BOQONNAA 27
“Gaarummaan Isaa Baayʼee Guddaa Dha!”
1, 2. Gaarummaan Waaqayyoo hammam guddaadha? Kitaabni Qulqulluun amala kana kan ibsu akkamitti?
MICHOONNI yeroo dheeraa waliin jiraatan muraasni, bareedina yeroo biiftuun lixxu mulʼatu dinqisiifachaa, taaʼanii nyaata nyaachaa, kolfaa fi taphachaa jiru. Fagootti immoo, qotee bulaan tokko samiin gurraachaʼuu isaa fi bokkaan maasii isaa isa bishaan dheebote irratti roobuu jalqabuu isaa ilaalee gammadaa jira. Bakka biraatti immoo, abbaa fi haati tokko daaʼimni isaanii dhaabatee deemuuf yommuu tarkaanfachuu jalqabu ilaalanii gammadaa jiru.
2 Namoonni kun, hubatanis hubachuu baatanis, gaarummaa Yihowaa irraa fayyadamaa jiru. Namoonni amantii tokko tokko jechoota “Waaqayyo gaarii dha” jedhu yeroo baayʼee ni dubbatu. Kitaabni Qulqulluun garuu ibsa kana irra caalu kenna. “Gaarummaan isaa baayʼee guddaa dha!” jedha. (Zakkaariyaas 9:17) Taʼus namoonni yeroo harʼaatti argaman hedduun yaada kana sirriitti kan hubatan hin fakkaatu. Gaarummaan Yihowaa maalfaa dabalata? Amalli Waaqayyoo kun dhuunfaatti kan nu fayyadu akkamitti?
Amala Jaalala Waaqayyoo Akka Gaariitti Argisiisu
3, 4. Gaarummaan maalidha? Gaarummaan Yihowaa, karaa jaalalli isaa itti mulʼatu akka taʼetti ibsamuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?
3 Afaanonni yeroo ammaatti argaman hedduun, jecha “gaarummaa” jedhu wantoota hedduu argisiisuuf itti fayyadamu. Kitaabni Qulqulluun garuu, amalli iddoo guddaa qabu kun dhugumaan maal akka taʼe nuu ibsa. Amalli kun naamusa ol aanaa qabaachuu argisiisa. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan gaarummaadhaan kan guutame dha jechuu dandeenya. Humna isaa, haqa isaa fi ogummaa isaa dabalatee, amalawwan isaa hundi guutummaatti gaarii dha. Hunda caalaa garuu gaarummaan karaa jaalalli Yihowaa itti mulʼatu dha. Akkas kan jennu maaliifi?
4 Gaarummaan amala hojiidhaaf nama kakaasu dha. Phaawulos ergamaan, gaarummaan qajeelummaa caalaa namoota biratti jaallatamaa akka taʼe ibseera. (Roomaa 5:7) Namni qajeelaan, ulaagaawwan seera tokko keessatti argaman akka gaariitti eega, namni gaariin garuu wanta kana irra caalu godha. Namni gaariin dursa fudhatee warra kaan fayyaduuf carraa barbaada. Akkuma kanatti aansinee ilaallu, Yihowaan akkas gochuudhaan Waaqa gaarii taʼuu isaa argisiiseera. Gaarummaan akkasii jaalala Yihowaa isa guddaa irraa akka maddu beekamaa dha.
5-7. Yesuus “barsiisaa gaarii” jedhamee waamamuu kan hin barbaanne maaliifi? Kana gochuu isaatiin barumsa guddaa akkamii dabarseera?
5 Kana malees, gaarummaan Yihowaa addadha. Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura namni tokko isatti dhihaatee, “Yaa Barsiisaa gaarii” jedhee isa waamuudhaan gaaffii tokko isa gaafate. Yesuusis, “Maaliif gaarii jettee na waamta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru” jedhee deebiseef. (Maarqos 10:17, 18) Tarii deebiin isaa kun bitaa sitti taʼuu dandaʼa. Yesuus nama kana kan sirreesse maaliifi? Dhuguma inni “barsiisaa gaarii” hin turree?
