BOQONNAA AFUR
Maatii Bulchuu Kan Dandeessan Akkamitti?
1. Yeroo har’aa maatii bulchuun rakkisaa ta’uu kan danda’u maaliifi?
“BIYYI LAFAA inni amma mul’atu kun in dhidhima [“in jijjiirama,” NW].” (1 Qorontos 7:31) Jechoonni kun waggoota 1,900 dura kan barreeffaman si’a ta’u, ammayyuu dhugaadha. Keessumaammoo haala maatii wajjin wal qabateen wantoonni baay’een jijjiiramaa jiru. Wantoonni waggaa 40 ykn 50 dura kan baramaniifi aadaa turan, yeroo har’aatti fudhatama hin qaban. Kanaan kan ka’e, sirriitti maatii bulchuun garmalee rakkisaa ta’uu danda’a. Haata’u malee, gorsa Caaffanni Qulqulluun kennu hojiirra yoo oolchitan rakkoowwan kana mo’uu ni dandeessu.
AKKA HUMNA KEESSANIITTI JIRAADHAA
2. Haala dinagdee akkamiitu maatii keessatti dhiphina fida?
2 Yeroo har’aa namoonni baay’een jireenya maatii salphaa ta’etti hin gammadan. Addunyaan daldalaa kun wantoota dhuma hin qabne kan oomishu si’a ta’u, namoota hawwisiisuufis beeksisa addaddaatti fayyadama. Abbootii manaafi haadhotiin manaa miliyoonaan lakkaa’amanimmoo, wantoota oomishaman kana bituu akka danda’aniif hojiirratti sa’aatii dheeraa dabarsu. Warri miliyoonaan lakkaa’aman kaanis, nyaatuma xinnoo maatiidhaaf dhiheessuuf jecha guyyaa guyyaadhaan qabsoo godhu. Wanta jireenyaaf barbaachisu argachuuf jecha tarii bakka lamatti hojjechuudhaan, bakka hojiitti sa’aatii dheeraa dabarsuu qabu ta’a. Warri kaanimmoo, hojii dhabuun rakkina namoota hedduu waan ta’eef hojii argachuusaaniitti qofa gammadu. Dhuguma, maatii yeroo ammaatti argamuuf jireenyi yeroo hunda salphaa miti. Haata’u malee, seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu maatiiwwan akka haalasaaniitti wanta danda’an akka godhan isaan gargaara.
3. Phaawulos seera bu’uuraa akkamii ibseera? Kana hojiirra oolchuun namni tokko akka gaariitti maatiisaa akka geggeessu kan isa gargaaru akkamitti?
3 Phaawulos ergamaan rakkinni dinagdee isa mudatee ture. Carraaqqii rakkina kana mo’uuf godheenis barumsa guddaa kan argate si’a ta’u, kanas xalayaa michuusaa Ximotewosiif ergerratti ibseera. Akkas jechuudhaan barreesse: “Nuyi waanuma tokko illee fidnee gara biyya lafaa hin dhufne, isa keessaas waanuma tokko illee fuunee ba’uu hin dandeenyu. Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu ga’a.” (1 Ximotewos 6:7, 8) Maatiin wanta nyaatuufi uffatu caalaa wanti isa barbaachisu akka jiru beekamaadha. Bakki jireenyaas isa barbaachisa. Ijoolleen barachuu qabu. Yaalii fayyaatiif akkasumas baasiiwwan biraatiif qarshiin ni barbaachisa. Ta’us, seerri bu’uuraa Phaawulos dubbate asirratti ni hojjeta. Waan barbaannu hundumaa argachuuf carraaquu mannaa wanta nu barbaachisu argachuutti yoo gammanne, jireenyi baay’ee salphaa ta’a.
4, 5. Dursanii yaaduufi karoora baasuun maatii geggeessuuf kan gargaaru akkamitti?
