Jabina Iyoobirraa Baradhaa
“Iyoob attam akka obse [jabaate, NW] dhageessaniittu; wanta gooftaan ittiin raawwates argitaniittu. Kunis gooftichi gara-laafessa, oo’a-qabeessas ta’uu isaa in argisiisa.” —YAAQOOB 5:11.
1, 2. Haati manaafi abbaan manaa Poolaanditti argaman tokko rakkina akkamii dabarsaniiru?
OBBOLEESSI Haaraalt Apt jedhamu tokko, yeroo loltoonni Hiitlar magaalaa Daanziig (yeroo ammaatti Gidaansik) jedhamtuufi kaaba Poolaanditti argamtu weeraran, Dhugaa Baatuu Yihowaa erga ta’ee waggaa lama hin guunne ture. Haalli yeroo sanaa Kiristiyaanota dhugaatiif baay’ee rakkisaa ture. Poolisoonni Hiitlar, Haaraalt amantaasaa akka ganu gochuuf yaalaniyyuu kana utuu hin godhin hafeera. Torban muraasaaf mana hidhaa erga turee booda, mana hidhaa guddaa Zaaksanhaawusan jedhamutti geeffamuudhaan yeroo baay’ee doorsifameera; reebameeras. Abbaan taayitaa tokko, bakka reeffi namootaa itti gubamu isatti argisiisuudhaan, “Guyyaa 14 gidduutti amantaakee dhiisuu baannaan, ibidda sana keessa buufamtee erga duutee booda Yihowaakee bira dhaqxa” jedheenii ture.
2 Yeroo Haaraald hidhame haatimanaasaa Eelsaan mucaasaanii ishee ji’a kudhanii hoosifti turte. Haata’u malee poolisoonni Hiitlar ishees hin dhiisne. Utuu baay’ee hin turin mana hidhaa Oshwitisitti argamuufi namoonni itti ajjeefamanitti ergamtee turte. Haata’u malee isheenis akkuma Haaraalt du’arraa ooltee waggoota dheeraadhaaf jiraachuu dandeesseetti. Rakkina isaanirra ga’eefi akkamitti jabaatanii akka dhaabatan caalaatti beekuu yoo barbaadde, Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 1980 dubbisuu dandeessa. Haaraalt akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyotti amanuukootiin waggaa 14 mana hidhaatti dabarseera. Yeroo baay’ee gaaffiin, ‘Haati manaakee jabaattee akka dhaabattu si gargaarteettii?’ jedhu naa dhihaateera. Deebiin koo eeyyee na gargaarteetti kan jedhudha. Jalqabumayyuu, amantaashee akka hin dhiisne beekan ture. Kana beekuunkoommoo na jajjabeessee ture. Amantaakoo ganee gadhiifamuukoo ilaaluushee mannaa, yeroo reeffakoo baasan ilaaluu akka filattu beekan ture. . . . Elsaan yeroo mana hidhaa Jarman turtetti rakkina baay’ee dabarsiteetti.”
3, 4. (a) Jabaatanii dhaabachuu ilaalchisee fakkeenya eenyuutu Kiristiyaanota jajjabeessuu danda’a? (b) Macaafni Qulqulluun muuxannoo Iyoob akka qorannu kan nu jajjabeessu maaliifi?
3 Muuxannoo Dhugaa Baatota Yihowaa hedduurraa hubachuun akka danda’amutti, rakkina keessa darbuun salphaa miti. Kanarraa ka’uudhaan Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanota hundaatiif gorsa akkas jedhu kenna: “Waa’ee waan hamaa isa namatti dhufu baachuu fi waa’ee obsaan danda’uu [jabaatanii dhaabachuu, NW] immoo obboloota ko, fakkeenya raajota warra maqaa gooftaatiin dubbatanii fudhadhaa!” (Yaaqoob 5:10) Tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun waggoota dheeraadhaaf sababii malee ari’atamaniiru. Fakkeenyi “dhuga-baatota akka duumessaa” ta’anii, dorgommii isa nu dura jiru jabaannee fiiguu keenya akka itti fufnu nu jajjabeessa.—Ibroota 11:32-38; 12:1.
