-
Buʼaa Lallabuun Argamsiise—‘Midhaan Addaatee Haamaadhaaf Gaʼeera’Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
-
-
15. Yaanni Isaayaas 60:5, 22rra jiru raawwatamaa kan jiru akkamitti? (Saanduqa “Yihowaan Akka Dandaʼamu Godheera” jedhuufi fuula 105rratti argamu, akkasumas saanduqa “‘Inni Xinnaan Saba Aango Qabeessa’ Kan Taʼe Akkamitti?” jedhuufi fuula 108-109rratti argamus ilaali.)
15 Yesus fakkeenya kana dubbachuusaa gara waggaa 800 dura, Yihowaan karaa Isaayaas hojiin midhaan haamuu bara keenyatti hojjetamu hammam balʼaa akka taʼuufi gammachuu guddaa akkamii akka argamsiisu haala irraanfatamuu hin dandeenyeen dubbateera.c Yihowaan namoonni iddoo ‘fagoodhaa’ gara jaarmiyaasaatti akka yaaʼan ibseera. Yihowaan “dubartii” Kiristiyaanota dibamoo yeroo ammaatti lafarra jiran argisiistutti yommuu dubbatu akkas jedheera: “Ati kana yommuu argitu fuulli kee in ifa, onneen kees gammachuu irraa kan kaʼe naʼee in dhaʼata; qabeenyi galaana keessa jiru hundinuu kan kee in taʼa, badhaadhummaa saba lafa irraas siif in fidu.” (Isa. 60:1, 4, 5, 9) Yaanni kun dhugumaan raawwiisaa akka argate hin shakkisiisu! Yeroo ammaatti obboloonni waggaa heduudhaaf Yihowaa tajaajilan, lakkoofsi babalʼistoota Mootummichaa biyyasaanii keessatti xinnoo ture gara kumaatama hedduutti akka guddate yommuu argan baayʼee gammadu.
-
-
Buʼaa Lallabuun Argamsiise—‘Midhaan Addaatee Haamaadhaaf Gaʼeera’Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
-
-
c Waaʼee raajii yaada hedduu qabate kanaa caalaatti barachuuf kitaaba Raajii Isaayaas—Ifa Ilmaan Namootaatiif Ife Jildii 2, fuula 303-320 ilaali. (Amaariffa)
-