4 Seerri bu’uuraa nama gargaaru kan biraanimmoo fakkeenya Yesus dubbaterratti argama. Akkas jedhe: “Isin keessaa namni mana dhagaa ijaaruu barbaadu, duraan dursee horii ittiin mana kana ijaaree raawwatu qaba yoo ta’eef, taa’ee kan hin shallagne eenyu?” (Luqaas 14:28) Yesus asirratti dubbachaa kan jiru waa’ee dursanii yaaduudhaan karoora baasuuti. Dargaggoonni lama wal fuudhuuf yommuu yaadanitti kana gochuunsaanii faayidaa akka qabu boqonnaa darberratti ilaalleerra. Cidha boodas taanaan maatii geggeessuuf karoora baafachuun faayidaa qaba. Kunis baasii ramaduufi galiisaaniitti ogummaadhaan fayyadamuuf dursanii karoorfachuu dabalata. Karaa kanaan maatiin baasii ba’u to’achuu, guyyaadhaaf ykn torbaniif qarshiin hammamii akka ga’u murteessuu, akkasumas humnasaaniitiin ol jiraachuu dhiisuu danda’u.
5 Biyyoota tokko tokkotti, baasii baasan murteessuu jechuun, waan barbaachisaa hin taane bituuf jecha hiiqiidhaan liqeeffachuurraa of qusachuu jechuu ta’uu danda’a. Biyyoota kaanittimmoo kaardii liqii ittiin fudhatanitti (kireediit kaardii) fayyadamuurraa of qusachuu jechuu ta’uu danda’a. (Fakkeenya 22:7) Karaa biraasimmoo, barbaachisummaasaafi rakkina fidu tilmaama keessa utuu hin galchin, miira yeroodhaaf namatti dhaga’ameen kaka’anii waa bituurraa of qusachuuf ta’uu danda’a. Kana malees, maatiin baasii ba’u ramaduunsaa, ofittummaadhaan kaka’anii qumaara taphachuudhaan qarshii balleessuun, tamboo xuuxuun, garmalee dhugaatii alkoolii dhuguun, dinagdee maatiirratti rakkina akka fidu hubachuuf isa gargaara; akkasumas wantoota kana raawwachuun seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessa.—Fakkeenya 23:20, 21, 29-35; Roomaa 6:19; Efesoon 5:3-5.
6. Yaanni Caaffata Qulqullaa’aa namoota hiyyummaadhaan jiraatan gargaaru kamidha?
6 Maatiiwwan hiyyummaadhaan jiraachuuf dirqamanoo maal gochuu danda’u? Rakkinni addunyaa maratti argamu kun yeroodhaaf qofa kan turu ta’uusaa beekuudhaan jajjabina argachuu danda’u. Yihowaan, addunyaa haaraa yeroo dhihootti dhufu keessatti, hiyyummaafi hammeenya ilmaan namaarra gadda geessise hunda ni balleessa. (Faarfannaa 72:1, 12-16) Hammasitti garuu Kiristiyaanonni dhugaan, baay’ee hiyyeeyyii yoo ta’aniyyuu abdii Yihowaan, “Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!” jechuudhaan kennerratti amantaa waan qabaniif guutummaatti abdii hin kutatan. Kanaaf namni kanatti amanu amantaa guutuudhaan, “Gooftaan isa na gargaaruu dha, ani hin sodaadhu” jechuu danda’a. (Ibroota 13:5, 6) Yihowaan yeroo rakkisaa kana keessatti tajaajiltootasaa warra seera bu’uuraasaatiin jiraataniifi Mootummaasaa dursan karaa baay’eedhaan gargaareera. (Maatewos 6:33) Baay’eensaanii jechoota Phaawulos kana irra deebi’uudhaan dhugaa ba’uu danda’u. “Ani jireenya gad deebi’aa jiraachuu beeka, wanta barbaachisu gararraatti qabaachuus, beeka; ani waan hundumaatti, akka kamittis, quufatti, beelattis, irraa hafaa qabaachuutti, dhabuuttis nan beeka. Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda’a.”—Filiphisiiyus 4:12, 13.
BA’AA WAL GARGAARUU
7. Jechoota Yesus warra kam hojiirra oolchuutu sirriitti maatii geggeessuuf gargaara?
7 Yesus jireenyasaa isa lafarraa xumuruu yeroo ga’etti, “Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a” jedhee ture. (Maatewos 22:39) Gorsa kana hojiirra oolchuun maatii geggeessuuf baay’ee nama gargaara. Kana caalaasimmoo, miseensota maatii jechuunis, abbaa manaafi haadha manaa, akkasumas warraafi ijoollee caalaa kan walitti aanuufi wal jaallachuu qabu jiraa? Miseensonni maatii akka wal jaallatan argisiisuu kan danda’an akkamitti?
