MATA DUREE QOʼANNAA 22
“Daandii Qulqullummaa” Irra Deemuu Kee Itti Fufi
“Daandii guddaan [tokko] achitti ni argama, . . . inni Daandii Qulqullummaa ni jedhama.”—ISA. 35:8.
FAARFANNAA 31 Waaqayyoo Wajjin Deddeebiʼi
QABIYYEEa
1-2. Yihudoonni Baabilon keessa jiraatan murtoo akkamii gochuu qabu turan? (Izraa 1:2-4)
MOOTICHI labsii ni baase! Yihudoonni gara waggaa 70tiif Baabilon keessatti boojiʼamtoota turan gara biyya isaanii Israaʼelitti akka deebiʼan isaaniif heyyamame. (Izraa 1:2-4 dubbisi.) Kun akka taʼu gochuu kan dandaʼu Yihowaa qofadha. Akkas kan jennu maaliifi? Baabilon boojiʼamtoota ishii hin gadhiistu turte. (Isa. 14:4, 17) Haa taʼu malee, Baabilon yeroo kuftu mootiin inni haaraan Yihudoonni biyyattii gadhiisanii deemuu akka dandaʼan isaanitti hime. Yeroo kanatti Yihudoonni hundi keessumaa mataawwan maatii Baabiloniin gadhiisanii deemuu ykn achumatti hafuu keessaa tokko filachuu qabu turan. Kun murtoo salphaa miti. Maaliif?
2 Baayʼeen isaanii waan dulloomaniif imala kana gochuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Yihudoonni hedduun Baabilonitti waan dhalataniif biyya kan biraa hin beekan. Israaʼel biyya akaakilee isaanii akka taatetti ilaalu. Yihudoonni tokko tokko Baabilon keessatti qabeenya hedduu waan horataniif mana isaanii mijataa taʼe ykn hojii isaanii dhiisanii deemuunii fi biyya hin beekne keessa jiraachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa.
3. Yihudoota amanamoo gara Israaʼelitti deebiʼan eebba akkamiitu isaan eeggata ture?
3 Yihudoonni amanamoo taʼan faayidaan Israaʼelitti deebiʼuudhaan argatan aarsaa kaffalan kamirrayyuu akka caalu beeku turan. Eebbi argatan inni guddaan waaqeffannaa isaanii wajjin wal qabata. Baabilon keessa manneen waaqeffannaa sobaa 50 ol kan jiran taʼus manni qulqullummaa Yihowaa garuu hin jiru ture. Iddoon aarsaa Israaʼelonni akka Seerri Musee ajajutti aarsaa irratti dhiheessan hin jiru ture; qophiin lubummaa aarsaawwan kana dhiheessuuf barbaachisus hin jiru ture. Kana malees, namoonni magaalattii keessa jiraatan hedduun waaqolii sobaa kan waaqeffatanii fi Yihowaadhaafis taʼe ulaagaalee isaatiif kabaja kan hin qabne turan. Kanaafuu, Yihudoonni Waaqa sodaatanii fi kumaan lakkaaʼaman gara biyya isaaniitti deebiʼanii waaqeffannaa qulqulluu hundeessuuf hawwiidhaan eeggatu turan.
4. Yihowaan Yihudoota gara Israaʼelitti deebiʼaniif waadaa akkamii gale?
4 Imalli ulfaataan Baabilonii gara Israaʼelitti godhamu gara jiʼa afurii fudhachuu dandaʼa; haa taʼu malee, Yihowaan gufuu karaarratti isaan mudatu kamiyyuu isaaniif balleessuuf waadaa galeera. Isaayyaas akkana jedhee barreesseera: “Daandii Yihowaa qopheessaa! Gammoojjii keessattis Waaqa keenyaaf daandii guddaa qajeelaa taʼe qopheessaa. . . . Lafti buʼaa baʼii qabu diriiraa, lafti wal caccaalus dirree sulula keessa jiru haa taʼu.” (Isa. 40:3, 4) Daandii guddaa gammoojjii keessa qaxxaamuruu fi lafa diriiraa sulula keessa jiru yaadi. Namoonni daandii kanarra deeman baayʼee akka gammadan ifadha. Lafa buʼaa baʼii, gaarreen, tabbawwanii fi sululaan guutamerra deemuu mannaa lafa diriiraarra deemuun baayʼee isaaniif salphata. Saffisni isaaniis akka dabalu godha.
