadhu. Akkas jedheera: “Yaa Waaqayyo, gab hin jedhin, calluma hin jedhin, akkasumattis nu hin ilaalin, yaa Waaqayyo! Kunoo, diinonni kee dheekkamanii in wacu, warri si jibbanis mataa isaanii ol qabataniiru; Isaan saba kee irratti mala qopheessan, . . . Isaanoo yaada tokkoon waliif galan, si irratti ka’uufis waliif kakatan.”—Far. 83:1-3, 5.
7 Wanti faarfaticha yaaddesse inni guddaan maal ture? Faarfatichi waa’ee nageenyasaafi nageenya maatiisaa baay’ee yaadda’ee akka ture beekamaadha. Haata’u malee, wanti isa yaaddesse inni guddaan, arrabsoo maqaa Yihowaarratti dhufeefi doorsisa saba maqaa kanaan waamamurra ga’e akka ture kadhannaasaarraa hubachuun ni danda’ama. Nuyis guyyoota dhumaa biyya lafaa isa moofa’aa kana keessa yeroo jiraannu kanatti, ilaalcha sirrii akkasii haa qabaannu.—Maatewos 6:9, 10 dubbisi.
8. Saboonni Israa’elirratti kan koratan sababii maaliitiif ture?
8 Faarfatichi, diinonni Israa’el, “Deebi’anii saba akka hin taanetti, kottaa lafa irraa isaan in haxoofnaa! Maqaan Israa’el deebi’ee hin yaadatamin!” akka jedhan dubbateera. (Far. 83:4) Saboonni kun, saba Waaqayyoo warra filataman garmalee jibbu turan. Haata’u malee, sababii isaanirratti ka’aniif garabiraas qabu. Lafa Israa’el fudhachuu waan hawwaniif, “Kottaa, biyya Waaqayyo iddoo buufata isaa godhate, ofii keenyaaf in fudhannaa” jedhanii of tuulu turan. (Far. 83:12) Yeroo keenyattoo wanti kanaan wal fakkaatu raawwatamaa jiraa? Eeyyee!
“Iddoo Jireenya Kee Isa Qulqullaa’aa”
9, 10. (a) Bara duriitti iddoon jireenya Waaqayyoo inni qulqullaa’aan maal ture? (b) Yeroo ammaatti dibamtoonnis ta’an ‘hoolonni kan biraan’ eebbawwan akkamii argachaa jiru?
9 Bara duriitti, Biyyattiin Abdachiifamte iddoo jireenya Waaqayyoo isa Qulqulluu jedhamti turte. Faarfannaa Israa’eloonni erga biyya Gibxiitii ba’anii booda faarfatan yaadadhaa. “Ati warra isaan furte gaarummaa keetiin geggeessitee, aangoo keetiinis iddoo jireenya kee isa qulqullaa’aatti isaan geessite” jechuudhaan faarfatanii turan. (Bau. 15:13) ‘Iddoon jireenyasaa’ kun yeroo booda, mana qulqullummaafi tajaajila lubummaa, Yerusaalem ishee magaalaa guddoo, akkasumas mootota sanyii Daawit ta’aniifi teessoo Yihowaarra taa’an hunda kan dabalatu ture. (1 Sen. 29:23) Yesus, Yerusaalemiin “mandara mooticha guddichaa” jedhee waamuunsaa sirrii ture.—Mat. 5:35.
10 Iddoon kun, bara keenyattoo maal kan argisiisudha? Dh.K.B. bara 33tti, sabni haaraan “Israa’el Waaqayyoo” jedhamu dhalateera. (Gal. 6:16) Sabni kun, obboloota Yesus Kiristos warra hafuuraan dibamaniifi wanta sabni Israa’el hojjechuu dadhabe kan raawwatan, jechuunis maqaa Waaqayyootiif dhugaa ba’uu kan danda’anidha. (Isa. 43:10; 1 Phe. 2:9) Yihowaan, “Ani Waaqayyo isaanii nan ta’a, isaanis saba koo in ta’u” jechuudhaan Israa’eloota bara duriitiif akkuma waadaa gale, isaaniifis waadaa kana galeera. (2 Qor. 6:16; Lew. 26:12) Yihowaan bara 1919tti dibamtoota “Israa’el Waaqayyoo” keessaa lafarratti hafan, isaa wajjin walitti dhufeenya adda ta’e akka qabaatan gochuudhaan, ‘lafa’ jechuunis jannata hafuuraa sochiin hafuuraa itti godhamu akka dhaalan godheera. (Isa. 66:8) Bara 1930 jalqabee, ‘hoolonni kan biraan’ miliyoonaan lakkaa’aman isaan cina dhaabataniiru. (Yoh. 10:16) Gammachuufi badhaadhummaan hafuuraa Kiristiyaanonni yeroo ammaa jiran argatan, bulchiinsi Yihowaa sirrii akka ta’e argisiisa. (Faarfannaa 91:1, 2 dubbisi.) Kun Seexana akka aarsu beekamaadha.