8. Maatii keessatti jaalalli argisiifamuu kan danda’u akkamitti?
8 Karaan inni tokko, miseensonni maatii hundinuu hamma humnasaanii hojjechuudhaani. Kanaaf, ijoolleen uffata ofirraa baasanis ta’e ashaangulliitii (intalaashee) itti taphatan, bakkasaatti deebisuu baruu qabu. Yeroo hundumaa ganama ganama siree afuun yeroofi humna kan gaafatu ta’uyyuu, kana gochuun maatii gargaaruu keessatti gahee guddaa qaba. Al tokko tokkollee yeroo xinnoodhaaf meeshaa mana keessaa waliin mashuun waanuma jirudha; ta’us hundisaanii hamma danda’ame manicha qulqulluu gochuudhaan, akkasumas nyaata booda qulqulleessuudhaan waliin hojjechuu danda’u. Dhibaa’ummaan, fedhii ofii dursuuniifi fedhii malee hojjechuun eenyurrattiyyuu dhiibbaa qaba. (Fakkeenya 26:14-16) Karaa biraammoo, garaa guutuudhaan waa raawwachuun jireenyi maatii gammachiisaa akka ta’u godha. “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata.”—2 Qorontos 9:7.
9, 10. (a) Yeroo baay’ee dubartootarra ba’aa akkamiitu kaa’ama? Kunoo salphachuufii kan danda’u akkamitti? (b) Hojii mana keessaatiif ilaalcha sirrii akkamii akka qabaannu gorfamneerra?
9 Waliif yaaduuniifi jaalala walii qabaachuun, rakkinni guddaan maatii kan biraa keessa jiru maatii keenya keessatti akka hin uumamne gargaara. Akka aadaatti yeroo baay’ee haadhotiin manaa jireenya maatiitiif utubaadha. Ijoollee kunuunsuu, mana qulqulleessuu, uffata maatii miiccuu, akkasumas waan nyaataaf ta’u bitanii bilcheessuudhaan gahee guddaa raawwatu. Biyyoota tokko tokkottimmoo dubartoonni maasiirratti ni hojjetu, oomisha argame gabaa dhaqanii ni gurguru, yookiinimmoo karaa kan biraatiin baasii maatichaa ni deggeru. Kanaan dura kan barame ta’uu baatuyyuu, dubartoonni heeruman baay’een wanta maatiidhaaf barbaachisu dhiheessuuf jecha manaa ala hojii barbaaduuf dirqamaniiru. Haati manaafi haati ijoollee, karaawwan addaddaa kanaan ciminaan hojjettu galateeffamuu qabdi. Akkuma “haadha manaa mana ishee qabuu dandeessu” ishee Macaafa Qulqulluurratti ibsamtee kaamettiidha. “Utuu hin hojjetinis akkasumaan buddeena hin nyaattu.” (Fakkeenya 31:10, 27) Kana jechuun garuu mana keessatti hojjechuu kan qabu dubartii qofadha jechuu miti. Abbaan manaafi haati manaa guyyaa guutuu manaa ala hojjechaa erga oolanii booda, abbaan manaafi miseensonni maatii kaan aara galfachaa utuu jiranii, hojiin manaa hundumtuu haadha manaarratti dhiifamuu qabaa? Matumaa akkas ta’uu hin qabu. (2 Qorontos 8:13, 14 waliin ilaali.) Kanaafuu fakkeenyaaf haati manaa nyaata qopheessaa jirti yoo ta’e, miseensonni maatii kaanimmoo maaddii dhiheessuudhaan, waan barbaachisu tokko tokko bituudhaan ykn naannoo manaa qulqulleessuudhaan yoo ishee gargaaran baay’ee gammaddi. Eeyyee, hundisaanii itti gaafatamummaasaanii waliin raawwachuu danda’u.—Galaatiyaa 6:2 waliin ilaali.
10 Namoonni tokko tokko, “Naannoon ani jiraadhutti wantoota akkanaa hojjechuun itti gaafatamummaa dhiiraa miti” jedhu ta’a. Kun sirrii ta’uu danda’a; haata’u malee dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuun gaarii hin ta’uu? Yihowaan maatii yeroo hundeessu hojiiwwan murtaa’an dubartoota qofatu hojjechuu qaba jedhee hin ajajne. Abrahaam, yeroo tokko keessummoonni addaa Yihowaa biraa ergaman yommuu isa bira dhufanitti, keessummootaaf nyaata qopheessuurratti hirmaateera. (Uumama 18:1-8) Macaafni Qulqulluun, “Abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta’aaf” jechuudhaan gorsa kenna. (Efesoon 5:28) Abbaan manaa gara galgalaa yeroo manatti galu dadhabee boqonnaa kan barbaadu erga ta’ee, haati manaas akkumasaa tarii isa caalaayyuu dadhabuu hin dandeessuu? (1 Phexros 3:7) Kanaaf, abbaan manaa hojii mana keessaatiin yoo ishee gargaare waan sirriifi gocha jaalalaa hin ta’uuree?—Filiphisiiyus 2:3, 4.