4 Macaafni Qulqulluun, Iyoob jabinaaf fakkeenya gaarii akka ta’u dubbata. Yaaqoob akkas jechuudhaan barreesseera: “Warra obsa-qabeeyyii turan sana, nuyi akka warra gammachuu qabaniitti isaan in ilaalla. Iyoob attam akka obse dhageessaniittu; wanta gooftaan ittiin raawwates argitaniittu. Kunis gooftichi gara-laafessa, oo’a-qabeessas ta’uu isaa in argisiisa.” (Yaaqoob 5:11) Namoonni amanamoo ta’aniifi eebba Yihowaa argatan, gara fuulduraatti badhaasa akkamii akka argatan muuxannoo Iyoobirraa ilaaluun ni danda’ama. Kana caalaattis, gorsa yeroo rakkinaatti nu gargaaru qabateera. Yeroo rakkinni nurra ga’u, gaaffii olaantummaa Waaqayyoorratti ka’e hubachuuf yaalii gochuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Amalaafi ilaalcha akkamii qabaachuutu jabaannee dhaabachuuf nu gargaara? Kiristiyaanota rakkinarra jiran jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti? Macaafni Iyoob gaaffiiwwan kanaaf deebii akka argannu nu gargaara.
Gaaffii Seexanni Kaase Guutummaatti Hubachuu
5. Yeroo rakkinniifi qorumsi nurra ga’u, gaaffii guddaa isa kam yaadachuu qabna?
5 Yeroo rakkinni nurra ga’u Waaqeffannaa Yihowaatiif ilaalcha sirrii qabaachuu yoo barbaanne, gaaffii Seexanni kaase guutummaatti hubachuu qabna. Kun ta’uu baannaan garuu, rakkinni dhuunfaadhaan nurra ga’u ilaalcha hafuuraa keenya nu jalaa dukkaneessuu danda’a. Waaqayyoof amanamoo ta’uun keenya baay’ee barbaachisaadha. Abbaan keenya inni samii akkas jechuudhaan wanta hundi keenya xiyyeeffannaa kennuufii qabnu dubbateera: “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan danda’utti, ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!” (Fakkeenya 27:11) Garaa Yihowaa ciibsuu danda’uun mirga guddaa mitii? Dadhabbii kan qabnuufi gonkummaa kan hin qabne taanuyyuu, Uumaa keenya garaa ciibsuu dandeenya. Jaalala Yihowaadhaaf qabnuun kakaanee rakkinaafi qorumsa nurra ga’u yeroo moonu garaasaa ciibsina. Jaalalli Kiristiyaanota dhugaa waan hundumaa ni obsa. Jaalalli akkasii yoomiyyuu hin badu.—1 Qorontos 13:7, 8.
6. Seexanni Yihowaa kan arrabsu akkamitti? Arrabsoonsaa kunoo maal kan jedhu ture?
6 Macaafni Iyoob Seexanni Yihowaa akka arrabsu dubbata. Macaafni kun, diina Waaqayyoo kan ta’e uumamni hamaan kun, walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnu balleessuu akka barbaadus ni ibsa. Seenaa Iyoobirraa ilaaluun akka danda’amutti, Seexanni tajaajiltoonni Yihowaa hundi ofittummaadhaan kaka’anii isa tajaajilu jedhee himata dhiheessa; akkasumas jaalalli Waaqayyoof qaban qabbanaa’uu akka danda’u mirkaneessuu barbaada. Seexanni waggoota hedduudhaaf arrabsoo kanatti fayyadameera. Yeroo inni samiirraa ari’ame, sagaleen tokko waaqarraa Seexanni ‘hadheessituu obboloota keenyaa’ akka ta’eefi “halkaniifi guyyaa Waaqayyo keenya duratti” akka isaan hadheessu dubbateera. (Mul’ata 12:10) Hamma dhumaatti jabaannee dhaabachuudhaan himanni Seexanaa soba ta’uusaa argisiisuu dandeenya.