5. Daandii guddaan fakkeenyaan ibsamee fi Baabilonii gara Israaʼelitti geessu maal jedhama?
5 Yeroo harʼaatti daandiiwwan guguddaa hedduun maqaa ykn lakkoofsa qabu. Daandii guddaan fakkeenyaan ibsamee fi Isaayyaas waaʼee isaa barreesses maqaa qaba. Isaayyaas akkana jedhee barreesseera: “Daandii guddaan tokkos achitti ni argama, eeyyee, inni Daandii Qulqullummaa ni jedhama. Xuraaʼaa kan taʼe isa irra hin deemu.” (Isa. 35:8) Kun Israaʼelota bara sana jiraataniif hiika akkamii qaba ture? Yeroo ammaatti nuufoo hiika akkamii qaba?
“DAANDII QULQULLUMMAA”—HIIKA BARA DURIITTII FI YEROO AMMAATTI QABU
6. Daandichi qulqulluu kan jedhame maaliifi?
6 Maqaan “Daandii Qulqullummaa” jedhu maqaa baayʼee bareedaa taʼedha. Daandiin kun qulqulluu kan jedhame maaliifi? “Xuraaʼaa kan taʼe,” jechuunis Yihudiin gocha naamusaan ala taʼe raawwatu, waaqolii tolfamoo waaqeffatu ykn cubbuuwwan ciccimoo kan biroo hojjetu kamiyyuu Israaʼel keessa akka jiraatu waan isaaf hin heyyamamneefi. Yihudoonni gara biyya isaanitti deebiʼan Waaqa isaaniitiif “saba qulqulluu” dha. (Kes. 7:6) Kana jechuun garuu, warri Baabilonii deebiʼan Yihowaa gammachiisuuf jijjiirama gochuun isaan hin barbaachisu jechuu miti.
7. Yihudoonni tokko tokko jijjiirama akkamii gochuun isaan barbaachisee ture? Fakkeenya kenni.
7 Akkuma olitti ilaalle Yihudoonni hedduun Baabilon keessatti dhalatan; kanaafuu, ilaalchaa fi ulaagaalee Baabilonotaa tokko tokkotti baranii taʼuu dandaʼa. Yihudoonni jalqabaa gara Israaʼelitti erga deebiʼanii waggoota hedduu booda Izraan Yihudoonni tokko tokko dubartoota biyya ormaa akka fuudhan hubate. (Bau. 34:15, 16; Iz. 9:1, 2) Yeroo boodas Nahimiyaan inni bulchaa taʼe ijoolleen Israaʼel keessatti dhalatan afaan Yihudootaa akka hin beekne yeroo argu baayʼee gadde. (Kes. 6:6, 7; Nah. 13:23, 24) Ijoolleen kun Afaan Ibrootaa isa Dubbiin Waaqayyoo ittiin barreeffame hin hubatan erga taʼee Yihowaa jaallachuu fi isa waaqeffachuu barachuu kan dandaʼan akkamitti? (Iz. 10:3, 44) Kanaafuu, Yihudoonni kun jijjiirama guddaa gochuun isaan barbaachisa ture; Israaʼel keessatti waaqeffannaa qulqulluun suutuma suuta iddoo isaatti deebiʼaa waan tureef jijjiirama kana gochuun baayʼee isaaniif salphata.—Nah. 8:8, 9.
