BOQONNAA 3
“Mulʼata Waaqayyo Biraa Dhufe Nan Arge”
YAADA IJOO: Mulʼata Hisqiʼel saragallaa samii arguu isaa ibsu
1-3. (a) Wanta Hisqiʼel argee fi dhagaʼe ibsi. (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Humni Hisqiʼel mulʼata sana akka argu isa taasise maali dha? Yeroo kanatti hoo maaltu isatti dhagaʼame?
HISQIʼEL fagoo dhaabbatee lafa diriiraa cirrachaan guutame xiyyeeffannaadhaan ilaalaa jira. Dinqisiifannaadhaan ija isaa balʼisee baneera. Wanta argaa jiru amanuun isatti ulfaateera. Bakka laftii fi samiin kan wal tuqan fakkaatu irraa bubbee cimaan tokko dhufaa jira. Taʼus kun bubbee baramaa hin turre. Bubbee cimaan kaaba irraa dhufe kun rifeensa isaa fi uffata isaa utuu raasaa jiruu duumessa guddaa tokko arge. Isa keessas ibiddi jira ture; ifti ibiddichaa immoo sibiila gati jabeessa baqe isa yaadachiise.a Yommuu duumessichi gara Hisqiʼelitti dhihaachaa dhufu, sagaleen tokko guddachaa deemee, akka sagalee raayyaa waraanaa guddaa sochii irra jiru tokkoo taʼe.—His. 1:4, 24.
2 Dargaggeessi kun umuriin isaa gara waggaa 30 yommuu taʼu wantoota hin irraanfatamnee fi walitti aansanii raawwataman keessaa isa jalqabaa arge. “Harki Yihowaa” jechuunis hafuurri qulqulluun inni humna Yihowaa isa hin moʼamne argisiisu isa irra akka jiru itti dhagaʼame. Wanti hafuurri kun Hisqiʼel akka arguu fi akka dhagaʼu isa taasise, wantoota dinqisiisoo yeroo ammaatti namoonni fiilmii hojjetan uuman kam irra iyyuu caalaa dinqisiisaa ture. Mulʼanni Hisqiʼel arge ajaaʼibsiifannaa guddaadhaan adda isaatiin akka gombifamu isa godhe.—His. 1:3, 28.
3 Haa taʼu malee, Yihowaan namni kun dinqisiifannaadhaan akka guutamu gochuu caalaa wanta raawwachuu barbaade qaba. Mulʼanni Hisqiʼel inni jalqabaa akkuma mulʼatawwan dinqisiisoo kitaabicha keessatti barreeffaman kaanii isaafis taʼe tajaajiltoota Yihowaa yeroo ammaatti argamaniif hiika guddaa qabateera. Kanaafuu, mee wanta Hisqiʼel argee fi dhagaʼe gad fageenyaan haa qorru.
Yoomessa Isaa
4, 5. Yoomessi mulʼata Hisqiʼel maali dha?
4 Hisqiʼel 1:1-3 dubbisi. Mee jalqaba yoomessa isaa haa ilaallu. Yeroon isaa Dh.K.D. bara 613 ture. Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle, Hisqiʼel namoota akkuma isaa gara Baabilonitti boojiʼamanii laga Kebaar biratti argamanii wajjin jiraata ture; haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti lagni kun geejjibaaf kan ooluu fi boʼoo nam-tolchee laga Efraaxis irraa jalʼatee booda immoo itti makamu dha.
5 Yerusaalem ishiin biyya namoota boojiʼaman kanaa taate gara kiilomeetira 800 fagaattee argamti turte.b Manni qulqullummaa inni abbaan Hisqiʼel luba taʼee itti tajaajilaa ture waaqeffannaa sobaa fi waaqolii tolfamoo waaqeffachuudhaan mancaʼee ture. Teessoon Yerusaalemitti argamuu fi yeroo taʼe tokkotti Daawitii fi Solomoon ulfinaan irra taaʼanii bulchan amma bakka salphinaa taʼeera. Yehoyaakiin Mootichi inni amantii hin qabne namoota boojiʼamanii wajjin asuma Baabilon keessa ture. Bakka isaa buʼee teessoo irra kan taaʼe Zedeeqiyaan, mootii hamaa maqumaaf teessoo irra taaʼe ture.—2 Mot. 24:8-12, 17, 19.
