Badhaadhummaa “Isa Keessa Dhokfame” Barbaadanii Argachuu
“Badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuu isa keessa dhokfamee jira.”—QOL. 2:3.
1, 2. (a) Bara 1922tti wantoota akkamiitu argame? Wantoonni kun amma eessatti argamu? (b) Dubbiin Waaqayyoo nama hundumaaf afeerrii akkamii dhiheessa?
YEROO baay’ee meeshaan gati jabeessi dhokate tokko yommuu argamu, oduuwwan gurguddaarratti ibsama. Fakkeenyaaf, qorataa hambaa lafa keessaa biyya Ingiliiz kan ta’an Hawaardi Kaartar, waggoota hedduudhaaf haala rakkisaa keessatti hojii ulfaataa ta’e erga hojjetanii booda, bara 1922tti wanta dinqisiisaa tokko argatan. Hayyuun kun, awwaala Fara’oon isa Tuutaangikaaman jedhamuufi mi’oota 5,000 ta’an of keessaa qabu utuu hin manca’in argatan.
2 Meeshaan gati jabeessi Hawaardi argatan baay’ee dinqisiisaa ta’us, yeroo ammaatti meeshaawwan kana keessaa hedduunsaanii, godambaawwan keessatti ykn namoota harkatti argamu. Wantoonni kun, seenaafi ogummaa wajjin haala wal qabateen bakka guddaa qabaatanis, faayidaan isaan nuuf qaban xinnoo ta’uu ykn faayidaa kan hin qabne ta’uu danda’u. Haata’u malee, Dubbiin Waaqayyoo, badhaadhummaa dhugumaan faayidaa nuu argamsiisu akka barbaannu nu afeera. Afeerriin kun eenyuufiyyuu kan dhihaate si’a ta’u, badhaasni irraa argamummoo faayidaa meeshaan gati jabeessi akkamiiyyuu argamsiisu kamirrayyuu baay’ee kan caaludha.—Fakkeenya 2:1-6 dubbisi.
3. Badhaadhummaan Yihowaan waaqeffattoonnisaa akka barbaadan gorsu, karaawwan kamiin faayidaa argamsiisu?
3 Badhaadhummaan Yihowaan waaqeffattoonnisaa akka barbaadan isaan gorse, gatii akkamii akka qabu mee haa ilaallu. Badhaadhummaa kana keessaa tokko “Waaqayyoon sodaachuu” si’a ta’u, kunis yeroo rakkisaa kana keessatti eegumsaafi da’oo nuu ta’a. (Far. 19:9) ‘Beekumsa’ Waaqayyoo argachuun, ulfina guddaa namni kamiyyuu argachuu danda’u, jechuunis Waaqa Isa Hundumaa Gararraa jiruu wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf nama gargaara. Ogummaan, beekumsiifi hubannaan Waaqayyo biraa argannu, rakkoowwaniifi dhimmawwan yeroo hunda nu mudatan karaa bu’a qabeessa ta’een mo’uuf nu dandeessisa. (Fak. 9:10, 11) Badhaadhummaa gati jabeessa akkasii akkamitti argachuu dandeenya?
Badhaadhummaa Hafuuraa Barbaadanii Argachuu
4. Badhaadhummaa hafuuraa akkamitti argachuu dandeenya?
4 Qorattoota hambaa lafa keessaafi hayyoota meeshaa gati jabeessa ta’e argachuuf yeroo baay’ee oliif gadi jooranirraa haala adda ta’een, nuyi badhaadhummaan hafuuraa eessatti akka argamu akka gaariitti beekna. Akkuma kaartaan tokko meeshaa gati jabeessi dhokataan eessatti akka argamu argisiisu, Macaafni Qulqulluunis badhaadhummaan Waaqayyo waadaa nuu gale eessaatti akka argamu nutti argisiisa. Phaawulos ergamaan Kiristosiin ilaalchisee, “Badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuu isa keessa dhokfamee jira” jedheera. (Qol. 2:3) Yaada kana ennaa dubbisnu akkas jennee of gaafanna ta’a: ‘Badhaadhummaa kana barbaaduu kan qabnu maaliifi? Kiristos “keessa dhokfamee” kan jiru akkamitti? Argachuu kan dandeenyuhoo akkamitti?’ Deebiisaa argachuuf, yaada Phaawulos dubbate gadi fageenyaan haa qorru.