11. Yeroo hundumaa kaayyoon diinota Waaqayyoo inni guddaan maalidha?
11 Erga guyyoonni dhumaa jalqabanii kaasee, Seexanni dibamtoota lafarratti argamanis ta’e hoolota kan biraa hiriyootasaanii ta’an mormuuf, warra fedhasaa raawwatanitti fayyadamaa tureera. Lixa Awurooppaatti warri Naazii, Baha Awurooppaattimmoo mootummaan Kooministii Tokkummaa Sooviyeet mormii akkasii geessisaniiru. Mormiin kun kanaan dura biyyoota hedduutti kan isaanirra ga’e si’a ta’u, keessumaa yommuu Goog inni biyya Maagoog yeroo dhumaatiif lola banus mormiin akkasii ni ka’a. Yommuu lolli kun ka’u, akkuma bara duriitti diinonni godhan, mormitoonni sassataan kaka’anii qabeenya saba Yihowaa saamu. Haata’u malee, yeroo hundumaa kaayyoon Seexanaa inni guddaan, guutummaatti lafarraa nu balleessuudhaan maqaan Waaqayyo nuu kenne akka irraanfatamu gochuudha. Yihowaan yommuu olaantummaasaarratti mormiin ka’u kanatti tarkaanfii akkamii fudhata? Wanta faarfatichi barreesse irra deebi’ii ilaali.
Fakkeenya Yihowaan Akka Injifatu Argisiisu
12-14. Faarfatichi waa’ee injifannoowwan magaalaa Megidoo biratti raawwataman kam lamaanii barreesse?
12 Yihowaan, akeeka saboota diinaa fashaleessuu akka danda’u, amantaa faarfatichi qabu ilaalaa. Israa’eloonni dachaa qarqara magaalaa Megidootti diinotasaanii al lama mo’uusaanii dubbateera. Magidoon, magaalaa dirree maqaa kanaan waamamurratti argamtu turte. Yeroo bonaatti iddoon Lagni Kiishon irra yaa’aa ture kan gogu yommuu ta’u, yeroo gannaattimmoo lagichi guutee dirreerra dhangala’a ture. Tarii “bishaan Megidoo” jedhamees kan waamame sababii kanaan ta’uu danda’a.—Abo. 4:13; 5:19.
13 Tulluun Moriiyaa, fuullee dachaa sanaatiin naannoo k.m. 15rratti argama. Bakki kun, bara Giidewon abbaa firdii turetti loltoonni warra Miidiyaan, Amaaleqiifi warri gara ba’a-biiftuu waliin ta’uudhaan Israa’elootarratti lola banuuf itti walitti qabaman ture. (Abo. 7:1, 12) Loltoonni Giidewon muraasni jechuunis namoonni 300, gargaarsa Yihowaatiin waraana diinaa loltoota hedduu qabu kana mo’aniiru. Akkamitti? Qajeelfama Waaqayyoo hordofuudhaan, huuroo gucni keessa dhokfame qabatanii halkaniin bakka diinni qubate marsan. Giidewon yommuu milikkita isaanii kennu, namoonnisaa huuroosaanii waan caccabsaniif gucni sun ifatti mul’ate. Achiis fiingee afuufanii, “Lolli kan Waaqayyoo ti! Lolli kan Giidewon!” jedhanii iyyan. Yeroo kanatti loltoonni diinaa burjaaja’anii wal ajjeesuutti ka’an; warri oolanis Laga Yordaanos gamatti baqatan. Achiis, Israa’eloonni hedduun diinotasaanii ari’uutti ka’an. Walumaa galatti loltoonni diinaa 120,000 ta’an ajjeefamaniiru.—Abo. 7:19-25; 8:10.