6, 7. Hisqiʼel yeroo rakkisaa taʼe keessa akka jiraate kan itti dhagaʼame maaliif taʼuu dandaʼa?
6 Nama akka Hisqiʼel amantii qabuuf kun yeroo baayʼee rakkisaa taʼe dha. Tarii namoonni akkuma isaa boojiʼaman tokko tokko akkana jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa: ‘Yihowaan bara baraaf nu dhiiseeraa? Mootummaan Baabilon inni hamaanii fi waaqoliin sobaa isaa warri hedduu taʼan waaqeffannaa Yihowaa isa qulqulluu taʼee fi bulchiinsa isaa lafa irraa ni balleessuu?’
7 Kana sammuutti qabattee ibsa Hisqiʼel mulʼata jalqaba arge ilaalchisee kenne dubbisuudhaan dhimma kana irratti maaliif qoʼannaa gochuu hin jalqabdu? (His. 1:4-28) Kana yommuu gootu bakka Hisqiʼel of kaaʼuudhaan wanta inni arge arguu fi wanta inni dhagaʼe dhagaʼuuf yaalii godhi.
Konkolaataa Adda Taʼe
8. Hisqiʼel mulʼataan maal arge? Kun hoo maal argisiisa?
8 Walumaa galatti wanti Hisqiʼel arge maali dha? Konkolaataa guddaa fi dinqisiisaa saragallaa fakkaatu ture. Konkolaataan kun geengoo guguddaa afur kan qabu yeroo taʼu, uumamawwan hafuuraa adda taʼanii fi yeroo booda kiruubelota akka taʼan ibsaman kan qabate dha. (His. 10:1) Isaanii olitti wanti diriiraan ykn hawaan cabbii fakkaatu jira ture; isa gubbaa teessoon Waaqayyoo inni ulfina qabeessa taʼe kan jiru yeroo taʼu, Yihowaan immoo achi irra taaʼeera. Maarree hiikni saragallaa kanaa maali dha? Mulʼanni Hisqiʼel wanta tokko qofa, jechuunis kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii isa ulfina qabeessa taʼe argisiisa. Akkana kan jennu maaliifi? Wantoota akkana akka jennu nu taasisan sadii ilaalaa.
9. Aangoon Yihowaan uumamawwan isaa warra samii irratti qabu ibsa konkolaataa tokkoof kennamee wajjin kan wal simu akkamitti?
9 Aangoo Yihowaan uumamawwan isaa warra samii irratti qabu. Mulʼata kana keessatti teessoon Yihowaa kiruubelotaa olitti akka argamu ibsamuu isaa hubadhaa. Kutaa Dubbii Waaqayyoo kan biraa keessattis, Yihowaan kiruubelotaa ol ykn kiruubelota isaa gidduu akka taaʼetti ibsameera. (2 Mootota 19:15 dubbisi; Bau. 25:22; Far. 80:1) Dhugaa dha, Yihowaan akkuma saragallaadhaan deemuun isa hin barbaachisne, uumamawwan hafuuraa humna guddaa qabaniin, jechuunis kallattiidhaan kiruubelotaan baatamuunis taʼe isaan irra taaʼuun isa hin barbaachisu. Kanaa mannaa, kiruubelonni kun ol aantummaa isaa deggeru; innis fedha isaa raawwachiisuuf uumama cufa keessatti bakka kamitti iyyuu isaan erguu ni dandaʼa. Isaanis akkuma maleekonni Waaqayyoo qulqulluu taʼan hundi godhan, tajaajiltoota isaa ykn bakka buutota isaa taʼuudhaan murtoo Yihowaa raawwachiisu. (Far. 104:4) Akka kanaan Yihowaan inni bulchaa ol aanaa taʼe maleekota isaa hunda waan geggeessuuf akka waan konkolaataa guddaa tokkummaa qabu tokko irra ‘taaʼee’ jiruutti ilaalamuu dandaʼa.
