“Inni Warra Dadhabaniif Humna in Kenna”
Caqasa waggaa bara 2018: “Warri Yihowaa abdiidhaan eeggatan . . . humni isaanii ni haareffama.”—ISA. 40:31, NW.
1. Dhiibbaawwan akkamiitu nurra gaʼa? Taʼus Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼanitti kan gammadu maaliifi? (Fakkiiwwan jalqaba irra jiran ilaali.)
AKKUMA beekamu sirna kana keessatti jireenyi rakkina irraa walaba miti. Isin obboloonni keenya hedduun dhibee fayyaa rakkisaa taʼe dandeessanii jiraattu. Warri kaan immoo isaanumti iyyuu umuriin isaanii guddaa taʼu illee, firoota isaanii dullooman kunuunsu. Kaanis maatii isaaniitiif wantoota qananii utuu hin taʼin wantootuma jireenyaaf barbaachisan dhiheessuudhaaf illee walʼaansoo godhu. Obboloonni hedduun rakkoowwan olitti ibsaman keessaa tokko qofa utuu hin taʼin, baayʼee isaanii wajjin jiraatu! Kun immoo baasii baayʼee kan baasisu qofa utuu hin taʼin, yeroo baayʼee kan fudhatuu fi dadhabbii miiraas kan geessisu dha. Haa taʼu malee, Yihowaan akka isin gargaaru amantii guutuu qabdu. Inni waadaa waan galeef gara fuulduraatti yeroo gaariin akka dhufu beektu. Amantiin keessan kun immoo Yihowaa ni gammachiisa!
2. Yaanni Isaayaas 40:29 irra jiru kan nu jajjabeessu akkamitti? Haa taʼu malee dogoggora guddaa akkamii raawwachuu dandeenya?
2 Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko dhiibbaan jireenyaa sirra gaʼu humna keetii ol akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Taanaan, akkas kan sitti dhagaʼamu si qofa miti. Kitaabni Qulqulluun, tajaajiltoonni amanamoon bara duriitti turan lubbuudhaan itti fufuu illee akka hin dandeenye itti dhagaʼamee akka ture dubbata. (1 Mot. 19:4; Iyo. 7:7) Haa taʼu malee, abdii kutachuu mannaa Yihowaan akka isaan jabeessu isa kadhataniiru. Waaqni keenya ‘warra dadhabaniif humna waan kennuuf’ abdii hin kutanne. (Isa. 40:29) Kan nama gaddisiisu, tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran tokko tokko, sochiiwwan Kiristiyaanaa baʼaa akka taʼanitti yaaduudhaan, dhiibbaawwan jireenyaa mooʼuuf malli gaariin yeroodhaaf dhugaa dhiisuu akka taʼe isaanitti dhagaʼameera. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, gumii irratti argamuu fi tajaajila irratti hirmaachuu dhiisuudhaan wanta Seexanni barbaadu raawwatu.
3. (a) Carraaqqii Seexanni nu dadhabsuuf godhu jalaa fashaleessuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?
3 Diyaabilos, sochiiwwan Kiristiyaanaa irratti hirmaannaa guutuu gochuun keenya akka nu jabeessu beeka; akka jabaannu immoo hin barbaadu. Qaamaanis taʼe miiraan baayʼee akka dadhabdan yeroo isinitti dhagaʼamu, Yihowaa irraa hin fagaatinaa. ‘Inni waan isin cimsuu fi isin jabeessuuf’ yeroo kam iyyuu caalaa isatti dhihaadhaa. (1 Phe. 5:10; Yaq. 4:8) Mata duree kana keessatti, haalawwan tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessinu nu jalaa hirʼisuu dandaʼan lamaa fi qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun akkamitti akka nu gargaaru ni ilaalla. Dura garuu, akkuma Isaayaas 40:26-31 irratti ibsame dandeettii Yihowaan nu jabeessuuf qabu irratti haa xiyyeeffannu.