14 Tulluun Taabor, tulluu Moriiyaa duubaan, fuullee dachaa Megidoorraa gara k.m. 6rratti argama. Abbaa firdii kan ture Baaraaq, loltoota Israa’el 10,000 qabatee bakka kanatti loltoota Yaabiin waraanuu dhaqe. Mootiin Hazor Yaabiin nama Kana’aan yommuu ta’u, waraannisaas Sisaaraadhaan geggeeffama ture. Waraanni Kan’aan, konkolaattota fardaan harkifamaniifi gommaasaaniirratti billaa dhedheeraan hidhame 900 qabu turan. Loltoonni Israa’el meeshaa waraanaa salphaa ta’e hidhatanii Tulluu Taaborirratti yommuu wal ga’an, loltoonni Siiseraa gara dachaa sanaatti nam’an. Achiis, Yihowaan “Siiseraa, konkolaataa isaa fi loltoota isaa hundumaa gara kamitti akka goran isaan in wallaalchise.” Bokkaa cimaan battala sanatti roobee Lagni Kiishon waan guuteef, konkolaattonni diinaa dhoqqeedhaan kan liqimfaman fakkaata. Israa’eloonni loltoota sana guutummaatti ajjeesan.—Abo. 4:13-16; 5:19-21.
15. (a) Faarfatichi Yihowaan maal akka godhu kadhate? (b) Maqaan waraana Waaqayyoo isa dhumaa maal nu yaadachiisa?
15 Faarfatichi barasaattis Yihowaan saboota diina Israa’el ta’aniifi jireenyasaaniitiif sodaachisanirratti tarkaanfii wal fakkaatu akka fudhatu kadhateera. “Warra Miidiyaan akkuma goote, laga Kiishonitti Siisaaraa fi Yaabiinin akkuma goote, isaan kanas akkasuma godhi! Isaan kun mandara Endooritti balleeffamanii, reeffi isaaniis tortoree lafaaf xaa’oo ta’e” jedhe. (Far. 83:9, 10) Lolli Waaqayyo diinotasaa wajjin dhumarratti godhu, Harmaagedoon (“Tulluu Megidoo” jechuudha) ykn Armaagedoon jedhamuunsaa hiika guddaa qaba. Maqaan kun lolawwan gurguddaa Megidoo biratti godhaman nu yaadachiisa. Injifannoon Yihowaan waraana bara durii sanarratti argate, waraana Armaagedoonittis injifannoo akka gonfatu nuu mirkaneessa.—Mul. 16:13-16.
Olaantummaan Yihowaa Akka Mirkanaa’u Kadhachuu
16. Yeroo ammaatti mormitoonni ‘lafa kan ilaalan’ akkamitti?
16 Guyyoota dhumaa kanatti, Yihowaan carraaqqii sabasaa balleessuuf godhame hunda busheesseera. (2 Xim. 3:1) Kanaan kan ka’es, mormitoonni qaana’aniiru. Faarfannaan 83:16, “Hamma isaan maqaa kee waammachuu bira ga’anitti, lafa isaan ilaalchisi, yaa Waaqayyo!” jechuunsaa kana kan argisiisudha. Biyyoota hedduutti, carraaqqiin diinonni saba Yihowaa cal jechisiisuuf godhan utuu hin milkaa’in hafeera. Biyyoottan kanatti jabinniifi ciminni waaqeffattoonni Waaqa dhugaa argisiisan, namoota garaa qajeelaa qabaniif dhugaa kan ba’e ta’uusaarrayyuu, namoonni hedduun ‘maqaa Yihowaa akka waammatan’ godheera. Biyyoottan hedduu Dhugaa Baatota Yihowaarra ari’atamni cimaan ga’ee turetti, namoonni kuma kudhaniin, kanarra darbees kuma dhibbaan lakkaa’aman yeroo ammaatti gammachuudhaan Yihowaa jajachaa jiru. Kun, Yihowaadhaaf injifannoo, diinotasaatiifimmoo qaanii mitii?—Ermiyaas 1:19 dubbisi.
