BARUMSA 14
Waaqeffannaan Keenya Waaqayyoon Akka Gammachiisu Gochuu kan Dandeenyu Akkamitti?
Akkuma barumsa darbe irratti mariʼanne, Waaqayyoon kan gammachiisu amantaa hunda miti. Haa taʼu malee, karaa isa gammachiisuun Uumaa keenya waaqeffachuu dandeenya. “Waaqeffannaan” isa gammachiisu kan akkamii ti? (Yaaqoob 1:27) Wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu haa ilaallu.
1. Waaqeffannaan keenya maal irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba?
Waaqeffannaan keenya Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Yesuus, Waaqayyoodhaan, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera. (Yohaannis 17:17) Amantaawwan tokko tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluu isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame keessa jiruuf dantaa hin qaban. Dhugaa kana barumsawwanii fi aadaa namootaatiin bakka buusaniiru. Yihowaan garuu namoota ‘ajaja Waaqayyoo dhiisanitti’ ykn tuffatanitti hin gammadu. (Maarqos 7:9 dubbisi.) Faallaa kanaatiin garuu, waaqeffannaan keenya Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe akka taʼu yommuu goonuu fi gorsa isaa yommuu hordofnu isa gammachiisna.
2. Yihowaa waaqeffachuu kan qabnu akkamitti?
Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef isa qofa waaqeffachuu qabna. (Mulʼata 4:11) Kana jechuun, isa jaallachuu fi fakkii tokko illee utuu hin fayyadamin isa qofa waaqeffachuu qabna jechuu dha.—Isaayyaas 42:8 dubbisi.
Waaqeffannaan keenya Yihowaa duratti “qulqulluu fi . . . fudhatama” kan qabu taʼuu qaba. (Roomaa 12:1) Kana jechuun, ulaagaalee naamusaa inni baasee wajjin haala wal simuun jiraachuu nu barbaachisa jechuu dha. Fakkeenyaaf, namoonni Yihowaa jaallatan, ulaagaalee inni gaaʼelaaf baase ni dinqisiifatu, akkasumas hojii irra oolchu. Kana malees, gochawwan nama miidhan, kan akka tamboo xuuxuu, jimaa qamaʼuu, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu ykn dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu irraa of qusatu.a
3. Obboloota keenyaa wajjin Yihowaa waaqeffachuu kan qabnu maaliifi?
Walgaʼiiwwan torban torbaniin goonu ‘gumii keessatti Yihowaa jajachuuf’ carraa nuuf kennu. (Faarfannaa 111:1, 2) Karaawwan kana itti goonu keessaa inni tokko, faarfannaadhaan Waaqayyoon jajachuu dha. (Faarfannaa 104:33 dubbisi.) Yihowaan walgaʼiiwwan irratti akka argamnu kan nu gaafatu, waan nu jaallatuu fi bara baraan gammachuudhaan jiraachuuf akka nu gargaaran waan beekuufi. Walgaʼiiwwan irratti yommuu argamnu warra kaan ni jajjabeessina, isaanis nu jajjabeessu.
CAALAATTI BARADHU
Yihowaan waaqeffannaadhaaf fakkiiwwanitti fayyadamuu kan hin heyyamne maaliif akka taʼe qoradhu. Karaawwan guguddaa Waaqayyoon jajachuu itti dandeenyu baradhu.
4. Waaqeffannaa keenya irratti fakkiiwwanitti fayyadamuu hin qabnu
Akkas gochuun Waaqayyoon akka gaddisiisu akkamitti beekna? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Bara duriitti saba Waaqayyoo keessaa namoonni tokko tokko waaqa tolfamaatti fayyadamanii isa waaqeffachuuf yommuu yaalanitti maaltu taʼe?
Namoonni tokko tokko waaqeffannaa isaanii keessatti fakkiiwwanitti fayyadamuudhaan caalaatti Waaqayyootti dhihaachuuf yaalii godhaniiru. Akkas gochuun isaanii garuu caalaatti Waaqayyo irraa isaan fageesseera. Baʼuu 20:4-6 fi Faarfannaa 106:35, 36 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Namoonni tokko tokko waaqeffannaa isaanii keessatti bocawwan ykn fakkiiwwan akkamiitti yommuu fayyadaman argiteetta?
Fakkiiwwanitti fayyadamuu ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama?
Waaqeffannaa keenya irratti fakkiiwwanitti fayyadamuun fudhatama kan qabu sitti fakkaataa? Akkas jettee kan deebiste maaliifi?
5. Yihowaa qofa waaqeffachuun yaadawwan Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessan irraa bilisa nu baasa
Karaa fudhatama qabuun Yihowaa waaqeffachuun yaadawwan Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessan irraa bilisa nu baasuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa.
Faarfannaa 91:14 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Yihowaan isa qofa waaqeffachuudhaan akka isa jaallannu yoo argisiisne maal nuu gochuuf waadaa galeera?
6. Walgaʼiiwwan gumii irratti Waaqayyoon waaqeffanna
Walgaʼiiwwan gumii irratti faarfachuu fi yaada kennuudhaan, Yihowaa jajachuu fi wal jajjabeessuu dandeenya. Faarfannaa 22:22 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yaadawwan walgaʼiiwwan irratti kennaman dhaggeeffachuun si gammachiisaa?
Atoo yaada kennuuf qophaaʼuu barbaaddaa?
7. Yihowaan wanta baranne namoota kaanitti yommuu himnu ni gammada
Hundi keenya dhugaa Kitaaba Qulqulluu namoota kaanitti himuuf carraa hedduu qabna. Faarfannaa 9:1 fi 34:1 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Wanti Kitaaba Qulqulluu irraa barattee fi nama tokkotti himuu barbaaddu maali dha?
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Waaqayyoon gammachiisuun matumaa hin dandaʼamu.”
Atoo maal sitti fakkaata?
MAAL BARATTE?
Isa qofa yommuu waaqeffannu, walgaʼiiwwan gumii irratti yommuu isa jajannuu fi wanta baranne namoota kaanitti yommuu himnu Uumaa keenya ni gammachiisna.
Irra Deebii
Waaqeffannaan keenya maal irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba? Maaliif?
Yihowaa qofa waaqeffachuu kan qabnu maaliifi?
Namoota Waaqayyoon gammachiisuu barbaadanii wajjin waaqeffachuu kan qabnu maaliifi?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Seenaa “Kana Booda Waaqolii Tolfamoodhaaf hin Garboomu” jedhu irraa dubartiin takka waaqa tolfamaa waaqeffachuu irraa bilisa kan baate akkamitti akka taʼe dubbisi.
“Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti baʼe)
Wanta walgaʼii gumii irratti yaada kennuuf si gargaaru baradhu.
“Gumii Keessatti Yihowaa Jajadhaa” (Masaraa Eegumsaa, Amajjii 2019)
Dargaggeessi tokko walgaʼiiwwan gumii irratti argamuun isaaf salphaa kan hin turre taʼus, walgaʼiiwwan gumii irraa kan fayyadame akkamitti akka taʼe ilaali.
Namoonni hedduun fannoon Kiristiyaanummaa argisiisa jedhu. Garuu Waaqeffannaa keenya irratti itti fayyadamuu qabnaa?
a Waaʼee dhimmoota kanaa barumsawwan gara fuulduraatti ilaallu irratti mariʼanna.