Akkuma Ermiyaas Dammaqinaan Eeggadhaa
“Ani [Yihowaan] dubbiikoo raawwachuuf dammaqinaan eeggachaan jira.”—ER. 1:12, NW.
1, 2. Yihowaan ‘dammaqinaan eeggachuunsaa’ muka lawuziitti kan fakkeeffame maaliifi?
MUKEETII gaarawwan Liibaanoniifi Israaʼelirratti dura daraaran keessaa tokko muka lawuziiti. Abaaboonsaa inni bareedaan halluu bildiimaa ykn adii qabu, dhuma jiʼa Amajjiitii ykn jalqaba jiʼa Guraandhalaatii kaasee mulʼachuu dandaʼa. Maqaan muka kanaa afaan Ibrootaatiin kallattiidhaan yommuu hiikamu muka “dammaqaa taʼe” jechuudha.
2 Yihowaan Ermiyaas raajii akka taʼu yommuu isa muude, amalli muka lawuzii kun wanta iddoo guddaa qabu tokko ibsuuf itti hojjetamuunsaa sirrii ture. Raajiin kun, jalqaba tajaajilasaarratti damee muka kanaa mulʼataan argeera. Kun maal kan argisiisu ture? Yihowaan, “Ani dubbiikoo raawwachuuf dammaqinaan eeggachaan jira” jechuudhaan maal akka argisiisu ibseera. (Er. 1:11, 12) Akkuma mukti lawuzii jalqaba waggaatti dursee dammaqu, Yihowaanis wanta gara fuulduraatti raawwatu dursee namootatti hima. Yihowaan bara duriitti ajajamuu diduun miidhaa akkamii akka geessisu sabasaa hubachiisuuf raajotasaa ergaa tureera. (Er. 7:25) Akkasumas, Yihowaan hamma wanti raajonnisaa dubbatan raawwatamutti ‘dammaqee eeggata’ malee hin boqotu. Dh.K.D. bara 607, yeroo Yihowaan murteessetti firdiinsaa Yihudaa ishee gantuu taaterratti ni dhufe.
3. Yihowaa ilaalchisee waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?
3 Yeroo harʼaas Yihowaan dammaqaadha, akkasumas dhimmee fedhasaa ni raawwata. Wanta dubbate raawwachuuf dantaa dhabuun isaaf waan hin dandaʼamnedha. Yihowaan wanta dubbate dhimmee hordofuunsaa kan si tuqu akkamitti? Yihowaan bara kanatti, jechuunis 2011tti abdiiwwansaa raawwachuuf “dammaqaa” akka taʼe ni amantaa? Abdiiwwan amansiisaa Yihowaan kenne ilaalchisee shakkii kan qabnu yoo taʼe, amma yeroo mugaatii hafuuraa kamiyyuu keessaa itti dammaqnudha. (Rom. 13:11) Ermiyaas raajii Yihowaa waan taʼeef dammaqinaan eeggateera. Hojii Waaqayyo isaa kenne akkamittiifi maaliif dammaqinaan hojjechuusaa akka itti fufe qoruun keenya, hojii Waaqayyo nuu kennerratti akkamitti ciminaan itti fufuu akka dandeenyu hubachuuf nu gargaara.
Ergaa Ariifachiisaa
4. Ermiyaas ergaa isatti kennamee wajjin haala wal qabateen, rakkoowwan akkamii isa mudatanii turan? Ergaan kun ariifachiisaa kan ture maaliifi?
4 Yihowaan Ermiyaas eegduu taʼee akka hojjetu yommuu isa muude, umriin Ermiyaas gara waggaa 25 taʼuu hin oolu. (Er. 1:1, 2) Haataʼu malee, akka mucaa xinnootti waan of ilaaluuf, jaarsolii sabichaa, akkasumas namoota umrii dheeraafi aboo guddaa qabanitti dubbachuuf matumaa gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture. (Er. 1:6) Keessumaa luboota, raajota sobaafi bulchitootaaf, akkasumas warra ‘karuma yaadasaaniirra fiiganiifi’ ‘karaa sobaatti jabaataniif,’ dubbii hadhaaʼaa isaan balaaleffatuufi firdii sodaachisaa taʼe labsuu qaba ture. (Er. 6:13; 8:5, 6) Manni qulqullummaa Solomoon Mootichaa inni gara jaarraa afuriif handhuura waaqeffannaa dhugaa ture balleeffamuuf jira. Yerusaalemiifi Yihudaan kan onan siʼa taʼu, jiraattonnisaaniis boojiʼamuuf jiru. Kanaafuu ergaan Ermiyaas akka himuuf itti kenname ariifachiisaa akka taʼe ifadha!