11. Yesus miseensota maatii hundaaf fakkeenya gaarii kan ta’u karaa kamiini?
11 Yesus, Waaqayyoonis ta’e namoota isaa wajjin jiraniif gammachuu argamsiisuudhaan fakkeenya hunda caaludha. Yesus kan hin fuune ta’uyyuu, abbootii manaatiif, akkasumas haadhotii manaafi ijoolleedhaaf fakkeenya gaarii ta’a. Waa’ee ofiisaa akkas jechuudhaan dubbateera: “Ilmi namaas akkasuma hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu” ykn warra kaan tajaajiluuf dhufe malee. (Maatewos 20:28) Maatiin miseensonnisaa hundinuu ilaalcha akkasii qaban baay’ee kan eebbifamedha.
QULQULLINNI BAAY’EE BARBAACHISAA KAN TA’E MAALIIFI?
12. Yihowaan tajaajiltootasaarraa maal barbaada?
12 Seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu maatii sirriitti geggeessuuf gargaaru inni biraan 2 Qorontos 7:1rratti argama. Caqasichi, “Kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi hafuura keenya xureessuttii of in qulleessinaa” jedha. Namoonni jechoota geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kanaaf abboomaman, Yihowaa isa weeqeffannaa “qullaa’ee fi xurii hin qabne” barbaadu biratti fudhatama qabu. (Yaaqoob 1:27) Maatiinsaaniis eebbawwan kana fakkaatan argata.
13. Jireenya maatii keessatti qulqullinni barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
13 Fakkeenyaaf Macaafni Qulqulluun yeroon dhibeeniifi dhukkubni itti hin jiraanne akka dhufu nuu mirkaneessa. Yeroo sanatti “namni tokkollee, ‘Na dhukkuba’” hin jedhu. (Isaayaas 33:24; Mul’ata 21:4, 5) Hammasitti garuu miseensonni maatii hundumtuu yeroo tokko tokko ni dhukkubsatu. Phaawulosiifi Ximotewosiyyuu dhukkubsatanii turan. (Galaatiyaa 4:13; 1 Ximotewos 5:23) Haata’u malee, hayyoonni yaalii fayyaa, dhukkubni baay’een ittifamuu kan danda’u akka ta’e dubbatu. Maatiiwwan ogeeyyii ta’an xuraa’ina qaamaafi hafuuraarraa fagaachuudhaan dhukkuba ittifamu ofirraa ittisuu danda’u. Kana gochuun kan danda’amu akkamitti akka ta’e haa ilaallu.—Fakkeenya 22:3.
14. Amala qulqulluu qabaachuun maatii tokko dhukkubarraa kan eegu akkamitti?
14 Karaa hafuuraa qulqulluu ta’uun amala qulqulluu qabaachuus ni dabalata. Akkuma beekamu, Macaafni Qulqulluun qulqullina amalaatiif bakka guddaa kenna; akkasumas hiriyaa gaa’elaatiin ala saala faallaa wajjin garmalee walitti dhihaachuu cimsee balaaleffata. “Warri halaleen, . . . warri ejjan warri gadhaa’an, warri nama gadhoomsanis . . . matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.” (1 Qorontos 6:9, 10) Kiristiyaanonni addunyaa manca’e kana keessa jiraatan ulaagaa cimaa kana hordofuunsaanii baay’ee barbaachisaadha. Kana gochuun Waaqayyoon ni gammachiisa, akkasumas maatiin tokko dhukkuboota akka Eedsii, fanxoo, cophxoofi chlaamiidiyaa saalqunnamtiidhaan daddarbaniin akka hin qabamne gargaara.—Fakkeenya 7:10-23.