7. Dadhabbii dhukkubaafi dullumaan nurra ga’u mo’uu kan dandeenyu akkamitti?
7 Seexanni rakkina nurra ga’utti fayyadamee Yihowaarraa nu fageessuu akka barbaadu yaadachuu qabna. Seexanni Yesusiin kan qore yoomi? Yesus guyyoota hedduudhaaf soomee erga beela’ee booda ture. (Luqaas 4:1-3) Haata’u malee, Yesus karaa hafuuraa jabina qabaachuunsaa qorumsa Seexanaa mo’uuf isa gargaareera. Nutis jabina karaa hafuuraa qabnuun fayyadamnee dadhabbii dhukkubaan ykn dullumaan nutti dhufe mo’uun keenya barbaachisaa mitii? “Namummaan keenya inni bakkeetti mul’atu gad dhumaa yoo adeeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa har’aa bor haara’aa” waan deemuuf matumaa abdii hin kutannu.—2 Qorontos 4:16.
8. (a) Ilaalcha dogoggora ta’e qabaachuun miidhaa kan fidu akkamitti? (b) Yesus ilaalcha akkamii qaba ture?
8 Kana malees, yaanni dogoggora ta’e jireenya hafuuraa keenya balleessuu danda’a. Namni tokko: ‘Yihowaan wanti kun akka narra ga’u maaliif heyyame?’ jedhee gaafachuu danda’a. Namni kaanimmoo wanti sirrii hin taane erga isarratti raawwatamee booda, ‘Obboleessi tokko akkamitti kana narratti raawwata?’ jedhee gaafachuu danda’a. Yaanni akkasii, guutummaatti dhimma ofiikeenyaarratti xiyyeeffachuudhaan gaaffii guddaa olaantummaa Yihowaafi amanamummaa namootaarratti ka’e akka dagannu nu gochuu danda’a. Akkuma dhukkubni qaama Iyoob hube, jechi hiriyoonnisaa karaa dogoggora ta’een isa jajjabeessuuf dubbatanis miirasaa miidheera. (Iyoob 16:20; 19:2) Haaluma wal fakkaatuun, Phaawulos yeroo dheeraadhaaf aaruun ‘Seexanaaf karaa’ ykn carraa kennuu akka ta’e ibseera. (Efesoon 4:26, 27) Kiristiyaanonni abdii kutachuu, aariisaanii warra kaanirratti ibsuu ykn haala sirrii hin taane tokkorratti xiyyeeffachuu mannaa akkuma Yesus godhe, Waaqayyo “isa firdii qajeelaa faradutti” kennatu. (1 Phexros 2:21-23) ‘Yaada Yesus’ qabaachuun keenya dhiibbaa Seexanaa mo’uuf nu gargaara.—1 Phexros 4:1.
9. Waaqayyo wanta ba’aa nutti ta’eefi qorumsa nurra ga’u mo’uuf akka nu gargaaru waadaa akkamii nuu galeera?
9 Kana malees, rakkinni kan nurra ga’e Waaqayyoon waan gaddisiisneef akka ta’e nutti dhaga’amuu hin qabu. Iyoob yaada dogoggoraa akkasii qabaachuunsaa, wanti hiriyoonnisaa warri sobaan isa jajjabeessan dubbatan akka isa gaddisiisu godheera. (Iyoob 19:21, 22) Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan nuu mirkaneessa: “Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda’u, ofii isaatiis nama tokko illee hamaadhaaf hin qoru.” (Yaaqoob 1:13) Kanaa mannaa, Yihowaan wanta ba’aa nutti ta’e akkamiiyyuu akka nuu baatuufi qorumsa nurra ga’urraa karaa itti keessaa baanu akka nuu qopheessu waadaa galeera. (Faarfannaa 55:22; 1 Qorontos 10:13) Yeroo rakkinaatti Waaqayyotti dhihaachuudhaan, ilaalcha sirrii qabaachuufi Seexanaan mormuu dandeenya.—Yaaqoob 4:7, 8.
Wantoota Jabaachuuf Nu Gargaaran
10, 11. (a) Iyoob jabaatee akka dhaabatu kan isa gargaare maalidha? (b) Iyoob yaada garaa isa hin ceephaane qabaachuunsaa kan isa gargaare akkamitti?