8. Wantoota waggoota hedduu dura raawwatamaniif xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)
8 Tarii namoonni tokko tokko, ‘Kun baayʼee namatti tola; garuu wanti waggoota hedduu dura Yihudoota mudate yeroo harʼaatti nuuf hiika qabaachuu dandaʼaa?’ jedhanii yaadu taʼa. Yeroo ammaatti akka fakkeenyaatti “Daandii Qulqullummaa” irra deemaa waan jirruuf, eeyyee, nuufis hiika qaba. Dibamtootas taane “hoolota kan biroo” “Daandii Qulqullummaa” kanarra deemuu keenya itti fufuu qabna; daandiin kun yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti yeroo Mootummichi eebbawwan dinqisiisoo taʼan fidutti Yihowaa waaqeffachuu keenya itti fufuuf nu gargaara.b (Yoh. 10:16) Dhaloota Kiristoos Booda bara 1919 kaasee dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen miliyoonaan lakkaaʼaman Baabilon Guddittii ishii amantaawwan sobaa addunyaarra jiran hunda argisiistu keessaa baʼanii daandii fakkeenyaan ibsame kanarra deemuu jalqabaniiru. Atis isaan keessaa tokko taʼuu dandeessa. Daandiin kun kan baname gara waggaa 100 dura taʼus, daandii kana qopheessuun kan jalqabame jaarraawwan hedduu duradha.
DAANDICHA QOPHEESSUU
9. Isaayyaas 57:14 karaa ‘Daandiin Qulqullummaa’ itti qopheeffame kan ibsu akkamitti?
9 Yihowaan Yihudoota Baabilonii baʼan gufuun akka isaan hin mudanne godheera. (Isaayyaas 57:14 dubbisi.) “Daandii Qulqullummaa” bara keenya jiru ilaalchiseehoo akkas godheeraa? Yihowaan jaarraawwan hedduu bara 1919 dura turanitti karaa Baabilon Guddittii keessaa itti baʼan akka qulqulleessaniif namoota isa sodaatan garaagaraatti fayyadameera. (Isaayyaas 40:3 wajjin wal bira qabii ilaali.) Namoonni kun yeroo booda namoonni garaa qajeelaa qaban Baabilon Guddittii keessaa baʼanii gara jannata hafuuraa bakka waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffametti seenuu akka dandaʼaniif daandii hafuuraa kana qopheessaniiru. Hojiin daandii qopheessuu kun maalfaa dabalata? Mee hojii hojjetame tokko tokko haa ilaallu.
10-11. Kitaabni Qulqulluun maxxanfamuun isaa fi hiikamuun isaa beekumsi Kitaaba Qulqulluu akka babalʼatu gumaacha kan godhe akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
10 Hojii maxxansaa. Hanga walakkeessa jaarraa 15ffaatti Kitaabni Qulqulluun harkaan garagalfama ture. Hojiin kun yeroo dheeraa fudhata, garagalchiiwwan Kitaaba Qulqulluu argachuunis ulfaataa ture, akkasumas gatiin isaa baayʼee miʼaa ture. Maashiniin maxxansaa yeroo kalaqamu garuu Kitaaba Qulqulluu salphaatti maxxansuunii fi raabsuun dandaʼameera.
11 Hojii hiikkaa. Jaarraawwan hedduudhaaf Kitaabni Qulqulluun adda durummaadhaan Afaan Laatiinii isa namoonni sirriitti baratan qofti hubachuu dandaʼaniin argama ture. Hojiin maxxansaa caalaatti baramaa yeroo dhufu garuu namoonni Waaqa sodaatan Kitaaba Qulqulluu afaanota namoonni hedduun dubbataniin hiikuuf carraaqqii gochuu jalqaban. Amma namoonni Kitaaba Qulqulluu dubbisan wanta qeesonni barsiisanii fi wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu wal bira qabanii ilaaluu dandaʼu.