10. Saragallaan samii kiruubelota afur caalaa argisiisa akka jennu wanti nu taasisu maali dha?
10 Konkolaatichi kiruubelota qofa kan bakka buʼu miti. Kiruubelonni Hisqiʼel arge afur turan. Kitaaba Qulqulluu keessatti lakkoofsi kun guutuu taʼuu kan argisiisuu fi wantoota uumama cufa keessatti argaman hunda ibsuuf kan itti hojjetamu dha. Kanaafuu, kiruubelonni kun afur taʼuun isaanii, ilmaan hafuuraa Yihowaa warra amanamoo taʼan hunda kan bakka buʼan taʼuu isaanii argisiisa. Kana malees, geengoowwanii fi kiruubelonni sun illee ijaan kan guutamani dha. Ijaan kan guutaman taʼuun isaanii dammaqoo akka taʼan argisiisa. Dammaqina akkasii kan qaban immoo uumamawwan hafuuraa arfan qofa utuu hin taʼin, uumamawwan hafuuraa hunda dha. Ibsi Hisqiʼel konkolaataa guddaa sana ilaalchisee kenne, kiruubelonni dinqisiisoo taʼan sun illee xinnoo fakkaatanii akka mulʼatan godheera. (His. 1:18, 22; 10:12) Haaluma wal fakkaatuun, kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni samii baayʼee balʼaa fi kiruubelota arfan sana irra baayʼee kan caalu dha.
11. Daaniʼel mulʼata Hisqiʼel argee wajjin wal fakkaatu akkamii arge? Kun hoo maal jennee akka yaannu nu taasisa?
11 Mulʼata wal fakkaataa Daaniʼel samii ilaalchisee arge. Daaniʼel raajichi boojiʼamee waggoota dheeraadhaaf magaalaa Baabilon keessa kan jiraate yeroo taʼu, innis samii ilaalchisee mulʼata argeera. Kan nama ajaaʼibsiisu, mulʼata sana keessattis teessoon Yihowaa geengoowwan qaba ture. Mulʼanni Daaniʼel maatiin hafuuraa Yihowaa inni samii balʼaa taʼuu isaa ibsuu irratti xiyyeeffata. Daaniʼel ilmaan hafuuraa Waaqayyoo, “kumni kumaatamni . . . kumni kudhan siʼa kuma kudhanis” Yihowaa dura dhaabbatanii argeera. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti tokkoon tokkoon isaanii bakka isaaniif ramadametti argamuudhaan Dhaddacha samii irratti moggaafame taaʼaniiru. (Dan. 7:9, 10, 13-18) Maarree mulʼanni Hisqiʼel arges gumii hafuuraa ulfina qabeessa taʼe kana kan argisiisu dha jedhanii yaaduun sirrii hin fakkaatuu?
12. Yaadawwan kanneen akka saragallaa samii isa Hisqiʼel mulʼataan argee jiran qoʼachuun keenya eegumsa kan nuuf argamsiisu akkamitti?
12 Yihowaan nuti ilmaan namootaa sammuun keenya dhugaawwan hafuuraa, jechuunis wanta Phaawulos ergamaan “wantoota hin mulʼanne” jechuudhaan ibse irratti akka xiyyeeffatu gochuun keenya eegumsa akka nuuf argamsiisu beeka. Akkas kan jennu maaliifi? Uumama foon uffanne waan taaneef “wantoota mulʼatan” irratti, jechuunis wantoota foon keenyaaf nu barbaachisanii fi yeroo muraasaaf qofa turaniif xiyyeeffannaa guddaa kennuuf qoramna. (2 Qorontos 4:18 dubbisi.) Seexanni yeroo baayʼee fedhii keenya kanatti fayyadamee namoota ilaalcha foonii qaban akka taanu dhiibbaa nu irratti godha. Yihowaan dhiibbaa kana moʼuu akka dandeenyu nu gargaaruuf, jaalalaan kakaʼee yaadawwan akka raajii Hisqiʼel irratti argamanii nuuf qopheessuudhaan maatii isaa isa samii isa ulfina qabeessa taʼe ilaalchisee yaadachiisa nama dinqisiisu nuu kenneera!
“Yaa Geengoowwan Nana!”