6 Namichi Yesuusiin “barsiisaa gaarii” yommuu jedhu, isa jajuuf jedhee akka ture haala isaa irraa hubachuu dandeenya. Yesuus garuu gad of qabuudhaan, ulfina kana Abbaa isaa isa samii isa hunda caalaa gaarii taʼeef kenneera. (Fakkeenya 11:2) Kana malees, Yesuus carraa kanatti fayyadamee dhugaa barbaachisaa taʼe tokko barsiiseera. Ulaagaan wanta gaarii Yihowaa qofa dha. Wanti gaarii fi wanti gadheen maal akka taʼe murteessuuf ol aantummaa kan qabu Yihowaa qofa dha. Addaamii fi Hewaan Waaqayyo irratti fincilanii firii mukaa gaarii fi hamaa beeksisu nyaachuudhaan, mirga akkasii argachuu akka barbaadan argisiisaniiru. Isaan irraa haala faallaa taʼeen, Yesuus wanta gaarii fi gadhee taʼeef ulaagaa baasuuf mirga kan qabu Abbaa isaa akka taʼe gad of qabuudhaan amanee fudhateera.
7 Kana malees, Yesuus, Yihowaan madda wanta dhugumaan gaarii taʼe hundaa taʼuu isaa beeka ture. “Kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi” kan dhufu isa biraati. (Yaaqoob 1:17) Mee amma, gaarummaan Yihowaa arjummaa isaatiin kan mulʼate akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
Wantoota Gaarummaa Yihowaa Isa Guddaa Argisiisan
8. Yihowaan namoota hundatti gaarummaa kan argisiise akkamitti?
8 Namni gaarummaa Yihowaa irraa faayidaa hin arganne hin jiru. Faarfannaan 145:9, “Yihowaan uumamawwan hundumaatiif gaarii dha” jedha. Fakkeenyonni Yihowaan nama hundumaaf gaarii taʼuu isaa argisiisan tokko tokko maalfaʼi? Kitaabni Qulqulluun, “Wanta gaarii gochuudhaan, jechuunis samii irraa bokkaa roobsuudhaan, waqtiilee firii qaban isiniif kennuudhaan, akkasumas nyaata akka quuftanii fi garaan keessan gammachuudhaan akka guutamu gochuudhaan waaʼee ofii isaa dhugaa baʼeera” jedha. (Hojii Ergamootaa 14:17) Nyaata gaarii nyaachuudhaan baayʼee gammaddee beektaa? Yihowaan gaarummaa isaatiin kakaʼee marsaan bishaanii akka walirraa hin cinne utuu gochuu baatee fi nyaanni hedduun akka jiraatuuf “waqtiilee firii qaban” utuu kennuu baatee nyaanni hin jiraatu ture. Yihowaan gaarummaa isaa kana namoota isa jaallatanitti qofa utuu hin taʼin, namoota hundatti argisiisa. Yesuus, “Inni aduu isaa namoota hamoo fi namoota gaarii irratti ni baasa; bokkaas qajeelotaa fi jalʼoota irratti ni roobsa” jedheera.—Maatewos 5:45.
9. Poomiin, gaarummaa Yihowaa kan argisiisu akkamitti?
9 Namoonni hedduun, arjummaa Yihowaan aduu, bokkaa fi waqtiilee midhaan itti oomishamu nuu kennuudhaan yeroo hunda nutti argisiisu akka laayyootti ilaalu. Mee poomii akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Poomiin, kuduraa naannoowwan badda daree taʼanitti baayʼinaan beekamu dha. Taʼus, kuduraan kun bareedaa, miʼaawaa, bishaan hedduu kan qabuu fi faayidaa guddaa kan argamsiisu dha. Addunyaa maratti akaakuun poomii 7,500 taʼu ni argama. Poomiiwwan halluu diimaa, halluu warqee, halluu keelloo fi magariisa dabalatee halluu addaddaa qabu. Guddinni isaaniis ija wayinii irraa kaasee hamma burtukaana guddaa kan gaʼudha. Kana beekta turtee? Sanyiin poomii xinnoon tokko yommuu harkaan qabamtu wayittuu kan hin lakkaaʼamne fakkaachuu dandeessi. Haa taʼu malee, guddattee muka baayʼee bareedu taati. (Weedduu Weedduu Caalu 2:3) Mukti poomii waqtii birraatti ni daraara, waqtii arfaasaatti immoo firii godhata. Mukti poomii tokko waggoota 75f waggaa waggaadhaan kuduraa kaartoonii 20 tokkoon tokkoon isaa kiilogiraamii 19 madaalu godhata.