12-13. Fakkeenya namoonni jaarraa 19ffaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa turan barumsawwan sobaa saaxiluu akka jalqaban argisiisu dubbadhu.
12 Meeshaalee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran. Namoonni Dubbii Waaqayyoo of eeggannoodhaan dubbisan wanta dubbisanirraa barumsa hedduu argataniiru. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu kun wanta baratan warra kaanitti yeroo himan qeesonni hedduun baayʼee aaran. Fakkeenyaaf, jaarraa 19ffaatti namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun tiraaktota barumsawwan sobaa waldaaleen barsiisan saaxilan maxxansuu jalqaban.
13 Naannoo bara 1835tti namichi Waaqa sodaatuu fi Henarii Giruu jedhamu tiraaktii haala namoonni duʼan keessatti argaman ibsu maxxanse. Tiraaktii kana keessatti namni tokko lubbuu hin duune qabaachuu kan dandaʼu Waaqayyo yoo isaaf kenne malee, akka waldaalee hedduun barsiisanitti akkasitti waan dhalateef akka hin taane Kitaaba Qulqulluurraa ragaa dhiheesseera. Bara 1837tti tajaajilaan Joorji Istoorzi jedhamu baaburaan utuu deemuu tiraaktii kana argate. Tiraaktii kana erga dubbisee boodas dhugaa baayʼee barbaachisaa taʼe tokko akka argate hubate. Achiis wanta barate warra kaanitti himuuf murteesse. Bara 1842tti mata duree, “Namoonni Hamoon Lubbuu hin Duune Qabuu?” jedhuun walitti aansee haasaa xiyyeeffannaa harkisu dhiheesseera. Wanti Joorji Istoorzi barreesse dargaggeessa Chaarlis Teez Raasil jedhamurratti dhiibbaa gaarii godheera.
14. Raasilii fi michoonni isaa daandii hafuuraa bara isaanii dura qopheeffamerraa kan fayyadaman akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
14 Raasilii fi michoonni isaa daandii hafuuraa warri isaan dura turan qopheessanirraa kan fayyadaman akkamitti? Qoʼannaa isaaniirratti galmee fi baafata jechootaa, akkasumas hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu garaagaraa bara isaanii dura qophaaʼanitti fayyadamuu dandaʼaniiru. Wantoota Henarii Giruun, Joorji Istoorzii fi namoonni kan biroon qorannaa Kitaaba Qulqulluu isaaniirraa argatanirraas fayyadamaniiru. Obboleessi keenya Raasilii fi michoonni isaas kitaabotaa fi tiraaktota mata dureewwan Kitaaba Qulqulluu ibsan hedduu qopheessuudhaan daandii hafuuraa kana qopheessuurratti gumaacha godhaniiru.
15. Bara 1919tti wantoota iddoo guddaa qaban akkamiitu raawwatame?
15 Bara 1919tti sabni Waaqayyoo Baabilon Guddittii jalaa bilisa baʼan. Bara sanatti “garbichi amanamaanii fi ogeessi” namoonni garaa qajeelaa qaban “Daandii Qulqullummaa” irra akka deeman gargaaruuf hojii isaa hojjechuu jalqabe. (Mat. 24:45-47) Hojii namoonni amanamoon kanaan dura turan daandii kana qopheessuuf hojjetaniif galanni haa taʼuutii, namoonni daandii kanarra deemuu jalqaban kaayyoo Yihowaa ilaalchisee beekumsa qaban guddifachuu dandaʼaniiru. (Fak. 4:18) Akkasumas jireenya isaanii ulaagaalee Yihowaa wajjin wal simsiisuu dandaʼaniiru. Yihowaan sabni isaa takkaatti jijjiirama barbaachisu hundumaa akka godhan isaanirraa hin eegu. Kanaa mannaa, suutuma suuta saba isaa qulqulleessa. (Saanduqa “Yihowaan Saba Isaa Suutuma Suuta Qulqulleessa” jedhu ilaali.) Hundi keenyayyuu wanta goonu hundumaan Waaqa keenya yeroo gammachiisnu baayʼee gammanna.—Qol. 1:10.