13, 14. (a) Hisqiʼel geengoowwan arge sana kan ibse akkamitti? (b) Saragallaan Yihowaa geengoowwan qabaachuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?
13 Jalqaba irratti Hisqiʼel kiruubelota kana arfan irratti xiyyeeffata; Boqonnaa 4ffaa kitaaba kanaa keessatti uumamawwan kunis taʼan bifti isaanii inni dinqisiisaan waaʼee Yihowaa maal akka nu barsiisu ilaalla. Haa taʼu malee, Hisqiʼel geengoowwan kiruubelota kana cinaatti argaman afur argeera; haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti geengoowwan kun fiixeewwan arfan irratti waan argamaniif roga wal qixxee afurii fi guddaa taʼe uumaniiru. (Hisqiʼel 1:16-18 dubbisi.) Geengoowwan kun kirisoliixos, jechuunis dhagaa gati jabeessa guutummaatti ykn hamma tokko ifa of keessa dabarsuu fi halluu keelloo ykn magariisa gara keellootti dhihaatu qabu irraa kan argaman taʼuu dandaʼu. Wanti bareedaa taʼe kun ni calaqqisa.
14 Mulʼanni Hisqiʼel geengoowwan saragallaa sanaaf xiyyeeffannaa guddaa kenna. Teessoon geengoo qabu baramaa miti. Mootonni lafaa teessoon isaanii bakka tokkotti kan argamu waan taʼeef, bulchiinsi isaanii bakka murtaaʼe irratti qofa kan daangeffame akka taʼe goonee yaanna. Ol aantummaan Yihowaa garuu bulchiinsa ilmaan namootaa kam irraa iyyuu baayʼee adda dha. Akkuma Hisqiʼel yeroo booda hubachuuf jedhu, wanti ol aantummaa Yihowaa daangessu hin jiru. (Nah. 9:6) Dhuguma iyyuu qaamni ol aantummaa qabu kun aangoo isaa bakka kamitti iyyuu itti fayyadamuu ni dandaʼa!
15. Hisqiʼel akkaataa geengoowwan sun itti hojjetamanii fi hamma isaanii ilaalchisee maal hubateera?
15 Guddinni geengoowwan sanaa Hisqiʼeliin baayʼee ajaaʼibsiiseera. “Geengoowwan sun baayʼee dhedheeroo waan taʼaniif nama ajaaʼibsiisu turan” jechuudhaan barreesseera. Hisqiʼel geengoowwan guguddaa baayʼee dhedheeroo taʼanii fi calaqqisan kana ilaaluuf mataa isaa yommuu ol qabu yaadaan ilaaluu dandeenya. Itti dabaluudhaanis, “Qarqarri arfan [geengoowwan sanaas] ijaan kan marfame ture” jechuudhaan yaada xiyyeeffannaa namaa harkisu dubbateera. Haa taʼu malee, wanti hunda caalaa nama dinqisiisu boca addaa geengoowwan sun qabani dha. Hisqiʼel, “Bifti isaanii fi bocni isaanii geengoo wal keessa jiru fakkaata ture” jechuudhaan ibseera. Kana jechuun maal jechuu dha?
16, 17. (a) Saragallaan sun geengoo wal keessa jiru qaba jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? (b) Geengoowwan sun kallattii kan jijjiiran taʼuun isaanii waaʼee konkolaataa Yihowaa maal ibsa?
16 Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, geengoon Hisqiʼel arge tokkoon tokkoon isaanii geengoowwan lama ol dheerina isaaniitiin wal keessa galchuudhaan kan tolfamani dha. Akkuma Hisqiʼel ibsetti geengoowwan kun “yommuu sochoʼan utuu duubatti garagaluun isaan hin barbaachisin kallattii arfaniin iyyuu deemuu dandaʼu turan.” Geengoowwan kun konkolaattota samii Hisqiʼel arge ilaalchisee maal ibsu?