WARRI YIHOWAA ABDATAN HUMNI ISAANII NI HAAREFFAMA
4. Yaada Isaayaas 40:26 irra jiru irraa maal baranna?
4 Isaayaas 40:26 dubbisi. Urjiilee hawaa keessa jiran hunda lakkaaʼuu kan dandaʼu hin jiru. Saayintiistonni, gaalaaksiin Miilkii Weey isa nuyi keessa jirru qofti illee urjiilee gara biliyoona 400 akka qabate amanu. Taʼu iyyuu Yihowaan tokkoon tokkoon isaaniitiif maqaa kenneera. Kana irraa maal baranna? Yihowaan uumamawwan isaa yaaduu hin dandeenyeef dhuunfaatti xiyyeeffannaa kan kennu erga taʼe, isin warra dirqamaan utuu hin taʼin jaalalaan kakaatanii isa tajaajiltaniif miira akkamii akka qabaatu yaadaa! (Far. 19:1, 3, 14) Abbaan keenya Yihowaan sirriitti isin beeka. Isa biratti “rifeensi mataa keessanii tokko illee utuu hin hafin lakkaaʼameera.” (Mat. 10:30) Kana malees Faarfatichi, “Yihowaan wanta namoota balleessaa hin qabne mudatu ni beeka” jedheera. (Far. 37:18, NW) Eeyyee, Yihowaan qorumsawwan isin irra gaʼan ni hubata, akkasumas tokkoon tokkoon isaanii dandamachuuf jabina isiniif kennuu ni dandaʼa.
5. Yihowaan nu jabeessuu akka dandaʼu akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?
5 Isaayaas 40:28 dubbisi. Yihowaan Madda humna guddaa ti. Fakkeenyaaf humna inni aduudhaaf qofa kennu illee haa ilaallu. Barreessaa saayinsii kan taʼe Deeviid Bodaanas, “Kutaan (qaamni) Aduu sekoondii tokko keessatti dhukaʼee gara humnaatti jijjiiramu, boombii atoomii biliyoonaan lakkaaʼamu wajjin qixxee dha” jedheera. Qorataa kan biraan immoo, ‘humni aduun sekoondii tokko keessatti maddisiistu, humna waggoota 200,000 taʼaniif ilmaan namootaatiif barbaachisu dhiheessuuf gaʼaa’ akka taʼe ibseera! Maarree, Waaqni aduudhaaf humna kennu, rakkina keenya kam iyyuu dandamachuuf jabina nu barbaachisu nuu kennuu akka dandaʼu kan shakku jiraa?
6. Waanjoon Yesuus kan nama hin quuqne akkamitti? Kana beekuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?
6 Isaayaas 40:29 dubbisi. Yihowaa tajaajiluun gammachuu guddaa argamsiisa. Yesuus barattoota isaatiin, “Waanjoo koo baadhaa” jedheera. Itti aansuudhaanis, “Lubbuu keessaniif boqonnaa argattu. Waanjoon koo nama hin quuqu; baʼaan koos salphaa dha” jedhe. (Mat. 11:28-30) Kun dhugaa dha! Yeroo tokko tokko gumii dhaquuf ykn tajaajila irratti hirmaachuuf yeroo manaa baanu baayʼee dadhabnee taʼa. Yeroo deebinu garuu maaltu nutti dhagaʼama? Baayʼee haareffamnee, akkasumas qorumsawwan jireenyaa dandamachuuf qophaaʼoo taanee deebina. Dhuguma iyyuu waanjoon Yesuus nama hin quuqu!
7. Yaanni Maatewos 11:28-30 irra jiru dhugaa taʼuu isaa muuxannoo argisiisu dubbadhu.
7 Obboleettiin Keelaa jedhamtu, dhibee fayyaa garmalee nama dadhabsuun, dhiphina sammuutiin, akkasumas mataa dhukkubbii cimaadhaan baayʼee rakkatti turte. Kanaan kan kaʼes gumii irratti argamuun yeroo tokko tokko itti ulfaata ture. Haa taʼu malee, carraaqqii gootee walgaʼii irratti argamuudhaan haasaa sabaa tokko erga dhaggeeffattee booda akkana jechuudhaan barreessiteetti: “Haasichi waaʼee abdii kutachuu ture. Haasichi gara laafinaa fi namaaf yaaduudhaan kan dhihaate waan taʼeef imimmaan ija koo guute. Haalli kun, walgaʼii irratti argamuun akka na barbaachisu kan na yaadachiisu ture.” Walgaʼicha irratti argamuuf carraaqqii gochuu ishiitti baayʼee gammadde!
8, 9. Phaawulos ergamaan, “Ani yeroon dadhabu yeroo sanatti humna qaba” yeroo jedhu maal jechuu isaa ture?
8 Isaayaas 40:30 dubbisi. Hammam iyyuu gaʼumsa yoo qabaanne illee, wanti jabina keenyaan qofa raawwachuu dandeenyu muraasa dha. Kana hundi keenya beekuu qabna. Phaawulos ergamaan nama gaʼumsa qabu kan ture taʼus, wanta barbaade hunda akka hin goone wanti isa daangessu jira ture. Wanta isa yaaddesse Waaqayyotti yeroo himatu Waaqayyo, “Humni koo guutuu kan taʼu yeroo ati dadhabdutti dha” jedhee deebiseef. Phaawulos yaada kana hubateera. “Ani yeroon dadhabu yeroo sanatti humna qaba” jedheera. (2 Qor. 12:7-10) Kana yeroo jedhu maal jechuu isaa ture?
