-
Yihowaan Gammachuudhaan Jabaannee Akka Dhaabbannu Nu GargaaraMasaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2022 | Sadaasa
-
-
YIHOWAAN QAJEELFAMA NUUF KENNA
8. Yaanni Isaayyaas 30:20, 21 irratti argamu bara duriitti raawwii isaa kan argate akkamitti?
8 Isaayyaas 30:20, 21 dubbisi. Loltoonni Baabilon waggaa tokkoo fi walakkaadhaaf yeroo Yerusaalemitti marsanii turanitti sabichi baayʼee dhiphatee ture. Haalli dhiphisaan sunis akkuma nyaataa fi bishaanii wanta baramaa taʼee ture. Haa taʼu malee, lakkoofsa 20 fi 21 irratti Yihowaan yoo yaada geeddaratanii fi amala isaanii yoo jijjiiran akka isaan oolchu Yihudootaaf waadaa galeera. Isaayyaas Yihowaan ‘Barsiisaa isaanii Isa Guddicha’ akka taʼe caqasuudhaan akkamitti karaa fudhatama qabuun isa Waaqeffachuu akka dandaʼan akka isaan barsiisu isaanitti himeera. Yaanni kun yeroo Yihudoonni boojuudhaa bilisa baʼan raawwii isaa argateera. Yihowaan Barsiisaa isaanii Isa Guddicha taʼuu isaa mirkaneesseera, akkasumas qajeelfama isaa jalatti sabichi waaqeffannaa qulqulluu deebisee hundeessuurratti milkaaʼina argateera. Yeroo harʼaatti Yihowaan Barsiisaa keenya Isa Guddicha taʼuu isaatti baayʼee gammanna.
-
-
Yihowaan Gammachuudhaan Jabaannee Akka Dhaabbannu Nu GargaaraMasaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2022 | Sadaasa
-
-
10. ‘Duuba keenyaan sagalee’ kan dhageenyu karaa kamiini?
10 Isaayyaas, “Duuba keetiin gurri kee sagalee . . . ni dhagaʼa” jechuudhaan karaa Yihowaan itti nu barsiisu isa lammaffaas caqaseera. Asirratti raajichi Yihowaan barsiisaa karaa fuuldura isaanii jiru isaanitti argisiisuu fi qajeelfama isaaniif kennuuf barattoota isaa duuba deemuudhaan xiyyeeffannaa isaaniif kennu akka taʼeetti ibseera. Yeroo harʼaatti sagalee Waaqayyoo duuba keenyaan ni dhageenya. Akkamitti? Dubbiin Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti kan galmeeffame yeroo dheeraa dura dha. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnu akkuma waan sagalee Waaqayyoo duuba keenyaan dhagaʼaa jirruuti.—Isa. 51:4.
11. Gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu qabna? Maaliif?
11 Qajeelfama Yihowaan karaa jaarmiyaa isaa fi Dubbii isaa nuuf kennaa jiru irraa faayidaa guutuu argachuu kan dandeenyu akkamitti? Isaayyaas wantoota lama akka dubbate qalbeeffadhu. Tokkoffaa, “Karichi isa kana” jedheera. Lammaffaammoo, “Isa irra deemaa” jedheera. (Isa. 30:21) ‘Karicha’ beekuun qofti gaʼaa miti. ‘Isa irra deemuu’ qabna. Dubbii Yihowaa fi ibsa jaarmiyaan isaa nuuf kennurraa wanta Yihowaan nurraa barbaadu barachuu dandeenya. Wanta baranne hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni baranna. Yihowaa gammachuudhaan tajaajiluu keenya itti fufuuf tarkaanfiiwwan lamaan kana fudhachuu qabna. Eebba Yihowaa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu yoo akkas goone qofadha.
-