Waaqayyotti Dhihaadhu
‘Maaloo Ofitti Nu Deebisi!’
Kanaan dura Yihowaa tajaajilaa turtee? Deebitee isa tajaajiluu kan barbaaddu taʼus, garasaatti akka deebitu sii heyyamuusaa ni shakkitaa? Mataduree kanaafi isa itti aanu of eeggannoodhaan akka dubbistu si jajjabeessina. Matadureewwan kun siin yaadatti qabachuudhaan kan qophaaʼanidha.
“YIHOWAAN garasaatti akka na deebisuufi isa gaddisiisuu kootiif dhiifama akka naa godhun isa kadhadhe.” Kana kan dubbatte, dubartii mana dhugaa keessatti guddatteefi jireenya hafuuraarraa fagaatte tokkodha. Dubartiin kun garaa si hin nyaannee? ‘Waaqayyo waaʼee namoota kanaan dura isa tajaajilaa turanii maaltu itti dhagaʼama? Isaan yaadataa? ‘Ofitti isaan deebisuufoo’ fedha qabaa?’ jettee gaafatta taʼa. Gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuuf, yaada Ermiyaas barreesse haa qorannu. Deebiin qorannoo kanarraa argattu akka si gammachiisu homaa hin shakkisiisu.—Ermiyaas 31:18-20 dubbisi.
Ermiyaas yaada kana yommuu barreessu haala akkamii keessa akka ture ilaali. DH.K.D. bara 740tti, jechuunis bara Ermiyaasirraa waggoota kudhaniin lakkaaʼaman dura, Yihowaan, mootummaan gosoota Israaʼel kurnanii Asorotaan akka boojiʼamu heyyamee ture.a Waaqayyo, sabnisaa akeekkachiisa karaa raajotasaa irra deddeebiʼee isaanii kenne fudhachuu diduudhaan cubbuu guddaa waan raawwataniif, rakkinni kun akka isaanirra gaʼu heyyamuudhaan isaan adabeera. (2 Mootota 17:5-18) Sabni kun boojuudhaan Waaqasaaniirraa gargar baʼuufi biyyasaaniirraa fagaachuusaaniitiin kan kaʼe yommuu rakkinni isaanirra gaʼu qalbii geddarataniiruu? Yihowaanoo guutummaatti isaan irraanfateeramoo, ofitti isaan deebisa laata?
‘Gaddineerra’
Sabichi yeroo boojuudhaan turan qalbiisaanii kan geddaratan siʼa taʼu, cubbuusaaniirraa deebiʼuufis kakaʼaniiru. Yihowaanis yaada garaasaanii akka geddaratan ilaaleera. Yihowaan Israaʼeloota boojiʼaman, namoota Efreem jedhee waamuudhaan ilaalchaafi miirasaanii akkamitti akka ibse ilaali.
Yihowaan, “Dhuguma booʼichi namoota Efreem na bira gaʼeera” jedheera. (Lakkoofsa 18) Israaʼeloonni cubbuu raawwachuusaaniitiin kan kaʼe wanta isaanirra gaʼeen yommuu gadoodan dhagaʼeera. Isaan akkuma mucaa didaa rakkinaaf of saaxiluufi jireenya sana dura mana warrasaatti dabarse yaaduudhaan gaddaan mataasaa raasuu taʼaanii turan. (Luqaas 15:11-17) Namoonni kun maal jedhan?
“Ati akka nama dibicha didaa leejjisutti nu adabdeetta.” (Lakkoofsa 18) Israaʼeloonni adabni akka isaan barbaachisu amananiiru. Kana malees, akka dibicha hin leenjifamnee taʼanii turan. Barreeffamni tokko fakkeenyi kun, Israaʼeloonni akka dibicha ‘utuu qambara diduu baatee qacceedhaan hin rukutamnee’ akka taʼan akka argisiisu dubbateera.
“Ati Waaqayyo gooftaa keenya waan taateef, nu deebisi, nuyis in deebina.” (Lakkoofsa 18) Sabichi gad of deebisuudhaan, gara Yihowaatti iyyataniiru. Cubbuu raawwachuusaaniitiin karaarraa goranii kan turan taʼus, deebiʼanii isa biratti fudhatama argachuuf akka isaan gargaaru isa kadhachaa jiru.
‘In gaddine, in yeellaane, in salphannes.’ (Lakkoofsa 19) Israaʼeloonni cubbuu waan raawwataniif baayʼee gaddaniiru; balleessaa akka qabanis amananiiru. Kan yeellaʼan taʼuusaarrayyuu, akka gataman itti dhagaʼameera.—Luqaas 15:18, 19, 21.