10 Iyoob rakkinni isarra ga’uyyuu, hiriyoonnisaa jecha sobaatiin isa jajjabeessuuf yaalii gochuunsaanii yoo isa gaddisiiseefi rakkinni maaliif akka isarra ga’e sirriitti hubachuu baatuyyuu amanamummaasaa eegeera. Jabinasaarraa maal baranna? Iyoob rakkina isarra ga’e kana mo’uu kan danda’e, Yihowaadhaaf amanamaa waan ta’eef akka ture homaa hin shakkisiisu. ‘Iyoob nama Waaqayyoon sodaatuufi nama hamaarraa gore ture.’ (Iyoob 1:1) Akkaataan jireenyasaas kana kan mul’isu ture. Battaluma tokkotti rakkinni kun hundi maaliif akka isarra ga’e galuufii baatuyyuu, Yihowaarraa fagaachuu mannaa, yeroo gaariittis ta’e yeroo rakkinaatti Waaqayyoon tajaajiluu akka qabu ni amana ture.—Iyoob 1:21; 2:10.
11 Iyoob yaada garaa isa hin ceephaane qabaachuunsaa isa jajjabeesseera. Hamma danda’e warra kaan akka gargaare, seera bu’uuraa Waaqayyo qajeelummaadhaaf baasetti maxxanee akka jiraateefi waaqeffannaa sobaarraa akka fagaate beekuunsaa, akka du’uuf ka’e yeroo isatti dhaga’amettillee isa jajjabeesseera.—Iyoob 31:4-11.
12. Iyoob ilaalchasaarratti sirreeffama akkamii godhe? Maaliif?
12 Karaa tokko tokkoon Iyoob ilaalchasaa sirreessuun akka isa barbaachisu beekamaadha. Gargaarsa isaaf godhame kana gad of qabuudhaan kan fudhate yeroo ta’u, kunis jabaatee akka dhaabatu isa gargaareera. Iyoob gorsa gaarii Eliihuun isaaf kenne xiyyeeffannaadhaan erga dhaggeeffatee booda, sirreeffama Yihowaan isaaf kenne fudhateera. Dogoggorasaas akkas jechuudhaan amaneera: “Ani waanan hin hubatin dubbadheera, dubbichi anaaf baay’ee dinqisiisaa waan ta’eefis, ani isa hin beekne. Kanaafis ani of tuffadhee, awwaaraa fi daaraa keessa taa’ee, yaada garaa koo nan geddaradha.” (Iyoob 42:3, 6) Iyoob dhibee fayyaatiin yoo rakkateyyuu, gorsi kennameef kun Yihowaatti akka dhihaatu waan isa gargaareef gammadeera. Sana booda Iyoob: “Ati waan hundumaa gochuu akka dandeessu nan beeka” jechuudhaan amaneera. (Iyoob 42:2) Yihowaan hammam guddaa akka ta’e Iyoobiif waan ibseef, Uumaasaa wajjin yeroo waliin ilaalamu iddoo akkamii akka qabu caalaatti hubateera.
13. Iyoob oo’a argisiisuunsaa faayidaa kan isaaf argamsiise akkamitti?
13 Iyoob oo’a argisiisuuttis fakkeenya gaarii ta’eera. Hiriyoonnisaa warri sobaan isa jajjabeessan yoo isa miidhaniyyuu, yeroo Yihowaan akka isaaniif kadhatu isa gaafatetti isaaniif kadhateera. Sana booda, Yihowaan fayyaasaa isaaf deebiseera. (Iyoob 42:8, 10) Jabaannee dhaabachuuf kan nu gargaaru mufachuu utuu hin ta’in, jaalalaafi oo’a ta’uusaa kanarraa hubachuun ni danda’ama. Warra kaanitti mufachuu dhiisuun, waaqeffannaa keenyarraa jajjabina akkasumas eebba Yihowaa argachuuf nu gargaara.—Maarqos 11:25.
Gorsitoonni Ogeeyyiin Akka Jabaannu Nu Gargaaru
14, 15. (a) Namni tokko warra kaan jajjabeessuu yoo barbaade amalawwan akkamii argisiisuu qaba? (b) Eliihuun, Iyoobiin jajjabeessuu kan danda’e maaliif akka ta’e ibsi.
