“Inni Warra Dadhabaniif Humna In Kenna”
1 Hundi keenya darbee darbee dadhabbiin nutti dhaga’ama. Dadhabbiin kan nutti dhaga’amu, hojii hojjechuu ykn sochii qaamaa gochuu keenyaan qofa utuu hin ta’iin, rakkoowwan “yeroon sodaachisaan” kun nurraan ga’aniin kan ka’e ta’uu danda’a. (2 Xim. 3:1) Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, tajaajilli keenya akka hin qabbanoofne karaa hafuuraa jajjabina nu barbaachisu akkamitti argachuu dandeenya? Jajjabina kana argachuu kan dandeenyu, Yihowaa isa “humna qabeessa” ta’etti hirkachuudhaani. (Isa. 40:26) Yihowaan wantoota nu barbaachisan kan beeku ta’uusaarrayyuu, gargaarsa nuu gochuuf fedhii guddaa qaba.—1 Phe. 5:7.
2 Qophiiwwan Yihowaa: Yihowaan humnasaa isa ittifamuu hin dandeenye jechuunis isa samiifi lafa ittiin uumetti fayyadamee nu jajjabeessa. Hafuurri Waaqayyoo, yommuu dadhabbiin nutti dhaga’amu akka ‘humni keenya haareffamu’ nu gargaara. (Isa. 40:31) ‘Itti gaafatama Kiristiyaana tokkorraa eegamu raawwachuudhaaf hafuura qulqulluu argachuuf adda baasee ergan gaafadhee hammam ta’eera?’ jedhii of gaafadhu.—Luq. 11:11-13.
3 Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame guyyaa guyyaadhaan dubbisuufi irratti xiinxaluu, akkasumas barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan qophaa’an yeroo hunda qayyabachuudhaan of sooruu qabna. Kana gochuun keenya akka “muka isa bishaan yaa’aa qarqara dhaabamee, yeroo yeroo isaatti ija kennuu, baalli isaas gogee hin harcaanee” jabaannee akka dhaabannu nu gargaara.—Far. 1:2, 3.
4 Kana malees, Yihowaan namoota hidhata amantaa keenya ta’aniifi ‘guddaa nu jajjabeessanitti’ fayyadamuu ni danda’a. (Qol. 4:10, 11) Obboloonni keenya, maree nama jajjabeessu nu waliin gochuudhaan, walga’iirratti yaada kennuufi haasawaa waltajjiirraa kennaniin nu jajjabeessuu danda’u. (HoE. 15:32) Keessumaa jaarsoliin gargaarsa hafuuraafi jajjabina nuu kennu.—Isa. 32:1, 2.
5 Tajaajila: Baay’ee akka dadhabde yoo sitti dhaga’amellee lallabuukee hin dhaabin! Hojiiwwan garabiraarraa haala adda ta’een yeroo hundumaa tajaajilarratti hirmaachuun nama jajjabeessa. (Mat. 11:28-30) Misiraachoo kana lallabuun keenya, Mootummaa Waaqayyoorratti akka xiyyeeffannu kan nu dandeessisu ta’uusaarrayyuu, jireenyi bara baraafi eebbi gara fuulduraatti argannu ifa ta’ee akka nutti mul’atu nu gargaara.
6 Sirni hamaan kun baduusaa dura waan hojjetamu baay’eetu jira. ‘Humna Waaqayyo nuu kennuun’ tajaajila keenyatti qabamnee jiraachuuf sababa ga’aa qabna. (1 Phe. 4:11) Yihowaan ‘warra dadhabaniif humna waan kennuuf,’ gargaarsasaatiin hojii nuu kenname galmaan ga’uu dandeenya.—Isa. 40:29.