17 Geengoowwan baayʼee guguddaa taʼan kun yeroo tokko qofa yommuu naannaʼanitti illee lafa balʼaa uwwisu. Mulʼatichi konkolaataan sun saffisa bakakkaatiin akka deemu ibsa. (His. 1:14) Kana malees, geengoowwan adda taʼan kun kallattii afuriin deemuu kan dandaʼan taʼuun isaanii injinaroonni ilmaan namootaa matumaa wanta akkanaa hojjechuu akka hin dandeenye argisiisa. Konkolaataan kun saffisa isaa utuu hin hirʼisin ykn utuu hin naannaʼin kallattii isaa jijjiiruu dandaʼa! Sochii akkanaa kan godhu garuu akkanumaan miti. Ijji qarqara geengoowwan kanaatti marsee jiru konkolaataan kun kallattii hundaatiin wanta naannoo isaatti argamu guutummaatti akka beeku argisiisa.
18. Geengoowwan sun guguddaa taʼuu isaanii fi ija hedduu qabaachuu isaanii irraa maal baranna?
18 Maarree Yihowaan yeroo kanatti Hisqiʼeliinis taʼe saba isaa warra amanamoo taʼan kutaa jaarmiyaa isaa isa samii ilaalchisee maal barsiisaa ture? Mee wanta hamma yoonaatti baranne ilaalaa. Wantoonni calaqqisoon geengoowwan kun irraa tolfamanii fi guddinni isaanii kutaan jaarmiyaa isaa inni samii ulfina qabeessaa fi ajaaʼibsiisaa taʼuu isaa argisiisu. Geengoowwan sun ijaan kan guutaman taʼuun isaanii immoo jaarmiyaan kun wanta hunda akka beeku argisiisa. Ijji Yihowaa wanta hunda ni arga. (Fak. 15:3; Er. 23:24) Kana malees, inni maleekota miliyoona hedduutti lakkaaʼamanii fi tajaajiltoota isaa taʼan kan qabu yeroo taʼu, uumama cufa keessatti bakka kamitti iyyuu isaan erguu ni dandaʼa; isaanis xiyyeeffannaadhaan dhimma tokko ilaaluu fi deebiʼanii qaama isaan irratti ol aantummaa qabu kanatti himuu dandaʼu.—Ibroota 1:13, 14 dubbisi.
19. Saragallaan Yihowaa saffisa qabaachuun isaa fi kallattii isaa kan jijjiiru taʼuun isaa waaʼee Yihowaa fi waaʼee kutaa jaarmiyaa isaa isa samii maal nu barsiisa?
19 Kana malees, saragallaan kun saffisa guddaa kan qabuu fi dafee kallattii isaa jijjiiruu kan dandaʼu taʼuu isaa hubanna. Mee garaa garummaa kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii fi mootummoota, dhaabbilee, akkasumas jaarmiyaalee ilmaan namootaa gidduu jiru yaadaa! Dhaabbileen kun jijjiirama barbaachisu gochuu waan hin dandeenyeef, dhuma irratti milkaaʼina utuu hin argatin ni badu. Saragallaan Yihowaan toʼatu kun garuu, amala Waaqa yaada isaatti hin cichinee fi akka haala isaatti jijjiirama godhu sanaa calaqqisiisa. Akkuma maqaan isaa argisiisutti, inni kaayyoo isaa raawwachuuf wanta taʼuun isa barbaachisu hundumaa taʼuu dandaʼa. (Bau. 3:13, 14) Fakkeenyaaf, inni hatattamaan Goota jabaa saba isaatiif lolu taʼuu dandaʼa; haa taʼu malee, yeruma sana immoo jijjiiramee Waaqa gara laafessa cubbamoota yaada geddarataniif dhiifama godhu, akkasumas warra garaan isaanii cabe jajjabeessuu fi fayyisu taʼuu dandaʼa.—Far. 30:5; Isa. 66:13.