5, 6. (a) Yihowaan bara keenyatti namoota kutaa Ermiyaas taʼanitti fayyadamaa kan jiru akkamitti? (b) Matadureen kun maalirratti xiyyeeffata?
5 Yihowaan bara keenyatti firdii biyya lafaa kanarratti dhufu akka akeekkachiisaniif, jaalalaan kakaʼee ilmaan namootaatiif garee Kiristiyaanota dibamoo fakkeenyaan eegdota jedhamanii qopheesseera. Warri kutaa Ermiyaas taʼan kun, waggoota kurnan hedduudhaan lakkaaʼamaniif, namoonni bara keessa jiraannuuf xiyyeeffannaa akka kennan jajjabeessaa turaniiru. (Er. 6:17) Macaafni Qulqulluun Yihowaan wanta dubbate raawwachuuf suuta akka hin jenne ibsa. Guyyaansaa yeroo inni murteesseefi saʼaatii namoonni hin eegnetti dhufa.—Sef. 3:8; Mar. 13:33; 2 Phe. 3:9, 10.
6 Sabni Yihowaa hundi, Yihowaan dhiheenyatti addunyaa haaraa akka fidu beeku. Kanaafuu, lallabuudhaaf yeroo baayʼee waan hin qabneef, ergaa Yihowaa amma namootatti himuunsaanii ariifachiisaadha. Kun kan si tuqu akkamitti? Lallabuukee cimsitee akka itti fuftu si hin kakaasuu? Kana gochuun akkuma Yesus jedhe namoonni hundi Yihowaa tajaajiluuf ykn dhiisuuf akka murteessan carraa isaanii bana. Mee amalawwan Ermiyaas hojiisaa dammaqinaan akka raawwatu isa gargaaraniifi nuyis akkasuma akka goonu nu gargaaran sadii haa qorru.
Namootaaf Jaalala Qabaachuu
7. Ermiyaas haalawwan rakkisaa taʼan isa mudataniyyuu, jaalalli lallabuuf akkamitti akka isa kakaase ibsi.
7 Ermiyaas haalawwan rakkisaa taʼan isa mudatanis akka lallabu kan isa kakaase maalidha? Namootaaf jaalala qaba ture. Ermiyaas rakkoowwan namoota mudachaa turan hedduudhaaf sababa kan taʼan tiksitoota sobaa akka taʼan beeka ture. (Er. 23:1, 2) Kana beekuunsaa hojiisaa jaalalaafi gara laafinaan akka raawwatu isa gargaareera. Namoonni biyyasaa Dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii akka jiraatan barbaadee ture. Balaan isaanitti dhufuuf jiru baayʼee waan isa yaaddesseef booʼeera. (Ermiyaas 8:21; 9:1 dubbisi.) Macaafni Faaruu Ermiyaas, Ermiyaas maqaa Yihowaatiifi namootaaf jaalala guddaa akka qabu, akkasumas akka yaadu akka gaariitti argisiisa. (Faru. 4:6, 9) Namoonni, “akka hoolota tiksee hin qabneetti bututanii, gatamanii” yommuu argitu, misraachoo Mootummaa Waaqayyoo isa nama jajjabeessu isaanitti himuuf hin kakaatuu?—Mat. 9:36.
8. Rakkinni Ermiyaasirra gaʼe garmalee akka isa hin aarsine wanti argisiisu maalidha?
8 Ermiyaas namoonni inni gargaaruu barbaadu rakkina isarraan geessisaniyyuu, haaloo hin baane ykn garmalee hin aarre. Zedeqiiyaa Mooticha isa hamaa taʼettillee obsaafi gaarummaa argisiisa ture. Zedeqiiyaan, Ermiyaas akka ajjeefamu erga ajajee boodallee, Ermiyaas mootiin kun sagalee Yihowaatiif akka abboomamu isa kadhateera. (Er. 38:4, 5, 19, 20) Nuhoo jaalalli namootaaf qabnu akka kan Ermiyaas cimaadhaa?
