-
Waaqayyo Duratti Qulqulluu Taʼuu kan Dandeenyu Akkamitti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
2. Qulqulluu taʼuuf barsiifatawwan akkamii irraa fagaachuu qabna?
Kitaabni Qulqulluun, ‘wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa akka of qulqulleessinu’ nu gorsa. (2 Qorontos 7:1) Kanaafuu wanta qaama keenya ykn sammuu keenya miidhu kam irraa iyyuu fagaachuuf carraaqqii goona. Wanti yaannu Yihowaa kan gammachiisu taʼuu qaba; yaadawwan sirrii hin taane irraa fagaachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda kan goonus kanaafi. (Faarfannaa 104:34) Dubbiin keenyas qulqulluu akka taʼu gochuuf ni carraaqna.—Qolosaayis 3:8 dubbisi.
Wanti karaa qaamaa ykn karaa naamusaa nu xureessuu dandaʼu kan biraan hoo maali dha? Wantoonni tokko tokko qaama keenya miidhuu dandaʼu. Kanaafuu tamboo xuuxuu, jimaa qamaʼuu fi bashannanaaf jecha qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu irraa of qusachuu qabna. Wantoota kana irraa fagaachuudhaan fayya buleeyyii taʼuu fi jireenya isa kennaa taʼeef kabaja akka qabnu argisiisna. Barsiifatawwan xuraaʼoo kan akka maastarbeeshiniia fi poornoogiraafiib ilaaluu irraa fagaachuudhaanis karaa naamusaa qulqulluu taanee jiraachuuf carraaqqii goona. (Faarfannaa 119:37; Efesoon 5:5) Barsiifatawwan kana mooʼuun ulfaataa taʼus gargaarsa Yihowaatiin mooʼuu ni dandeenya.—Isaayyaas 41:13 dubbisi.
-
-
Waaqayyo Duratti Qulqulluu Taʼuu kan Dandeenyu Akkamitti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
5. Yaadawwanii fi gochawwan xuraaʼoo taʼan irraa fagaadhu
Qolosaayis 3:5 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Poornoogiraafiin, seeksitiingiid fi maastarbeeshiniin Yihowaa duratti gochawwan xuraaʼoo taʼuu isaanii akkamitti beekna?
Yihowaan gama naamusaatiin qulqulluu akka taanu nu irraa eeguun isaa sirrii sitti fakkaataa? Maaliif?
Yaadawwan xuraaʼoo taʼan irraa fagaachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe hubadhu. VIIDIYICHA taphachiisaa.
Yesuus fakkeenya karaa naamusaa qulqulluu taanee jiraachuuf tarkaanfii cimaa fudhachuu akka qabnu ibsu dubbateera. Maatewos 5:29, 30 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
As irratti Yesuus qaama keenya akka miinu utuu hin taʼin, tarkaanfii fudhachuu akka qabnu dubbachaa jira. Namni tokko yaadawwan xuraaʼoo taʼan irraa fagaachuuf tarkaanfii cimaa akkamii fudhachuu dandaʼa?e
Yaadawwan xuraaʼoo taʼan sammuu kee keessaa baasuuf qabsoo gochaa jirta yoo taʼe Yihowaan carraaqqii gootuuf iddoo guddaa kenna. Faarfannaa 103:13, 14 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Barsiifata xuraaʼaa tokkoo wajjin waldhaansoo gochaa jirta yoo taʼe caqasni kun qabsoo gochuu kee akka itti fuftu kan si jajjabeessu akkamitti?
Abdii hin kutatin!
Tarii ‘Naaf hin milkoofne, kanaafuu dhiisuu naa wayya’ jettee yaadda taʼa. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu: Atileetiin fiigicha maaraatoonii irratti hirmaatu tokko gufatee waan kufeef qofa dorgommicha irratti mooʼameera jechuu miti ykn duubatti deebiʼee akka haaraatti dorgommicha jalqabuu qaba jechuu miti. Haaluma wal fakkaatuun, barsiifanni tokko yoo sitti deebiʼe qabsoo barsiifata sanaa wajjin gootu irratti mooʼamteetta jechuu miti. Carraaqqiin hanga ammaatti gootes gatii hin qabu jechuu miti. Qabsoo barsiifata gadhee injifachuuf goonu irratti yeroo tokko tokko mooʼamuun waanuma jiru dha. Kanaafuu abdii hin kutatin! Gargaarsa Yihowaatiin barsiifata gadhee kana injifachuu dandeessa.
-