20. Saragallaa Yihowaa dinqisiifachuu kan qabnu maaliifi?
20 Mulʼanni Hisqiʼel ‘Dhugumaan saragallaa Yihowaa nan dinqisiifadhaa?’ jennee akka of gaafannu nu kakaasa. Saragallaan kun yeroo ammaatti sochii irra kan jiru taʼuu isaa yaadachuu qabna. Yihowaan, Ilmi isaa fi maleekonni hundi tarii rakkoowwan abdii nu kutachiisan tokko tokko arguu hin dandaʼan jennee matumaa yaaduu hin qabnu. Akkasumas Waaqni keenya wanta nu barbaachisu dafee nuuf hin guutu ykn jaarmiyaan isaa addunyaa jijijjiiramu kana keessatti haalawwan haaraa tokko tokkoo wajjin haala wal simuun jijjiirama hin godhu jennee yaaddaʼuu hin qabnu. Jaarmiyaan Yihowaa dammaqaa fi yeroo hunda sochii irra kan jiru taʼuu isaa yaadachuun keenya gaarii dha. Hisqiʼel samii keessaa sagaleen tokko, “Yaa geengoowwan nana!” jedhee yommuu waamu kan dhagaʼe yeroo taʼu, haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti kun ajaja geengoowwan sun sochiidhaaf akka qophaaʼaniif kenname ture. (His. 10:13) Karaa Yihowaan jaarmiyaa isaa itti geggeessu irratti yaaduun nama hin dinqisiisuu? Hunda caalaa kan nama dinqisiisu garuu Yihowaa dha.
Qaama Saragallaa Sana Toʼatu
21, 22. Wanti kutaawwan saragallaa sanaa wal qabsiisee jiru maal akka taʼe akkamitti ibsuu dandeenya?
21 Hisqiʼel xiyyeeffannaa isaa geengoowwan sanaa olitti, jechuunis gara bakka ‘wanta diriiraa akka cabbii ajaaʼibsiisaa calaqqisu tokko’ itti argetti naannesseera. (His. 1:22) Mataawwan kiruubelota kanaa olitti wanti diriiraan calaqqisuu fi hamma tokko ifa of keessa dabarsu tokko jira ture. Haa taʼu malee, as irratti namni maashiniin akkamitti akka hojjetu beeku tokko konkolaataa kana ilaalchisee gaaffiiwwan hedduu qabaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko, ‘Wanta diriiraa geengoowwan kanaa olitti argamu baatee kan jiru maali dha? Geengoowwan kun wanti wal isaan qabsiisu utuu hin jiraatin akkamitti sochoʼuu dandaʼu?’ jedhanii gaafatu taʼa. Konkolaataan kun wanta fakkeenyaan ibsamee fi wanta addunyaa hafuuraa keessatti argamu tokko kan ibsu waan taʼeef, seerawwan uumamaatiin akka hin daangeffamne yaadadhaa. Kana malees, jechoota barbaachisoo taʼanii fi ‘Hafuurri uumamawwan jiraatoo sana irratti hojjetu geengoowwan sana keessas jira’ jedhan kanas qalbeeffadhaa. (His. 1:20, 21) Hafuurri kiruubelotaa fi geengoowwan kana irratti hojjetu maali dha?
22 Hafuurri kun hafuura qulqulluu isa uumama cufa keessatti hunda caalaa humna guddaa qabu akka taʼe beekamaa dha. Humni hojii irra jiru kun, konkolaattota kana wal qabsiisa, humna isaaniif ni kenna, akkasumas sochii isaanii isa akka gaariitti qindaaʼe ni toʼata. Kana sammuutti qabachuudhaan isa saragallaa toʼatu sana ilaalchisee wanta Hisqiʼel arge haa ilaallu.
Hisqiʼel wanta argee fi ibsuuf rakkisaa taʼe kana, jecha ittiin ibsu argachuuf yaalii gochuun isa barbaachiseera
23. Hisqiʼel Yihowaa ibsuuf jechoota akkamiitti fayyadamuuf yaaleera? Maaliif?
23 Hisqiʼel 1:26-28 dubbisi. Hisqiʼel mulʼata kana ilaalchisee ibsa kenne hunda irratti irra deddeebiʼee jechoota, “fakkaatu” akkasumas “wanta akka” jedhanitti fayyadameera. Caqasoota kana irratti immoo jechoota kana baayʼinaan itti fayyadameera. Wanta argee fi ibsuuf rakkisaa taʼe kana, jecha ittiin ibsu argachuuf yaalii gochaa waan jiru fakkaata. Hisqiʼel, ‘wanta akka dhagaa safiroos taʼee fi teessoo fakkaatu’ tokko argee ture. Teessoo guddaan dhagaa safiroos isa bifa cuquliisaa qabu irraa bocame tokko maal fakkaachuu akka dandaʼu mee yaadaa? Qaamni ‘bifti isaa nama fakkaatu tokkos’ achi irra taaʼee ture.