5. Phaawulos waa’ee badhaadhummaa hafuuraa kan barreesse maaliif ture?
5 Phaawulos ergaa kana kan barreesse Kiristiyaanota Qolosaayis warra hidhatasaa ta’aniif ture. ‘Garaansaanii ija jabinaan akka guutuufi jaalalaan walitti hidhamanii akka jiraataniif’ jedhee isaaniif dhama’aa akka jiru ibseera. (Qolosaayis 2:1, 2 dubbisi.) Hammana kan isa yaaddesse maal ture? Isaan keessaa warri tokko tokko falaasama Giriikotaa babal’isanii ykn duubatti deebi’anii Seera Musee akka eegan obbolootarratti dhiibbaa geessisanii ta’uu akka danda’u hubatee ture. Akkas jechuudhaan obbolootaaf akeekkachiisa cimaa kenneera: “Namni tokko illee akka barsiisa Kristositti utuu hin ta’in, yaada mataa isaa keessaa ba’ee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin; akka barsiisa amala namaatti akka isa hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaatamaniitti isin hin booji’in; kana hundumaattiis of eeggadhaa!”—Qol. 2:8.
6. Gorsa Phaawulosiif xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?
6 Har’as, Seexanniifi biyyi lafaa hamaan kun dhiibbaa akkasii nurraan ga’u. Waaqayyo jiraachuusaatti amanuu dhiisuun, barumsi jijjiirama tirannaafi falaasamni biyya lafaa, ilaalcha, amala, galmaafi akkaataa jireenya namootaarratti dhiibbaa geessisa. Amantiin sobaa, guyyoota ayyaanaa beekamoo ta’anirratti shoora guddaa qaba. Sagantaawwan bohaartii hedduun, fedha foonii guutuuf kan qophaa’an si’a ta’u, wantoonni Intarneetiidhaan darbanis dargaggootaafi warra gurguddaarratti miidhaa guddaa geessisu. Kanaafis ta’e ilaalcha biyya lafaa kan biraatiif saaxilamuun keenya, jireenya isa dhugaa harka keessa akka hin galfanne nu dagachiisuudhaan, qajeelfama Yihowaatiif ilaalcha gaarii akka hin qabaanne gochuu danda’a. (1 Ximotewos 6:17-19 dubbisi.) Kanaaf, haxxummaa Seexanaatiin gowwoomfamuurraa fagaachuu yoo barbaanne, wanta Phaawulos Kiristiyaanota Qolosaayisiin jedhe hubachuufi gorsasaa hojiirra oolchuun nu barbaachisa.
7. Waan Phaawulos dubbate lamaan kamtu Kiristiyaanota Qolosaayis gargaare?
7 Gorsa Phaawulos warra Qolosaayisiif kennetti ennaa deebinu, wanta isa yaaddesse erga ibsee booda, wanta isaan jajjabeessuufi jaalalaan tokko ta’uuf isaan gargaaru lama caqaseera. Jalqaba, “badhaadhummaa amansiisa guutuu qabu isa hubannaa keessaa dhufu” caqase. Amantaansaanii waan qabatamaarratti akka hundaa’uuf, Caaffata Qulqullaa’oo akka gaariitti hubachuusaanii mirkaneeffachuu qabu turan. (Ibr. 11:1) Achiis Phaawulos waa’ee “beekumsa sirrii dhoksaa qulqulluu isa kan Waaqayyoo” ibseera. Dhugaa ilaalchisee beekumsa bu’uuraarra darbanii, waa’ee wantoota gadi fagoo Waaqayyoo akka gaariitti hubachuu qabu turan. (Ibr. 5:13, 14) Kun Kiristiyaanota Qolosaayisiifis ta’e nuuf gorsa gaarii mitii? Haata’u malee, amanannaafi beekumsa sirrii akkanaa akkamitti argachuu dandeenya? Phaawulos waa’ee Yesus Kiristos “Badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuu isa keessa dhokfamee jira” jechuudhaan yeroo dubbatetti karaa kana gochuun itti danda’amu ifa godheera.