9 Phaawulos qaama isa irra caalu irraa gargaarsa utuu hin argatin wanti gochuu dandaʼu muraasa taʼuu isaa hubatee ture. Phaawulos humna ofii isaatiif hin qabne hafuura Waaqayyoo irraa argachuu dandaʼeera. Kana malees, hafuurri Waaqayyoo Phaawulos hojiiwwan humna isaatiin hojjechuu hin dandeenye akka hojjetu isa dandeessiseera. Nu wajjin haala wal qabateenis kun dhugaa dha. Jabina kan arganne Yihowaa irraa yoo taʼe, dhuguma iyyuu nuti jaboo dha!
10. Yihowaan, Daawit rakkina isaa akka dandamatu kan isa gargaare akkamitti?
10 Daawit faarfatichi humna hafuurri qulqulluun qabu yeroo baayʼee jireenya isaa keessatti argeera. “Ani siin kutata loltuu diinaatti nan bu’a, Waaqayyo kootiin gelaa [“dallaa,” NW] irra iyyuu nan utaala” jechuudhaan faarfateera. (Far. 18:29) Dallaawwan ykn rakkoowwan jabina ofii keenyaatiin “utaaluu” hin dandeenye tokko tokko jiru; kanaafuu gargaarsi Yihowaa nu barbaachisa.
11. Hafuurri qulqulluun rakkoowwan keenya mooʼuu irratti akkamitti nu gargaaruu akka dandaʼu ibsi.
11 Isaayaas 40:31 dubbisi. Joobirri humna ofii isaatiin ol baʼuus taʼe yeroo dheeraadhaaf balaliʼuu hin dandaʼu. Qilleensa hoʼaa ol baʼuun kan ol fudhatamu taʼuun isaa humna isaa isaaf qusata. Kanaafuu, hojiin tokko humna keessanii ol akka taʼe yeroo isinitti dhagaʼamu joobira yaadadhaa. ‘Hafuura qulqulluu isa gargaaraa taʼetti’ fayyadamee “akka ol isin kaasuuf” Yihowaa kadhadhaa. (Yoh. 14:26) Kan nama gammachiisu immoo, yeroo barbaanne hunda, jechuunis guyyaatti saʼaatii 24f hafuura kana argachuu ni dandeenya. Keessumaa immoo miseensa gumii tokko wajjin yeroo walii galuu dadhabnutti gargaarsi Yihowaa caalaatti akka nu barbaachisu nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, walii galtee dhabuun kan uumamu maaliifi?
12, 13. (a) Kiristiyaanonni walitti buʼuu kan dandaʼan maaliifi? (b) Seenaan Yoseef waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?
12 Hundi keenya cubbuu waan dhaalleef, walii galtee dhabuun uumamuu ni dandaʼa. Kanaafuu, namoonni hidhata amantii keenya taʼan dubbii ykn gocha keenyaan aaruu dandaʼu ykn nuti dubbii ykn gocha isaaniitiin aaruu dandeenya. Kun qorumsa guddaa taʼuu dandaʼa. Yihowaan qorumsawwan kan biraan yommuu nu irra gaʼan amanamummaa keenya akka argisiisnu barbaada. Yeroo kanattis, obboloota keenya warra cubbuu qabaatan iyyuu inni isaan jaallatu wajjin tokkummaadhaan hojjechuudhaan amanamummaa keenya akka argisiisnu barbaada.
13 Yihowaan tajaajiltoota isaa irraa qorumsa akka hin dhowwine seenaa Yoseef irraa hubachuu dandeenya. Yoseef dargaggeessa yeroo turetti obboloonni isaa isatti hinaafan garbummaadhaaf waan isa gurguraniif gara Gibxiitti geeffamee ture. (Uma. 37:28) Yihowaan wanta raawwatame kan arge taʼuu isaa irra iyyuu, Yoseef michuun isaa inni qajeelaan wanti sirrii hin taanee yeroo isa irratti raawwatamu baayʼee akka gadde hin shakkisiisu. Taʼu iyyuu, dhimma isaa keessa galee tarkaanfii hin fudhanne. Boodas, Yoseef haadha manaa Phoxiifaar gudeeduuf yaaleera jedhamee himatamuudhaan mana hidhaa yeroo galetti Yihowaan dhimma isaa keessa hin galle. Kana jechuun, Yihowaan Yoseefiin dhiisee ture jechuu dhaa? Matumaa isa hin dhiisne, kanaa mannaa ‘waanuma inni hojjetu isaaf wal qixxeessee ture.’—Uma. 39:21-23.