Yihowaan, ‘samii irraa bokkaa roobsuudhaan, waqtiilee firii qaban siif kenneera’
10, 11. Qaamonni miiraa keenya gaarummaa Yihowaa kan mulʼisan akkamitti?
10 Yihowaan gaarummaa isaa isa dhuma hin qabneen kakaʼee qaama keenya isa ‘karaa dinqisiisaa taʼeen tolfame’ qaamota miiraa hojii harka isaa hubachuu fi itti gammaduuf nu gargaaran wajjin nuu kenneera. (Faarfannaa 139:14) Mee wantoota jalqaba boqonnaa kanaa irratti kaasne irra deebiʼii ilaali. Ati utuu achi jiraattee wantoota si gammachiisan akkamii arguu dandeessa? Daaʼima baayʼee gammadee kolfu, bokkaa maasii bishaan dheebote irratti roobu, halluu diimaa, bifa warqee fi kan biraa yeroo aduun seentu mulʼatu arguu dandeessa. Iji namaa halluuwwan gara garaa kuma dhibbaan, tarii immoo miliyoonaan lakkaaʼaman addaan baasuu dandaʼa! Dandeettiin dhagaʼuu, sagaleewwan namatti tolan adda addaa gargar baasuuf nu gargaara; fakkeenyaaf siiqsa qilleensaa mukeetii gidduudhaa dhagaʼamuu fi kolfa daaʼima tokkoo addaan baasuu dandeenya. Wantoota kana ilaallee fi dhageenyee itti gammaduu kan dandeenye maaliifi? Kitaabni Qulqulluun, “Gurra dhagaʼuu fi ija argu, lamaan isaanii iyyuu Yihowaatu uume” jedha. (Fakkeenya 20:12) Taʼus wanti Yihowaan nuu kenne wantoota kana lamaan qofa miti.
11 Dandeettiin fuunfachuus ragaa kan biraa gaarummaa Yihowaa argisiisu dha. Funyaan namaa fooliiwwan gara miliyoona tokkoo taʼan addaan baasuu dandaʼa. Urgaan nyaata jaallattu tokkoo, urgaan abaaboo, fooliin baala harcaʼee fi aarri ibiddaa kanneen keessaa muraasa isaaniiti. Miirri qaqqabuu, yommuu qilleensi namatti tolu fuula keetti qilleensaʼuu fi michuun kee tokko si hammatu akka gammaddu, akkasumas firii mukaa tokkoo harkaan qaqqabdee lallaafina isaa akka hubattu si gargaara. Kuduraa tokko yommuu cuffattu immoo, qaamni miiraa dhandhamuuf si gargaaru hojii isaa jalqaba. Yommuu cuunfaan kuduraa sanaa arraba kee tuqu afaan kee dhandhama namatti toluun guutama. Dhuguma iyyuu, “Gaarummaan kee akkam baayʼee dha! Ati warra si sodaataniif isa keesseetta” jennee Yihowaa jajachuuf sababii gaʼaa qabna. (Faarfannaa 31:19) Garuu Yihowaan namoota isa sodaataniif wanta gaarii kan ‘kaaʼe’ akkamitti?
Gaarummaa Faayidaa Bara Baraa Argamsiisu
12. Qophiin Yihowaa inni hunda caalaa barbaachisaa taʼe isa kami dha? Barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?
12 Yesuus, “‘Namni dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu’ kan jedhu barreeffameera” jedheera. (Maatewos 4:4) Dhuguma iyyuu, qophiin hafuuraa jireenya bara baraatti waan nu geessuuf, qophii qaama keenyaaf godhame caalaa faayidaa guddaa qaba. Boqonnaa 8ffaa kitaaba kanaa irratti, Yihowaan jannata hafuuraa argamsiisuuf guyyoota gara dhumaa kanatti humna haaressuuf qabutti akka fayyadame ilaallee turre. Wanti jannanni hafuuraa kun ittiin beekamu inni guddaan, nyaata hafuuraa baayʼinaan dhihaatu dha.
13, 14. (a) Hisqiʼel raajichi mulʼataan maal arge? Kun hoo yeroo ammaatti nuuf hiika maalii qaba? (b) Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif qophii hafuuraa jireenya argamsiisu akkamii qopheesseera?