Badhaadhummaa ‘Kiristos Keessa Dhokfame’
8. Yaanni Kiristos “keessa dhokfame” jedhu, hiika maalii akka qabu ibsi.
8 Badhaadhummaan ogummaafi beekumsaa Kiristos “keessa dhokfamee” jira jechuun, eenyuyyuu bira ga’uu akka hin dandeenyetti itti cufameera jechuu miti. Kanaa mannaa, badhaadhummaa kana argachuuf, carraaqqii cimaa gochuufi Yesus Kiristosirratti xiyyeeffachuu qabna jechuudha. Yaanni kun wanta Yesus, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” jechuudhaan waa’ee ofiisaa dubbatee wajjin walsima. (Yoh. 14:6) Eeyyee, beekumsa Waaqayyoo argachuuf, gargaarsiifi qajeelfamni Yesusirraa argamu nu barbaachisa.
9. Yesus ga’eewwan akkamii qaba?
9 Yesus ‘karicha’ qofa utuu hin ta’in, “dhugaan, jireenyis” isa akka ta’e dubbateera. Kun, inni gara Abbaatti nu dhiheessuu caalaa ga’ee guddaa akka qabu kan argisiisudha. Yesus dhugaa Macaafa Qulqulluu akka hubannuufi jireenya barabaraa akka argannu gochuurrattis ga’ee guddaa qaba. Dhugumayyuu, Yesus keessa kan dhokfame badhaadhummaa hafuuraa si’a ta’u, namoonni of eeggannoodhaan Macaafa Qulqulluu qoratan badhaadhummaa kana argachuu danda’u. Badhaadhummaa abdii keenyaafi walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjiin qabnurratti jijjiirama fidan tokko tokko haa ilaallu.
10. Qolosaayis 1:19fi 2:9rraa waa’ee Yesus maal baranna?
10 “Guutummaan waaqayyummaa namummaa Kristos keessa in jiraata.” (Qol. 1:19; 2:9) Yesus Abbaasaa isa samii wajjin bara hammana hin jedhamneef waan jiraateef, amalaafi fedhii Waaqayyoo eenyuyyuu caalaa ni beeka. Lafarratti yommuu tajaajilaa ture, wanta Abbaasaarraa barate warra kaan barsiiseera; akkasumas amala abbaansaa isa barsiise akka qabu hojiisaatiin argisiiseera. Yesus, “Namni ana arge abbaa arge” jechuu kan danda’e kanaafidha. (Yoh. 14:9) Ogummaafi beekumsi Waaqayyoo hundi Kiristos keessa dhokfameera ykn isa keessa jira. Kanaaf hamma dandeenye waa’ee Yesus barachuurra caalaa malli waa’ee Yihowaa barachuuf nu dandeessisu hin jiru.
11. Yesusiifi raajiiwwan Macaafa Qulqulluu walitti dhufeenya akkamii qabu?
11 “Raajonni hundinuu isaaf dhugaa ba’aniiru.” (HoE. 10:43) Yaanni kun, Yesus raajiiwwan Macaafa Qulqulluu hedduun akka raawwataman gochuurratti ga’ee guddaa akka qabu argisiisa. Raajii jalqabaa Yihowaan Uumama 3:15irratti dubbatee kaasee, hanga mul’atawwan macaafa Mul’ataa keessa jiranitti, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu sirriitti hubachuu kan dandeenyu, Mootummaa Masiihichaa wajjin haala wal qabateen ga’ee Yesus qabuuf xiyyeeffannaan yoo kenname qofadha. Kun, raajiiwwan Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessa jiran baay’een, namoota Yesus Masiihicha abdachiifame ta’uusaa hin fudhannetti bitaa kan galan maaliif akka ta’e ifa godha. Kana malees, namoonni Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa isa raajiiwwan waa’ee Masiihichaa ibsan hedduu qabateef bakka guddaa hin laanne, Yesus nama kaanirraa adda ta’uusaa hubachuu kan dadhaban maaliif akka ta’e ibsa. Sabni Waaqayyoo waa’ee Yesus beekuunsaanii, hiika raajiiwwan Macaafa Qulqulluu gara fuulduraatti raawwatamanii akka hubatan isaan gargaara.—2 Qor. 1:20.