15. Hir’ina qulqullina qaamaa dhukkuba fidu tokko fakkeenyaaf caqasi.
15 ‘Waan dhagna xureessurraa of qulleessuun’ maatiin dhukkuboota kan biraatiinis akka hin qabamne gargaara. Dhukkuboonni baay’een qulqullina qaamaa dhabuurraa kan dhufanidha. Karaa kanaan akka fakkeenya guddaatti kan caqasamu tamboo xuuxuudha. Tamboon somba, uffataafi qilleensa naannoo xureessuu qofa utuu hin ta’in dhukkubas namatti fida. Waggaa waggaadhaan tamboo xuuxuusaaniitiin kan ka’e namoonni miliyoonaan lakkaa’aman ni du’u. Mee yaadaa, ‘waan dhagna xureessurraa’ utuu fagaataniiru ta’ee, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman umriisaanii malee dhukkubsatanii hin du’an turan!
16, 17. (a) Israa’eloota dhukkuboota tokko tokkorraa kan eege seera Yihowaan kenne isa kamidha? (b) Seerri bu’uuraa Keessa Deebii 23:12, 13rratti hundaa’e maatii hundumaa keessatti hojjechuu kan danda’u akkamitti?
16 Fakkeenya kan biraa ilaalaa. Waggoota gara 3,500 ta’an dura Waaqayyo sabni Israa’el haala waaqeffannaasaaniifi jireenyasaanii qindeessuu akka danda’aniif Seera kenneefii ture. Seerichi qulqullina qaamaa ilaalchisee qajeelfamawwan bu’uura ta’an tokko tokko kennuudhaan, sabicha dhukkubarraa eegeera. Seerawwan kana keessaa tokko, naannoon jireenyaasaanii akka hin faalamnetti bobbaasaanii fageessanii awwaaluu akka qaban kan ajaju ture. (Keessa Deebii 23:12, 13) Seerri dur kenname kun ammayyuu faayidaa qaba. Yeroo har’aattis namoonni seera kana hordofuu dhiisuusaaniitiin dhukkubsachaafi du’aa jiru.a
17 Seera bu’uuraa seerri Israa’elootaaf kenname irratti hundaa’ee wajjin haala wal simuun, manni boolii maatii tokkoo mana keessas ta’e ala kan jiru yoo ta’e, qulqullinaan qabamuu qaba. Naannoon mana boolii qulqulluufi qadaada kan qabu ta’uu baannaan, titiisni achitti sassaabamee mana keessatti, nyaata keenyarrattillee utuu hin hafin jarmii babal’isuu danda’u. Kana malees, ijoolleenis ta’an warri gurguddaan mana boolii erga dhaqanii booda harkasaanii dhiqachuu qabu. Kun ta’uu baannaan jarmii qabatanii deebi’uu danda’u. Doktoorri biyya Faransaayi tokko akka jettetti, harka dhiqachuun, “ammayyuu taanaan dhibeewwan nyaanni garaa keessatti daakamuu diduu, dhibeewwan sirna argansuufi gogaa wajjin haala wal qabateen dhufan ittisuuf malawwan gargaaran keessaa tokkodha.”
18, 19. Naannoowwan rakkinni jiru keessattillee qulqullina manaa eeguu ilaalchisee yaada akkamiitu kenname?
18 Naannoowwan rakkinni jirutti qulqullina eeguun ulfaataa akka ta’u beekamaadha. Namni naannoo akkasii keessa jiraate tokko akkas jedheera: “Haala qilleensaa garmalee ho’aa ta’etti, qulqullina eeguun rakkisaadha. Bubbeen awwaara kaasee manatti galchuudhaan, wanti mana keessa jiru hundinuu awwaaraan akka uwwifamu godha. . . . Baay’inni uummata magaalaafi baadiyyaa keessaa dabalaa deemuunsaa fayyaarratti balaa geessisa. Ujummoowwan bishaan xurii banaa ta’an, tuullaan kosii walitti hin qabamnee, manneen boolii namoonni waliin itti fayyadamaniifi xuraa’oo ta’an, hantuuttan, bararooniifi titiisonni dhukkuba qaban bakka hundumaatti argamu.”