Ija Jabina Waaqayyo Kennu
9. Ermiyaas ija jabina kan argate Waaqayyo biraa akka taʼe akkamitti beekna?
9 Dura yommuu Yihowaan isatti dubbatu Ermiyaas duubatti jechuuf yaalee ture. Kanarraa kaʼuudhaan ija jabinniifi ciminni inni argisiise duraan kan qabu akka hin turre hubachuu dandeenya. Kanaa mannaa, jabinni guddaan Ermiyaas yommuu raajii taʼee tajaajilaa ture argisiise, guutummaatti Waaqayyotti amanamuurraa kan dhufe ture. Dhugumayyuu, Yihowaan Ermiyaasiin deggeruufi hojiisaa akka raawwatu cimina isaa kennuudhaan, “akka loltuu jabaa fi sodaachisaatti” isaa wajjin ture. (Er. 20:11) Ermiyaas ija jabeessa taʼuudhaan waan beekamuuf, Yesus yommuu lafarra tajaajilaa turetti namoonni tokko tokko yeroo isa argan Ermiyaas duʼaa kan kaʼe isaanitti fakkaatee ture.—Mat. 16:13, 14.
10. Kiristiyaanonni dibamoon lafarra jiran, “sabarratti, mootummoota irrattis aboo” qabu jechuun kan dandaʼamu maaliifi?
10 Yihowaan, “mootii saba lafa irraa” waan taʼeef, Ermiyaas sabootaafi mootummootatti ergaa firdii akka himu isa muudeera. (Er. 10:6, 7) Haataʼu malee, Kiristiyaanonni dibamoon lafarra jiran, “sabarratti, mootummoota irrattis aboo” kan qaban akkamitti? (Er. 1:10) Akkuma raajicha durii, kutaan Ermiyaas Yihowaa isa uumama cufarratti olaantummaa qabu biraa hojiin isaa kennameera. Kanaaf, tajaajiltoonni Waaqayyoo dibamoo taʼan addunyaa maratti sabootaafi mootummootarratti ergaa firdii labsuuf aboo qabaachuunsaa sirriidha. Kutaan Ermiyaas Waaqayyo isa Hundumaa Gararraa jirurraa aboo argachuudhaan, akkasumas qooqa ifaa Macaafa Qulqulluu isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessa jirutti fayyadamuudhaan, saboonniifi mootummoonni bara keenya jiran, yeroo Waaqayyo murteesseefi karaa inni filateen akka buqqifaman, akkasumas akka balleeffaman labsaa jira. (Er. 18:7-10; Mul. 11:18) Kutaan Ermiyaas hojii Waaqayyo isaa kenne jechuunis ergaa firdii Yihowaa guutummaa lafaatti labsuurraa duubatti akka hin jenne murteesseera.
11. Yeroo haalli rakkisaan nu mudatu utuu gargar hin kutin lallabuuf maaltu nu gargaara?
11 Al tokko tokko mormiin, dantaa dhabuun ykn haalli rakkisaan yeroo nu mudatu abdii kutachuun waanuma jirudha. (2 Qor. 1:8) Haataʼu malee, akkuma Ermiyaas hojii keenya jabaannee itti fufuun barbaachisaadha. Kanaaf Waaqayyo ‘ija jabina nuu kennuudhaan’ akka nu gargaaru ni kadhanna, isattis ni amanamna. (1 Tas. 2:2) Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, itti gaafatamummaa Waaqayyo nuu kenne dammaqinaan raawwachuu keenya itti fufuu qabna. Badiisa saba Kiristiyaanaa, Yerusaalem ishee gantuu taatetti fakkeeffamterratti dhufu utuu gargar hin kutin labsuuf murteessuun nu barbaachisa. Kutaan Ermiyaas, “waggaa Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame” qofa utuu hin taʼin, “guyyaa Waaqayyo keenya itti ijaa baafatu[s]” ni labsa.—Isa. 61:1, 2; 2 Qor. 6:2.
Gammachuu Garaadhaa Madde
12. Ermiyaas gammachuusaa eegee jiraateera jechuu kan dandeenyu maaliifi? Kana gochuuf wanti isa gargaare inni guddaan maalidha?