14 Gorsi namoota muuxannoo qabanirraa argamu faayidaa guddaa kan qabu ta’uusaa seenaa Iyoobirraa hubachuu dandeenya. Namoonni akkasii akkuma obboleessa “gaafa xiiqiiti.” (Fakkeenya 17:17) Haata’u malee, namoonni warra kaan gorsan tokko tokko, nama gargaaruu mannaa nama miidhuu akka danda’an muuxannoo Iyoobirraa hubachuun ni danda’ama. Namni warra kaaniif gorsa gaarii kennu, akkuma Eliihuu rakkina warra kaanii kan hubatuufi kan isaan kabaju ta’uu qaba. Jaarsoliifi Kiristiyaanonni ga’eessa ta’an garabiraan, obboloonni rakkinaan dhiphatan ilaalchasaanii akka sirreessan gargaaruu qabu; namoonni gorsa kennan kun kana gochuudhaaf Macaafa Iyoobirraa barumsa gaarii argachuu danda’u.—Galaatiyaa 6:1; Ibroota 12:12, 13.
15 Akkaataa Eliihuun gorsa itti kennerraa barumsa gaarii argachuun ni danda’ama. Eliihuun, hiriyoonni Iyoob sadan hamma yaadasaanii isa dogoggora ta’e dubbatanii xumuranitti deebii utuu hin kennin yeroo dheeraadhaaf dhaggeeffateera. (Iyoob 32:11; Fakkeenya 18:13) Eliihuun Iyoobiin maqaasaatiin kan isa waame yeroo ta’u, akka hiriyaasaattis isa ilaaleera. (Iyoob 33:1) Akka hiriyootasaa sadan sobaan isa jajjabeessanii, Iyoobiin akka caalu isatti hin dhaga’amne. Kanaa mannaa: “Anis suphee irraan hojjetame” jechuudhaan ibseera. Utuu itti hin yaadin dubbachuudhaan Iyoobirratti dhiphina dabaluu hin barbaanne. (Iyoob 33:6, 7; Fakkeenya 12:18) Amala Iyoob isa jalqabaa ceepha’uu mannaa, qajeelummaa argisiisuusaatti isa galateeffateera. (Iyoob 33:32) Hundumaa caalaa garuu, Eliihuun ilaalcha Waaqayyoo waan qabuuf, Yihowaan wanta qajeelaa hin taane akka hin hojjenne Iyoobiin hubachiiseera. (Iyoob 34:10-12) Eliihuun, Iyoob qajeelummaa mataasaa argisiisuu mannaa Yihowaa akka eeggatu isa jajjabeesseera. (Iyoob 35:2; 37:14, 23) Jaarsoliin gumiifi warri kaan seenaa kanarraa barumsa argachuu hin danda’anii?
16. Hiriyoonni Iyoob sadan sobaan isa jajjabeessuu barbaadan meeshaa Seexanaa kan ta’an akkamitti?
16 Gorsi Eliihuu, jechoota gadhee Eliifaaz, Beldaadiifi, Zofaar dubbatanirraa adda ture. Yihowaan: ‘Waa’ee koo qajeelaa hin dubbanne’ isaaniin jedheera. (Iyoob 42:7) Namoonni kun yaada gaarii qabna jedhanii haa dubbataniyyuu malee, Iyoobiif hiriyoota amanamoo ta’uu mannaa, meeshaa Seexanaa ta’aniiru. Sadansaaniiyyuu, rakkinni kan isarra ga’e balleessaasaatiin ta’uusaa dubbataniiru. (Iyoob 4:7, 8; 8:6; 20:22, 29) Eliifaaz, Waaqayyo tajaajiltootasaa hin amanu, akkasumas qajeeloo yoo taanes yoo ta’uu baannes Waaqayyo biratti jijjiirama hin fidu jedheera. (Iyoob 15:15; 22:2, 3) Balleessaa Iyoob hin hojjennettillee isa yakkeera. (Iyoob 22:5, 9) Eliihuun garuu, Iyoob walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu akka cimsatu isa gargaareera; kaayyoon nama jaalalaan kaka’ee gorsa namaa kennu tokkoos kana ta’uu qaba.