17. Gara fuulduraatti ilmaan namootaa carraa isa kam dhabu? Yeroo dhihootti faarfannaa isa kam yaadanna?
17 Waraanni kun ammayyuu akka hin dhaabanne beekna. Misiraachoo kanammoo namoota nu mormaniifillee lallabuu keenya itti fufna. (Mat. 24:14, 21) Haata’u malee, carraan mormitoonni qalbii geddaratanii fayyina akka argatan isaanii baname, yeroo dhihoo booda hin argamu. Maqaan Yihowaa qulqulluu ta’ee eegamuunsaa, fayyina namootaa caalaa barbaachisaadha. (Hisqi’el 38:23 dubbisi.) Yommuu saboonni hundi tokkummaadhaan saba Waaqayyoo balleessuuf carraaqqii godhan, faarfatichi, “Haa yeellaasifaman, bara baraan lafa lixan haa dhaban! Qaana’aniis haa balleeffaman!” jedhee faarfachuusaa ni yaadanna.—Far. 83:17.
18, 19. (a) Namoota olaantummaa Yihowaa mormuuf kutatanii ka’an maaltu eeggata? (b) Yeroon Yihowaan olaantummaasaa itti mirkaneessu dhihaachuunsaa maal akka gootu si kakaasa?
18 Namoonni olaantummaa Yihowaa mormuuf murteessan, yeroon itti qaana’an ni dhufa. Dubbiin Waaqayyoo, ‘warri wangeela gooftaa keenyaaf abboomamuu’ didanii Armaagedoonitti adabaman, ‘badiisni barabaraa’ akka isaanirra ga’u dubbata. (2 Tas. 1:7-9) Namoonni kun baduunsaaniifi warri dhugaadhaan Yihowaa waaqeffatanimmoo badiisarraa ooluunsaanii, Yihowaa qofti Waaqa dhugaa ta’uusaa mirkaneessa. Addunyaa haaraa keessatti, injifannoo guddaan kun hin irraanfatamu. ‘Qajeelonniifi jal’oonni du’aa ka’an’ gocha Yihowaa isa guddaa ni baratu. (HoE. 24:15) Addunyaa haaraa keessatti olaantummaa Yihowaa kabajanii jiraachuun faayidaa kan qabu ta’uusaatiif ragaa quubsaa argatu. Isaan keessaa namoonni garaa qulqulluu qaban, Yihowaan Waaqa dhugaa isa tokkicha ta’uusaa dafanii hubatu.
19 Abdii gammachiisaan Abbaan keenya inni jaalala qabeessa ta’eefi samiirra jiraatu waaqeffattootasaa warra amanamoo ta’aniif qopheesse baay’ee dinqisiisaa mitii? Faarfatichi, “Haa yeellaasifaman, bara baraan lafa lixan haa dhaban! Qaana’aniis haa balleeffaman! Maqaan kee ‘Isa Jiraataa’ [“Yihowaa,” NW] akka ta’e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru ta’uu kees haa beekan!” jedheera. Atoo kadhannaan faarfatichi dhiheesse yeroo dhihootti deebii isa dhumaa akka argatu kadhachuuf hin kakaanee?—Far. 83:17, 18.
[Miiljalee]
a Mataduree kana qayyabachuukee dura, Faarfannaa 83ffaa dubbisuunkee, yaadasaa akka gaariitti beekuuf si gargaara.
Ibsuu Ni Dandeessaa?
• Yommuu Faarfannaa 83ffaan barreeffame, Israa’eloonni haala akkamii keessa turan?
• Nama Faarfannaa 83ffaa barreesse caalaatti kan yaaddesse maalidha?
• Yeroo ammaatti Seexanni akka diinaatti kan ilaalu eenyuuni?
• Yihowaan kadhannaa Faarfannaa 83:18rratti ibsameef deebii isa dhumaa kan kennu akkamitti?
[Kaartaa/Fakkii fuula 15rra jiru]
(For fully formatted text, see publication)
Laga Kiishon
Haroshet
Tulluu Qarmelos
Dachaa Yizre’el
Megidoo
Ta’anaa
Tulluu Giilbo’aa
Burqaa Haarod
Tulluu Mooree
Endoor
Tulluu Taabor
Galaana Galiilaa
Laga Yordaanos
[Fakkii fuula 12rra jiru]
Kadhannaa garaadhaa madde akka qindeessu wanti faarfataa tokko kakaase maalidha?
[Fakkii fuula 12rra jiru]
Waraanni naannoo Megidootti godhame, wanta gara fuulduraatti nu eeguu wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?