13 Raajii Kitaaba Qulqulluu haaromsaa ilaalchisee dubbatame tokko irratti, Hisqiʼel raajichi mana qulqullummaa ulfina qabeessa deebiʼee ijaarame mulʼataan argeera. Bishaan mana qulqullummaa sana keessaa burqe tokko, balʼinni isaa fi gadi fageenyi isaa dabalaa deemuudhaan galaana taʼe. Bishaanichi gara itti yaaʼe hundatti eebba guddaa argamsiisa ture. Qarqara bishaanichaatti mukeetiin firiin isaanii nyaataa fi qorichaaf taʼu ni biqilu. Bishaanichi Galaana Duʼaa isa soogidda qabuu fi lubbu qabeeyyiin keessa hin jiraanneef illee jireenya kenneera! (Hisqiʼel 47:1-12) Maarree kun hundi hiika maalii qaba?
14 Mulʼanni mana qulqullummaa, Yihowaan waaqeffannaa dhugaa akka iddootti deebisu argisiisa. Waaqeffannaan achi keessatti dhihaatus ulaagaa isaa wajjin kan walsimu taʼa. Akkuma bishaan mulʼaticha keessatti ibsame sanaa, qophiin Waaqayyo jireenyaaf godhe, saba isaatiif yeroo kam iyyuu caalaa baayʼinaan ni dhangalaʼa. Yihowaan waaqeffannaa qulqulluun bara 1919 jalqabee iddootti akka deebiʼu erga godhee kaasee, qophiiwwan jireenya argamsiisan kennuudhaan saba isaa eebbiseera. Akkamitti? Kitaabni Qulqulluun, barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan, walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaan namoota miliyoonaan lakkaaʼaman dhugaa beeksisuuf tajaajilaniiru. Yihowaan wantoota kanatti fayyadamee namoonni qophii inni jireenyaaf godhe keessaa waaʼee isa hunda caalaa barbaachisaa taʼe tokkoo akka baratan gochaa jira. Qophiin kun aarsaa furii Kiristoos isa warra garaadhaa Waaqayyoon jaallatanii fi sodaataniif Yihowaa duratti ejjennoo qulqulluu argamsiisuu fi abdii jireenya bara baraa isaaniif kennu dha.a Kanaan kan kaʼes, guyyoota dhumaa kanatti addunyaan beela hafuuraatiin kan miidhame taʼus, sabni Yihowaa nyaata hafuuraa irraa hafaa argachaa jiru.—Isaayyaas 65:13.
15. Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti gaarummaan Yihowaa ilmaan namootaatiif kan dhangalaʼu akkamitti?
15 Haa taʼu malee, bishaan Hisqiʼel mulʼataan arge, addunyaan inni moofaan kun erga balleeffamee boodas yaaʼuu isaa hin dhiisu. Kanaa mannaa, Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti baayʼinaan yaaʼuu isaa itti fufa. Yeroo sanatti, Yihowaan karaa Mootummaa Masiihichaa suutuma suuta namoonni amanamoon mudaa kan hin qabne akka taʼan gochuudhaan, gatiin aarsaa Kiristoos guutummaatti faayidaa irra akka oolu godha. Yeroo sanatti gaarummaa Yihowaatti baayʼee akka gammannu beekamaadha!
Karaawwan Gaarummaan Yihowaa Itti Mulʼatu Kan Biroo
16. Kitaabni Qulqulluun, gaarummaan Yihowaa amalawwan kan biroos kan of keessatti qabate taʼuu isaa kan ibsu akkamitti? Isaan keessaa tokko tokko maalfaʼi?
16 Gaarummaan Yihowaa arjummaa irra darbees waan dabalatu qaba. Waaqayyo Museedhaan, “Ani gaarummaan koo hundi fuula kee dura akka darbu nan godha; akkasumas maqaa Yihowaa si duratti nan labsa” jedheera. Seenaan isaa itti fufuudhaan, “Yihowaanis akkana jedhee labsaa isa dura darbe: ‘Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe’” jedha. (Baʼuu 33:19; 34:6 miiljalee) Kanaaf, gaarummaan Yihowaa amalawwan gaggaarii hedduu kan of keessatti qabatedha jechuu dha. Mee amalawwan kana keessaa lamaan isaanii qofa haa ilaallu.