14. ‘Dheekkamsa irraa of dhowwuudhaan’ karaa hafuuraa fi qaamaa faayidaa akkamii argachuu dandeenya?
14 Fakkeenya kan biraas haa ilaallu. Jalʼinni Daawit irratti raawwatame namoota baayʼee irra hin geenye. Taʼus, namni michuu Waaqayyoo taʼe kun haaloo qabachuun akka isa miidhu hin heyyamne. Kanaa mannaa, “Dheekkamuu irraa of dhowwi, banbanuus dhiisi, inni hamaa hojjechuu duwwaatti waan si geessuuf hin aarin!” jechuudhaan barreesseera. (Far. 37:8) ‘Dheekkamsa irraa of dhowwuuf’ sababiin inni guddaan, Yihowaa isa ‘akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin hojjenne’ fakkaachuu kan barbaannu taʼuu isaa ti. (Far. 103:10) ‘Dheekkamsa irraa of dhowwuun’ faayidaawwan kan biraas qaba. Dheekkamuun, dhiibbaan dhiigaa akka ol kaʼu, sirni hargansuu keenya akka dhibamuu gochuu fi rakkoowwan kana fakkaatan fiduu dandaʼa. Tiruu fi rajiijii miidhuu akkasumas nyaanni garaacha keessatti akka hin daakamne gochuu dandaʼa. Yeroo aarru hundatti sirriitti yaaduu hin dandeenyu. Yeroo tokko tokko immoo baayʼee kan aarru yoo taʼe, dhiphinni sammuu yeroo dheeraadhaaf turu nu qabuu dandaʼa. Karaa biraatiin immoo Kitaabni Qulqulluun, “Yaadni nagaa qabu namummaa namaatiif jireenya in kenna” jedha. (Fak. 14:30) Yeroo miirri keenya miidhamutti maal gochuu dandeenya? Obboloota keenya deebisnee argachuu kan dandeenyu akkamitti? Gorsa Kitaaba Qulqulluu ogummaa irratti hundaaʼe hojii irra yoo oolchine kana gochuun nuu milkaaʼuu dandaʼa.
YEROO OBBOLOONNI KEENYA NU AARSAN
15, 16. Namni tokko yeroo nu miidhu maal gochuu qabna?
15 Efesoon 4:26 dubbisi. Addunyaan kun jalʼina nu irratti raawwachuun isaa nu hin dinqisiisu. Garuu namni hidhata amantii keenya taʼe ykn miseensi maatii keenyaa wanta baayʼee nu gaddisiisu tokko yoo dubbate ykn yoo godhe baayʼee miidhamna. Wanta nu irratti raawwatame salphaatti irraanfachuu yoo baanne hoo? Tarii waggoota hedduudhaaf haaloo qabannee ni turraa? Moo gorsa Kitaabni Qulqulluun walitti buʼiinsa dafnee akka hiiknu nuu kennu hojii irra oolchina? Rakkinicha dafnee hiikuu dhiisnaan, obboleessa keenya wajjin nagaa uumuun baayʼee rakkisaa taʼaa deema.
16 Obboleessa tokkotti aartee wanta inni si irratti raawwate irraanfachuu rakkatte haa jennu. Nagaa uumuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeessa? Dura garaadhaa Yihowaa kadhadhu. Obboleessa kee wajjin marii nama jajjabeessu akka gootan akka si gargaaru isa gaafadhu. Obboleessi kunis “michuu Yihowaa” akka taʼe yaadadhu. (Yaq. 2:23) Yihowaan isa jaallata. Yihowaan michoota isaa gaarummaadhaan qaba; nutis akkasuma akka goonu nu irraa eega. (Fak. 15:23; Mat. 7:12; Qol. 4:6) Itti aansuudhaan immoo wanta dubbachuuf jettu irratti yaadi. Obboleessi kee taʼe jedhee akka si miidhe sitti hin dhagaʼamin; tarii dogoggoree ykn ati karaa sirrii hin taaneen isa hubattee taʼuu dandaʼa. Kana malees, rakkina uumameef atis gaʼee qabaachuu akka dandeessu amanuuf qophaaʼaa taʼi. Akkana jechuudhaan marii jalqabuu dandeessa: “Tarii ani dafeen aare taʼa, garuu kaleessa yeroo natti dubbattu . . . natti dhagaʼame.” Waliin haasaʼuun keessan buʼaa ati barbaaddu hin argamsiisne taanaan, nagaa uumuuf carraa kan biraa eeggadhu. Hammasitti garuu obboleessa keetiif kadhadhu; Yihowaan akka isa eebbisu gaafadhu. Amalawwan gaggaarii obboleessi kee qabu irratti xiyyeeffachuuf akka si gargaaru Waaqayyoon kadhadhu. Dhumni isaa maal iyyuu yoo taʼe, obboleessa kee isa michuu Waaqayyoo taʼe deebistee argachuuf garaadhaa carraaqqii gochuu keetti Yihowaan akka gammadu hin shakkin.