17. Yeroo rakkinni nurra ga’u maal yaadachuu qabna?
17 Jabina ilaalchisee barumsi macaafa Iyoobirraa argannu garabiraanis jira. Waaqni keenya inni jaalala qabeessa ta’e, haala keenya ni hubata; akkasumas karaa adda addaatiin nu gargaaruu barbaaduusaarrayyuu kana gochuu ni danda’a. Jalqabarratti muuxannoo Eelsaa Apt dubbisnee turre. Wanta isheen dhumarratti jette qalbeeffadhaa: “Hidhamuukoo dura, yeroo rakkinni cimaan nurra ga’u hafuurri Yihowaa akka gabii argannu kan nu gargaaru ta’uusaa ilaalchisee, xalayaa obboleettiin tokko barreessite dubbiseen ture. Dhimma kana arbeessitee akka dubbatte natti dhaga’amee ture. Yeroon rakkina kana keessa darbu garuu, wanti isheen jette dhugaa ta’uusaa hubadheera. Akkuma isheen jette nu mudachuu danda’a. Rakkina akkasii keessa yoo darbitan malee, haalasaa hubachuun rakkisaadha. Ani wanti isheen jette dhugaa ta’uusaa argeera. Yihowaan nama gargaara.” Eelsaan kan dubbatte, wanta Yihowaan gochuu danda’u ykn wanta waggoota hedduu dura bara Iyoobitti raawwate utuu hin ta’in, wanta inni bara keenyatti godhudha.
Namni Jabaatee Dhaabatu Haa Gammadu
18. Iyoob jabina argisiisuusaatiin faayidaa akkamii argateera?
18 Muraasni keenya rakkina Iyoobirra ga’ee wajjin wal fakkaatu keessa darbuun nu barbaachisa ta’a. Haata’u malee, guyyoota gara dhumaa kanatti rakkinni akkamiiyyuu yoo nurra ga’e, nutis akkuma Iyoob amanamummaa keenya eegnee jiraachuuf sababii quubsaa qabna. Dhugumayyuu jabinni jireenya Iyoob fooyyesseera. Jabinni mudaafi hir’ina kan hin qabne akka ta’u isa gargaareera. (Yaaqoob 1:2-4) Kana malees walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu akka cimsatu isa gargaareera. Iyoob: “Ani waa’ee kee dur gurraan dhaga’eera, amma garuu ati anatti mul’atteetta” jechuudhaan mirkaneesseera. (Iyoob 42:5) Seexanni, Iyoob amanamummaasaa akka dhabu gochuu waan dadhabeef sobduu ta’uunsaa mirkanaa’eera. Waggoota dhibbaan lakkaa’aman boodallee, Yihowaan tajaajilaasaa kan ture Iyoobiin nama qajeelummaadhaaf fakkeenya ta’u godhee ilaala. (Hisqi’el 14:14) Amanamummaasaafi jabinasaa ilaalchisee wanti galmeeffame saba Waaqayyoo yeroo ammaatti argaman kan jajjabeessudha.
19. Jabaatanii dhaabachuun faayidaa qaba kan jettu maaliifi?
19 Yaaqoob, jabinni bu’aa gaarii akka argamsiisu Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif barreesseera. Fakkeenya Iyoob caqasuudhaan Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo ta’an akka eebbisu isaan yaadachiiseera. (Yaaqoob 5:11) Iyoob 42:12, “Waaqayyo bara jireenya Iyoob isa gara booddee isa gara duraa caalaatti in eebbise” jedha. Waaqayyo wanta inni dhabe dachaa godhee kan kenneef yeroo ta’u, innis gammachuudhaan waggaa dheeraa jiraateera. (Iyoob 42:16, 17) Haaluma wal fakkaatuun, dhukkubni, rakkinniifi gaddi guyyoota gara dhumaa kanatti nurra ga’an hundi, addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa hin jiraatan. (Isaayaas 65:17; Mul’ata 21:4) Jabina Iyoob waan dhageenyeef gargaarsa Yihowaatiin fakkeenyasaa hordofuuf murteessineerra. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan abdii nu kenna: “Namni qoramsa isatti dhufu obsaan danda’e, [jabaatee dhaabate, NW] haa gammadu! Qoramee erga ilaalamee booddee, jireenya isa Waaqayyo warra isa jaallatan abdachiise akka gonfootti argachuuf jira.”—Yaaqoob 1:12.
Maal Jettee Deebista?
• Garaa Yihowaa ciibsuu kan dandeenyu akkamitti?
• Rakkinni kan nurra ga’u Waaqayyo waan nutti mufateefidha jennee yaaduu kan hin qabne maaliifi?
• Iyoob akka jabaatu kan isa gargaare maalidha?
• Warra kaan yeroo jajjabeessinu fakkeenya Eliihuu hordofuu kan dandeenyu akkamitti?