24, 25. (a) Sabbanni waaqaa teessoo Yihowaatti marsee jiru maal nu yaadachiisa? (b) Yeroo tokko tokko mulʼatawwan akkanaa namoota amantii qabanitti maaltu akka dhagaʼamu godhaniiru?
24 Yihowaan mudhii isaatii gadittii fi mudhii isaatii olitti ulfina labooba ibiddaa fakkaatu waan calaqqisuuf bifa ulfina qabeessa taʼe kana hubachuun kan dandaʼamu dimshaashaan qofa dha. Raajiin kun qaama ulfina qabeessa taʼe kana yommuu ilaalu ija isaa dunuunfachuu fi dhokfachuun akka isa barbaachise tilmaamuu dandeenya. Dhuma irrattis Hisqiʼel mulʼaticha ilaalchisee, “Ifni guddaan tokko isatti marsee jira ture; ifni sunis sabbata waaqaa guyyaa bokkaan roobutti duumessa keessaa mulʼatu fakkaata ture” jedheera. Yommuu sabbata waaqaa ilaaltu gammachuun sitti dhagaʼamee beekaa? Sabbanni kun ulfina Uumaan keenya qabu akka gaariitti kan nu yaadachiisu dha! Sabbanni waaqaa halluu adda addaa qabuu fi samii qulqulluu taʼe irratti mulʼatu kun kakuu nagaa Yihowaan Bishaan Badiisaa booda gales nu yaadachiisa. (Uma. 9:11-16) Yihowaan Inni Hundumaa Dandaʼu humna qabeessa taʼus Waaqa nagaa ti. (Ibr. 13:20) Nagaan isa keessaa kan maddu yeroo taʼu, warra amanamummaadhaan isa waaqeffatan hundaafis nagaa kana ni kenna.
25 Hisqiʼel ibsa ulfina Yihowaa argisiisu arguun isaa isa irratti dhiibbaa akkamii geessiseera? Hisqiʼel, “Anis yommuun kana argetti adda kootiin nan gombifame” jechuudhaan wanta taʼe ibseera. Hisqiʼel dinqisiifannaa fi sodaa Waaqayyoof qabuun moʼamee lafatti gombifameera. Raajonni kan biroonis yommuu mulʼata Yihowaa biraa dhufe arganitti miirri wal fakkaatu isaanitti dhagaʼamee ture; mulʼanni akkanaa baayʼee akka gad of qabanii fi akka sodaatan isaan godhee taʼuu qaba. (Isa. 6:1-5; Dan. 10:8, 9; Mul. 1:12-17) Haa taʼu malee, namoonni kun yeroo booda wanta Yihowaan isaanitti mulʼise irraa jajjabina guddaa argatanii turan. Hisqiʼelis jajjabina akkasii argatee akka ture beekamaa dha. Nuti hoo seenaawwan Kitaaba Qulqulluu kanneen kana fakkaatan yommuu dubbisnu maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?
26. Mulʼanni Hisqiʼel arge isa jajjabeessee taʼuu kan qabu maaliifi?
26 Hisqiʼel haala saba Waaqayyoo warra Baabilon keessa turan ilaalchisee shakkii qabaachuudhaan jeeqamee kan ture yoo taʼe, mulʼata sana irraa jajjabina argatee taʼuu qaba. Sabni Waaqayyoo warri amanamoo taʼan Yerusaalem keessa ykn Baabilon keessa ykn bakka kam iyyuu yoo jiraatan jijjiirama akka hin qabne beekamaa dha. Eessa iyyuu yoo jiraatan saragallaan Yihowaa inni dinqisiisaa taʼe isaan arguu ni dandaʼa! Humni toʼannaa Seexanaa jala jiru kam iyyuu Waaqa jaarmiyaa isaa isa samii isa ulfina qabeessa taʼe toʼatu kana dura dhaabbachuu ni dandaʼaa? (Faarfannaa 118:6 dubbisi.) Hisqiʼelis konkolaataan samii kun ilmaan namootaa irraa fagoo akka hin taane argeera. Geengoowwan konkolaataa kanaa iyyuu lafa tuqaniiru! (His. 1:19) Kanaafuu, Yihowaan saba isaa warra amanamoo taʼanii fi boojiʼamanii achitti argamaniif xiyyeeffannaa guddaa ni kenna. Namoonni kun yeroo hunda kunuunsa Abbaa isaanii isa jaalala qabeessa taʼee argachuu dandaʼu!