WANTI KANAAN DURA RAAWWANNE YEROO NU DHIPHISU
17. Yeroo cubbuu hojjennutti Yihowaan haala keenya duriitti akka deebinu nu gargaaruuf maalitti fayyadamuu dandaʼa? Nuti hoo qophii kanatti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?
17 Namoonni tokko tokko cubbuu guddaa waan hojjetaniif Yihowaa tajaajiluun akka isaaniif hin malle itti dhagaʼama. Sammuun nama ceephaʼu baayʼee nama miidhuu dandaʼa. Daawit Mootichi inni sammuun isaa isa ceephaʼee ture akkana jedheera: ‘Yeroon cubbuu koo himachuu dhiisetti, guyyaa guutuu aaduu kootiif namummaan koo gad dhume; guyyaa fi halkan harki kee anatti ulfaate.’ Kan nama gammachiisu, Daawiti rakkina isaa sanaaf akka nama Waaqaa tokkotti furmaata kenneera. “Yommus ani cubbuu koo sitti nan himadhe, . . . ati immoo yakka cubbuu kootiif anatti murame anaaf dhiifte” jechuudhaan barreesseera. (Far. 32:3-5) Cubbuu guddaa yoo hojjette, Yihowaan haala kee duriitti akka deebitu si gargaaruuf qophaaʼaa dha. Haa taʼu malee, gargaarsa inni karaa gumii qopheesse fudhachuu qabda. (Fak. 24:16; Yaq. 5:13-15) Jireenya bara baraa argachuun kee kana irratti waan hundaaʼuuf kana gochuuf duubatti hin jedhin! Haa taʼu malee, dhiifama erga argattee yeroo dheeraa booda iyyuu cubbuu darbe sanaaf sammuun kee si ceephaʼuu isaa yoo itti fufe hoo?
18. Fakkeenyi Phaawulos namoota gatii akka hin qabne isaanitti dhagaʼamu kan gargaaru akkamitti?
18 Phaawulos ergamaanis dogoggorri sanaan dura hojjete isa dhiphisee akka ture haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. “Ani gumii Waaqayyoo ariʼachaa waanan tureef, nama ergamoota hundumaatii gad taʼee fi ergamaa jedhamee waamamuun anaaf hin malle dha” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera. Itti dabaluudhaan garuu, “Haa taʼu malee gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin ani wantan amma taʼe kana taʼeera” jedheera. (1 Qor. 15:9, 10) Yihowaan Phaawulosiin eenyummaa isaa wajjin kan isa simate siʼa taʼu, Phaawulosis kana akka hubatu isa irraa barbaada ture. Cubbuu kanaan dura hojjetteef garaadhaa qalbii yoo jijjiirrattee fi cubbuu cimaa taanaan jaarsoliitti yoo himatte, Yihowaan dhiifama akka siif godhe hin shakkin. Yihowaan waadaa gale akka eegu amani, dhiifama isaas fudhadhu!—Isa. 55:6, 7.
19. Caqasni waggaa bara 2018 maali dha? Caqasni kun filatamuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?
19 Dhumni sirna kanaa yommuu dhihaatu, dhiibbaan jireenyaa dabalaa akka deemu eeguu dandeenya. Taʼu iyyuu, Waaqni ‘warra dadhabaniif humna kennuu fi warra aangoo hin qabneefis jabina kennu,’ wanta isin barbaachisu hunda isiniif kennuu akka dandaʼu mirkanaaʼoo taʼaa. (Isa. 40:29; Far. 55:22; 68:19) Bara 2018tti walgaʼii Galma Walgaʼiitti geggeeffamu irratti yeroo argamnu hunda, barumsa barbaachisaa kana yaadachiifamna. Barumsi kun caqasa waggaa,“Warri Yihowaa abdiidhaan eeggatan . . . humni isaanii ni haareffama” jedhu irratti argama.—Isa. 40:31, NW.