19 Haala akkasii keessatti qulqullina eeguun ulfaataadha. Ta’us carraaqqiin godhamuu qaba. Hospitaala dhaqanii qorichaafi wantoota kaaniif baasii baasuurra, saamunaafi bishaan, akkasumas hojii dabalataa xinnootu irra rakasa. Naannoo akkasii keessa kan jiraattan yoo ta’e, manaafi qe’ee keessan faltii horiirraa walaba godhaa. Karaan gara mana keessaniitti geessu tibba roobaatti kan dhoqqaa’u yoo ta’e, dhoqqeen manatti akka hin galle gochuuf cirracha ykn dhagaa naquu ni dandeessuu laata? Kophee godhattanii yoo jiraattan alatti baafattanii galuu ni dandeessuu? Bishaan keessan faalamaa akka hin taanes of eeggadhaa. Namoota waggaatti du’an keessaa yoo xinnaate miliyoona lama kan ta’an, sababiin du’asaanii dhukkuboota bishaan xuraa’aafi qulqullina dhabuudhaan dhufan akka ta’an yaadama.
20. Manni qulqulluu akka ta’u yoo barbaadame itti gaafatamummaan kan eenyuuti?
20 Manni tokko qulqulluu ta’uunsaa, haadha, abbaa, ijoolleefi keessummootarratti kan hundaa’edha. Haati ijoollee saddeetii biyya Keeniyaa jiraattu tokko, “Hundisaanii gahee mataasaanii akka raawwatan barataniiru” jetteetti. Manni qulqulluu ta’e guutummaa maatii sanaa kabajchiisa. Mammaaksi warra Ispeen tokko, “Hiyyummaan qulqullina dhabuuf sababii hin ta’u” jedha. Namni tokko mana guddaa keessa, gamoo keessa, mana xinnoos ta’e mana citaa keessa yoo jiraate, maatii fayyaa qabu qabaachuuf qulqullinni baay’ee barbaachisaadha.
WAL GALATEEFACHUUN NAMA JAJJABEESSA
21. Fakkeenya 31:28 wajjin haala wal simuun, maatiin tokko gammachuu akka qabaatu maaltu isa gargaaruu danda’a?
21 Macaafni Fakkeenyaa waa’ee haadha manaa mana ishee qabuu dandeessuu akkas jechuudhaan dubbata: “Ijoolleen ishee lafaa ka’anii ‘Eebbifamtuu!’ jedhanii ishee in waamu, abbaan manaa ishee immoo ishee jajat[a].” (Fakkeenya 31:28) Miseensa maatiikee tokko erga galateeffattee hammam turteetta? Nuyi akka biqiltuu ji’oota arfaasaatti ho’aafi jiidha yoo argatan daraaruuf qophaa’aniiti. Nuufimmoo galanni nu barbaachisa. Galanni, haati manaa abbaan manaashee tattaaffiisheetiifi kunuunsa jaalalaa gootuuf akka ishee dinqisiifatu, akkasumas carraaqqiishee akka hin tuffanne akka hubattu ishee gargaara. (Fakkeenya 15:23; 25:11) Haati manaas hojii abbaan manaashee alattis ta’e mana keessatti raawwatuuf galateeffachuunshee isa gammachiisa. Warris carraaqqii ijoolleen mana keessatti, mana barumsaatti ykn gumii Kiristiyaanaa keessatti godhaniif yoo isaan galateeffatan ijoolleen ni gammadu. Galanni xinnoon waan guddaa raawwata! Namni tokko, “Sin galateeffadha” jechuusaatiin gatii maalii baasa? Jechi kun baay’ee xinnoo ta’uyyuu, hamilee maatii cimsuudhaan gahee guddaa raawwata.
22. Maatiin ‘jabeeffamee akka dhaabamuuf’ maaltu barbaachisa? Kunoo kan argamu akkamitti?
22 Sababiin maatii bulchuun ulfaataa akka ta’u godhu baay’eedha. Ta’us itti gaafatamummaa kana akka gaariitti raawwachuun ni danda’ama. Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu tokko, “Manni ogummaadhaan ijaarama, hubannaadhaanis jabeeffamee in dhaabama” jedha. (Fakkeenya 24:3) Miseensonni maatii hundi fedhii Waaqayyoo barachuufi hojiirra oolchuuf yoo carraaqan, ogummaafi hubannaan ni argama. Maatii gammachuu qabu qabaachuun wanta carraaqqiin godhamuufii qabudha!
a Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, dhukkuba garaa kaasaa daa’imman hedduu ajjeesu ittisuu ilaalchisee gorsa yeroo kennu akkas jedheera: “Manni boolii hin jiru taanaan, manarraafi bakka ijoolleen itti taphatanirraa fagaadhaatii, akkasumas burqaa bishaaniirraa yoo xinnaate meetira 10 fagaattanii ergaa bobbaatanii booda biyyoo itti deebisaa.”