12, 13. (a) Yesus “ifa biyya lafaa” kan ta’e akkamitti? (b) Duuka buutonni Kiristos dukkana hafuuraa keessaa birmaduu ba’uunsaanii, dirqama akkamii isaanitti fida?
12 “Ani ifa biyya lafaa ti.” (Yohannis 8:12; 9:5 dubbisi.) Yesus dhalachuusaa yeroo dheeraa dura, Isaayaas raajichi, “Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa isaa in arga, warra gaadidduu du’aa jala jiraataniifis ifni in ba’a” jechuudhaan raajii dubbatee ture. (Isa. 9:2) Maatewos ergamaan, Yesus yeroo lallabuu jalqabetti raajii kana akka raawwate ibseera; kana malees, “Mootummaan waaqaa waan dhi’aateef, yaada garaa keessanii geddaradhaa!” jedheera. (Mat. 4:16, 17) Tajaajilli Yesus, namoonni yaada Caaffata Qulqullaa’oo akka hubataniifi garbummaa barumsa amantii sobaa jalaa birmaduu akka ba’an godheera. Yesus akkas jedheera: “Eenyu illee kan anatti amanu dukkana keessatti akka hin hafnetti, ani ifa ta’ee gara biyya lafa kanaa dhufeera.”—Yoh. 1:3-5; 12:46.
13 Waggoota baay’ee booda Phaawulos Kiristiyaanota hidhatasaa ta’aniin, “Isin dur dukkanaa’oo turtan, amma garuu karaa gooftaa iftaniittu; egaa akka ijoollee ifaatti jiraadhaa!” jedhee ture. (Efe. 5:8) Kiristiyaanonni dukkana hafuuraa keessaa birmaduu ba’an, akka ijoollee ifaatti jiraachuuf dirqamni isaanirra jira. Kunis, wanta Yesus Lallaba Gaaraarratti duuka buutotasaatti akkas jedhee himee wajjin walsima: “Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!” (Mat. 5:16) Atoo dubbiifi amala gaariidhaan badhaadhummaa hafuuraa Yesus keessaa argatte kana warra kaaniin ga’uudhaan dinqisiifannaa qabdu ni argisiistaa?
14, 15. (a) Bara durii hoolonniifi horiiwwan kaan waaqeffannaa dhugaa keessatti faayidaa maaliitiif oolu turan? (b) Yesus “hoolicha Waaqayyoo” ta’uudhaan badhaadhummaa hundarra caalu kan ta’e akkamitti?
14 Yesus “hoolicha Waaqayyoo” ti. (Yoh. 1:29, 36) Guutummaa Macaafa Qulqulluu keessatti, hoolaan dhiifama cubbuu argamsiisuufi Waaqayyootti nama dhiheessuurratti ga’ee guddaa akka qabu ibsameera. Fakkeenyaaf, Abrahaam Yisihaqiin aarsaa gochuuf fedhii qabaachuusaa erga argisiisee booda, Yisihaqirra miidhaa akka hin geessisneefi bakkasaa hoolaa korbeessa tokko akka qalu itti himamee ture. (Uma. 22:12, 13) Israa’eloonni Gibxii yeroo gadhiifamanittis, hoolaan “Faasiikaa Waaqayyoo” ta’uudhaan hojii guddaa hojjeteera. (Bau. 12:1-13) Kana malees, Seera Musee keessatti hoolotaafi re’oota dabalatee horiiwwan hedduun aarsaa godhamu turan.—Bau. 29:38-42; Lew. 5:6, 7.
15 Aarsaawwan sunis ta’an, aarsaan namoonni dhiheessan kamiyyuu, cubbuufi du’arraa barabaraaf walaba nama gochuu hin dandeenye. (Ibr. 10:1-4) Yesus garuu, “hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu [dha].” Kunumtillee Yesusiin badhaadhummaa hamma yoonaatti argame kamirrayyuu isa caalchisa. Kanaafuu, waa’ee furichaa akka gaariitti qayyabachuufi qophii dinqisiisaa ta’e kanarratti amantaa qabaachuu qabna. Kana yoo goone eebba guddaa arganna. Warri “karra xinnayyoo” ta’an, Kiristosii wajjin samiirratti ulfina argatu; warri “hoolota kan biraa” ta’animmoo lafa jannata taaturratti jireenya barabaraa argatu.—Luq. 12:32; Yoh. 6:40, 47; 10:16.