Sii fi Saragallaa Sana
27. Mulʼanni Hisqiʼel yeroo ammaatti hiika maalii nuuf qaba?
27 Mulʼanni Hisqiʼel yeroo ammaatti nuuf hiika qabaa? Eeyyee qaba. Seexanni yeroo kam iyyuu caalaa waaqeffannaa qulqulluu Yihowaa irratti haleellaa guddaa banaa akka jiru yaadadhaa. Kophaa akka taane, adda baanee akka jirruu fi Abbaa keenya isa samii irraas taʼe jaarmiyaa isaa irraa fagaannee akka jirru nu amansiisuu barbaada. Sobni kun sammuu ykn garaa keessan irratti dhiibbaa akka godhu matumaa hin heyyaminaa! (Far. 139:7-12) Nutis akkuma Hisqiʼel dinqisiifannaa guddaa qabaachuuf sababa gaʼaa qabna. Tarii akkuma inni godhe, adda keenyaan hin gombifamnu taʼa. Haa taʼu malee, humni, saffisni, dandeettiin kallattii jijjiiruu fi akka haala isaatti jijjiirama gochuu, akkasumas ulfinni guddaan kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni samii qabu nu dinqisiisuu hin qabuu?
28, 29. Jaarraa darbetti saragallaan Yihowaa sochii irra akka ture wanti argisiisu maali dha?
28 Jaarmiyaan Yihowaa kutaa lafa irraas akka qabu yaadadhaa. Dhugaa dha, kutaan inni lafa irraa namoota mudaa qabaniin kan ijaarame dha. Haa taʼu malee, wanta Yihowaan lafa irratti raawwate yaadaa! Yihowaan addunyaa maratti namoonni wanta matumaa ofii isaaniitiin hojjechuu hin dandeenye akka raawwatan isaan gargaareera. (Yoh. 14:12) Kitaaba Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira! jedhamu ilaaluun keenya qofti jaarraa darbetti hojiin lallabaa hammam balʼinaan akka hojjetame nu yaadachiisa. Kana malees jaarmiyaan Yihowaa Kiristiyaanota dhugaa barsiisuudhaan, gama seeraatiin injifannoo argachuu fi fedha Waaqayyoo raawwachuuf teknoolojii ammayyaatti fayyadamuudhaan milkaaʼina inni argate yaaduu dandeenya!
29 Guyyoota dhumaa sirna mancaʼaa kana keessatti waaqeffannaa qulqulluu deebisanii hundeessuu ilaalchisee wantoota raawwataman hunda yommuu ilaallu, saragallaan Yihowaa sochii irra akka jiru caalaatti ifa nuuf taʼa. Jaarmiyaa kanaa wajjin hojjechuu fi Waaqa ol aantummaa qabu kana tajaajiluun mirga dinqisiisaa taʼe dha!—Far. 84:10.
30. Boqonnaa itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?
30 Haa taʼu malee, mulʼanni Hisqiʼel wanta nu barsiisu kan biraas qaba. Boqonnaa itti aanu irratti waaʼee “uumamawwan jiraatoo” dinqisiisoo arfan kanaa, jechuunis waaʼee kiruubelotaa balʼinaan ilaalla. Uumamawwan kun waaʼee Waaqa keenya Yihowaa isa ulfinaa fi ol aantummaa qabuu maal nu barsiisu?
a Hisqiʼel sibiilli calaqqisu makaa meetii fi warqii taʼuu isaa ibseera.
b Kallattiidhaan fageenyi isaa hammana kan dheeratu yeroo taʼu, karaan namoonni boojiʼaman irra deemanii taʼuu dandaʼu garuu kana irra gara dachaa lamaa kan fagaatu ture.