17. Gara laafinni maalidha? Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoo taʼanitti gara laafina kan argisiise hoo akkamitti?
17 “Gara laafessa.” Amalli kun, Yihowaan uumamawwan isaa kabajaan akka qabuu fi kan itti dhihaatamu akka taʼu isa godha. Yihowaan akka namoota aangoo qaban kaanii kan dheekkamu, jaalala kan hin qabne ykn kan nama cunqursu utuu hin taʼin garraamii fi gaarummaa kan qabu dha. Fakkeenyaaf Yihowaan Abraamiin, “Maaloo, ol jedhiitii bakka jirtu kana irraa gara kaabaa fi gara kibbaa, akkasumas gara bahaa fi gara dhihaa ilaali!” jedhe ture. (Uumama 13:14) Hiikkaawwan hedduun jecha “maaloo” jedhu baasaniiru. Haa taʼu malee, hayyoonni Kitaaba Qulqulluu, afaan Ibrootaatiin caqasni kun jecha yaada kana ajaja irraa gara gaaffii kabajaatti jijjiiru kana akka qabu ibsaniiru. Caqasawwan yaada akkasii qabatan kan biroonis jiru. (Uumama 31:12; Hisqiʼel 8:5) Gooftaan uumama cufaa, ilmaan namootaatiin “maaloo” jechuun isaa nama hin dinqisiisuu? Addunyaa hamminni, gara jabinnii fi addaggummaan itti babalʼate kana keessa yeroo jiraannutti, gara laafina Yihowaa irratti xiinxaluun nama hin gammachiisuu?
18. Yihowaan “dhugaan isaa baayʼee kan taʼe” akkamitti? Yaanni kun kan nu jajjabeessu maaliifi?
18 “Dhugaan isaa baayʼee kan taʼe.” Yeroo harʼaatti amanamummaan addunyaa irraa badeera. Kitaabni Qulqulluun garuu, “Waaqayyo akka namaa soba hin dubbatu” jedha. (Lakkoofsa 23:19) Tiitoon 1:2, ‘Waaqni sobuu hin dandaʼu’ jedha. Gaarummaan isaa guddaa waan taʼeef sobuu hin dandaʼu. Kanaan kan kaʼes, abdiin inni kenne guutummaatti amansiisaadha; wanti inni dubbates yeroo hunda ni raawwatama. Yihowaan “Waaqa dhugaa” jedhamee illee waamameera. (Faarfannaa 31:5) Yihowaan soba dubbachuu irraa of qusachuu qofa utuu hin taʼin, tajaajiltoota isaatiif dhugaa hedduu ni ibsa. Namoota irraa of fageessuu ykn of dhoksuu mannaa, tajaajiltoonni isaa warri amanamoo taʼan kuusaa ogummaa isaa isa hangana hin jedhamne irraa beekumsa akka argatan godha.b ‘Dhugaa keessa deddeebiʼuu akka itti fufaniif’ dhugaa isa irraa argataniin akkamitti jiraachuu akka qaban illee isaan barsiisa. (3 Yohaannis 3) Maarree, gaarummaan Yihowaa dhuunfaatti maal akka goonu nu kakaasuu qaba?
‘Gaarummaa Yihowaatti Gammadi’
19, 20. (a) Seexanni, Hewaan gaarummaa Yihowaa irratti amantaa akka dhabdu gochuuf kan yaale akkamitti? Kunoo maal geessise? (b) Gaarummaan Yihowaa maal akka goonu nu kakaasuu qaba? Maaliifi?
19 Seexanni iddoo biqiltuu Eedan keessatti haxxummaadhaan Hewaaniin qoru kan jalqabe amantaa gaarummaa Yihowaa irratti qabdu ishii dhabsiisuudhaan ture. Yihowaan Addaamiin, “Muka iddoo biqiltuu sana keessa jiru hundumaa irraa hamma quuftutti ni nyaatta” jedheenii ture. Mukeetii iddoo biqiltuu sana keessatti argaman hunda keessaa, Addaamii fi Hewaan akka hin nyaanne kan dhowwaman isa tokko irraa qofa ture. Seexanni garuu, “Waaqayyo dhuguma muka iddoo biqiltuu keessa jiru hundumaa irraa hin nyaatinaa isiniin jedheeraa?” jechuudhaan yaada kana jalʼisee gaaffii isa jalqabaa Hewaaniif dhiheesse. (Uumama 2:9, 16; 3:1) Seexanni, Hewaan Yihowaan wanta gaarii tokko akka isaan dhowwate akka yaaddu gochuuf, wanta Yihowaan jedhe jalʼisee dhiheesseera. Kan nama gaddisiisu tooftaan isaa kun isaaf milkaaʼeera. Akkuma namoonni sana booda dhalatan hedduun godhan, Hewaanis Waaqayyo inni wanta qabdu hunda ishiif kenne gaarii taʼuu isaa shakkuu jalqabde.