16, 17. Ga’ee Yesus ‘Angafa amantii keenyaafi isa amantii kana guutu’ ta’uudhaan qabu hubachuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
16 Yesus ‘Angafa amantii keenyaafi isa amantii kana guutudha.’ (Ibroota 12:1, 2, [hiika bara 1899] dubbisi.) Phaawulos, Ibroota boqonnaa 11rratti amantii ilaalchisee ibsa cimaa kenneera. Achirratti ibsa gaggabaabaa kan kenne yommuu ta’u, namoota akka Nohi, Abraham, Saaraafi Rahaab, amantiidhaan fakkeenya gaarii ta’an tarreesseera. Phaawulos Kiristiyaanonni hidhatasaa ta’an, wantoota kana hunda yaadatti qabachuudhaan ‘Angafa amantii keenyaafi isa amantii kana guutu’ akka ilaalan isaan gorseera. Maaliif?
17 Dhiironniifi dubartoonni amanamoon Ibroota boqonnaa 11rratti caqasaman kun, abdii Waaqayyo kennerratti amantii cimaa qabu turan. Haata’u malee, Waaqayyo Masiihichaafi Mootummichatti fayyadamee, raajiiwwan sana akkamitti akka raawwatu gadi fageenyaan hin beekan turan. Kanaan kan ka’es, amantiinsaanii guutuu hin turre. Namoonni Yihowaan raajii waa’ee Masiihichaa dubbatu akka barreessan itti fayyadamellee, waan barreessan sana guutummaatti hin hubanne. (1 Phe. 1:10-12) Amantiin guutuu ta’uu kan danda’u karaa Yesus qofadha. Kanaaf, Yesus ‘Angafa amantii keenyaafi isa amantii kana guutu’ ta’uusaa akka gaariitti hubachuun keenya baay’ee barbaachisaadha!
Barbaadaa
18, 19. (a) Badhaadhummaa hafuuraa Kiristos keessa dhokfame kan biraa ibsi. (b) Badhaadhummaa hafuuraa argachuuf waa’ee Yesus barachuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?
18 Ilmaan namootaatiif fayyina argamsiisuu ilaalchisee, ga’ee Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu keessaa kan ilaalle muraasa qofadha. Badhaadhummaan Kiristos keessa dhokfame kan biraanis jira. Wantoota kana argachuun keenya, gammachuufi faayidaa nuu argamsiisa. Fakkeenyaaf, Phexros ergamaan Yesusiin, “isa namoota gara jireenyaatti geessu” akkasumas ‘bakkalcha’ ibsu jedheera. (HoE. 3:15; 5:31; 2 Phe. 1:19) Kana malees, Macaafni Qulqulluun Yesus “Amiin” akka jedhamu ni dubbata. (Mul. 3:14, hiika bara 1899) Ga’eewwan inni qabu kun hiika maalii akka qabaniifi hammam guddaa akka ta’an beektuu? Akkuma Yesus jedhe, “barbaadaa in argattuu.”—Mat. 7:7.
19 Seenaa ilmaan namootaa keessatti, akka Yesus jireenyisaa faayidaa guddaa kan argamsiiseefi nageenya barabaraa nuu argamsiisuu kan danda’e hin jiru. Badhaadhummaan hafuuraa, namni garaa guutuudhaan barbaade hundi argachuu danda’u isa keessa jira. Badhaadhummaa “isa keessa dhokfame” barbaaduun, gammachuufi eebba kan isiniif argamsiisu haata’u.
Ni Yaadattaa?
• Kiristiyaanonni badhaadhummaa akkamii akka barbaadan gorfamaniiru?
• Gorsi Phaawulos Kiristiyaanota Qolosaayisiif kenne nuufis barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
• Badhaadhummaan hafuuraa Kiristos “keessa dhokfame” maalfa’i? Ibsi.
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Macaafni Qulqulluun, kaartaa badhaadhummaa Kiristos keessa ‘dhokfame’ argachuuf nu gargaarudha