12 Ermiyaas hojiisaarraa gammachuu argateera. Yihowaadhaan, “Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, ani kan kee tiʼo, dubbii kee yommuun argadhe, akka nama buddeena nyaatuutti isa nan nyaadhe, innis garaa koo gammachuu fi qannoodhaan in guute” jedheera. (Er. 15:16) Waaqa dhugaa bakka buʼuufi Dubbiisaa labsuun Ermiyaasiif mirga guddaa ture. Ermiyaas gaʼisa namoonni isarraan gaʼanirratti yommuu xiyyeeffatu gammachuusaa dhabee akka ture hubachuun keenya barbaachisaadha. Bareedinaafi barbaachisummaa ergaansaa qaburratti yommuu xiyyeeffatu garuu gammachuu argata ture.—Er. 20:8, 9.
13. Gammachuu keenya eeguuf dhugaawwan hafuuraa gad fageenya qaban soorachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
13 Hojii lallabaa yeroo harʼaa godhamurratti gammachuu keenya eegnee itti fufuuf, ‘nyaata jabaa’ jechuunis dhugaa Dubbii Waaqayyoo isa gad fageenya qabu soorachuun nu barbaachisa. (Ibr. 5:14) Qayyabannaan gad fageenya qabu amantii keenya nuu guddisa. (Qol. 2:6, 7) Gochi keenya dhugumaan garaa Yihowaa akkamitti akka tuqu nu hubachiisa. Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuuf yeroo argachuun yoo nu rakkise sagantaa keenya gamaaggamuu qabna. Guyyaa guyyaadhaan daqiiqaa muraasaafillee qayyabachuufi irratti xiinxaluun, akkuma Ermiyaas caalaatti Yihowaatti akka dhihaannu, akkasumas ‘garaan keenya gammachuufi qannoo’ akka qabaatu gochuu dandaʼa.
14, 15. (a) Ermiyaas hojii isaa kenname amanamummaadhaan raawwachuunsaa buʼaa akkamii argamsiise? (b) Yeroo harʼaa sabni Waaqayyoo waaʼee hojii lallabaa maal hubatu?
14 Ermiyaas akeekkachiisaafi ergaa firdii Yihowaa utuu gargar hin kutin kan labse taʼus, ‘akka ijaaruufi akka dhaabu’ hojii isaa kennames yaadatti qabatee ture. (Er. 1:10) Hojiin ijaaruufi dhaabuu inni hojjete ija godhateera. Yihudoonniifi namoonni Yihudoota hin taane tokko tokko badiisa Dh.K.D. bara 607tti gaʼerraa oolaniiru. Rekaabota, Ebeed-Melekiifi Baarukiin ni yaadanna. (Er. 35:19; 39:15-18; 43:5-7) Namoonni Waaqayyoon sodaataniifi hidhata Ermiyaas taʼan kun, warra yeroo harʼaa hidhata kutaa Ermiyaas taʼaniifi abdii lafarra jiraachuu qaban argisiisu. Kutaan Ermiyaas kun, mirga guddaa namoota “tuuta sonaan baayʼee” karaa hafuuraa jabeessuuf qabu ni dinqisiifata. (Mul. 7:9) Haaluma wal fakkaatuun, namoonni amanamoon hidhata warra dibamtootaa taʼan, namoonni garaa qajeelaa qaban beekumsa dhugaa akka argatan gargaaruun gammachuu guddaa isaaniif argamsiisa.
15 Sabni Waaqayyoo, misraachoo lallabuun tajaajila namoota dhagaʼaniif kennamu qofa utuu hin taʼin, kutaa waaqeffannaas akka taʼetti ilaalu. Nama nu dhagaʼu argannes argachuu baannes, misraachoo lallabuudhaan Yihowaa tajaajiluun gammachuu guddaa nuu argamsiisa.—Far. 71:23; Roomaa 1:9 dubbisi.
Hojii Sii Kenname ‘Dammaqinaan’ Hojjedhu!
16, 17. Mulʼanni 17:10fi Anbaaqom 2:3 yeroon keenya ariifachiisaa taʼuusaa kan argisiisu akkamitti?
16 Raajii Mul’ata 17:10rratti geggeessaa hafuuraatiin barreeffame yommuu qorru, yeroon keessa jiraannu hangam ariifachiisaa akka taʼe ifa nuu taʼa. Mootii torbaffaan jechuunis Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa aangoo qabateera. Mootummaa kana ilaalchisuudhaan, “[Mootummaan addunyaa inni torbaffaan] yommuu kaʼu immoo yeroo gabaabduu duwwaadhaaf turuun isa irra jira” jedhameera. Amma ‘yeroo gabaabaan’ caqasame kun dhumuu jala gaʼeera. Anbaaqom raajichi dhuma sirna hamaa kanaa ilaalchisee, “Mulʼanni kun yeroo itti raawwatamuun isaaf taʼu in eega, . . . isa eeggadhu! Inni dhuguma in dhufa, hin turus” jechuudhaan nuu mirkaneessa.—An. 2:3.