20 Shakkiin akkasii gaddaa fi jeequmsa guddaa akkamii akka fide beekna. Kanaaf, yaada Ermiyaas 31:12 irratti argamuu fi ‘Isaan gaarummaa Yihowaatti ni gammadu’ jedhu hojii irra haa oolchinu. Dhuguma iyyuu, gaarummaan Yihowaa nu gammachiisuu qaba. Waaqa keenya isa gaarummaadhaan guutame matumaa shakkuu hin qabnu. Namoonni isa jaallatan wanta gaarii akka argatan waan barbaaduuf, guutummaatti isatti haa amanamnu.
21, 22. (a) Dinqisiifannaa gaarummaa Waaqayyootiif qabdu karaawwan kamiin argisiisuu barbaadda? (b) Boqonnaa ittaanu irratti waaʼee amala isa kamii baranna? Amalli kunoo gaarummaa irraa adda kan taʼe akkamitti?
21 Kana malees, waaʼee gaarummaa Waaqayyoo warra kaanitti himuuf yommuu carraa argannu ni gammanna. Faarfannaan 145:7 saba Yihowaa ilaalchisee, “Isaan gaarummaa kee isa hedduu taʼe yommuu yaadatan gammachuudhaan dubbatu” jedha. Yeroo hundumaa gaarummaa Yihowaa irraa faayidaa ni arganna. Guyyaa guyyaadhaan gaarummaa Yihowaan sii godhe caqastee isa galateeffachuu maaliif barsiifata hin godhattu? Amala kana irratti xiinxaluun keenya, yeroo hundumaa gaarummaa isaatiif isa galateeffachuu fi waaʼee gaarummaa isaa warra kaanitti himuun keenya, fakkeenya Waaqa keenya isa gaarii hordofuuf nu gargaara. Akkuma Yihowaa wanta gaarii gochuuf yommuu karaa barbaannu, yeroo kam iyyuu caalaa isatti dhihaanna. Yohaannis ergamaan inni maanguddoo ture, “Yaa obboleessa jaallatamaa, fakkeenya warra wanta gaarii hojjetanii hordofi malee, fakkeenya warra wanta gadhee hojjetanii hin hordofin. Namni wanta gaarii hojjetu kan Waaqayyoo ti. Namni wanta gadhee hojjetu Waaqayyoon hin argine” jedhee barreesseera.—3 Yohaannis 11.
22 Gaarummaan Yihowaa amalawwan kaan wajjinis walitti dhufeenya qaba. Fakkeenyaaf Kitaabni Qulqulluun “jaalalli isaa inni amanamaan . . . baayʼee” akka taʼe ibsa. (Baʼuu 34:6) Yihowaan amala isaa kana kan argisiisu tajaajiltoota isaa warra amanamoof qofa waan taʼeef, amalli kun gaarummaa irraa addadha. Boqonnaa ittaanu irratti Yihowaan kana akkamitti akka godhu baranna.
a Furii kana caalaa wanti gaarummaa Yihowaa argisiisu kan biraan hin jiru. Yihowaan, uumamawwan hafuuraa miliyoonaan lakkaaʼaman kan qabu taʼus, akka nuuf duʼu kan filate garuu Ilma isaa isa tokkicha baayʼee jaallatu ture.
b Kitaabni Qulqulluun dhugaa fi ifa wal qabsiisee ibsuun isaa sirrii dha. Faarfatichi, “Ifa kee fi dhugaa kee ergi” jedhee faarfateera. (Faarfannaa 43:3) Yihowaan namoota isa irraa barachuu ykn ifa isaa argachuu barbaadaniif, ifa hafuuraa hammana hin jedhamne ni ibsa.—2 Qorontos 4:6; 1 Yohaannis 1:5.