Israaʼeloonni namoota qalbii geddaratan turan. Baayʼee gaddanii, cubbuusaanii Waaqayyotti himatanii, karaasaanii isa gadheerraas deebiʼanii turan. Maarree, qalbii geddarachuunsaanii Waaqayyo akka isaanii gaddu godheeraa? Ofittihoo isaan ni deebisaa?
‘Garaan Koo Isaaf In Ooʼa’
Yihowaan, Israaʼelootaa wajjin walitti dhufeenya adda taʼe qaba ture. “Ani Israaʼeliif abbaa dha, Efreem immoo akka ilma koo isa angafaa ti” jedheera. (Ermiyaas 31:9) Abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko, yommuu ilmisaa gochasaatti gaabbee isatti deebiʼuu barbaadu isa simachuu ni didaa? Yihowaan, Abbaasaanii waan taʼeef miira sabasaatiif itti dhagaʼamu akkamitti akka ibse qalbeeffadhu.
“Efreem ilma koo isa jaallatamaa dhaa? Inni mucaa ana gammachiisuu dhaa? Deddeebisee yoon isa irratti dubbadhe iyyuu, ani isa yaadachuu hin dhiisu.” (Lakkoofsa 20) Yaanni kun garaa nama hin tuquu? Akkuma abbaa ejjennoo cimaa qabaatus jaalala qabeessa taʼe tokkoo, Waaqayyos cubbuusaaniitiif irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisuudhaan ijoolleesaa kana “irratti” dubbachuuf dirqamee ture. Isa dhaggeeffachuu yommuu didanitti akka boojiʼaman, jechuunis manaa akka baʼan godheera. Haataʼu malee, kan isaan adabe taʼus isaan hin irraanfanne. Yihowaan matumaa akkas hin godhu. Abbaan jaalala qabeessa taʼe ijoolleesaa hin irraanfatu. Maarree, Yihowaan ijoolleensaa qalbii geddarachuusaanii yommuu argu maaltu itti dhagaʼame?
“Garaan koo isaaf in gadda, isaafis nan ooʼa.” (Lakkoofsa 20) Yihowaan ijoolleesaa baayʼee yaadee ture. Dhugumaan qalbii geddarachuunsaanii garaasaa waan tuqeef, ofitti isaan deebisuuf hawwee ture. Akkuma abbaa ilmisaa badee argameefi fakkeenya Yesus dubbaterratti ibsame sanaa, Yihowaanis ‘garaansaa kan mooggaʼe [“gadde,” hiika bara 1899]’ yommuu taʼu, ijoolleesaa simachuuf hawwee ture.—Luqaas 15:20.
‘Yihowaan Ofitti Na Deebiseera!’
Yaanni Ermiyaas 31:18-20rra jiru gara laafinaafi ooʼa Yihowaa sirritti akka hubannu nu gargaara. Waaqayyo namoota kanaan dura isa tajaajilaa turan hin irraanfatu. Namoonni kun garasaatti deebiʼuu yoo barbaadan maal godha? Waaqayyo ‘namaaf cubbuu isaa dhiisuuf’ qophaaʼaadha. (Faarfannaa 86:5) Namoota dhugumaan qalbii geddaratanii garasaa dhufan hin qaanessu. (Faarfannaa 51:17) Kanaa mannaa gammachuudhaan ofitti isaan simata.—Luqaas 15:22-24.
Dubartiin olitti caqasamte, gara Yihowaatti deebiʼuuf dursa fudhachuudhaan, gara gumii Dhugaa Baatota Yihowaa naannoosheetti argamuu dhaqxe. Jalqabarratti miira gadhee itti dhagaʼamu moʼuun ishee barbaachisee ture. “Akkan gatii hin qabne natti dhagaʼama ture” jechuudhaan wanta yaadattu dubbatteetti. Haataʼu malee, jaarsoliin gumii ishee jajjabeessuudhaan deebitee karaa hafuuraa akka jabaattu ishee gargaaraniiru. “Yihowaan ofitti na deebisuusaatti baayʼeen gammade!” jechuudhaan dinqisiifannaashee ibsiteetti.
Atis kanaan dura Yihowaa tajaajilaa kan turteefi ammas deebitee isa tajaajiluu kan barbaaddu yoo taʼe, gara gumii Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keetti argamuu akka dhaqxu si afeerra. Yihowaan, namoota qalbiisaanii geddaratanii, ‘Maaloo ofitti nu deebisi’ isaan jedhan gara laafinaafi ooʼan akka simatu yaadadhu.
[Miiljalee]
a Jaarraawwan hedduu dura DH.K.D. bara 997tti, mootummaan Israaʼel bakka lamatti hirame. Inni tokko mootummaa kibbaa Yihudaa isa gosoota lama qabatedha. Inni kaanimmoo, mootummaa kaabaa Israaʼel isa gosoota kurnan qabateefi gosa Efreem isa hundasaanii caalaa beekamaa taʼeen waamamudha.