17 Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Jireenyikoo dhugumaan yeroon keenya ariifachiisaa akka taʼe argisiisaa? Akkaataan jireenyaakoo yeroon dhumaa dhiheenyatti akka dhufu akkan amanu argisiisaa? Moo murtoon ani godhuufi wantoonni ani dursa kennuuf yeroon dhumaa dhiheenyatti dhufa jedhee akkan hin eegne ykn yoomiyyuu dhufuusaa mirkanaaʼaa akkan hin taane argisiisa?’
18, 19. Yeroon kun yeroo itti sochii hafuuraa keenya qabbaneessinu kan hin taane maaliifi?
18 Hojiin kutaa eegdotaa hin dhumne. (Ermiyaas 1:17-19 dubbisi.) Kiristiyaanonni dibamoon lafarra jiran “akka utubaa sibiilaa,” akkasumas “akka mandara kellaa dhagaa qabuu” jabaatanii dhaabachuunsaanii gammachuu guddaa argamsiisa. Kiristiyaanonni kun hamma hojiin isaanii kenname raawwatamutti, Dubbiin Waaqayyoo akka isaan jabeessu waan heyyamaniif ‘dhugaadhaan mudhiisaanii hidhataniiru.’ (Efe. 6:14) Tuutni sonaan baayʼeenis murtoo akkasii gochuudhaan, kutaan Ermiyaas hojii isaa kenname akka raawwatu dammaqinaan isa deggeru.
19 Yeroon keessa jiraannu Mootummichaa wajjin haala wal qabateen yeroo sochii keenya itti qabbaneessinu utuu hin taʼin, yeroo itti jecha Ermiyaas 12:5rra jirurratti xiinxalludha. (Dubbisi.) Hundi keenya qorumsi dandaʼuu qabnu nu mudata. Qorumsawwan amantii kana dandaʼuun, namootaa wajjin dorgommii fiigichaarratti hirmaachuu wajjin wal fakkaata. Haataʼu malee, “rakkinni guddaan” dhihaachaa yommuu dhufu rakkoowwan dabalaa akka adeeman eeguu dandeenya. (Mat. 24:21) Rakkoowwan gurguddaa nu fuuldura jiranii wajjin walʼaansoo gochuun, ‘fardaa wajjin wal dorgomuuf’ fiiguu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Farda gulufaa jiruu wajjin qixxee fiiguun humnaafi jabina guddaa gaafata. Kanaaf qorumsawwan yeroo ammaa nurra gaʼan warra fuuldura keenya jiraniif nu qopheessuu waan dandaʼaniif jabaannee itti fufuun keenya faayidaa qaba.
20. Maal gochuuf murteessiteetta?
20 Hundi keenya fakkeenya Ermiyaas hordofuudhaan hojii akka lallabnu nuu kenname guutummaatti raawwachuu dandeenya! Ermiyaas amalawwan akka jaalalaa, ija jabinaafi gammachuu qabaachuunsaa, waggaa 67f tajaajilasaa amanamummaadhaan akka raawwatu isa kakaaseera. Abaaboon lawuzii inni bareedaa taʼe, Yihowaan wanta dubbate raawwachuuf ‘dammaqinaan akka eeggatu’ nu yaadachiisa. Nuyis akkumasaa gochuuf sababii gaʼaa qabna. Ermiyaas ‘dammaqinaan eegeera’ nuyis akkasuma gochuu ni dandeenya.
Ni Yaadattaa?
• Jaalalli Ermiyaas qabu hojii isaaf kenname ‘dammaqinaan’ akka raawwatu kan isa gargaare akkamitti?
• Ija jabinni Waaqayyo kennu kan nu barbaachisu maaliifi?
• Ermiyaas gammachuusaa eegee akka jiraatu kan isa gargaare maalidha?
• ‘Dammaqinaan eeggachuu’ kan barbaaddu maaliifi?
[Fakkii fuula 31]
Mormiin si mudatuyyuu lallabuukee itti fuftaa?