‘DAANDIIN QULQULLUMMAA’ AMMAS BANAADHA
16. Bara 1919 kaasee ‘Daandiin Qulqullummaa’ suphamaa kan ture akkamitti? (Isaayyaas 48:17; 60:17)
16 Daandiin kamiyyuu yeroo hunda suphamuun isa barbaachisa. Bara 1919 kaasee namoonni dabalataa Baabilon Guddittii keessaa akka baʼan gargaaruuf hojiin “Daandii Qulqullummaa” qopheessuu hojjetamuu isaa itti fufeera. Garbichi amanamaanii fi ogeessi akkuma muudameen hojii isaa jalqabe; achiis bara 1921tti barreeffama namoota dhugaa Kitaaba Qulqulluu barachuu jalqaban Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf gargaaru qopheesse. Barreeffamni kun Baganaa Waaqayyoo jedhama. Yeroo booda afaanota 36n koppiin gara miliyoona jaʼaa taʼu raabsameera; namoonni hedduunis barreeffama kanarraa dhugaa barataniiru. Dhiheenya kanammoo barreeffama gaarii Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf gargaaruu fi Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu arganneerra. Guyyoota dhumaa kanatti Yihowaan hundi keenyayyuu “Daandii Qulqullummaa” irra deemuu keenya akka itti fufnu nu gargaaruuf jaarmiyaa isaatti fayyadamee nyaata hafuuraa walirraa hin cinne nuu qopheessaa jira.—Isaayyaas 48:17; 60:17 dubbisi.
17-18. ‘Daandiin Qulqullummaa’ garamitti geessa?
17 Namni tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yeroo jalqabu “Daandii Qulqullummaa” irra deemuuf carraa akka argatetti yaaduu dandeenya. Namoonni tokko tokko yeroo muraasaaf qofa erga deemanii booda daandii guddaa kana keessaa baʼu. Kaanimmoo hamma dhumaatti daandii kanarra deemuu isaanii itti fufuuf murteessaniiru. Daandiin kun eessatti geessa?
18 ‘Daandiin Qulqullummaa’ namoota samiirra jiraachuuf abdii qaban gara “jannata Waaqayyoo” isa samii keessatti argamuutti isaan geessa. (Mul. 2:7) Namoota abdii lafarra jiraachuu qabanimmoo gara dhuma bulchiinsa barkumeetti isaan geessa; yeroo sanatti namni hundi cubbuurraa bilisa taʼa. Yeroo ammaatti daandii kanarra deemaa jirta yoo taʼe duubatti hin deebiʼin. Hamma addunyaa haaraa keessatti imala kee xumurtutti daandii kana hin gadhiisin! Imala gaarii siif haa taʼu!
FAARFANNAA 24 Gara Tulluu Yihowaatti Ol Kottaa
a Yihowaan daandii fakkeenyaan ibsamee fi Baabilonii gara Israaʼelitti geessu “Daandii Qulqullummaa” jedhee waameera. Yihowaan bara keenyattoo saba isaatiif daandii qopheesseeraa? Eeyyee! Dhaloota Kiristoos Booda bara 1919 kaasee namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Baabilon Guddittii keessaa baʼanii “Daandii Qulqullummaa” irra deemuu jalqabaniiru. Hundi keenyayyuu imala keenya hamma xumurrutti daandii kanarra deemuu keenya itti fufuu qabna.
b Kitaaba Raajii Isaayyaas—Ifa Ilmaan Namootaatiif Ife Jildii 2ffaa, ful. 56-57 ilaali. (Amaariffa)
c IBSA FAKKII: Obboleessi keenya Raasilii fi michoonni isaa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaranii fi bara isaanii dura qophaaʼanitti fayyadamaa jiru.